Ferhan Abdulselam
37.2K subscribers
613 photos
72 videos
13 files
2.63K links
Download Telegram
Namni Nasraddiin Abdulmussin jedhamtu kan aanaa dhimma nageenyaa Shanan Dhugoo jettee ilmaan Oromoo ficcisisaa jirtu sirriitti akka hordofamaa jirtu quba qabaadhu. Jala buutanii ijoollee OLA'tti makamte odeeffannoo funaatan hunda quba qabna. Maal gochuuf akka karoora baaftanis quba qabna. Ijoollee miidhuuf itti qophaa'aa jirtanis akka odeeffannoo kana argatan goonee jirra. "Shaneen nama Suulxaanee Abdusalaam jedhamutti bilbilaa jirti" sababa jedhuun akka too'atamuuf ajaja kennuu keessanis quba qabna. Warroonni Oromoo irratti daba hamaa dagalaa jirtan biroos hojii keessan ragaa qabatamaa waliin galmaa'aa jirtu.
t.me/FerhanAbdulselam
Duula Twitter boru akka biyyaatti galgala saa’aa 11’tti eegala. Gaafiilee Qeerroon Irreecha irratti gaafataa ture xiyyeeffannoo miidiyaalee addunyaa kan argatee gabaafamaa jiru yoo tahu, mootummootni dhihaatis caalaatti akka hubatanii Oromoo deeggaran gadi jabeessinee duula Twitter kana geggeessuun gaafachuuf kan yaadamedha. Duulli kun yeroo kanatti barbaachisaa ta’uu hubattanii saa’aa jedhame irratti akka hirmaattan Oromoon waamicha waliif haa goonu. Karaa hundaan sochii irratti hirmaachuu dandeenyu godhuun bilisummaa keenyaaf qooda nurraa eeggamu haa gumaachinu!
Duula Twitter har’a saa’aa 11 akka biyyaatti geggeeffamuuf saa’aa 1 qofatu hafe. Qophaa’aa!
Duui Twitter eegalee jira. Hunda isaa tweet gochuu hin dagatinaa.
https://oromohub.me/tweets.html
Duula Twitter kanatti jabaadhaa. PP beeksisa eda nuti maxxansine argitee kan ofii qopheeffattee tweet godhaa jiru. Kanaaf irra aanuu qabna waan taheef tweet jiru hunda tweet godhaa duula kanatti jabaadhaa!
https://oromohub.me/tweets.html
Akkana kunoo! PP irra aannee 1ffaa irra jirra
Yeroo nuti eegallu kan PP 1ffaa irra ture. Bu’aan waloon hojjachuu akkanatti ifatti mul’ata. Ammas itti fufaa tweet godhaa warri tweet hin godhin. https://oromohub.me/tweets.html
Yeroo ammaa Facebook, Instagram, WhatsApp fi Messenger dalagaa hin jiru. Dhaabbatni Facebook sirreessaa jirra jedheera. t.me/FerhanAbdulselam
Har’a Telegram qabaachuun nu fayyadeera. Miidiyaaleen haawaasaa dhaabbata Facebook jala jiran hundi Facebook, Instagram, WhatsApp fi Messenger yeroo dalaguu dide kanatti dalaguu diduu isaatuu waliif himuuf Telegram nu gargaaree jira. Join gochuun bu’aa qaba jechumaafi. t.me/FerhanAbdulselam
Sababa sarvarri dhaabbata Facebook har’a rakkoo godhatee dhaabbateef jecha amma tana gatiin gurgurtaa sheerii facebook %5.5 gadi bu’uun maallaqa guddaa dhabbaticha kasaarsee jira. Waggaa keessatti kasaaraa guddaa dhaabbaticha mudate jedhamaa jira. Yoo dafanii sirreessuu baatan daran gatiin sheerii gadi bu’uun kisaaraa caalu geessuu danda’a. t.me/FerhanAbdulselam
Daaw’adhaa!
OMN Horn: Odeessaalee Har'aa (Onc 4, 2021)
http://y2u.be/GNHQXzVyRj8
Kisaaraan hanga ammaatti saa'aa 3f cufamuu Facebook, WhatsApp fi Instagram qofti dhaabbata Facebook irratti geessisu doolaaraa Ameerikaa Milyoona $500'tti tilmaama. Messenger fi Oculus VR yeroo irratti dabalamu kisaaraan isaa ni dabala jedhameet tilmaama. Odeeffannoon xiqqoo hin qabduuf isiniif maxxanse. t.me/FerhanAbdulselam
Duula Twitter kana itti fufaa.
https://oromohub.me/tweets.html
Duulli Twitter kaleessa geggeessine haala gaariin deemaa ture. Akkuma screenshot kaleessa kaase irraa argitan kanatti 1ffaa irra turre. Duula Twitter PP irra aannee gadi buufne. Garuu booda sababa rakkoo facebook mudateen namni hedduun active hin turre akkasumas WhatsApp fi facebook ajandaa addunyaa tahee akka Itoophiyaattis waa hunda ukkaamse 1ffaa irra turan. Gabaabumatti duula geggeessitaniif bu’aa keessanitti gammadaa jechuun barbaada. Horaa bulaa! t.me/FerhanAbdulselam
“Eertiraa keessatti jiruu rakasha taate jedhama. Ayyaana masaqalaa darbe Hoolaan guddaan qarshii 650. Xaafii fi shunkurtaan rakkoo miti. Horiin gariin ka Tigraayii saamame. Qabeenyi kuun asii fe’amaa jira. Waraanaa fi humni tikaa shaabiyaa hojii ijoo godhatee jira. Meeshaan Itoophiyaa Asmaratti re-brand ta’ee ‘Made in Asmara’ alatti gurguramaa jira.” t.me/FerhanAbdulselam
Tarsiimoon Abiy Itoophiyaa ittiin bulchuuf baafate erga itti barames, erga biyya diiges, erga miidhas hedduu qaqqabsiises tarsiimoo diraamaan bulchuu itti fufeera. PP Tigree, Tigraay keessaa ari’amte amma Ministeera Ittisaa godhanii muuduun diraamaa akka tahe daa’imni waggaa 5 ni hubatti. Lammaa Magarsaayyuu yeroo manatti hidhaa ture alatti maqaaf Ministeera Ittisaa ture. Abiy nama itti gaafatamaa diraamaa artistoota Habashaa tahuu irra turetu akka tasaa MM tahe biyya galaafate. t.me/FerhanAbdulselam
Namoota tokko tokko kan yaadni isaanii ganama deeggaraa Abiy, galgala mormituu Abiyyi tahan arga. Waa 2’tu akkas godha jedheen tilmaama.

1- Tarsiimoo suuta Abiy karaatti kajeelchuu jedhu tahuu mala.
2- Akkuma muudii keessa jiranitti waa dhoobuu taha. Muudii namaa ammoo waa heddutu jijjiira. Nyaatnis, dhugaatiinis, miirri adda addaas yaada namaa jijjiiruu mala; yoo abbaan akka itti too’atu hin beekne ta’e.

Yoo isa 1ffaa irratti ibse kan hordofan tahe baay’ee na dhibu. Amma Abiyyi irraa dhugumatti Abdii qabanii? Akka kootti abjuu hamaa keessa jiru jedheen yaada. Garuu mirga isaaniiti.
Yoo isa 2ffaa tahe, facebook irratti muudii kamuu keessatti waa dhoobuun nama saaxila, namas tuffachiisa waan taheef of too’achuun gaarii gorsa jedhun kennaaf.
t.me/FerhanAbdulselam
Prof Birhaanuu Naggaa jechuun nama ''Itoophiyaa ummata Oromoo irraa dandamachiisa'' jedhee barreesse. Oromoon akka diina Itoophiyaati ilaaluu bira darbee jibba ummata Oromootiif qabutu kakaasee qabsootti galchuu isaa ifatti dubbataa ture. Oromoo’tti qabsaa’ee Itoophiyaa baraara jedhee qabsootti seene. Abiyyi nama akkanaa Ministeera Barnootaa godhe. Kaadreen hadooddeera; kanas harka rukutte. Magan! t.me/FerhanAbdulselam
Namni qonna barate yeroo dhimma beekkumsa Saayinsii kompiyuutaraa gaafatu hogganu, namni Saayinsii kompiyuutaraa barate yeroo qonna hogganu, namni Ikonomiksii barate yeroo imaammata barnootaa hogganu, namni imaammata barnootaa barate yeroo ikonomiksii hogganu jijjiirama fiduu mitii bu’uruma lafa kaayamee balleessaa deema. beekkumsa itti hin qabu waan taheef. Hojjataa barachuun barataaf malee dhaabbata mootummaa nama hogganuuf kisaaraa guddaadha. t.me/FerhanAbdulselam
Kuni dokumantii PP keessaa miliqee nu gahe. Waraana kaabaatti kan har’a qoraan tahaa jiru kun ilmaan Oromoo PP’n damee Oromiyaa sassaabdee ergitedha. Poolisii fi Milishaan Amaaraa baay’inaan waan dhumanii turaniif amma lola irraa of qusatanii Oromoo qoraan godhaa jiru. Waraana Tigraay kan naannoo isaanii too’ateyyuu ofirraa deebisuu hin dandeenye. Erga Qeerroon Maqaleetti galchee deebi’anii Oromiyaa hin weerarre; hanga ammaattis fedhii akkasii irraa hin mil’atu. Ilmaan Oromoo kaaba dhaqee dhimma isa hin ilaallannetti dhumaa jiru kun itti yaaduu qaba. Abiyyi baay’ina nama dhumuu irraa dantaa hin qabu. Hammi fedhe dhumee akka 4kilo’tti dhufanii isa hin jeeqne qofa dantaan isaa. Kana hubachuun barbaachisaadha. t.me/FerhanAbdulselam
Erga Abiyyi dhufe:
- Seer-dhablummaan hundee qabate
- Lubbuun namaa gatii dhabee bakka fedhetti ajjeefamee gatama
- Du’arraa kan hafe hidhamuun inumaayyuu bara Abiyyi akka carraatti ilaalamuu eegalame abdii kutannaa irraa kan ka’e
- Jireenyi qaala’e
- Birriin baala taate
- Diinagdeen kufte
- Diplomaasiin kufte
- Waraanaan kufte
- Malaammaltummaan ifatti hojii mootummaa tahe
- Itti fufa …. kisaaraa bara Abiyyi tarreessee hin fixu

Mee namni erga Abiyyi dhufee waan gaarii 1 biyyi Itoophiyaa argatte jettan barreessaa yaada keessan?
t.me/FerhanAbdulselam
Qabsoo_Butame_የተጠለፈ_ትግል_Hijacked_RevolutionAfaan_Oromo_.pdf
2.3 MB
Dr. Milkeessaa Miidhagaa Kitaaba ‘Qabsoo Butame’ jedhu akkuma qabsoon butamteen waggaa lama dura barreeffame, namuma mootummaa keessa ture kan itti dhiheenyaan icciticha beekuun barreeffamuu fi wanti barreeffame hundi dhugaa tahuu gaafiif deebii OMN waliin godhe irratti dubbate. Ammas namoota dubbiin waggaa 2 dura barreeffame hin galiniif yoo dubbisan waa hubatu jedheen abdii qaba. Afaa Oromootti kan hiikame kunooti!