ancient history of oromoo
2.17K subscribers
566 photos
7 videos
109 files
410 links
Download Telegram
ancient history of oromoo
Photo
#Kumsaa_Mooradaa (1870-1824).
(Muceenis Goota, Kumsaanis Goota.
Fuggissoo Dubbii Keenyaa mee akkam nu gota?!!!).

Kumsaan Minilikiif erga gabbareen booda amantaa jijiiratee, amantaa Kirstaanaa fudhachuun, amanamummaa Atseef qabu kanaan itti mul'ise. Erga Kiristaanoomeen booda maqaan isaaf kenname #Gabra_Igizaabiheer yoo tahu, Kumsaa Mooradaa, Mootii Leeqaa Naqamti kan ture ilma Mootii Mooradaa Bakaree ti. Akkumma #Sulxaan_Abbaa_Jifaar, #Mahammad_Alii(Ras Haayila Mikaa'eel), #Ras_Taklahaymaanooti(Goojjaam) fi #Goobanaa_Daaccee faati, Kumsaa Mooradaatis warra karaa nagayyaatiin Atse Minilikiiti harka kennuun, Minilik wajiin Itoophiyaa ijaaruun, capha Oromoo mootoota mirkaneessani dha. Bara jarri kun achii Minilik simatanii lafaa fi lafee Oromoo Harka nafxanyaa galchan, baha Oromiyaati immoo #Mucee_Ahmad_Mucee, #Yaayya_Alii_Siree, #Bakar_Waaree, #Ibroo_Shaxaa, #Leenjisoo_Diigaa fi kkf, "Osoo Lubuun jirruu lafaa fi lafee Oromoo abadan alagaaf dabarsinee hin laanu, Duunee baduu nuuf wayya" jechuun warra lubbuu ofii warreegama kaffale turan. Haa tahuu, Yeroo Ammaa Kumsaa Mooradaatis, Mucee Ahmad Mucee tis, #goota_Oromoo ja'amani waluma qixa ittiin yaamamu. Ulaagaan nama tokkoo Goota Oromoo jechisiiftee ittiin waamsistu hamma tarraa'ee kaayyame sabni irratti waliif gale hin jiretti, akkasitti hunduu yaamamuun humaa rakkoo hin qabu.

Kumsaa Mooradaa gaafa lola gaarreen Adwaa waraana qabatee lolicharratti hirmaatee jira. Gumaacha Adwaarratti taasiseenis angoo Dejaazmaach ja'amtu argate ture. Mukeen fufurdaa masaraan Minilik Finfineeti ittiin ijaaramu baadhachiissee, Oromoota Wallaggaa baayyee hanga finfineeti akka fichisiise himama. Amna Karaa dheeraa kana jidduuti ilmaan oromoo muka san osoo gara finfinee fidanii dhuman seenaan haa tilmaamu. Kun akkumma jiruuti tahee, Kumsaa Mooradaa Magaalaa Naqamtee keessattis Masaraa ijaaratee qaba. Guddina Magaalaa Naqamtee tiif hedduu akka gumaaches seenaan isaa ni dubbatti.

Akka ilaalcha dhunfaa kiyyatti, Kumsaa Mooradaatis haa tahu, Mahammad Aliitis (Abbaa Lij Iyyaasu) tahe, Goobanaa Daaccee, Capha Sirna Gadaa Oromoo mirkaneessanii, Itoophiyaa ijaaruun isaanii haa tahu waan rakkoo qabu miti haa jannu, Garuu erga Minilikii wajiin Sirna Gadaa cabsanii Itoophiyaa ijaaranii, guutuumaan guutuuti Itoophiyaa Nafxanyootaaf dabarsanii laachuun irra hin ture yaada ja'un qaba. Kumsaa Mooradaa bara 1924 du'aan adunyarraa darbe. Biyyeen itti haa salphatu janna moo Oromoon dhiifama haa gootuf jenna. Isintu beeka.

Horaa Bulaa.
Deebanaa
Forwarded from Personal Development
#Finfinnee

Finfinneetti manneen kondomiiniyeemii 21,695 karaa seeraan alaa qabaman argaman.


Aadde Adaanech ibsa Wixata kennaniin walumaagalatti Finfinnee keessatti lafti kaaree miliyoona 13 kuma 389,955 ykn hektaara kuma 1 fi 338 seeraan ala qabamuu isaa iftoomsaniiru.

Aadde Adaanech ibsa isaanii kanarratti akka jedhanitti, manneen jireeynaa kondominiyeemii seeraan ala qabataman kuma 21,695 keessaa 15,891 kan ta'an ragaan abbaa qabeenyummaa irratti hin dhiyaanne.

Manneen 850 ammoo cufaa ta'anii kan jiran yoo ta'u, kuma 4 fi 530 ammoo qullaa ta'anii argamaniiru jedhan Itti-aantuu kantiibaa.

Ibsa guutuu hidha(linkii) cuufadha ⬇️⬇️
https://gadaamagazine.com/Recent-News/details/207/Finfinneetti-manneen-kondomiiniyeemii-karaa-seeraan-
GOOBANAA DAACCII
Kutta 1ffa
Goobanaa Daaccii Abbaa Duulaa /waraana/ olaana bara mootii Minilik nama turaniidha. Raas Goobanni bara 1817 akka dhalatan barreessaan ‘Soleillet’ jedhamu kan gabaase yoo ta’u, barreessan bira ‘Baira Tafala’ jedhamu immoo bara 1821 keessa akka dhalatan himeera. (‘Soleillet, Op. cit. P.114, For a biographical article on Ras Gobana’) Goobanni yeroo isaan itti dhalatan bara mootii Saahilasillaasee keessa ta’us walitti dhufeenyi isaan mootota Shawaa waliin qaban wanti beekame hinjiru. Hiddi dhalootasaanis Oromoo yoo ta’u gosa Tuulamaa, Abbichuu Galaan keessaa mana Waayyuuti.
Hidda Dhaloota Raas Goobana
Tuulama, Galaan, Abbichu, Waayyu, Amaan, Wadee, Daaccii, Goobana
jechun kan ibsamuudha.
Abbaan Goobanaa Abbaa Biyyaafi nama beekama naannawa Waayyuu (Tuulamaa kaabaa) yoo ta’an, akka barreessitoota tokko tokkootti Abbaa Gadaa gosaatii jedhu (Bair Tafala, Journal of Ethiopian Study, 1968).
Akka qorannoofi afoolaa maanguddoota Abbichuurraa walitti qabameen Goobanni daa’imummaatti yaabbii fardaafi gombisa taphachuun kan beekame yoo ta’u, yeroo mootii Teewdroos gara
Angoo dhufanii Oromoo heddu fixan gochasaanii ilaalatti arganii ajjeecha raawwatametti gaddanii ture jedhama. Kunis booda mooticha kana nama mormu otoo eeggatuu, obboleessasaa hangafticha muudamaan Teewdroos Bazuu Abbaa Dikkir jalaa Ajjeese.
Du’a oboleessasaa kanatti aaruun gobanni fincila kaasee gara holqa “Himaan guultii” seene. Achii bahuun Obolleessa Bazuu ajjeesee haaloo ba’an reeffasaa fardatti fe’e ergeef. Bazuunis duula guddaa itti labsee gara Waayyutti duulus Goobana argachuu hindandeenye. Booda garuu akka seeraa Gadaa Oromootti gumaadhan araaraman.
Yaa ta’uutii otoo walirra fageenyaan jiraatanuu Bazuun Atsee Teedroos mormuun socho’u eegale. Goobanaan waliin yaada tokko qabatanis walitti otoo hindhiyaatiin jidduudhaan Minilik bara 1865 lolee Walloo kan Mootii Warqituun deeggaramuun gara Shawaatti deebi’an. Bazuunis mormii kaasee erga mo’amee booda baqatee jaarsummaa gara Minilikitti yoo ergatu tokko Goobana ture jedhama.
Booda garuu Bazuu Abbaa Diikir waan sodaatama tureef malaan qabanii hidhuun yoo ajjeesan Goobanni akka aareefi nama araaran harka kennate tokko ajjeesuun yakka ta’uu garee Minilkitti himuun irra fagaatee ture. Yaa ta’uutii jaarsummaan gara Minilik waan dhufeef nama gumaan araarame tokko walii galtee booda ajjeesuun yakka yakka caalu ta’uu ibsee gara fuulduraa akka wanti akkanaa hinraawwatamne adaraa jechuun Minilikitti himee araaraman.
Mootichi Shawaa Minilikis gara Abbichuutiin Goobana erga qabatee booda Ada’aatti bu’uun firootasaa ta’an warra Bunee Boorriitti makamee wiirtuulee Ajajaa Caffee Doonsaa Angololaafi Lichee jabeeffachuu qaban. Meesha waraana Bazuu harka tures saamuun erga hidhatee booda Goobana qabatee Oromoo Abbichuu, Jirruu, Waayyuu, Dannabaa, Xaraa, Jiddaa, Baasoofi Waraanaa /Boolla Warqee/ qabachuun Abbootii Biyyaa akka Nagawoo Gaarii, Caacaa Dobbeefi Akka Buttaa malaan Goobana itti erguun of harkatti galchan Tuulamaa mara to’achuu eegalan (Manguddoota Hayilee Alii Nagawoo, Nugusee Mul’ataa, Waagaa Nagawoo. 1989).
Mootii Miniliik hojii Araaraafi nageenyaa Oromoo Abbichuu Goobanaan godhameef otoo dinqisiifatuu, irra caalaa garuun Goobanatti akka Amanuufi gootummasaa dinqisiifatu godhe. Duula gara Walloo bara 1870 keessa godhamerratti Goobanni lola kanarratti akka nama waraanarra jiru otoo hinta’iin dargaggoo gombisa taphatuuti diina jidduu seenaan qawwaan qofa otoo hinta’iin eeboofi waraana fardaan hojii ajaa’iba jedhamu argisiisa ture. Duula kanarratti injifannoo olaanaa waan galmeessiseef battalumatti muudamni ‘Aggaafaarii’ jedhamu kennameef. Kana booda bulchaa Shawaa Kaabaa yeroo sanaa ta’uun muudaman. (Bairu Tafala, The tree Portrait sof Ras Gooban Journal of Ethiopias 1967).
Yeroo ykn bara 1870 booda Goobanni Abbaa waraanaafi goota eenyuyyuu isa hinsimanne ykn bira hingeenye ta’e. Bara 1882 keessa Goobanni lafa Dabra Birhaanii kaasee Macca dabalachuun gara lixaatti hanga Sudaan ga’utti iddoowwan tokko tokkotti mormii isa mudatee malee nagayaan akka mootii Minilikiif galan godhe. Kafaatti
🇯‌🇮‌🇭‌🇦‌🇩‌ 🇮‌🇧‌🇳‌ 🇺‌🇲‌🇲‌🇮‌:
Artisti Usumaayyoon Musaa weellisaa fi qabsaawaa mirga Oromooti. Usmaayyon jiruu fi jireenyasaa keessatti dalagaa aartii inni uummataf kaa‘ee darben yaddatama.

Seenaa Duuba

Artisti Usmaayyoo Muusaa baatii Amajjii 1967 abbaasaa Muusaa fi haadhasaa Faaxumaa Abdullaahiirraa baha Oromiyaa magaalaa Haroomaayaatti dhalate. Artisti Usmaayyoon gara laafinaa fi mararoo guddaa uumama Waaqni uume hundaaf qabaachuun beekkama.

Artiisti Usmaayyoo Muusaa mararoo fi jaalala saba isaaf qabu irraa kan ka‘e jiruu fi jireenyasaa qabsoo bilisummaa Oromoof dabarsee wareeguudhaan Hawwisoo Caffee Gadaa fi Baandii Gadaa Oromoo keessatti saboonummaa fi wallisummaan baroota dheeraaf tajaajilaa ture. Oromoon qaamaan isaani beekuu fi kanneen wallee isaa kaasetta irraa caqasan yeroo hunda imimmaantu isaan dursa, sababni isaas maaliif akka ta‘e kan beekaan Oromoota falma bilisummaa irra jiranii fi kanneen jiruu fi jireenyaan waanjoo gabrummaa mootummaa Habashaa jalatti kufanii jireenya hadhaawaa dirqiin dhamdhamsiiffachaa jiran qofatu b

eeka. Kanatti dabalee amalli artistiin kabajamaan kun weeyitii lafa irra turetti qabu, kokkofluun ,xabachuu fi kabajaan nama simachuunsaa yoom illee ija hiriyyootansaa fi Oromoota qaamaan isaan beekan jalaa hin badu.!!

Artisti Usumaayyoon Bara 1987 Abdii Mahammed wajjiin hojii muuziqaa qindeeffate shaakala xumuree albama tokkofaasaa mana muuziqaa JOLIY kan jedhamutti gurgure. Garuu albamiin isaa osoo gabaarra hin ooliniif, sirni gitabittaa Dargii barbadaa'eee kufe. Albamiinsaas achumaan cilee bishaan buute tahee duraa hafe.

Bara 1991 eega Dargiin kufee booda waamicha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Artistoota Oromoo hundaaf godhe kabajuudhaan Artist Usmaayyoon artistoota baayyee wajjin kaayyoo bilisummaa irratti hundaawee akeeka siyaasaa kaallacha qabsoo ummata Oromoo kan ta'e kan ABO fudhatee Hawwisoo Caffee Gadaa wajjin magaalaa Dadar keessatti gurmaa'ee qabsoo itti fufe. Yaadannoodhaaf seenaa hujii isaa kan gaafasi keessaa:

Bilisummaaf imimmaan ijatoo walmaraa

Obese sirraa hafuu nindadhabe garaa

Sidhabee hinjiraadhu biyyatoo Oromiyaa … Kan jedhamutu keessatti argama.

Sirbi Usmaayyoon sagalee isaa laayyoo alalaasaa ture, ummata Oromoo baayyee garaa roraasee qabsoof Kakaase. Bara 1992 erga mootummaan Ce’umsaa diigamteen boodas. Artis usmmaayyoon sirboota siyaasaa ummata Oromoo jajjabeessanii fi hamilee cimsan wallisaa ture.

Albama lammaffaa isaa nuyaamti kan jadhu bara 1995 magaalaa irra akuma oolchetti, bara 1996 keessa shira Wayyaaneetiin sarbamee, qabamee hidhame. Waggaa saddet guutuus mana hidhaa Zuwaay keessatti jireenya hadhawaa dabarse.

Bara 2004 keessa akka mana hidhaa Zuwaayii gad lakkifamettis ji’uma sana keessa albamii sadaffaa “Hidhaa fi ajjeechaan hamilee nucabsu” mata duree jedhuun baase. Gochaan isaa kunis Artist Usumaayyoon yoomiyyuu qabsoo kanarraa boodatteetti akka hin deebine mirkaneesseef.

Artisti Usmaayyoo Muusaa abbaa ijoolee shanii ture. Haati warraa isaa gannoota saddetan Artist Usmaayyoon mana hidhaa mootummaa Itoophiyaa keessatti rakkachaa ture gidduutti ijoollee guddisuu fi abbaa ijoollee ishee ammoo mana hidhaa keessaa baasisuuf olii fi gad osoo fiigduu dadhabbii, miidhamaa fi roorroo ishee mudateen ijoollee ishee dirreetti facaaftee, abbaa warraa ishee mana hidhaatti dhiiftee addunyyaa kana irraa godaante.

Artisti Usumaayyoon roorroo fi dararama qaamaa fi qalbii irra ga’aa tureen Mana Hidhaa Zuway keessatti baatii Sadaasaa bara 2006 addunyaa kanarraa du‘aan godaane. Sirni awwalcha isaas magaalaa Ciroo bakka uummanni Oromoo hedduminaan irratti argamanii gadda isaanii haala xiiqii fi haluu baafannaa guddaa of keessaa qabuun raawatameera.
Forwarded from Personal Development
#Dhaddacha

"Hamilee yaada itti kenninu hinqabnu." Jawaar Mohaammad

Mana murtii olaanaa federaalaa damee Lidataatti dhadhachi farra shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaan himatamtoonni 24 galmee Obbo Jawaar Mohaammad jalatti himataman, yakka raawwachuu fi dhiisuu irratti jecha isaanii fudhachuuf ture har'atti beellama kan qabate.

Haata'u malee sababa namoonni dhaddacha irratti hirmaachuu dhaqan uffannaa halluu keelloo uffataniif poolisiin mooraa mana murtichaa akka hin seenne dhorkeera.

Wayita dhaddachi eegalu himatamtoonni fi abukaatonni himatamtootaa yaadaa fi muffii dhimma kanarratti qaban mana murtichaaf ibsaniiru.

"Nuti falmattoota mirgaa waan taaneef mirga keenya taakkuu takka dabarsinee hin kenninu, dhaddachi kuni dhaddacha banaadha.

Maatiin keenya waraqaan eenyummaa ilaalamee, uffata keelloo sababa uffataniif ittifamaa hidhamaa jiru. Gochi kuni aggaammii haqa jallisuuti," jedhan obbo Jawaar Mohaammad.

Gabaasa guutuu hidha gadii cuqafaadha ⬇️⬇️

https://gadaamagazine.com/Recent-News/details/212/Hamilee-yaada-itti-kenninu-hinqabnu--Jawaar-Mohaammad-
Forwarded from Personal Development
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa...

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa keennuuf qophiin xumuramuu Ejeensii qormaata biyyaalessaa beeksise.

Guutummasaa dubbisaa 👇👇

https://gadaamagazine.com/Recent-News/details/213/Qormaata-biyyaalessaa-kutaa-ffaa-keennuuf-qophiin-
Bara1896 G.C, Lola Adawa booda laftii qonnaan bultootaa tan naannoo carcar keeysa
Jirtuu irra guddoon malkanyaafi Abbaa burqaa, warra Lola Adawa gubbatti hirmaateef Adda goodamtte.haa tahu bara 1900 G.C booda warri
Garee tafarii mokonnin jalatti hiriiree humna godhachuun lafa hedduu dhunfachuun heegaree Algaa warash (tafarii mokonnin) bareechan.laftti bunaa guddoon tan booramaafi naannoo
Magaalaa baddeessa jirtuu iristii Algaa warash tan tafarii mokonnin taatte.laftii bishaan harawaacatiin qabii, shanan dhuuggootirraa kaasee hamma doobbaa jirtuu iristii tafarii mokonnin taatus,fitawraarin takala hawariyat takal mariyam lafa Amma magaalaan hirnaa irra jirtuu iristii isaa godhachuun harka lafa jalaatiin tafarii mokonniniif haala mijeessaa ture.gara biraatiin laftii naannoo ciroo iddoo malkanyaan hedduun irra jirtuu taatus, garuu laftii Amma magaalaan ciroo irra jirtuu tun iristii malkanyaa Nama Lola Adawa gubbatti gurri isaa duudee iristii walda tsadiqi turtte.
Haa tahu garuu bara 1924tii ergamaan Algaa warash fitawraari takala hawariyat yeroo awraaja carcar hundeessu malkanyaa fi Abbaa burqootaa warra naannoo magaalaa ciroo maadheefatee jiru kaasuun
Lafa Amma magaalaan ciroo irra jirtuu (jachuun lafa iristii malkanyaa walda tsadiqi) tana ykn laga ciroo qallaa gara mirgaatii dhisuun, lafa tana bakka afurtti addaan qooduun malkanyoota irra qubsiise.(madda:kitaaba fitawraari takala hawariyat: ya hiyoot taarik fuula 356- 366)
Yeroo san irraa guddaa warri lafa San gubbaa qubate deegartoota tafarii mokonnini.yoo yaadane tahee Lola naannoo mi'eessootti deegartoota tafarii mokonniniif loltoota lij iyaasu jiddutti godheme gubbatti irraa caalaa warri hirmaatee malkanyoota kanaa.
Akka ityoopiyaatti laftti yeroo duraa bifa awraajaatiin hundeeffamtte Awraajaa carcari.
Fitawraari takala hawariyat bara 1924 yeroo hundeessu ona kurnan ituu irraa akka jiruutti fudhachuun warra gosa afaar kan lafa oromoo naannoo Awshiifi afdam,mulluu keeyssa qubatee jiruu carcar jalatti moggaasuun, afdamtii warra afaar muuduun awraaja carcar hundeesse.kan Nama ajaa'ibuu akka kitaaba isaa kana gubbatti fitawraari takala hawariyat ifa godhetti naannoon Amma maqaa dhahe kana keeysa gostii somalee warri issa lafa San keeysa hin ture.warri biyyoo karaabaa magaalaa (bitaa gurgurii) wallin qabu afaariifi oromoodha.kanaaf ragaan kitaaba fitawraari takala hawariyatii)
Awraajaan carcar waradaa kudhan qabaachaa ture, isaaniis:- xuulloo, doobbaa, qunnee, ciroo,bishaan harawaacaa,bookee, habroo, gubaa qorichaa, balbaleetii, Adal/Afaar.
#Jajjaboota_Ituu_Warra_Waayyee.

Dhugaa Dubachuuf Ummani Oromoo Carcar kun Warra qabsoo walqixxummaa mirga dhala namaa keessatti namoota jajjabaa qooda ol’aanaa sabaaf gumaachan warra oomishe, gadaameessa ilmaan Sabaaf tahu dhadhalchu hedduumaatu, warra Goota,Hayyuu, Gamna, Arjaa, Qabsaa’oota sabaaf waataruu kennuu hin qorqooneetu jira. Arras Akkumma amma dura goonu, Jajjaboota Oromooni Ituu Saba Oromootiif jabaa ja’an ilaalu itti fufna.kurnan Ituu Keessaa tokko #Waayyee dha. Waayyeen Warra caffee, Ardaalee Jilaa fi Sirnaa Gadaa Ituu eegumsaan dabaalani, Adda ofii Diinaaf kennaa Ona Ituu, Foodduu fi lafa Carcar eegaa asiin gahuu keessatti qooda cimaa qabaachaa warra ture, jajjabee ilmaan Ituu Murawwaati. Waayyeen 4ri. Afran Waayyee;-
- Ooga
- Waajju
- Leellu
- Abbunnu;- jechun ibidda lakkaawatu.
#Jajjabee_Ituu_Waayyee_Keessaa_Muraasa

1. #Dr_Bayaan_Asoobaa

✍️Dr Bayaan Asoobaa Qabsaa’aa mirga dhala namaa, Hayyuu Cimaa fi Goota Gadaameesi Oromoota Ituu Waayyee ummata Oromootiif arjoomtee dha. Sababa sochiin Qabsoo bilisummaa saba Oromoo yeroo jalqabaatiif Ona Carcar keessatti dhooteef jecha, Mootummaan Haayilasilaasee fi Darguunis yeroo adda addaa Carcaritti gocha suukaneessaa ilmaan Oromoorraan gahaa turan waan hammana hin jadhamnee fi daangaa namoomaa kan darbe ture. Gochooni suukaneessaan kun hundi kan ummatarratti raawwatamuuf akka ummani Carcar mootummaa nafxanyoota kana sodaatee, qabsoorraa ugguramuu fi qabsoon ummataa akka unkurumaatti haftuuf ture. Gocha sukaneessaa kana dhagayaa, argaa nama guddateef, qabsooti dabalamuun waan ulfaatu tahun hin haftu. Kana malees yeroo kanatti sochii qabsoo bilisummaa Oromoo Carcaritti jalqabamte dhaalanii itti fufsiisuuf, Gootummaa, Hayyummaa fi Gamnummaa nama gaafachuun hin oole. Dr Bayaan Asoobaa immoo nama kana hunda waliin qabu waan tahef, “Lubuun Tiyya Lubuu Saba kootii Hin Caaltu” jechuun qabsooti makamuurraa wanti isa ugguruu dandayyee hin argamne ture. Dr Bayaan Nama gar tokkoon qabsoo hidhannoo bilisummaa oromoo gaggeessaa, gar tokkoon immoo qabsoo wallaalummaarratti gaggeessuun barnoota isaa hanga sadarkaa ol’aanaati hordoofuu kan dandayye hayyoota Oromoon qabdu keessaa tokko dha.

✍️ Dhaaba ABO keessatti aantummaa ummataa, qabsaa’ummaa fi dandeettii hoggansaa inni horatee qabuun, sadarkaa hoggansaa jalaa hanga gubbatti, keessumaafuu waqtiilee hedduu rakkosoo turan keessatti gahumsa ol’aanaan nama itti gaafatamummaa isaanii bahachaa ture dha. Kanaanis Dhaabichaa fi ummata Oromoo biratti nama fudhatama sadarkaa ol’aanaa horachuu danda’ee dha.

✍️Keessumaafuu yeroo haalli siyaasaa Adunyaatis tahe siyaasaa biyya teenyaa baayyee rakkissaa ture keessatti Koree hoggansa ol’aanaa fi #Dubbi_Himaa dhaabichaa tahun, dhaabicha ceesisuun dhaloota arraatiin nama gahuu danda’ee, Dhaaba biyyaa baqatee ture, biyyatti deebissuun qeerroo biyya keessattiin kan gahuu danda’ee, goota lubuun jiruu dha.

✍️Dr Bayaan nama faayidaa dhunfaatiin hin sobamne, nama quuqama addaa ummata isaatiif qabu, nama walqixxummaa ilmaan namaa hundaatti amanu, falmataa mirga dhala namaa hundaati. “Hamman Lubuun jiru, Hamman dhaabbadhee deemu walqixummaa mirga ummata Oromoo, Mirga dhala namaatiif Abadan falmuu hin dhiisu” jechun gameessa qoma guutuu tahu irra deebiin nama sabatti mul’ise dha. ammalee sadarkaa adunyaati Haala sirna Dimookraasii fi Haala mirgi dhala namaa itti kabajamuu qabu sagalee guddoon nama lallabuuti jiru, Birmaduu Irree Heenaati. Seenaan Dr Bayaan waan hanganatti himamtuu miti. Goota Oromoo “Legend Hero” tahe kanaas kan Sabaaf arjoome Ona Ituu warra Ituu Waayyee ti. Seenaa isaanii fuuldura yoo rabbi ja’e kan itti dachaanu taha.

2. #Artist_Gaadisaa_Abdullaahi;-

👉 Artist Gaadisaa Abdullaahi Oromoon hin beekne kan jirtu nati hin fakkaatu. Qeeyroo qeeyroo jedhamee ittiin sirbamuun akka waan haarawaati kan amma reefu artistoota Oromoo hedduun sirbamuuti jiru. Garuu kana waggaa 40 dura yeroo jalqabaatiif Qeerroo Mataa Tuutaa jechun, Qeeyroof Sirbbe Artist Gaadisaa Abdullaahi ti. Akkumma beekamu warraani bilisummaa Yeroo jalqabaatiif hidhatee biyya Soomaalee keessaan qaxxaamuruun, Biyya K
eessatti sochii qabsoo Bilisummaa Oromoo jalqaban QEERROO GANAMAA ja’amuun beekamu ture. Kanatti Aanseeti ture gaaddisaan ummata Isaa yoo qabsoof kakaasu fi tooftaa qabsoo gorsu;-

“Qeerroon mataa tuutaa
hin jarjartuu suutaa
aduun takka dhiite
Takkaas nuuf bariite
Kan akka keenyaa hin jiru
Kan Gabrummaan miite....” jadhe sirbee, yeroo sanitti ummata Oromoo baayyeen gara qabsooti kan soossoossuu danda'ee.

👉 Wayanne fi Xirroo gandi jadhamee beekamu iddoo dhaloota Gaadisaati Abdulaahii ti. Lolli Xirroo hogu gaggeefamu fi lola saniin wal qabatee dararaa yeroo san ummata oromoo toora Carcarirra gahaa ture nama ijaa fi gurraa qabu ture Gaadisaa Abdullaahi. Akkumma Elemoo faan warreegamanitti innis qabsoo jalqabame itti fufuu akka qabu murteessee qabsooti seene. Jaarmaya Dhaaba keessatti makamuun, gaafa Meeyraan(Mahaammadzaakir Sheikh Umar) biyya Soomaalee dhaqee deeggarsa meeshaa warraanaa mootummaa soomaalee akka kadhatu murtaa'uu, namni hanga Hararghee Bahaa Koomboolchaati akka Meeyraa qajeelchu godhame Gaadisaa dha ture.

👉 Artist Gaadisaa Abdullaahi Qabsa’aa dha. Sababa qabsoo inni saba isaatiif taasisuun, yeroo addaa addaa harka mootummaa diinaa bu’ee hidhamaa ture. Roorroo irra gahaa ture irraa kan ka’e gara biyya ambaati baqachuuf kan dirqame yoo tahu, Gaadisaan erga biyya ambaa dhaqees qabsoo sabaa jalaa nama guyyaa tokkolee hafee hin beekne, osoo imaan oromoo irraa haalli hin jijiiramin ani fuudhee bultii hin jaaruu, gabrummaa ilmaan hin dhaalchisu jadhe hanga bara 2019ti oso bultii hin godhatiin kan ture gootaa fi murataa namaa ti.

👉Wallistoota sirba qabsoo bilisummaa Oromootiif jalqaba wallisanii, ummata ofii sadarkaa ol’aanaati dammaqsanii sochoossuu dandayyan muraasa keessaa Gaadisaan nama adda duree tahuu dandayyee dha. Goota gaafa xiiqii, Kutataa, Murataa fi qabsaa’aa hangafaa Kanas ummata Oromootiif kan gumaachan #warra_Ituu_Waayyeeti.

3. #Huulloo_Wadaay_fi_Ancaar.

👉Huulloo Wadaay fi Hancaar Wadaay Obboleeyyani. Hancaar Wadaay obboleessa Huulloo_Wadaay xiqaadha. Huulloo Wadaay Damiina Ituu Waayyee Beekamaa ture Bara mootummaa Haayilasilaasee keessatti. Bulchinsa Xaaliyaan booda, Huulloo Wadaay fi Obboleessi isaa Ancaar Wadaay Mootummaan Haayilasilaasee gaafa Lafa jiidharraa Oromoota Ona Ituu Naannoo Carcar buqqissee, qubatoota biroo fagoo fidee qubsiisuu yeroo jalqabu sanitti, Oromooni Ituu Maaliif dhiibamu?. Matootii ykn Damiinootii abbaa Onaa tahan osoo hin mari’achiisinii fi hin hirmaachisin, Ituu dhiibaa qubsumti gaggeefamu kan tahe jadhamee ummata walitti buusu, aadaa fi haala jiruu fi jireenya hawaasa Carcar kan boocolu waan tahef ni Moormina jechuni ture Haayilasilaasee dura dhaabbatanii qabsaa’uun jajjabee ilmaan ummataa tahu goota mirkaneessanii dha.

👉“Caasaa Bulchinsa Mootumma Ona Carcar keessatti hirmaachissummaan Oromoota Ituu hin jirtu. Ona ofii irratti amba nu godhun kun gabrummaa dachaa tan lammaddaati” jechuun, sochii mootummaan gaafasii #Ituu_siyaas_Diinagdeerraa ala gochuuf taasisaa ture dura dhaabatan. Gabaabumatti Huulloo fi Ancaar roorroo caasaan mootummaa Haayilasilaasee ummata isaaniirratti gaggeessan irratti qabsaa’uuf daggala biyya Huulloo seenuun, mootummarratti shiftoomuu isaaniitiin beekamu.

👉Sochiin isaan itti turan tan deegarsa hawaasa Ituu bal’oo qabdu waan tahef mootummaan Haayilasilaaseetis boodarra isaan lachuu araarfachuuf dirqame. Ancaar Wadaay bulchaa biyya Huulloo gochuun, Huulloo wadaayi fi Oromoota Ituu kan birootifis lafa babal’oo daaroo labuu keessatti “marra’uun”, siyaasaa fi Diinagdee keessatti akka hirmaachissee araarfattu gootota mootummaa Haayilasilaasee Dirqisiisanii dha. Gootota Obboleewwan Ituu waayyee kan mootummaan Fiiwudaala (Abbaa Lafaa) ofirraa sodaachaa ture, Asxaa boona Oromoota Ituu warra tahuu danda’ee, ilmaan Qaqaalii Waayyee ti.

4. #Husseen_Huulloo_Wadaay

🤙Akkumma Abbaa isaa Huulloo Wadaay, Akkumma Ibidda isaa ilmaan Ituu Waayyeeti, Onnee qabsaa’ummaa wajiin nama uumame dha. Husseen Huulloo Wadaay qabsaa’aa mirga ilmaan Oromooti. Namoota bifa hammayyaatiin qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo eegalan keessaa tokko d
ha. 1973 akka faranjiiti, Bara dhukkaasni sochii qabsoo bilisummaa oromoo yeroo duraatiif Carcaritti Elemoo Qilxuu fi Hundee Dhaabaa tiin jalqabamu, jajjabee ilmaan Oromoo humnaa fi qabeenyaaanis sochii san duubaan turan keessaa tokko Husseen Huulloo ti.
🤙Gootni kun gochaa fi qabeenyaanis qabsoo san keessatti guddaa hirmaachaa waan turef, warreegamuu Elemoo Qilxuu Fi Hundee Dhaabaa booda Oromoota 70n magaaloota Carcar keessaa too’annoo mootummaa Darguu jalatti kufan keessa tokko ture. 70n keessaa isa dabalatee namoota 12 Murtii Yakka ol’aanaa akka itti kennamu jechun magaalaa Harar geefamanii, mana hidhaa awuziinitti hidhaman. Meeyraa Fi Husseen Huulloo dabalatee namoota 4 Hararirraa gara magaalaa Finfinee geeyfamanii Mana hidhaa keessatti dararaa fi gidfiraa hamtuun irra geesse. San booda mana hidhaati baduun, qabsoo abbootiin isaanii jalqaban akka hin qancarre itti fufsisuuf Daggala Baha Oromiyaati dacha’ani. Seenaa Husseen Huullootis fuuldura qoranne kan isiniif dhiheessinu yoo tahu, goota lubuu fi qabeenya isaatis ummata ofiiti hin qusanne , qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hangaffa tahe kanas, Ona Ituu warra Waayyeeti Ummata Oromootiif arjoome.

5. #Sheikh_Amiin_Ibroo

☝️Sheikh Amiin Ibroo Sa'iid Haamid jajjabee Carcar kan Warra Ituu Waayyee .
Sheikh Amiin Ibroo Aalimaa fi Hayyuu beekkamaa yeroo ammaa ummanni Muslima biyya tanaa ni qabu ja’aamanii sadarkaa duraa irratti maqaan isaanii yaamamu keessaa tokko dha. Kan dhalatan Baha Oromiyaa, Carcar, Ona Waayyee toora Kootoraa ti.

☝️Sheikh Amiin Ibroo Aalima beekkamaa, Abbaa Ulamaa'ii (Barataa Sheikh Abdullaahi Tuqoo) kan tahan Sheikh Aadam Caffee irratti wagga dheeraaf kan baratan yoo tahu, Daayiraktara Da'awaa amantaa Islaamaa biyyi tun qabdu dha. Kana malees Sheikh Amiin akkumma warra isaanii hayyuu dha. Nama dubbataa dubbii beeku, kan yoo dubbate nama amanaiisuu (Orator) dha. Yeroo ammaa kanatti Sheek Amiin Ibroo Duree imaamoota Islaama Naannoo Oromiyaa ti. Sheikh Amiin ummata muslimaatiin itti gaafatamummaa sadarkaa kanatti itti kennamee filatamuun isaanii, hayyummaa fi gahumsa cimaa inni qabu kan agarsiisuu dha. Gara Amantii muslimaatiinid Sheikha, Daa’ii cimaa sadarkaa adunyaati fudhatama horate kana kan ummata Oromooti fi ummata islaamaatiif arjoome, Ona Ituu, Warra Ituu Waayyee ti.

Kaneen ani dagadhe isin itti dabalaa
Horaa Bulaa
Forwarded from Quality ButtonSCAM
Walaloowwan koo isin naaf jaallattan sana fuula Teelegraaminiis siniif qabadhee dhufeera. Mee dafaatii natti dabalamaa
Odeeffannoo dhugaaf itti dabalamaa.
#Beeksisaa

Odeeffannoo barnoota fi filannoo bara 2013 akkasumas Odeeffannoo hidhamtoota siyaasaa Oromoo wal qabaatan chanaalaa GADAA MAGAZINE itti makamaa hordofa.

JOIN👇
https://t.me/GadaaMagazine/
Maqaa Gootota Oromoo

Maqaa gootota oromoo wal ha yaadachiifnu.

============================

1. Taaddasaa Birruu

2. Waaqo Guutu

3. Agarii Tulluu

4. Elemoo Qilxuu

5. Abbishee Garbaa

6. Laggaasa Wagii

7. Huseen Bunee

8. Bakar Waare

9. Eebbisaa Addunyaa

10. Baayisa Taaddasaa

11. Magarsaa Barii

12. Gadaa Gammadaa

13. Baaroo Tumsaa

14. Abbomaa Mitikuu

15. Mucee Ahmed Mucee

16. Dirribee Jifaar

17. Jaagamaa Badhaanne

18. Tigist Maammoo

19. Alamuu Qixxeesaa

20. Oliqaa Dingil

21. Kabbadaa Buzuneesh

22. Abdataa Olaansa

23. Gaaddisaa Hirphaasaa

24. Kumaala Guddisaa

25. Abdiisa Guutu

26. Maammoo Mazamiir

27. Roobaa Buttaa

28. Abdiisa Agaa

29. Leenjisoo Diggaa

30. Tasfahuun Cammadaa

31. Hajii Adaam Saaddoo

32. Jaarraa Abbaa Gadaa

33. Mul’ata Fayyisoo

34. Guddinaa Tumsaa

35. Guutamaa Hawaas

36. Amiir Abdulfattaah

37. Haaylee Fidaa

38. Usmaayyoo Mussaa

39. Geexee Tafarii

40. Garasuu Dhukii

41. Sheek-Bakarii Saphaloo

42. Dagaa Doone

43. Alammayyoo Garbaa

44. Jaarsoo Waaqo

45. Hussein Abbaa Bulguu

46. Abbaa Faaroo

47. Badhaadha Darmoo

48. Muhammad Baladee

49. Nuur-Yisaaq Dhaddee

50. Dabalaa Oliqaa

51. Yayaa Alii Sire

52. Hayilaamariyaam Gammadaa

53. Argaaw Dinqaa

54. Daraara Kafanii

55. Kabbadaa Badhaasab

56. Lachiisa Fullaasa

57. Habtamu Bayyataa

58. Ibroo Shaxaa

59. Nuurresaa Girmaa

60. Haaylee Daasita

61. Ayyaantu Boraana

62. Milkeessaa Gadaa

63. Raggasaa Haayluu

64. Musxaafa Huseen

65. Tolaasa Dhufeera

66. Nadhii Gammadaa

67. Abdiisa Balchaa

68. Caalii Shoonee

69. Qeerroo Naggeesoo

70. Lammeesoo Booruu

71. Raggaasa Gammadaa

72. Birra Gammadaa

73. Fayyee Garasuu

74. Guraara Lataa

75. Hawaas Gadaa

76. Badhaasa Dilgaasa

77. Mulluu Wasaanu

78. Mul’isaa Gadaa

79. Badhoo Dachaasa

80. Buruysoo Boru

81. Dr-Tarrafaa W/tsaadiq

82. Kabbadaa Dirribaa

83. Iyyoob Taaddasaa

84. Lammaa Fidaa

85. Shiimalis Olaana

86. Mohammad Umar Qaadii

87. Asaffaa Namarraa

88. Musxafaa Haarawwee

89. Axinaaf yimaam

90. Araarsoo Wadaay

91. Ayaantuu Dagaa

92. Kumaala Karoorsaa

93. Shek-Mohammed Rashad Abdulle

94. Diimaa Guddinaa

95. Ahmed Taaqii

96. Mohammed Zakir

97. Musxafa hussen

98. Adem Dimma goota Agaazi haaxawee

99. Eliyaas Aliyyii Biyyoo karaabati Agaazi

harcaasse

100. Jaatanii Alii

101. Muhee Abdoo

102. Xahaa Abdii

103. Abdi Buuh

104. Abubakar Muussaa

105. Abdii Qophee

106. Ayyuub Abubakar

107.Bakaree Maayaa Sugee

108. Abdullaahi Luungoo

109. Muhammed Umar Bookhee

110. Buruuysoo Boruu

111. Ararsoo Boruu

112. Ibrahiim Bosharii

113. Aadam Diimaa

114.Aadam Dheree

115. Bakkalcha

116.Haaykal

117. Faaxumaa Galmoo

118.Aslii Oromoo

119. Ragggaatu Roobaa

120.Urjii Dhaabaa

121.Ayyaantuu Dagaa

122.Sartuu Magarsaa

123.Laalisee Roobaa Galmoo

124.Makiyaa Abdullahii

125.Ilfineesh Qannoo

126.Haaji Abdullahi Ganamoo

127.Tuujii Raggaasaa

128.Ayyaantuu Dagaa

129.Caamaa Nuur

130.Wadaay Galmoo Kormoosoo

131.Buttaa Roobaa

132.Dabbasaa Guyyoo

133.Abdulaahii Jirmaa

135.Jannaa Kanuu Jiloo

136.Waayyuu Waaree

137.Husseen Duulaa Ulee

138.Kadiir Waaqoo Shaaqee

139.Jeneraal Damisee Bultoo

140.Jeneraal Taarikuu Laayinee

141.Jeneraal Merdaasa Leellisaa

142.Mejer Jeneral Mariid Nugusee

143.Mejer Jeneraal Ammaha Desta

144.Jeneral Reggaasa Jimaa

145.Jeneraal Tesfaaye Tirfe

146.Jeneraal Muldhataa Bulii

147.Dejjazmash Kebede Buzune

148.Gabayyoo Gubee Gurmuu

149.Aluulaa Abbaanaggaa

150.Raas waale Bixxille(Buxxulle)

151.Abuunee Pheexroos (Magaarsaa Badhasaa)

152.Looreet Tseggaayee G/Madiin (Qawweessaa Luuccaa Roobaa )

153.Qusee Dinagdee F/habtegorgis

154.Dajjazmash Baalchaa Safoo

155.Jeneraal Jagamaa Keelloo

156.Jeneraal Garasuu Dhukii

157.Raas Abebe Aragga Becheree

158.Dajjaazmash Baqqalee Wayyaa

159.Dejjazmaash Balaay Zallaqaa Qilxuu

160.Sheek Muhammad Umar Qaadii ( Abbaa Alabaa)

161.Mullis Abbaa Gadaa

162. Abdulkariim Aadam Lakkuu ( Soowraa )

163. Umar Abuubakar Ibraahim

164. Muhammad Abdulkariim (Areedoo)

165. Muhammad Abdullaahi (Koosum)

166. Bakrii Ibraahim (Abbaa Fatoo)

167. Bakrii Ahmad Baabbilee

168.Muhammad Ahmad Umar
rmooso)

169. Muhammad Abdulqaadir Shaltaataa

170.Ahmad Mahammad Umar (Caalaa)

171. Muhammad Abdullaahi Alii (Muudee)

172. Ahmad Mahammad Muussaa (Mullata)

173.Muhammad Kabiir Iissaa (Jarjarso)

174. Ahmad Mahammad Usmaan

(Daammacaa)

175.Mahammad Sanii Umar (Horoo)

176. Husseen Abbaa Waaqaa (Baale)

177. Amaal Abdulqaadir

178.Ahmad Iissee

179.Aadam Mahammad Alii (Laafaa)

180.Ahmad Nuur Alii (Arroo)

181.Ahmad Nuur Hassan

182.Abdulkariim Mahammad Anas (Jifaaraa)

183.Mahammad Sheikh Hassan

(Nibarbaannaa)

184. Aadam Abubakar (Moluu)

185.Ahmad Mahammad Abdurahmaan

186.Mahammad Ibraahim Wadaay (Shantam)

187.Ahmad Nuur Muussaa Na’ee

188.Abdallaa Bakhrii

189. Mahammad Alii

190. Ahmad Umar Abdalla

191.Ahmad Haashii

192.Hajji Maamoo

193. Ramadan Husseen Khalil

194.Abdurahman Mohammed Yonis (Tuujii)

195.Ahmad Yuusuf Ibraahim (Turee Leencoo)

fi kkkf. kana qofa miti gootonni keenyaa kan hafan isiini comment irattii nuuf baresa.Isini malee seenaan keessaan har’aalee hin dune jira (Qabsoo Isiin Jalqaabdaan Dhaloota keessantu itti fayaadama