Forwarded from Kaachuu Promotion via @Kaachuuyebot
ancient history of oromoo
Photo
"Gidiraan badii malee fudhatan humna fayyinaati"
Sulula abdii kutannaa keessa gangalachuu haa dhiifnu
Michuuwwan koo, har'a waan tokkoon isinitti dubbadha: har'as borus rakkoon fuula keenya dura kan jiru yoo ta’ellee, ammas ani mul'atan qaba. mul'atichi hundeen isaa mul'ata Ameerikaa keessa jira. gaaf tokko biyyi kun hirriba keessaa dammaqxee akka ishee himametti yommuu jiraattu natti mul'ata. Namni hundi walqixa dhalate dhugaa jedhus ni amanna.
Gaaf tokko ilmaan garboota durii fi ilmaan abbootii garbaa duraanii tulluuwwan diddimoo Joorjiyaa irratti walii wajjin maaddiitti dhiyaachuu danda’u mul'ata jedhun qaba.
Gaaf tokko kutaadhumti Misisiippii isheen ho'a haqa-dhabiinsaatiin waadamaa akkasumas ho'a hacuuccaatiin gubachaa jirtu illee, gara qabbana bilisummaa fi nagaatti jijjiiramti mul'ata jedhun qaba.
Gaaf tokko ijoolleen koo xixiqqoon afran biyya bifa gogaa isaaniitiin osoo hin taane qabiyyee amala isaaniitiin madaalaman keessa akka jiraatan natti mul'ata. Har'a mul'atan qaba!
Gaaf tokko goda Alabaamaa keessatti namoota ishee hamoo warroota sanyiitti amananii wajjin, geggessaa ishee isa arraba isaarraa waan gaariin hin baanee wajjin, achuma Alabaamaatti ijoolleen dhiiraa gurraachaa fi ijoolleen durbaa gurraachi, ijoollee dhiira adii fi ijoollee durbaa adii waliin harka walqabatanii obbolummaan waliin osoo jiraatanii natti mul'ata. Har'a mul'atan qaba!
Gaaf tokko dachaan hundi ol ka'ee, garreenii fi tulluuwwan marti gadi jedhanii, bu'a ba'iin wal-qixxaatee, daandiiwwan jajal'oon qajeelanii..............................kun abdii keenyadha.
Fuula 129-130 Kitaabicha keessaa kan fudhatame
Madda: Mul'atan Qaba (I Have Dream)
Barreeffamoota fi Haasawwan Maartiin Luuteer Kiin Xiqqaa
Afaan Oromootti kan hiike: Baqqalaa Garbaa Daakkoo

Forwarded from GADAA SPORT™ (Rⓞbi 🅐)
Odeeffannoo dhugaaf itti dabalamaa.
LOQODA OROMOO BOORANAA -------
share, like, comment.......!!
1. Qaraa ---- jalqaba, dura
2. Ennaan ---- sana booda
3. Ojjaa. --- yoo, erga
4. Adoo --- otoo, silaa
5. Shoorkii --- dhimma, rakkoo
6. Laanaa , Yaasaa ---- suuta
7. Yaasuma, Bobbaa ---- adeemsa
8. Yarsuma ---- tiksituu, nama tikha
9. Goo'uu ---- iyyuu
10. Lallabuu ---- sagalee olkaasan
dubbachuu
11. Yiikkisuu ---- waan badee turee argamuu
isaa ibsuuf
12. Dareeraa ----- utubaa
13. Guutuu abbaa liiban ----- boorana
14. Aabba ------ Obboo
15. Haatoo ----- Addee
16. Aabboo ----- abbaa ( kan ofii)
17. Ekheraa ---- yaraa, salphaa
18. lookhoo ------ qajeelaa
19. mokkataa ------ kan hin qajeelle, dabaa
20. Focoqa ------- Dheeraa
21. Dakkicha, Ruphaa -------- Gabaaba
22. Okkotee, Sagalee ------- Nyaata
23. Saayyee ------ looni
24. Heellaba, Lalleessa -------- Re'ee
25. Cichaa ------- fuuldura manaa
26. Fuloo ------ balbala dabalata (dallaaf)
27. Yaabdoo ------- balbala dallaa bishaani
28. Karraa ------ balbala mooraa horii
29. Cufanaa ----- cuftuu balbala mooraa horii
30. Korboo, Saanqaa ------ cuftuu balbalaa
mana namaa
31. Dinqaa ------ gaadaa, kutaa manaa
32. Dhiibuu ------ iddoo siree, bakka hirriiba
33. Irreessuu ------- awwaaluu
34. Wayaa ------ uffataa, huccuu
35. Sidii ------ Sabaa, nyaapa
36. Anfalaa ----- qabattoo durbaa
37. Gurdaa ------ qabattoo dhiiraa
38. Buuranii ----- faaya mormaa dhiiraa
39. Saldaqaa ------ faaya harka durbaa
40. Huwwaa -------- dhalaa
41. Maa'essa ------ kan suuta boodee
deemuu
42. Sooressa ------ kan dura deemuu
43. Mirgoo ------ sangaa loonii
44. Waaruu ----- baduu
45. Ori'uu ---- fiiguu, utaaluu
46. Qiliixamuu ----- gammaduu
47. Kumuduu ------ gadduu
48. Gaaduu ---- dhokatanii hordofuu
49. Battii ------- kan qulqullinna hin qabne
50. Gaadi'uu ----- hidhuu
51. Luuxxicha ----- qal'aa
52. Ejjuu ----- dhaabbachuu
53. Dhiiroo ----- jaranaa
54. Hayyee ------- tolee, ishii
55. Areera ----- bulbula, makaa aannan fi
bishaan
56. Qiyaasa ------- hamma sirriitti ( normal)
57. Allayyoo ------ waaqa
58. Morka ----- falmii, dorgommii
59. Jallaa ------- kan nama dhibu
60. Maadee ------ ajaa'ibaa
61. Wadaaree ------- uffata moofaa
62. Itillee ------ gogaa loonii (hirribaaf)
63. Erbee ----- gogaa gaala (kosiif)
64. Dhimphuu -------- Cophaa
65. Qoola ------ gogaa re'ee
66. Huuxii ----- qoraani
67. Dhiirsa ------ Abba mana
68. Niitii ------ Haadha mana
69. Kaachuu ------ wal-qunnamtii saala
gochuu
70. Dhabanaasuu ----- kabaluu
71. Raasaa ----- bosona
72. Nyaapha, hormaa ------- diina, alagaa
73. Weedduu ------- faaruu, sirbaa
74. Agarii ----- kan baayisee nyaatuu
75. Miiraa ------ kan xiqqeesse nyaatu
76. Sukkumii ------ duudaa
77. Duuduu -------- Seenuu
78. aaboo: mudaa
2.aaddaa : obboleessa /ttii angafa
3.abeeba, muya, daafanaa : lugna
4.Abraasaa: Muddee
5.abuyyaa: eessuma
6.adaayyuu: boosettii
7.adiyyoo: eegumsa malee
8.alaqaa : kaamettii
9.alchaa : Hawaii
10. ameessa: sa'a aannanii
11. bagoo: fuula namatti jijijjiirachuu
12. balchaa : nama gaarii
13. baleeluu: boonuu
14. ballittii : fayyaalessa (normal)
15. barbadaa : lafa marga hin qabne
16.buudhoo: ciree osoo hin nyaatin
17.buufattoo: xumura
18.buusaa: wal gargaarsa gosaa
19.ceekoo,kaaja a: mukoo
20. cirreessa : ogeessa yaalaa
21. corooressa: tartiiba
22. cufa: hunda, mara
23. daarima: fedhii kormaa( dhalaaf)
24.daatuu: nama biyyaa bahe
25.daayimtuu : oduu
26. dagaggamuu: tasa maqaa dhahuu
27.damboobuu: milkii agarsiisuu
28.dansaa: gaarii,mishaa
29.dayyoo : hujii irraa rincicuu
30.dedhuu: dagachuu
31. deebanuu: sooressa
32.dhaaccii: daabaa
33. dhajiitii: gocha tokkoon booda
salphachuu
34.dheekkamsa: lola
35.dhibii : kan biraa
36. dhundhumuu: karoorsuu
37.dotii magariisa
38.dunfura,gind a: goofaree
39. durduura: dabalata
40. eger,takkaatana a, eeganaa : _____
41.Eloo: dhamaatii, ifaajee
42. faacii: maqaa balleessuu
43.fafa, ceera, fokkoo : saalfii
44. farada, baaruu: daftee guddatte
45.finna : bulchiinsa
46.fulaa : bakka, iddoo
47.gaaltama,foo ddoo(gabra): durba
geettuu
48.gaamaressa: jaarsa, bilchaataa
49.gaaraayyuu: sanyoo
50.golii, kalchaa: deeggaraa
51.golola: soorachuu
52. gudoo: jecha

alaa .fknf lubbuu koo
53.guutolaa: baaxii
54.haddhoo,biir tee: keelloo
55.halkuma: fuudhaa fi heeruma
56. horrisa, ejjitoo: deemsa fagoo(gabaa,bis
aan)
57.hoyama : hubaatii dinagdee
58.hurrisuu: ariifachuu
59.imbiiraa : pilaastika
60.jaajjusa : basaastuu61
61:karkarsuu: haalaan qabuu
62. karmura: jallaa
63.kasoo : salphaa
64.kayma,namdiq qaa: dardara
65.kora: walga'ii
66.kumuduu: gadduu
67.kunna: deemsa karaa dheeraa halkanii fi
guyyaa
68.kurfeeffachu u : qophaa'uu
69.laama : agabuu, sooma
70.lichoo : alangaa
71. liingachuu: xiyyeeffachuu
72.maachuu : itti toluu
73. maadee , baasa : raajii
74.maandhaa : qixxisuu
75.maddaa, ardaa : ganda
76. malfachuu, dabsachuu : injifachuu
77.marmaaruu: naannawuu
78. marroo, faroo : dabaree
79.mikikkila : roga ( balbalaa, goolii)
80. mittoo, moo'annoo : cunqursaa
81.muraa: adabbii
82. murnya : kutaa
83.nyuulchuu : cinquu
84. obeensa : baala
85. onanaa : guyyaa muraasa dura
86. oolaa : hongee
87. oroosa : misirroo
88. qolchuu : injifachuu( fiigichaaf)
89. sakaatama: huyyiin qabamuu
90.sakkaba : malaanmaltummaa
91. salleessa: rimaa / ulfa osoo ji'a hin gahin
dhalate
92.seeseffachuu : xiyyeeffannoo dhabuu
93.sesseega, shufuroo : kashalabbee
94.Sidii : saba
95.Suga : sifaa
96. tontoommoo : abboottee
97.taraarrii : sarara
98.ulluuqqoo : kadhannaa
99. yayyaba , itti keeyyachaa : jalqaba
1oo. yooyyoo : simannaa. Horaa Bulaa
horaa bulaa badhadhaa....!!
#ancient_history_of_oromoo

Forwarded from Personal Development
www.gadaamagazine.com
Gadaa Magazine marsaritii mataa isaa ifoomse.
www.gadaamagazine.com qabiyyeewwan akka oduu idil addunyaa, Ispoortii, fayyaa teekinoolojii fi kkf kan of keessatti hammateedha.
Marsaritiin kun dhabbataa 'Gulale soft' kan hojjatamee fi guyyaa har'a ifatti hojii eegaleera.
Kayyoon Gadaa Magazine inni guddaan odeeffannoo waayitawaa, haqaa qabeessa Afaan Oromootiin dhiyeessudha.
Maxxansalee www.gadaamagazine.com dawwaadha!
Gadaa Magazine Your Kind Of Magazine
@GadaaMagazine

SEENAA TASFAAHUN CAMADAA GURMEESSAA (1976-2013)
Kutaa 1ffaa
Injinar Tasfaahuun Camadaa abbaa isaa Obbo Camadaa Gurmeessaa fi harmee isaa Aadde Giddinesh Beenyaa irraa bara 1976 tti godina Horroo Guduruu Wallaggaa , aanaa Guduruu, ganda Harbuu jedhamutti dhalate. Tasfaahuun, carraa dhiphoo ilmaan Oromoo waanjoo gabrummaa jala jiraatanii barachuuf qaban argatan keessaa nama tokko ture. Umuriin barnootaaf isa gahees barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi gidduu galeessaa mana barumsaa Looyyaa fi Finca’aatti barachuun, kan sadarkaa lammaffaa ammoo magaala Shaambootti itti fufee bara 1996 xumure. Qabxii olaanaa galmeessuunis Yuunvarsiitii Finfinnee seenee gaafa Adoolessa bara 2001 Digrii jalqabaan (BSc) Civil Engineering eebbifame. Erga eebbifameen booda:
Fulbaana bara 2004 hanga Amajjii bara 2005 tti supha daandii Arsii- Baalee, projektii Abbaa Taayitaa Daandii Baadiyaa Oromiyaa fi projektii gamtaa misooma baadiyaa Arsii- Baalee Ityoo Xaaliyaaniin durfamu ‘unit’ manaajerummaan;
Projektii daandii Dagalee-Birbirsaa RR50 (regular project in Salle-Nonno District in extreme South-west of Ilu-Abba-Bore Zone);
Projektii daandii qubatiinsaaf afur si’a takkaan deemaa turan: Kone-Cawwaaqaa,
Baddallee-Kolosirri, Gachii-Catee fi Yaanfaa- Ballattii;
Akkasumas ijaarsa waajira aanaa Cawwaaqaa magaalaa Iluu-Hararitti bu’uureffame
projekti manaajerii ta’uun yoo dalagu;
Onkoloolessa bara 2001 hanga Adoolessa bara 2003 tti ammoo projektii Siree-Nuunnuu-Arjoo RR50 godina Wallaggaa ‘site engineer’ ta’uun, Tasfaahuun Camadaa saba isaa tajaajilaa ture.
Sababaa shakkii fi jibbinsa Wayyaneen ilmaan Oromoo qaroo irratti qabdu irraa Tesfahunsi dararamni itti baayyatuu irraan fi lubbuun barbaadamuu irraa biyya lakkisee jalqaba bara 2005 gara Keeniyaatti baqachuuf dirqame. Keeniyaa magaala Naayiroobiittis dhibdee fi dararaa hojjetee jiraachuuf isa rakkisee, biyyaa bahuuf murtii isa fudhachiise waajjira Mootummoota Gamtoomanitti Koomishinera Ol’aanaa Dhimma Baqattootaa (UNHCR)tti himachuun, nama nagaa roorroo dheessee nageenya ofiif dahannaa gaaafatu ta’uun gaafa mirkanaa’u waraqaa jireenyaa fi sochii UNHCR irraa argatee ture. Haa tahu malee sababaa gahaa fi qabatamaa osoo hin qabaatne gaafa 27/ 04/2007 walta’iinsa mootummaa Keeniyaa fi Wayyaneetiin waahila isaa hireen baqattummaa waliin isaan irra geesse, Injinar Masfin Abbabaa Abdiisaa waliin ukkaamfaman.
Dhaaba gaaddidduu mootummaa Ameerikaan hundaa’e biyyoonni akka Ugaandaa fi Keeniyaafaa miseensa itti ta’an, Joint Anti-Terrorism Task Force (JATT) jedhamu keessatti miseensa kan taate Itoophiyaan dahoo maqaa shororkeessitummaa adamsuu jedhuun ilmaan Oromoo baqattummaan biyyoota ollaa ishee jiraatan ukkaamsaa jiraachuun ishee beekamaa dha. Haaluma kanaanis Tasfaahun Camadaa fi Mesfin Abbabaa yakka dharaa maqaa shororkeessummaan faaluun gargaarsa mootummaa Keeniyaatti dhimma baatee ukkaamsuun sababa shororkeessitoota gaanfa Afrikaa Finfinneetti qoranna jedhuun (JATT East African Main Branch Investigation in Addis Abbaba) akka dabarfamanii isheef laataman gochuu dandeesse. Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injinar Masfin Abbabaas gaafa 12/05/2007 halkan
keessaa sa’aatii 2:00 tti harkaa fi ija hidhamanii Moyyaaleerraan Itoophaatti dabarfamanii kennaman.
Biyyatti dabarfamuun duratti ammoo gaafa qabaman 27/04/2007 irraa kaasee hanga gaafa 12/05/2007 tti (National bureau of Investigation-NBI) head office naannoo Tirm Valley jedhamu jiru keessatti qorattoota FBI Amerikaa fi Keeniyaa Anti-Terror Police Unitjedhamaniin qoratamaa turan. Eerga qoramaata isaanii xumuranii booda dursaan qorannoo kanaa namni Fraansis jedhamus dargaggoonni ukkaamfaman kun yakka shororkeessitummaa waliin wal qabatu tokkkollee kan dalagan waan hin qabneef mootummaan Keeniyaa akka dafee gad isaan lakkisuu qabu murtii dabarse. Garuu dubartiin Keeniyaa Lelian jedhamtu tan waajjira CID jedhamu keessatti Officer taate maallaqa harka wayaa jalaan wayyaanotaan afaan kaahamteef bitamtee ilmaan Oromoo qaroo sabaa turan dabarsitee laachuun abjuu isaanii doomsite. Carraa qulqullummaan hidhaa keessaa bahuuf qabanis jalaa galaafatte.
Haala akkas dabaan

xaxameen Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injirner Mesfisn Abbabaa gara Maa’ikalaawwii, qilee lafee Oromoo qaqqaalii qorxomsee ammallee guutuu didee kan biraa dabalachuuf afaan banee taa’utti, kan darbataman. Maikalawwii keessatti waggaa tokko fi ji’a sadii guutuu reebicha fi dararama daangaa hin qabne jalatti qoratmaa bahan...
itti fufa………
itti fufa………
Forwarded from Quality Button [SCAM]
Walaloowwan koo isin naaf jaallattan sana fuula Teelegraaminiis siniif qabadhee dhufeera. Mee dafaatii natti dabalamaa
ancient history of oromoo
.
Bululoo jachuun bulmaata ykn man-bultii jacuudha.jacha bultum jedhu irraa garaa garummaa hin qabu. hundeen jacha kanaa jacha man-bultii ja'urraa ka'aa. Man-bultii jachuun iddoo Manni gosaa bulu jachuudha.
Akkuma beekamu gostii hundii Mana (house representative) ykn Mana marii onaa Kan of dandahe qabu.garuu akka gosa afran qallootti gosa hundarraa Manni walitti dhufuun man-guddaa tokko jaaratan.manneen Kun yeroo heera tumuuf walitti dhufee bakka tokko buluu
Mana bultti ja'ama.iddoon isaan walitti dhufanni bulan Kun bululoo jachuun beekama.
Fkn:- gostii noolee mataa isiitti Mana Afur qabdi:-mana Abu- Mana Gariri - Mana Gutu-
Mana oromoti.
Heera Manni gosaa fidee dhufe eega cuunfan booda deebisanii Mana gosaatiif dhiheesan.manni gosaa mata mataan, Mana isaatti maqoo bahuun eega mariihate booda man-guddaa bululootii ol dacha'a. Achii booda
Heera manni hundii irratti Walii galee tuman.
Akkana jachuun dura Mana gaafata " Manni irratti Walii galee" ee galee murii" heeraa muree ja'ee" jachuun mirkaneesan.tanaafi hamma arraa manguddoon teenya yeroo waa mariihatan "Manni irratti Walii galee" kan ja'aniif.

#Advertising
Brand T Shirts with diffetent design idea, colour and size. masks and huts with especial design.
Mug and plate prints with any photo and text you want.
Student cards, birth certificate and any other documents.
Banner and Stickers with good design idea and consultations.
You can get any thing that related to printings with us.
We deliver to your place any thing you order!
Contact us 📞 0915699608
0934230749
Telegram Channel
https://t.me/joinchat/QhWpbT4jOCBcSLYI

Forwarded from Golden SHOW
👕 Dizaayinii midhagoo fi hamma barbaaddameen Tisheertootaa hojjatamaan, maaskii fi Koofiyaa akkasumas kan biroo bitachuuf ajajadha.
Jaarmaynii Afran qallo bara 1962tii goojjoo As gubbatti Argitan tana akka waajjiratti dhima itti bahaa ture.barruun afaan Amaaraatiin barreeffamtte tan maqaa gosa afran qallo himtu tun seenaa oromoo keeyssatti yeroo duraatiif ture dirree bahanii
Kan maqaa gosa oromoo waajjira gubbatti barreessuun issaanii.gochii Kun akka booda mootummaa haylasilaasee biratti gatii nama kafalichiisuu beekamaa ture.gocha kanaaf warri jaarmaya kana gad dhaabe Ismail galmootiifi hiriiyoonni isaa wareegama lubbuu itti baasanii jiran.yeroo sanitti jaarmaynii afran qallo Magaalaa dirree Dhawaa akka jiddu gala gosa afran qallo turtte algaaf mirkaneesee ture.jaarmaya afran qallo dura maqaa Oromo jedhu kana kan waltajii gubbatti baase jaarmaya kamii? Hin jiru.jaarmaynii afran qallo Kan duraati.

Odaan Bultum Odaalee shanan keessaa quxusuu dha. Garuu Heera Oromoo raggaasisuu fi guutuu gochun Odaalee Shanan keessaa Odaa hangafaati. Heeri Oromoo bakka amma Odaan Bultum jiru kanaa fi #Siidaa_Dandee jidduti dhume. Odaa Bultumii fi Sidaan Dandee fageenya kiloo meetira lamaa walirraa qaba. Qaamni kamuu kan Heera Oromoo qorachuu fi hubachuu barbaadu Heeraa fi Seera gadaa Oromoo Iddoo kana jidduu dhaqee hanga hin qoratinitti hojiin isaa guutuu hin tahufi. Ituun warra heera Oromoon ittiin bulaa turte guutte dha. Heera Ittiin bulmaata Saba bal'aa kanaa guutuu dandayyuu jechun waan laaftuu miti, waan salphummatti lafaa ka'ameetuma raawwatamuus miti. Hayyummaa,Tasgabbii, Waldhageettii fi marii guddoon Aadaa Oromooni Ituu ittiin beekamani fi amala Ona Ituu keessatti barbaadamu waan tureefi.
#ancient history of oromoo
#ancient history of oromoo
Forwarded from Dinigaas Trading S.C official
#OduuGammachisaa
👕 T-shirt dizaayinii adda addaaan hojjataan
🧢 Koofiyaa fi maaskii midhagoo bitachuuf
🎇 Baaneerii fi Istikaarootaa barbaddaan ajajadha.
Bakkuma jirtaniitti isiniif dhiyeessinaa!

Warqituu Fi Lola ginbii (maqdala)
°′°°°°°°°°kutaa 1ffaa
Ras Ali ejjuu Magaalaa teeysso isaa turttee dabra Tabor Atse tewodrosiif dhisee gara wolloo dhufus nagaya argachuu hin dandeenye.keessattuu eega Atse tewodros daangaa wolloo, laga bishiloo qaxaamuree ginbii ykn maqdala kaambii waraanaa godhate As isaa mitti oromoon wolloo guutuun shoorarkaan gosa biraatii.yeroo sanitti olola maq-balleessii oromoota wolloo gubbatti Atsee tewodros bane ofirraa qoluuf "diplomacy"
Warqituun mootii shawa kana ture Abba minilik
Haile-melekot wajjiin goote hedduu nama ajaa'iba. yeroo sanitti oromoon wolloo diinoota sadihiin marfamtte jirtti, kanaaf gara shawaatii gargaarsa barbaaduun dirqama ture.tanaaf
Mooticha shawatiif waan Isa gamachiisu tokko
Godhuun Lola Atse tewodros wajjiin isaan eegatuuf tumsa argachuuf ilma mootii shawaa
Kan Atseen tewodros bara kudhaniif hidhee taa'uun gad lakkiisiisuuf warqituun karoorfatte.
July 1 bara1865tii galaga keeyssa sochii gooteen minilik Mana hidhaatirraa baaste.
Garuu kan dubbii tanatti dalane Atse tewodros
ILma warqituu Liiban Amade ALi hidhe, warqituutti nama erguudhaan minilik deebisii ilma Kee fudhu kan ja'uu tahe.garuu yeroo kana akka carraa tahe minilik qaata shawaa dhaqe Abbaa bira gahe.Atsee tewodros yeroo minilik galuu isaa dhagahu
ILma warqituu Liiban Amadetiifi oromoota wolloo namoota 29 dhagaa isaan gubbatti hidhuun gaara maqdala gubbaan gad darbee.
Warqituun yeroo dubbii tana dhageesuu humna
Qabdu hundaan lafaa ka'uudhaan waadalaa
Qaxaamuruun Magaalaa garaagaratti waraana
Ates tewodros barbadeesite.yeroo San Atse tewodros kaambii waraanaa ginbii ykn maqdala
Bakka beta korabttaa jedhamu maadheefachuun dhufaatii warqituu eegachaa jira....itti fufa...
Suuraa gaara maqdala iddoo kaambii waraana tewodros.
Friday at 17:55 · Public · in Timeline