ancient history of oromoo
2.17K subscribers
572 photos
7 videos
109 files
412 links
Download Telegram
Arsii

โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

Maqaan Arsii jedhu kun hedduu turaadha.qorataan seenaa kan warra arabaa sheikh Isaq Ahmed Alawi jaarraa 12ffaa keeyssa gaafa biyya Afrikaa tana daawwatu

Gosa Arsii jedhamtu naannoo laga ganaalee tanatti argee Akka ture kitaaba isaa gubbatti ibsee jira.( Madda : oromo and the Christian kingdom of Ethiopia).

Gara biraatiin kitaaboota gara garaa gubbatti maqaan gosa Arsii jedhu kun yeroo maqaa 'waraantisha' jedhuun hoggaa waamamu ni mul'ata.jachii waraantisha jedhu kun jacha warraanticha jedhu irraa fudhatame.warraanticha jachuun "the warrior"

Jachuudha.maqaan kun maqaa gaafa caffee tumaa bareeda kurkurtuu booda maqaa dhufe.

Akkuma beekamu ilmaan bareentoo jaarraa 15ffaa keeyssa iddoo saditii Akka caffee tumatan ni himama.issaaniis:- 1- caffee mormor

2-caffee bareeda kurkurtuu 3- caffee haroo Garjjaati.iddoon kun hundi lafa amma baalee jedhamtu naannoo Dallo tana keeyssa.

Ilmaan bareentoo gaafa caffee tumaa bareeda kurkurtuu San Akka Aadaa oromotichatii ilmaan bareentoo keeyssa Angafticha
Check out ancient history of oromo and oromia: https://t.me/etbisahusen
Guddittii Gadi'aa Falasaa giifttii Oromoo
----------------------------------------------------
Seenaan Guddittti dheeradha. Akkoo manoyyee kan jedhamtu ishiidha. Oromoon abbaa irree jedheet ishii waama. Habashaan Yoodiit Gudiiti abbaa iree wareertuu jedheet hamma yoonaa ishii abaara. Seenaan Adunyaa leenca Giiftii Afrikaa jedheet waama.
โ€ข
Gosinni ishii Azaboo dha. Azaboon Asaboo ykn Ashaboo irraa dhufe. Jaarraa 9 keessa uummataa ijaartee waraana qopheesitee mootummaa Aksuma waraatee barbadeesitee angoo qabatteet waggaa 40 kaaba Itophiyaa Habashaafii Oromoo bulchite. Eega ishiin duutee motummaan hiddaZ-aguwee angoo ishii dhaaleet waggaa 333 kaaba Itophiyaa Oromoofi Habashaa bulchaa ture. Maqaan Zaguwee Z-Agaw yknZ-Hagahu irraa dhufe. Hagahu jechuun "haagahu" jechudha. Hagahu gosa Oromooti. Hortee kushi jedhameet waamama.
โ€ข
Mootummaan Za-agwee waggaa 333 keessa nugusoota 11 qaba. Maggalli isaanii Rohaa jedhama. Roohaan "Eddeessaa"tti jijjirame. Habashaan "Adeefaa" jedha. Booda "laalibalaa" tti jijjiirame. Laalibalaa jechuun "balaa ilaali" jechudha. Zaguween Taabota baayee ijaareet amantaa orthodoxii babaldhisaa ture. Taabota Laalibalaa dhagaa tokko irraa soqisee kan ijaare nugusa Oromoo Laaliibaladha.
โ€ข
Abbaa amanttii orthodoxii Oromoo dha. Oromoon Nubiyaa ykn Tigraayiif Eertraa keesa jiraatatan kiristinna kan fudhatan waggaa 40-78 AD keessa bara Giifttiin Oromoo Gandakee Gorsamee Guddichaa biyya bulchaa turtedha . Taabota hangafa Itophiyaa Tesyoon Maariyaam kan ijaare Gorsameedha. Habashaan Oromoo booda bara Ezanaa waggaa 493 amanttii kiristaana fudhate. 300 keesa fudhatan inni jedhamu soba. Ragaa แ‰ แŠฅแ‰ตแ‹ฎแŒตแ‹ซ แ‹จแ‰ฐแ‹ฐแ‰ แ‰€ แŠ แ“แˆญแ‰ณแ‹ญแ‹ต แ‹ฐแˆซแˆฒ แ‰กแˆแ‰ถ แˆแ‰ แ‰บแˆฃ แŒˆแŒฝ 573- 77
โ€ข
Akka seenaan ragaan bahutti amanttiin kiristaana handhuuraa (heritage) Oromooti. Amaara kan jedhamu durii calqabee 80% Oromoo afaan geizi fii amaariffa dubbatudha. Afaan Amaraa Geizi keessaa bahe. Amaariffi jaarraa 9 keessa afaan Agawu jehameet waamama. Ragaa
โ€ข
"Early Amharic, known as Agaw, emerged arroumd the ninth century as language of the agaw people." Source: Encyclopedia of Africa History and culture page 14.
โ€ข
Oromoon Jaarraa 9 keessa siidaa akkoo manoyyee gubbaatti Amaariffan "แŠ แˆธแˆ˜ แŠ แ‹›แ‰ฆ"jedheet barreesseera ragaa siidaa asiin gadii ilaalaa. Amariffaa fii Geizi kan Oromoo ta'uu baraa. Uummanni Amaara jedhamu 80% Oromooha. Jaraa 12 duraa kaasee Agawu Amaara dabalatee Oromoo kibba Goojjamiif kibba Shawaa amantii Kiristaana barsiisaa ture. Ragaa
โ€ข
"The Zagwe dynasty power came from its large army. Which helped it spread CHRISTIANITY in the Southern region of Gojjam and Shoa populations that included of Amhara received Christianity instructions. "
โ€ข
Source: Encyclopedia of Africa History and culture page 248
โ€ข
Akkoo manoyyee ( Guddittiini) hidda Agawu gosa Azabooti. Ijollummaa ishiitii kaasee suuraan ishii kana fakkata.
โ€ข
#SHARE godhaa seenaa akkoo manoyyee uummataa barsiisaa siidaa ishii dakkatti ilaalaa.
Suuraa bara 1935 finfinnee. Waan hedduun bara xaliyaan biya qabatee ture san oromoof irra waya turee.
Check out ancient history of oromo and oromia: https://t.me/etbisahusen