Ergaa Barreeffamaa
25.1K subscribers
74 photos
4 videos
69 links
I letter,
Teach,
Guide,
Advise,
Motivate, and
Coach!
Milkaa'ina hawwinuu fi qabaachuu barbaannu gonfachuuf➛ ➛ gorsa jireenya! Wal jajjabeessuu!➛ Wal gargaaruu 😇Seenaa Beektota Addunyaa
😃Affeerraa Keessummaa Kabajaa
Download Telegram
“Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!”......jedhu hayyoonni.

1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha. Maatii sooressa yookiin hiyyeessa keessa dhalachuu dandeessa. Umamnikee adii yookiin gurraacha, dheeraa yookiin gabaabaa, bareedaa yookiin fokkisaa ta'uu mala. Eenyummaakee kana amanii fudhu. Namoonni tokko tokko eenyummaasanii simachuu yookiin fudhachuu hin barbaadanii jedhu hayyuun falaasamaafi xiinsammuu. Kanaaf eenyummaasanii waliin falmaa jiraatu. Eenyummaa ofii amananii fudhachuun ofitti amanamummaakee akka dabalu hin dagatin.

2) Inni biraan kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni. Ilmi namaa kaayyoo itti jiraatuuf qaba. Waan keessikee barbaadu, waan si gammachiisu qabaachuu dandeessa. ammaaf argachuu dhabuu dandeessa. Haata'u malee waan hawwitu sana argachuuf, bira gahuuf carraaquu qabda. Kaayyoo jireenyaafi sababa itti jiraattu wallaaluu hin qabdu jedhu hayyoonni.

3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu. Namni ofiin malee isa kaaniin dorgomuu hin qabu, Namoonni si caalaa qabeenya, beekumsa qabaachuu malu. Atimmoo waan namoonni kaan hin qabne qabaachuu dandeessa. Waan of harkaa qabdutti gammaduu, waan si hanqate argachuufimmoo hojjechuutu sirraa eegama. Yoo namaan dorgomte gammachuu argachuu hin dandeessu waan ta'eef.

4) Inni biraan ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu. Guyyaan har'aa gaariidha jettee yaaduu dandeenyaan gaarii ta'a. Hammeenya namaa ilaaluu dhiistee, gaarummaa namaa yaadda taanaanis akkuma kana. Waa hunda jallinaan yaadda yookiin ija hammeenyaan ilaalta taanaan/ Negative thinking / qabaannaan waa hundi akkuma ati yaadde ta'a. Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuu hin dandeessu.

5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn / ta'uunis gaariidha jedhu hayyoonni. Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama. Yerookee waan hin malleen dabrsuu hin qabdu. Guyyaa guyyaan waan haaraa baruuf yaalii cimaa ni taasifta taanaan jireenyakee fooyyessuufi guddisuu dandeessa.

6) Inni biraan qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ qabda jedhu hayyoonni. Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa. Qaroomina /wisdom/ qabda taanaan diinakee yookiin nama ilaalcha gaarii siif hin qabne, qajeelchuu, sirreessuufi amansiisuu dandeessa. Ittiin morkataa jiraachuurraa yaadasaa jijjiiruu dandeenyaan nagaan jiraachuu dandeessa. Qaroomina hin qabdu taanaan garuu waa hunda waliin morkataa jiraatta.

7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha jedhu hayyoonni. Dandeettii yookiin beekumsi addaa barumsa idilee/ Conventional/ irraa argamuu danda’a. Dandeettii miira ofii to'achuu /emotional intelligent/ qabaachuun barbaachisaadha. namoota kaan waliin hariiroo gaarii/ Cultural intelligent qabaachuunis akkuma kana.

8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektonni. Maatii firaafi hawaasa waliinis hariiroo gaarii qabaachuu qabda. Hin qabdu taanaan beekumsikee qofti bu'aa hin qabu. Namoonni beekumsa/ hubannoo/ saayinsawaa, amantaa fi aadaa qaban tokko tokko gocha hin malle wayita raawwataniifi jecha hin malle wayita dubbatan ni taajjabna. Namoonni kunneen hawaasaa waliin hariiroo gaarii hin qabani.

9) Namoota yakka hojjetanii, mana sirreessaa jiran ilaaluu dandeenya. Yeroo muraasaaf miira isaanii to'achuu dadhabaniitu harka gaabbiifi hidhaatti kufanii jiru. Kanaaf miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni.

@Ergaa_Barreeffamaa
10) Haala salphaan namatti qabamuufi aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni. Namoonni sababa garaa garaan si miidhuu, sitti darbuufi si arrabsuu danda'u. Haala salphaa ta'een dhimma sanatti qabamuun, gadduun, miira keessa galanii aaruufi of jeequun barbaachisaa miti. Namoonni si aarsan heddummaachuu danda'u, kanaafuu nama meeqatti aartee, gubattee dandeessa jedhu hayyoonni. Kanaafuu itti hin qabamiin, kolfii bira darbi.

11) Akka hayyoonni jedhanitti jireenya galateeffannaa qabu / Leading life with gratitude / jiraachuunis murteessaadha. Fayyaafi nageenya qabaannaan isaatti gammaddi, waan of harkaa qabdutti, ooltee buluukeetti galateeffadhu. gammadii jiraadhu jedhu. Waan si hanqatetti gaddaa, of dhiphisaa jiraachuurraa waan of harkaa qabdutti galateeffachaa jiraachuutu siif mala.

12) Jireenyakee keessatti waan gaarii /Going for the best/ barbaadi jedhu hayyoonni. Waaqa yoo kadhatu waanuma xiqqaa hin kadhatiin. Isa guddaa eenyuuf dhiista? Addunyaan kun waa hedduu of keessaa qabdi, fageessii yaadi, mul'ata fagoo, karoora hiixataa qabaadhu.

13) Jireenyakee keessatti yeroo eeggadhu /Understand the timing / jedhu hayyoonni. Dursuunis, boodatti hafuunis gaarii miti. Yeroodhumsaatti waa raawwachuun gaariidha. Waan hojjechuuf karoorsite tokko yeroonsaa ammaa? jedhiitii of gaafadhu, waa hundi ammuma raawwachuu qaba ejjennoo jedhu qabaachuunis gaarii miti jedhu hayyoonni.

14) Waan jijjiiruu yookiin sirreessuu hin dandeenye tokko ittiin hin falmiin, amanii fudhu/ accept what you can't change/ jedhu hayyoonni. Namoonni tokko tokko waan jijjiiruufi sirreessuu hin dandeenyeen waggaa dheeraa of dhiphisaa, gaddaa jiraatu. Waan dhabdetti, waan si harkaa ba'etti, waan deebi'ee hin argamnetti yeroo dheeraaf of dhiphisaa jiraachuun barbaachisaa miti. jijjiiruun akka hin danda'amne of amansiisanii jireenya ofii jiraachuun murteessaadha jedhu hayyoonni kunneen. Waan hin deebineef waan of harkaa dhaban dhabuun, fayyaafi nagaa of dhorkuun gaarii miti.

15) Iddoo itti loltu filadhu / Chose your wars/ jedhu hayyoonni. Jireenyakee keessatti, bakka hojiitti yookiin hawaasa waliin jiraattu keessatti yeroo hunda waldhabaa, walwaraanaa jiraachuu hin qabdu. Hanga yoomiitti namoota ittiin waldhabde waliin wal waraanaa jiraatta? Umuriikee guutuu waldhabaa jiraachuurraa mo'amiif jedhu hayyoonni. Kanaanis nagaafi gammachuu argatta. Namoonni yeroo hunda namaa biraa waliin waldhabaa, walwaraanaa oolani fayyaafi nageenya sammuu akka hin qabne hin dagatiin. Waan sin galchine keessa hin galiin. Yeroo hunda waan siin hin ilaallanne keessa galta taanaan nagaan jiraachuu hin dandeessu. Kanaaf waraanakee fildhu.

16) Dhiifama godhi, haaloo hin qabatiin/ Forgiving all and avoiding vengeance/jedhu hayyoonni. Haaloo qabdee jiraatta, dhiifama hin gootu taanaan carraa dhibeewwan garaa garaatiin qabamuu babal'ifataa akka jirtu hin dagatiin. Dhiphina cimaa keessa galtee umuriikee gabaabsaa akka jirtus. Haaloo qabatanii dhukubsataa jiraachuurraa, dhiifama godhanii nagaan jiraachuutu filatamaadha.

17) Jireenyi qormaataan waan guutamteef qormaata addaa addaa dandamadhu/ perserve in suffering /jiraadhu, gammachuufi boqonnaa qulqulluu/pure joy and rest/ filadhu, gammachuun argadha jettee araada garaa garaa hin fayyadamiin.

18) Miidhagina keessoof/ Value inner beauty / gatii olaanaa kenni, namoonni miidhagina keessoof osoo hin taane miidhagina alaa mul'atuuf maallaqa hedduu akka dhangalaasan hin dagatiin. Miidhaginni dhugaan keessoo namaa jira. Miidhaginni kunis naamusa gaarii qabaachuudha jedhu hayyoonni.

19) Nama hin tuffatiin, ofis hin tuuliin, amalaafi naamuusa gaarii qabaadhu, / being humble and not despising others/ nama kabaji, nama ifachuuf, xiqqeessuufi salphisuuf hin yaaliin. Jireenyakee keessatti naamusa gaarii/ being disciplined in life/ qabaadhu, namoonni milkaa'an harki caalaan naamusa gaarii akka qaban ragaaleen ni ibsu, kanaaf naamusaan jiraadhu.

@Ergaa_Barreeffamaa
20) Jireenyakee hunda naamusaan hooggani. Kennuufi fudhachuu/ Giving and receiving / bari, wanti si biratti gatii hin qabne isa kaaniin akkanni gammachiisu hubadhu, yammuu isa kaaniif hiixattu, waaqnis siif hiixata. Kanaaf kennuu, arjoomuu, nama dinqisiifachuu, jajjabeessuu, shaakali.

21) Keessookee dhaggeeffadhu, Follow your heart/ Nama kabajni maluuf kabaja kenni, /Give due honor /angafakee, maatiikee, dursaakeefi nama hunda kabaji, yeroo hunda waaqakee kadhu/ pray seriously / akka amantaakeetiitti yeroo hunda kadhadhu. Namoota waaqa hin kadhanne caalaa warri kadhatan jireenya gammachuufi milkaa'ina qabu akka jiraatan hin dagatiin.

22) seenaa gaarii hojjedhu,/ Make history leave legacy / biyya keetiif, maatii keetiif, dhaloota itti aanuuf seenaa hojjechuu yoo dadhabdellee dhalakeetiif seenaa gaarii kaa'i jedhu hayyoonni.

@Ergaa_Barreeffamaa
Dargaggeessa ta'uun gaariidha. Yoo yoo qarshii dhabde fayyaa qabda. Bifa yoo dhabde sammuu qabda. Beekumsa dhabdus of tuuluu ni qabaatta. Jaalala yoo qabaachuu baatte abdii ni qabaatta. Gammachuu yoo dhabde aarii qabda. Yoo dhiphinni sitti baay'ate warraaqsa jalqabda. Namni si beeku yoo jiraatellee dargaggeessa waan taateef seenaa salphaa ni qabaatta.

@Ergaa_Barreeffamaa
"Namoonni haasa'uutti waan amananiif yeroo calliftu hin beektu jedhanii kan yaadan baay'eedha.
Garuu, immoo waan dubbatan hin qaban. Ati garuu haasa'uutti hin amantu,waan haasa'uu barbaaddeef jiraadhu.Sana booda jireenyi ati callisa kee keessa jiraatte cabee ba'ee namoonni yeroo ati callistu siif haasa'u."

@Ergaa_Barreeffamaa
"Eenyu illee aaruu ni danda'a. Inni kun salphaa dha. Garuu nama sirriitti wanta sirriif hamma sirriin kaayyoo sirriif yeroo sirriitti karaa sirrii ta'een aaruun nama kamiifuu salphaa miti."
Aristotle

@Ergaa_Barreeffamaa
Maalummaa namaaf jettee
Kan kee hin dagatinii

Karoora namaatiif
At kee hin dhiisinii

Dura ufii uffadhu
Nama hin uffisinii
Erga uffattee kaatee
Garuu hin dagatinii

Dura ofiif ta'i
Mataa keef Abukaatoo
Dura yoo of ta'an
Namallee yaadatu

Ofii keef yeroo kenni
Taa'ii itii yaadi
Maali mul'anni kee
Qalbiidhaan barbaadi

Yeros ni milkoofta
Bakka yaadde geessa
Of taatee jiraatta
Nama hunda keessaa

Kuni ergaa kooti
Dhaamsa obbolummaa
Ramadaan mubaarak
Ummanni muslimaa

Ⓐⓑⓓⓤlaziz

🅙🅞🅘🅝 👇🌹

@Ergaa_Barreeffamaa
JECHOOTA MILKAA'INA 40:

1. "Milkaa'inni furtuu gammachuu miti. Gammachuun furtuu milkaa'inaati. Waan hojjettu yoo jaallatte milkaa'ina argatta."

2. "Milkaa'inni waan qabdu osoo hin taane, eenyu akka taate keessa jira."

3. "Milkaa'inni kan dhumaa miti, kufaatiin kan nama ajjeesu miti: Kan lakkaa'amu hamilee itti fufuudha."

4. "Milkaa'inni kufaatii dhabuu miti; kufaatii keessa darbuudha."

5. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti geessu osoo hin taane, waa'ee imalaati."

6. "Milkaa'inni maallaqaan osoo hin taane dhiibbaa ati namoota biroo irratti qabduun madaalama.

7. "Milkaa'inni nama hunda caalu ta'uu osoo hin taane, ofii kee isa hunda caalu ta'uudha.

8. "Milkaa'inni hammam akka galmaan ga'u osoo hin taane, akkamitti namoota biroo akka galmaan ga'an kakaastudha.

9. "Milkaa'inni carraa osoo hin taane hojii cimaa fi of kennuudha.

10. "Milkaa'inni harka rukutuu osoo hin taane, waan hunda kee akka kennite beekuun quufa.

11. "Milkaa'inni yeroo ati kufte osoo hin taane, yeroo ati deebitee kaatudha.

12. "Milkaa'inni mudaa kan hin qabne ta'uu osoo hin taane, mudaa kee hammachuudha.

13. "Milkaa'inni waan qabdu osoo hin taane, adeemsa keessa eenyu akka taatudha.

14. "Milkaa'inni guddina herrega baankii keetii osoo hin taane, guddina onnee keetii ti.

15. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti geessan osoo hin taane, barumsa karaa irratti argamudha.

16. "Milkaa'inni lola hunda injifachuu osoo hin taane, lola lolaaf malu filachuudha.

17. "Milkaa'inni waa'ee galata osoo hin taane, dhiibbaa ati namoota biroo irratti geessistudha.

18. "Milkaa'inni qabeenya ati kuufattu osoo hin taane, yaadannoo ati uumtudha.

19. "Milkaa'inni waa'ee mata duree osoo hin taane, dhiibbaa ati namoota biroo irratti qabdudha.

20. "Milkaa'inni baay'ina osoo hin taane, qulqullina hariiroo keessaniiti.

21. "Milkaa'inni waa'ee beekkamtii osoo hin taane, kaayyoo kee jiraachuu galmaan ga'uudha.

22. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti deemtu osoo hin taane, nama adeemsa keessa taatudha.

23. "Milkaa'inni waa'ee qabeenya qaamaa osoo hin taane, gatiiwwan hin qabamne ati jaallattudha.

24. "Milkaa'inni waa'ee mirkaneessuu alaa osoo hin taane, itti quufinsa keessooti.

25. "Milkaa'inni karaa gabaabaa osoo hin taane, waadaa yeroo dheeraa ti.

26. "Milkaa'inni dorgommii osoo hin taane, walta'iinsaati.

27. "Milkaa'inni baay'ina bu'aa ba'ii keetii osoo hin taane, qulqullina amala keetii ti.

28. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti deemtu osoo hin taane, guddina karaa irratti si mudatudha.

29. "Milkaa'inni guddina abjuu keetii osoo hin taane, kutannoo abjuu kee hordofuuf qabdudha.

30. "Milkaa'inni harka rukutuu osoo hin taane, waan hunda kee akka kennite beekuun raawwatamuudha.

31. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti geessu osoo hin taane, barumsa imala irraa argamudha.

32. "Milkaa'inni baay'ina hordoftootaa osoo hin taane, dhiibbaa ati jireenya isaanii irratti qabdudha.

33. "Milkaa'inni beekamtii argachuu osoo hin taane, jijjiirama akka fide beekuun quufa.

34. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti deemtu osoo hin taane, nama ati isa hordoftu taate.

35. "Milkaa'inni waa'ee qabeenya osoo hin taane, muuxannoowwan jireenya kee badhaadhessan.

36. "Milkaa'inni waa'ee mirkaneessuu alaa osoo hin taane, raawwii keessooti.

37. "Milkaa'inni karaa gabaabaa osoo hin taane, qormaata keessa darbuudha.

38. "Milkaa'inni waa'ee dorgommii osoo hin taane, tumsa guddummaatti nama geessudha.

39. "Milkaa'inni baay'ina bu'aa ba'ii osoo hin taane, qulqullina amala keetii ti.

40. "Milkaa'inni waa'ee bakka deemtu osoo hin taane, guddinaa fi jijjiirama ati keessa darbitudha.

Share & Join Us•                 
💧 @Ergaa_Barreeffamaa
“Humna Naamusaa: Akkaataa Of To'achuu fi Jabina Sammuu Fayyadamuun Kaayyoo Kee Galma Ga'uu Dandeessu" kan Daani'eel Waaltar barreesse milkaa'ina dhuunfaa fi ogummaa galmaan ga'uuf gahee murteessaa naamusni qabu cimsee ibsa. Walter yaad-rimee of to’achuu, jabina sammuu fi cimina qorachuudhaan dubbistootaaf tooftaalee gochaan hojjetamuu danda’an humna keessa isaaniitti fayyadamuu fi dandeettii isaanii guutuu akka ga’an ni kenna.

Kitaabicha irraa barumsawwan ijoo tokko tokko kunooti

1. Naamusni Furtuu Ga’umsa Ti: Walter naamusni garaagarummaa bu’uuraa warra milkaa’ee fi hin milkoofne gidduu jiru akka ta’e kaa’a. Innis shaakala galma yeroo dheeraa filachuudha, battalumatti gammaduu irra.

2. Of To’achuu Guddisuu: Of to’achuun maashaa yeroon darbaa deemuun cimuu danda’uudha. Walter dandeettii qorumsa ofirraa ittisuu fi kaayyoo bal’aa irratti xiyyeeffachuu isaa fooyyessuuf shaakala fi amala qabatamaa yaada dhiheessa.

3. Barbaachisummaa Hojii idilee: Hojii idilee hundeessuun naamusa ijaaruuf waan murteessaadha. Hojiin wal irraa hin cinne amala gaarii ofumaan akka hojjetu gargaara, kunis galma kee irratti cichuu fi humna sammuu murtoo gochuuf barbaachisu hir’isuun salphaa ta’a.

4. Galma Ifa Ta’e Kaa’uu: Humna naamusaa kan guddatu galma ifa ta’ee fi haala gaariin ibsametti yeroo qajeelfamuudha. Walter barbaachisummaa galma addaa, safaramuu danda’u, galma ga’uu danda’u, barbaachisaa fi yeroon murtaa’e (SMART) kaa’uun akka mala carraaqqii naamusa qabu kee itti xiyyeeffattutti cimsee ibsa.

5. Mijachuu dhabuu Hammachuu: Yeroo baay’ee guddinni kan argamu naannoo mijataa kee keessaa ba’uu irraati. Walter dubbistoonni miira namaa hin tolle akka mallattoo guddinaatti akka ilaalanii fi qormaata akka carraa naamusa isaanii cimsuuf dammaqinaan akka barbaadan jajjabeessa.

6. Gahee Jabina Sammuu: Jabina sammuu namoota dhuunfaa duubatti deebi’iinsa, kufaatii fi qormaata keessa darbanii akka itti fufan taasisa. Walter tooftaalee dandamachuu sammuu ijaaruuf gargaaran kan akka mul’achuu, ofumaan dubbachuu gaarii fi kufaatii darbe irraa barachuu qooddata.

7. Sammuu fi Of-beekuu: Sammuu fi of-beekuu ta’uun hundee sababoota naamusa dhabuu, kan akka miira kakaasan ykn amala gadhee hubachuuf gargaara. Walter shaakala sammuu akka meeshaa of-dammaqiinsaa fi to’annoo guddisuuf gargaarutti leellisa.

8. Bu’aa Naamusa Wal-xaxaa: Gochoonni xixiqqoo naamusa qaban, yeroo wal irraa hin cinne shaakalamanii yeroon darbaa deemuun bu’aa guddaa argamsiisu. Walter akkamitti bu’aan naamusaa wal-xaxaa ta’e carraaqqii xiqqaa gara bu’aa guddaatti jijjiiruu akka danda’u agarsiisa.

9. Sirna Itti Gaafatamummaa: Sirna itti gaafatamummaa uumuun, karaa gorsaa, garee hiriyaa, ykn waadaa ummataa, dandeettii nama tokkoo naamusa qabaachuu isaa haalaan guddisuu danda’a. Sirnoonni kun kaka’umsaa fi yaada alaa kan kennan yoo ta’u, naamusa keessoo cimsu.

10. Guddina Kabajuu: Kaka’umsa eeguuf guddina beekuu fi kabajuun barbaachisaa dha. Walter galmoota gurguddoo keessatti milkaa’ina kaa’uu fi milkaa’ina kana irra ga’uu irratti of wal’aanuun gorsa, kunis loop amala gaarii cimsa.

"The Power of Discipline" kan Daniel Walter barreesse qajeelfama bal'aa naamusa hubachuu fi jireenya ofii keessatti hojiirra oolchuuf gargaaru kenna. Dubbistoonni qajeeltoowwanii fi gochaalee kitaabicha keessatti ibsaman hammachuudhaan of to’achuu fi jabina sammuu kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf barbaachisu horachuu fi dandeettii isaanii guutuu dhugoomsuu danda’u.

Waan dubbisee irraa😍

Share & Join Us•                 
💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Forwarded from HOPE PROMO
» Fakkicha Hubannoodhaan Ilaali!
☁️              ☁️                       🛰
         ☁️              ☁️      ☁️             ☁️
                                    ☁️
☁️     ☁️ ☀️  
           ☁️             ✈️
☁️              ☁️☁️  ☁️
     ☁️           🚁      📡 ☁️
🏡🏬🏥🏡🏭.    🏨🏣🏦
                     / | \
     _🚂🚃  /   |   \ 🚩___
       👬🚦 /    |     \ 🚦🚶
        🌳   /      |        \  🌳
              /        |          \    🐐         🎡
     🌳  /  🚔   |  🚔     \ ⛽️       🏟
          /            |             \
  🌵 /      🚖   |  🚘          🚴
      /                |       🚔     \
    /         🚍    |                   \
  /                    |                    

» Konkolaataa diimaa fakkicha irra jiru tuqii garam akka deemu ilaali! Itti Gammadda! Hope Just «JOIN» Now!

Affeerraa Gaarii 🌄

+ Subscribers Free Promoter

🎆 𝑺𝒑𝒐𝒏𝒔𝒐𝒓𝒆𝒅 𝒃𝒚: 𝗛𝗢𝗣𝗘 𝗣𝗥𝗢𝗠𝗢
𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦
 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬/𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩s
@Oromoon_Oromoof_PostBot

Ads
   •
@hope_promo
Falaasfonni waa'ee Lukkuu daandii qaxxaamuru maal jedhan ...?

#Maarkis:- dirqama seena qabeessa waan taheef
#Maakiyaaveelee:- Lukkuuwwan biroo irratti sodaa uumuuf
#Niichee:- ol aantummaa isaa mirkaneessufi
#Saatra:- Lukkiichi daandii akka qaxxaamuruuf ajajameeti
#Boowvee :- maalumas tahu Lukkuu tahee hin dhalannee Lukkuummaa dhaale malee
#Saamu'eelkaant:-dhaabbachuu waan dadhabeefi
#Daarwiin:-Lukkuun tirannaa irra jiru sadarkaa daandii qaxxamuruu danda'u irra waan gaheefi
#Eepikuras:-bashananuu barbaadeti
#Kaant:-Seera safuun jiru eeguuf jedheeti
#Zeenoo:- Daandii qaxxamuru danda'u dhabuu isaa argisiisufi
#Kirkigaard:- Miira Lukkuu tahuu isaatif itti dhaga’amun abdii kuteeti
#Sheekispiir:-Gaafichi kana
#Istiwaartmiil:-Gammachuu dabaluufi
#Galiiliyyoo:- kanas ta’e sanas ta’e daandii qaxxaamuree
#Deekaart:-Qaxxamuru ni danda'a Kanaafuu ani jira
#Heegeel:- Dirqama Lukkummaa bahuufi
#Spiinoozaa:- Lukkichi bilisummaan qaxxaamuree jira;Garuu Maalif akka qaxxaamuree irraanfate
#Ruusoo:-Sababnisaas Lukkuun uummamaan gaariidha
#Paaskaal :-Sabanisaas lukkuun ulullee yaadudha
#Hiwuum:-Anaaf lukkuun Yaada nuura (imagination) Keessatti uumamuudha
#Koonfishiyees:-Wanta akka siif godhamu barbaaddu lukkuuf godhi
#Leebiniz:-Kabaja isaa argisiisuudhaaf
#Voolteerii:-Waldandayuu dhabuu hirdhisuufi
#Aristootil:-Sababnisaas Lukkuun beeylada siyaasaati
#Pilaatoo:-Gaarummaan maal akka ta’e hubachuufi

Share & Join Us•                 
💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Namoonni baayyeen "Ni maraatte" naan jedhu. Ani maraataa kanan jedhameef saanduqa isaan keessatti daangefamanii yaadan keessaa waanan baheefi dha.Kofoo isaanii keessa seenee waanan yaaduu dideef 'Maraataa' naan jedhu.

Akkuma jedhanis yoon maraadheen jira ta'e ejjannoo kootiin maraachuu kootiin nan boona.

Kumni maraatte waan naan jedheef ani hin maraadhu, fayyadha waan naan jedhaniifis maraatummaa koo hin dhiisu. Maaliif akkan jiraadhu naman adda baasee beekuudha ani. Waanan uumameef maraachuun koo anaaf fayyina.

@Ergaa_Barreeffamaa
Karaalee gahumsa ofii Guddisuu dandeenyu

Of-ga’oomsuuf wantoota keessaa fi alaa walitti makuu kan of keessaa qabu yoo ta’u, garuu mirkanaa’aadhaan hojjetamuu danda’a. Tooftaaleen ga'umsa kee ijaaruu fi cimsuuf si gargaaran tokko tokko kunooti:

1. Galmoota galma ga’uu danda’an kaa’uu

Galmoota xixiqqoo galma ga’uu danda’an irraa jalqabi, akkuma ofitti amanamummaa horattutti suuta suutaan rakkina isaa dabali.

2. Hojiiwwan tarkaanfiiwwan xixiqqootti cabsuu

Hojiin rakkisaan tokko yeroo si mudatu, tarkaanfiiwwan xixiqqoo fi toʼatamuu dandaʼanitti qoodi. Haalli kun hojiin sun akka sitti hin ulfaanne gochuu fi tarkaanfii tokkoon tokkoon yeroo xumurtu ofitti amanamummaa akka horattu si gargaaruu danda’a.

3. Milkaa’ina ijaan ilaali

Hojii sana milkaa’inaan xumurtee suuraa sammuu ofii keetii uumi. Kun waan ajaa’ibaa ykn gowwummaa ta’ee sitti dhaga’amuu danda’us, ijaan arguun ofitti amanamummaa fi qormaata kana fudhachuuf qophii ta’uu kee guddisuu danda’a. Akkuma Opraan jettu, “Wanta yaaduu dandeessu kamiyyuu, uumuu dandeessa.”

4. Fakkeenya gaarii ta’e barbaaduu

Namoota biroo bakka fooyya’uu barbaaddutti milkaa’an ilaaluu fi irraa baradhu. Namoonni kaan galma isaanii akka ga’an arguun si kakaasuu fi tooftaalee isaan itti fayyadaman irratti hubannoo gatii guddaa qabu kennuu danda’a.

5. Milkaa’ina darbe irratti xiinxali

Yeroo waan sana hojjette ni yaadattaa? Bu’aa ba’ii fi qormaata darbite of yaadachiisi. Yeroo haala rakkisaa keessatti milkoofte duubatti deebi’uun dandeettii kee irratti amantaa qabdu ni cimsa.

6. Ofirratti wantoota gaarii dubbachuu

Of shakkuu fi yaada gadhee haasa’uu, dubbii gaarii fi jajjabeessaan bakka buusi. Amantii of daangessu mormuun ibsa humna namaa kennu bakka buusi.

7. Kufaatii fudhachuu fi irraa barachuu

Duubatti deebi’uu fi kufaatiin adeemsa barumsaa keessatti qaama uumamaa akka ta’e hubadhu. Akka mallattoo gahumsa dhabuutti ilaaluu mannaa akka carraa barachuu fi fooyya’uutti ilaali.

8. Yaada ijaarsaa barbaaduu

Hiriyyoota amanamoo, gorsitoota ykn miiltoowwan hojii irraa yaada gaafadhu. Qeeqni ijaarsaa bakka fooyya’iinsa qabdu adda baasuu fi akkaataa fooyya’uu dandeessu irratti qajeelfama kennuu si gargaaruu danda’a.

9. Namoota deggeran of marsi

Namoota dhuunfaan deeggaran kanneen dandeettii kee jajjabeessanii fi itti amanan networkii ijaari. Deeggarsi hawaasummaa gaariin ofitti amanamummaa fi kaka’umsa kee guddisuu danda’a.

10. Balaa xixiqqoo fudhachuu

Hojiiwwan naannoo mijataa keetiin xiqqoo ala ta’aniin yoo qoramuu dandeessa. Balaa fi galmi adda adda ta’uu yaada keessa galchi. Rakkoowwan kana milkaaʼinaan yommuu adeemtu ofitti amanamummaan kee ni guddata.

11. Dandeettii dandamachuu shaakalu

Duubatti deebi’uu fi rakkina irraa duubatti deebi’uudhaan dandamachuu horadhu. Dandamuun of danda’uu wajjin walitti dhufeenya guddaa kan qabu yoo ta’u, yeroo rakkisaa keessatti dandeettii kee irratti amantaa akka qabaattu si gargaaruu danda’a.

Gahumsa ofii horachuun adeemsa itti fufiinsa qabu ta’uu yaadadhu. Obsi, karaa irrattis guddina kee kabaji. Carraaqqii wal irraa hin cinne fi yaada gaarii qabaachuun gahumsa ofii kee guddisuu fi cimsuu dandeessa, kunis jireenya kee keessatti kutaalee adda addaa irratti milkaa’ina guddaa argatta.

Share & Join Us•                 
💧 @Ergaa_Barreeffamaa
"Anummaan Diinadha"
Ego Is the Enemy:

1. Anummaan ("Ego") diina barachuuti. Yeroo anummaa keenya irratti garmalee xiyyeeffannu namoota biroo irraa barachuu hin dandeenyu.Anummaan akka waan hundumaa dursinee beekneetti akka yaadnu nu taasisa.

2. Anummaan diina kalaqaati. Yeroo waa'ee anummaa ofii keenyaa garmalee yaadnu yaada haaraadhaaf banaa hin taanu. Yaadni mataa keenyaa isa hundarra caalu jennee akka yaadnu nu taasisa.

3. Anummaan diina hojii gareeti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu namoota biroo wajjin akka gaariitti hojjechuu hin dandeenyu. Isaan waliin wal tumsuu dhiisnee isaan waliin dorgomuu irratti akka xiyyeeffannu nu taasisa.

4. Anummaan diina milkaa'inaati. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu kaayyoo keenya galmaan gahuu hin dandeenyu. Hojii mataa keenyaa irratti xiyyeeffachuu mannaa namoonni biroo waa'ee keenya irratti maal akka yaadan yaadda'uurratti xiyyeeffanna.

5. Anummaan diina gammachuuti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu gammachuu argachuu hin dandeenyu. Namoota biroo wajjin wal bira of qabuun ga'umsa akka waan hin qabneetti akka nutti dhaga'amu godha.

6. Anummaan diina hariirooti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu hariiroo fayyaalessa qabaachuu hin dandeenyu. Ofii keenyaaf dursa kennuu fi fedhii namoota biroo ilaaluu dhiisuu irratti garmalee qabamnee akka jiraannu godha.

7. Anummaan diina nagaa ti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu nagaa argachuu hin dandeenyu. Namoonni kaan maal akka nutti yaadaniifi namoota biroo biratti akkamitti akka nu ilaalan irratti garmalee yaaddofna.

8. Anummaan diina bilisummaati. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu bilisa ta'uu hin dandeenyu. Namoota biroof of mirkaneessuu akkasumas akka isaan nu irraa eeganitti jiraachuu akka qabnuutti garmalee nutti dhaga'ama.

9. Anummaan diina gara laafinaati. Yeroo garmalee anummaa ofii keenyaa irratti xiyyeeffannu namoota biroof gara laafina qabaachuu hin dandeenyu. Waa'ee ofii keenyaa fi rakkoo ofii keenyaa yaaduun garmalee qabamnee akka jiraannu nu taasisa.

10. Anummaan jireenya keessatti waan gaarii ta'e hundumaaf diinadha. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu, wantoota gaarii jireenya keessatti mul'atan argachuu hin dandeenyu. Waa'ee ofii keenyaa fi rakkoo ofii keenyaa yaadda'uudhaan garmalee qabamnee akka jiraannu nu taasisa.