Oromian inside
152 subscribers
72 photos
7 files
35 links
Oromian inside dhaamsaaf dhamsaga Oromiyaa Guutuu irraa naannoftee uummata bal'a Oromoo biraan gahu hal-duree xumuramee jira chaaneeli keenya Subscribe godhaa . !
Download Telegram
Good monday ❤️
#Cufamuu facebook, whatsappii fi instagram

Caamsaa 08/2013 ALH ykn Caamsaa 17/2021 galgala eegale Itoophiyaa keessatti tajaajila Fesbuukii, Instaagraamii fi Waatsaappi akka dhaabate hubatameera. Garuu mosaajii 'VPN' fayyadamuun hojjechaa jiru.

Dhaabbatni bilisummaa itti fayyadama Intarneetii hordofu 'Netblocks' Itoophiyaa keessatti Fesbuukii, Instaagiraama fi Waatsaappi akka hin hojjenne dhorkamu isaani (restricted) beeksiseera. Sababni isaas dhimma Lola Tigraay fi dheereeffamu guyyaa filannoo ilaalchisee qeeqa hawaasni idil addunyaa mootummaa Itoophiyaarra geessisaa jiruun akka walqabatuu malu ibseera.

"Confirmed: Network data show Facebook, WhatsApp and Instagram restricted in Ethiopia; incident comes amid renewed international condemnation over Tigray conflict and the postponement of elections."

Haata'u malee hanga ammaatti gama mootummaa Itoophiyaarraa waan ibsame hin jiru.

ViaAfricanSoftwareDevelopers
👉👉👉👉👉👉👉Odeeffannoo haaraaf @join_oromian_inside
Garaaf Miti Iyyi Koo!!

Sobaan nyaatanii buluu
ani hin beeku fakkeessaa
dhugaa sabaa walaloon
sodaa maleen barreessa

Sansakkaa WBO'n beeka
saba ofiitiif jiraachuu
WBO tu na barsiise
yaa'ii sobaa hin taa'u
daandii dhugaa dhiisee

Eenyummaa koo ganamaa
itti amaneen fudhadhe
kanaafin ofiin boona
odaa OROMOO tumadhee

Oromoo ta'een dhaladhe
oromoo ta'een du'aa
ani daldalaa miti
isa arggachuuf kaatu bu'aa

Lammummaan koo oromoodhaa
oromiyaa biyyi koo
bilisummaadhaf malee
garaaf miti iyyi koo

Dhaloota dhufu badhaasuuf
mirga ofii dhabne harra
of laannee haa hiriirru
waliin daandii WBOrra!!!!!
yadesa m gudina
join & share
Via dinnee_didaa
@oromia_inside
com.jrzheng.supervpnfree.apk
10.5 MB
➦ NAME: Super-vpn

🎯 Faaydaan appii kanaa;

Appin kuni websaayitoota/marsariitii gara garaa kanneen cufaman akka dalagan taasisa.
Facebook ta'ee kanneen biroos, Hedduu jaalattu saffisni isaas adda appilee free vpniwwan keessaa.

➦ Appichi kan gadii kana ⤵️

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━🌐SuperVPN Free VPN Client by SuperSoftTech

Version: 2.6.7(97)
✅️Updated: May 31, 2020
Size: 10.53MB
Android version: 4.4
Embasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu guyyaa boruu tajaajila hin kennu!

Waajira Haajaa Alaa Ameerikaatti Biiroon dhimmoota imalaa erga tiwiitaraa maxxanseen Embasiin Ameerikaa Finfinnee jiru guyyaa boruu Caamsaa 21, tajaajilaaf banaa akka hin taane beeksise.

Sababni isaa ammoo Embasiiwwan dhiyeenya Finfinnee jiran irratti mormii gaggeessuuf waamicha gama miidiyaa hawaasaan gaggeefamaa jiruudha jedheera.

Lola naannoo Tigraay keessatti gaggeefamuu eegaleen walqabatee mootummaan Ameerikaa mootummaa Itoophiyaarratti ''dhiibbaa'' gochaa jira.

Mootummaan Itoophiyaas dhimma keessoo irratti gidduu seentummaa qaama alaa akka hin simanneefi birmadummaan biyyaa akka kabajamu beeksisaa ture.

Tibba kana ''dhiibbaa'' mootummaan Ameerikaa Itoophiyaarraan gahu mormuun Embasii Ameerikaa Finfinneetti argamu fuula duratti Alaabaa Ameerikaa gubuu dabalatee, hiriirri mormii akka gaggeefamu waamichi dhiyaachaa ture.

(BBC)

@oromian_inside
Vacancy at Commercial Bank of Ethiopia [ For Fresh Graduate] graduation of 2019,2020,2021

1:- Management Trainee
Experience: 0 Year
Educational Qualification: M.A. Degree Economics or Management or Accounting or other business related fields .
📌ሰለ ሰራው ሙሉ መረጃ ለማየት ይህንን ሊንክ ይጠቀሙ👇👇
👉See Detail:- https://bit.ly/3hMOoQC

2:- Information System Trainee
Experience: 0 Year
Educational Qualification: B.Sc. Degree in Computer Science, Information Science, MIS, Electrical and Computer Engineering or Information Technology and related fields.
📌ሰለ ሰራው ሙሉ መረጃ ለማየት ይህንን ሊንክ ይጠቀሙ👇👇
👉See Detail:- https://bit.ly/3yyrSRa

3:- Information System Management Trainee
Experience: 0 Year
Educational Qualification: M.Sc. Degree in Computer Science, Information Science, MIS, Electrical and Computer Engineering or Information Technology and related fields . 👇👇
👉See Detail:- https://bit.ly/3fbA0Q2


Please Don't forget to share
Join us @oromian_inside
#MoSHE

Barattoonni haaraan hanga Caamsaa 30tti gara yuunvarsiitiiwwan ramadamanii akka galan ni taasifama jedhame


Barattoonni haaraan hanga Caamsaa 30, 2013tti gara yuunvarsiitiiwwan ramadamanii akka galan ni taasifamaa jechuun Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo beeksiseera.

Barattoonni qabxiin seensaa barnoota olaanoo guutaan hanga Caamsaa 30ttii gara yuunvarsiitiiwwan ramadamanii akka seenaan Ministirri Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urkatoon ibsaniiru.

ramaddii waliin walqabsiisee barattoota komii dhiyeessaan kuma 23 keessaa kumni 1 fi 800 kan ta’aan gaaffiin isaanii fudhatama argatee sirreeffamni ramaddii taasifamuu ibsaniiru. #Share
#Join_godhaa_oromian_inside
Hamma Nama jaallattu Sirriitti beekta,hamma namni si jaallatu beekuun garuu Ulfaataadha.
HUBADHU!

▬▬▬▬▬▬▬▬

➥ Nama waan gaarii siif yaadu hamtuu itti hin yaadin!
●️ Amala gadhee yoo namarratti Argite gorsuuf yaali malee hamachuuf (komachuuf) hin fiigin!
●️ Akkuma iccitiin kee faca'uu jibbitu Iccitii hiriyaan kee sitti himate/tte hin facaasin! Namni iccitiin isaa faca'uu jaallatu waan hin jirreef
●️ Nama tokko gammachiisuuf jettee Nama tokko hin boochisin namni boo'uu jaallatu waan hin jirreef.
●️ Gaarii hojjachuuf yaali malee hamtuu hojjachuuf ofin cinqin!
●️ Jaalalleen kee yoo rakkate/tte wajjin rakkadhu malee irraa hin fagaatin!
●️ Qabeeenya fedhe yoo qabaattes qabeenyaan hin boonin!
●️ Firaan booni malee firatti hin boonin!
●️ Akkumaa yaaddanitti dubbachuu mitii itti yaadanii dubbachuun ogummaadha!
●️ Oolmaan kee har'aa galma kee boruuf murteessaadha Hin dagatiin!
●️ Nama ilkaaniin sitti kolfu hunda hin Amanin!
●️ Gariin namaa yeroo ammaa harka mirgaatiin abaaboo siif keennaa harka bitaatiin albee sitti qarataa Ofeeggadhu!
●️ Boru jireenya gaarii jiraachuuf har'a waan gaarii raawwadhu!
●️ Hanga nama jaallattu beekta malee hanga namni sii jaallatu hin beektu. gonkumaa ebelu akka gaariitti na jaallata/tti hin jedhin!

👉 "ᴍɪʟᴋᴀᴀ'ɪɴᴀ ᴊɪʀᴇᴇɴʏᴀᴀғ" @oromianinside
➦ Share gochuudhaan obbolootaaf qoodaa!

#Share gochuun nutti makamaa
👇👇👇👇👇👇


➦ Вαккα ʝιʀтυттι нαмтυυи ѕιи нιи αʀgιи Gαммα¢нυυᴅнααи ʝιʀααᴅнυ!
➦ Galatoomaa!

@sumaafajoora

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@oromianinside
@oromianinside
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Wal-agarra
--------------
Nan geerara aariikoo kan na keessaa booba’uu
Yoo gaalee ta’ee malee supheen gaachana hin ta’uu
Leenca ta’ee dhaladheen kodholleemmoo ta’aaree
Namni bakakkaa beeku dibbee dhaanan na’aaree?
Mufii keetti na aaree, sesseerattu na aaree
Ijoollee biyya kootii, gugurraa mataan furaa
Eenyutu eenyuun haalee maali hirbuun gaafa duraa
Osoo birbirsi jiruu maaltu faarsa miciree, ani hin beeku…
Guddaan gaafa Afrikaa Oromookoo mitiiree
Oromiyaa mitiiree, sirna Gadaa mitiiree, Oromummaa mitiiree???
Gadaa fi dhugaadha kallachi keenya
Jifuu fi safuudhaa kabjni keenyaa
Gadaa malee, hin faarsinu gadoo
Lubaan bulla, hin qabnu madoo
Nan gala hin jedhu namni osoo hin geenye
Fala hin argatuu namni faloo hin beekne
Na nyaartullee, hin nahu gonkaa
Dhugaa irraa, maaltu na dhorkaa?
Eessatti kufee namni dhugaaf guulee
Galgala hin toluu namni sobaaf duulee
---------------------
Egaan egaa kudhan obsee,
Kudhan dhoksee, kudhan inuman gorse
Hima dinnaanin fuguugitti dabse
Obsii daangaa darbu qabaa
Harki bokkuu qabe, bodees inuma qaba
Natu si baataa, situ of dadhabaa
Obsuu fi dhoksuu koo dabuma seetee?
Ni beekti garaan koos akka na gootee
Sibiilallee sibiilatu qaraa
Dhugaan namaas galgala galaa
Hadhaaba cabsaa ilmi karaa beekuu
Haqatti hin gafuu namni haqii beekuu
Sangaan usnaan iyyitee qacceen
Beekaa riphnaan dhaadatti dawween
Eenyuta na’aaf bubbutta nyaaraa?
Keessi hin mul’atuu beeki garaan dhiiraa
Maaf na nyaaraa, na hin nyaaru kanarraa
Maalan aaraa sichi hin aaru kanarraa
Maalan boo’aa hin boo’u kanarraa
Yoo jiraanne birraa wal agarraa
Yoo jabaannee, birraa wal-agarra
Yoo tokkoomnee, birraa wal-agarraa
Wal-agarraa(x4)
----------------------
Yajoollee(x2) kan jenne hin oollee
Yajoollee(x2) ammas na foolee
Gadaa malee hin faarsinu gadoo
Lubaan bulla hin qabnu madoo
Nan gala hin jedhuu namni osoo hin geenyee
Fala hin argatuu namni faloo hin beeknee
Na nyaartullee, hin na’u gonkaa
Dhugaa irraa maaltu na dhorkaa?
Eessatti kufee namni dhugaaf guule?
Galgala hin toluu namni sobaaf duule
---------------------------
Dhugaan qaxxisa tirattii
Akka arge hin deemtuu karaadha filattii
Gaafa ol-baatuu tulluudhaan mul’attii
Gowwaan oseen karra cufaa
Namni kufuu hawwe teessumatti kufaa
Gara kuteessatti dukkanni ni ifaa
Obsuu fi dhoksuu koo dabuma seetee?
Ni beekti garaan koos akka na gootee
Sibiilallee sibiilatu qaraa
Dhugaan namaa galgala galaa
Hadhaaba cabsaa ilmii karaa beekuu
Haqatti hin gafuu namni haqii beekuu
Sangaan usnaan iyyite qacceen
Beekaa riphnaan dhaadatti dawween
Eenyutu na’aaf bubbutta nyaaraa
Keessi hin mul’atuu beeki garaan dhiiraa
Gaafa dhiiraa lubbuun haa dabartuu
Eessa abbaashii silas du’a hin haftuu
Gaafa giitii lubbuun haa dabartuu
Eega Haacaaluu lubbuun na hin marartuu
Eega dhiiraa lubbuun na hin marartuu
Gaafa giitii lubbuun haa dabartuu
Gaafa gootaa lubbuun nah in marartuu
Gaaf dhugaatiif lubbuun haa dabartuu
Wal-agarraa(x4)
Wal-agarrees jirra, wal arguuf jirra!
Linki (hidhaa) kana bana https://youtu.be/dAT8rVzbpBw
commercial bank of ethiopia Vacance
Position: bank trainee
Graduaton of 2019,2020,2021
Nama hedduu barbaada share waliif godha warreen galmaahu barbaadan ammo keessaan nu qunnama telegram
@Sumaafan_joora

JOB REQUIREMENT
Required Educational Qualification and Work Experience: B.A.
Degree in Economics or Management or Accounting or other
business related fields with zero year of experience.
CGPA:2.5 and above
Year of Graduation: Only 2019/20/21 graduates
Age: 35 and Below
Place of work: All Districts and Branches
HOW TO APPLY
Note: Interested and qualified applicants should apply through
CBE career website https://jobs.cbe.com.et:4453/OA_HTML/
IrcVisitor.jsp and please attach Degree document, curriculum
vitae, 8th grade certificate, cost sharing document or Student
Copy and other credentials within ten consecutive working days
from the date of this announcement. However, the Bank has full
right to cancel or take any other alternative in this regard.
All documents should be scanned in pdf or docx formats only
and the size of each document should be less than 2MB.
Please do not forget to apply after your registration and a
detailed guide on how to apply is available on our Bank public
website’s (www.combanketh.et) vacancy section.
Channel photo updated
HIRIYYAA DHUGAA
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Dargaggeessa abbaan isaa isa qofa qabuu fi baay'ee wal jaallatan tokkotu ture. Abbaan isaa yeroo hundumaa fakkeenyaan waa isa barsiisa ture. Dargaggeesichis hojii isaatti nama milka'aa fi ko'ommataa ture.

Osoma hojiin isa mudduu bar tokko akka fuudhuu barbaadu abbaa isaatti himate. Abbaan isaas baay'ee gammade. Dargaggeessichis michuu baay'ee jaallatu akka qabuu fi yeroo murtaa'een boodas haadha manaa isaa godhachuu akka qabu itti himate. Yaaddoon isaa garuu waan tokko ture. Innis, yeroo waan hin qabneef akkamiin akka qophii cidha isaa sana xumurratuu dha. Yaaddoo isaas abbaa isaa isa ogeessatti himate.

■ Abbaan isaas waan hundumaa salphaatti akka isaaf xumuruu fi yeroo hundumaa akka isaa wajjin jiru itti hime. Dargaggeessichis baay'ee gammade. Dhuma irrattis guyyaa cidha isaatii sana hiriyyoota isaa akka isaan irraa hafan hin barbaannee fi baay'ee jaallatu akka qabu abbaa isaatti himate. Akka abbaan isaa isaan waamuufis maqaa fi lakkoofsa bilbilaa isaanii toora galchee kan namoota shantamaa itti kenne.

■ Qopheen hundumtuu dhumee guyyaan cidha isaas ga'e. Hiriyyoota isaa waliin seenaa dheeraa qaban, wajjin nyaatanii wajjin dhugan, karaa dheeraa waliin deemanii fi gatii baay'ee waliif baasaa turan, warra waadaa baay'ee waliif seenuun irbuu qaban eeguun ittuma fufe. Namni galma guddaa cidhaaf qophaa'e keessatti argame garuu namoota shantama keessaa kudha saddet qofa turan. Dargaggeessichis abbaa isaa bira deemee, "Abbaa koo hiriyyoota koo naaf waamteetta? jedheen. Abbaan isaas, "Eeyyeen ilma koo siif waameera" jedheen. Gurbaanis, "Ani akka ati isaan waamtuuf maqaa fi bilbila hiriyyoota koo shantamaan sitti kenne. Kan dhufe garuu nama kudha saddeet qofa. Akkamitti hiriyyoonni koo waamamanii cidha koo irraa hafuu?" jedheen.

■ Abbaan isaas, "Ani nama shantaman siif waame. Kanan isaan waame garuu cidhatu jira jedhee osoo hin taane, rakkoo hamaa keessa seenee jira. Isiniin ala nama waammatu akka hin qabne natti himate. Rakkoo hamaa isa mudate kana keessatti immoo gargaarsa keessan barbaadaa qaqabadhaa jedheetan waamee. Kanaaf hiriyyoonni kee warri dhugaan warra rakkina kee keessatti si qaqabachuu dhufe kanadha waan ta'eef hundumti isaanii as jiru. Warra kaan immoo ati bilbiliifii cidhan qaba, nyaataa fi dhugaatiin qopheessee jira. Kanaaf kottaa waliin nyaannee dhugnee gammannaa jedhiiti waami ni dhufuu!" jedhee deebiseef!

➨ Obboloota koo nuti bara jiraannu hundumaa keessatti hiriyyoota baay'ee horanneerra. Daa'imummaatti warra wajjin taphanne, Mana barumsaa sadarkaa gadiitti kan wajjin baranne, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti kan wajjin wal barre, qophaa'insatti kan wajjiniin waan baay'ee keessa darbine, kolleejjiitti kan wajjin karaa dheeraa deemnee rakkoof dhiphuu baay'ee dhandhamne, kan wajjin daldallee fi wajjin waajjira tokko keessa hojjenne danuu qabna.

➨ Baay'een isaanii nu dhiisanii sokkaniiru. Baay'een isaanii nu irraanfataniiru. Isaan kaan kan wajjin kolfinu. Isaan kaan immoo kan wajjin nyaannee dhugnu turan. Amma ammaatti kan nu wajjin jiran, rakkannee waamnee nu cinaatti argamuu kan danda'an warra nuti hiriyyaadha jennee horanne sana hundumaa miti.

➢ Hiriyyaa dhugaan yoo jiraate kan guyyaa gammachuu qofa osoo hin taane kan guyyaa gaddaatis.
➢ Kan guyyaa bal'inaa qofa osoo hin taane kan guyyaa rakkinaatis.
➢ Kan guyyaa dhabuu fi argachuuti.
➢ Eeyyeen, hiriyyaa dhugaan kan yeroo hundumaa ti. Waaqayyo kuma afeerraa keenya dhufee rakkoo keenya baqatu irra, tokkicha yeroo hundumaa nuuf argamu nuuf haa kennu. Waaqayyo ofii isaatii abbaa amanamaa isa yeroo hundumaa nuuf argamu waan ta'eef, hiriyyaa nuuf argamuu danda'us ofii isaatii nuuf haa kennu! Ameen!

Gatiin Namaa Guddaadha!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

:¨·.·¨:
 `·.sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​

@hiriyyaaa

@hiriyyaaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
HAMAAF JETTEE GAARUMMAA KEE HIN GATIN!
▬▬▬▬▬▬▬
➱ Namicha karaa irra deemaa ture tokkotu bofti summaa'aa ta'e tokko otoo abiddaan gubatuu argee abiddicha keessaa baasuuf murteesse. Abidda keessaa baasuuf yeroo ol kaasu bofichi harka isaa hidde. Namichi naasuudhaan boficha ofirraa darbate. Bofichis deebi'ee abiddicha keessatti kufe.

➱ Namichis irra deebi'ee ulee lama fayyadamee abiddicha keessaa isa baase. Kanumaan jireenyi bofichaas ni oole.
..
➲ Namichi waan namni sun godhaa ture dhaabbatee ilaalaa ture tokko gara nama kanaatti dhiyaatee
"Bofti kun summii isaatiin si hiddee osoo jiruu deebitee isa oolchuuf kan ati yaaltu maaliifi?" Jedhee gaafate.

➲ Namichis "amalli Bofichaa hidduudha; kankoo immoo oolchuudha. Lamaan keenyayyu waan qabnudha kan calaqqisiisne. Amalasaa hamaaf jedhee amala koo isa gaarii jijjiiruun anarra hin jiraatu" jedhee deebiseef.

❏ Walumaagalatti wanta hamaa hamaadhaan deebisuun nurra hin jiraatu faalla isaa hamaa gaarummaadhaan moo'uudha malee. Macaafni Qulqulluun kan jedhus isuma kanadha.

➘ “Waan gaariidhaan isa hamaa mo'i malee, hamaan si hin mo'in!”
— Rom. 12:21

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@oromina_inside
@Gaggeessummaa

🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Ni Caalta

~
Nagaa na dhoowwite
Yaadni kiyya suma
Nama namaa olii
ni caalta hundumaa
~
Simalee jiruun koo
dukkana hamaadha
Gadadoo jireenyaa
an siinan badhaadha
~
Kumni tarree galee
dhaabbatus dacheerra
Tokkollee sin ga'u
ni caalta hundarra
~
Ifa yoon si argu
guyyaan kiyya guutuu
Har'a boruu dhiiftee
daftee maaf nan fuutu?
~
Koottu naaf dammakoo
nadhii damma birraa
Faayaan onnee kootii
onnee keerra jira
~
@Share_join_oromian_inside
By Hadhaa Wabiii
⁃ GAA'ELLI namatti bannaan
Gahaannam xiqqoodha;
⁃ Namaaf taanaan immoo Jannata xiqqaadha!


Yeroo hundumaa gaa'ela keenyaaf yeroon ganamaa fi galgala kadhadhu haadha manaa akkasii naaf kennuu Waaqayyoof nan galateeffadha!

Guyyaatti Waaqayyoon yeroo 10 galata kee yoon jedhe, Haadha manaa kootiin immoo
yeroo 1 nan jedha!
➨ Haadha manaa gaa'ela isheef wanta kamiyyuu
caalaa eeggannoo gootu!
➨ Haadha manaa ilaalcha qajeelaa qabdu!
➨ Haadha manaa utuu arrabni koo hin dubbatin miira koo naaf beektu fi keessa koo
dhaggeeffattu!
➨ Haadha manaa hubattuu, beektuu, gorsituu, obsituu, mi'aa jireenyaa fi cimina
dubartootaa kanan irraa bare! Naaf jiraadhu = Haadha koo, haadha manaa koo, haadhoo koo fi hiriyaa koo! Yeroo qaamaan na bira jirtus yeroo narraa fagoo jirtus ati ana keessaa fi baay'ee natti maxxantee waan jirtuuf guyyoonni koo fi halkan koo
gammachiisoodha!
Naaf Jiraadhu!

➨ Waaqayyoo gaditti kan nama gammachiisu gaa'ela Ofiiti!

Madda: Kanan dubbiserraa


Via Gaggeessummaa
@Join_us_Oromian_inside
Qoricha | Abbaa Manaa Ishee Ajjeese ‼️

━━━━❍✰ ✰❍━━━

👉 Guyyaa tokko intalli tokko gaa'ela ishee irraa abdii kutattee abbaa manaa ishee ajjeesuu barbaaddee halkan utuu yaadduu bultee barii isaa akkamitti akka namni tokko utuu ishee irratti hin beekin ajjeesuu dandeessu fala barbaacha gara harmee ishee deemte, harmee ishee bira deemtee marii jalqabde, haati ishees "Utuu namni tokko sirratti hin beekin karaa itti ajjeesuu dandeessu sittan hima garuu atis dursa wanta gochuu qabdutu jira..."


👉 1ffaa: Jalqaba abbaa manaa kee waliin araaramuu qabda. Sababni isaas otuu dubbiin isin gidduu hin jiraatin yoo du'e namni situ ajjeese jedhee si shakka.

👉 2ffaa: Of qulqulleessitee abbaa manaa keetti miidhagduu bareedduu taatee argamuu qabda.

👉 3ffaa: Kunuunsa gaarii godhiifi; kabaja kenniif waan ati isatti yaadde akka si hin shakkineef.

👉 4ffaa: Obsiitii taa'i! Jaalala kenni! Hinaaffaa/waanyoo kee hir'isi! Waan inni dubbatu gurra kenniifi dhaggeeffadhu!

👉 5ffaa: Maallaqa si harka jiru hundumaa utuu hin hambisin, isa gammachiisuuf godhi!

👉 6ffaa: Eenyumtuu ajjeeste jedhee akka hin yaadne sagaleen mormisiisu hin dhaga'amin! Jechi nagaa fi jaalalaa qofti afaan kee keessaa haa ba'u hamma ajjeestu qofatti.

Qabxiiwwan 6n kana hojiirra oolchi jettee haati intala ishee kana gorsite.
🙏 Intallis "rakkoo hin qabu harmee isa akkan itti ajjeesuu
danda'u qofa haa ta'u malee" jette intalli.
🙏 Haatis "yoo akkas ta'e maal akka gochuu dandeessu sittan hima sirriitti na dhaggeeffadhu!" jette haati.
🙏 Intallis sirriti hordofuu eegalte.
🙏Haati "summii kana nyaata isaa keessa guyyaa guyyaadhan xixiqqeessi kaa'i! suuta suutan dadhabsiisee ajjeesa" jettee haati summii kana intala isheef kennite.

🙏 Intallis gammadaa summii kana fudhattee gara mana isheetti qajeelte akkuma haati ishee gorsitetti qabxiiwwan 6n kana hojjechaa summicha nyaatatti makuun abbaa manaa isheef kennuu jalqabde baatii booda boo'aa gara haadha ishee dhuftee,...

👎👎👎👎🙌 "Harmee amma abbaa
manaa koo ajjeesuu hin fedhu baay'ee jijjiiramee jira anillee jaalalli isaaf qabu guyyuma guyyaan dabalamaa dhufe maaloo harmee koo summiin suni akka inni abbaa manaa koo na duraa hin ajjeefne maal
gochuun qaba....?

👏 Isa malee jiraachuu hin danda'u" jettee intalli kun boo'uu itti fufte haatis:

👏Mucaa koo hin boo'in kan ani siif kenne summii miti sukkaara tumamaa dha garuu summiin qabxiiwwan 6n ani siif kenne sanadha isatu suuta suuta abbaa manaa kee ajjeese.

🤝Agartee mitii jaalalaa fi kunuunsa yeroo ati kennituufi akkamitti akka inni nama gaarii ta'e. Kanaaf intala koo kana irraa baradhuuti haadha manaa gaarii ta'iifi" jettee haati intala isheef dhaamte!!!
Waan Guddaa Akka Irraa Barattan Abdii Guddaan Qaba
Waliif Qoodaa

👉👉👉 Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

@Share
@share
@join_oromian_inside