Hinaaffaan gosa lamatu jira.
1. Guddinaaf waldorgomuuf kan taasifamuu fi
2. Guddina walii jibbuu yookiin dhimma dhabuu kan argisiisudha.
➲ Hinaaffaan guddinaaf waldorgomuuf taasifamu namni tokko yookiin hiriyaan kee yoo guddate anis guddachuun qaba jettee xiiqiidhaan, dandeettii mataa keetti amanuu ka’uu fi milkaa’insaaf tattaaffachuudha.
➲ Barruu kana keessatti bal’inaan kan waliin ilaallu garuu hinaaffaa guddinaaf waldorgomuuf tattaaffatan utuu hin ta’in gufuu guddina namoota baay’ee kan ta’ee fi gaarii fakkaatee namoota bebbeekamoo, dandeettii ajaa’ibaa qaban baay’ee cabsee golatti kan deebise hinaaffaa guddina walii jibbuu ti.
Hinaaffaa gosa kanaa namoonni jaalatanii kan walirratti taasisan utuu hin ta’in, jaalala waliif dhabuu irraa kan ka’e, yookiin fedha addaa ofiif qofa qaban (ofittummaa) irraa ka’uu dhaan kan taasisanii dha.
Akka dubbii sagalee Waaqayyoottis akka seera biyya lafaattis hinaaffaan guddina walii jibbuu kuni waan ta’uu hin qabnedha.
Waa’een hinaaffaa yommuu ka’u jalqaba irratti gara sammuu namoota baay’eetti kan dhufu irra caalaan yommuu inni tokko hojii tokko hojjechuun itti milkaa’uu eegalu, inni biraanis hojiidhuma walfakkaataa sanaan milkaa’ina argachuu yeroo barbaaduu fi baay’inaan kutaa biyya keenyaa keessatti kan mul’atu akka ta’e qofaatti yaadama.
Hinaaffaan garuu yaadolee hammeenyaa adda addaatiin kan walqabatee fi gocha jal’inaa namoonni baay’een utuu hin hubatin ittiin sakaalamanii milkaa’ina irraa duubatti hafanii dha.
❏ Qabxiilee Gurguddoo Hinaaffaan Walqabatan
1. Hinaaffaan dhortuu beekumsaa ti: Beekumsa qabduun akka hin hojjenne yookiin itti hin fayyadamne gochuu danda’a.
2. Hinaaffaan nama xiqqeessa: Hinaaffaan namoota daandii guddinaa irra jiran sakaala. Bakka hinaaffaan jirutti guddina siif malu guddachuu hin dandeessu. Waan haaraa kalaquufis humna dhabda. Sababni isaa lafa hinaaffaanii fi ofittummaan jiru, hammacamni, wanti hamaan hundinuus jira.
3. Nagaa fi boqonnaa nama dhoowwa: Sammuun namaa nagaa, boqonnaa fi gammachuu yoo qabaate malee kaka'uumsa qajeelaa ta'een kalaqa addaa uumuuf ni rakkata. Hammacamnii fi yaadni hamaan xinsammuun namaa guddinaaf akka of hin kakaafne taasisa.

❤5🏆2👍1
✅Of dhaga’ee deemumoo nama ilaalee deemu ⁉️
❇️ Akka qorannoon jedhutti, namoonni hedduun nama ilaalanii deemu. Kun uumamuma dhala namaati. Keessumaa haala wallaalchisaa ta’e keessatti, namoonni of ilaalanii murteessuu irra, nama ilaalanii murteessuu filatu. Kunis, daandii namoonni hedduun filatan sirriidha jedhanii waan yaadaniif.
👗Faashina hordofuu irraa eegalee hanga miidiyaalee hawaasaa hordofuutti, wantoota namoonni hedduun filatan filachuun nagaa namaaf kenna. Sababisaas, dandiin namootini hedduun irra adeeman balaa dhabeessa nutti fakkaata.
💟 Walumaa galatti, murteewwan akkanaa yeroo tokko tokko rakkoo keessa nu buusuullee ni malu. Haa ta’u iyyuu malee, yeroo hunda namoota hordofuu qofa osoo hin taane, waan goonu tokko maaliif akka goonu ilaaluun haala qabatamaa ofii keenya ilaaluun baayyee barbaachisa. Namumti harka rukkuteef harka rukkutuun dura, maaliif akka rukkutuu qabnuuf rukkutuu hin qabne itti yaaduun gaariidha!
@Durseenaa

❤2👍1🏆1
Barataan qabxii A galmeesse
maaliif kan C galmeesseef hojjata?
Kitaabni Roobart Kiyosaki "Why 'A' Students Work for 'C' Students" jedhu sirna barnootaa fi milkaa'ina maallaqaa irratti hubannoo gatii guddaa qabu kenna. Kitaabicha irraa barnoota 10, Afaan Ingiliffaa salphaan dhiyaate kunooti:
1. Mudaa Sirna Barnootaa: Kitaabni kun sirni barnootaa yeroo hunda gosoota sammuu fi dandeettii adda addaa beekuu ykn guddisuu dhiisuu akka danda’u akeeka. Yeroo baay’ee barnoonni aadaa ogummaawwan qabatamaa jireenya dhugaa keessatti barbaachisoo ta’an akka tuffatu agarsiisa.
2. Qabxiin Milkaa'ina Hin Ibsu: Kiyosaki 'A' qajeelaa argachuun jireenya keessatti milkaa'inaaf wabii akka hin taane falma. Milkaa’inni yeroo baay’ee muuxannoo harkaa fi beekumsa qabatamaa irraa kan argamu yoo ta’u, keessumaa waa’ee faayinaansii yoo ilaalle.
3. Dubbisuu fi Barreessuu Faayinaansii Furtuudha: Barumsawwan barbaachisoo ta’an keessaa tokko barbaachisummaa barnoota faayinaansii ti. Akkaataa maallaqni itti hojjetu, akkaataa invastimantii fi akkaataa faayinaansii itti bulchan hubachuun beekumsa barnootaa qofa qabaachuu caalaa qabeenya guddaa argamsiisuu danda’a.
4. Balaa Fudhachuun Carraa Nama: Kitaabni kun barattoonni 'C' yeroo baayyee balaa fudhachuuf fedhii guddaa akka qaban kan ibsu yoo ta'u, kunis hojii abbootii qabeenyaatif murteessaadha. Balaa shallagame fudhachuun badhaasa guddaa argamsiisuu danda’a.
5. Uumuun Walsimsiisaa Irra: Barattoonni 'C' saanduqaan ala yaaduu fi haala jiru mormuu kan barbaadan yoo ta'u, barattoonni 'A' ammoo seera garmalee hordofuu danda'u. Yeroo baayyee kalaqni yaada kalaqaa yeroo hunda sarara keessa hin galle barbaada.
6. Dandeettii Hooggansaa Dhimma: Hoggansi qabxii barnootaa miti; waa'ee dandeettii namootaa fi dandeettii namoota biroo kakaasuu fi qajeelchuuti. Barattoonni 'C' yeroo baayyee gama kanaan caalmaa qabu.
7. Dogoggora Irraa Barachuu: Kiyosakin kufaatiin qaama barumsaa akka ta’e cimsee ibsa. Barattoonni 'C' kufaatii fi dogoggora isaanii irraa barachuu hin sodaatan, kunis guddinaa fi milkaa'uuf qaama gatii guddaa qabuudha.
8. Gatii Galii Irra Argamu Hubachuu: Kitaabni kun gatii maallaqaa fi akkaataa inni siif hojjetu beekuun hangam akka argattu caalaa murteessaa akka ta’e barsiisa.
9. Hafuura Abbootii Qabeenyaa: Barattoonni 'C' yeroo baayyee yaada abbootii qabeenyaa kan qaban yoo ta'u, hojii barbaaduu qofa osoo hin taane carraa qabeenya uumuu fi ijaaruu barbaadu.
10. Madaqfamuu danda’uun Barbaachisaa dha: Addunyaa saffisaan jijjiiramaa jiru keessatti, dandeettii haaraa barachuuf kan madaqfamuu fi qophaa’uu ta’uun yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa dha. Barattoonni 'C' yeroo baayyee haalawwanii fi qormaata haaraa wajjin walsimsiisuuf dandeettii guddaa agarsiisu.
Barumsi kunniin milkaa’inni jireenyaa bu’aa barnootaa qofaan osoo hin taane dandeettii qabatamaa, dandeettii maallaqaa, kalaqaa fi muuxannoo irraa barachuuf fedhii qabaachuudhaan kan murtaa’u ta’uu isaati. Kitaabni Kiyosaki dubbistoonni qabxii bira darbanii akka ilaalanii fi dandeettiiwwan bal’aa jireenyaa fi milkaa’ina maallaqaa guddisuu irratti akka xiyyeeffatan jajjabeessa. Via Kitaaba Robert Kiyosaki irraa
https://t.me/Durseenaa

🌍Qarshiin ani qabu naga’aa laata jechuun soda nama maraati.
Qorannoon akka mullisutti sooressis ta’e iyyeessi waa’ee qarshii isaanii nicinqamu🤦.
Qarshiin isaan qaban baroota fuuldura isaaniitti hafaniif kan isaan ga’u ta’uu beekuunis gaaffii isaan irraa deddeebiinii of gaafataniidha.🧏
🌍Sodaan kun ammoo hawwaasummaafi diinagdeen kan daangeffame osoo hintaane addunyaa kana irratti bakka marattuu rakkoo laga ce’ee mul'atuudha.
Siruma, namootni nuti qarshii ga’aa qabu jennee yaannu illee, qabeenyi koo akkasumatti itti fufaa laata? yeroo jedhan kanneen qarshii ga’aa hin qabne immoo qarshii ani qabu tarii naga’uu dhiisuu danda’innaa jedhanii yaadda’u🙆
🤝Walumaa galatti sodaaleen akkanaa kun fedhii dhalli namaa fuldura isaa harka keessa galfatee jireenya tasgabbaa’aa jiraachuuf qabu mullisa jedha qorannoon.
✊Kanaaf, waa’ee gara fuulduraa yaaduun barbaachisaa ta’ullee harka keessa galfachuuf cinqamuun rakkoo fayyaaf kan nusaaxilu waan ta’eef of eegachuu akka qabnu qorannoon ni mullisa.

Durseenaa
Photo
WANTI HUNDUMTUU GAARUMMAAF!
Namicha tokkotu biyya tokko jiraata ture. Yeroo hundumaa, “Wanti hundumtuu gaarummaaf ta’a!” jechuun beekama. Taatee hundumaaf deebiin isaa kana qofa ture. Gaaf tokko karaa dheeraa deemuuf konkolaataa uummataa yaabbatee imala eegala. Karaa guyyaa guutuu deemsisu ture. Walakkaa guyyaa erga deemanii booda konkolaataan rakkoo godhatee dhaabate. Teeknishaanni waan hin turreef namuu deemuu hin dandeenye.
Namichi gara konkolaachisaa deemee, “Obboleessa koo! Itti hin dhiphatin, konkolaataan kun gaarummaaf manca’ee!” jedhe. Konkolaachisichis baay’ee itti aaree, “Si wajjin karaa kana hin deemu. Hoo’u maallaqa kee kan hafe!” jedhee maallaqa inni kaffale keessaa walakkaa fuula isaatti darbatee ari’e.
Namichis qalqalloo isaa qabatee xiqqoo fuula duratti deemee dadhabee dhaabate. Achumaan konkolaataan ‘pickup’ tokko booddeedhaan dhuftee jennaan harka itti qabe. Ni dhaabbateef. Ni seene. “Argitee?” jedhe konkolaachisaa isa kanaanis, “Konkolaataan duraanii sun kan cabe gaarummaaf, atis kan dhufte gaarummaaf. Obboleessa koo! Wanti hundinuu gaarummaaf ta’a!” jedhe. Dubbiin namichaa bitaa itti galee, deemsa isaanii itti fufan.
Takka deemanii konkolaachisicha fincaan qabannaan fincaa’uuf konkolaataa dhaabee bu’e. Yeroo achii deebi’ee konkolaataa seenu, balbala cufuuf jennaan balballi quba isaa tokko irraa kute. Harki isaa dhiigaan dhiqame. Namichis akkuma amala isaa, “Ilaa obboleessa koo! Wanti hundinuu gaarummaaf ta’a! Qubni kee kun gaarummaaf sirraa cite!” jedhe. Konkolaachisichi aarii isaa to’achuu hin dandeenye. Baay’ee itti dheekkame. “Qubni namaa yoomuu gaarummaaf hin citu. Ani nama akka kee wajjin karaa hin deemu. Konkolaataa koo irraa bu’i!” jedhee gad darbatee, laga walakkaatti qofaa isaa gatee, karaa isaa itti fufe.
“Nagaatti egaa!” jedhe namichi harka isaa mirgaa itti raasaa, “Laga kanatti na gattee deemuun kee gaarummaaf!”
Laga ce’ee tabba ba’aa utuu jiruu shiftoonni itti ba’anii deemsa dhaabsisan—konkolaachisicha, Waan konkolaataa keessa ture hunda erga saamanii booda, “Gad bu’i si qallee waaqa keenyaaf aarsaa si dhi’eessinaa! Isatu akka si argannu nu taasisee!” jedhan. Ni bu’e. Karaa qarqara ciibsan. Isaan keessaa inni tokko qaluuf billaa isaa baafatee yoo gad itti jedhu, qubni harka namichaa inni tokko citaadha. Harki isaa dhiigaan dibameera. Achumaan itti dhiise. “Waaqni keenya waaqa kabajamaadha. Namni qaama hir’uu aarsaa ta’ee isaaf dhi’aachuu hin danda’u. Kanaafuu, si hin qallu. Ka’ii deemi!” ittiin jedhan.
Namichis achii ka’ee konkolaataa isaa dudduubatti naanneffatee of duuba deeme. Namicha gatee dhufe sana barbaacha dhaqe. Yommuu isa argus gammadee, “Obboleessa koo! Dubbiin kee reefuu naaf gale. Edaa dhuguma wanti hundumtuu gaarummaaf ta’a. Otoo qubni koo hin cinne ta’ee shiftoonni na qalanii waaqa isaaniif aarsaa na dhi’eessu turan. Ati immoo qaama guutuu waan taateef, otoo na wajjin jiraattee situ qalamee aarsaa ta’a ture. Qubni koo cituun, si gatee deemuun koo…hundumtuu gaarummaaf ta’e. Kottu karaa keenya waliin deemnaa!” jedhee fudhatee deeme.
Maal jechuu barbaadeen seetan? Jireenya keenya keessatti wantonni nu qunnaman tokko tokko hammeenyaaf qofa nutti fakkaatu. Yeroo nu mudatan sana tasuma gaarummaaf waan ta’an hin fakkaatan. Kanaafuu, hadheeffannee gumgumna. Waaqaa fi nama komanna. Carraa keenya abaarra. Akkuma konkolaachisaa armaan olii turee nuuf gala. Wantonni har’a keessa darbaa jirru hunduu, yeroof fakkaachuu baatanis, gaarummaaf nuuf ta’u. Tokkoo tokkoon mudannoo jireenya keenyaa faayidaa mataa isaa qaba. Yoo xiqqaate barumsa wayii nu barsiisee darba. Ilaalcha poozatiivii haa qabaannu.
“Rakkinni keenya inni guddaan rakkina keenya miti; ilaalcha nuti rakkinichaaf qabnudha!” jedhama mitiiree? Waan hundumaa kadhataan fuula Gooftaatti haa beeksisnu. “Waan kun gaarummaaf ta’e!” . Via Ebisa Bayissa
Sammoonaa moo. Ogeessa fayyaa waggoota 40 ol hawaasa tajaajile duuriyyoonni reebuun gaarummaaf ta’eefi. Waaqni salphina fakkeessee isa kiise. Duuriyyoota hawaasa rakkistus akka seeraan gaafatamaniif sana godhe. Eeyyeen wanti hundi gaarummaaf ta’e! Via Kanenus

🧠 Dhugaawwan Xiin-sammuu Naasisan
👉. Warra salphaatti nutti dubbatan caalaa warra nu tuffatu ni yaadanna.
👉Namoonni naannoo kee jiran %90, akka ati isaan caalaa hojjettu hin barbaadan.
👉 Hammam nama gaarii ta’us, yeroo tokkotti seenaa nama biraa keessatti jallaa taata.
👉Nama xiyyeeffannaan isaa siif hiika guddaa qabuun yeroo si tuffatamu, deebii sammuu kee keessatti dhufu dhukkubbii qaamaa wajjin wal fakkaata.
👉Namoonni naannoo namoota hedduutti harka isaanii kiisha isaanii keessa kaa'an akka waliigalaatti farra hawaasummaa fi ykn qaana'oodha

❤1
Dhugaa jireenyaa hubachuu qabdu;
1. Ati ni duuta, namoonni baay’een yeroo muraasa booda si hin yaadan.
2. Namoonni hanga ati isaan barbaachistu qofa sitti fayyadamu.
3. Namoonni hedduun icciitiin akka ati kuftu barbaadu.
4. Guyyaa tokko “har’a jalqabuu qaba ture” jetta.
5. Namoonni baay’een gammachuu akka qaban fakkeessu, garuu keessoo isaaniitti ni dhiphatu.
6. Namni si baraaruuf dhufu hin jiru.
7. Waan ati gootu hunda irratti sitti murteessu (si qeequ).
8. Fayyaan kee qabeenya kee isa guddaa dha.
9. Gammachuun yeroo gabaabaa dha—of to’annoon (discipline) garuu yeroo dheeraa dha.
10. Milkaa’inni kan ati yaaddu caalaa yeroo fudhata.
Join ➡️ @Durseenaa

Telegram
Durseenaa
Maalummaa nama tokkoo isa sirrii kan beekuu dandeessu... waan barbaadu gaafa si biraa dhabeedha...!
gaafa sana maalummaa isaanii isa dhugaa siif ibsu...!

"Heerumnuu moo dhiisnuu? Lakki! Heerumee du'uurra, heerumni natti hafee lubbuun jiraachuu koo naaf wayya!" Yaada Shamarran keenya baay'ee gidduu kanaati!
Sister Heerumni sababaa fi balbala du'aati eenyuutu siin jedhe? Miiliyoonota Addunyaa kanarraa wal fuudhanii, anaaf siin dabalatee, ilmaan namaa Biiliyoonotaan dachee kana haguugan maaf sitti mul'achuu didan?
Maatiin keenya wal fuudhanii, Gaa'elatti Jaarani, arrii baasanii, molatanii kunoo ammayyuu jaalalaan waliin jiraatu. Seenaawwan du'a suukanneessaa Gaa'ela keessatti uumamuu fi Gaa'ela sababeeffatu dur, afaan maatii keenyarrayyuu badaa baay'eesaaa hin dhageenyu.
Barri kunoo dheengadduma kana babbadde. Kunoo dheengadduma! So? Erga warreen akka maatii keenyaa, Miiliyoonotni itti jaaran jiraatee, warra ammaa gidduuttimoo kana dhadhaga'uu eegalleetii, kana jechuun sirriimatti rakkoo wayiitu jira. Malee,.Gaa'elli rakkoo hin taane. Iddoon dhalootni kun irraa kaate wayii jira jechuudha.
Siijjemmer Jalqabumayyuu utuu Gaa'elli rakkina qabaatee Waaqayyo hin hundeessu ture. Barreeffama kana kanan barreessaa jiruuf, gidduu kana ifaamatti, dhoksaattis ta'e shamarran keenya Depression addaa keessa waan jiran natti fakkaachaa jiru. Mul'isaniis sodaa qaban utuu dudubbatanuu dhaga'aa jirra.
Mee kottaa dhugaamasaa haasofnaa!
Maal jarana har'a mana mana isaanii dargaggootni waggaa 30 gadii jaalala bareedaa dhandhamaa jiraachaa jiran hin jiranii? Miidiyaa jalaa Girrigirrii jalaa of dhoksanii jechuudha. Warra namni waa'eesaanii hin beekne, warra namni akka waa'eesaanii beekus hin barbaadne hin jiranii?
Warrumti dhufee social media irratti arginu kunis lakkoofsi isaanii meeqaa? Ration isaanii hoo? Mee waan biraatu duuba jiramoo akkuma sodaattan, rakkinni Gaa'ilicha? Maal Gaa'ela yoo ta'e du'aaf wal qaqqabsiisuun erga jiraatee, maaf warri kaan hundi wal hin fixin? Maaf dacheen kun Akeeldaamaa hin ta'in. Eentu isaan dhowwe? Ga'elli kaaniif dirree Waraanaatti fakkeeffame kun, isaa kanaaf maaf Jannata ta'e?
Muuxannoorraa keessa jiraannee yoo arguu baanneyyuu waanuma arginee taajjabaa jirrurraa yoo walitti himne, maalsaa wal sobna?
1. Namni baay'een bara kana Fayidaaf jedhee wal fuudhee, walitti heerumaa hin jiruu? Wal sobuun maaf barbaachise? Gaa'elli akkasii gaafa dhabuun dhufu maal fida? Tilmaamuun nama dhibaa?
2. Namni bakkuma ta'etti wal baree ka'ee, aarii dhiira kana dura jireenyashee keessa turee ykn durba kana dura jireenyasaa keessa turtee dagachuuf namni baay'een, ji'a 3/4 'tti walitti cabee wal fuudhaa hin jiruu? Kanaa Gaa'elli nuti maatii keenyarraa barre? Maatiin keenya dur, hariirichumti yaada Waaqayyo ta'uusaa baruufuu ji'a 6 haga waggaa tokkoofaa kadhatu. Silaa wal fuudhu taanaan, ajandaa isaanii guddaa godhanii waggaa lamaa ol faa irratti kadhatu. Amma namni yeroomasaa argateeyyuu baay'inna obbolaa qabuuyyuu wal gaafachaa jiru jiraa? Maaf wal sobna?
3. Namni baay'een gaaffii, "Ati maaliif hin fuutu? Ati maaliif hin eerumtu? Umuriin kee deemeer bar!" jedhu baqachuuf, nama dhugaan keessisaa itti hin amanin, waliin Gaa'ela dhaabbachaa hin jiruu?
4. Jireenyi keenya bakka biraatti akka deebi'ee hin hodhamnetti, diddiigamee fudhannee nama biraa waliin aarii sana dagachuuf mana ijaarranne, kunoo hiikkaan Gaa'ela dhaloota jalaa badee burjaaja'u hin taanee nuti?
5. Barattiin bara badduu humna namaa qortuu fi jireenyaaf maxibashaarra nama keessu waan taateef, isa Waaqayyo yaadee hundeesserra namni baay'een, daandii ittiin rakkina/hiyyummaa keessaa baqatan godhee filannoo godhachaa hin jiruu? Akkasitti ijaaramee Gaa'ela Ta'aaree?
6. Mee baay'een keessan nama akka single ta'e, dhugumasaa kakatee ji'a dura isinitti himaa turee, tasuma torbee lama sadii booda Fuudhee eerumaa jiru, argaa hin jirtanii? (Isinitti himuuf dirqama qaba hin jenne)
Maaliif wal sobna? Ani Obbolootteta koo durbaaf kabajan qaba. Yeroo tokko tokko funny goonus, Gaa'elli dhaabbata Kabajamaa Waaqayyo dhaabeedha. Jireenya Gaa'elaa jibbuun dura, mee ofitti deebinee ofii keenyaa fi dhalooticha haa ilaallu.

❤2
Giiftiiko! Gaaffiiwwan Jaalalaa gara jireenyakee dhufan dursa fuula Waaqayyoo dura kaa'i! Hin eeruminillee hafi malee, jireenya itti hin amanne sekendiif hin jiraatin. Maal? Lubbuttii Miskiinakee tokkittii sana garaan sin jibbuu?
Ishee miira dhugaa, kunuunfamuu, eegamuu barbaaddu, ishee barabaraaf boba yoo keessa ciiste hin birranne, mamii malee, sodaa malee itti of gattee jiraachuu barbaaddu sana kennuufii dadhabduyyuu, isa sobaa irraa ishee baraaruu ni dandeessa bar. Eeyyee ni dandeessa beeki!
Sodaa jireenyaa, sodaa maatii fi hiriyyaa Gaa'ela wabii namaaf hin taanetti matumaa hin baqatamu.
Inni kan biraan, Nama tarii takkaa disrespect gootes deebistee filannoo jireenyakee hin godhatin. Dhiirri kabaja jaallata. Even yoo hin jaallanneyyuu, kabaja inni Lubbuu tokkorraa argatu, dandeettii Jaalala keessasaatti uumuu qaba. Kabajni dhiiraafa haga kana.
Tarii dogoggortee darbaa itti dabartee xiqqeessitee, gadi isa buusteetta taanaan, tasumaa filannoo hin godhatin. Yookin hariiroo of eeggannoodhaan guute isa waliin geggeessi.
Maatii nama yaadaan qabdee seeraan beeki. Haadha, Abbaa, Obbolaasaa hawaasanni keessatti guddate dursii bari. Namni Abbaasaaf kabaja hin qabne, matumaayyuu ijoollee keef Abbaa gaarii ta'uu hin danda'u. Kan Haadhasaa hin kabajnes, Haadha gaarii ijoollee keef akkati taatu sin godhu, sin gargaarus. Dhamdhamnii fi hiiki jireenyaa inni sirriinimmoo achii jalqaba.
Nama meeqatu wal fuudhee ka'ee fedhaanillee mitiitii wal dirqisiisee "Ulfa kana baasi! / Ulfa kana hin baadhu nan baasa! Ykn ofin aj**jeesa!" Waliin jechaa oola seeta? Maqaansaammoo Gaa'ela. Kanaafan akkaataa guddinasaa siin jedha. Silaa maatii Ulaagaa maatii guutuu keessaa dhufeetii, isa alatti dogoggoraan uumamuyyuu, utuuti nan baasa jettee si lola. Haalota mijeesse akka waliin jiraattu godha.
Harree fi Bineensa namummaa hin qabne taanaan ammoo, Gaa'ela Waldaa duratti eebbifamee, kumaatamni beekuun, si fuudhee Siree kabajaa sanarratti ulfooftee kaatee, ija dhiibee "Tasadha! Karoora koo keessa hin jiru!" Haa bahu siin jedha. Ogummaan si golgiti. Malee Gaa'eela bachuun fala miti.
Fedhii inni jireenyaaf, hojiif qabu ilaali. Uffatanii bareedanii miidhaganii, dhaabbii bareedaatiin si hawaachuusaa qofaa miti. Sanaanoo namni argatee hunduu uffatee ajab nama jechisiisa. Eenyuyyuu uffatee jennaan ni bareeda bar. Bara kana inumaayyuu nama baay'ee uffataa fi qarshiitu nama isaan fakkeesse. Jireenyi sanarra ni caala. Hagam jireenya keessatti kufee ka'uuf qophiidha? Isa dursii gadi qotii bari.
Gaa'ela hin jibbin; hin sodaatin. Dhugaadhumattimmoo Gaa'elli simboo dhala namaati. Keessattuu ilmoo durbaatiif ammoo kabajasheeti. Bareedinasheeti. Haadha ta'uun iddoo isa ol'aanuuf kaadhimamuudha.
Waaqayyoon kadhadhu! Gola Jireenyakee hundaatti isa ol galchi. Waanti ati isa malee murteessitu hin jiraatin. Jireenyikee bareedaa ta'a. Akka namaatti muraasa waantota ani asii olitti tuttuqe atimmoo babal'isii yaadi. Isa kaanimmoo Waaqa keetti kenni.
Malee Gaa'elli isa nuti miidiyaarraa agarruu fi Social media irraa agarru miti. Inni maaltu beeka? Tarii social media Content'iis ta'uu danda'a. Malee heerumanii ni du'u miti; haadha ta'u malee! Isa Waaqayyo namaaf kaa'e yoo ta'emmoo silas yoom hafu? 🥰
Akkanni dheerate beeka. Beekaaman dheeresse. Yoo isin nuffisiiseef dhiifama. Tarii warri Confusion kana keessa jiran akka sirriitti dubbifatan keessikoo beeka. Yoo ni barsiisa jettanii amantaniif, share waliif godhaa!
Join ⏩. @Durseenaa

MILKAA’INA FI KAAYYOO
👉 “Kaayyoo malee daandiin Milka'ina hin jiru.”
👉 “Milkaa’inni hojii cimaan dhufa.”
👉 “Namni abdii hin kutanne hin kufu.”
👉 “Of injifachuun jalqaba injifannoo hundaati.”
👉 “Kaayyoo kee yoo beekte, daandii ni argatta.”

Abjuun Kee Si Malee Abbaa Hin qabdu. Waan dhabdu dhabdee Abjuu Kee Bira Geessa. Wantoota ati dhabdee abjuu kee bira gahuu qabdu keessaa har'a waan tokkon isinitti hima.
➡️1. Hiriyaa: Namni jiruuf jireenya isaa keessatti hiriyaa mataasaa ni qaba. Akka akka isaatti qixa irratti waliif ta'an garaagaraatti hiriyyaa baay'ee qabaachuun ni danda'ama. Akkuma Oromoon akaayiin ilkaan malee, kolfi hiriyaa malee jedhu sana hiriyaan barbaachisaadha. Garuu, hiriyaan qabu hunda qabadheen abjuu koo bira gahaan hin taatu. Sababnisaa, hiriyaan keenya baay'een kan mana puulii, kan mana bunaafi shaayii, kan mana amantaa, kan mana gaddaa, kan mana farsoo, kan waliin karaa gubbaa deemnu, kan waliin muka jala yookiin bakka wayii wajjin teenyu, kan gaafa dhukkube nu gaafatuu fi nu waldhaanatu, kan gaafa gammannu nufii nu wajjin gammadee nu wajjin nyaate dhugu fi kan biroo ta'uu danda'a. Wantoota kana hundumaaf hiriyaa qabaattee abjuu fi mul'ata kee bira yoo hin gahiin hafte maal siif godha.
📩 Hiriyaan ati qabdu kan waan alaan mul'atuuti baay'een isaa. Abjuuf mul'anni kee garuu kan keessa kee jirudha. Kan Waaqni siif qofa kenne, si malees namni biraa milkeessuu fi hojjechuu hin dandeenyedha. Kanaaf, abjuu keef si qofatu abbaadha. Kan ati qofti abbaa itti taate Abjuuf mul'ata kee kan milkeessuu danda'u suma qofa. Kana gochuufis hiriyyoota armaan oliitti maqaa dhoofne kana qabadheen abjuu koo bira gaha jettee hin yaadiin. Dirqama abjuuf mul'ata kee milkeessuuf hiriyyoota baay'ee qabdu keessaa baay'ee isaanii dhiisuu qabda. Kan ati dhiistus, abjuu kee milkeessuuf jecha waan baay'ee hojjettuuf warra wajjin daandiirra deemtee, mukaa'aa bakka adda addaa deemtee taa'uun yeroo fixxu yeroo waan hin qabneef ni dhiista. Kan wajjin mana puulii, mana bunaaf shaayiitti wajjin haasa'uun yeroo fixxu ni dhiista. Akkaatuma kanaan, baay'ee isaanii dhiistee abjuuf mul'ata keef yoo hojjette milkaa'ina barbaaddu bira sirriitti geessa. Mi'a walfakkaatu walbira kaa'u akkuma jedhamu namoota abjuuf mul'ata kee fakkaatu qabanii fi si utubuu danda'an addaan baafachuun wajjin hojjechuun galma barbaadde bira akka daftee geessuuf si gargaara.
✍️ Kanaaf, ciniinnadhuutii hiriyyoota ofitti naannessitee jirtu keessaa dhaabadhuu of ilaali. Abjuuf mul'ata keef abbaa sirrii ta'iif. Abjuuf mul'ata kee abbaa malee hin taasisiin. Ijoolleen abbaa hin qabne akkuma waan baay'een itti qaawwu abjuu keettis akkasuma akka hin taane abjuuf mul'ata keef jiraadhu.

#How_Successful_People_Think kan barreesse John Maxwell kitaaba guddaa namni milkaa'uu barbaadu hundi dubbisuu qabuudha. Karoora hojii jireenya jijjiiran 10 kitaabicha keessaa kunooti:
1. Guddaa yaadi. Abjuu guddaa abjoochuu fi galma guddaa kaa'uu hin sodaatinaa. Namoonni milkaa'an waan guddaa yaadanii shakkiin ykn sodaan isaanii akka isaan duubatti hin deebisne.
2. Pozaatiivii ta'i. Milkaa’inaaf ilaalchi gaariin barbaachisaa dha. Namoonni milkaa’an ofii isaanii fi dandeettii kaayyoo isaanii galmaan ga’uu isaaniitti amanu.
3. Itti cichuu. Wanti hammam rakkisaa sitti mul'atus abjuu kee irratti gonkumaa abdii hin kutatin. Namoonni milkaa’an ciccimoo waan ta’aniif yeroo wanti cimaan illee itti fufu.
4. Xiyyeeffannoo qabaachuu. Kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu malee wanti yaada kee jeequ akka si hin gufachiifne. Namoonni milkaa’an yeroo qormaanni isaan mudatus xiyyeeffannaa fi kaka’umsa qabaachuu danda’u.
5. Naamusa qabaachuu. Jireenya kamiyyuu keessatti milkaa’ina argachuuf naamusni barbaachisaa dha. Namoonni milkaa'an yeroo salphaa hin taaneettillee naamusa kan qabaniifi galma isaaniitti maxxanu.
6. Galateeffadhu. Waan qabduu fi carraa siif kennameef galateeffadhu. Galateeffannaan yaada gaarii fi kakaʼumsa akka qabaattu si gargaara.
7. Barachuuf fedhii qabaachuu. Namoonni milkaa’an yeroo hunda barachaa guddachaa jiru. Yaada fi qormaata haaraadhaaf banaadha.
8. Balaa fudhachuuf fedhii qabaachuu. Namoonni milkaa’an balaa fudhachuu hin sodaatan. Kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf naannoo mijataa isaaniitiin ala tarkaanfachuuf fedhii qabaachuu akka qaban ni beeku.
9. Gad of deebisuu. Namoonni milkaa'an gad of deebisuu fi yeroo dogoggora qaban amanuudhaaf fedhii qabu. Warra kaan irraas barachuuf fedhii qabu.
10. Namoota biroof deebisee kenni. Namoonni milkaa'an namoota biroof deebisee kennuu fi addunyaa kana irratti jijjiirama fiduun barbaachisaa ta'uu ni beeku. Yeroo fi maallaqa isaanii tola ooltummaadhaan kaayyoo itti amananitti ni kennu.

#Gorsa_Jabaattee_Ittiin_Kaatu_10n.
Onneen cabuu dandeessa, garuu jireenyi asirratti hin dhaabbatu. Jabaattee ka'uuf seerota 10n kana hordofi:
1️⃣ Miira Kee Fudhadhu :
Dhukkubbii sitti dhaga'amu hin dhoksin. Booyuu yoo barbaadde booyi; miira ofii simachuun jalqaba fayyinaati.
2️⃣ Hordoffii Dhaabi 📵:
Social media isaa/ishee sakatta'uu fi "Online" jiraachuu hordofuu dhiisi. Kun madaa kee haareffata malee hin fayyisu.
3️⃣ Kadhachuu Dhaabi 🚫:
Akka inni/isheen deebi'uuf hin kadhatin. Kabajni ofii (Self-respect) jaalala kamiyyuu caala.
4️⃣ Qunnamtii Kuti :
Bilbila, ergaa, fi wal-arguu yeroof dhaabi. Sammuun kee tasgabbaa'uuf fageenya barbaada.
5️⃣ Of-Yakkisiisuu Dhaabi :
"Balleessaan kooti" jettee of hin dhiphisin. Hariiroon dhimma nama lamaati; ofitti dhiifama godhi.
6️⃣ Daftee Jaalala Biraatti Hin Seenin :
Osoo madaan kee hin fayyin nama biraatti utaaluun dhiphina dabalataa fida. Dursa ofii kee ijaari.
7️⃣ Of Kunuunsi :
Ispoortii hojjedhu, nyaata madaalawaa fayyadami, hirriba gahaas rafi. Qaamni yoo cime sammuunis ni cima.
8️⃣ Kaayyoo Keetti Deebi'i :
Hojii, barumsa, fi galma jireenya keetii irratti xiyyeeffadhu. Deebiin hundarra caalu milkaa'ina keeti.
9️⃣ Obsa Qabaadhu :
Fayyinni onnee guyyaa tokkotti hin dhufu. Yeroo fudhata, of hin jarjarsiisin.
🔟 Abdii Hin Kutatin :
Jaalalli nama tokkoo dhumate malee jaalalli addunyaa irraa hin dhumne. Fuuldurri kee akkaan baredaadha!
——————————
💡 Dhaamsa:
"Onneen cabuu jechuun jireenyi dhumate jechuu miti; cabni har'aa jabina boruuti!"

❤7👍2
DhABA YAAdAA!
Ammas, ammas,
“ka’een waa’eekee barreessa”
Jedhee yaadeen,
waraqaa yaadaa kooti qopheessa!.
“Sona jiruu” jedheen, katabuu jalqabaa,
Hafuura koo dadachaaseen, afachuu dadhaba.
Jechi danuu, qooqi kumaa,
Yoo si ibsu, narkaa dhumaa!
Nyaarakoo guduunfee, yaadaanin barreessa.
“Kun sin ibsu” jedheen, deebisee balleessa!
Ammas, ammas, ammas, jechan fila.
Jechi yoo daanoome, yaadni jiraa?
Hin jiru!
Habadan.
Akkasitti, yaadakee waliin,
Utuun wal’aansoo wal qabuu,
waraqaa yaadakooti balleessa.
Si ibsuudhaaf, yaadni toora dhabuu isaa’n,
deebisee barreessa!
🥹💔😢🤝

❤3🏆1
Dukkanni hin bariine hin jiru!
Abdii Kutannaa dhumaa keessa warri jirtan kana dubbisaa!
Jay Shetty dargaggeessa seenaa jireenyaa isaa isa rakkisaa fi ulfaataa ta'e gara humna, ogummaafi kaka'umsa addunyaa jijjiiruutti geeddareedha.
Seenaan Jay Shetty nama abdiin itti dukkanaa'ee fi kallattiin jireenyaa jalaa badeef ifa guddaa kan kennuudha.
Jay Shetty bara 1987 biyya Ingilizii, magaalaa London keessatti maatii hidda dhalata Hindii qaban irraa dhalate. Yeroo ijoollummaa isaa rakkoolee ulfaatoo hedduu keessa darbe
Sababa furdina qaamaafi fuula isaa irratti gogaan baay'atuuf (acne), ijoolleen mana barumsaa baay'ee itti qoosuufi ni miidhu turan. Kunis ofitti amanamummaa isaa cabsee kophummaatti isa geessee of isa jibbisiisaa ture.
Haaluma kanaan Dhiibbaa hiriyootaatiin qoricha sammuu hadoochu (drugs) fi araada adda addaatiif saaxilame. Kanaan kan ka'es, qabxiin isaa gadi bu'ee mana barumsaa irraa ari'amuu bira ga'ee ture.
Maatiin isaa akka inni doktora ykn abukaatoo ta'u barbaadu turan. Fedhii maatii guutuuf jecha osoo hin jaallatin barumsa seene; garuu keessi isaa duwwaafi gammachuu kan hin qabne ture.
Utuma haala kanaan jiruu
Jireenyi isaa yeroo itti dukkanaa'etti umrii waggaa 18tti namni monoksee (Monk) ta'e tokko mana barumsaa isaatti dhufee haasaa taasise. Ogummaafi tasgabbiin nama sanaa onnee Jay tuqe.
Sana booda, barumsa yuunivarsiitii erga xumuree booda, hojii mindaa guddaa qabu kan biyya London dhiisee, qabeenya isaa hunda gurguruun gara biyya Hindii deeme. Achittis waggoota sadiif jireenya monoksummaa (monk life) jiraate
- Sa'aatii 4:00 barii ka'uun guyyaatti sa'aatii dheeraaf meditate godha ture
- Rifeensa mataa isaa haaddatee, uffata salphaa uffachuun, lafa irra taa'aa tajaajila hawaasaa kennaa ture.
- Waggoota sadii kana keessatti, madaa ijoollummaa isaa fayyifatee, gammachuun dhugaan sammuu tasgabbaa'aa keessa akka jiru bare.
Kufaatii Lammaffaafi Milkaa'ina Addunyaa
Waggoota sadii booda, barsiisaan isaa ogummaa argate kana gara addunyaatti deebi'ee namootaaf akka qoodu itti hime. Jay tole jedhee gara London yeroo deebi'u, jireenyi salphaa hin turre.
Gara mana maatii isaatti deebi'ee, nama maallaqa homaa hin qabneefi hojii hin qabne ta'e. Dhaabbileen baay'een "waggoota sadiif hojii hin hojjenne" jedhanii isa didan; yeroo 40 ol gaaffii hojii (interview) irratti kufe.
Ega Kufaatii kana hunda keessatti abdii hin kutanne. Ogummaa argate sana viidiyoo gaggabaabaa waraabuun miidiyaa hawaasaa irratti gadhiisuu jalqabe.
Viidiyoowwan isaa kunniin onnee namootaa waan tuqaniif, yeroo gabaabaa keessatti biiliyoonaan ilaalaman. Har'a Jay Shetty barreessaa kitaabota beekamoo fi akka Addunyaatti jaallatamoo Think Like a Monk jedhuu, fi 8 Rule of love jedhaman kan barreessee fi qopheessaa poordkaastii beekamaa On Purpose, fi gorsaa jireenyaa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa uume ta'uu fi abbaa qabeenyaa guddaa ta'uu danda'e.
Seenaa Jay Shetty kanarraa maal barrata beekta?
1. Eenyummaan Kee Kufaatii Kee Miti, Har'a rakkina, dhiphina ykn araada keessa jiraachuu dandeessa; garuu sun xumura seenaa keetii miti.
2. Madaa Kee Gara Ogummaatti Jijjiiri, Jay rakkina ijoollummaa isaatti isa miidhe sana irraa baratee, har'a namoota miliyoonaan lakkaa'aman rakkina wal fakkaataa keessaa baasaa jira.
3. Yeroo 40 hojii dhabuun isaa balbala guddaa isa fuuldura jiruuf qophii ture. Balballi tokko yoo cufame, kan biraa caalu akka banamu amani.
Tarkaanfiin Fulduratti

👍4❤1
Forwarded from 💎 TAME DIGITAL HUB
Namoonni telegram channel gurguruu barbaaddaniif oduu gammachiisaa
Channel keessan subscribe 20k ol yoo qabate gati madalawan isin irra bina kesan nu dubisa
Hubachisa channel view hin qabne hin binu
Dabalatan namoni Usdt gurguru barbadan isni irra bina kesan nu dubisa
✈️ TG channel seller DM
🐛 Usdt buy & sell DM
⭐️ Premium buyer DM
DM▶️ @rokey_7R ✅
DM▶️ @rokey_7R ✅️
Channel keessan subscribe 20k ol yoo qabate gati madalawan isin irra bina kesan nu dubisa
Hubachisa channel view hin qabne hin binu
Dabalatan namoni Usdt gurguru barbadan isni irra bina kesan nu dubisa
DM
DM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Post Bot
Kaardii Birrii 125 gadi lakkifamuuf jedha, daqiiqaa 9 qofatu hafe.
Amuman bakka⬇️ get ⬇️ jedhu tuqun irrati hirmadha
Amuman bakka
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Post Bot
Amma warra online irra jirtan qofaaf kaardii gadhiifamuuf jedha
1 Kaardii birrii 1000💰
2 kaardii birrii 500💰
3 kaardii birrii 250💰
▶️ Yoo qophooftan 💰 START 💰 cuqaasaa
▶️ add your channel
1 Kaardii birrii 1000
2 kaardii birrii 500
3 kaardii birrii 250
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM