BEEKSISA
Barattoota Kutaa 6ffaafi 8ffaatiif
#Naamusa_Qormaata_Naannoo_Kutaa_6ffaafi_8ffaa Bara 2018 Kabajamuu Qaban.
------------------
BBO- Caamsaa 30/2018 Barattootni Meeshaalee Qormaataaf Isaan Gargaaru /Heyyamameef /Qofa Qabatanii Buufata Qormaataatti Argamuu Akka Qabaniifi Meeshaalee Qormaataaf Hin Gargaarre/Dhoorkaa/ Ta'an Irraa Bilisa Ta'anii Argamuu Qabu.
#1_Kan_Heyyamaman
Meeshaaleen Gara Buufata/Kutaa/ Qormaataa Akka Galan Heyyamaman:
#Uffata Seeraa (Uniform) Mana Barnoota isaa,
#Kaardii Galmee/Admission Card/
#Kobbee/Irsaasii/ (Pencil)
#Haqxuu
#Sarartuu
#Qartuufi kkf Guuttatanii Ganama Sa'aatii 1:00 Irratti Buufata Qormaataatti Argamuu Qabu.
#2_Kan_Dhoorkaman.
Meeshaalee Gara Buufata Qormaataa Akka Dhufne Dhoorkaman Immoo:
#Moobaayilii, tableetii, kompitaraafi kkf
#Qalama
#Sa'aatii harkaa
#Meeshaalee_Elektirooniksii Kamiyyuu,
#Manatsirii_Ijaa (Eye Glass) Hakimiin hin heyyamane ,
#Uffata_Seeraa_Mana_Barnootaa Otuu Hin Uffatin Dhufuu,
#Qormaata walirraa garagalchuufi garagalchuu yaalun qormaatarraa haqsiisa,
#Meeshaalee_Qara_Qaban, Meeshaalee Waraanaafi kkf qabatanii gara Buufata/Kutaa Qormaataa/ Seenuu ykn seenuu yaaluufi
#Barfachuun gonkumaa Dhoorkaa ta'uu beeksifna.
Kanaafuu, Barataan Qormaata Fudhatu hunduu #Naamusa_Qormaataa_Kabajuun Xiyyeeffannoo Keessan Qrmaata Fudhattan Irratti Qofa Haata'u Jenna.
#Qormaatnis_kan_kennamu:
Kutaa 6ffaa :- Waxabajjii 08-09/2018 yoo ta'u,
Kutaa 8ffaa:- Waxabajjii 11-12/2018 ta'uun ni beekama.
Tolaa Bariisoo Gadaa 💠

Telegram
Dr.Bultoosaa Hirkoo
We Shall Make Oromia Flood of Genius Students who score high grades in National Exams.
#2019 E.C! #Join_Now #Share #New_Leader
#2019 E.C! #Join_Now #Share #New_Leader
❤1
“Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaaf qophii gahaa taasisaa jirra”
- Barattoota Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Dodolaa
+++++++++
Gaazexaa Pilaas| Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baatii ittaanu kennamuun qabxii gaarii galmeessisuuf qophii gahaa taasisaa jiraachuu barattoonni Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Dodolaa ibsan.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa guutummaa biyyaatti onlaayiniitiin kennamuuf qophii gahaa taasisaa jiraachuu barattoonni mana barnootaa Godina Arsii Lixaa, Aanaa Dodolaatti argamu kanaa turtii kamisa darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin ibsaniiru.
Barataa Iyyoob Masfin qormaata jahan fudhatu guutummaatti deebisuuf sagantaa baafatee hiriyyootasaa wajjin qophiii cimaa taasisaa jiraachuu beeksiseera.
Firii qormaataa bara darbeetiin barattoonni mana barnootaasaanii akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisuus yaadachiisee, innis muuxannoosaanii qooddachuun qabxii caalu fiduuf ykn riikardii cabsuuf qophii guddaa taasisaa jiraachuu ibseera.
Kanaafis barnootaa kutaa 9ffaa kaasee dubbisaa jiraachuu eeree, qormaata karaa onlaayinii kennamuufis of qopheessaa jiraachuufi barsiisonnisaaniis barnoota dabalataa kennuufii fa’iin isaan qopheessaa jiraachuu dubbateera.
Barattoonni qormaataa karaa onlaayinii fudhachuuf dursanii qophaa’uun barbaachisaadha kan jette ammoo barattuu Hikimaa Mahaammadi.
Akka barattuun tun jettutti, hanga ammatti qormaata bifa moodeelaan waraqaafi karaa onlaayinii irra deddeebiin shaakaluun hojjetaa jirti. Qormaatichaaf qophaa’ummaan xiinsammuus barbaachisaadha jechuun himtee jirti.
Qabxii olaanaa bardheengaddaa dhiirotaan galmaa’e barana shamarran mana barnootaasaaniin akka galmaa’uuf karoorfatanii qophii cimaa taasisaa jiraachuus ibsiteetti.
Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Dodolaatti barsiisaan Ingiliffaa Kabboo Qaabatoo gamasaaniin, barattoota ciccimoo akka biyyaatti dorgomoo ta’an horachuuf bakka hanqina barattootaa adda baasuufi haalota adda adddaatiin barattootasaanii sirnaan qopheessaa jiraachuu dubbataniiru.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa inisheetivii addaa Mootumman Naannoo Oromiyaafi Biiroon Barnootaa Oromiyaa hanqina qulqullina barnootaa naannichaa furuuf mul’ata guddaan hundaa’e ta’uu kan himan ammoo dura bu’aa mana barnootichaa Obbo Deetuu Dibooti.
Manni barnootaasaanii qormaata baranaatiin qabxii olaanaa qalmeessisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjechaa jiraachuus himanii, meeshaalee akka kompiyutaraafi jenereetaraafaa qopheessuun haalduree xumuraa jira jedhaniiru.
Barattoonnisaanii hundi akka darbaniif qormaata shaakallii bifa moodeelaatiin yeroo lama sadii karaa onlaayinii qopheessuun qoruu, barnoota dabalataa (tiitooriyaalii) kennuufi haala itti fayyadama teklonojiirratti hojii hubannoo babal’inaan kennamuu eeraniiru.
Manni barnootaasaanii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara darbe kennameen qabxii olaanaa, 592 galmeessisuus yaadachiisanii, manni barnootasaanis barattootaa saayinsii uumamaafi saayinsii hawaasaan dhiira 74fi dhalaa 33 walumaagalatti barattoota 107 qormaaticha akka fudhataniif qopheessaa jiraachuu ibsuun, baranas qabxii caalu galmeessisuuf ykn riikardii cabsuuf xiyyeeffannaa guddaadhaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Maxxansa Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 30 bara 2018

❤17
Dodola Ifa Boru School has successfully concluded the academic journey with the farewell and send-off of all students to their family on 14/10/2018 and 15/10/2018. We wish all our students continued success and a bright future ahead.
Currently, our school is making final preparations for the Grade 12 national entrance examination for our 12th-grade student batch, scheduled for 24/10/2018.
We wish all Grade 12 students confidence, success, and excellent results in their upcoming examination.
Thank you.
DIB

🤩8❤5
Shaggar Institute of Technology (SIT) is a newly established, fully funded Ethiopian center of excellence located in Shaggar City.
Key Academic Programs
SIT offers hands-on Bachelor’s programs in critical technology fields:
Electrical and Power Engineering
Mechanical Engineering
Artificial Intelligence
Space Science and Engineering
Biotechnology
Materials Science
Admission & Scholarships
The institute targets exceptionally gifted students from across the country. Admitted students attend on full scholarships that cover tuition, dorms, and meals.
Admission requirements typically include:
Exceptional high school performance (90%+ average in Grades 11 and 12)
Top-tier scores on the Ethiopian Grade 12 National Exam
A personal statement, teacher recommendations, and an entrance exam
You can find further updates and instructions on the Shaggar Institute of Technology Official Portal.
Apply via the following link👇👇👇
https://sitedu.info/admission/application/register

❤9🤬1
#Dhaamsa
Qaaliiwwaan mana barnoota keenyaa akkam nagaa ?
Ganna kana yeroo kessaan sirnaan itti haajaa bahaa akka jirtan shakkii tokkollee hin qabnu!!!
Akkuma beekamu yeroon kun yeroo odeeffannoon obbollaawwan keessan 8ffaa irraa gara keessanii dhufaa jiraniif akkaan barbachisuu dha. Sinis kana hubattanii odeeffannoo sirrii karaa mana barnoota keenyaa isiniif darbuu akka qoodda niif sin gaafanna. Kunis obbollaawwan keessan burjaajii tokko malee waan isaan barbaachisu akka argatan isaan gargaara!!!
Isinis Channel mana barnootaa keenyaa link armaan gadii share gochuu gahee keessan bahadhaa !
🔗https://telegram.me/dodolatech

Dodola ifa boru special boarding school
This channel is to help students through teach benefit able app, web. Additionally it is here for educationional and technical announcement!!!
https://t.me/English_for_ethiopia_practice

❤4🥰1
#Beeksisa
Barattoota Qormaata_Naannoo_Kutaa_8ffaa Bara 2018 Fudhatan Hundaaf
----------
BBO - Adoolessa 14/2018 Qormaatni Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 Waxabajjii 11-12/2018 tti kennamaa ture qabxiin/firiin/ isaa guyyaa boruu Adoolessa 15/2018 Waaree Dura Sa'aatii 4:00 -6:00 keessatti kan ibsamu ta'a.
#Hubachiisa:- #Qabxiin_Qormaata_Kutaa_6ffaa guyyoota kudhan booda kan ibsamu ta'uu odeeffannoo argannerraa hubachuun danda'ameera.

❤9
Forwarded from Oromia Education Bureau (Oromia Education News)
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❤6