Dodola ifa boru special boarding school
2.67K subscribers
227 photos
5 videos
107 files
68 links
This channel is to help students through teach benefit able app, web. Additionally it is here for educationional and technical announcement!!!

https://t.me/English_for_ethiopia_practice
Download Telegram
Turtii Oromia Broadcasting Network (obn) Mana Barnoota Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaatti taasise!!!

Guutusaa YouTube irratti argattu!!!

DIB

https://youtube.com/shorts/iQ193eM0470?is=xLzD9CKozz888_RW
❤4🤩3
Forwarded from English hub Ethiopia
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❤4
Forwarded from English hub Ethiopia
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❤1
Eid Mubarak to all Muslim students, teachers, families, and followers! 🌙✨ May Eid al-Adha bring peace, unity, happiness, and blessings to our school community and beyond. 🤲🕌


https://t.me/dodolatech
❤3👍2
📢 Notice to all students:

Due to some issues, the final exam that was previously prepared by BBO will not continue in the next final examination period. Instead, each school’s teachers will prepare the exams individually.

Please follow updates from your school and prepare seriously.

Thank you.

https://t.me/dodolatech
😢6❤4🔥3
BEEKSISA
Barattoota Kutaa 6ffaafi 8ffaatiif
#Naamusa_Qormaata_Naannoo_Kutaa_6ffaafi_8ffaa Bara 2018 Kabajamuu Qaban.
------------------
BBO- Caamsaa 30/2018 Barattootni Meeshaalee Qormaataaf Isaan Gargaaru /Heyyamameef /Qofa Qabatanii Buufata Qormaataatti Argamuu Akka Qabaniifi Meeshaalee Qormaataaf Hin Gargaarre/Dhoorkaa/ Ta'an Irraa Bilisa Ta'anii Argamuu Qabu.

#1_Kan_Heyyamaman
Meeshaaleen Gara Buufata/Kutaa/ Qormaataa Akka Galan Heyyamaman:
#Uffata Seeraa (Uniform) Mana Barnoota isaa,
#Kaardii Galmee/Admission Card/
#Kobbee/Irsaasii/ (Pencil)
#Haqxuu
#Sarartuu
#Qartuufi kkf Guuttatanii Ganama Sa'aatii 1:00 Irratti Buufata Qormaataatti Argamuu Qabu.

#2_Kan_Dhoorkaman.
Meeshaalee Gara Buufata Qormaataa Akka Dhufne Dhoorkaman Immoo:
#Moobaayilii, tableetii, kompitaraafi kkf
#Qalama
#Sa'aatii harkaa
#Meeshaalee_Elektirooniksii Kamiyyuu,
#Manatsirii_Ijaa (Eye Glass) Hakimiin hin heyyamane ,
#Uffata_Seeraa_Mana_Barnootaa Otuu Hin Uffatin Dhufuu,
#Qormaata walirraa garagalchuufi garagalchuu yaalun qormaatarraa haqsiisa,
#Meeshaalee_Qara_Qaban, Meeshaalee Waraanaafi kkf qabatanii gara Buufata/Kutaa Qormaataa/ Seenuu ykn seenuu yaaluufi
#Barfachuun gonkumaa Dhoorkaa ta'uu beeksifna.

Kanaafuu, Barataan Qormaata Fudhatu hunduu #Naamusa_Qormaataa_Kabajuun Xiyyeeffannoo Keessan Qrmaata Fudhattan Irratti Qofa Haata'u Jenna.

#Qormaatnis_kan_kennamu:
Kutaa 6ffaa :- Waxabajjii 08-09/2018 yoo ta'u,
Kutaa 8ffaa:- Waxabajjii 11-12/2018 ta'uun ni beekama.

Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
❤1
“Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaaf qophii gahaa taasisaa jirra”
- Barattoota Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Dodolaa
+++++++++
Gaazexaa Pilaas| Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baatii ittaanu kennamuun qabxii gaarii galmeessisuuf qophii gahaa taasisaa jiraachuu barattoonni Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Dodolaa ibsan.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa guutummaa biyyaatti onlaayiniitiin kennamuuf qophii gahaa taasisaa jiraachuu barattoonni mana barnootaa Godina Arsii Lixaa, Aanaa Dodolaatti argamu kanaa turtii kamisa darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin ibsaniiru.

Barataa Iyyoob Masfin qormaata jahan fudhatu guutummaatti deebisuuf sagantaa baafatee hiriyyootasaa wajjin qophiii cimaa taasisaa jiraachuu beeksiseera.

Firii qormaataa bara darbeetiin barattoonni mana barnootaasaanii akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisuus yaadachiisee, innis muuxannoosaanii qooddachuun qabxii caalu fiduuf ykn riikardii cabsuuf qophii guddaa taasisaa jiraachuu ibseera.

Kanaafis barnootaa kutaa 9ffaa kaasee dubbisaa jiraachuu eeree, qormaata karaa onlaayinii kennamuufis of qopheessaa jiraachuufi barsiisonnisaaniis barnoota dabalataa kennuufii fa’iin isaan qopheessaa jiraachuu dubbateera.

Barattoonni qormaataa karaa onlaayinii fudhachuuf dursanii qophaa’uun barbaachisaadha kan jette ammoo barattuu Hikimaa Mahaammadi.

Akka barattuun tun jettutti, hanga ammatti qormaata bifa moodeelaan waraqaafi karaa onlaayinii irra deddeebiin shaakaluun hojjetaa jirti. Qormaatichaaf qophaa’ummaan xiinsammuus barbaachisaadha jechuun himtee jirti.

Qabxii olaanaa bardheengaddaa dhiirotaan galmaa’e barana shamarran mana barnootaasaaniin akka galmaa’uuf karoorfatanii qophii cimaa taasisaa jiraachuus ibsiteetti.

Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Dodolaatti barsiisaan Ingiliffaa Kabboo Qaabatoo gamasaaniin, barattoota ciccimoo akka biyyaatti dorgomoo ta’an horachuuf bakka hanqina barattootaa adda baasuufi haalota adda adddaatiin barattootasaanii sirnaan qopheessaa jiraachuu dubbataniiru.

Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa inisheetivii addaa Mootumman Naannoo Oromiyaafi Biiroon Barnootaa Oromiyaa hanqina qulqullina barnootaa naannichaa furuuf mul’ata guddaan hundaa’e ta’uu kan himan ammoo dura bu’aa mana barnootichaa Obbo Deetuu Dibooti.

Manni barnootaasaanii qormaata baranaatiin qabxii olaanaa qalmeessisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjechaa jiraachuus himanii, meeshaalee akka kompiyutaraafi jenereetaraafaa qopheessuun haalduree xumuraa jira jedhaniiru.

Barattoonnisaanii hundi akka darbaniif qormaata shaakallii bifa moodeelaatiin yeroo lama sadii karaa onlaayinii qopheessuun qoruu, barnoota dabalataa (tiitooriyaalii) kennuufi haala itti fayyadama teklonojiirratti hojii hubannoo babal’inaan kennamuu eeraniiru.

Manni barnootaasaanii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara darbe kennameen qabxii olaanaa, 592 galmeessisuus yaadachiisanii, manni barnootasaanis barattootaa saayinsii uumamaafi saayinsii hawaasaan dhiira 74fi dhalaa 33 walumaagalatti barattoota 107 qormaaticha akka fudhataniif qopheessaa jiraachuu ibsuun, baranas qabxii caalu galmeessisuuf ykn riikardii cabsuuf xiyyeeffannaa guddaadhaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Maxxansa Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 30 bara 2018

Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
❤17
#final exam schedule
❤4🔥1