Dodola ifa boru special boarding school
2.68K subscribers
226 photos
5 videos
107 files
67 links
This channel is to help students through teach benefit able app, web. Additionally it is here for educationional and technical announcement!!!

https://t.me/English_for_ethiopia_practice
Download Telegram
Festival 2025,ASTU
Hubachisa:
Ergaa kana barattootaaf dabarsaa
1. Dallaa keessatti galgala sa'aatii 2:30 booda olii gadii deemuu hin qaban
2. Barattoota dallaa keessa lama lamaan ( pair) of eegannoo barbaada.
3. Waraabeessi dallaa keessa waan jiruuf of eeggannoo,
4. Seera  nyaataa eeguu:
Ciree ganama 12:30 --2:30
Laaqanna 5:30 -- 7:30
Irbaata 10:30 -- 12:30 ta'u hubachifamera.
Waltajjiin Dandeettiifi_Kennaan_Addaa Irratti Agarsiifamu Boru Ganama Banama
----------------
BBO- Adoolessa 12/2017 Sirna Feestivaalii Barnootaa Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Waggaa 3ffaa Boru Ganama 13/11/2017 Magaalaa Adaamaa Istaadiyemii Yunivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaatti Banama.
Bokka hoggansa Olaanaan Mootummaa Naannoo Keenyaafi Mootummaa Federaalaa Argamanitti Sa'aatii 2;00 tti kan eegalu yoo ta'u, abbaa/haadha sirnaa kan ta'an barattootni qaxaleen Manneen Barnootaa Ifa Boru Bultii addaa Sad. 2ffaa 7, Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Waldaa Misooma Oromiyaa 2fi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa 41 walitti Manneen Barnootaa 50 Feestivaalicha haala ho'aa ta'een jalqabuuf mooraa Yunivarsiitii galuun qophii xumuraarra gahaniiru.

Barattootni qaxaleen dandeettii addaafi kennaa dinqisiisaa qaban boru ganama Dilbata sa'aatii 2:00 irraa jalqabe waltajji ni too'atu, gahumsa ajaa'ibsiisaa ni agarsiisu, mul'ata dhaloota ifa boruu irraatti qabnu ni mirkaneessu.

Kanaafuu, Barsiisotni bu'aa keessan, barattootni obboleewwan keessan hawaasni ijoollee keessan Istaadiyemii Ynivarsiitii S. T. Adaamaatti argamuun akka daawwattan Biiroon Barnootaa Oromiyaa maqaa isaafi maqaa barattoota qaxalee Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Addaa Sad. 2ffaatiin isin Afeereera!

πŸ“Œ#Oromiyaa
πŸ“Œ#Adaamaa

πŸ’™Oromia Education Bureau πŸ’ 
πŸ’™Tolaa Bariisoo Gadaa πŸ’ 

| |πŸ“±Facebook | |πŸ“±WhatsApp | |πŸ“±YouTube | |
❀2
Sagantaan '#Live'n Darba

BBO- 12/11/2017 Sagantaan Feestivaalii Barnootaa Boru Ganama Chaanaalii #ETV_Afaan Oromoon Kallattiin Darba.

#Chaanaaliin ETV - Afaan Oromoo Adoolessa 13/2017
Ganama Sa'aatii 3:00 Irraa Eegalee Istaadiyemii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaa Irraa Sagantaa Feestivaalii Barnootaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa fi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa  Kallattiin Dabarsa.
#Daawwadhaa!

#Biiroo_Barnootaa_Oromiyaa
#Feestivaalii_Barnootaa
#MBBA_fi_MBA
#ETV_Afaan_Oromoo -' Live'

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!

#share
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
❀1
Feestivaaliin Barnootaa MBBA fi Addaa Sad. 2ffaa Waggaa 3ffaa Bara 2017 Magaalaa Adaamaatti Eegalame.
---------
BBO - Adoolessa 13/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Feestivaalii Barnootaa MBBA fi MBA Sad. 2ffaa Marsaa Sadaffaa Magaalaa Adaamaatti qopheesse har'a bakka Pirez. MNOfi Ambaasaddarri Barnootaa kabajamoo obbo Shimallis Abdiisaa, Ministir deetaa Ministeera Barnootaa aadde Ayyalach Isheetee, Kaantibaa Bul. Magaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee, Pirezidaantota Yunivarsiitiiwwan addaa addaa irraa dhufan, Saayintistii Dhaabbata NASA- USA irraa afeeraman Dr. Birhaanuu T. Bulchaafi hoggantoota mootummaa Mootummaa Federaalaafi Naannoo adda addaa irraa afeeraman, hawaasa Adaamaafi Naannawashee, Barattootni Qaxaleen MBBAfi MBA argamanitti sirna ho'aan eegalameera.
Feestivaalichi Adoolessa 13 - 17/2017 guyyoota shaniif dorgommiiwwan ispoortiiwwan gosa adda addaa, dorgommii kalaqaa, gaaffiifi deebii, falmiifi kkf gaggeeffamaa kan turu ta'uu sagantaan bahe agarsiiseera.

Sirna baniinsaa irratti haasaa kan taasisan Pirez. Shimallis Abdiisaafi Dr. Tolaa Bariisoo yoo ta'an, Dr. Birhaanuu T. Bulchaas barattootaaf muuxannoo qabaniifi gorsa dabarsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, barattootni MBIBBA bara 2017 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa xumuran Barattuu Hasseet Geedewoonifi barataa Girmaa Damooz barattoota MBBAfi MBA tiif muuxannoo turtii isaanii qoodaniiru.
Walumaagalatti, Haasawa waltajjiirratti taasifaman tartiibaan kan dhiheessinu waan ta'eef nu hordofaa.

#Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa!

#share
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
Odeeffannoo feestivaala
Kubbaa miilan harra guyyaa saa'tii 10:00 taba gaggeeffameen DIBBSS M/B WMO 3:0 moo'achuudhan calalli itti aanuf cehaniiru!!!
Baga Gammaddan!!!
Dodola ifa boru special boarding secondary school 🌎:
Hubachisa:
1. Dallas keessatti galgala sa'aatii 2:30 booda waliigadii deemuu hin qaban
2. Barattoota dallaa keessa lama lamaan ta'ii taa'a of eegannoo barbaada argaa jira.
3. Waraabeessi dallaa keessa waan jiruuf of eeggannoo,
4. Seera nyaataa eeguu:
Ciree ganama 12:30 --2:30
Laaqanna 5:30 -- 7:30
Irbaata 10:30 -- 12:30 ta'u hubachisaa.

Sagantaa Feestivaala Waldorgommi Manneen Barnootaa Bultii Addaa Dorgommi Atileetiksii Oromiyaa Marsaa 3ffaa Adoolessa 13/2017 hanga 16/11/2017 Bul/Mag/Adaamaa
Guyyaa Sa’atii Gosa Dorgommi Saala Haala Dorgommi Iddo Dorgommi
13/11/2017
Guyyaa 1ffaa 2:30 – 2:45 M. 1500 Dhiira Xummura Yuniversiiti Adaamaa
2:45 – 3:00 M. 1500 Dubara Xummura
3:00 – 3:20 M. 100 Dubara Gulaala 1ffaa
3:20 – 3:40 M. 100 Dhiira Gulaala 1ffaa
3:40 – 4:10 M. 400 Dubara Gulaala 1ffaa
4:10 – 4:35 M. 400 Dhiira Gulaala 1ffaa
14/11/2017
Guyyaa 2ffaa 3:00 – 3:20 M. 100 Dubara Xummura
3:20 – 3:40 M. 100 Dhiira Xummura
3:40 – 4:10 M. 400 Dubara Xummura
4:10 – 4:35 M. 400 Dhiira Xummura
15/11/2017
Guyyaa 3ffaa 3:00 – 3:20 M. 200 Dubara Gulaala 1ffaa
3:20 – 3:40 M. 200 Dhiira Gulaala 1ffaa
3:40 – 4:10 M. 800 Dubara Gulaala 1ffaa
4:10 – 4:35 M. 800 Dhiira Gulaala 1ffaa
16/11/2017
Guyyaa 4ffaa 3:00 – 3:20 M. 200 Dubara Xummura
3:20 – 3:40 M. 200 Dhiira Xummura
3:40 – 4:10 M. 800 Dubara Xummura
4:10 – 4:35 M. 800 Dhiira Xummura
Dorgommii xummura argatee hundinu badhaasnii guyyaa guyyaadhaan kennama
Hub:-Sagantaan Dorgommi kun haala qabatamaa isaatiin ilaalamee sa’atiin dorgommi fi iddoon dorgommi jijjiiramu danda’a.
Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa
❀2
Aaga dhagahaa odeeffannoo feestivaala
Manni barnootaa keenyaa(kubbaa miilan)
Dodola vs odo 3:0
Dodola vs U.wallaggaa 3:0
Dhaan moo'un gara calallii itti anutti darbee jira !!!

Odeeffannoo kana kan argattan chaanalii kana waan join gootaniifi maarree hiriyoota keessaniifis link isaa share gochuun waldeeggaraa !!!
❀1
Suggest how many trophy our school can get on the festival
Anonymous Poll
20%
1
13%
2
13%
3
15%
4
39%
5+
❀3
Baga gammaddan baga gammadne
Baga Gammaddan
Manni barnootaa keenyaa dorgommiilee hedduu harra gaggeessa oole kan armaan gadii fakkaata
Agarsiisa aadaa 1ffaa
Sirba qeenxee 2ffaa
Faaruu 2ffaa
Geerarsa 3ffaa
πŸ‘3❀1
Irra deebin Baga Gammaddan
Harras DIBBSS kubbaa miilan AU( mana barnootaa addaa university ambo) 3:0 moo'ee jira!!!
πŸ‘2
Barattoonni mana barnootaa keenyaa hundii keessan Baga Gammaddan !!!!!
Waldorgommii kubbaa miilaa harra galgala kana Dodola vs ASTU gaggeeffameen 3:2
Moo'un tapha geebaa boru warra gujii waliin taasifamuuf darbanii jiru !!!!
Boru hoo goolii meeqa eegdu ?
Anonymous Poll
23%
1
16%
2
13%
3
48%
4+
❀1
Jaalleewwan Nageenyii siniif haa ta'u. Rabbi waliin nagaan gara xumuraa gahaa jira.
Boruu guyyaa 17/11/2017 akkuma jalqabiin keenya bareedeefi bareeffanee xumurii keenyaas bareeduu qaba,
Kanaaf baraattootni fi barsiisonni keessan MB tiin naamusaan tartibaan qabatanii naannoo tokkotti walitti qabamuun,
Ganama Sa'aati 1:30 irraa kaasee hanaga 2:00 Istaadiyoomii akka seenan akka gootan.
Kabaja qabdu.
❀5