👉DHALOOTA💜 HAARA👈
296 subscribers
172 photos
7 videos
5 files
213 links
Guyya kun
@nagenya
@jaalala
@eda'ama
Gidduti kan yaadameedha
Download Telegram
Qabxiin darbiinsa university guyya kaleessa ifa ta'eera.

👉Saayinsi Uumama(natural)
Dhiiraf-362
Durbaaf-345

👉Saayinsi hawaasa(social)
Dhiiraf-345
Durbaaf-335
Odeeffanno dabalataaf
www.naeae.gov.et.com
Ilaala.
@dhalootahaara Join godha
#Finfinnee

Finfinneen har'as ijoollee isheef haadha buddeenaa tahaa jirti, dhiigni qeerroo keenya kashalabboota ilmaan habashaa handhuura Oromiyaa irra qubataniin dhangala'aa jira, poolisiin federaalaas gama habashootaa dhaabbatee qeerroo keenya irratti dhukaasaa jira,

Kaleessas nutu du'ee jijjiirama xiqqishoo tana fide, har'a immoo himnoota farra jijjiiramaa tahaniin yammuu qeerroon keenya dhiiguu mootummaan callisee ilaaluun badii guddaa uumuuf deema, Oromoon kabaja seeraaf yoo tahe malee sodaa namaaf morma gad qabatee hin beeku,

Ammas irra deddeebinee wanti mootummaa akeekkachiisuu feenu kashalabboota Finfinnee keessaa kana hanga dhaaba keenya ABO simannee raawwannutti akka seera qabsiisu jenna, achiin booda garuu tarkaanfii feesisu hunda fudhannee ofirraa dhaabuuf nama kamiyyuu irraa eeyyama hin gaafannu,

Qeerroowwan keenya immoo yeroo Finfinnee keessa sochaatanii fi gara Finfinnee seentan meeshaalee isin barbaachisu hunda qabadhaa seenaa, qophaa qophaa hin deemina, garee gareen deemaa,

@dhalootahaara
@dhalootahaara
@dhalootahaara
Guyya kaleessa akanatti fixaa turte
Qeerroon afaan guuttanne finfinnen teenya jenna
Kan isaani akkanatti adeemsisani kenna immo qophii nu dhorgani lafa teenna irratti.....
Nutu hin dubbanne
Worri abbaa biyya
Sila sii galle moo
Abbaa ta'uun kiyya×2

Anuu hin callise
Kan baay'ee madaaye
Kan lafa koorrati
Gabra kankee ta'e
Of eggi yaa gowwaa
Yoo siif gala ta'e×2

Isa abbaan kankee
Hojjate obsinee
Ofitti si qabnee
Jiruu siif ballisnee
Biyya keenyarrati
Qonnee si nyaahifnee
Kan kabajaa didu
Si'uma agarree
Daaratti maaf deemta
Akkuma foon harree×2

@dhalootahaara join godha
Warri yaada qabdan @summi_jaalala
Qabsoon #qeerro kana ture

=> Qabsoo dhugaa faana fiigicha cubbuu.
========<<<<<<<<<<<<<============
=>Dhugaa dhageessisuuf qeerroon yeroo xaaru.dheebotaaf, beelawaa waan qabuun gargaaru.
=>Iyyee iyya dabarsa karaa hundaan aarsaa .
=> dhugaa qeerroof ,qarree dabsuuf warri fiigdan.
=>Fakkaattoota dhugaa kan duubni isaa cubbuu .
=>fiigicha cubbuutiin oliifi gad kaattee, Haqa ukkaamsuudhaaf warri tarre galte.
=>Oromiyaa guutuu keessa wixxifattee .
=>Daangaa irraas joortee harka daaraa hare taatee qullaa galte.
=>cubbuu taa'i lakkii dhugaa dura hin fiigiin.
=>Haqa fakkaachuudhaaf kaatee hin babattisin.
=>Qeerroo fakkachuudhaan ummata koo hin dhibin.
=>lakkii,lakkii,lakkii cubbuu taa'i si beeyinaa.
=>Duraanuu Halaalatti ofirraa si eeyinaa.
=> jettee,jettee arra lixarraa gad seentee.
=> ni jira dawaan kee,gingilchaan qabsoodhaa.
=>kan addaan si guuru baqaa fi callaadhaan.
=>===<==============<<<<<<<<<<==>
=> Qaranni cubbuudhaa fb'n didichu .
=> osoo dhugaan jirtuu kan duubaa ililchuu.
=>Abbaan wareegamee daandii qabsoo saaqe .
=>ni jiran qeerroon koo.
=> ni jiran qarreen koo.
=>Qeerroo fi qarree koo fakkaattee fifiiguu.
=>Faayidaa keef jettee shiraan shiroo cubbuun ummata hurgufuu.
=>Akka feete taatuus,hanga feete kaattuus dhugaan dhara hin taatu.
=>kana tahuu beekii adabadhu cubbuu.
=>Maqaa qeerroo kootiin fakkattee jiraachuu.
=>yoomiyyuu hin dandeessuu adattu,adabachuu.

@dhalootahaara

Share godha qeerro biraan gahi
Forwarded from Dhandhama Jaalala
SI GORSUU

Dubartii takka gaafattee yoo si diddee__hin arrabsin bori si jaalachuu dandeessi
Obsii beekaa " ittin yaada " jetti malee si jaalattii
Ammaa amma sin jaaladha hin jedhinin__sitti boonti
Dhugaa itti himi__siif gadditii
Dhugaa dubbadhu__onnee ishee seentaa
Waan hin jirre hin jiraachisin__bor si jibbitii
Si du'a hin jedhiniin__soba itti fakkaataa
Yeroo kenniif malee hin jarjariin si shakkitii
Lapheen kee rifateera taanan jaalatteta obsii harkatti galfadhu

#share___galatooma...!

@anaadhufu kootta seena
Ajab!
====
Jireenyii fi konkolaataan yoo obsan malee dafee hin guutu.
Dhagaan ganama si dha’e guyyaa dabalee si dhoofnaan situ dhagaadha.himm
Mana hiyyeessaatii xiqsii mana sooressaatii xibsiin hin dhabamu.#Oromara
Hojjettee kan hin bashannanne harree qofa.
Akka garbichaatti yoo hojjette akka mootiitti jiraatta.
Jiraachuun gaariidha, qarshii nu lakkoofsisuu baatus guyyaa nu lakkoofsiseera.
Gadi jettee yoo hojjette wanti hundinuu gad jedhee sitti mul’ata.
Nama sammuu madooshaa qabutti namni hundinu mismaara fakkaata Jedhama kun dhugumaa?
Tokko jaallachuun dirqama, lama jaallachuun daldaala, sadii jaallachuun garuu kontrobaandiidha.Qabamtan egaa kontorobaandistoonni…
Dubarrii fi lotooriin kan isaan hin barbaanneef malee kan isaan barbaaduuf hin ba’an.hhh Namoota tokko tokkotu jedha,ani hin jenne
Sammuun qulqulluun boraatii gaariidha.
Jiraachuun kee eenyuunuu yoo hin fayyadne du’uun kee eenyuunuu hin miidhu.
Walitti sissiqaa taaksii keessaatiin walbaree baay’eetu wal fuudhee waliin barare.

@dhalootahaara Join godha erga keenna qoodadha
@dhalootahaara
#Makmaaksaa fi Jechoota Hayyootaa Addunyaa kana qoodadhaa!
☆.Gowwaan mammaaksa tuffata, abshaalli
immoo irraa barata. (Chinese)
☆. Bineensi bosonaa qaama kee madeessa
hiriyaa gadheen garuu sammuu kee madeessa.
(Zen)
☆. Maallaqni hin dubbatu,garuu soba dhugaa
fakkeessa. (South African)
☆. Namni akka itti jiraatu beeku, beekumsa ga'aa
qaba. (Swedish)
☆. Iccitiin akkuma Simbirroo ogguma nama
harkaa baatu balali'uu eegalti. (Saudi Arabia)
☆. Waa'ee Qilxuu, Qilxuu irraa baradhu, waa'ee
Birbirsaa immoo Birbirsa irraa baradhu. (Zen)
☆. Beekumsa (ogummaa) kee guyyaa tokkoof
yoo dagatte, inni immoo guyyaa lamaaf si
dagata. (Chinese)
☆. Yoo manni kee laga qarqara ta'e, naacha fira
godhadhu. (Indian)
☆. Duuti maqaan isaa hin tolu. Ykn ni ture jedhu;
ykn immoo ni ariifate jedhu. (Engliz)
☆ Nama Giriikii tokko erga harka fuutee booda,
quboota kee lakkaawwadhu. (Albanian)
☆. Keessummummaa ganda harree dhaqxee
waa'ee gurraa hin haasa'iin. (Jamaican)
☆. Simbirroon Allaattii duuba fiigdu, waan inni
baqatu seeti. (Japanese)
☆. Jabanaan kee inni haaraan akka bishaan
baatu hanga mirkaneeffattutti, isa moofaa
hin gatiin. (Swedish)
☆. Qabsoo/Lola bishaanii fi dhagaa gidduutti
godhamu keessatti, turee bulee kan mo'atu
bishaanuma. (Japanese)
☆. Yommuu qe'een abbaa kee saamamu, atis
wajjin saami. (Abysiinian) anaan isuma kan warra abysiinian kanatu na ajaa'ibe,akkamitti hubattanmee?
@summi_jaalala
Yaadaf
@dhalootahaara
@dhalootahaara
@dhalootahaara
Join Join join
Oromiyaa,
magariituu kennaa addunyaa
nu boonsiti dachiin keenya

Finfinneenis,
kallattiin hundi kan keenya
keenyarratti keenyaaf kaanee-
akka taane har'as taanee-
keenyarratti keenyaaf teenya!
Dubbisii hubadhu
Waa sadi

•Hiriyaan gantuun waa sadii (3)
1, Qorree bishaan keessaa
2, Bofa marga keessaa
3, Summii midhaan keessati.

•Hiriyaan dhugaa waa sagal (9) garuu salgaan sun bakka sagaltama siif gaha.
1, Abdii jiruu
2, Obsaa jiruu
3, Gorsaa jiruu
4, Qajeelchaa karaa
5, Dawaa sammuu
6, Irkoo guyyaa rakkoo
7, Galmaa geessa kaayyoo keeti
8, Jajjabeessa hojii keeti
9, Gorfataa karaa guddinna

•Hiriyyaa soba mannaa diina dhugaa wayaa.
Maaliif seetee, diinaa akka diinattii beektee irraa fagaata. Garuu hiriyyaan gadheen si fakkaatee si nyaatii.

•Kaayyoon hiriyaa gadhee,
1, Jireenya balleessitee Nama gadii si godhuu
2, Agartuu kee jamsiitee ijaa kee balleessu
3, Miila kee mumurtee tarkaanfii si dhorkuu
4, Harkaa kee si hiite hojiirraa si hambisuu
5, Sammuu kee marachiitee baftee si salphisuu
6, Jaarsaa fi Jaartii Addaan baafte kophaatti si hambisuu
7,Fudhaa fi Heerumaa dhorkatee manatti si hambisuu
8, Ummata keessati Maqaa kee xiqqeessuu dha.....

•Hiriyyaan dhugaa hoo...?
1, karaa hamtuu irraa si gorse karaa qajeeltuu siif hawwa
2, yoo gaarii hojjatee gammachuu siif qaba.
3, yoo ati rakkaate si wajjin cinqamaa
4, Bakka ati hin jireettii toltuu kee hasawaa
5, Utubaa siif ta'e mana siif ijaaraa
6, Olfuudhee si baate taabarra si dhaaba.
7, Kabajaa siif laate maqaa kee ol qaba.
8, Gammachuu kee gammadde gaddiituus si wajjin gadda.
9, Dhibee kee hundumaa qorichaa siif ta'a.
10, Umrii isaa guutuu si fana bu’e bahaa. ......

Kana qofa miti xiinxalaa ilaalaa ...yaarabbi hiriyaa dhugaa nuuf kenni....AMMiiN YAA ALLAAH
☞Waa Sadii fi Tibbana! (Dubbisi)

*Waa sadi hanga du’aatti:-
1. Beeltii dheebuun keessa jirtu.
2. Rukkuttaa haaloon keessa jirtu.
3. Jaarsummaa dhibeen keessa jirtu.
*
Waa sadii nama sadiif mamaadha:-
1. Akka goonni lolu, luuynaaf mamaadha.
2. Akka qaroon qaru, wallaalaaf mamaadha.
3. Akka arjaan kennu, doynaaf mamaa dha.
Waa sadi, waa sadiif sodaadhu:-
1. Horoqa/holqa mukaa, bofaaf sodaadhu.
2. Beekee nama hin dhiisu, gowwaa dubbiif
sodaadhu.
3. Obboleeyyan walitti mufate, garaa haadhaa
sodaadhu
* Dhiirti waa sadi dandeessee, waan sadi
dadhabde:-
1. Bilaaluu gurguddoo keessa deemteeti,
cirracha tokko kan kophee keessa seene
dadhabde.
2. Rooba guddaa keessa deemteeti, dhimmuu
mana takka obsuu dadhabde.
3. Waan abbaa duubaa dandeessee, waan
abbaa biraa dadhabde.
*
waan sadi si haa bararu:-
1. Qoree dhoqqee keessaa si haa baraaru.
2. Abaarsaa jaarsaa du’aaf deemu si haa
baraaru,
3. Jecha niitii/jaartii obboleessaa si haa
baraaru.
*Abaarsi jaarsoolee sadi:-
1. Itillee dhabi.
2. Soora/nyaata dhabi
3. Dhugaa dhabi.
*
Waa sadi, waa sadiif sodaatan:-
1. Lafa diida gammoojjii, aduuf sodaatan.
2. Lafa hurrumaa, qoreef sodaatan
3. Qormaata qaroo, dubbiif sodaatan.
*Waa sadi, waa sadiitu irra jira/irra
caala:-
1. Nama biyya/mana hin qabne, shimbirrootu
irra jira.
2. Nama kabajaa/galata hin qabne, harreetu
irra jira.
3. Nama hijaa/haaloo hin qabne, sareetu irra
jira.
*
Waa sadi deemsaan, sadi ammoo
taa’umsaan tola:-
1. Hayyuun deemsaan, gowwaan taa’umsaan
tola.
2. Dhiirri deemsaan, dubartiin taa’umsaan
tolti.
3. Bishaan deemsaan, ibiddi taa’umsaan tola.
*Deega sadii naman mudiin:-
1. Deega gudeedaa,
2. Deega afaanii.
3. Deega qabeenya.
*
Waa sadi abbaa itti yaaman, sadi ammoo
ambaa itti yaaman:-
1. Maraataa abbaa, Heera gale amba itti
yaaman,
2. Dubra heeruma geesse abbaa, Harka bade
amba itti yaaman,
3. Sa’aa dulloome abbaa, Nama du’e amba
itti yaaman.
Ajab!
@dhalootahaara irra
Mee namni simannan kun si gammachise like tuqi
Waraana ABOtiif naannon Tigraay simannaa ni taasisa

(FBC)- Waraanni Adda Bilisummaa Oromoo booru ganama Eertiraadhaa Ityoophiyaa; naannoo Tigraay yammuu seenu ni simatama.

Waraanni addichaa kuma 1300 amma 1500 ta'u karaa Zaalaambassaatin gara Ityoophiyaa kan galu ta'uu Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Naannoo Tigraayitti hogganaan ijaarsa dandeettii obbo Waldagabreel Asgadoom Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Obbo Waldagabreel akka himanitti, waraanichaaf ummata Addegiraatin simannaan ho'aan taasifamee, affeerran cireetis ni gaggeeffama.

Magaalaa Maqaleetti ammoo waraanichaaf simannaa fi affeerran laaqanaa kan taasifamu ta'a.

Hoggansi ABO obbo Daawud Ibsaatin duurfamu booru, Fulbaana 5,2011 ganama sa’aa 5:0tti Finfinnee kan galu yammuu ta’u, simannaa isaanitiifis sagantaan addaa magaalaa Finfinnee Addabaaba’ii Masqalaatti qophaa'era.

Fulbaana 7,2011 ammoo mariin jaarmiyaalee siyaasaa, hayyootaa fi bakka buutota hawaasaa hirmaachise Koomiishinii Diinagdee Afrikaatti ni gaggeeffama.
@dhalootahaara @dhalootahaara
Kana Beektu Laata

Kennaan guddaan = Jaalala
Aangoo guddaan = Of bulchuu
Itti gaafatammumma guddan = Amanamumaa
Hiyyumma guddan = Beekumsa dhabu
Dhukkubni guddan =Hunduma caala beeka
Qabeenyi guddan = Amantaa
Dhiphinni guddan = Mal naan jedhu
Gootummaa guddan = Obsa
Dadhabinii guddaan = Maallaqaaf bitamu

#Waa beekuun of beekuudha #Ulfaadhaa @dhalootahaara
Ibsaa Dr Lammaa Magarsaa OBNf kennaan:

▶️Sababii alaabatiin walitti bu’iinsi magaalaa Finfinneetti mudate kan mudachuun irra hin #turree fi #dhaabbachuus kan qabudha jedhaniiru.

▶️Preezdaant Lammaan ibsaa isaaniin ukkaamsan bara dheeraa sirriitti akka saaqamuu fi dirreen #demokraasii akka bal’atu jaarmiyaaleen siyaasaa gara biyyaa galaa jirus jedhaniiru.

▶️Yaadas ta’e alaabaa gartuu tokkoo saba biraarratti fe’uuf barrisaa darbeera kan jedhan preezdaant Lammaan, wal #dhaggeeffachaa, #wal-danda’aa, #walii-obsuun deemun ammoo murteessadha jedhaniiru.

 

▶️Akkuma kanaan dura gaafa isaan keessummaa isaanii simitan alaabaa barbaadan qabatanii baanaan #jaalannees haa ta’u osoo hin jaalatin callisne, isaanis gaafa alaabaa barbaanne qabannee keessummaa keenya simannu jaalataniis haa ta’u osoo hin jaalatiin callisanii ilaaluu qabu jedhaniiru.

▶️Alaabaa ummanni fedhee fi murteeffatete alaabaa ummataa gochuun ni #danda’amas jedhan preezdaant Lammaan.
Haata’uutii eenyuyyuu eenyurratti #alaabaa namarratti fe’uu hin danda’u jedhan.

▶️Ummanni sababii xixiqqaadhan akka #waldhabu hojjetamaa jira kan jedhan preezdaant Lammaan, qeerroo fi jaarmiyaaleen siyaasaas dhimmicha #xiyyeeffannaadhan ilaaluu akka qaban hubachiisaniiru.

▶️Miira keessaa #ba’uudhan #tasgabboofnee waliin yaa #hojjennus jedhaniiru preezdaantin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktarri kabajaa Lammaa Magarsaan.
-------------------------------------------------
@dhalootahaara @dhalootahaara

join & share us 📌📌📌
Maddi #jirra_jirtu
Hooggansaa fi waraana Adda Bilisummaa Oromoo simachuuf uummanni magaalaa Buraayyuu fi naannawaa ishee akkasumas godinaalee lixa Oromiyaa irraa gara Finfinne imalaa ture Fakka hin seennef ittisan.