JAARRAA ABBAA GADAA
1.53K subscribers
971 photos
41 videos
10 files
343 links
Goota falmuu dhiifnee
Qeerroon Galee ciifnee
Oromiyaa Dachii Goota
Gantuu fi Yartuu Akkam Goggootaa !!!

YAADAFπŸ‘‰ @JAARRAABOT
Channel youtube keenya Argachuuf
πŸ‘‡πŸ‘‡
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Download Telegram
Channel created
Channel photo updated
Baga nagaan dhuftaan
Waaaaw oromoo tiyya
#ODUU
March 15,2020

βœ… Itoophiyaatti namoonni haaraan 3 dhukkuba kooronaa vaayirasiin qabamuun ibsame.Ministerri minister Deetaa Obbo Darajjee Dhugumaa akka ibsanitti namoota 3 keessaa lama lammii biyya Jaappaan tokko ammoo lammii itoophiyaati jedhan.
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…
βœ… Magaalaa Dheeratti namoonni namicha waliin haasa'anii fi nagaa walgaafatan jedhamanii shakkaman qabamanii gara mana yaalaa geeffamaa jiraachuun dhagahame.Haa ta'u malee namoonni tokko tokko dhokataa jiraachuun dhagahame.
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…

βœ… Aafiyaa fi Nageenya ummata kenyaatif yaaduutu dursa jedhame.
Sagantaan stadiyoomi Magaalaa Jimmaatti eebbaa fi gargaarsaa TV hamiltani qophaahee dursa Aafiyaa fi nageenya ummataaf yaaduutu dursa jechuun sagantichi yeroo biraatti dabarfameera.
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…
βœ… Magaalaa Finfinneetti namichi kooronaavaayirasiin shakkamee gara bakka turiinsatti osoo fidamaa jiru Ambulaansii cabsee miliqe Naannoo Amaaraa Godina Walloo kibbaa Aanaa Gaambotti seera jala oole.Namichi kun ji'a tokko dura biyyaa bahee amma gara biyyatti deebi'e.
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…
βœ… Pireezidaantiin Masrii Abdulfattaa Alsiisii torban lamaaf Mana barumsaa fi Yuunivarsiitiwwan cufan.
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…
βœ… Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Moorokoo kan ta'an Obbo Abdulqadar Amaaraa dhibee kooronaavaayirasiin qabaman.
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…
βœ… Seenegaal mana barumsaa cuftee jirti akkasumas guyyaa Bilisummaa isaanii sababa yaaddoo kooronaavaayirasiitif dhiiftee jirti.
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…
βœ… Ruwaandatti erga kaleessa namni jalqaba kooronaavaayirasiin qabame booda mana amantaa, fi mana barumsaa cuftee jirti akkasumas walgahii garagaraas haqxee jirti.
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…
βœ… kiristiyaanoo Roonaaldoon hoteela biyya isaa jiru gara Hoospitaalatti jijjiirun namoota dhibee kooronaavaayirasiin qabamaniif akka itti gargaaraman godheera.Baasiis akka ofii danda'u ibseera.
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…
GORSI DAWAA SAMMUUTI GORSA KANA FUDHADHAA !!
β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’

☞Gorsa namaa hin tuffatin iddootti si gargaaru qabaatii.
☞Anatu beekaa hin baay'isin kan si caala beeku baay'eetu jiraatii.
☞HIyyeessa hin tuffatin boru isatu nama ta'aatii
☞Lolaaf hin ariifatin miidhamuu dandeessaatii
☞Karaa hin beekneerra hin deemin tasa baduu dandeessaatii

☞Nama hammeenna kee odeessu hin jibbin boru isumatu gaarummaa kee haasawaatii
☞Kankoo qofti haa caalu hin jedhin dhagggeeffataa dhabdaatii
☞Seenaa hin dagatin dhaloota dhufutti dabarsitaatii
☞Beeka jettee hin taa'in waan ati hin beekne baay'eetu jiraatii
☞Balleessuuf hin fiigin kan si balleessutti baataatii
☞Sirriidha jettee waanuma hunda hin haasawin dogoggora qabaachuu danda'aatii

☞Abdii hin kutatin turullee siif darbaatii
☞Jallina namatti hin yaadin jallaa taatee haftaatii
☞Hojii hin tuffatatin hiyyoomtee haftaatii
☞Qabeenyaan hin boonaan bor ni dhumtitii
☞Namni ati jaalattu yoo dugda sitti gale ariifattee hammeennasaa hin haasa'in yommuu walitti deebitan gaabbitaatii
☞Waan na jalaa calliseef na jibbe hin jedhin tarii haalli inni keessa jiru gaarii mitiitii !!!!!!!

Waan dubbiftaniif galanni keessan
@Ahmezid
β˜…Bakka bu'ee hin banne
β˜…Bakka kufee hin cabne
β˜…Bakka hanne
β˜…Bakka turee hin shamneisiniif kaahee jira

#Horaa_bulaa
@Oromo_muslimjemaa
Dhukkuba COVID-19: Daddarba, Mallattoo fi Ittisa
1. AKKAMIIN DADDARBAA?
* Vaayiresiin kun akkuma vaayiresoota sirna hargansuu
namaa hubanii kan birootti yoo namni dhukkuba kanaan
qabame qufa'u (coughing) yokaan haxxiffatu (sneezing)
gara nama bira jiruutti darba.
*
Namni tokko dhukkuba kana kan sirriitti (ciminaan)
gara nama biraatti dabarsu yeroo mallattoon dhukkubichaa
cimaa ta’ee nama sanarratti mul’atudha.
* Vaayirasiin kunis baya’inaan kan daddarbu, bakka
namoonni walitti dhiyaatanii turan akka gabaa, bakka
walga'ii, mana barumsaa, geejjiba hawaasaa keessatti fa'i.
2. MALLATTOO
*
Vaayirasiin kun erga qaama namaa seenee booda
guyyota 2 haga 7 gidduutti mallattoo argisiisuu eegala.
Walumaa galatti namoota vaayirasiin kun qaama isaanii
seene keessaa haga dhibbeentaa 95 (95%) ta'an haga
guyyaa 10tti mallattoo argisiisuu eegalu.
*** Vaayirasiin kun erga sirna hargansuu namaa hubee
booda mallatoolee hedduu argisiisuu eegala. Mallattoolee
kana keessaa kan yeroo hedduu mul’atan kan akka:
- ho'iinsa qaamaa (fever),
- qufaa (cough),
- hol'achiisuu ykn room'isiisuu,
- qaama caccabsuu (dhukkubbii maashaa),
- mataa dhukkubbii fa’i.
3. AKKAMIIN OFIRRAA ITTISNAA?
- οƒ˜ Yeroo mara haga dandeenye harka keenya saamunaa fi
bishaan qulqulluun yoo xiqqaate sekondii 20 siriitti
dhiqachuu.
- Yoo saamunaa dhabne ammoo alkoolii harka keenya
ittiin qulqulleeffachuuf qophaa'e kan mana qorichaa
(faarmaasii) kamitti illee argamuu danda'u bitachuudhaan
harka keenya sirriitti waliin ga’uudhaan rigachuu.
- Akka carraa haalota armaan olii fayyadamuudhaan harka
keenya kan hin qulqulleefatiin yoo ta’e harka keenya haga
qulqulleeffannutti, harka keenyaan afaan keenyaa fi funyaan
keenya tuttuqquu dhiisuu.
- Nama dhukkuba kanaan qabame yokaan naannoo
dhukkubi kun argametti mallattoo dhukkuba kanaan
shakkame yoo kunuunsinus ta’e dubbisnu fi kkf, baay'ee
itti siquu (close contact) dhiisuu.
- Yoo dhukkuba kanaan qabamne ammoo ala baanee
hawaasatti makamuu dhiisuudhaan mana taa'uu, maatii
keessa jiraannuu fi namoota mana keessa jiraniif ille illee
eeggannoo cimaa taasisuu.
- Yoo dhukkubsanne, yoo qufaanu yoo argame maskii
yokaan haguugguu afaanii godhachuu, dhabame ammoo
afaan keenyaa fi funyaan keenya huccuudhaan haguugnee
qufa'uu fi haxxofachuu.

@ilmanesruu
@oroquotes
#NAA BARAA

Ilaalaa amma dhiheem
Osoo hin beekiin bari'ee
Na ajjeesuudhaaf deemaa
Yaadaaf yaaddoon ari'ee
Isheen sagal bilbiltii
Ani asii gubadhee
Engaddaa du'een oolee
Osoon fiiguu gufadhee
Kan isheen naaf bilbiltuu
Booleetti na arguufii
Natti jiruun hammaatee
Sammuunuu na darbuufii
# Kool-baakii ergaa ooltiim
Hin dhiistum yeroo maraa
Ani waan tokko taanaan
Ishee ta'uu naa baraa
Qarshii qarshii naan jettii
Maal bituufii gabaadhaa
Ilkaan koollee gurguruuf
Namni hin bitu cabaadhaa!
join @technoteachingprogram
Sammuu tee miira keeti ol godhuu barachuu qabda, ta'uu baannan hallayyaa keessatti if agarta.

@ilmanesruu
@oroquotes
Nama si wajjiin Jiruuf gatii kanni, deemee yoo deebi'eehuu kan akka jalqabaa San siif hin ta'u.

@oroquotes
@oroquotes
1. Har'a nyaattee jirta.

2. Onnee gaarii qabda.

3. Namoota biraatif gaarii hawwita.

4. Bishaan qulqulluu qabda.

5. Nama siif yaadu ni qabda.

6. Wayyaa'udhaf ni Tattaafatta.

7. Uffata qulqulluu qabda.
8. Abjuu (mullata) qabda.

9. Harganu jirta (hafuura) fudhatu jirta.

Wantoota titiqqoo jiruu tee keessatti haalan murtessoo ta'aniif Rabbii kee galatomfadhu.

@ilmanesruu
@oroquotes
Rabbiin akka Ati jirtu kanatti Yeroo si uumu Dogoggora tokkoon maletti.

Sumaatu Dogoggore wayta...

Wayta an fokkotaa dha jattee yaaddu.

Wayta nama fakkaachudhaaf tattaaffii gootu.

Wayta if shakkuu eegaltu.

Wayta an gahaa miti jattee if yaaduu egalte.

Wayta Dhiifama Godhuu diddu.

Wayta Milkaa'ina namoota tti gammaduu dadhabdu.

Wayta Ati kaayyoo kee galmaan gahuu akka dandessu irraanfatte.

@oroquotes
@oroquotes
@ilmanesruu
Fuuldurri kee si barbaada malee, Seenaa kee kan dabre sanii miti.
Har'a irra dhaabbadhuuti boru jireenya akkam jiraachuu akka barbaaddu itti yaadi, jiruu barbaadde San jiraachuu akka dandeessu amani, murteeffadhu. If Duuba hin laalinii tattaaffii kee ammarraa eegalii if duratti tarkaanfadhu
.

@ilmanesruu
@oroquotes
Kana Yaadadhu.

Hojii ykn adeemsa keetii tti hin qaanya'in. Yoo kiishni kee duwwaa ta'e namni tokkollen si hin nyaachisu.

Qeeqni(haasawni) Keessan daabboo Naaf hin bitu jedhiinii,
Maal Nan je'anii isaanii bira dabri.

An @ilmanesruu ti
@oroquotes
Yeroo oso Waan si boochisu hedduu qabduu garuu Ati bakka boochu seequu (smile) filatte. Kun JABEENYA.

@oroquotes
@oroquotes
@ilmanesruu
Gammadaa ta'uuf:- namatti hin murteessin(don't judge).

Irra gammadaa ta'uuf:- hundaafuu Dhiifama godhi.

Haalan gammadaa ta'uuf:- hunda jaaladhu.


@oroquotes
@ilmanesruu