JAARRAA ABBAA GADAA
1.51K subscribers
971 photos
41 videos
10 files
344 links
Goota falmuu dhiifnee
Qeerroon Galee ciifnee
Oromiyaa Dachii Goota
Gantuu fi Yartuu Akkam Goggootaa !!!

YAADAFπŸ‘‰ @JAARRAABOT
Channel youtube keenya Argachuuf
πŸ‘‡πŸ‘‡
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Download Telegram
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Be silent..)
Akkaataa sammuudhaan cimaa ta’uu dandeenyu:_

.  Kophaa ta'uu hin sodaatin.
.  Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin.
.  Addunyaan liqii sitti hin dhaga'amin.
.  Bu'aa hatattamaa hin eegin.
.  Riskii fudhachuu hin sodaatin.
.  Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin.
.  Itti gaafatamummaa irraatti hin qaana'in.
.  Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in.
.  Milkaa'ina namoota biroo irratti hin aarin.
.  Namoonni miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin heyyamiin
.  Yeroo kee gadduun hin gubin.
.  Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna hin qisaasessin.

━━━━━━━━━━━
πŸ–‹οΈ @Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Be silent..)
Carraa fayyadami, dogoggora hojjedhu.  Akkasitti guddatta.  Dhukkubbiin ija jabina kee soora.  Jajjaboo ta'uu shaakaluudhaaf kufaa ka'uu qabda.  Yaada gadhee yaada gaariin erga bakka buuftee booda bu'aa gaarii argachuu jalqabda.  Addunyaa kana irratti ija jabina malee homaa ta'uu hin dandeessu.

━━━━━━━━━━━
πŸ–‹οΈ @Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Be silent..)
Milkaa'inni kee bu'aa waan yeroo hunda hojjechuuf murteessituudha.

Milkaa'inni yaalii yeroo tokkotii miti. Itti fufuu qabda. Milkaa'inni ida'ama murteewwan xixiqqoo hedduuti.

Yeroo ammaa kana irratti xiyyeeffadhuu akka nama ta'uu barbaaddutti socho'i.

Milkaa'inni ni dhufaa!
━━━━━━━━━━━
πŸ–‹οΈ@Jechootahayyoota
❀1πŸ‘1
BARRI 2🌻17 KUN:
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌻 Kan Gammachuu!
🌻 Kan Milkaa'inaa!
🌻 Kan Badhaadhinaa!
🌻 Kan Jaalalaa!
🌻 Kan Tokkummaa!
🌻 Kan Guddinaa!
🌻 Kan Haaromsaa!!
   🌺 Isiniif!
   🌺 Maatii keessaniif!
   🌺 Ollaa keessaniif!
   🌺 Hiriyyoota Keessaniif!
   🌺 Biyya KEENYAAF!

πŸŽ„Bara Itti Mul'anni keessan dhugoomu!

πŸŽ„Bara itti bakka yaaddan geessan.

πŸŽ„Bara itti hojjettanii milkooftan!

πŸŽ„ Bara itti firii keessanitti gammaddan!

🌺 ISINIIF HAA TA'U! 🌻
Yoo jennu hawwii guddaa dhaan!


@Oromotoo
@Oromotoo
❀4
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr πŸ‘¨β€πŸ’»πŸ’€ Β πŸˆβ€β¬›)
✍️ Wantoonni kan galma gahan... hanga abjuu keetiitiin osoo hin taane.. hanga ati galma sanitti gahuudhaaf irratti hojjatteen..
kanaafuu furtuun gammachuu abjuu gaarii qabaachuudha... furtuun milkaayinnaa abjuu qabdu sanarratti gatii barbaachisu hundaa kafaltee hojjachuudha....!!

πŸ‘‡
https://t.me/Jechootahayyoota
πŸ‘3❀1
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr πŸ‘¨β€πŸ’»πŸ’€ Β πŸˆβ€β¬›)
Dhiifama namni hin kabajne, nama nama hin kabajne.

β—‹Dhiifamni dhiiga lola'eewu araarsa
β—‹Dhiifamni biyya wal waraane walitti araarsa
β—‹Dhiifamni Jireenya kee tasgabbeessa
β—‹Dhiifama nama dhiisii Rabbiinuu namaaf godha.
β—‹Dhiifamni mootiidha.

Namni dhiifama hin jaalanne nama namummaa hin jaalanneedha

#Dhiifama

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
πŸ‘2❀1
Gaaffilee Jireenya Milkaa'inaa Jiraachuuf Nama kakaasa'an:
√~β€’~β€’~β€’~β€’~β€’~β€’~β€’~β€’βˆš
✨ Gaaffileen Jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaa’ina hawwu tokkoof baay’ee murteessoo dha.
πŸ‘‰ ANI EENYU ?
πŸ‘‰ Maalifan Uumame?
πŸ‘‰ Ergamni koo maali?
πŸ‘‰ Karoorri koo maali?
πŸ‘‰ Mul'anni koo maali?
πŸ‘‰ Kaayyoon koo maali?

πŸ“Œ Eessaan dhufe?
πŸ“Œ Eessan Jira?
πŸ“Œ Eessan Deema?

◾️Har'a maalin hojjadhe?
◾️Maal hojjechuun qaba?
◾️Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira?

✨ Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi!

√ Your Future is on your hand!
√ Success is behind you!


✨ Ganama obboroo yommuu hirriiba irraa kaatu wanta guyyaa kana hojjettu karooratti qabattee kaata. Galgala yommuu raftu immoo waan raawwatte miijanta, kunis ciminaa fi dandeettii kee fuulduratti itti adeemtuuf ragaa siif ta’a.
Kabajoomaa!
Turtii Gaarii!

Madda @Ma_momye143

ShareπŸ’―shareπŸ’―share

πŸ‘‰Join UsπŸ‘ˆ

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
πŸ‘9❀1
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Be silent.(Imran) βš•οΈ)
Bu'aa fooyya'aa hin hawwin...

BU'AA FOOYYAA ARGACHUUF HOJJADHU!

Rakkoo xiqqaa hin hawwinaa...

HANGA RAKKOON KEESSAN BADUTTI HOJJADHU !

Jireenyi osoo naaf salphaa ta'ee jettee hin hawwin...

HANGA JIREENYI SALPHATUTTI HOJJADHU!

HANGA FOOYYOFTUTTI OF IRRATTI HOJJEDHU...
SANA BOODA , JIREENYI SALPHAA TA'A!


@Jechootahayyoota
πŸ‘1
SAMMUU KEESSAA JALQABAA.

Wanti namni sirraa fudhachuu hin dandeenye tokko bilisummaa sammuu keetii ti. Sammuu kee jabeessi, dursa sammuu kee cimsi...sana booda wanti kamiyyuu ni danda'ama.

━━━━━━━━━━━
@JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr πŸ’€)
Dubartii tokkotu uffata bifa bofaa qabu uffattee akka tasaa miilashee tokko uffata jalaan gadi baastee ciisti ture.
Yeroo Abbaan manaashee dhufu miilashee uffata jalaan gadi bahe kana bofa se'ee ulee sibiilaan rukute.
Akkuma suura irratti argitan kana abbumti manaashee miila haadha manaasaa ta'uu erga baree booda gara mana yaalaa geessuun; ogeessonni akka lafeen miilashee caccabee jiru itti himuun yaala barbaachisu argatteetti.

Egaa kanarraa waanti baratamu maali jettu?
Balleessaan kan eenyuuti jettu?

Gorsa ogeessa fayyaa argachuuf#link gadii kanaan #YouTube kiyya seenaa #Subscribe godhaan affeerraa kooti!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://youtu.be/p51FnhhOuDY @JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA (Jarr πŸ’€)
Namicha tokkotu osoo karaa deemuu ibidda haalaan boba'aa jiru tokkotti dhufa. Akkuma ibidda boba'aa jiru kanatti dhiyaateen, bofa ibidda sana keessatti gubachaa, lubbuuf watwaachaa jiru argee, bofa kana ibidda kana keessaa baasuun qaba jedhee murteesse.
Osoo baasuuf yaaluu bofni sun harkasaa iddee dhiigsee, deebi'ee ibidda sana keessa of buuse.
Ammas namichi kun, sibiila ittiin lubbuu bofa kanaa oolchu barbaadee baaseen.
Namni biroon namicha kanatti dhufee, ''bofni kun osoo si iddee jiruu maaliif lubbuusaa oolchitee?'' jedhee gaafate.
Namichis, ''bofti nama idduun amalumasaati, waan na iddeef, kennaakoo ganamaa ilaalcha gaarii sana na jijjiirsisuu hin danda'u!''jedhee deebiseef.
πŸ‘‰Ilaalcha gaarii Uumaan ganama siif kenne, sababa miidhaa sirra gaheef hin jijjiiriin.
Onneekee gaarii sana akka si jalaa hin banneef, of eeggannoo gaarii taasisi.
~~~~~~~
Β© Bulti Likisa Muleta, 2025
πŸ‘‰Kanan dubbiserraa, gara Afaan Oromoottin hiike!
#Share πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@JECHOOTAHAYYOOTA
❀2