JAARRAA ABBAA GADAA
1.53K subscribers
971 photos
41 videos
10 files
343 links
Goota falmuu dhiifnee
Qeerroon Galee ciifnee
Oromiyaa Dachii Goota
Gantuu fi Yartuu Akkam Goggootaa !!!

YAADAF👉 @JAARRAABOT
Channel youtube keenya Argachuuf
👇👇
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Download Telegram
Fuuldurri kee si barbaada malee, Seenaa kee kan dabre sanii miti.
Har'a irra dhaabbadhuuti boru jireenya akkam jiraachuu akka barbaaddu itti yaadi, jiruu barbaadde San jiraachuu akka dandeessu amani, murteeffadhu. If Duuba hin laalinii tattaaffii kee ammarraa eegalii if duratti tarkaanfadhu
.

@ilmanesruu
@oroquotes
Kana Yaadadhu.

Hojii ykn adeemsa keetii tti hin qaanya'in. Yoo kiishni kee duwwaa ta'e namni tokkollen si hin nyaachisu.

Qeeqni(haasawni) Keessan daabboo Naaf hin bitu jedhiinii,
Maal Nan je'anii isaanii bira dabri.

An @ilmanesruu ti
@oroquotes
Yeroo oso Waan si boochisu hedduu qabduu garuu Ati bakka boochu seequu (smile) filatte. Kun JABEENYA.

@oroquotes
@oroquotes
@ilmanesruu
Gammadaa ta'uuf:- namatti hin murteessin(don't judge).

Irra gammadaa ta'uuf:- hundaafuu Dhiifama godhi.

Haalan gammadaa ta'uuf:- hunda jaaladhu.


@oroquotes
@ilmanesruu
DAANGAA KEE BEEKI

Barreefama kiyya jecha Albert Einstein dubbate tokkoon Haa eegalu "garaa garummaan gowwaa fi gamnaa, gamni daangaa ofii beeeka" je'a.
Dhugaadha! Waan goonu hunda keessatti daangaa Isii eeggachu qabna. Jaalalallee osoo ta'ee..

Nama haalan jaalannu tokko osoo Inni balleessuu, nama miidhuu ykn Seera cabsuu jaalalti isaa nu haguugtee osoo agarruu akka nama hin arginii yoo taane, yoo itti dhiisne rakkoodha.

Nyaata yoo fudhanne hoo.. Gosti nyaataa sitti tolee ykn haalan beeloytee hanga nyaattee dhistu Yeroo wallaaltu, rakkoo fi miidhaa isaa namuma nyaata Ifirra guddisee argeetu beeka. Cinqiin isaa tan beelaatin Wal hin caaltu.

@oroquotes
@ilmanesruu
Furtuuwwan jireenya gammachuu 10n

Dr.Mehret Debebe tin
Afaan Oromoo tti kan hiike
Sherif Nesru ( @ilmanesruu )

1.Mataa kee kan biraatin wajji Wal hin madaalchisin:-
Hundi keenya Akkuma ashaaraa harka keenyatti amalaa fi fedhiin keenya haalan Wal dhaba, sababoota gammachuu nu dhabsiisan kessaa tokkoffaan ofiifi nama biraa Wal madalchisuudha,
Qurxummiin akka shimbirrootti gammachuu Isii qilleensa kessan barbaaddadha yoo jatte shimbirroon ammoo akka qurxummittin bishaan keessa barbaaddadha yoo jatte isaan lamanuu osoo hin gammadin hafu, kanaafuu gammachuu tee safartuu keetin safari, Yeroo Ati ka biraatti hinaaftu atis ka biraa akka sitti hinaafu beeki.

2.Xiyyeefannoo kee Waan hin qabne irratti osoo hin ta'in Waan qabdu irratti godhi:-
Wanni sirraa hir'ate Maali? Kan qabdu hoo? Yoo Wal madaalchiste kamtu caala? irra hedduun yaadotaa fi xiyyeefannoo keenyaa wan hin qabne irratti Waan ta'eef Waan qabnu osoo itti hin fayyadamin hafna, gammadaa ta'uuf waa hunda qabaachun sirraa hin eegamu gad qabdee yoo laalte Wanti amma qabdu gammadaa ta'uuf gahaadha, Sababnis miskiinni Waan Ati qabdu kanaaf hawwu heddudha.
....
Itti fufa....

@oroquotes
@ilmanesruu
Mallatton 👍50 Eega guutte booda itti fufa
Respect

#kisaant
Ethiopia sirrii

Micoon tun sabaan tigree dha garuu addunyaa Gubbatti uffata aadaa oromootin dorgomtee Sirna gadaatis beeksifte

Ethiopia Ethiopia afaanin jechurra dabartee gochaan nu agarsiiste,
Dhaloota itti aanuf kan nu barbaachisu nama akkanaati kan kabajaa fi Jaalalaan wajji jiraatu.

@oroquotes
@oroquotes
Bara Tapha basketball kiyya keessatti kubboota kuma 9 mokaree dhabetin Jira. Dorgommii 300 mo'ameetin Jira. Kubbaa yoonin galche gareen kiyya wancaaf gahu akkan darbu na amananii Natti kannan darbee dhabee nin beeka.
Jiruu tiyya keessatti irra daddeebi'ee kufee nin beeka. Kanaafin galma gahe (milkaa'e).

Micheal Jordan

@ilmanesruu
@oroquotes
@oroquotes
Hayye waalitti deebina
Ngyaan bula!!
Rabbi isin haa tiksuu
Obboleewwan kiyyaaa
Dhukkubni hammaataan
Nuseeneera biyyaa

Kan fuulleetti ilaallee
Of sodaataa turree
Obboleewwan hedduu
Ittiin dhabnee agarree

Fuulleetti ilaallee
Dhukkuba hammaataa
Warra dhukkubeefuu
Garallee nu nyaataa

Amma biyya keenya
Seeneeragaa kunoo
Isinis sodaattanii
Sodaadheera Anoo!

Dallansuu Rabbiitii
Dhibeen dawaa dhabee
Maaloo of yaadannee
Hunduu harka wal qabee
Du'aay osoo godhee
Ol qabee gad qabee

Afaan beeku maraafii
Amantaa qabateen
Keessoodhaan waywaatee
Hunduu osoo kadhatee

Dhibeen tamsa'u kun
Silaa nurraa furaa
Ta'uu dhabnaan fixee
Sanyii nu unkuraa! @bashashaa @arif_neng
Ati
~
Ati bar na gante
qulqulluu fakkaattee
Jannata naan jechaa
Si'oolii na buustee
~
Ani gowwichi kee
innin si amane
Hiriyoota koollee
siif jedheetan gane
~
Siin taatu naan jennaan
naaf taati siin jedhee
Dirqiidhanii miti
jaaladheen of hudhe
~
Ati gaarrarraadha
adda uumamnikee
Osoo na ilaaltuut
na dhiisterta bakkee
~
Badi ija koo duraa
argaan kee na gubaa
Na ganuu keetirra
Isatuu na hubaa
~
❤️ @bashashaa
❤️ @arif_neng