JAARRAA ABBAA GADAA
1.53K subscribers
971 photos
41 videos
10 files
343 links
Goota falmuu dhiifnee
Qeerroon Galee ciifnee
Oromiyaa Dachii Goota
Gantuu fi Yartuu Akkam Goggootaa !!!

YAADAF๐Ÿ‘‰ @JAARRAABOT
Channel youtube keenya Argachuuf
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Download Telegram
Forwarded from Faana beekumsaa (Kaayyoo Koo)
JECHOOTA FILATAMOO
Kutaa 2ffaa
@gaaddisa_dhugaa irraa

Kutaa 1ffaa yoo hin dubbisne gara boodaa ilaalii dubbisi

14- Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoo hin taane, nama
sammuu hiyyoomeedha!
15- Beekaa jechuun nama dogoggora ufii ufitti beekee, irraa sirraaโ€™eedha!
~ Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf luka
hin muran!
16- Mooโ€™uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane,jijjiiramas agarsiisuudha!
17- Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi
nama keessa darbuudha!
18- Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta!
19- Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti hinu
wajjiin gadditee boohuu si wayya!
20- Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbanii
yyuu, Qurxummii afaanitti qabatee keessaa baha!
21- Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti!
22- Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo, gadda waggaa
tokkootti jijjiirama!
23- Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane,
bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
24- Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si muudatan kufaatii osoo hin taane,
akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti!
25- Addunyaa tan irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus,
namni akka harreetti yaadu hin dhabamu!
26- Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu!
27- Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan yoo uumu
(kalaqu) kan nama gammachiisu yoo taโ€™u, garuu ufii isaatii uumamuu
(kalaqamuu)yoo irraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha!

Kutaa 3ffaan itti fufa
Share woliif godhaa
T.me/gaaddisa_dhugaa
Forwarded from Gaddisa_dhuga
Namoonni telegrami fayyadamtanu chaneloota armaan gadii kana dhabuu hin qabdanu join godhadhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Forwarded from Faana beekumsaa (Kaayyoo Koo)
Salaata dhiisuu
@gaaddisa_dhugaa irraa

Nabi muhammad (s, a, w) Akkana jedhan mataan waan hundaa lslaama. Salaanni utubaa isaati, jihaadni karaa Rabbii irratti
godhamu ammoo dalluu islaamaatiiยป
Kanaafis namnii salaata dhiise
dhaaba amantaa Islaamaa diigeera
jechuu dha.
Akkasumas hadiisaa Imaam
Ahmadii fi Muslim Jaabiir lbnu
Abdullaah(R.A) tuqanii akka
odeessanitti nabiyyiin(S.A.W) akkana
jedhan muslima tokkoo fi kaafira gidduu wanti addaan Baasu salaata ยป.

Hiriyoota keessaniif share godhaa sababa keessaniin kan salaata dhiise deebi'ee salaatuutu mala
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
T.me/gaaddisa_dhugaa
โ€‹โ€‹#COVID19Ethiopia
Caamsaa 1 (May 9)
#ETHIOPIA |Ityoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessatti qorannoo laabraatorii 2,383 gaggeeffameen namni 16 dabalataan vaayirasichi irratti argamee jira.

โ€ขLakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii waliigalaan 210 gahee jira.

Namni tokko har'a du'uu isaatin bayinni
โ€ขnamoota du'ani 5
โ€ข namoonni har'a bayyanatan=2
โ€ขwalumatti namoonni bayyanatan=97

Dr #Liyaa Taaddasaa
@oromiapost
@oromiapost
Itoophiyaatti namoonni qorannoo laabraatorii namoota 2,383'f godhameen namoonni dabalataa 16 vaayirasii koronaatiin qabamaniiru.

#Haala #dhukkubsattootaa:-

Namoonni vaayirasichan qabamuun isaanii mirkanaa'ee hunduu lammilee Itoophiyaatti.

โ€ข Namoonni 2 seenaa #imala biyya #alaa kan qabaniidha.

โ€ข Namoonni 13 ammoo tuttuqqii nama vaayrasichaan qabamee waliin kan qabaniidha.

โ€ข Namni 1 tuttuqii fi seenaa #imala biyya #alaa kan hin qabneedha.

Walumaagalatti Itoophiyatti lakkoofsi namoota vaayirasi koronaan qabamaniis 210 gaheera.

@oromiapost
@oromiapost
Forwarded from Faana beekumsaa (Kaayyoo Koo)
JECHOOTA FILATAMOO
Kutaa 3ffaa
@gaaddisa_dhugaa irraa

Kutaa 2ffaa yoo hin dubbisne gara boodaa ilaalii dubbisi

28- Kan nama qaanessu baโ€™aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin
taane, sammuu hin yaanne baachuudha!
29~ Yoo rakkoon wahii si mudate rakkoo si mudate saniif yaaduu osoo hin taane, akkaataa rakkoo si muudate san keessaa itti baatu yaaduu qabda!
30~ Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti addunyaa naannofti!
31~ Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee taโ€™uu kan hin dandeenye yoo taโ€™u, balleessaan kee taโ€™uu kan dandaโ€™u kuftee yoo achitti hafteedha!
32- Wal beekuu irra, walii beekuu wayya!
33~ Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hin baasu!
34~ Sareen yeroo hunda duttu akka hin birmatamneef of gooti!
35~ Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana keessa jiruudha!
36~ Addunyaan kun sirraa waan tokko eegdi waan taโ€™eef,waan gaarii tokko hojjadhu!
37- Nama shakkitu hin mindeessin, yoo mindeessite hin shakkin!
38~ Wanti calaqqisu hundi, warqii sitti hin fakkaatin!
39~ Jiraachuuf nyaadhu malee, nyaachuuf hin jiraatin!
40~ Waggatti jiruu dabali malee, jiruutti waggaa hin dabalin!

Kutaa 4ffaan itti fufa
share woliif godhaa
T.me/gaaddisa_dhugaa
Forwarded from อ™อ™Foormulษ‘ษ‘ Jireenyษ‘ษ‘ ๐Ÿ‡ต๐Ÿ‡ธ (๐Ÿ‘‘Lij Iyyasuu๐Ÿ‘‘ Nengโญ)
Yaa Rabbi nu qunnamsiisi
Yaa mootii nu argachiisi
Gaarii nu hojjachiisii
Irraa nu milkeessii
Gaafa guyyaa dhumaa
Ittiin nu qananiisi
Halkan gaarii guddaa
Bu'aan isaan qabne kan bir daaddaa
Dandeettiidha qabdaa
Yaa Rabbi nu godhi kan argatu qooda

Leeylatul qadri
L= Laggeen jannataa qaalii
E= Eellan mi'aan hundaa olii
E= Eebba dhugaatiin malee
Y= Yaada qofaan hin hellee
L= Luugamni kee yoo tole
A= Abdiin jannataa tolee
T= Tarree galteeti seenta
U= Unattee boqotta
L= Lafa gaarii jannataa
Q= Qunnamuuf jiraattaa
A= Aannan cunfaa asheetaa
D= Dasii ijaa fi gurraa mi'aa dhandhamataa
R= Rabbi ijaan gartaa
I= Ittiini boohartaa

Halkan sadarkaa guddaa
Nurkachiisi mootii
Dandeeytiidha qabdaa


Mahammad Bakar
Bakkaan jiru irraa

Join godhaa irraa baradhaa
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

https://telegram.me/Hamiltan_tv_Hamilee_Ummataa
Dhimma Lubbuu !

Ijaaf gurra koo
anaaf ati qaamaa
Yoo ijan sin argin
kiyyas iji jaamaa

Yoo si dhukkube
anis dhibamaa
Ati fayyaa taanan
anis fayyuuma

Ati anaaf
dhimma lubbuu tiyya
Siifan maraadha
kinooti siifaan iyya

Ykn siinan jiraadha
ykn siifan du'a
Wabii jireenya koo
situu anaaf ta'a

Guyyaa sin yaada
halkan hin rafu
Oma jaalalli kee
na dhoowweera safuu

Nyaatan hin jiraadhu
bishaanis dhugee
Hundumaa dhiisera
ergaan si argee

Sagalee keeti
anaaf soorri koo
Suurri kee
waraqaa enyummaa koo

Join ๐Ÿ‘‰ @dedroro๐Ÿ‘ˆ
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†
Share and join this link
Forwarded from Faana beekumsaa (Kaayyoo Koo)
Ajaa'iba dubartootaa mee xiqqo itti seeqaa!
@Gaaddisa_dhugaa irraa

Gaafa tokko Ramadaan keessa Maghriibni hoggaa dhihaate Jaarsi taa'ee Rabbi kadhatuutti seene.
Jaarsii: Yaa Rabbi Saahiba/waahila kiyyaaf Jaartii/Niitii bareedduu, Amala gaarii qabdu, kabajamtuu, tan Isa gargaartu Saahiba kiyyaaf kenni je'e kadhachuu ture. Jaartiin Isaa dhageeysee ariifataa(daddaftee) itti as baatee Isa dura dhaabbatte.

Jaartiin akkana jatteen: Waahila keetiif silaa qabeenyaa fii fayyaa kadhatteefii irra caalaa.
Jaarsi: Alhamdulillaah Waahilli kiyya waan hunda Rabbiin kenneefii ni qaba jaartii malee.
Jaartiin: dallantee (Aarteeti) akkas taatu lammada du'aa'ii hin godhiniifi jatteen.
Jaarsi Isii: Ajaa'ibee Maaltu akkatti si dallansiisee yookaan si aarsee ati? Je'ee gaafate. 
Jaartiinis akkas jatteen: Hoggaa Ati Waahila keetiif Isa boodaa Rabbi kadhatteef Malaaykaan si jalaa Amiin jettee "Yaa Rabbi Isaafis kenni" akka je'an hin beeytuu?!!! Jetteen.

๐Ÿคฃ๐Ÿคฃ๐ŸคฃWayiiii Hinaaffaa Dirgim๐Ÿคฃ๐Ÿคฃ

Ergamaan Rabbii Akkana jedhan Salallaahu Aleeyhi wasallam ุตู„ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู…
Hinaaffaa Irraa uf ittisaa jedhan
Sababni isaas Hinaaffaan akka Ibiddi muka balleessutti
Dalagaa Teessan gaarii Isin jalaa  balleessitii jedhan Subhaan Allah 
Yaa Rabbi Ati hinaaffaa gara malee nurraa qabi ati inshaa Allah
Seenaalee Ajaa'ibaa ni argattu๐Ÿ’ liinkii arman gadii kana๐Ÿ‘‡tuquun join godhaa
T.me/gaaddisa_dhugaa
Forwarded from อ™อ™Foormulษ‘ษ‘ Jireenyษ‘ษ‘ ๐Ÿ‡ต๐Ÿ‡ธ (๐Ÿ‘‘Lij Iyyasuu๐Ÿ‘‘ Nengโญ)
Koronaan qosaa miti!
(Innaa lillahi wa innaa ilahi rajiun)

Guyyaa kalessaa sirna awwaalcha nama Sababa Vayirasii koronaan lubbun isaa darbe tokko irratti argameen ture. Badaa garaa nama raasa.

Abbayyoon kaleessa gara akhiraa deeman kun abbaa saahiba kiyya ka mana barumsaa sadarka 2ffaa irraa amma universititti achi amma sochii (แ‹ตแˆแƒแ‰ฝแŠ• แ‹ญแˆฐแˆ›) waliin dabarsinee dha. Abbaan sahiba kiyya kanaa Dhukaba hamaa kanaan darbuun isaanii heddu na mufachiise. Rabbi guddaan ka jannata haa taasisu. Shahidotattis isaan haa dabalu.

Yommuu sirni awwaalchaa taasifamu ka achitti argame nama dibdama (20) hin caalu. Wanni hundi manuma hakimiitti raawwatamee dhufe. Kan awwalchaaf qophaโ€™an namota shan hincaalanu. Namota hojii kanaaf ramadamantu rawwata.

Akka tasaa adaba islamaa wanna hin raawwatamin tureef namoota dhimmichi ilaallatu waliin dubachuun osoo janazaan makinarra hinbuune salatul janazaa irratti salaatne. Kun badaa nama gaddisasa.

Vayirasiin kun hamaa tauun isaa ijolleen abba ofii illee qabaruu dandauu dhabuun firri janazaa gagessu dhabuun iffatti mullisa. Abbaa waliin hariroo waan qabaniif jarris quarantined taโ€™aniiti jiru. Kanaaf qabri abba irratti argamuu dadhaban. Kun waan badaa garaa nama nyaatu dha.

Yaa ummata kiyya bor enyu enyuun akka
Qabaru hin beeknu kanaaf haluma kamiinu janazaa adaba islaamni gafatuun gaggeesuu ka kaleessa irraa barachuun barbachisaadha.

Motummaan amantaa hundaaf hala kanaan iddoo mijessuu isaaf galata qaba. Ummanni keeyna ammoo dhibeen koronaa kun qosaa akka hintaane hubatee of eggannoo barbachisaa akka godhun ergaa dabrsa.

ยฉ Ustaz Kamil Shamsu

https://t.me/joinchat/AAAAAFE5LN1wa2wQVxn-fg
Forwarded from อ™อ™Foormulษ‘ษ‘ Jireenyษ‘ษ‘ ๐Ÿ‡ต๐Ÿ‡ธ (๐Ÿ‘‘Lij Iyyasuu๐Ÿ‘‘ Nengโญ)
#TAMTUU_CAALA_BAREEDAโ‰


#โƒฃYeroo hedduu warri ittiin bulmaata (Shari'aa) amantii islaamaa qeequ Hijaabni mirga dubartootaa sarba jedhanii yeroo haasahan ni dhagahama.

๐Ÿง•๐Ÿป๐Ÿง•๐ŸปHijaabni mirga dubartii koonkumaa hin sarbu yoo kabaje malee.

Akkamitti hijaabni mirga dubartootaa kabajaโ‰

Gutuu isaa banaa dubbisaa

Chanalii kana join shere godhaa
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Hamiltan_tv_Hamilee_Ummataa
@Hamiltan_tv_Hamilee_Ummataa
@Hamiltan_tv_Hamilee_Ummataa
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน

https://telegra.ph/httpstelegrammeHamiltan-tv-Hamilee-Ummataa-05-09-2
Track 2
Unknown artist
birul walideey โค๏ธ
๐ŸŽงmunshid Asmamaw Ahmed

@Hanuudi_Mohamed
TOOFTAA ABBOOTII IRREE
๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช

Kutaa 2 ffaa
๐Ÿ”ถ๐Ÿ”ถ๐Ÿ”ถ๐Ÿ”ถ๐Ÿ”ถ๐Ÿ”ถ๐Ÿ”ถ
BAACOO FI QOOSAA
ใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐ


Abbootiin irree morkattoota isaanii jilbeenfachiisuuf tooftaawwan itti fayyadaman keessaa inni tokkoo fi inni jalqabaa haamilee tuffiitii fiu gadi xiqqeessanii ilaaluudha,

Sana boodas isaan mudduuf jecha waraana xiinsammuu itti banu, isaanitti qoosuu, sadarkaa ofii olkaasanii dhiheessuunis morkattoonni isaanii dadhabinaa fi humana dhabiinsi isaanitti akka dhagaโ€™amu godhuuf tattaafatu,

Kun tooftaa abbootii irree hundaati, hedduuwwan yoo mirgaa fi bilisummaa isaaniitiif qabsaaโ€™an abbootii irreetiin sadarkaa jalqabaatiin ilaalcha tuffii fi baacoon itti guutameen ilaalamu, haataโ€™u malee booddee irratti injifatuun hinjifatamuun isaanii hin oolu,

โœด๏ธโœด๏ธโœด๏ธโœด๏ธโœด๏ธโœด๏ธโœด๏ธโœด๏ธโœด๏ธ

โ€œjalqaba irratti si tuffatu, ergasii sitti qoosu, itti aansee si waraanu, dhumarratti ni injifattaโ€ (maahtama gaandi)
๐Ÿ”ท๐Ÿ”ท๐Ÿ”ท๐Ÿ”ท๐Ÿ”ท๐Ÿ”ท๐Ÿ”ท๐Ÿ”ท๐Ÿ”ท

Kutaa 3ffaan itti fufa
ใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐใ€ฐ

Join godhaa๐Ÿ‘‡

t.me/Tooftaa_Abbaa_irree

https://t.me/joinchat/AAAAAEl-MsRdENkN-Aqedg
Tooftaa Abbaa Irree๐Ÿ’ช
Kitaaba ustaaz Ahmaddiin Jabal "FIR'AWNAA FAKKEENYA ABBOOTII IRREE " Kitaaba jedhu irraa isiniif dhiyaata maarree isinis join godhaa tooftaa Abbootii irree baradhaa


๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

T.me/Tooftaa_Abbaa_irree

https://t.me/joinchat/AAAAAEl-MsRdENkN-Aqedg