JAARRAA ABBAA GADAA
1.53K subscribers
971 photos
41 videos
10 files
343 links
Goota falmuu dhiifnee
Qeerroon Galee ciifnee
Oromiyaa Dachii Goota
Gantuu fi Yartuu Akkam Goggootaa !!!

YAADAF๐Ÿ‘‰ @JAARRAABOT
Channel youtube keenya Argachuuf
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Download Telegram
Forwarded from Ethio entertainment
๐Ÿ™‹โ€โ™‚ Gaaffii kanarratti hirmaadhaa hundinuu amma beektanuun

1โƒฃ Baatiin ramadaanaa sadarkaa gurguddoo danuu qaba.
Keessaa ammam beekta?

2โƒฃ Soomana jechuun maal jechuudha?
โคต๏ธbakka gadii kana tuquun hirmaadhaaโคต๏ธ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Walloo
~
Wayyoo yaa warra lubbuun hin jirree
Yaa warra boolla buutanii
Walloon Finfinneerratti akkas kabajamuusaa
Warri hin argiin duutani...
Yaa gootota Oromoo
Yaa qabsaa'ota sabaa
Takkaadhuma ol jettanii
Yoo nu ilaaltan maal qabaa?
Goototti Maqa - Dallaa
Jabduu koo yaa # Warqituu
Takkaadhuma ol jettee
Ija keen nu hin argituu?
Utuma gadi nu qabanii
Ijoolleen kee guddannee
Seenaa kee dhokate sana
Finfinneetti dubbanne!
Ka'ii dhugaasaa nutti himi
Warqituu warqee namaa
'Xiyyiitii dhuge' kan jedhan sun xiyyiitiin bishaan turee
Akkamittiin dhugamaa?
~
Walloo koo biyya seenaa
Walloo koo biyya gootaa
Si lolan malee hin loltu
Gaafa lolte ni moota!
Utuu sitti marsanii - utuu sitti dhaadatanii
Sodaafi rifaatuu gattee
Alagaa gidduu teessee
Eenyummaa kee eeggatte!
Walloo koo biyya xiiqii
Biyya Oromummaan faayaa
Biyya gootittii jabduu
Biyya # Baadittii Maayaa..
Hangam yoo fageetellee
Dhugaa mul'isa barri
Baaditti Maayaa keenya 'Yoodit Gudit' jedhanii
Maqaa jijjiiran jarri!
'Gudit' jechuu dhiisanii 'Gulliit' utuu jedhaniiyyuu
Seenaa dhugaa jijjiiruu?
Kan akka isheetti gadi qabee
Isaan bulcheyyuu hin jiru!
Gootummaafi Oromummaadhaan
Adawwii shishim gootee
Tigraayii hanga Gondaritti
Waggaa afurtama moote!
~
Kan seenaa hojjetanii darban
Gootonni Walloo kumaa
Eenyunin maqaa dha'a..
Eenyutuu himamee dhuma?
Kan diinni ijaan agartee
Ofumaan boolla lixxu
Biyya # Balaay Zallaqaa
Balaay Zallaqaa Qilxuu..
Balaay ilma Walloo
Ormiyyuu keenya se'ee
Waggoota meeqatamaaf
Ittiin geeraraa ba'e...
Wanti Walloon hin qabne
Jira taanaan maaliree..
Biyya # Mohaammad Alii
Biyya # Tolaa Qaanqiree
Warra kutannoon ka'ee
Nafxanyaaf buluu dide
Biyya # Abbaa Gaanguliifi
Biyya # Hasan Rashidee...
Yoo samiin dukkanaa'eyyuu
Walloon hin kuttu abdii
Hayyuu yoo barbaaddanis
Abbaa # Jabanoo qabdi!
~
Kan dubbatamee hin dhumne
Seenaan Walloo bar kaarraa
Biyyaafi qe'ee gooticha
# Wadaay Baabboo Jaarraa...
Wadaay Baabboo korma
Hin dhageenye ajaja ormaa!
Hidda mataa kaafatee
Xiiqii oneerraa fidee
Minilik abbaa irreef
Hin bulu jedhee dide!

Itti fufa...
WALALOO
Godaannisa Musliimotaa fi Mootota Itoophiyaa

Kutaa 1ffaa

Asalaamualeykum
Obbleewwan diinii
Waa xiqqoo dubbadhu
Naan jette qalbiinii
Caalaa ummatootaa
Nu godhus rabbiinii

Har'a akkam jirra
Kaleessa eessa turree
Gargar faffacaanee
Nutoo taanan burree

Yahuudaaf nasaaran
Nurratti walkaaftee
Luubbuu musliimotaa
Lafarraa mancaaftee

Lafarraa balleessuuf
Qabaatanis hawwii
Silas karaan haqqii
Hin dhabu adawwii

Jalqaba ifaan diinii
Addunyaadhaf ifee
Ergamaan ilaahii
Haqqii qabee dhufee

Adawwiin balleessuuf
Wanta wanta meeqa gootee
Booddee dharti kuftee
Haqqiin biyya mootee

Handhuura addunyaa
Hundaafuu walakkaa
Dachee kabajamtuun
Baate biiftuun takkaa
Hunda caaltuu lafaa
Biyyoo biyya makkaa

Jalqaba ifaan haqqii
Achirraan hanga'ee
Kallattii hundaanuu
Addunyaa wal ga'ee

Roorroof rakkoon cimtus
Hundumaa dandeessee
Qaanqeen ifaa sanaa
Biyyaa keenyas geessee

Mootin biyya keenyaas
Gammachuun simatee
Gaafas abdii kutee
Adawwiin rifatee

Gaafa ifaan haqqii
Habashaa qaqqabee
Najjaashin immimman
Qabachuu dadhabee

Dubbiin haqqii ta'uu
Yoosuu isaaf galee
Haqqiin hundaaf ifa
Beekaa mormu malee

Najjashin gammachuun
Qabatee shahaadaa
Haqqii ol taasisuuf
Gaafas seene waadaa

Najjaashin dubbate
Sagalee ol qabee
Tokkichummaa rabbii
Habashaaf lallabee

Gahee leencaa bahee
Kan diinii olqabee
Akkasiin anallee
Shahaadan qaqqabee

Ifaan haqqii latee
Lalisee fireessee
Gaheen kan kee maali
Dabareen si geessee

An beekumsa hin qabu
Waa tokko hin danda'uu
Waa hunda barreessuuf
Yeroon naaf hin ga'uu

Kanaaf keessa fiigee
Tuqee mata duree
Silaa naaf mijatee
Tokko hin dhiisu turee

Mootota Itoophiyaa
Kan Najjaashii boodaa
Jararraa waan xiqqoo
Mee isiniif qoodaa

Yohannis afraffaaf
Teewodroos dabalatee
Ummanni musliimaa
Biratti salphatee

Kumaatamni du'ee
Rabbii isaan walgahee
Kumaatamni ammoo
Bar kaafira ta'ee

Biqiltuu Najjaashin
Gad fageessee dhaabee
Buqqisuuf addawwii
Bara hedduu ta'aabee

Mataa irraa murraan
Hiddi latee margee
Kan dhalootni ammaa
Ifaa diinii argee

Milnik lammaffaf
Kan bara zawdituu
Ijji jiraattedhaaf
Bar haqqii hin argituu

Shiraan ukkamsuudhaf
Gaafas dubbii haqaa
Heedduu musliimotaa
Jijjiiraniis maqaa

Haqqii abaan rabbii
Kunoo jiraachisee
Amantii Bareedduu
Kana nu dhaalchisee

Bara lij iyyaasuu
Kan ija banannee
Roorroo bara meeqaa
Irraa bayannannee

Masjiida ijaarrannus
Eeyyama argannee
Rabbitti shakkarrus
Yeroodhaf gammannee

Yeroo xiqqoo booda
Lij iyyasuun kufee
Mootummaan zaalimaa
Booda Hayileen dhufee
Ummata musliimaa
Karra nutti cufee

Hedduun osoo arguu
Dhiisee daandii haqaa
Fakkaatee jiraachuuf
Jijjiiratee maqaa

Ulamoota hidhee
Isa kaan fannisee
Itti yoo naqellee
Kaan bishaan danfisee
Haqqiin har'a geesse
Bar rabbiin hambisee

Hayleen awwaalamnaan
Booda dargiin dhufee
Roorroon musliimotaa
Ammas itti fufee.......

Kutaan 2ffaan itti fufa.....

@dedroro
@dedroro
Forwarded from Deleted Account
Eessa laata kankoo
Qubsumni koo borii
Yeroon qophaa ciisu
Dukkanatti qabrii
Gaafa na dhiisee galu
Maatiin ollaan firri
Maaltu na qunnama
Kayiriidha-moo Sheerrii


Eessa laata kankoo
Gaafan.... ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Forwarded from Deleted Account
------->‏"ู„ูˆ ุนุดุชูŽ ูƒู„ูŽู‘ ุญูŠุงุชูƒูŽ
‏ูƒุฃู†ูƒ ููŠ ุฑู…ุถุงู† ‏ุณุชุฌุฏู ุงู„ุขุฎุฑุฉ ุนูŠุฏุงู‹" <-------

๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ --โ—‡-- โค ยฐ  ยฐ โค --โ—‡-- โš˜โš˜โš˜
|"Osoo umrii kee guutuu akka Ramadaana keessa jiraattu kanaan dabarsitee silaa Aakhiraan siif iida."
 __[Akkuma yeroo soomana xumurtu gammachuun dabarsitu sanitti Aakhiraa keetittis gammadda]!!!__
Forwarded from Islamicbot
๐ŸŒน Chaanaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabannee dhiyaannee jirra.
Maarree isinis join godhaa !!
Warreen chaanaalii beeksifachuu barbaaddan immoo @Ibnuabbaas qunnamaa!!
๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
Forwarded from Kena
ZIKR RAMADAAN
        By
 __Muaz yakub__

GUYYAA10__FFAA__

Kan guyyaa soomanee
Halkansaa dhaabbate
Mindaa dadhabbiisaa..
Forwarded from Deleted Account
โ–ถ๏ธDawaan qalbiidhaa(โค๏ธ) waa shan (โบ) keessatti argama jedhan sheekh Ibrahim Al-kawaas namni jedhaman;
โถ~Qurโ€™aana xiinxalluu.
2~Garaa qullaa godhuu.
3~Halkan dhaabachuu.
4~obboroo(Subhii) irratti rabbitti warwaachuu.
5~Nama gaggaarii wajjiin taaโ€™uu.
@Keyralumma @Ibnutemiya6
Beekumsa waliigalaa Kutaa 16ffaa

Yeroo hundumaa Gammaddee jiraachuu barbaaddaa?
Hayyee warreen Armaani gadii kana qofa raaawwadhu.

1. Kaleessake duukaa nagaa buusi; seenaan gaddisiisaake kaleessaa yeros har'ake hin jeequ.

2. Waanta namni biraan waa'eeke yaadu yookaan jedhu dhimmake miti! Sammuu isaaniin waa'eeke yaadan malee sammuukeen akka hin taane hubattee dhimma isaanii akka ta'e beekii itti dhiisi, jedhanii dadhabanii dhiisu.

3. Yeroo itti waan si gammachiisu duukaa yeroo walfakkaataa dabarsitu qabaadhu! Yeroo kanatti ega waa'ee waan si gammachiisu sanaa malee kan biraa yaaduu dhiisi.

4. Eenyullee eeyyamake malee si gammachiisuus si gaddisiisuus akka hin dandeenye beekii! Gaggeessaa mataakeef Hoogganaa mataankeen socho'i!

5. Tasumaa namoota birootti of hin safariin (Madaaliin) Sababiinsaa kan namootaaf daandii sirrii siif immoo hallayyaa sirrii waan ta'uu danda'uuf, kanaaf daandiinkeef kan namoota biroo adda adda akka ta'e beeki.

6. Baay'ee yaaduu irraa of eegi, waa'ee waan yaaduu qabduu qofa yaadi gaafas furmaanni waaraaf burqaan gammachuu haaraa sammuuke keessaa dho'a.

7. Yeroo hedduu kolfuu amaleeffadhu. Ati Abbaa rakkina Addunyaa miti.

8. Amantii kamillee hordofi! Garuu gammaduu yoo barbaadde Seenaa Yesus Kiristoosiiifi hojiisaa xiinxali yaadi! gammachuu ajaa'ibaa argatta! Ooshoonuu " Barsiisaan jabaa Addunyaa kanaa Yesus" jedha.
Yoo irraa baratteetta ta'e namoota jaallattuuf qoodi!
Waan jaallatan nama jaallataniif qooqu.
May 4/2020(6414ALO)
Ilma Keessaan Iyyaasuu Tarrafaa Fayisaadha

Odeeffannoo ajaa'ibaa Biroof Link kana cuqaasaa https://www.facebook.com/100006877147523/posts/2580675058838374/?app=fbl
Forwarded from Deleted Account
Chenal keessan ergaa bareedaafi Jechoota gaggaarii
Barnoota babbareedaa isiniif qabatee dhufeera
โคต๏ธโคต๏ธJOIN โคต๏ธ โคต๏ธ godhaa
Forwarded from Deleted Account
โœammuri

If patience is bitter, the consequences are sweet
ุฅุฐุง ูƒุงู† ุงู„ุตุจุฑ ู…ุฑุงู‹ุŒ ูุฅู†ู‘ ุนุงู‚ุจุชู‡ ุญู„ูˆุฉ

โ€ขObsi yeroo hadhaa'u xumurri isaa ammoo ni mi'aawa! ‏

Join for more ๐Ÿ‘‡
@amirtemam1
Waggaa 18 dura Adaamaatti barataan ture. Lafa amma Boolee jedhaniin tan Adaamaatti amma ganda jabaa taate san, gaafas xaafii qonnaan bulaatu irra jira. Firri kiyya tokko mana achitti jaarachuu eegalee anis san tooโ€™adhaaf. Tanuma keessa bakka amma General Hospital jiru kana lafti ijaarsa hopitaalaaf kenname jechaa dhageenye . An yero yeroon bakka tana bira ol dabree mana fira kiyyaa jaaramaa jiru san laalee gadi deebiโ€™a. Ganamaa galgala yeroo ani deddeebiโ€™u kana nama qalโ€™aa tokkotu achumaa waa sisirreessa. Ganamaa galagala, guyyaa mara achuma jira. Yoo kiyyaa waardiyyaa, yoo akkam jabaate hojjachiisaa natti fakkaata ture. Gaafa tokko itti dhiyaadhee gaafadhe. Abbaan qabeenyaa isa taโ€™uu hubadhe. Na ajaaibe. Namni qaamaan huqqqataa kan hojjataa waliiniifi erga isaan galaniihis hojjatu kun abbaa qabeenyaa hospitaalcha jaaramuu taโ€™uun na ajaaโ€™ibe. Roorroo lafa sanirratti itti aggaamamaa ture irra aanee fixee waggoota dheeraa booda Ameerikaatti wal agarre. Maalif hospitaala san akkasitti ciniinnatee bira dhaabbatee jaarsiste? Ati dureessaa kubbaaniyyaa ramaddee maaf hin hojjachiifne haga aduu keessa bira dhaabattee awwaara dhugaa turte jedheen gaafadhe. โ€œ Ilma kiyyaโ€ jedhe โ€œ ee ani dureessa. Rabbiif galanni haa gayu. Warri akka kiyyatti rabbi qabeenna kenneef gaafa dhibame biyya alaa deemee walโ€™anama. Fedhu Ameerikaa, fedhu Awuroppaa takkaa Eesiyaa. Kan hanga keenya qabeenya hin qabne hoo horoo dhabaaf osoo fayyuu dandaโ€™uu maalif duโ€™a? Kanaafiin jaare. Ammas hanga garaa kiyyaa hin geenye. Ganaa guddifnaโ€ naan jedhe.

Yaadannoon lammataa, bara Qabsoo Qeerroo san yeroo diinni ummata keenya fixu san, yeroo kilinakaafi hospitaalli dhuunfaa hedduun madoo teenya fudhachuu sodaatan san, Kabiir Huseen nu cinaa ture. Joollee hiriira irratti rukutamteefi kanneen lola daangaa Mooyyalee hanga Bordoddee madayaa turte, ofitti fuudhee nuuf walโ€™aanaa ture. Kaffaltii malee. Waanin yaadachu keessaa yeroo bulchiinsi hospitaalichaatuu baasiin humnaa ol nutti taโ€™e jedhanii mataa maran, Kabiir warra madoo fide san alatti nyaaraan waamee maallaqa ofiii itti kennee hopitaaluma sanitti kan galmee kafalanii akka galchan godha ture. Hospitaala isaattti qofa hin turre. Hospitaalota Phaawulos fi Xuqur Anbassaa joollee cibsineef dhoksaan kaffaltii raawโ€™ata. Qoricha bitaaf ture. Maallaqa qofaanii miti. Madoo sanniin irra deemee gaafatee jajjabeessa ture. Gaafa tokko nama rasaasaan qaama hormaataa cinaa rukutamee fincaan ofirraa baasuu hin dandeenyetu geeffame. Namni sun nama baadiyyaati. Naasuufi leeyyaโ€™uu irraa kan kaโ€™e narsoota gargaarsifatuu rakkata ture. Kabiir kana argee gadi taaโ€™ee ofumaaf gurbaa san gargaaraa ture jajjabeesse. Kabiir namooma akkanaa qaba ture.

Baruma qabsoo san Ameerikaa dhufee wal agarree turre. Osoman achi taaโ€™uu gabaasni wahii natti dhufeen maxxanse. Qabeenya wahiitu gubatee ture. Namni maxxansa kiyya arge qabeenyi miidhame sun keessa kan Kabiir Huseen akka jiru naaf hime. Rifadheetin dhaqee dhiifama gaafachuuf itti hime. Kabiir Huseen waan jedhe beektuu โ€œ Qabsoo Oromootif buโ€™aa buufnaan qabeenyaa mitii Qeerroon anaayyuu haa gubduโ€ jedhe garaa na raase. Kabiir Oromoo akkasii ture. Oromoo lafeen dhuka Oromummaatin guutame. Dureessa hojiin argatee, waan qabu sabarraa hin qusatin.

Kabiir Huseen Waaqoo akkanaanin beeka. Gootummaa, arjooma, namummaafi Oromummaa isaa anuu waan beeku hunda hin himne. Maalayyaa warri umrii isaa guutuu wal beekuufi waliin hojjate. Nama jaabaa dhabne. Gaaddisa guddaa tokkotu nurraa kufe. Galata ummata kanaaf ooltee jannataan qananiโ€™i jennaan. Maatiifi hiryootaaf jajjabina hawwina. Ilmaan isaatiin waan inni huurkaa isaa xuruuree dhaabe kana, daran guddisaa, maqaa isaa bara baraan jiraachisaan dhaamsa kiyya. Sabnis isin cina jira.
Forwarded from Faana beekumsaa (Kaayyoo Koo)
JECHOOTA FILATAMOO
Kutaa 2ffaa
@gaaddisa_dhugaa irraa

Kutaa 1ffaa yoo hin dubbisne gara boodaa ilaalii dubbisi

14- Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoo hin taane, nama
sammuu hiyyoomeedha!
15- Beekaa jechuun nama dogoggora ufii ufitti beekee, irraa sirraaโ€™eedha!
~ Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf luka
hin muran!
16- Mooโ€™uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane,jijjiiramas agarsiisuudha!
17- Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi
nama keessa darbuudha!
18- Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta!
19- Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti hinu
wajjiin gadditee boohuu si wayya!
20- Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbanii
yyuu, Qurxummii afaanitti qabatee keessaa baha!
21- Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti!
22- Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo, gadda waggaa
tokkootti jijjiirama!
23- Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane,
bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
24- Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si muudatan kufaatii osoo hin taane,
akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti!
25- Addunyaa tan irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus,
namni akka harreetti yaadu hin dhabamu!
26- Akka addunyaatti yaadii, akka naannootti hojjadhu!
27- Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan yoo uumu
(kalaqu) kan nama gammachiisu yoo taโ€™u, garuu ufii isaatii uumamuu
(kalaqamuu)yoo irraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha!

Kutaa 3ffaan itti fufa
Share woliif godhaa
T.me/gaaddisa_dhugaa
Forwarded from Gaddisa_dhuga
Namoonni telegrami fayyadamtanu chaneloota armaan gadii kana dhabuu hin qabdanu join godhadhaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Forwarded from Faana beekumsaa (Kaayyoo Koo)
Salaata dhiisuu
@gaaddisa_dhugaa irraa

Nabi muhammad (s, a, w) Akkana jedhan mataan waan hundaa lslaama. Salaanni utubaa isaati, jihaadni karaa Rabbii irratti
godhamu ammoo dalluu islaamaatiiยป
Kanaafis namnii salaata dhiise
dhaaba amantaa Islaamaa diigeera
jechuu dha.
Akkasumas hadiisaa Imaam
Ahmadii fi Muslim Jaabiir lbnu
Abdullaah(R.A) tuqanii akka
odeessanitti nabiyyiin(S.A.W) akkana
jedhan muslima tokkoo fi kaafira gidduu wanti addaan Baasu salaata ยป.

Hiriyoota keessaniif share godhaa sababa keessaniin kan salaata dhiise deebi'ee salaatuutu mala
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
T.me/gaaddisa_dhugaa