Creative Dev
2.42K subscribers
80 photos
5 files
88 links
Let's build your digital future

Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev
Download Telegram
Forwarded from Namummaa Qofaan
🍁Hiriyaa Gaarii

Hiriyaan Gaariin Jiruu Kee keessatti Waa lama siif oolu.
Tokko Arra Duniyaarratti yoo tahuu Tokko ammo boru aakhiraatti

#Hiriyaan Gaarin
☞Karaa Rabbitti Si Yaaman
☞Yoo badde Si barbaadan
☞Yoo dagatte Siyaadachiisan
Du'aa'i siif godhan.
☞Akka urjiin Bidiruu karaan Harkaa bade Qajeelchituuti Karaa Sitti Agarsiisan
☞Boru Insha'allaah Qabana Arshii jalatti si eegan
Jannata keessaa Yoo si dhaban Akkati isaanitti makamtuuf Rabbiin Siif Kadhatan.

Hiriyaan Gaariin Kana Hunda Siif oola Hiriyaan Badaan Ammoo Faallaa kanaati jechuudha.

👉Gaarii yoo qabaattee atis gaarii Taata Badaa yoo qabaatte atis akka isaa taata.

🌹Akkuma Nabiin S A W Jedhan Gurbaan Karaa Jaallallee Isaarratti.

Rabbiin Gaarii Nu godhee Hiriyaa Gaarii Nuuf haa kennu nuhaa Jaallachiisu.

Forwaard gochuun hiriyoota keetif dabarsi
Chaanaali kanas join gochuun akka irraa fayyadaman affeerii baarakallahu fik

Join 👇👇👇👇👇

https://t.me/gorfami999
https://t.me/gorfami999
https://t.me/gorfami999


✥┈┈┈┈┈••◉ ❖ ◉●••┈┈┈┈┈✥
#kutaa_12ffaa
#Oduu_Ammee

Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa wiixata qaammee 4/2016 akka ifoomu ministeerri barnoota beeksiseera.

@dhaamsa_koo
👍3
#Dhaamsa

✍️ @dhaamsa_koo

Barataan jaalalaan qabame 80% kan gahu barnoota isaa irratti zeeroo taha. Jaalalti hundi dawaa miti, jaalalli gariin diina galma keetiiti.

Jaalalaan sakaalamtee fuul-duree tee dukkaneeysaa jirta yoo tahe osoo yeroon sitti hin kunne "kuni fala gooytaatii miti, falfala sheeyxaanaati" ja'ii of yaadadhuu dammaqinaan abjuu kee isa ganama manaa baateef irratti xiyyeeyfadhu. Dammaqi mee, sababa ati jaalalan if sakaaluutiin namni si hin geenye hedduun tokko si dura dabraa jiraa🙂‍↕️

Qeerroon sababa qarreetiin qaroo dhabuun qaroomaa miti !

🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀🥀

@dhaamsa_koo @dhaamsa_koo
Sammuun gaafa waa'ee namoota biroo qofa yaaduu eegalte xiqqaachaa deemti. Sammuun kee kan guddachaa dhufu gaafa waa'ee keetii qofaan biizii (busy) ta'uu eegalteedha.

Waa'ee namaa dhiiftee dhimma kee qofarratti xiyyeeffannaan guddachaa dhufta.
👍5
Forwarded from Ararso Mohammed 🫶
Dargaggeessa abdii kutannaa hamaa keessa turedha. Du’eera jedhamees mana yaalaatii awwaalchaaf baafamee ture. Har’a garuu kitaabota hedduu barreessuufi hiikuun dhaloota qaraa jira.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/wi9ZGzX
Firiin Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2016 guyyaa boruu gadhiifamuu erga ibsamee booda barattoonniifi maatiin barattootaa obsaan eegaa kan jiran yommuu ta’u , barattootaafi maatii barattootaa yaaddoo keessa jiraniif ergaa kana akka dabarsinu maatiin barataa bara kana firii mucaasaa eegaa jiru irraa nu qaqqabeera.


Ergichis akka armaan gadiitti dubbifama



🌟 Dhaamsa Barattoota fi Maatii Bu'aa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12 Eeggataniif 🌟

Akka abbaa bu’aa Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12 boruu hawwii guddaan eegaa jiruutti, baay’een keenya miira walmakaa – yaaddoofi gammachuu akka nutti dhaga’amu nan beeka. Yeroon kun ijoollee keenyaaf yeroo guddaadha, garuu waantota armaan gadii ilaalcha keessa galchuun barbaachisaadha.

Barattootaaf

Bu’aa ba’ii dabartee hanga kana dhufteetta! Boru bu'aan maal akka ta’e hin beektu garuu qormaanni kun egeree kee hin ibsu. Wanti akka yaadatti siif dhaamu

- Tasgabbaa’i: Waan dandeessu hunda gooteetta, kunis waan itti boonnudha. Bu’aan barbaachisaa dha, garuu dandeettii kee guutuu bakka hin bu’u.
- Kun tarkaanfii tokko malee imala guutuu miti: Darbitus, duubatti deebi'iinsi si mudatus, karaaleen milkaa'ina hedduutu jira. Yoo wanti akka karoorfametti hin deemne addunyaan addunyaa qormaataati jabaatu qorama. Qormaanni si mudatu hundi akka cimtu si taasisa!

Maatiif:

Ijoolleen keenya yeroo kamiyyuu caalaa amma deeggarsa keenya barbaadu. Bu’aa yeroo eeggannuu kanatti ijoollee keenya eenyummaan isaanii qormaata tokkoon akka hin madaalamne haa yaadachiifnu. Akkaataa itti gargaaruu dandeenyu kunooti:

- Deeggarsaa fi jajjaina
Bu’aan isaa maal iyyuu yoo ta’e, carraaqqii isaaniitti akka boontu mucaa kee beeksisi.
- Filannoo isaanii irratti mari'adhaa: Yoo wanti gaariin dhufe isaan waliin ayyaaneffadhaa. Yoo hin taane, karaa biraa akka qoratan gargaaraa, yeroo hunda carraan haaraan akka jiru itti himaa.
- Ijoolleen keenya miira humnaa ol ta'e itti dhaga'amuu danda'a. Fayyaa miiraa isaanii yaada keessa galchinee duubatti deebi’uun yeroodhaaf kan jiruu fi qaama jireenyaa akka ta’e haa yaadachiifnu.

Xumura irratti

Boru dhuma miti, jalqaba haaraa qofa. Fuuldurri waan fedhe haa ta'u ifaadha. Boru abdii, amantii, fi dandamachuun haa eegnu – yeroo hunda karaan fuulduratti ittiin adeemnu hedduutu jira, dandeettiin ijoollee keenyaas daangaa hin qabu. Karaa nuun jenneen qofa miti. Nutis yeroo as geenye karaa maatii keenyaan osoo hin taane karaa mataa keenyaan adeemneeti. Wanta nuti ijoollee keenya irra eegnurra wanta isaan danda’antu milkaa’ina. Waan isaan danda’an irratti bira dhaabbanna. Abdii hin murru.
👍2
#Breaking_News : Bu'aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa har'a ifooma.

Ministeerri Barnootaa waa'ee bu'aa qormaata kanaa daqiiqaa muraasa booda ibsa ni kenna.

Tikvah Ethiopia ibsa kana kallattiin ni tamsaasa.

https://t.me/dhaamsa_koo
https://t.me/dhaamsa_koo
https://t.me/dhaamsa_koo
Forwarded from Barataa Kaayyoo
🇺🇸 Kanaan dura Carraa DV Ameerikaa si'a meeqa yaaltanii jirtu? DV-2026 guutuuf hoo qophooftanii jirtuu? Yaada keessan karaa @WaliifDV_Comments_bot tiin nuuf qoodaa.


Hubachiisa: galmeen DV-2026 eegaluuf guyyoota 13 qofaatu hafa.


#Join
#React
#Share

@Waliif_DV

🙏    🥰   ❤️  👍
👍1
Alhamdulillaah Haalli network biyya keenyaa (keessumattuu kan baadiyyaa) akka malee  rakkisaa tahus, obsaan xumurree certificate keenya fudhanne.
👍51
Dhaamsa barattoota haaraya gama mooraa Yuunivarsitii seenaniif
~~~
Barattoonni kamiiyyuu yeroo barnootaaf maatii biraa gara Yuunivarsitii deemanitti aangoon kamiiyyuu harka isaaniiti jirti. Jechuunis ofiif of hoogganan. Akka gaafa ganda jiranii yoon kana godhe maatiin naan lola, namni maal naan jedha wanti jedhamu gonkumaa hin jiru. Sababni isaas amma maatii biraa deemanii jiran. Lafa namni isaan beeku jirus hin jiran. Hamtuu fi toltuus hojjachuuf bilisummaa guutuu qaban.

Yoo nama soda Rabbii qabu tahe malee. Namni Rabbi sodaatu garuu yoo gaarii hojjadhe boru mindaan ittiin argadha, yoon hamtuu hojjadhes boru ittiin adabamuuf jiraadha jedhee waan yaaduuf fedhii lubbuu jala deemee waan arge hunda hin raawwatu. Bakka isa hin fakkaanne hundaahis hin mul'atu.

Garuu gariin namaa yeroo gandaa dhufan nama gaarii jechuunis kan bakka hin taane hundaa hin mul'anne tahanis sababa hiriyoota isaan waliin oolaniitiin kan kallattii sirrii gadhiisee daandii irraa maqes hangana hin jedhaman.

Kana keessatti ammoo wanti murteessaan hiriyaa gaarii daandii sirrii irratti si qajeelchu, kan karaa  Rabbiin jaalatu irratti si jajjabeessu qabaachuudha. Yoo hiriyoota akkasii qabaatte milkiidhaan galta. Tahuu baannaan garuu galaana fitnaa fi dilii keessatti atii kufe of agarta. Boolla keessaa bahuun isaa ulfaatu, kan addunyaa fi aakhiraa keetis galaafatu keessatti dhidhimta.

Kanaaf akkuma mooraa Yuunivarsitii seenteen Jama'aatti makami. Hiriyaa gaariis filadhu. Rabbiin gargaarsifachaa hanga damdeessanitti hamtuurraa wal dhoorkaa toltuutti wal ajajaa waliin imalaa!!

✍️ Araarsoo Mahaammad
Barataa Yuunivarsitii Odaa Bultum
2