Fat-hii Computer Center
177 subscribers
14 photos
17 links
Waan Asirraa Qayyabatte Irraa Gaafiiwwan Madaalliis Siif Kennama.
❤️❤️Join Godhi❤️❤️
👉https://t.me/Diinalislamkoo2026
Download Telegram
Channel created
Waan Darbe irraa Laaluudhaan Deebii Kana Deebisaa!!
1
Barnoota Yeroo darbee irraa qayyabachuudhaan Deebii Deebisaa!!

https://t.me/computercenter2026
2
Barnoota yeroo darbee irra dhaabbachuun deebii kennaa !!
2👏1
Qaamolee Meeshaa Teknooloojii Odeeffannoo Isaan Nuuf Kennan Irra dhaabannee iddoo 3tti qooduun ni danda'ama.

1. Input : ( ergaa gara keessatti kan fudhatu)
2. output : ( ergaa gara Alaatti kan Baasuu ) fi
3. Storage device: Qaama meeshaalee teknooloojii keessatti waan nuti itti kennanne nuuf kuusuudha.

https://t.me/fathiicomputercenter2026
4👍1
Teknooloojiin Maali? Maalif immoo nu barbaachisa?

Internaten maali? Bu'aan isaa hoo? Waan jedhuun wal qabatee ergaa fi barnoota qabna.

Basic irraa jalqabee Hanga Advancetti Theory, Fakkeenyotaa Fi Practisiidhaan Akkamitti Akka Karaa gabaabaadhaan Dhaloota teknooloojiin Badhaadhe taanu ilaalla.

Barnoonni 💻 Yoo rabbi Fedhe Guyyaa 📅Wiiyxata,
25/05/2018 A.L.I. tti,

Monday, 02/02/ 2026 A.L.G tti Eegala.

Caneli kana Join Godhaa!!
👇👇👇👇👇👇👇

https://t.me/fathiicomputercenter2026
3👏1
Teknoolojiin yeroo ammaa kana jireenya keenya keessatti iddoo guddaa qaba. Keessumaa bara kana keessa wantoonni haaraan saffisaan dhufaa jiru.

Dhugumatti, barattoonni keenya teknoolojiin akka meeshaa bashannanaa qofatti osoo hin taane, akka meeshaa ittiin addunyaa jijjiiranitti akka ilaalaniif gochuun hojii dhaloota oolchudha.

Nama teknooloojii hin jaalanne ykn hin beekne tokko gara fulaa kanaatti fiduuf, karaan itti dhiyaannuun isa kanneen asiin gadii waan ta'eef, dhiyaadhaa.!

1ffaa
Faayidaa Qabatamaa (Practical Benefit) irraa Jalqabuu, Namni tokko waan hin beekne ni sodaata, waan faayidaa isaa hin argine immoo ni tuffata. Barnoota qofa osoo hin taane, jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti akkamitti isaan gargaaruu akka danda'u itti agarsiisuun gaariidha.

Fakkeenyaaf: "Barumsa harkaa qabdu kanatti dabalataan, ogummaa ittiin addunyaa guutuu waliin hojjettu (Remote work) osoo barattee kaffaltii fooyya'aa ni argatta.

itti fufa........


https://t.me/fathiicomputercenter2026
🥰21
Kutaa 2ffa
Teknoolojiin Fedhii Barataa, Akkasumas kan hawaasaa hojii isaaniitiin kan Walitti Hidhu kun Teknooloojii mataa isaatiin dhimma dhuunfaa ta'ee miti;

inni meeshaa (tool) dha. Barataan ykn Hawaasni tokko maal jaalatan?

Namni tokko Yoo qonna jaalata ta'e, akkamitti teknoolojiin callaa qonnaa akka dabalu beekuu qaba.

Warri kuun immoo Yoo waa'ee fayyaa jaalatan ta'e, akkamitti roobootonni fi (AI)n baqaqsanii hodhuu keessatti gargaaranis beekuu qabu.

Barataanis meeshaa teknooloojiitti gargaaramuun isaa barnoota isaatii fi jireenya isaa guutuu keesatti Akkamitti hinjifataa fi duratti deemaa Akkasumas, sammuun isaa gaagura beekkumsaatiin Akka guutamu beekuu qabu.


'Teknooloojiin fedhii kee si jalaa hin fudhatu ykn Akka Ati barbaadduutti siif mijeessuu hin dadhabu,fedhii kee san dandeettii dachaadhaan siif guddisa.'

itti fufa.......

https://t.me/fathiicomputercenter2026
2🥰2👍1
Kutaa 3ffaa
"Digital Divide" ykn Garaagarummaa Beekumsaa Hir'isuu
Barattoonni biyya keenyaa baay'een isaanii hiyyummaa ykn hanqina meeshaatiin teknooloojii sodaachuu danda'u.

👉Hojiin keenya kanneen asiin gadii akka itti dhiyaatan kanatti mijeessuudha:

1️⃣ Gochaan Agarsiisuu:

Afaan qofaan dubbachuu dhiisanii, waan haaraa bilbilaan ykn kumpitaratti gargaaramanii yommuu hojjetan namatti agarsiisuu.

2️⃣Akka Iccitiitti Ilaaluu Dhiisuu:

Teknooloojiin waan namni jabaan qofti beeku osoo hin taane, waan namni fedhii qabu hundi barachuu danda'u ta'uu isaa Nama kamiyyuu hubachiisuudhaaf, Asitti Argamnee jirra.

Itti fufa.......


https://t.me/fathiicomputercenter2026
2🥰1👏1
Kutaa 4ffaa
Seenaa Milkaa'inaa (Success Stories) namatti Agarsiisuu ykn Himuu:

👉Fakkeenyaaf Amma Barattoonni Itiyoophiyaa kanneen teknooloojii fayyadamanii jireenya isaanii fi hawaasa isaanii jijjiiran hedduutu jira. Kanneen akka "iCog Labs" ykn dargaggoota "App" hojjetanii ykn Ofumaa isaaniitii uumanii,rakkoo hawaasaa hiikan fakkeenya gochuun dhiyeessuun ykn waan isaanii Nama reef teknooloojiitti makamaa jirutti himuun keenya kaka'uumsa guddaa uuma.

Kanaafuu namni kamiyyuu beekumsa jaarraan ykn zamanni fide waliin wal fakkaatanii deemuun, waan Akkaan barbaachisaa fi bareedaa dha.

Itti fufa......

https://t.me/fathiicomputercenter2026
3👍2
Kutaa 5ffaa
Addunyaa "Global" Taate Namatti agarsiisuu ykn Itti himuu.

👉Addunyaan ammaa kun 'village' ykn ganda tokko taatee jirti. Barataan Itiyoophiyaa jiru tokko kumpitara isaa qabatee Ameerikaa ykn Awurooppaatti hojjechuun maallaqa biyya alaa (Forex) galchuu akka danda'u yommuu hubatu, ilaalchi isaa ni jijjiirama.

Mee yaadi: Ati yoo barattoota kanneen gorsite , "Teknoolojiin kun amantii fi aadaa keenya nu jalaa balleessa" yoo siin jedhan, deebiin kee maal ta'a?

Koottu Deebiin isaa Akka kanatti ta'uu qaba.

Innis "Teknoolojiin fedhii kee si jalaa hin fudhatu, fedhii kee san dandeettii dachaadhaan siif guddisa," Kana jechuun Aadaa fi Amantii kee irratti daran si cimsuu danda'a.

👉Teknoolojiin akkuma shaamaa (candle) ti; dukkana ittiin ibsachuu dandeessa, ykn yoo itti hin xiyyeeffatin waan biraa gubuu danda'a. Namni tokko amantii fi aadaa isaa teknoolojiitti gargaaramee akkamitti cimsuu akka danda'u barattootaaf karaa kanaan ibsuun ni danda'ama:

Kutaa itti Aanuu keessatti Amantii Cimsuu, Aadaa Beeksisuu fi Tiksuu keessatti Akkamitti akka inni gahee qabu waliif kaasnee dubbanna inshaa Allaah 🤲

Itti fufa......


https://t.me/fathiicomputercenter2026
4👍1🥰1
Kutaa 6ffaa
Teknooloojiin amantii cimsuu, Aadaa beeksisuu fi tiksuu keessatti Gaheen isaa maali?

Koottu mee! Nafaana bu'ii laali!

1ffaa
Amantii Cimsuu keessatti
Beekkumsa Argachuu: Kitaabota amantii gadi fagoo ykn gurguddoo ta'an, tafsiiraa, barumsa garagaraa, Ulamaa'ota ykn hayyoota Amantii bakka jiranitti argachuuf teknooloojiin riqicha Akkaan barbaachisaa yeroo kanaati.

👉Tajaajila Hawaasummaa:
Kanneen Akka Zakaa ykn sadaqaa walitti qabuuf, namoota gargaarsa barbaadan qunnamuuf "Apps" fi kkf fayyadamuudhaan amantii ofii hojiin agarsiisuu keessatti shoora ykn gahee ol Aanaa qaba.

2ffaa
Aadaa Beeksisuu fi Tiksuu keessatti immoo
Afaan Oromoof:
Oromiffi ykn barreeffamni Afaan oromoon fayyadamnu akka guddatuuf, teknoolojii "Natural Language Processing" fayyadamanii namni addunyaa irra jiru hundi akka baratu gochuun ni danda'ama.

3ffaa
Seenaa Galmeessuu: Seenaa fi aadaa keenya isa afaaniin darbu suuraa, viidiyoofii barruun dhaloota dhufuuf "Digital Archive" gochuun ni danda'ama.

Mee Amma Gara Ogummaa (Skills) Haqaatti haa deebinu Barataan tokko teknooloojii jaalateera haa jennu.

Haa ta'uuyyu malee Garuu, beekumsa kumpitaraa (Computer Literacy) eessaa jalqabuu qaba?

Waan jedhuun Walqabatee kutaa itti aanuun walitti deebina Inshaa Allaah 🤲

Itti fufa.......


https://t.me/comptexs
6👍1🥰1
Kutaa 7ffaa
beekumsa kumpitaraa (Computer Literacy) Erga jaalattee booda,
Eessarraa ykn bakka kam irraa jalqabuu qaba? Jettee hin dhiphati!

Keessumattuu barataan Itiyoophiyaa tokko dandeettiiwwan (skills) armaan gadii 3n kanaan yoo jalqabe akkaan bu'aa qaba:

1ffaa
Fundamental Computing: Akkaataa kumpitarri itti hojjetu, fayyadama isaa jechuudha.
"Office Tools" (Word, Excel) fi nageenya interneetaa (Cybersecurity).

2ffaa
Problem Solving (Coding):

Akkaataa kumpitaraaf ajaja itti kennan (Programming). Kun immoo sammuu namaa banuuf baay'ee gargaara.

3ffaa
Digital Marketing/Content Creation:
Ogummaa qaban addunyaatti gurgurachuu ykn beekumsa qaban ittiin babal'isuudha.

Mee Erga hangana jennee booda, Amala barataa teknooloojii irraa Eegamu kutaa itti aanu keessatti waliin kaasnee ilaalla.

Itti fufa........

https://t.me/comptexs
3🥰2👍1