Fat-hii Computer Center
177 subscribers
14 photos
17 links
Waan Asirraa Qayyabatte Irraa Gaafiiwwan Madaalliis Siif Kennama.
❤️❤️Join Godhi❤️❤️
👉https://t.me/Diinalislamkoo2026
Download Telegram
Teknoolojiin yeroo ammaa kana jireenya keenya keessatti iddoo guddaa qaba. Keessumaa bara kana keessa wantoonni haaraan saffisaan dhufaa jiru.

Dhugumatti, barattoonni keenya teknoolojiin akka meeshaa bashannanaa qofatti osoo hin taane, akka meeshaa ittiin addunyaa jijjiiranitti akka ilaalaniif gochuun hojii dhaloota oolchudha.

Nama teknooloojii hin jaalanne ykn hin beekne tokko gara fulaa kanaatti fiduuf, karaan itti dhiyaannuun isa kanneen asiin gadii waan ta'eef, dhiyaadhaa.!

1ffaa
Faayidaa Qabatamaa (Practical Benefit) irraa Jalqabuu, Namni tokko waan hin beekne ni sodaata, waan faayidaa isaa hin argine immoo ni tuffata. Barnoota qofa osoo hin taane, jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti akkamitti isaan gargaaruu akka danda'u itti agarsiisuun gaariidha.

Fakkeenyaaf: "Barumsa harkaa qabdu kanatti dabalataan, ogummaa ittiin addunyaa guutuu waliin hojjettu (Remote work) osoo barattee kaffaltii fooyya'aa ni argatta.

itti fufa........


https://t.me/fathiicomputercenter2026
🥰21
Kutaa 2ffa
Teknoolojiin Fedhii Barataa, Akkasumas kan hawaasaa hojii isaaniitiin kan Walitti Hidhu kun Teknooloojii mataa isaatiin dhimma dhuunfaa ta'ee miti;

inni meeshaa (tool) dha. Barataan ykn Hawaasni tokko maal jaalatan?

Namni tokko Yoo qonna jaalata ta'e, akkamitti teknoolojiin callaa qonnaa akka dabalu beekuu qaba.

Warri kuun immoo Yoo waa'ee fayyaa jaalatan ta'e, akkamitti roobootonni fi (AI)n baqaqsanii hodhuu keessatti gargaaranis beekuu qabu.

Barataanis meeshaa teknooloojiitti gargaaramuun isaa barnoota isaatii fi jireenya isaa guutuu keesatti Akkamitti hinjifataa fi duratti deemaa Akkasumas, sammuun isaa gaagura beekkumsaatiin Akka guutamu beekuu qabu.


'Teknooloojiin fedhii kee si jalaa hin fudhatu ykn Akka Ati barbaadduutti siif mijeessuu hin dadhabu,fedhii kee san dandeettii dachaadhaan siif guddisa.'

itti fufa.......

https://t.me/fathiicomputercenter2026
2🥰2👍1
Kutaa 3ffaa
"Digital Divide" ykn Garaagarummaa Beekumsaa Hir'isuu
Barattoonni biyya keenyaa baay'een isaanii hiyyummaa ykn hanqina meeshaatiin teknooloojii sodaachuu danda'u.

👉Hojiin keenya kanneen asiin gadii akka itti dhiyaatan kanatti mijeessuudha:

1️⃣ Gochaan Agarsiisuu:

Afaan qofaan dubbachuu dhiisanii, waan haaraa bilbilaan ykn kumpitaratti gargaaramanii yommuu hojjetan namatti agarsiisuu.

2️⃣Akka Iccitiitti Ilaaluu Dhiisuu:

Teknooloojiin waan namni jabaan qofti beeku osoo hin taane, waan namni fedhii qabu hundi barachuu danda'u ta'uu isaa Nama kamiyyuu hubachiisuudhaaf, Asitti Argamnee jirra.

Itti fufa.......


https://t.me/fathiicomputercenter2026
2🥰1👏1
Kutaa 4ffaa
Seenaa Milkaa'inaa (Success Stories) namatti Agarsiisuu ykn Himuu:

👉Fakkeenyaaf Amma Barattoonni Itiyoophiyaa kanneen teknooloojii fayyadamanii jireenya isaanii fi hawaasa isaanii jijjiiran hedduutu jira. Kanneen akka "iCog Labs" ykn dargaggoota "App" hojjetanii ykn Ofumaa isaaniitii uumanii,rakkoo hawaasaa hiikan fakkeenya gochuun dhiyeessuun ykn waan isaanii Nama reef teknooloojiitti makamaa jirutti himuun keenya kaka'uumsa guddaa uuma.

Kanaafuu namni kamiyyuu beekumsa jaarraan ykn zamanni fide waliin wal fakkaatanii deemuun, waan Akkaan barbaachisaa fi bareedaa dha.

Itti fufa......

https://t.me/fathiicomputercenter2026
3👍2
Kutaa 5ffaa
Addunyaa "Global" Taate Namatti agarsiisuu ykn Itti himuu.

👉Addunyaan ammaa kun 'village' ykn ganda tokko taatee jirti. Barataan Itiyoophiyaa jiru tokko kumpitara isaa qabatee Ameerikaa ykn Awurooppaatti hojjechuun maallaqa biyya alaa (Forex) galchuu akka danda'u yommuu hubatu, ilaalchi isaa ni jijjiirama.

Mee yaadi: Ati yoo barattoota kanneen gorsite , "Teknoolojiin kun amantii fi aadaa keenya nu jalaa balleessa" yoo siin jedhan, deebiin kee maal ta'a?

Koottu Deebiin isaa Akka kanatti ta'uu qaba.

Innis "Teknoolojiin fedhii kee si jalaa hin fudhatu, fedhii kee san dandeettii dachaadhaan siif guddisa," Kana jechuun Aadaa fi Amantii kee irratti daran si cimsuu danda'a.

👉Teknoolojiin akkuma shaamaa (candle) ti; dukkana ittiin ibsachuu dandeessa, ykn yoo itti hin xiyyeeffatin waan biraa gubuu danda'a. Namni tokko amantii fi aadaa isaa teknoolojiitti gargaaramee akkamitti cimsuu akka danda'u barattootaaf karaa kanaan ibsuun ni danda'ama:

Kutaa itti Aanuu keessatti Amantii Cimsuu, Aadaa Beeksisuu fi Tiksuu keessatti Akkamitti akka inni gahee qabu waliif kaasnee dubbanna inshaa Allaah 🤲

Itti fufa......


https://t.me/fathiicomputercenter2026
4👍1🥰1
Kutaa 6ffaa
Teknooloojiin amantii cimsuu, Aadaa beeksisuu fi tiksuu keessatti Gaheen isaa maali?

Koottu mee! Nafaana bu'ii laali!

1ffaa
Amantii Cimsuu keessatti
Beekkumsa Argachuu: Kitaabota amantii gadi fagoo ykn gurguddoo ta'an, tafsiiraa, barumsa garagaraa, Ulamaa'ota ykn hayyoota Amantii bakka jiranitti argachuuf teknooloojiin riqicha Akkaan barbaachisaa yeroo kanaati.

👉Tajaajila Hawaasummaa:
Kanneen Akka Zakaa ykn sadaqaa walitti qabuuf, namoota gargaarsa barbaadan qunnamuuf "Apps" fi kkf fayyadamuudhaan amantii ofii hojiin agarsiisuu keessatti shoora ykn gahee ol Aanaa qaba.

2ffaa
Aadaa Beeksisuu fi Tiksuu keessatti immoo
Afaan Oromoof:
Oromiffi ykn barreeffamni Afaan oromoon fayyadamnu akka guddatuuf, teknoolojii "Natural Language Processing" fayyadamanii namni addunyaa irra jiru hundi akka baratu gochuun ni danda'ama.

3ffaa
Seenaa Galmeessuu: Seenaa fi aadaa keenya isa afaaniin darbu suuraa, viidiyoofii barruun dhaloota dhufuuf "Digital Archive" gochuun ni danda'ama.

Mee Amma Gara Ogummaa (Skills) Haqaatti haa deebinu Barataan tokko teknooloojii jaalateera haa jennu.

Haa ta'uuyyu malee Garuu, beekumsa kumpitaraa (Computer Literacy) eessaa jalqabuu qaba?

Waan jedhuun Walqabatee kutaa itti aanuun walitti deebina Inshaa Allaah 🤲

Itti fufa.......


https://t.me/comptexs
6👍1🥰1
Kutaa 7ffaa
beekumsa kumpitaraa (Computer Literacy) Erga jaalattee booda,
Eessarraa ykn bakka kam irraa jalqabuu qaba? Jettee hin dhiphati!

Keessumattuu barataan Itiyoophiyaa tokko dandeettiiwwan (skills) armaan gadii 3n kanaan yoo jalqabe akkaan bu'aa qaba:

1ffaa
Fundamental Computing: Akkaataa kumpitarri itti hojjetu, fayyadama isaa jechuudha.
"Office Tools" (Word, Excel) fi nageenya interneetaa (Cybersecurity).

2ffaa
Problem Solving (Coding):

Akkaataa kumpitaraaf ajaja itti kennan (Programming). Kun immoo sammuu namaa banuuf baay'ee gargaara.

3ffaa
Digital Marketing/Content Creation:
Ogummaa qaban addunyaatti gurgurachuu ykn beekumsa qaban ittiin babal'isuudha.

Mee Erga hangana jennee booda, Amala barataa teknooloojii irraa Eegamu kutaa itti aanu keessatti waliin kaasnee ilaalla.

Itti fufa........

https://t.me/comptexs
3🥰2👍1
Kutaa 8ffaa
Amala barataa teknooloojii irraa eegamu qabxiiwwan ijoo waliif kaasnee ilaalla.


👉 Barnoonni Saayinsii Kompiitaraa fi Teknooloojii yeroo ammaa kana baay’ee Ariitiidhaan jijjiiramaa waan jiruuf, barataan damee kana keessa jiru amala addaa fi ogummaa wal-fakkaataa qabaachuu qaba.

Amaloota ijoo barataa teknooloojii cimaa tokko irraa eegaman dhimmoota armaan gadiiti:

1ffaa
Fedhii Barachuu (Continuous Learning) qabaachuu:
Teknoolojiin guyyaa guyyaatti waan haaraa uuma. Barataan gaariin tokko:

Waan kanaan dura barate qofatti hin gammadne ykn hubannaan isaa gahaa yoo hin taane,
👉Self-learning: Ofiin dubbisuu fi "Tutorial" ykn barnoota barattoota muraasaaf kennamu.

👉kana jechuun immoo kitaabota garagaraa kanneen mana baruumsaa keessatti barsiifaman ibsaa fi qajeelfamoota Akkasumas gaafiiwwan garagaraa kan nama qopheessan waan qabuuf, hordofuudhaan dandeettii kee fooyyessuuf tattaafachuu qabda.

2ffaa
Dandeettii Rakkoo Furuu (Problem-Solving Skills)
Kompiitara barachuun koodii barreessuu qofaa miti; inni guddaan rakkoo argame kamiifuu furmaata uumudha.

👉Logic:
"step" ykn Adeemsa itti rakkoon tokko furamu ykn tartiibaan yaaduu danda’uu.

👉Persistence: Yoo koodiin kee "Error" ykn "sirrii miti sirreessi" jedhee ilaalcha keessa yoo si galche, abdii kutachuu dhiistee hamma furmaata argatutti obsaan hojjechuu qabda.

Qabxiilee hafaniif immoo kutaaa itti Aanuun walitti deebina inshaa Allaah 🤲

Itti fufa.......


https://t.me/comptexs
🥰21👍1👏1
Kutaa 9ffaa
Amala barataa teknooloojii irraa eegamu qabxiiwwan ijoo waliif kaasnee turre keessaa kan

3ffaa
Xiyyeeffannaa waan barattu sanitti Kennuu: (Attention to Detail)

Saayinsii kompiitaraa keessatti dogoggorri xiqqaan (fkn: tuqaan ykn buufatni guddaan( semicolon) hojii guutuu danquu ykn dhoorguu danda'a.

Saniifuu Hifachuu baattee, irratti xiyyeeffattee Shaakallaan waan manaa baateef san irra geettee milkaahuu dandeetta.

👉Barataan gaariin hojii isaa xiinxalee qulqullinaan hojjechuuf xiyyeeffannaa guddaa kenna. Kanaafuu jajjabaadhuutii fuulduratti deemi!

4ffaa
Hiriyummaa Uumachuu fi Waliin Hojjechuu: (Collaboration)

👉Pirojektoonni gurguddaan teknooloojii, nama tokko qofaan hin hojjetaman ykn kan hojjatamanii miti. garee (Team) waliin hojjechuu, yaada wal-jijjiiruu fi koodii namni biraa barreesse dubbisanii hubachuu danda’uun baay'ee barbaachisaadha.

Ammas qabxiilee hafaniif immoo kutaa itti aanuun walitti deebina Inshaa Allaah 🤲

Itti fufa......

https://t.me/comptexs
3🥰1👏1
Kutaa 10ffaa
Amala barataa teknooloojii irraa eegamu qabxiiwwan ijoo waliif kaasnee turre keessaa Ammas kan

5ffaa
Naamusaa fi Itti Fayyadama Sirrii:(Ethics)

👉Dandeettii qabaachuun kee qofti gahaa miti. Teknooloojii dhimma gaariif oolchuun immoo dirqama keeti.

👉Cybersecurity: Odeeffannoo dhuunfaa namootaa eeguu.

Kana jechuun immoo Hattummaa (Plagiarism) irraa fagaachuu fi hojii qulqulluu hojjechuu.

👉Ammoo beeki!!
Maal irratti xiyyeeffachuu Akka qabdu keessaa tokko waan Akkaan Barbaachisu kan akka
Programmingii, Obsaa fi yaada loojikiitiin guutamee irratti xiyyeeffadhu!

👉Networkingii Iccitii eeguu fi qindoomina beekuu dha. innis "AI & Data" kan jedhamuu dha. innis Xiinxala fageessanii yaaduuti.

Ammas Gorsa Gabaabaa siif qabu keessaa tokko:

'Koodiiwwan garagaraa barreessuun akka bishaaniiti; ykn salphaa dha. yoo guyyaa guyyaan itti hin deddeebine ni irraanfatama. Kanaafuu, barachuu qofa osoo hin taane hojiin shaakaluun murteessaadha."

Kutaa itti aanu keessatti
'Namni meeshaa teknooloojii, kompiitaras ta'ee kan biraatuu yoo ta'e, hariiroo hiriyyoota isaa waliin qabuu fi akkaataa kompiitara isaa itti fayyadamu irratti of eeggannoowwan inni taasisuu qabu' waliin ilaalla inshaa Allaah 🤲

Itti fufa.......

👇👇👇👇👇👇👇
@fathiibaalee1
1👍1🥰1👏1
Kutaa 11ffaa

Barnoonni teknooloojii fi kompiitaraa karaa itti baratan qaba. Barataan damee kanaa milkaa'uudhaaf, karaa barnoota isaa itti hordofu, hariiroo hiriyyoota isaa waliin qabu fi akkaataa kompiitara isaa itti fayyadamu irratti of eeggannoo guddaa gochuu qaba.

Hubannoowwan ijoo armaan gadii hordofi mee !!

1ffaa
Barnoota Isaa Akkamitti Hordofuu Qabda?
Barnoonni kompiitaraa dubbisuu qofaan hin danda'amu; barataan tokko:

👉Te'oorii fi Gocha (Theory vs Practice): Dubbisuu qofa osoo hin taane, wanta baratte battalumatti kompiitara irratti "Practice" gochuu qabda. %20 dubbisuu, %80 shaakaluu ta'uu qaba.

👉Jalqaba irratti xiyyeeffachuu (Master the Basics):
Osoo bu'uura (Foundations) akka Logic, Algorithms, fi Data Structures osoo hin hubanne, gara teeknoolojii gurguddaatti fiiguun kufaattiif nama saaxila.

👉Hojiilee dhuunfaa (Side Projects): Barnoota daree qofa irratti hin hirkatin. Ofiin pirojektoota xiqqaatu ykn xixiqqa yeroo gabaabaatti irra gahuu dandeennu (fkn: Calculator hojjechuu, Websayitii dhuunfaa tolchuu) hojjechuudhaan dandeettii ofii mirkaneessuu barbaachisa.

Dabalata isaa kutaa itti aanuun walitti deebina Inshaa Allaah 🤲

Itti fufa.........

👇👇👇👇👇👇👇
@fathiibaalee1
4🥰2👏2
Kutaa 12ffaa
Hubannoowwan ijoo barataa teknooloojiitiif barbaachisan keessaa kan

2ffaa
Hiriyyoota Isaa Gidduutti Akkam Akka Ta'uu Qabu:

👉Hiriyummaan barataa teknooloojii tokkoof madda beekumsaa ykn madda kufaatii ta'uu danda'a:

👉Garee Qorannoo (Study Groups): Hiriyyoota akka kee barnoota irratti ciman waliin garee uummadhu. Waliin koodii barreessuu fi wal sirreessuun (Code Review) baay'ee nama barsiisa ykn barnoota saniif qophaa'aa nama taasisa.

👉Beekumsa walii qooduu( share) godhuu:
Wanta haaraa baratte keessatti hiriyoota keetitti himi.
Namni tokko yoo nama barsiisu beekumsi isaa caalaatti sammuu keessatti gadi fagaataa deema.

👉Of-eeggannoo: Hiriyyoota yeroo kee qofa gubanii fi waa'ee teknooloojii hin dubbisne irraa xiqqoo fagaachuun ykn yeroo kee irratti itti gaafatamummaa fudhachuun barbaachisaadha.

Dabalata isaa kutaa itti Aanuun walitti deebina inshaa Allaah 🤲

itti fufa.......

👇👇👇👇👇👇👇
@fathiibaalee1
3👍1🥰1
Kutaa 13ffaa
Hubannoowwan ijoo barataa teknooloojiitiif barbaachisan keessaa kan

3ffaa
Adeemsa hojii kompiitaraa keessatti Maal Gochuu Qabda?

Kompiitarri meeshaa barumsaa fi bu'aa hedduu qabu qofa osoo hin taane, meeshaa yeroo nama jalaa gubus ta'uu danda'a:

👉Distraction-Free Environment: Yeroo koodii barreessitu ykn qo'attu, 'Social Media' kanneen Akka Telegram, TikTok, Facebook fi k.k.f cufi.

Xiyyeeffannaan kee kompiitaraa fi barumsa kee qofa irratti ta'uu qaba.

👉Meeshaawwan (Tools) Sirrii ta'e Fayyadamuu:

Tooftaalee ittiin barumsa kee ariifachiistuun keessaa muraasa Hoodhuu qabadhu!

(fkn: , ChatGPT Gorsaaf, youtube tutorialiidhaaf, GitHub pirojektoota kee eeggachuudhaaf sirriitti itti fayyadami!

👉Iccitii fi Nageenya (Security): Akka barataa teknooloojii tokkootti, kompiitara kee irratti "Software" hin beekamne (pirated software) fe'uu irraa of eeggadhu!
Yoo kan beeytees ta'ee osoo hin beeyne irratti feete, nageenya kompiitara keetii guutumaan guututti ni miidha.

Dabalata isaa kutaa itti aanuun walitti deebina Inshaa Allaah 🤲

Itti fufa......

👇👇👇👇👇👇
@fathiibaalee1
👍31🥰1
Kutaa 14ffaa
Hubannoowwa ijoo barataa teknooloojiitiif barbaachisan keessaa kan

4ffaa
Maal Irraa Of Eeggannoo Gochuu Qabda?

👉Abdii Kutachuu (Burn out): Yeroo tokko tokko koodiin ykn barnoonni sitti ulfaachuu danda'a. "Ani kana hin danda'u" jettee abdii kutachuu irraa of eeggadhu! Guyyaa guyyaan baay'istee osoo hin taane,xiqqoma wahii irraa baradhu!

👉Tutorial Hell: Viidiyoowwan barnoota irratti si gargaaran qofa ilaaltee, naaf galee jira ykn ani beeke jettee of hin gowwomsin!

Hamma harka keetiin hin hojjennetti akka beektee, sammuutti qabattee, bor ittiin milkoofne hubadhu!

👉Health (Fayyaa): Sa'aatii dheeraa kompiitara dura taa'uun ijaa fi dugda miidhuu danda'a. Yeroo yeroon boqochuu fi sochii qaamaa gochuu hin dagatin!

👉Gorsa Dhumaa ani siif qabu keessaa tokko:

"Barataan gaariin ykn cimaan, nama waan gaafatame hundaaf deebii qabu ykn kennu osoo hin taane, nama gaafii sirrii ta'e ykn kan sadarkaa barnoota yeroo irra jiruu san gaafachuu danda'uudha."

Walumaa galatti dhaamsii fi gorsi jalqabaa kaasee hanga Ammaatti waliin ilaalle kanumaan kan goolabamu ta'a.

Yeroo keenya kan barnoota idilee(Basic)
1.setting computer irraa kaasnee,
2.ms-word,
3.ms-Excell,
4.Ms-Powerpoint,
5.ms-publisher, fi
6.ms-Access( database) Afaan English fi Afaan Oromootiin Kaasnee hojiidhaanis video'n deeggaramnee ilaalla inshaa Allaah 🤲

Hangasiifuu fayyaa keessa naaf jiraadhaa! 🤲

👇👇👇👇👇👇
@fathiibaalee1
3🥰2
👉Waan Hanga Ammaatti jalqaba irraa kaasee, ilaallee xumurre,

dimshaasha isaatiin yeroo ibsinu bifa asiin gadii kanaan isiniif qophaahee jira.

1.teknooloojiin meeshaa bashannanaa qofaa miti.kan ittiin jijjiiramaniidha.
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/12

2.Teknoolojiin Fedhii Barataa, Akkasumas kan hawaasaa hojii isaaniitiin kan Walitti Hidhuu dha.
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/13

3.Teknooloojiin waan namni jabaan qofti beeku osoo hin taane, waan namni fedhii qabu hundi barachuu danda'uu dha.
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/14

4.teknooloojiin Seenaa Milkaa'inaa (Success Stories) namatti kan Agarsiisu ykn Himuu dha.
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/15

Yeroo dubbistanii xumurtan react ykn comment godhaatii nu jajjabeessaa!!

Itti fufa.......
👇👇👇👇👇👇
@fathiibaalee1
2🥰1👏1
Ibsa 2ffaa


5.Teknooloojiin fedhii kee si jalaa hin fudhatu, fedhima kee saniyyuu,dandeettii dachaadhaan siif guddisa.
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/17

6. Teknooloojiin dhimma Amantii,Aadaa beeksisuu fi cimsuu keessatti gaheen isaa maali?
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/19

7.maalummaa Kompiitaraa barachuudhaaf eessarraa Eegalan?
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/24

8.Amaloonni barataa teknooloojii irraa eegaman hoo maal fa'a?
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/25


Itti fufa......
👇👇👇👇👇👇
@fathiibaalee1

https://t.me/comptexs
2👍1🥰1
Ibsa 3ffaa

9.Saayisii kompiitaraa keessatti dogongoroonni gurguddoo fi xixiqqoon si mudachuu mala, sababa kana ta'eef jecha hifachuu baattee yoo itti jabaattee hojjatte, hinjifataa fi waan barbaadde Argataa taata.
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/28

10. Koodiiwwan garagaraa barreessuun salphaa ta'us itti deddeebinee yoo hin yaalle, irraanfachuu dandeenya. Akka Akkas hin taaneef, immoo irra deddeebiin hojjachuutu barbaachisa.
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/29

11.Barnoonni kompiitaraa dubbisuu qofaan osoo hin taane, practisii ykn waan baratan san irra dedeeebiin yaaluudhaan namaaf, gala.
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/30

12.waan baratan irraayis immoo namatti ykn hiriyoota ufiitti himuun beekkumsa keenya nuuf gabbisaa deema.
👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/31


itti fufa.......
👇👇👇👇👇👇
@fathiibaalee1

https://t.me/comptexs
2🥰1
Ibsa 4ffaa

13.yeroo koodiiwwan caragaraa barreessinu 'social media' kanneen Akka Telegraama,Tiktok,facebook fi k.k.fakkaatan cufuu Akka qabnuu fi

tooftaawwan barnoota keenna ittiin saffisiisnuun keessaa,chatGPT Gorsaaf, Youtube tutorialiidhaaf, sirritti fayyadamuu.
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/32

14. Yeroo barataa teknooloojii taane, Abdii kutachuun Akka hin barbaachifnee fi sa'aatii dheeraa kompiitara dura taa'uun, ijaa fi dugda keenya Akka miidhu beekuun barbaachisaa Akka ta'e beekuu.
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/33


Kana fakkaata waan ta'eef, Barnoota keenya kan guyyaa qabanneetiin Hanga Walitti deebinutti,

Fayyaa fi Nagaha keessa nuuf jiraadhaa!!
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/comptexs/10

👇👇👇👇
@fathiibaalee1
2🥰1👏1
KUTAA 1ffaa:

First and foremost, before understanding the internal workings of a computer, a computer science student must know its physical components, their classifications, and their overall usage. Read and study them as follows!


👉Jalqaba irratti barataan Compiitaraa tokko:- keessa kompiitaraa beekuun duratti, qaamolee isaa,Akkasumas qoqqoodama isaaniitii fi Akkaataa fayyadama isaanii hunda beekuun dirqama.
isaan sanniin haala Asiin gadii kanaan dubbisii,hubadhu!

1️⃣ (HARD WARE)
Hardware refers to the physical parts of a computer that you can see and touch.

👉 ( "Hardware") jechuun:- qaamolee kompiitaraa ijaan arguu fi harkaan qaqqabuu dandeennuu dha.

A.Input Devices:-
Used to put data into the computer.

👉Afaan-Oromoo ("Input Device") jechuun:-
Odeeffannoo gara kompiitaraatti galchuuf kan nu gargaaruudha.

1. Keyboard:⌨️ Used for typing text.

👉Kana jechuun:- isa Roga rektaangulaawaa ta'e qabu, Barreeffama barreessuuf nu tajaajiluu dha.

Itti fufa.....
👇👇👇👇👇👇
@fathiibaalee1
2🥰2
KUTAA 2ffaa
2. : "Mouse" 🖱️means: Primarily, this device consists of 3 main parts:

1.Right Click: This is frequently used to help us select from various options that appear in a menu.

2.Left Click: This is used to select items visible on the screen or to click on something once we have decided what we need. Generally, it functions as an "OK" command. It is also often referred to as the "Primary button."


👉"Mouse" Jechuun: jalqaba irratti inni kun Qaamolee gurguddoo 3 kan qabuu dha.

1.Right Click: inni kun yeroo hedduu filannoowwan hedduu nuuf bahan filannee irratti tuquudhaaf nu gargaara.

2. Left Click: innis immoo Wanta iskiriinii irratti mul'atu filachuuf ykn waan nu barbaachisu erga murteessinee irratti kan dhoofnuudha. Walumaagalatti inni kun Akka "ok" jechuutti nu garagaara.

👉Left click: yeroo baay'ee "Primary button" jedhamuus ni danda'ama ykn "jedhamees waamama"

Hunda isaa Asitti dubbachuuf, iddootu nu daangessa kutaa itti aanuun walitti deebina Inshaa Allaah!!

Itti fufa.....
👇
@fathiibaalee1
3🥰2
Kutaa 2ffaa B

3. Scroll: This helps us navigate through items like documents or long lists of options by moving up and down.


3. scroll: waan Akka barreeffamaa ykn filannoowwan hedduu nuuf dhihaatan irra oliif gadi micciiruudhaan irra gahuuf kan nu gargaaruu dha.

In addition, the different parts of the mouse can be observed. Or

Furthermore, you can look at the mouse classifications.

👉Dabalataan immoo qoqqodama mouse laaluun ni danda'ama.

A.Cable:
The Cable is the physical wire that connects the mouse to the computer's USB port. It acts as a communication bridge, sending electrical signals from the mouse to the computer's processor.

👉Cable (Waliin-qabsiistuu)
Kutaan kun qaama mouse-ii fi ‘system unit’ (ykn laptop) walitti hidhudha.

Cable-n kun ergaa (signal) mouse irraa gara kompiitaraatti dabarsa. Inni malee mouse-ni keenya kompiitara waliin dubbachuu hin danda’u. Yeroo baay’ee karaa foddaa USB jedhamuun kompiitaraatti itti fufama.

Walitti Deebina Inshaa Allaah 🤲

itti fufa.....
👇👇
@fathiibaalee1
3👍1🥰1