Beyan Abdella
23 subscribers
21 photos
2 files
7 links
Gaarii tahi malee gaarii hin barbaadin.
Download Telegram
#IMIMMAAN....
Dhukkuba Keessa koo
Bakkeetti Hin Mul'anne
Isa Namni Hin Beekne
Kan Ani Hindubbanne.

Himachuuf Fokkisaa
Dhiisuudhaaf Rakkisaa
Bakkeen Hin Mul'atu
Keessa Koo Dhiphisa

Kan Namoonni Bakkeen
Anarraa Arganii
Gudunfama Nyaaraaf
Lola'uu Imimmaanii

Imimmaan Lola'ee
Ija Tokkoon Bu'u
Kan Koo Mirgaa Malee
Bitaan Tasa Hin Boo'u.

Kun Anaafis Gaaffii
Gaaffii,gaaffii Caalu
Iji Bitaafi Mirgaan
Mee Maaliin Wal Caalu?

Quuqqaa Cinaacha Koo
Waraansa Onnee Jalaa
Isan Dhukkubsadhu
Eenyuu Naaf Ilaala?

Maal Rakkatte Jedhee
Namni Na Hin Gaafanne
Hamaa Koo Dubbachuuf
Garuu,cal Hin Jenne

Gaafan Taa'ee boo'u
Boo'icha ija tokkoo
Namni Dhiisi Hin Jenne
Dagatee Altokko
Rooba Imimmaanii
Cuunfama Ija Tokkoo
Irraanfachuuf Jira
Anis Guyyaa Tokko

Ofiikoos Rakkadhee
Namas Maan(maliifan) Rakkisa
Hamma Guyyichatti
Obseetan Callisa
===========
Barreessaan Jawar Mohammed
Kan beekuutu maalkaa toohee loon obaasa jatte O'n tiyya.
1
Forwarded from ሒሩት SUZUKISCAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
“Dhaba roobaa - hongeen
Qotiyyoon koo du’e
Ameessi koos gatatee
Bineensa afaan bu’e
Ittiin qotee galchee
Kanin maatii sooru
Dallaan koo oneera
Har’a homtuu hin jiru!
Maal taate hin jedhiinaa
Isin kan jiraattan mataan sin boqotee
Ani dhala koo sooruufan
Dhala kootiin qote!
Dhalli koo beela’ee
Lubbuu dhabuuf jiraa
Maaloo naaf birmadhaa
Maaloo na gargaaraa…”

Jedhee yoo dhaammatu
Qonnaan bulaan Booranaa, Kan Baaleefi Gujii
Warra aangoo qabu
Yoom argeree iji?
Warri quufee bulu
Warri cooma muru
Gidiraa uummataa
Quba hin qaban duruu…
Quuqqaa uummataatiif
Hin quuqaman yoomuu
Dhuunfaatti badhaadhu
Dhuunfaatti duroomu!

Uummata keenya sababa hongeetiin Gujii, Boorana, Baalee, Harargeefi bakka addaa addaatti beelaan lubbuu dhabaa jiraniif waan dandeenyuun haa birmannu!
Leta Kenei Aga
2
Forwarded from ትዳር እና ሹገር ማሚ/ዳዲ/ዲያስፖራ አገናኝ ኤጀንት ሚስጥርወ 100% የተጠበቀ ነው 0923883338SCAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Yaa Allaah!!!!!!
Forwarded from መርጌታ ሠናይ የባህል መዳህናኒት 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
🎊BAGA GAMMADDAN🎊

Namoonni bootii COOP namoota 30 Affeeran qarshii 2500 badhaafamaniiru!

Isinis affeeraa badhaafama!

🎊እንኳን ድስ አሎት🎊

የCOOPን ቦት ለ30 ሰዎችን የጋበዙ 2500 ብር ተሸላሚ ሆነዋል!

እርሶም ይጋብዙ ይሸለሙ!

https://t.me/+2H5wrrvTIdg4YmNk
https://t.me/+2H5wrrvTIdg4YmNk