Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau)
15.9K subscribers
53 photos
310 files
36 links
Dhaloota Beekumsaan qaroome Omishuudha kaayyoon keenya!
Download Telegram
Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau) pinned «Sirba Haacaaluu Hundeessaa Albama 1ffaa https://t.me/OromoDJ/995»
Ibsa Saaqinsa Manneen Barnootaa Ministeera Barnootaatiin Kenname kan bara 2013

Dhiibee Koovid-19 sababeeffachuun manneen barnootaa biyya keenya keessa jiran addaan cituun turuun isaanii ni beekama. Haata’u malee yeroo ammaa eeyyama Ministeera Fayyaa irraa argame sababeeffachuun barattooni haala adda addaan gara barnootaatti akka deebi’an mariidhaan murtaa’ee jira.
Haaluma kanaan:-
1.Marsaan jalqabaa Onkoloolessa 9 bara 2013:
Manneen barnootaa aanaalee baadiyaa fi magaala gandootaatti argaman akka saaqaman
2.Marsaan Lammaffaa Onkoloolessa 16 bara 2013:
Manneen barnootaa Godinaalee hundaa fi magaalota naannooleetti kan argaman akka saaqaman
3.Marsaan Sadaffaa Onkoloolessa 30 bara 2013:
Manneen barnootaa magaalaa Finfinnee fi manneen barnootaa naannawaa Finfinneetti argaman akka saaqaman murteen darbee jira.
@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
💓 Yomuuyyuu naaf jiraadhu HARMEE TOO 💓

Harmeen takka mana Suphaa Mobile deemte

HARMEE:- Mobile koo na duraa balleefame hodhu naaf tolchi jette Namticha tolchutti kannite

Namtichi:- oliif gad qabee sakkata'ee erga ilaale booda Harmee bilbilli kee homaa hin taane ni hojjata jedheen Namtichi.

HARMEE:- Imimmaan Ija isheerraan dhab dhab godhaa Yoo Bilbilli koo rakkoo qabachuu baate Ijolleen koo maaliif naaf bilbiluu dhiisan? jette sagalee lafaadhaan.

Yoo Harmee kee lubbuun jiraatte Ati carraa qabeessa kanaaf kunuunsi, Nama meeqatu Harmee isa kunuunsuuf carraa dhabe, Yoo fagoo jiratte illee akka isheen itti si guddistee asiin si geessee yaadadhuti bira dhaqi, ija kee arguun isheef gammachuudha wan ta'eef.

Mee warrii Harmee jaalatu 👍
Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau) pinned «Ibsa Saaqinsa Manneen Barnootaa Ministeera Barnootaatiin Kenname kan bara 2013 Dhiibee Koovid-19 sababeeffachuun manneen barnootaa biyya keenya keessa jiran addaan cituun turuun isaanii ni beekama. Haata’u malee yeroo ammaa eeyyama Ministeera Fayyaa irraa…»
Guyyaan Manni Barnoota ittiin banamu Jijjiramu Ministeerri Barnoota biyyatti beeksise.

Qondaalli Mootummaan Naannoo Oromiyaa Obbo Addisu Araggaa fuula Fesbuukii isaaniirratti akka ibsanitti barana barumsi marsaadhaan eegala.

Haala baniinsa Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa

1⃣. Marsaa jalqabaa Onkololeessa 16 baratoota kutaa 8 fi 12 buleeyyii hundaa fi manneen barnootaa magaalota aanaa keessatti argamanii fi manneen barnootaa gandoota baadiyyaa keessatti argaman hunda keessatti kan eegalamu ta’a.

2⃣. Marsaa 2ffaa Onkololeessa 30 manneen barnoota magaalota giddu galeessa godina 13 keessa jiran keessatti kan eegalamu ta’a.

3⃣. Marsaa 3ffaa Sadaasa 15 manneen barnoota magaalota Finfinnee marsanii jiranii kan akka Bishooftuu, Dukam, Galaan Lagaxaafoo Lagadaadhii, Sabbataa fi Sulultaa… tti kan eegalamu ta’a.

Tatamsa'inni Vaayirasii Koronaa akka barattoota hin hubneef akka pirootookolii Ministerri Eegumsa Fayyaa baaseen daree tokko keessatti barataa 20 – 25 qofa teessisuun barnootni kan kennamu ta’a. Deeskii tokkorra barataa tokko qofatu taa’a.

Mana Barnoota tokko keessatti dareen barumsaa 8 yoo hin caalle dabaree tokkotti barattootni 200 caaluu hin qaban, M/B tokko dabaree tokkotti barataa 1000 ol barsiisuu hin danda’amu.

Barattootaaf aguuggiin fuulaa fi funyaanii, akkasumas meeshaaleen qulqullinaaf barbaachisan bilisaan mootummaan ni dhiyeessa.
©Addisu Araggaa

@Biroobarnootaoromiyaa
@Biroobarnootaoromiyaa
Waamicha Barsiisoota soorama bahaniif!

Oromiyaan bara kana barattoota miiliyoona 11.2 ol mana barnootaatti ergitee barsiifti. Tatamsa’ina COVID-19n walqabatee barnootni bara kanaa haala rakkisaa keessatti akka gaggeeffamu beekamaadha. Rakkina kana dandamachuun barnoota itti fufsiisuuf ganna darbe keessa hojiiwwan gurguuddoon hojjetamanii jiru. Barattootni walirraa fageenya qaamaa eeganii akka barachuu danda’aaniif dareewwan barnootaa kuma 33 ol hirmaannaa ummataatiin ijaaramanii tajaajilaaf qopha’aa jiru.

Tatamsa’ina COVID-19 ofirraa ittisaa barnoota itti fufsiisuuf ministeerri eegumsa fayyaa “pirootokoolii” barnootni ittiin geggeeffamu baasee jira. Haaluma Kanaan daree barnootaa tokko keessatti barattootni 25 fi isaa gadi, deeski (teessoo) tokko irraa ammoo barataan tokko qofti taa’uun barnootni akka itti fufu kallattiin kaa’amee jira.

Pirootookoolii kaa’ame Kanaan barnoota itti fufsiisuuf hanqinni barsiisootaa humnaa ol ta’e nu mudataa jira. Hanqina mudate kana furuuf barsiisootni hojiirra jiran wayitii dabalataa akka barsiisan gochuun cinatti barsiisoota sooroma bahaanii jiranii fi lammiilee ogummaa barsisuummaan eebbifamanii hojii garaa garaa irra jiran hirmaachisuun yeroo rakkisaa kana harka walqabachuun darbuun dirqama ta’aa jira.

Kanaafuu, Barsiisotni Sooroma baatanii jiratanii fi namootni oogummaa barsiisummaa qabdan waamicha lammummaa fi Oromummaa harmeen Oromiyaan isiniif gootee fudhachuun hojii barsiisuu irratti tajaajila lammummaan akka hirmaattan waamicha kabajaa isiniif dabarsina! Namootni waamicha kana fudhachuun tajaajila lammuumaatiin barsiisuuf fedhii qabdan waajjiraalee barnootaa dhiyeenya keessanitti argamutti dhiyaattanii akka galmooftan kabajaan waamicha isiniif dabarsina!

© Addisu Araggaa
@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
"Finfinnee fi godinaalee ollaan ala guutuu biyyattiitti barnoonni eegalame" – Ministeera Barnootaa

Magaalaa Finfinnee fi godinaalee ollaan ala guutuu biyyattiitti manneen barnootaa ulaagaalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e guutan hundi guyyaa har’aa barnoota eegaluu isaanii Ministeerri Barnootaa beeksise.

Haaluma Onkololeessa 9, 2013 barnoonni akka eegalamu kallattiin kaa’ameen manneen barnootaa ulaagaa guutaan hundi barnoota eegaluu Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa ibsaniiru.

Manneen barnootaa haguuggii afaanii guuttatan %30 guyyaa har’aa barnoota eegaluu isaanii eeraniiru.

Haguuggiin fuulaa kana torbee dhufu keessa manneen barnoota hunda qaqqabsiisuuf hojjetamaa jira jedhan. Haguuggii fuulaa miiliyoona 50 manneen barnootaaf rabsuuf haaluma karoorfameen hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Akka EBCn gabaasetti manneen barnootaa iddoo kamiiyyuttuu argaman galteewwan barbaachisu osoo hin guutiin barnoota eegaluu akka hin qabne ministirichi yaadachiisaniiru.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
Barnoota Barnoota
Ammaas Barnoota
Kana ta'uu qaba KAYYOON Oromoota.

Dr.Artist.Ali Birraa
Adaamaatti gamoon jiguun lubbuun namoota 4 darbe!

Magaalaa Adaamaatti gamoon jiguun lubbuu namoota 4 darbuu poolisiin beeksise. Qajeelcha poolisii bulchiinsa magaalichaatti ogeessii kominikeeshinii inispeektar Warqinash Galmeecha, balichi kan qaqqabee kutaa magaalaa Dambal ganda Irreechaa keessaatti jedhaniru.

Gandichatti naannoo maqaa addaa mana barumsa Koloneel Dajanee Simee jedhamutti hoteelli Hawwii jiguun balichi qaqqabeera jedhan.

Hoteelicha gamoo haaraa bakka buusuuf isaa moofaa osoo diigaa jiraanii hojjettootarra balaa qaqqabeen lubbuu namoota 4 battalumatti darbeera.

Namoota lamarra ammoo balaan qaama cimaan qaqqabuu ibsameera. Ka’umsii balichaas hanqina of eeggannoo ta’u eerameera.
@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
Dhugaa 10n kan Oromo hundi waliin qabdu !

°°°°°°°°°#Sif_Himuu? °°°°°°°°°°°°°

#Dhugaa1: ati Barreefama kana dubbisaa jirta
#Dhugaa2: Qubee M jadhu osoo Hidhii kee waliin hin tuqin yoo Dubbiste ati dhugaatti cimaadha, garuu inuma hin dubbistu.
#Dhugaa3: Dubbisuuf yaala turte
#Dhugaa4: seeqxe jirta
#Dhugaa6: Seeqxe ykn kofaltee jirta
#Dhugaa7: ati Dhugaa lakk 5 irra darbuu kiyya hin hubanne
#Dhugaa8: amma akkan irra darbe hubatte jirta
#Dhugaa9: seeqxe jirta
#Dhugaa10: barreefamni kun wan sitti toleef Like godhuf deemta ta'a.
😂🤣😁

Join Us👇

@Jalphilosophy @Jalphilosophy
Guyyaa simannaa barattoota eebbifamtoota bara 2012 ifa godhameera. Yunivarsitootni hundu barattoota isaani Onkolooleessa 23-30/2013 akka simatan sagantaan ba'eera.

@BirooBarnootaOromiyaa
Galmeen barattootaa qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa torbaan dhufu kan jalqabuu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Galmeen barattootaa qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2012 Onkololeessa 16 hanga 30 bara 2013 manneen barnootaatti kan adeemsifamuu ta’uu Ministeerri Barnootaa beekeiseera.

Adeemsa galmee qormaataa kana bifa saffisa qabuun raawwachuuf Sooftiiweerii “Enrollment Kit” qopha’ee irraatti ogeessoota ‘ICT’ barattoota galmeessanii fi qindeessitoota kutaa qormaataf magaaloota naannooleetti leenjiin kennameera jedhame.

Qormaanni biyyaaleessaa bara barnootaa 2012 ‘Online’ akka kennamuus ni beekama.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
Ergaa Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dr Saamu'eel Urqaatoo❗️

Barattootni yeroo turmaata Yuunivaarsiitii isaani sirnaan fayyadamuu fi itti gaafatamummaan kan guutame ta’uu akka qabu Ministeerri Saayinsi fi Barnoota Olaanoo beeksise.

Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo gara barnootaatti wayita deebi’an yeroo turmaata Yuunivarsiitiitti taasisan sirnaan fayyadamuu irratti kan xiyyeeffatee fi itti gaafatamuummaan kan guutame ta’uu akka qabuu Ministeerri Saayinsi fi Barnoota Olaanoo beeksiseera.

Barattoonni gara barnootaatti wayita deebi’an qajeelfama of eggannoo gaggeessitootarraa kennamu haalan hojiirraa oolchuu qabu jedhan Ministirri Saayinsi fi Barnoota Olaanoo Dr. Saamu’eel Urqaatoo.

Barattoonni barumsaaf xiyyeeffannaa kennuun cinatti haguuggii afaanifi funyaani fayyadamuu, qulqullinaa eeggachuun lubbuu isaani fi hiriyyoottan isaani akka eeganiif Dr. Saamu’eel waamicha dhiyyeessaniiru.

Hawaasni barnootaafi leenjii akkuma fayyaa isaa eeggatu, nageenya isaas eeggachuuf itti gaafatamuummaafi dirqama akka qabu Dr. Saamu’eel hubaachisuu odeeffaannoon Ministeera Saayinsifi Barnootaa Olaanoorraa argame ni mul’isa.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
Barnoota sirna Gadaa...!

Qophiin kitaaba barnoota sirna Gadaa xumuramaa jira. Barnootni sirna Gadaa bara barnootaa kana irraa eegalee akka gosa barnootaa tokkootti barattoota kutaa 1ffaa hanga 8ffaatiif kan kennamu ta’a.
Via Addisu Araggaa

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
Barnoota sirna Gadaa...!

Qophiin kitaaba barnoota sirna Gadaa xumuramaa jira. Barnootni sirna Gadaa bara barnootaa kana irraa eegalee akka gosa barnootaa tokkootti barattoota kutaa 1ffaa hanga 8ffaatiif kan kennamu ta’a.
Via Addisu Araggaa

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa