Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
29.8K subscribers
506 photos
3 videos
425 files
402 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
Dhaabbanni "Boeing Community Investment Fund (BCIF) jedhamu Namoota Balaa Xiyaara Booyingi 737 Maaksi 8 Lubbuun Isaanii Darbeef Yaadannoo, Hawaasa Naannoo Balaan Itti Uumameef Immoo MB 2fi Dhaabbilee Tajaajila Hawwaasummaa biroo Ijaaruun Eebbsiisaniiru.
----------
BBO - Guraandhala 28/2016 Xiyaarri qabeenya Itiyoophiyaa ta'e, 'Boeing 737 Max 8' lakkoofisa balal'uu 'ET 302' jedhamu Bitootessa 1/ 2011 Magaalaa Finfinnee. Buufata Xiyaaraa Idil Addunyaa Boolee irraa imaltoota biyyoota 35 baay'inni isaanii 157 ta'e qabachuun gara Keeniyaa balal'aa ture Godina Shawaa Bahaa Aanaa Gumbichuu Ganda TulluuFarra keessatti kufuun lubbuun imaltoota hundaa darbuun ni yaadatama.

Kanuma bu'uur gochuun Dhaabbatni 'Boeing Community Investment Fund' jedhamu, maatii imaltootaa 18n hundeeffame, maallaqa deeggarsa dhaabbata Booyingi irraa argatan dhuunfaan fudhachuu dhiisuun, Yaadannoo Maatii Isaaniitiif akka ijaaramu. . Yaadannoon kunis haawasa naannoo balaan xiyaaraa gahe san keessa jiraataniif tajaajila kennuu danda'u Manneen Barnootaa 2, Bishaan dhugaatii jiddu galeessa kuusaa tokkorraa kan madduufi hujummoon kan tamsa'u bakka 9, kilinika 1, riqicha 4 akka ijaaramuuf gochuun maatii isaaniitiif Yaadannoo, hawaasa naannawa san jiraataniif immoo tajaajila kennuufi rakkoo hawaasaa kan furuu danda'u ijaarsisuun guyyaa har'aa eebbisiisaniiru.

Eebba Piroojektoota Misoomaa kanarratti argamuun kan eebbaan banan, hogganaa Mana Amantaa Katoolikii, Qulqulluu Kaardinaala Abuna Birahaaneyessuusfi Biiroo Barnootaa Oromiyaa irraa I/A hogganaa Biirichaa Dr. Galaanaa W/Mikaa'el, akkasumas biiroo Fayyaafi Bishaaniifi Inarjii irraa bakka bu'ootni bakka argamanitti piroojektootni eebbifamuun tajaajilaaf hawaasaaf eebban banamaniiru.
Gargaarsifi yaadannoon kun maallaqa maatii namoota 18 balaa xiyaaraatiin boqotan irraa argameen yoo ta'u, imaltootni lubbuun isaanii darbe 18 suuraan isaanii manneen barnootaa keessatti maxxafamee argama.
Mana Barnootaa Sad. 1ffaa Tulluu Farraafi Mana Barnootaa Sad. 1ffaa Godeettii istaandardii Biiroon Barnootaa Oromiyaa kaa'een kan ijaarman yoo ta'u, bishaan dhugaatiifi ibsaa Soolaariin hojjatu galeefii kan jiru ta'uun beekameera.

Hawaasni Naannoo Balaan xiyaaraa gahe kanatti argaman yaada kennaniin, dhaabbatni gargaarsaa kun rakkoo hawaasa keenyaa adda duree ta'e adda baasuun gargaaruu isaatiif maatilee namoota 18 lubbuun isaanii balaa xiyaaraatiin darbe  jajjabina akka argatan hawwuun kan galateeffatan yoo ta'u,  namoota balaa kanaan lubbuun isaanii darbeef immoo, Lubbuun Isaanii Jennatatti Akka Qananiitu hawwina jedhaniiru.

Piroojektoota kanneen akka hojjatan itti gaafatamummaan kan kenname Dhaabbata Mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaatiif yoo ta'u, dhaabbatichis imaanaa itti kenname qulqullinaan bahachuu isaa gabaasa keessatti ibsaniiru.
Dabalataanis, Piroojektichi walumaa galatti baasii qarshii miliyoona 125 ol kan fixe ta'uu ibsaniiru.


#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
BEEKSISA QAXARRII BARSIISOTAA

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisota Afaan Chaayinaafi Afaan Faransaay barsiisan Manneen barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Yaaballoofi Najjoof kontiraataan qaxaruu waan barbaaduuf, namoonni Afaanota kunneen  barsiisuu feetan ulaagaa armaan gadii dubbisuun galmaa'uu akka dandeessan beeksisa.

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
Ramadaanni ji'a jaalalaa, tokkummaa, nagaa, gara-laafinna fi tokkummaa akka ta'u hawwina.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Barattoota #kutaa_6ffaa_8ffaafi_12ffaa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira jedhame.
-------------------------------
BBO- 11/07/2016 Barattoota kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa Naannoo keenyaa Qormaata Naannoofi Biyyoolessaa bara 2016 fudhachuuf qophaa'aa jiran gahumsa isaanii ol guddisuuf manneen barnootaa ciminaan hojjataa akka jiran Gumii Tiraansiformeeshinii Barnootaa Oromiyaa (GTBO) sadarkaa  godinaaleefi bulchiinsa magaalotaa irratti hojjataa jiran tokko tokko ibsaniiru.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa(BBO) bara 2016  keessa barattoota #kutaa_6ffaa_kuma_700 ol ta'an, barattoota #kutaa_8ffaa_kuma_600 olii Qormaata Naannootiifi akkasumas barattoota kutaa 12ffaa kuma 300 ol ta'an immoo  Qormaata Biyyoolessaatiif qopheessaa kan jiru ta'uun beekamaadha.
#Qormaatni_kutaa_6ffaafi_8ffaa walduraa duubaan ji'a  #Caamsaafi_Waxabsjjii/2016 keessa yoo ta'u, kan kutaa 12ffaa immoo fuulduratti kan beekamu ta'a.
Kanuma bu'uura gochuun Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa Oromiyaa sadarkaa godinaaleefi magaalotaa jiran tokko tokko manneen barnootaa irra naanna'uun hordoffiifi deeggarsa taasisan irraa ka'uun hoggantootaa, barsiisotaafi barattoota manneen barnootaa jajjabeessaa akka jiran himaniiru.
Walumaa galatti, manneen barnootaa hedduun xiyyeeffannoon hojjataa akka jiran haa ibsamu malee manneen barnootaa tokko tokko ammas deeggarsaafi hordoffii cimaa akka barbaachisan eeraniiru.
#Keessattuu, #Manneen_Barnootaa_bara_2015_Qormaata_kutaa_8ffaafi_kutaa_12ffaa_barataa_tokkollee_dabarsuu_dadhaban, ammas rakkoo bara darbee akka isaan hin qunnamne GTBO sadarkaa sadarkaan jiran irraa hojiin guddaan kan eegamu ta'uu ibsaniiru.
Dhumarratti, hojiin manneen barnootaa keenya hojjataa jiraniifi GTBO xiyyeeffannoon hojjataa jiran kun gahumsa barattoota keenya kan #gabbisuufi_ofitti_amanamummaan akka qormaataaf qophaa'an kan taasisu waan ta'eef #GTBO_sadarkaa_gandaa_irraa_hanga_naannoo_jiru_hundi_bifa_walfakkaatufi_qindoominaan hojjachuun #rakkoo
_qabxii_barataa irratti nu qunname keessaa haa baanu kan jedhu dhaamsa BBO ta'a.

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
#Update

Qormaanni Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2016 baatii Waxabajjii keessa akka kennamu Tajaajilli Madaalli Barnoota fi Qormaataa beeksise.

Daarektarri olaanaa tajaajila kanaa Dr.Eshetuu Kabada bara kana qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf barattoonni kuma 670 ol galmaa’uu isaanii himaniiru.

Naannolee rakkoo nageenyaa qaban irraa kan hafe, naannolee biyyattii irra caalaan galmeen isaanii xumuramuu ibsameera.

Daarektarri olaanaan kun guyyoota muraasa booda  maxxansi qormaatichaa akka eegalu himaniiru.

Qormaanni kutaa 12ffaa bara 2016 baatii Waxabajjii keessa akka kennamus mirkaneessaniiru.

Qormaanni biyyoolessaa yeroo 3ffaaf yunivarsiitiiwwan keessatti kennama.

Bara kana Ministeerri Barnootaa dameewwan saayinsii uumamaa fi saayinsii hawaasaa tokkoon tokkoon isaaniif gosoota barnootaa #jaha akka kennamj murteessaniiru.


MD
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
Barattoonni kuma 675 ol qormaata kutaa 8ffaa nifudhatu.

Naannoo Oromiyaatti barana barattoonni kuma 675fi 900 ol qormaata naannoo kutaa 8ffaa akka fudhatan Biiroo Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Cabiinsa barnootaa sirreessuuf xiyyeeffannoo mootummaan dame barnootaaf kenneen gumiin tiraansiformeeshinii Barnootaa Oromiyaa hundaa’ee qulqullinaa barnootaa mirkaneessuuf hojiilee garagaraa hojjechaa jira.

Naannichatti barattoonni kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa qormaata moodeelaa gumii tiraansiformeeshinii barnootaa Oromiyaan qophaa’e akka fudhatan taasifameera.

Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa ji’a caamsaa dhufu akka kennamuus himameera.

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Photo
“Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Dhaabbata '#Ethio_telecom' waliin hojjachuuf Atooma Hojii Mallatteessaniiru.

BBO-Bitootessa 23/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Dhaabbatni Itiyoo.telekoon(Ethio telecom) teeknooloojiitti fayyadamuunn hojii barnootaa ammayyaa taasisuu, saffisaafi qulqullina akka qabaatu gochuun dhaloota gahumsa qabu horachuu akka danda'amu waliin hojjachuuf bakka hoggantootni dhaabbilee lachuu jiranitti Atooma Hojii har'a waliif mallatteessaniiru.
Atooma Hojii kan mallatteessan Biiroo Barnootaa irraa hogganaa biirichaa Dr. Tolaa Bariisoo yoo ta'an gara dhaabbata Ethio telecom' irraa immoo hoggantuu dhaabbatichaa kan ta'an dubre Firehiyoot Taamiruu waliin hojjachuuf mirkaneessaniiru.
Hojiiwwan gurguddoon waliin hojjachuuf walii galanis:
-Manneen Barnootaa Bultii Addaa (Boarding Schools) 7fi
- Manneen Barnootaa Addaa (Special Schools) 33 , walumaa galatti daree barnootaa 82 irratti teeknooloojii sadarkaa olaanaatti fayyadamuun barnootaa dareefi manneenne barnootaa 'network'n walitti fiduun dijitaalessuu ta'uun beekameera.
Sirna mallattoon booda hogganaan BBO Dr. Tolaan haasaa taasisaniin, dhaabbata guddaa sadarkaa addunyaa biyya keenya beeksiseefi teeknooloojiin wal qunnamsiisaa jiru 'Etho telecom' waliin hojjachuuf Atooma Hojii walii maallateessuu keenyatti baay'een boona, itti gammadas jira jedhaniiru. Itti aansuun dhaabbatni kun teeknooloojii sadarkaa olaanaa ta'een fayyadamuun barsiisota keenya kan gargaaru yoo ta'u, barattoota keenya immoo, itti fayyadama teeknooloojii dandeessisuun sadarkaa addunyaan amma jirtu keessatti dorgomtoota cimoo ta'anii akka bahan taasisa. Kanaafuu, dhaabbanni Itiyo telekoom deeggarsa barnootaa godhuu qophaa'uu isaatiif irra deebi'ee hedduun galateeffadha jedhaniiru.
Hoggantuun Dhaabbata Itiyoo telekoom dubree Firehiyot Taammiruus haasaa taasisaniin , Dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf manneen barnootaa murteessaa waan ta'eef BBOn kutannoon murteessee itti seenuu isaatiif baay'een dindiqisiifadha, galatoomfadha jedhaniiru.
Dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsina yoo jennu, teeknooloojiin dhaabbilee hundaafi mana nama hundaa galchuu waan ta'eef, hundama bira dabareen kan geenyu ta'a jechuun,hojiin amma Biiroo Barnootaa waliin hojjannu kun biyya keenya Itiyoophiyaa ceesisuuf hojii hojjataa jirru keessaa isa tokko ta'uun beekamuu qaba jedhaniiru.

Walumaa galatti, Barnootni bu'a qabeessa(humna akka horatu)taasisuuf teeknooloojii sadarkaa olaanaa ta'een deeggaruun(Empowering Education Through Cutting-Edge Technology) barsiisotniifi barattootni carraan jalqabaa isin dhaqqabe humna qabdan guutuun itti fayyadamuun '#Digital_Ethiopia' dhugoomsuuf akka hojjattan dhaamsa biiroo keenyaa ta'a.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1         
​Qormaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa Naannoo Oromiyaa #Guyyoota_60_Qofatu_Hafe
----------
BBO - Bitootessa 26/2016 Qormaatni Naannoo Oromiyaa kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016 kennamu Gosoota Barnootaa Qormaatni Irraa Qophaa'e:
A - #Kutaa_6ffaaf
----------------
Qormaatni kan qophaa'u barnoota kutaa 6ffaa irraa qofa yoo ta'u, isaanis;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50%
#Guyyaan_Qormaata_kutaa_6ffaa
#Caamsaa 26-30/2016, ji'oota 2 ykn Guyyoota 60 qofatu hafe.

B- #Kutaa_8ffaaf
-----------------
Qormaatni kutaa 8ffaa kan qophaa'u barnoota kutaa 8ffaa irraa qofa yoo ta'u, Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a.
#Guyyaan_Qormaataa_immoo #Waxabajjii 03-07/2016, ji'a lamaafi guyyoota 8 qofa ykn #Guyyoota_68_qofatu_hafe.

Kanaafuu, Barattootnifi Barsiisotni keenya akkasumas, Maatiim Barattootaa ji'oota lamaan hafan kana barattootni gara hundaan qormaataaf akka qophaa'an gargaarsi barbaachisu haa taasifamu kan jedhu dhaamsa keenya ta'a.

BBO

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1  
Loading Qormaanni Kutaa 12ffaa

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa barattoota Saayinsii Hawaasaatiif Adoolessa 3-5 bara 2016 tti, barattoota Saayinsii Uumamaatiif ammoo Adoolessa 9-11 bara 2016 karaa online fi Yuunivarsiitii keessatti waraqaa dhaan ni kennama.

Barattoonni Saayinsii Hawaasaa waraqaa irratti qoroman Waxabajjii 30 hanga Adoolessa 1 bara 2016 tti, akkasumas warreen Saayinsii Uumamaa ammoo Adoolessa 6-7 bara 2016 tti gara Yuunivarsiitiitti kan seenan ta'a.

BBO

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
(Mihretuu Shaanqoo)...............................................


"Rakkinni rakkina caalu fira rakkinaa ta'uudha!"


BBO

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Hordoftoota Amantaa Islaamaa hundaaf, Baga Ayyaana Arafaa nagaan geessan

Eid Mubarak

BBO

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
​Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 Akka Biyyaatti Kennamu Barattootni 35% ol Oromiyaa Irraa Ta'uun Beekame.
---------------
BBO- 10/10/ 2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa #qormaata_biyyoolessaa_kutaa_12ffaa_bara_2016_barattoota 246,575 kan qorsiisu yoo ta'u, #akka_biyyaatti_barattoota_qormaata_fudhatan_jedhamanii_eegaman 701,489 keessaa naannoon Oromiyaa 35% ol ta'uun beekameera.

Oromiyaa keessatti baay'inni barattoota qormaata fudhatanii hedduu waan ta'eef xiyyeeffannoo Biiroon Barnootaa Oromiyaa kennee hojjataa jiru cinatti karaa loojistikiifi humna namaa bobbaasu irratti Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa hordoffiifi deeggarsa olaanaa gochuu akka qabu waliigalameera.
Kanaafuu, hawaasni naannoo keenyaa, maatiin barattootaa, barsiisotni, hoggansi barnootaa, GTB, GMB, BBLG, Caasaan Mootummaa, Qaamni Nageenyaafi Yunivarsiitiwwan Naannoo keenyaa hundi qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 nagaafi milkiin akka xumuramu akkuma kanaan duraa deeggarsi keessan cimee akka itti fufu dhaamsa dabarsineerra.

#Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa (GTBO) sadarkaan jirtan, Komishiiniin Poolisii Oromiyaa, Maatiin Barattootaa, Barsiisotni, Hoggansi Barnootaa sadarkaan jiru, qaamni nageenyaafi caasaan mootummaa naannoo keenyaa sadarkaan jiru hundi #haaluma_kanaan_dura_qormaata_naannoo_kutaa_6ffaafi_8ffaa(barattoota milyoona 1.4 ol ta'an) milkeessineen #ammas_milkaa'ina_ammaffaa_akka_galmeessiftan gamanumaa abdii guddaa qabna.

Muuxannoo darberra waan hedduu waan hubanneef kan darbe caalaa qulqullinaafi iftoomaan barattoota keenya jajjabeessuu qabna.

- Qormaatn kan qophaa;
#Sirna_Barnootaa_Darbe(Moofaa) keessaa- Barnoota kutaa 9ffaa - 11ffaa jiru yoo ta'u,
#Sirna_Barnootaa_Haaraa keessaa immoo - Barnoota Kutaa 12ffaa ti.

- Guyyaa Qormaataa;
#Barnoota_Saayinsii_Hawaasaa - Adoolessa 03-05/2016
#Barnoota_Saayinsii_Uumamaa - Adoolessa 09-11/2016tti Waraqaafi 'Online'n kennama.

Barattoota keenyaaf:
#CARRAA_GAARII_HAWWINEERRA!
- BBO -


@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1