Sona walaloo
1.93K subscribers
145 photos
16 videos
32 files
198 links
Sona baay'ee argattu!!
@Walaloo
@Barumsa jajjabeessan
Download Telegram
#Gadaan_bulla

Angafaa oromtichaa
Hortee warraa jaba
Seenaan isa dheeradha
Oromoon duudhaa qaba
~~
Alangee haadha dhugaa
Kallachaaf bokkuu qabatanii
Abbootatu waaqa dhugeessaa
Hawwaanis siiqqee qabatanii
~~
Jara kana warrii haqa
Warraa ala manni qajeela
Gadaan oromoo qabeenya
Hormuu keenya kajeela
~~
Jaalalan of ijaarra
Tokkummaa keenya tulla
Horteen ilmaan kuush
Oromoon #Gadaan_bulla


Writter by @Garre

@sona_walaloo
@sona_walaloo
Asoosaama gababaa kana isif qabdhee dhihadheera itti dhihadha
Kan fudhatamee kitaaba #yaasoon_Kabbadaa irraa


#Kutaa_1ffaa

MOROMAA

‘Afachu! yoon funyaan kee qaawwa aarri keessa bahu,sonba kee bobeessaa cilee,tiruu kee warshaa
alkoolii gochuu baadhe---!’naan jedhe otoon ani waan
inni ta’ellee hin beekin.Nan wareere;maal taate hin
jenneen; aaruu isaa beekera.Akkana naan jedhaa
dhiisetoo guyyaa takkallee daba ni yaada jedhee
yaadee hin beeku.Garuu obsan dhabe.Akkamittan
odoo waan inni ta’ellee hin gaafatin callisa?yoon cal
jedheen ammoo na tuffateeti jedheet waan biraa natti
fida jedheen sodaadhe. Anis xiqqoo aaruu
kajeelera.Maaal taate jedhuun moo maal dhabde
jedhuun laata jedheen ofiin mari’adhe.Maal taatee
wayyuu hin didu jedheen murteessee kaa’ee maal taate
jechuutti dogongoree:
‘Maal dhabdeet---!?’jedheen
‘Maalin argadhe---!’naan jedhe.Ammas irra deebi’een
wareere.Garuu ergan dogongoree jedhee booda
gaaffiin koo sun sirrii natti fakkaate.Dhugaayyuu maal
dhabeeti jedheen of gaafadhe.Sanumaanin gaaffuma
san itti deebise.‘Maalin argadhe ?maal faa naaf
fidde?akka namaa nama si taasise;bakka namaatin si
ga’e;dadhabee asitti na boqachiisi, asitti na buusi siin
jedhee hin beeku.Amma garuu sis ofis dadhabeera!na aarsuu malee didde---!’hin ficcisiifne. Dafee waan
barbaadu qofa akka natti himun afaanitti qabe.
‘Mee maaluma barbaadde gabaabumatti’n jedheen.
Garaan isaa waan gubate fakkaata.
‘Ati amma waanan barbaadu wallaltetii!?waan hiriyaan
kee qabu qabdaa!?waan uuman namaa argatu argattee
?lubbuun kee fuulduratti maalitti deemti---?’
Reefu wanti inni jedhu hundi bitaa na gale;wanti inni
ka’eef hundi na jalaa dhokate.Ibsaa ibseen callisee
baaxii baxii ilaaluu jalqabe.Ko’ummaan natti
dhagahame,keessi koo sodaate ....

Isaa booda hoo.....
#Kutaa_2ffaan itti fufaa

@obsiin

@sona_walaloo
Forwarded from Media Ko
#CoronaVirus| Ityoophiyaatti namni vaayrasii koroonaan qabame tokko argame.

Qorannaa Ityoophiyaatti taasifameen lammiin Jaappaan tokko vaayrasii koroonaatin qabamuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsan.

Ummanni tuttuqqii harkaa, harka walqabachuu, bakka namni itti heddummaaturraa akka of qusatu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa akka mirkaneessetti namichi kan ka'e Burkiinaa Faassootii gara Ityoophiyaati.

Namichi dhibames Gurraandhala 25,2012 gara Ityoophiyaa kan seene.
Lammiin Jaappaan kun umriin isaa waggaa 48 yammuu ta'u, kophaatti fo'amee hordoffiin taasifamaafii jira.

@HawwiTiMES
@HawwiTiMES
#kutaa_2ffaan kunoti

.......Maaloo natti himimee na hin raakinii!’jedheen
kadhadhe ‘Sittan hima akkamin sitti himuu dida---
’jedhe.Yoo kanan tilmaamee odoo inni hin dubbatiin
dafee dubbadhee eeyyee jedheetoo akka inni gammadu
gochuuf kajeele.‘Mee na dhagay’n jedheen. ‘Garuu
kan ati yaadde konkolaataa manaa miidhagduu,mana
jireenyaa,qabeenya gahaa,---jechuu Barbaaddeti.Ta’us
kun hunduu yeroo qaba.Akkuma beektu ani digirii koo
kan duraa baranan fudhadhe,naaf eeggachuu, obsuu
akkamitti dadhabdeet akkanatti na sardita!?jedhee
akkan fedhii isaa dubbadhe baruuf itti dhaggeeffadhe.
Itti beekun yaa hafuutii waanan karaa san darbe hin
fakkaadhu.Asumaa achi akka ramaxa faana keessaa
yaadni isaa na waadde.Homaa itti beekuu dadhabuu
kootifii innis baasee natti himuu dhiisuu isaatiin keessi koo aareen ol jedhee taa’e.Garuu otoo baay’ee hin turin
dhaamochuu kajeellanan deebi’ee ciise.
‘Dadhabaa’naan jedhe.
Ofii gaditti gad na mil’achaatii waan natti haasa’u natti
fakkaate; nattiis gadi ulfaate.Waan narra taa’en se’e.
Suuta jedhee gara gateetti kiyyaa yoon qaqqabadhu
homtuu narra hin turre!
‘Abbaayyuu hin qabduu abbeeradhaa boochi jedhan!’
jedheet natti mammaake.Wanneenin ani lafa kaa’een
ala ta’uun naaf galus maal akka ta’e tilmaamutu na
rakkise.Kontooffadhee, diriirfadhee, asii fi achi
garagareen yaade. Homaa beekuu hin dandeenye.
Sodaadhus deebisee isuma gaafachuun fedhe.
‘Maaluma jechuu barbaadde,maaf natti himuu
sodaatte?’gaafadhe.
‘Ati sodaadhu! ani maalifan sodaadha!’naan jedhe.
‘Eegas natti himi’
‘Beekta oggaa baay’een siif obse;lubbuun jirti kan
jedhamtu yoo jaalattee jaalatamte qofa .yoo kan qarshii
argachuun,warqee horachuun,mana godhachuun
barachuun, nama waliin ooluun--- hiikni isaa kami!?
naan jedhe.Ani silaa jaaladheera; jaalatameera, anaan
maal jechuu barbaadeti jedheen of keessatti ususe.
‘Ani jaaladhes, jaalatamesiim! Maal jechuu
barbaaddeti’ gaafadhe.
‘Eeyyee jaalatteerta;garuu jaalatamteertaa

#jaalatameertaa??? siifu gaaffidha

#jaalatameera_anii?????
anafuu gaaffiidha

#kutaa_3ffaa itti fufaa

maddi kitaaba #yaasoon_Kabbadaa

qopheessan

@obsiin

@sona_walaloo
Forwarded from Media Ko
#COVID19| Dhibee Koronaa Vaayirasii osoon hin qabaniin duraa of- eeggannoo godhamuu qabaan:

• Yeroo qufaatanii fi haxxiffattan afaanii fi funyaan keessan sooftii ykn ciqilee keessan dabsuudhaan haguugaa.

• Huccuu ykn sooftii itti fayyadamtaan sirnaan dhabamsiisaa.

• Erga qufaatanii ykn haxxiffattanii booda fi yeroo dhukkubsataa wal'aantan harka keessan qulqulleessaa.

@HawwiTiMES
@HawwiTiMES
Koronaa fi Oromiyaa....❗️

Akkuma beekamu namichi lammii Jaappaan vaayirasii Koronaan jalqaba qabame turtii Ityoophiyaa keessatti godhe baay'inaan Oromiyaa keessatti akka ture beekameera. Kanaafuu namoonni naannoo Oromiyaa keessatti argamtan hunda of-eeggannoo cimaa akka gootan dhaamsa keenyaati. Qulqullina harka keessan eegaa ( harka keessan sirritti Saamunaan yeroo yeroon dhiqadhaa), namoota biroo waliin harka wal hin fudhiinaa (No hand shake), fuula keessan harkaan hin tuqinaa.

📞 Odeeffannoo dabalataaf toora bilbila bilisaa 8335, yookaan lakkoofsa bilbila idilee 0118276796 bilbiluun argachuu dandeessu.

@Gadaapost
@Gadaapost
Itoophiyaatti maal maal fa’atu dhorkame?

Itoophiyaatti lakkoofsi namootaa koroonaavaayirasiin qabamanii shan gahuu hordofee MM Abiy Ahimad tatamsa'inna vaayirasichaa qolachuuf tarkaanfiwwan garagaraa fudhachuusaanii ibsa har'a kennaniin beeksisaniiru.

Haaluma kanaanis walitti qabamuu namootaarratti dhorkaa torban lamaaf turu kaa'aniiru.

📌 Walga'iiwwan namoonni 'hedduu' itti hirmaatan achi dabarsuu. Namoota hedduu yogguu jedhamu meeqa akka tahe wanti ibsame hinjiru.

📌 Dhaabbilee barnootaa olaanoo (yunivarsiitiiwwan) alatti manneen barnootaa hundi ni cufamu. Yunivarsiitiiwwan keessatti mootummaan haala barattoonni kutaa ciisichaa isaanii keessatti akka baratan haalli ni mijata jedheera.

📌 Manneen amantaafi iddoowwan waaqeffannaatti walitti qabamuu hir'isuu

Kana malees mootummaan Itoophiyaa tarkaanfiilee armaan gadii tatamsa'inna vaayirasichaa ni hir'isu jedhe fudhachuusaa beeksiseera.

📌 Aguugduu fuunyaaniifi afaanii (maaskii), saamunaa, dhangalaa'aa harka qulqulleessuufi kanneen biroo iddoowwan barbaachisaa ta'anitti ni dhiyeessa.

📌 Geejjiba uummataa keessatti baay'ina namootaa hir'isuuf, awutoobisoonni mootummaa tajaajila bilisaa ni kennu.

Ragaa hanga ammaa jiruun, lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabaman namoota 170,000tti kan siqu yoo ta'u, namoonni 6,500 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Madda: BBC

http://www.gadaapost.com/news/covid-19-itoophiyaa-2020-03-16-130137264835
Jajee hin qufuu

Hidda keetu sanyiidha
Sanyii warraa jaba
Bareeda uuman badhasee
Siifan qalbii caba

Hortee warra guddaa
Kuushidha qaccee kee
Aadaf duudhaan boonta
Na booji'e eenyummaan kee
=
Qaroo kee qorsaa sana
Guntutni akka loomi birraa
Ilkaan kee cabbii suni
Nama booji'ata hundarraa
--
Asaan kee suuta jettu
Erga qaba gaafa hubatanii
Ogummaan si guute dura
Hin qufamtuu dubbatanii
~
suuta jette dubbattaa
Hundumaa qalbiin fuuta
Ananiyyuu booji'atte
Jaalalumaan booda suuta
°
Halkaani guyyaan si yaada
Abjuunis sumaa kan dhufuu
Ijan lalee maqaas waame
Bareeddu koo jajee hin qufuu

@garree

@sona_walaloo
​​Bakkeewwan Akkamii Irraa of Qusachuu
Qabnaa? Rabbi lafa nagaa isin haa oolchu!!!!

=====================


1. Mana puulii, jootenii, teenisii.... fi
taphoota kana fakkaatan dargaggoonni itti
dabarsan yeroof dhiifnee mana teenyee
kitaabota dubbisuu.
2. Bakkeewwan waaqeffannaa amantaa gara
garaa deemuu irra mana ofii taa'anii
amantaa ofii geggeeffachuu.
3. Gabaa fi bakkeewwan bittaaf gurgurtaa
namni itti heddummatu/rukkatu haga
dirqama hin taanetti fayyadamuu dhiisuu.
4. Mana cidhaa fi ceremony adda addaa
namni itti baay'atu irratti hirmaachuu irraa of
qusachuu.
5. Manneen boo'ichaa ykn sirna awwaalchaa
garagaraa irraatti argamuu dhiisuu.
6. Geejjiba hawaasaa (public transportation)
haga dirqama nutti hin taanetti fayyadamuu
dhiisuu.
7. Manneen nyaataaf dhugaatii (haga
dirqama hin taanetti) manneen sirbaa
(guyyaas ta'e halkanii) irraa hafuu.
8. Walga'ii, afooshaa fi gurmaa'inaalee biroo
namni itti baay'atu irraa yeroof fagaachuu.
9. Manneen fiilmii fi agarsiisa adda addaa
(cinema) keessatti hirmaachuu dhiisuu.
10. Waldorgommii taphootaa gosa kam iyyuu
(kubbaa, wal'aansoo, fiigicha....) irraa
fagaachuu.
11. Hospitaala (Yoo ofii dhukkubsanne,
yokaan hin dhukkubsachiifnu ta'e, nama
gaafachuu dhiisuu).
12. Manneen dubbisaa (Library) keessatti
baay'atanii dubbisuu irra mana ofiitti kitaaba
fudhatanii galanii qofaa ofii dubbisuu.


© Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa

Fayyaan Faaya.

Gabaasa dabalataaf oduu waayee koronaa Ethiopia keessatti ta'aa jiru ilaaluuf.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/6IQpoHkuezI



@Abdii16

@Abdii_Official
.......Ani jaaladhes, jaalatamesiim! Maal jechuu
barbaaddeti’ gaafadhe.
‘Eeyyee jaalatteerta;garuu jaalatamteertaa? ......

Asoosamaa gabaaba mataa duree #moromaa jedhu #kutaa 2ffaa keessaatti #jaalatateertaa?? Jedhee adda kutee kuno har'a #kutaa_3ffaan walitti deebineerra

Kunooti #kutaa_3ffaan

Ani jaaladhes, jaalatamesiim! Maal jechuu
barbaaddeti’ gaafadhe.
‘Eeyyee jaalatteerta;garuu jaalatamteertaa?
‘Jaalatame jedheen amana’
‘Amani!xiqqaas guddaas amani!beekas wallaalas
amani! Dhiiras durbas amani!---Waaqas ---amani,
hundumaa amani, amantumaan fixi,amantumaan
dhiisi;amanamanii akka dhiisan argitaa ---Gowwaa!’
naan jedhe.Hiddi qaaruu isaa dhiita’ee,ijji isaa
diimatee,onneen isaa bokoktee dhiiga fincaa’atii waan
dubbatu natti fakkaate;na surure!
‘Amanamuu koo moo amanuu kootitu Soba,moo
badiidha!?’n jedheen.
‘Amanuun kees amanamuun kees badii miti.garuu
jaalachuu kee malee jaalatamuu kee waan beektu waan
hin qabneef akka akkanatti dubbattu hin barbaadu’
jedhe.
‘Maalif?’deebiseen gaafadhe.
‘Akkanuma kaa!eega jaalatamtee hin sobamtu,
Ega sobamtee ammoo hin jaalatamtu!sii galee!’jedhe.
‘Ani jaalatamuu koo beeka ,ati garuu maal akka argite
hin beeku’jedheen itti deebise
‘Hii...iii... gowwaa!’naan jedhe dabaleetoo
‘Maal jechuu keeti?’gaafadhe.
‘gowwaa jechuu kooti’
‘Akkam?’
‘Akkana,ati gootaa mitii,ati dhiiraa mitii---’naan jedhe.
‘Eeyyee goota ,dhiirasi---kanaafuu maaltu yaa ta’u?
‘Uu---uuu---goota!uuu---dhiira---odoon gadheedhaa?
Lugnaayis siin jedhee eeyyee jechuun kee hin oolu!’
yoo naan jedhu amma utaalee siree kiyyarraa ka’e.
Maqaa Rabbii waamatan .
‘---Maaltu kana natti erge, ergama maalit ta’a yaa
gooftaa! maal guyyaa abaarramaan! maalinni abaarsi
akkanaa! maali jeequmsi dhuma hin qabne---!’ Ka’een
ibsaa ibsee sa’aatii ilaale.Halkan aartuudha;
walakkeessa halkanii sa’aatii 7:30 ta’ee jira.Fuula
kiyya haxaa’achaan huccuu kiyya kan guyyaa ofitti
harkisuu jalqabe.U’uffadheen balbala harka tokkoon
banaatii harka biraatiin ibsaa dhaamsee gadi bahe .
Afachuukaa .........

Maaltu ta'innaa lata?

#kutaa_4ffaa itti fufa
Guyyoota muraasa bodaa nu eega

Kan fudhatamee kitaaba #yaasoon_Kabbadaa irraa yoo ta'u
Kan qindeesse
#obsiiin
#40_minch_university

yaada keessan nuf qooda adaraa @obsiin teessoo keenya
Forwarded from Media Ko
#COVID19| Dhibee Koronaa Vaayirasiin osoo hin qabaniin duraa of- eeggannoo godhamuu qabaan:

• Yeroo qufaatanii fi haxxiffattan afaanii fi funyaan keessan sooftii ykn ciqilee keessan dabsuudhaan haguugaa.

• Huccuu ykn sooftii itti fayyadamtaan sirnaan dhabamsiisaa.

• Erga qufaatanii ykn haxxiffattanii booda fi yeroo dhukkubsataa wal'aantan harka keessan qulqulleessaa.
#Share #Share

@HawwiTiMES
@HawwiTiMES
Forwarded from Walaloon Jaalala (¥dnk ® Kachu) via @like
Sin Eega
~
Idduma na dhiisten
dhaabbadheetoo jiraa
Deebiteetoo dhuftaan
Abdiin koo si biraa
~
Dhufuuf barfattullee
baroonni taranis
warri durii darbuun
haarofni dhufanis
~
Inuman si eegaa
abdii sirraan kutuu
Akka saree ta'ee
hundatti hin dutuu
~
Gowwaa naan jedhanis
waa namaa hundinuu
Abdiin qaba dhugaa
adda baaneen hafnuu
~
Natti kolfanis martuu
osoo nu hin barin
Irra keessa ta'uun
ofitti na yaadan
~
Yaa jedhan kan fedhan
ishoo ishoo bagaa
Kan namaa nan galchu
Inuman si eegaa
~
© @Kaachaalluu
® @Walaloon_Jaalala
ONNEE KOO

dhiibbantaa dhiibbarraa
Qalbii kiyya fuute
Qalbiin koo sii yaaddi
Jaalalan kee bakka buute
~~~~
Hoggansii jiruu koo
Hunduu sumaan qajeela
Kumaan onnee koo hiree
Siifan jaalala haalelaa
~~~~
siifan galaana daake
Bidiruu maleen aburee
Jaalala dhugaaf ka'etuun
Hundaa walitti guree
_
bifa ba'een qaladhee
Siif akka mataa mutaa
Jaalalli kee na moo'e
Akka butto na butaa

Jaalala keef jedhe
Mormii koo haqanqalamee
Burrusaa jaalalatin
Onneen koo tumamee
akka maleen midhamee
Ati naf arguu dhabde
Onnee koo nyaatamte
Yaada keen cabde
።።።።።
Siifan hiddamee
Akka ilkee kannisa
Sii yaadnan hirribni jiru
Tolan gale gad ciisa
።።።
abjuun natti deddebitaa
Suumatu na doorsisaa
Safuu jaalala kee
Addunyaa na abursisaa
<<<<>>>>>>
bareedni kee raajidhumaa
Yaa dhabbataa qaama
Lallabee wawwateetu
Haalalarraa nama waama
<<<<<<>>>>>
Laphee koo cibsitaa
Akka dammaaf Aannanii
Arrabni koo si leellisaa
Na boonsitaa Ananii
======
Hiriyyaan hirreedha
Bu'uura jireenya kooti
Onnee koo boojite
Sabboontun intaalli mooti

@Nacho
#finfinneerraa
Hiriyyaa koo #kiyyaaf (siifani) bakka jirtuutti

@sona_walaloo
Forwarded from Media Ko
#HawwiTiMES
Magaalaa Finfinnee keessatti dargaggoonni hedduun imaltoota harkaa dhiqaachisuu, gorsaa fi haala ittisaa koronaa Vaayirasii daandii, buufata konkolaata fi kkf irratti tola oltummaan hirmaacha jiru.

Tajaajilli lamummaa kuni muxannoo iddoo hundaatti itti fufu qabuudha.

Ati hoo? Nutii maal gocha jirra? Barattoonni maatii keenyatti yoo galle cal jenne ta'uu hin qabnu. Sabaa keenyaf hubannoo dhibee COVID-19 wal qabataan; uumataa haa barsiifnuu.

#HawwiHumanity
@HawwiTiMES
@HawwiTiMES
Adaraa keessaan of eggannoo dursaa taasisa please gorsa ogeessaa faayya hojiirra ya olchinuu!!!
Kaleessa nama murasaa haara kuno nama 21 irra gaheera.
Hordooftoota fi Maatii Hawwi TiMES tatamsa'ina dhibee COVID-19 irraa ofiis lammilee keenyas haa ittisnuu.

• Harkaa keessan yeroo yeroon saamunaadhaan irraa deddeebiin dhiqaadha.

• Yeroo haxxiffattaanii fi quufataan ciqilee keessan dayeeffachuu hin daagatinaa.

• Afaan, funyaanii fi ija keessan tuttuquu irraa of qusaadha.

• Fageenyaa isiinii fi namoota jidduu jiru sirreessa.
• Dabalataan qajeelfamootaa Dhabbanni Fayyaa Adduunyaa WHO'n baasee hunduumaa hojii irra haa olchiinu.

Odeeffannoo dabalataa fi eeruu kennuuf sarara bilbila tolaa 8335 ykn 952n ykn lakkoofsa bilbila idilee 0118276796 fayyadama

Of Ittisaa; Lubbuu Olchiinaa!
@HawwiTiMES
@sona_walaloo
ANATU.pdf
202.8 KB
#Bohaartii_jaalalaatiif

ANATU_JOORTUU_KEETIIM!

Onneerraan siqabaam
Jaalalakeen hudhamee
Siif qalbiin nacabaam
Yaadakeenan miidhame
Waayeekeen barreessa
Nuffeen beeku altakkaa
Yoon ofiif sinqabaanne
Jiraachuuko nan shakkaa!
______________
Dhagaa bu’uura godhee
Suman dhaabeem toorarra
Utuman siin argadhee
Na hambistaam joorarraa
Simalee an jiruun qabuu
Ifa kootuu dukkanee
Ofbiraa yoon sidhabuu
Jiraachuutuu naganee!
________________
Maraatuudha an kophaatti
Yoonan sin dabalannee
Jiraachu jiruu siin alaatti
Boriif abjuun abjoonne!
Daggaleeraam gollikoo
Dur muujjaan boroo dhaalee
Siif cabeeraam qalbiinko
Yaada keetu isa sakaalee!!.
____________________
Daraaraaa muka eebichaa
Qorichummaaf tumanii
Dararrii onneef reebichaa
Siif hadhoo na obaasanii!
Utuun taa’ee si yaaduu
Biiftuun ganama baatee
Utuman si barbaaduu
Lixaan naannoftee galte!
__________________
Jiinis dabaree eeggattee
Yoo dhuftee na gorsituu
Urjiileen tooraan galtee
Waayeeke yoo natti himtu
Narraaan galuum yoomillee
Seenessuun seenaa keetii
Naaf koottu yaa gurbillee
Anumatoo joortuu keetii!
/__-_____-_-_/

#Jaalalaaf
#sona_walaloo
@Jaarraa_Jimmaa!!!
Forwarded from Media Ko
#OduuGammachisaa
Tajaajilli telekoomii Oromiyaa Lixaa har'arraa eegalee tajaajillisaa akka eegalu pirezidaatiin naannoo Oromiyaa ibsan.


Pirezidantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsa gaazexessitootaaf kennaniin kanaan sura rakkoo nageenyaa Oromiyaa Lixaarra ture, garaa tasgabbiitti deebisuuf opireeshinii geggeefamuu tajaajilli telekoomii addaan cite turuu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaas nageenyi Oromiyaa Lixaa hirmaanna hawaasaafi qaamolee nageenyaan waan mirkanaa'ef, har'arraa eegalee tajaajilli telekoomii deebi'uu obbo Shimallisa ifoomsaniiru.

#Share
@HawwiTiMES
@HawwiTiMES
#siyaa_baraaruu

Addunyaan buburreedha
Qabadhuu jiruuf kaayyoo
Jirachuun wareega qaba
Tola hin se'in laayyoo
_
Dhiiga daffistee katta
Tola nyaachun hin jiru
Harka keeti homtuu dhiibu
Eenyu garaa siif hin hiruu

Nama ta'un kabajaa
Yoo hojii kee kabajjee
Kadhannaan salphinaa
Kararraa dhabatiin fajajjee

Na basiin nama hin basuu
Kaayyoo ofiif abbatuu cichaa
Yoo callistee teesse ofirraa
Jireenyatu hadha'a akka ibichaa

Harkaa miila osoo qabattee
Hojii hin hikiin akka waan cabdee
Firaaf antee hin qabdu boruu
Yoo harka keerra waa dhabdee

Garaan keetu boruu diina
Ati wa ittin hin galtuu tananii
Hojii uummadhuu hojjedhuu
Hojjetnaan argitaa qanaanii
___
Oduu nama hin dhagayiin
Inni tasa sin gargaruu
Faayatti harkaa nama laluu
Kana waaqnu siya baraaruu

22/7/2012

finfinnee, oromiyaa

@obsiin

@sona_walaloo