Sona walaloo
1.93K subscribers
145 photos
16 videos
32 files
198 links
Sona baay'ee argattu!!
@Walaloo
@Barumsa jajjabeessan
Download Telegram
Forwarded from Tooftaa Jireenyaa
#Gorsa_Harmee
Harmee ke jaaladhu
Ofitti Aanfadhu
Bikka feete deemtus
Ishedhaan dhadadhu
Hojii ittin dhiisini
Bakkasii hojjadhu
Waan daleydu hunda
Isheen marihadhu
Caayaa ke akka tessu
Waaqa ke kadhadhu
😍😍😍😍😍😍😍
Akkam bulte jettee
Ennaa na gaafattu
Gammachuun koo adda
Jechi na hanqatu

Akka dhabeen bula
Akka dhabeen oola
Maroo jaalala keef
Itti dhabee mala

Daddabalaa deemus
Gubaan keessa kootii
Dubbachuuf sodhaadhen
Onneen na kirkirtii

Sodaan koo baayyedhaa
Jaalalarraan ka'ee
Sin fedhu jettu hoo
Eessan lixa ja'ee

Iji koo ni hima
Humna jaalala koo
Dhiyyenya keenyadha
Kan natti uume rakkoo

Kana sani Jedhee
Haala kee hin ibsuu
Sababnisaa ammoo
Tokkoyyuu nan quubsuu

Tarii gaf dubbistu
Waloo xinnoo tana
Tole taanan deebiin
Jannata si faanaa

Si'oolii hin goodhin
Dhumakoo yaa giiftii
Keessi koo dukkane
Hafuura keen iftii


@Kaachaalluu
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala @Walaloon_Jaalala
@Walaloon_Jaalala @Walaloon_Jaalala
Jaalalti kee guyyuun
na keessatti marga
Dunuunfadheetilee
ani suman arga
~
Afaan baneen laala
suura at lakkistu
Like gochuusaatif
atuu nan dursituu
~
Si malee naan sifaa'u
nyaatnin gad liqimse
jedhee siif katabuuf
sodaat na deebise
~
Sobuun maal naaf godha
dhumni isaa lolaa
dhugaa dubbadheetan
natti dhiitus bula
~

@Kaachaalluu
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala
#tola_sin_jajjuu

Imaaltu fannii dheeraa
Jaalalafan mana bahe
Argaa kee qufaa lataa
Gaafumaan si biraa gahe
Michuu jaalala kee
Ano nama qosaa tahe

Haalaf amalli kee
Simboon kee na booji'ee
Yaadan busee basaa
Sagal tulluun qari'ee
Halkaanu ciisan dhaba
Hin rafiin lafti bari'ee


Uffattee gaafa batuu
Faayyamtee huccuu aada
Qalbii koo na fuute
Ilmaa abba Gadaa
Safuu sodadhee malee
Silaa si fudheen bada
Koo na fudhuu sokkii
Kun sirraa bareedaa

Arga kee dhabnanii
Namaf midhanin na laga
Barbachaa keen deemaa
Lafaa bishaani bu'a lagaa
Amman si argadhuttii
Michuu koo dhabaa nagaa

Argaa kee hawwee
Akka bunaan si aradaa
Halkaan abjuun si argee
Of biraan si barbadaa
Hin jirtuu ato sila
Dhimmaan tolan yaada

Garuu....
Yoon si arguu ano
Amman si yaaden dagadhaa
Goofaree kee jala lixee
Laphee kerraan boqodhaa
Sabboontichaa dhugaa kooti
Ani bar hedduun si jaaladha

Ija kee yoo laluu
Ishee akka qorsaa
Dubbii kee yoon caqasuu
Asa'e kee akka gorsaa
Ittu qalbii koo fuuta
Masl godhen si obsaa
Jaalalli moo'atadha
Laphee gogayyuu cabsaa

Sabbonummaan boonta
Aadaa kees yoo kabajjuu
Enyumaa caalta lubbuu ko
Onneen koo tolaa sin jajjuu


@lemmaan

@sona_walaloo
@sona_walaloo
Nagaanan eegala
Akkam bultan jamaa
Ijoollee biyya koo
qaqqaaliwwan namaa

Har'a dhufe kunoo
Ganamumaan barii
Hawwiin kiyya kanaa
oolaa oolmaa gaarii

@Kaachaalluu
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala
@Dambalii_Jaalalaa
@Simbookee
Bari'uun hin oolu

Dukkanaa timee jooree
Gufuu fanaa ko buqqise
Nan nyaadha nan dhugaa
Yaadatuu na huqqisee

dur mootiin gibee shanii
Keessaa tokkoo limmuu
Qofaan yaada dachasaa
Yon dhabees nama naf dhimmuu

Dukkannii daaraan dheratee
Calcallii abdii dhibee
Abdii hin kutadhuu
Ofaan jajjabeessaa sobee

Waransii danuu baayatee
Midhamuus cabee ceekuu
Garummaatti fudheen obsaa
Wan boruu ta'u hin beekuu

Garaan koo iyyee iyyisisee
Gaddees bo'e gadoodee
Bari'uu lafaan eegaa
Midhaames yon adoodee

@obsiin

@bashannanuuf
@sona_walaloo
@well_come
Ija kee yoon laalu
bishaanuman ta'a
Lafa irraa ka'een
samii gubbaa ba'a

Waan biraan barbaadu
ani sirraa Caalii
Sa'aa 24
Callisii na laalii


@Kaachaalluu
❤️
@Walaloon_Jaalala
Baar

Jaalalli ke Annanii
Isa laphee qabbaneessuu
Argannoo kooti ati
Sobes hin odeessuu

Guyyaa akka biiftuu
Halkaan akka goobanaa
Dukkanaa jiruu koo
Ifa ta'e situu hogganaa

Ati baar...

Dammumaa yoo jedhe
Dammatuu gagaa qaba
Dhandhamaa jirenyati
Sin ala gatiin dhaba

Si argannaan jaalle
Onnee gogeetu jidha
Qaama koo hundaaf
Wabiin socho'uu siidha

Baar....


@obsiin

@sona_walaloo
@sona_walaloo
Sin jaaladha

Baredduu nyaarri kulaa
Lookoo warraa leeqaa
Argaa kee na sassachisaa
Wan isaas maalan beekaa
~
urgoo koo goobana jiruu
Si dhabnaanin gaddee
Halkaan ciisa dhabee
Siifan deeme daddee
~
Ija kee ilaalee hin quufu
Sagalee keen dharra'aa
Qooqaa sagalee kee dhabe
Qalbii kootu na rarra'aa
~
Nyaatni koo dhugaatin koo
Yaadni koo hunduu sumaa
Jaalalli kee na booji'eera
Yoom kam jedhe dhumaa
sin jaaladha jedha malee
Wan ofii koo yeroo hundumaa
~
@Rattaadha

@sona_walaloo
@sona_walaloo
Waa lama n'dhabin!!
~~
Asii fi achii kattaa
Sanas kana akattaa
Gurgurachuu hin beektuu
Hin beektuu yoo bittuu
Achi as burraqxaa
Gamanaattis hin cittuu
~~
Akka saree bakka nyaatte
Gafaa nyaatte quftuu
Achumaa duttaa ato
Mana ketu hin dhuftuu
~~
Hidda dhiiga kee nyaatta
Ribuu qaama kee buttaa
Afaan kee nagaan qabu
Sa'af margaa waliin kuttaa
~~
Hundee keetu dagattee
Fiigda osoo qixatti hin laallee
Waan argatteen goyyomtaa
Kee kana walii wallallee
~~
muu.. sin jedhe
Sa'af namni martuu
Baddee barbachaa dhabda
Bineensu si nyaata osoo agartuu
~~
lammii keef hin tanee
Alagaaf osoo ergamtuu
Aduun sitti dhihurraa
Barbaddee maaf hin argamtuu
~
Seena hama dalagdee
Boruu qalbii hin cabinii
Sabaa keef hojjedhuu
Yookan dhisii #lama_n'dhabini

@obsiin

@sona_walaloo
@sona_walaloo
Gatii dhiiga!!!

Akka bishaani jigee
Lola'ee lafaa uffisee
Yaa'a galanaa ta'ee
Dhiigan nama kuffisee

Baratti bara yartuu
Qammeen jijjiruu didee
Kunoo nurraa bulchee
Hammeenya nurratti fidee

Kararrattii dhangala'ee
Miilli hundaa mucucataa
Dhiigni lammii kooti
Bakkeerraa ciise wawwataa

Hiddi dhiiga citee
Dhiigatu lakkuu cobee
Sin yaala jedhe madeesse
Danuutu lammii ko sobee

Cabaa lafee cabsee
Ajjeesse duubatti fiiga
Akkanatti hin hafuu
Gafannaa #Gatii_dhiiga!!

@obsiin

@sona_walaloo
@sona_walaloo
@sona_walaloo
Siifan...

Akka ati of dhabde
Anaf maqaa dhaabde
Akka ati dhagaa cuffattee
Jireenya gaarii tuffattee
Bosonattii qorraan gubbattee
Aduun awwaraan daaraa uffattee
Qarsaa gogaa borafattee
Akka ati ciifte
Anaf jedhe mara dhiifte
Siif ani cabu
Siif ani of yaa dhabu
Qodaa kee biyyoo uffadhee
Qarsaa sana boorafadhe
Ani dhagaa cuufadhe

yaa ilmaa ayyaa....
yaa intaala ayyaa....
Ati gootni kun michuun rasaasaa
Du'un siif hin malle sila tasa
Du'a goota dute boqottee sila
Siifan caba okkolaa hin qabu jila
Siifa akka osolee dhagatti galee
Akka cuno lagaa baala nyaadhe bulee
Siifan akka jawwee biyyoo nyaadhe malee

Yoomiyyuu......

Waada kee nyaadhe hin galu manatti
Siifan cichaa amma dhumattii
Siifan kakadhaa qumbii cinineetoo
Siifan fiiga tulluu qari'ee finineetoo
Waanin nyaadhus jira akkamin dhuugusi
Karaan irra kadhuu jira akkamitti kadhuusi
Miilli waada na saakalee akka kufne
Alaabaa keen fannisaa ano hin bufne
Isaa ati mana batee kaayyoo kee
Galmaanan gaha dhiimma ijo kee
Yoon dadhabee hin galu manatti
Osoon kaayyoo keef dhimmuu du'a achumatti
Hundumaa dhiise lammiif fira
Waadan eega kuno bosonumaan jira

#ABO

#siifani_yaa_ilmaa_ayyaa
#siifani_yaa_intaala_ayyaa
#Gadaan_bulla

Angafaa oromtichaa
Hortee warraa jaba
Seenaan isa dheeradha
Oromoon duudhaa qaba
~~
Alangee haadha dhugaa
Kallachaaf bokkuu qabatanii
Abbootatu waaqa dhugeessaa
Hawwaanis siiqqee qabatanii
~~
Jara kana warrii haqa
Warraa ala manni qajeela
Gadaan oromoo qabeenya
Hormuu keenya kajeela
~~
Jaalalan of ijaarra
Tokkummaa keenya tulla
Horteen ilmaan kuush
Oromoon #Gadaan_bulla


Writter by @Garre

@sona_walaloo
@sona_walaloo
Asoosaama gababaa kana isif qabdhee dhihadheera itti dhihadha
Kan fudhatamee kitaaba #yaasoon_Kabbadaa irraa


#Kutaa_1ffaa

MOROMAA

‘Afachu! yoon funyaan kee qaawwa aarri keessa bahu,sonba kee bobeessaa cilee,tiruu kee warshaa
alkoolii gochuu baadhe---!’naan jedhe otoon ani waan
inni ta’ellee hin beekin.Nan wareere;maal taate hin
jenneen; aaruu isaa beekera.Akkana naan jedhaa
dhiisetoo guyyaa takkallee daba ni yaada jedhee
yaadee hin beeku.Garuu obsan dhabe.Akkamittan
odoo waan inni ta’ellee hin gaafatin callisa?yoon cal
jedheen ammoo na tuffateeti jedheet waan biraa natti
fida jedheen sodaadhe. Anis xiqqoo aaruu
kajeelera.Maaal taate jedhuun moo maal dhabde
jedhuun laata jedheen ofiin mari’adhe.Maal taatee
wayyuu hin didu jedheen murteessee kaa’ee maal taate
jechuutti dogongoree:
‘Maal dhabdeet---!?’jedheen
‘Maalin argadhe---!’naan jedhe.Ammas irra deebi’een
wareere.Garuu ergan dogongoree jedhee booda
gaaffiin koo sun sirrii natti fakkaate.Dhugaayyuu maal
dhabeeti jedheen of gaafadhe.Sanumaanin gaaffuma
san itti deebise.‘Maalin argadhe ?maal faa naaf
fidde?akka namaa nama si taasise;bakka namaatin si
ga’e;dadhabee asitti na boqachiisi, asitti na buusi siin
jedhee hin beeku.Amma garuu sis ofis dadhabeera!na aarsuu malee didde---!’hin ficcisiifne. Dafee waan
barbaadu qofa akka natti himun afaanitti qabe.
‘Mee maaluma barbaadde gabaabumatti’n jedheen.
Garaan isaa waan gubate fakkaata.
‘Ati amma waanan barbaadu wallaltetii!?waan hiriyaan
kee qabu qabdaa!?waan uuman namaa argatu argattee
?lubbuun kee fuulduratti maalitti deemti---?’
Reefu wanti inni jedhu hundi bitaa na gale;wanti inni
ka’eef hundi na jalaa dhokate.Ibsaa ibseen callisee
baaxii baxii ilaaluu jalqabe.Ko’ummaan natti
dhagahame,keessi koo sodaate ....

Isaa booda hoo.....
#Kutaa_2ffaan itti fufaa

@obsiin

@sona_walaloo
Forwarded from Media Ko
#CoronaVirus| Ityoophiyaatti namni vaayrasii koroonaan qabame tokko argame.

Qorannaa Ityoophiyaatti taasifameen lammiin Jaappaan tokko vaayrasii koroonaatin qabamuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsan.

Ummanni tuttuqqii harkaa, harka walqabachuu, bakka namni itti heddummaaturraa akka of qusatu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa akka mirkaneessetti namichi kan ka'e Burkiinaa Faassootii gara Ityoophiyaati.

Namichi dhibames Gurraandhala 25,2012 gara Ityoophiyaa kan seene.
Lammiin Jaappaan kun umriin isaa waggaa 48 yammuu ta'u, kophaatti fo'amee hordoffiin taasifamaafii jira.

@HawwiTiMES
@HawwiTiMES
#kutaa_2ffaan kunoti

.......Maaloo natti himimee na hin raakinii!’jedheen
kadhadhe ‘Sittan hima akkamin sitti himuu dida---
’jedhe.Yoo kanan tilmaamee odoo inni hin dubbatiin
dafee dubbadhee eeyyee jedheetoo akka inni gammadu
gochuuf kajeele.‘Mee na dhagay’n jedheen. ‘Garuu
kan ati yaadde konkolaataa manaa miidhagduu,mana
jireenyaa,qabeenya gahaa,---jechuu Barbaaddeti.Ta’us
kun hunduu yeroo qaba.Akkuma beektu ani digirii koo
kan duraa baranan fudhadhe,naaf eeggachuu, obsuu
akkamitti dadhabdeet akkanatti na sardita!?jedhee
akkan fedhii isaa dubbadhe baruuf itti dhaggeeffadhe.
Itti beekun yaa hafuutii waanan karaa san darbe hin
fakkaadhu.Asumaa achi akka ramaxa faana keessaa
yaadni isaa na waadde.Homaa itti beekuu dadhabuu
kootifii innis baasee natti himuu dhiisuu isaatiin keessi koo aareen ol jedhee taa’e.Garuu otoo baay’ee hin turin
dhaamochuu kajeellanan deebi’ee ciise.
‘Dadhabaa’naan jedhe.
Ofii gaditti gad na mil’achaatii waan natti haasa’u natti
fakkaate; nattiis gadi ulfaate.Waan narra taa’en se’e.
Suuta jedhee gara gateetti kiyyaa yoon qaqqabadhu
homtuu narra hin turre!
‘Abbaayyuu hin qabduu abbeeradhaa boochi jedhan!’
jedheet natti mammaake.Wanneenin ani lafa kaa’een
ala ta’uun naaf galus maal akka ta’e tilmaamutu na
rakkise.Kontooffadhee, diriirfadhee, asii fi achi
garagareen yaade. Homaa beekuu hin dandeenye.
Sodaadhus deebisee isuma gaafachuun fedhe.
‘Maaluma jechuu barbaadde,maaf natti himuu
sodaatte?’gaafadhe.
‘Ati sodaadhu! ani maalifan sodaadha!’naan jedhe.
‘Eegas natti himi’
‘Beekta oggaa baay’een siif obse;lubbuun jirti kan
jedhamtu yoo jaalattee jaalatamte qofa .yoo kan qarshii
argachuun,warqee horachuun,mana godhachuun
barachuun, nama waliin ooluun--- hiikni isaa kami!?
naan jedhe.Ani silaa jaaladheera; jaalatameera, anaan
maal jechuu barbaadeti jedheen of keessatti ususe.
‘Ani jaaladhes, jaalatamesiim! Maal jechuu
barbaaddeti’ gaafadhe.
‘Eeyyee jaalatteerta;garuu jaalatamteertaa

#jaalatameertaa??? siifu gaaffidha

#jaalatameera_anii?????
anafuu gaaffiidha

#kutaa_3ffaa itti fufaa

maddi kitaaba #yaasoon_Kabbadaa

qopheessan

@obsiin

@sona_walaloo
Forwarded from Media Ko
#COVID19| Dhibee Koronaa Vaayirasii osoon hin qabaniin duraa of- eeggannoo godhamuu qabaan:

• Yeroo qufaatanii fi haxxiffattan afaanii fi funyaan keessan sooftii ykn ciqilee keessan dabsuudhaan haguugaa.

• Huccuu ykn sooftii itti fayyadamtaan sirnaan dhabamsiisaa.

• Erga qufaatanii ykn haxxiffattanii booda fi yeroo dhukkubsataa wal'aantan harka keessan qulqulleessaa.

@HawwiTiMES
@HawwiTiMES
Koronaa fi Oromiyaa....❗️

Akkuma beekamu namichi lammii Jaappaan vaayirasii Koronaan jalqaba qabame turtii Ityoophiyaa keessatti godhe baay'inaan Oromiyaa keessatti akka ture beekameera. Kanaafuu namoonni naannoo Oromiyaa keessatti argamtan hunda of-eeggannoo cimaa akka gootan dhaamsa keenyaati. Qulqullina harka keessan eegaa ( harka keessan sirritti Saamunaan yeroo yeroon dhiqadhaa), namoota biroo waliin harka wal hin fudhiinaa (No hand shake), fuula keessan harkaan hin tuqinaa.

📞 Odeeffannoo dabalataaf toora bilbila bilisaa 8335, yookaan lakkoofsa bilbila idilee 0118276796 bilbiluun argachuu dandeessu.

@Gadaapost
@Gadaapost
Itoophiyaatti maal maal fa’atu dhorkame?

Itoophiyaatti lakkoofsi namootaa koroonaavaayirasiin qabamanii shan gahuu hordofee MM Abiy Ahimad tatamsa'inna vaayirasichaa qolachuuf tarkaanfiwwan garagaraa fudhachuusaanii ibsa har'a kennaniin beeksisaniiru.

Haaluma kanaanis walitti qabamuu namootaarratti dhorkaa torban lamaaf turu kaa'aniiru.

📌 Walga'iiwwan namoonni 'hedduu' itti hirmaatan achi dabarsuu. Namoota hedduu yogguu jedhamu meeqa akka tahe wanti ibsame hinjiru.

📌 Dhaabbilee barnootaa olaanoo (yunivarsiitiiwwan) alatti manneen barnootaa hundi ni cufamu. Yunivarsiitiiwwan keessatti mootummaan haala barattoonni kutaa ciisichaa isaanii keessatti akka baratan haalli ni mijata jedheera.

📌 Manneen amantaafi iddoowwan waaqeffannaatti walitti qabamuu hir'isuu

Kana malees mootummaan Itoophiyaa tarkaanfiilee armaan gadii tatamsa'inna vaayirasichaa ni hir'isu jedhe fudhachuusaa beeksiseera.

📌 Aguugduu fuunyaaniifi afaanii (maaskii), saamunaa, dhangalaa'aa harka qulqulleessuufi kanneen biroo iddoowwan barbaachisaa ta'anitti ni dhiyeessa.

📌 Geejjiba uummataa keessatti baay'ina namootaa hir'isuuf, awutoobisoonni mootummaa tajaajila bilisaa ni kennu.

Ragaa hanga ammaa jiruun, lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabaman namoota 170,000tti kan siqu yoo ta'u, namoonni 6,500 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Madda: BBC

http://www.gadaapost.com/news/covid-19-itoophiyaa-2020-03-16-130137264835