Sona walaloo
1.93K subscribers
145 photos
16 videos
32 files
198 links
Sona baay'ee argattu!!
@Walaloo
@Barumsa jajjabeessan
Download Telegram
Forwarded from Mr. Geme 🔅
Walaloo Jaalalaa hedduu hawwataaf namatti tolu kana daawwadhaa.
👇👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/vhYpj7X7DEk
#obsii_lammii_koo

Gaafa kun kolfuu
Inni kaniis numa kolfaa
Gaafa inni kan dhiisu
Inni kan madaa horfaa

Danuu tazzabee anu
Ofilleen itti midhamee
Nagaa koo boora'e
Sammuun itti jeeqqame
Jireenya na jibbisiisee
Haalli isa natti dheekkame

Hin dubbadhuu dhiisee
Jireenya biyya arabaa
Garuu guyyaan tokkoo jira
Anis hin ta'u darabaa

Beekaaf wallalaan isa
Beekaa si madeessaa
Wan gotuu hin qabdu
Obsitetumaa teessaa
Sila hoo biyya batee
Essaa abbaa kee of keessaa

Gaddaf gammachuu kee
Imimmaan kolfa dabarfattaa
Toluus ammatuus hundumaa
Afaanin sirbaas farfattaa
Jireenyaf biyyaa batee
Jibbitee eessa kee dhaqattaa

Gammadanii kolfuuni
Biyyumaa ofittii hafee
Ani dalagaan dalagaa
Gaafa hundumtui rafee
Dhabbiif hojiittan bula
Akka nama hiribaatti gaafe

Boqonnaan hin jiru beekii
Waan hundumaa caalaa
Namummaan kee hafee
Namni akka sareetti si lalaa
Yakkaa malee si kabaluuf
Alagaan si bira utaala

Dhugumaa dadhabdee jedhanii
Ofii soofaa guutanii ta'u
Ati wan dadhabduu see'anii
Ofii garaa gutanii nyaatu
Namummaa koof kabaji dhibe
Akka saree natti darbatuu

Gamaf gamanaa lallabeen
Nagaa ko si dhamaa tiruu
Danda'udhaa waan hundumaa
Inni biyyaa ofii biyyana hin jiruu
Cininnadhuu hojjadhuu koode
Guyyaan tokkoo jira
Yoo hunduu si dhiise sin oodee

Silaa otoo biyya qabnu
Akka ilmoo biyyaa qabne tane
Alagaan nu tuffataa
Jiruu moo'achuuf biyya bane
Nus qabna biyyaa
Oromiyaa jiituu lafaa
Obsii lammii koo
Kun hunduu gaaf tokkoo hafaa

✏️✏️✏️✏️✏️✏️✏️✏️

#barreessituun @obsee_m
#Arabaa_irraa

#YAADANNOO_OBBOLOOTAA_KOO_SHAMARRANII_HOJIIF_BIYYA_ARABAA_JIRATAANIF

#Gargaraa fi #gulalaan walaloo @obsiin #Amu

@bashannanuuf
@bashannanuuf
👆👆👆👆👆👆👆👆



#please share godhafi maloo
Forwarded from Walaa_Meme (Wálàä👊 Örômø)



Akkam jirtu Kabajamtoota fi jaalatamtoota Ilmaan Oromoo marri keessan, Ani Nagaa kooti
Har'a Qophii Adda tokkon qabadhee isiniif dhiyaadheera innis qophii Dorgommii phototi qophiin kunis miseensa keenya keessaa abbaan barbaade photo fi Lakkofsa bilbilaa kessan karaa @walaaoromo nuuf erguun dandesa

Nuti nama hanga 20 ta'u barbaana tanafuu dafaati nuf erga photo tessan


maxxanfama miseensi channel keenyaa immoo sagalee itti kenna. Dorgommiin kun marsaa marsaan kan itti fufudha namni sagalee caalmaan 1ffaa kan bahe badhaasa qaba. Kan 2ffaa bahes akkasuma badhasa qaba

Miseensi channel keenya Walaa meme qophii kana daraan akka miidhaguuf dirqamni sin qabdan olaanaan photof sagalee kennuun nu dirqama.

Guyyaan dorgamii guyyota murasa boda wan ta'ef tanaaf Warren irratti hirmaachu feetan karaa @walaaoromo nu qunamuu dandessan
Ilaame.....
Addunyaan kuni
Buburreedha sila
Nama mitus toltuu
Enyutu irra qaba jila
Gaariis hama
Dacheerra dhabdu
Osoo bolli hin jirre
Atis kuftee cabdu
Osoo dacheenis hin jirre
Atis iddoo qabdu

Lakki waa malee
Weenniin barii korrisuu
Bari'a baraqaati
Inni kan bokkisuu
Anis waa malee
Hin gungumnee
Dubbiin dachaadha
Isa harkisaan hin dhumnee

Mee kamifuu

Ilaallachaa ya deemnu
Akka kufnee cabne
Wal balleessuuf suutuma
Akka boruu waal hin dhabne


@obsiin

@bashannanuuf
@walaloon_afoolaa
Si Jaalachaa
~
Si Ibsuuf jechi hin jiru
kan kee bar addumaa
Uumamni si gitu
Hin jiru tasumaa
~
Ol gubbaadhaa kaasee
hanga miila keetti
waa'ee miidhaga kee
Addunyaan ni beekti
~
Hunduu siif ragaadha
martuu suma jedhaa
amman of jaaladhu
caalan si jaaladhaa
~
Hawwaan kee baayyatee
ati beekuu baattus
sin jaaladha ani
kalee har'as borus
~
Osoo kiyya taatee
jedheetinan hawwa
dhukkuba onnee koof
akka taatuuf daawwaa
~
Kan namaa taatullee
si jibbu ani yoomuu
otuun si jaaladhuu
umriin koo yaa dhumuu
~

@Kaachaalluu
❤️
@Walaloon_Jaalala
@DambaliiJaalalaa
@Simbookee
@sona_walaloo
#tola_sin_jajuu

Imaaltu fannii dheeraa
Jaalalafan mana bahe
Argaa kee qufaa lataa
Gaafumaan si bira gahe
Michuu koo jaalala kee
Ano nama qosaa tahe

Haalaf amalli kee
Simboon kee na booji'ee
Yaadan busee basaa
Sagal tulluun qari'ee
Halkaanu ciisan dhaba
Hin rafiin lafti bari'ee

Uffatte gaafa batuu
Faayyamtee huccuu aada
Qalbii koo na fuute
Ilmaa abba Gadaa
Safuu sodadhee malee
Silaa si fudheen bada
Koo na fudhuu lixii
Kun sirraa bareedaa

Arga kee dhabnanii
Namaf midhanin na laga
Barbachaa keen deemaa
Lafaa bishaani bu'a lagaa
Amman si argadhuttii
Michuu koo dhabaa nagaa

Argaa kee hawwee
Akka bunaan si aradaa
Halkaan abjuun si argee
Of biraan si barbadaa
Hin jirtuu ato sila
Dhimmaan tolan yaada

Garuu....
Yoon si arguu ano
Amman si yaaden dagadhaa
Goofaree kee jala lixee
Laphee kerraan boqodhaa
Sabboontichaa oromoo
Ani bar hedduun si jaaladha

Ija kee yoo laluu
Isa akka qorsaa
Dubbii kee yoon caqasuu
Asa'e kee akka gorsaa
Ittu qalbii koo fuuta
Maal godhen si obsaa
Jaalalli moo'atadha
Laphee gogayyuu cabsaa

Sabbonummaan boonta
Aadaa kees yoo kabajjuu
Enyumaa caalta lubbuu ko
Onneen koo tolaa sin jajjuu

@kiyyaadha

#lafaan jiru irraa

Hiriyyaa koo
@lammiidhaf

Bakka jirruutti

@walaloon_afoola
📌📌📌Jirram....

Akka dachee
Dirraa jabanne
Akka samii
Gara balannee
Akka galanaa
Hundaa qabannee
Jirram....

Saggoo cirannee
Hundaa bachaa
Yaadon imimmaanii
Qalbii alalchaa
Jirraa lammii
Dubbii qolan nyaacha



@obsiin

❤️❤️❤️

@sona_afoola
@bashannanuuf👆👆👆
Siifan dhaaba siidaa!
Yoomuu sin yaadadha
Dhugaa sin dagadhu
Eenyuunis amanee
Akka kee hin abdadhu
Na keessatti bocamte
Haqaan sin balleessu
Gara jabeenyummaanis
Natti sin hadheessu
Baayyeen si fedha
Ofirraa sin fageessu!!

Jaalalaaf malee
Qarshiif hin firoomtu
Kanaaf natti toltaam
Jaalala naa arjoomtuu?
Kan ormaaf dide
Onnee na seentee
Furtuu jaalalaan
Keessa koo bantee

Dungoo egereekoo
Ibsituu jireenyaa
Qabeenyaa naa ta'i
Anis siif qabeenyaa
Siif qofaaf dhiikkifata
Keessi onnee kootii
Homtuu sinaan gituu
Hunda naaf caalta ati

Kanaaf
Jaalalli nu waamee
Anaaf siin walitti
Onneen koos keetisoo
Baayyee wal jaalattii
Walitti nu yaasuf
Sin natti faarfatuu
Gulantaakee na keessatti
Ol kaasanii dubbatuu

Dhugaa eenyummaakee
Baayyee hubadheeraa
Hunda namaa keessaa
Abdii sirra godheeraa
Hin amanu yoomuu
Urjii haadha bifaa
Ati naaf biftuukoo
Si qofatu naaf ifaa
Hundakoo dhuunfattee
Onnee na boojitettaa
Guutummaa qaamakoo
Hundaas to'atteettaa

Siif jedhee dachaas bu'ee
Tulluus yoo feete nan yaabaa
Onnee koo walakkaattin
Siidaa hin jigne siif dhaabaa!!
.

@meBorifo
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala
@Walaloon_Jaalala
Channel photo updated
kan tatu fakeenya

Wan jireenya hin dubbadhuu
Kan fageenyaaf halalaa
waada qabnu hin diigini
Adaraa waaqa jaalala
Hubannaa qabadhuu
Kaayyoof isa dhufutu caala

Abjuun keenyas ni milka'aa
Turus guyyaa isa eege
Dhugaanin si jaaladha
Kiyyaa koo sif of wareege
Onnee koo situ mo'ate
Amman wallalee itti herregee

Deemsa karaa fagoo
Deddebi'uu qabu jooraa
Erga ati narra fagattee
Ani tasaa hin argannee coraa
Yaada keetu nan guulufa
Natti fee'atetum kooraa

Ati ta'i naf jiradhuu
Yomuu agartuu koo
Kan bira hin hawwuu
Si waliini hireen koo
Barreedduu uuman badhasee
Kottukaa dawwitii koo

Yomuu hin dagattuu
Onneen koo olmaa kee
Keessaa koo booji'ate
Haalaf amalli kee
Narra si fageessuus
Hireen jiruuf jireenya
Fageenyi hin dhibu
Jaalalli riqaa keenya

Bareedduu koo
Ati ummamuun naf adda
Gola onnee kootiti
Iddoo olaanaa qabda
Kanaaf lafa sin buusu
Akka killee na jala cabda

Keessaa kootti mallattesitee
Mee maalin si fakkeessuu
Jecha jaalala kam hime
Mee kamiin sif yeedalessuu
Qooqa sagalee jedhe
Kaminimmoo sif walaleessuu

Biiftu dhugaa koo
Kan obboroo koo ibsituu
Maqaan kee dawwaadha
Yoo onnee koo cibsituu

Sifuu ko kamiin si fakkeessuu??

Meerkurii yookas meetii
Warqee yookas diameendi
Lakkii sin maadalu
Albuudi jiruu hundii
Ati maraa koo kooti
Ibsituu dukkanaa jireenya
Goota jaalalati ati
Hundumaaf kan tatu fakeenya

@obsiin

@bashannanuuf
@sona_walaloo
Ashaamaa
-
Ashaamaa Harka fuune
Dugdaa gadi jennee
Hordoftoota keenyaf
Kabaja Mul'isnee
-
Galatootaa jenna
Guddaa onnee irraa
Caalaattimmoo duraaf
Wal cinaadha jirraa
-
Mara keessaniyyuu
Hedduun sin jaaladha
Xumura irratti
Jecha xinnoon jedha
-
Guddisuu kan Fedhu
Aartii saba isaa
#Share gochuu irraa
Maaltu isa hambisa?
-
Admin @Kaachaalluu
Yaada keessan maraa nuun ga'aa
@Walaloon_Jaalala
Walaloo #kutaa_3ffaa

#GOOTA_OROMOO_KOO

Goota oromoon koo
Seene rasasaan idda
Jirmatti cabse buqqisaa
Halleellaa rorroof didda
Danuu oromiyaan deesse
Leenca ija barbaada
Kan akka Gadaa Gammadaa
Dacheenu dhugaa baati
Gootumma jarraa A/Gadaa
Goota onneen akka ibidda
Hayyuu koo Hayilee Fidaa
Facceeffateem didda
Goota seena qabu
qabsoof ta'e lafee dugdaa

Kan akka Raggasaa Gammadaa
Jaara onneen hin qabne sodaa
Jiram gootni Birraa Gammadaa
Leencichi sanyii koorma
Hawaas ilmii Gadaa
Eenyutu dagataree
Mil'isaaf milkeenya Gadaa
Seena qabdu sinoo
Lammituu seenaa yaada

Nadhii murataa Gammadaa
Eessa jirta goota koo
Tola lammiin si barbadaa
As bute kee dhabne
Akka miila Bakar waaree
Achi jirattee kees dhabne
Baraan Karaa eega hafnaree?

Goota oromoo koo
Goota onneen barbadaa
Jira seenaan kee
Tasfayuun ilmaa camadaa
Sin dhabne jaarana
Kan akka maruun kabbadaa
Eelaa nutti tatanii
Du'a keessantu nu waada
Jagnaa H/mariyaam Gammadaa
Alabaa qabsoo oromoo
Olfudhee sin farsaa
Yoomu hin dagatamtuu qomoo
Kan asawee hin dhumne
Maqaa goota ofii kana
Kan akka Abdataa Gadaa
Danuu na mararuu ana
Seenaa isaanin barreessa
Tooraa qabsiseen addeessaa

Goota_oromoo koo

Falmattoota haqaa kan jarraa
Kan akka malakuu Tafarraa
Oromiyaaf lubbuu latee
Jagnii Asaffaa Namarraa
Batee karatti haftee male
Atis simee ilma Tafarraa
Barumsaaf batee karatti haftee
Ati dutus jira seenaan
Alabaa gootumma ati ol kastee

Karaa gootni basee
Gootumatuu boruu imaala
Hidhaate inni lubbiun hafee
Diina gubee waxalaa
Qanqee abbootni qabsisaan
Ta'anii dhagaa bu'uraa
Dhalootatu ajjeese irra du'a
Kan akka Takkalaa Uturaa
Du'e ajjeesee darbaa gootni
Jedha sabni qulqulluu kuni
Garbummaa abbaa horma nuffeeraa
Jecha osoo falmuu du'a
Kan akka Tolasaa Ilmi Dhufeeraa


#Goota_oromoo_koo
Goota urjii loola keessaa
Ibsituu calaqqee barii
Leencicha Maammoo Mazammarii
Duute nu jala haftee malee
Gootni akka Dirribee Tafarii
Murattuu onneen ibiddaa
Kan akka Geexee Tafarii
Warra rasasaa sooda
Duuba hin jennee
Dhugaa cichaa jirra kuno
Haar'a karaa keessan qabannee
Itti du'a jira dhalootni
Imaana keessan hin dagannee
Goota oromoo koo
Kaakuu fuune galmaan geenya
Guuman keessan hin hafu
Numaa isan gafannaa beenya

#Goota_oromoo_koo

#itti_fufa_kutaa_4ffaa yeroo dhihootti
Yada keessaan naf qooda wanaan itti dabaluu ykn irra hirisuu hundaa natti hima of_ilalleen koo isiinidha


@obsiin
@obsiin

@bashannanuuf
@sona_walaloo
Dhugaa sin jaaladha
❤️❤️❤️❤️❤️❤️
Jaalala kee argachuuf
Gaara yaadaa garagalchee
Jaalalaatee mi'ooftuu
Onnekoorra siif biqilchee
Kophaa koo si jaaladheen
Jaalala dhugaa dhalchee

Gartokkee jireenya kootii
Bar si qofaan utubamaa
Manyeen isaa mul'atee
Sumaan maaf ugguramaa??

Si jaaladheen malee
Maafan si yaada dhibbaa
Dhiphadhee miidhamuun koo
Si argachuuf si dhabuu jibbaa

Meeqatu na barbaadee
Guyyaan natti dhi'aataa
Garuu si qofan argeem
Firakoos kan ijjibbaataa
Kanumaaf yeroo maraa
Onneen koo si filataa!

Haallis natti jabaatee
Bu'aa ba'iin baay'atus
Gammachuun fagaatee
Yaaddoon hammaatus
Ittumaa sin jaaladha
Nama biraa hin ilaalu
Anaaf si argachuurra
Homtuu naaf hin caalu

Jaalallikoo jaalala dhugaa
Onneekoo irraa siif urgaa'u
Amman si argadhutti
Kan biraa naaf hin ta'u
Amma yoomittan kophaa
Jaalala dhabee deegaa
Yoom naaf dhuftaa laata?
Har'as Borus suman eegaa

Kan biraa hin fedhu
Suma qofattin hafaa
Akkan baayyee si jaal'u
Ragaan samiif lafaa!!!


@meBorifo
❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Michuu_Post
Beeka nan jibbitu
garaa jabaattetoo
Dhiifama naaf godhi
maaloo takkitiitoo
Namni nama ta'ee
balleessuu hin dhiisuu
Dhiifama naaf godhi
akkan of sirreessuu


@Kaachaalluu
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala
@Walaloon_Jaalala
@Walaloon_Jaalala
Haqa



Gaaf kufte si cinaa
kan hin taane diinaa





@Kaachaalluu
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala
@Walaloon_Jaalala
@Walaloon_Jaalala
#HIN_SOBIIN

Madaan alagaan mada'ani
Faayus godannisaa
Karaa soban darbanii
Galuun nama rakkisaa
Akka farda takallaa kutee
Bur'aqxuun bitaaf mirgatti
Dacheen soban ejjetanii
Osoo hin qotiin urattii

✍🏿✍🏻


@obsiin

#sona_walaloo
@bashannanuuf
#sona_walaloo
Forwarded from Tooftaa Jireenyaa
#Gorsa_Harmee
Harmee ke jaaladhu
Ofitti Aanfadhu
Bikka feete deemtus
Ishedhaan dhadadhu
Hojii ittin dhiisini
Bakkasii hojjadhu
Waan daleydu hunda
Isheen marihadhu
Caayaa ke akka tessu
Waaqa ke kadhadhu
😍😍😍😍😍😍😍
Akkam bulte jettee
Ennaa na gaafattu
Gammachuun koo adda
Jechi na hanqatu

Akka dhabeen bula
Akka dhabeen oola
Maroo jaalala keef
Itti dhabee mala

Daddabalaa deemus
Gubaan keessa kootii
Dubbachuuf sodhaadhen
Onneen na kirkirtii

Sodaan koo baayyedhaa
Jaalalarraan ka'ee
Sin fedhu jettu hoo
Eessan lixa ja'ee

Iji koo ni hima
Humna jaalala koo
Dhiyyenya keenyadha
Kan natti uume rakkoo

Kana sani Jedhee
Haala kee hin ibsuu
Sababnisaa ammoo
Tokkoyyuu nan quubsuu

Tarii gaf dubbistu
Waloo xinnoo tana
Tole taanan deebiin
Jannata si faanaa

Si'oolii hin goodhin
Dhumakoo yaa giiftii
Keessi koo dukkane
Hafuura keen iftii


@Kaachaalluu
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala @Walaloon_Jaalala
@Walaloon_Jaalala @Walaloon_Jaalala
Jaalalti kee guyyuun
na keessatti marga
Dunuunfadheetilee
ani suman arga
~
Afaan baneen laala
suura at lakkistu
Like gochuusaatif
atuu nan dursituu
~
Si malee naan sifaa'u
nyaatnin gad liqimse
jedhee siif katabuuf
sodaat na deebise
~
Sobuun maal naaf godha
dhumni isaa lolaa
dhugaa dubbadheetan
natti dhiitus bula
~

@Kaachaalluu
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala
#tola_sin_jajjuu

Imaaltu fannii dheeraa
Jaalalafan mana bahe
Argaa kee qufaa lataa
Gaafumaan si biraa gahe
Michuu jaalala kee
Ano nama qosaa tahe

Haalaf amalli kee
Simboon kee na booji'ee
Yaadan busee basaa
Sagal tulluun qari'ee
Halkaanu ciisan dhaba
Hin rafiin lafti bari'ee


Uffattee gaafa batuu
Faayyamtee huccuu aada
Qalbii koo na fuute
Ilmaa abba Gadaa
Safuu sodadhee malee
Silaa si fudheen bada
Koo na fudhuu sokkii
Kun sirraa bareedaa

Arga kee dhabnanii
Namaf midhanin na laga
Barbachaa keen deemaa
Lafaa bishaani bu'a lagaa
Amman si argadhuttii
Michuu koo dhabaa nagaa

Argaa kee hawwee
Akka bunaan si aradaa
Halkaan abjuun si argee
Of biraan si barbadaa
Hin jirtuu ato sila
Dhimmaan tolan yaada

Garuu....
Yoon si arguu ano
Amman si yaaden dagadhaa
Goofaree kee jala lixee
Laphee kerraan boqodhaa
Sabboontichaa dhugaa kooti
Ani bar hedduun si jaaladha

Ija kee yoo laluu
Ishee akka qorsaa
Dubbii kee yoon caqasuu
Asa'e kee akka gorsaa
Ittu qalbii koo fuuta
Masl godhen si obsaa
Jaalalli moo'atadha
Laphee gogayyuu cabsaa

Sabbonummaan boonta
Aadaa kees yoo kabajjuu
Enyumaa caalta lubbuu ko
Onneen koo tolaa sin jajjuu


@lemmaan

@sona_walaloo
@sona_walaloo
Nagaanan eegala
Akkam bultan jamaa
Ijoollee biyya koo
qaqqaaliwwan namaa

Har'a dhufe kunoo
Ganamumaan barii
Hawwiin kiyya kanaa
oolaa oolmaa gaarii

@Kaachaalluu
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala
@Dambalii_Jaalalaa
@Simbookee