Sona walaloo
1.93K subscribers
145 photos
16 videos
32 files
198 links
Sona baay'ee argattu!!
@Walaloo
@Barumsa jajjabeessan
Download Telegram
#narra_maarmariin

#yaaddoo
Yaadan na dhiphistaa
Fuula natti gurte
Siiqa qalbiin doomee
Kee maaf dhabe murte
~
gaaddidduu narra keesse
Deemsan suuta tiradhaa
Yaada natti buufte
Rafuun ciseen birradha
~
Qalbii koo facastaa
Balbala natti cuftee
Ula keebnatti himi
Karaa kam dhuftee?
~
#yaaddoo ati bar
Nagaa na dhowwitee
Jiruu natti hadheessitaa
Du'a dhuma nan hawwitee
~
Akka nama silaa
Galgala gale cisuu
Ato narra dhabbata
Sodaan kee nan dhiisu
~
Lafa ati hin jirre
Eessa si dhaqa
Sobde natti boonta
Hin qabdu sila haqaa
~
#yaaddoo_dhagayii
Isa dhuma sitti hima
#narra_hin_marmarinii
Akeekkachisaa dhumaa
๐Ÿšฑ๐Ÿšฑ๐Ÿšฑ๐Ÿšฑ๐Ÿšฑ๐Ÿšฑ๐Ÿšฑ๐Ÿšฑ๐Ÿšฑ

๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ
โœโœโœโœโœโœโœโœโœ

@obsiin

#join for my channel
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@bashannanuuf๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ
@bashannanuuf๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ–๐Ÿ–๐Ÿ–๐Ÿ–
โค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธ
#Lafa_nagaa_olaa

Gufuu hammeessee
Isa jireenya gaduu
Uuman sin oolche
Gaariin sinin ya barbaduu

Barii lafti bari'e
Jireenya dukkanni marsee
Immimmaan sin busisuu
Baayee jedhe sin arsee
Jechan hamilee cabu
Qalbii hin qabnee tuma
Hundaa sinirraa ya qabu

Aduu safaa boba'uu
Jiruu yaadni gadi'uu
Kiyyoof xaaxaa jireenya
Sin irra ya qabu
Uuman yaada hameenya

Jireenya busha'ee
Ofumaa ofiin loluu
Uuman sin ya olchuu
Sinif hawweeraa wan tolu

Garamummaa qabadha
Obsaa dabarsaa yaadaf lolaa
Lammiin koo martuu
Lafa nagaa naf oola

โœโœโœโœโœ

@obsiin

@bashannanuuf
@sona_walaloo
โคโคherregaa maleeโคโค๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ

โคโคโคโคโคโคโคโค
Ayyanaa qabeettii
Simboodhan badhatee
Kennaa uuman badhasee
Situ onnee ko fudhatee

๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰wahuu hin qabduu mudaa
๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰kennee hundaa sif gutee
๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰tasumaa si lallanii
๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰atoo qalbii koo futee

๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜simboon addumaa
๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜kennaa waaqayyoo
๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜si argeen booji'amee
๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜nan jedhee wayyoo

Dubbiin ke dammumaa๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ
Dubbattee namaa hin mituu๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ
Jaalala kef jechaan dhabaa๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ
Kamtuu siya gituu??๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ

โœ‹โคaddunyaa kanarraa
โœ‹โคhin qabdum fakkataa
โœ‹โคdawwaa onnee koo
โœ‹โคkanafaniim si sassataa

Dacheenu si biraa midhagdii
Hidhattee uffattee yo deemtuu
Ayyanaa qabeettidham ato
Badhaadhaa ke hundumtuu

โคโคโคโคโคโคโคโคโค
โค๐Ÿ‘ˆosoon simboo ke rajuu
โค๐Ÿ‘ˆkan amalaammo caalee
โค๐Ÿ‘ˆsi mararsifadheraa
โค๐Ÿ‘ˆgoola onnee ko situu dhalee

Sammuun dadhabuuโœ‹โœ‹
Hojjetee yo hin boqonneeโœ‹โœ‹
Si mosifadheraa aniโœ‹โœ‹
Mootii jaalalaa onneeโœ‹โœ‹

๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰
๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰โคmaddaa talilaati
๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰โคburqaa gammachuu
๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰โคmirrii kotuu ibsaa jaalala
๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰โคanuu dhisuu dubbachuu

๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ
uumaa kotuu ragadhaa๐Ÿ˜˜
Baayeedhumaan si yaada๐Ÿ˜˜
Dhibee jaalala ke๐Ÿ˜˜
Dhokseetumaan aada๐Ÿ˜˜

๐Ÿ‘‰โค๐Ÿ‘ˆkaraan ginchii amboo bu'a
๐Ÿ‘‰โค๐Ÿ‘ˆbiyyaa hayyuuf dhiraa
๐Ÿ‘‰โค๐Ÿ‘ˆonneen sin booji'amtee
๐Ÿ‘‰โค๐Ÿ‘ˆhin qabduum gidiraa

Dhugaan si jallaaโคโค
Isa onnerraa maddeeโคโค
Si yaadun gammadaaโคโค
Yon tasumallee gaddeeโคโค

๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰โคโคโค๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ
narviif seelii ko maraa
Situu naf hogganaa
Afuuraaf sombaa kotii
Sinaan qillensaa arganaa
๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰โคโคโคโคโค

๐Ÿ‘‰rabsituu dhigaa koo
๐Ÿ‘‰golaa onnee arfanii
๐Ÿ‘‰dhugumaan na bojitee
๐Ÿ‘‰sobee hin jedhu afanii
๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ๐Ÿ‘ˆ

sokkorruun manaa hin tatuu
Naf murii me doddotaa
Onneen jaalala ke baree
Guyyatuu itti dhamootaa

๐Ÿ˜˜๐Ÿ˜˜๐Ÿ˜˜๐Ÿ˜˜๐Ÿ˜˜๐Ÿ˜˜๐Ÿ˜˜๐Ÿ˜˜๐Ÿ˜˜

๐Ÿ‘‰โคโœ‹hin qaqqabsisuu tilmamee
๐Ÿ‘‰โคโœ‹biraa hin ga'u herregee
๐Ÿ‘‰โคโœ‹onneen si jaalla
๐Ÿ‘‰โคโœ‹keessa ko si wareegee

Sobanii jedhuu malee๐Ÿ‘ˆ
Daaraan daakuu hin fakkessuu๐Ÿ‘ˆ
Jaalala garaa si ga'uf๐Ÿ‘ˆ
Sobee ollaa hin fakkeessuu๐Ÿ‘ˆ

Jaalala ken sorradhaaโค
Amma amma daddabaleeโค
Sin jaaladheraaโค
Wan ofii #herregaa_maleeโค
โคโคโคโคโคโคโคโค

โœโœโœโœโœโœโœโœโœ

@obsiin (Garramaa Baqqalaa)

#Arba_minch_University_irraa

@bashannanuuf
@bashannanuuf

๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†
#JOIN Godhi maloo!!!!
OMN Amajjii 13 2020
Guyyaa kaleessaa wallagga lixaa kessatti wal waraansa humna waraanaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO) gidduutti ta'een Addi Bilisummaa oromoo injifata......Guutuu isaa dubbisi
Channel photo updated
#Yoos_galmaan_nu_ga'a
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†

Kiyyaatu keetim
Qabeenyin qabu martu
Sin kunuunfadha
Akka qaroo agartuu
Anatuu beeka wankoo
Amma na marartuu

Dukkana koo ibsitaa
Akka calaqqee barii
Qabbanaa jiruu koo
Si qaban dhabe Aarii
Maddi gammachuu kooti
Si ta'usaa atis bari

Fuula kee laaluun hawwaa
Kan akka ilillii bareedduu
Si argadhuun gammadaa
tasallee yoon gadduu
Simboo qabattii koo
Kanafiin si jallaa hedduu

Qorsa qaroon kee
Hin qufuu daawwadhee
Galanaa jaalalan daakaa
Lubbuu koo si hammadhee
Kee himamee dhumu
Marree yoon si kudhammadhee

Addunyaa naman badhatee
Garu qabdu madaltuu
Ati bar
#Bilillee_mahibubbaa
Irrayyuu beeki akka caaltu
Onneen koo murteessitee
Qaroon koo simalee laaltu

Akka biiftuu barii
Dukkanaa koo ibsita
#kiyyaa_koo yoon jedhu
Keessaa koo cibsitaa
Maal jedhe si ibsuu
Ato heddu na boonsita
Bareeda kee hima
waalalon toora galee
Hedduu akka si jallu
Naf hubadhuu malee

Dhugaadha simboo koo
Addunyaan sin ala du'a
Onneen takka si jaalle
Sin jijjiruu lalee bu'a
Amma dhumaa jireenya
Ani sumaa waliin ta'a
Waaqa nuf kadhu atisi
#yoos_galmaan_nu_ga'a

โค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธโค๏ธ

โœโœโœโœโœโœ

@obsiin (Garramaa)

@bashannanuuf
@bashannanuuf

#chaneelii madda waalaloo kan tate #sona_walalootti dabalamaa
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†
Wรกlร รค mรฉmรจ๐Ÿ˜๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜€๐ŸŽผ
๐Ÿ’—Nutti dhihaatta ๐Ÿšถ
๐Ÿ’œJaalalaan nurraa qabamta๐Ÿ’“
๐Ÿ’›Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta๐Ÿ˜‚
๐Ÿ˜˜asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Yada ykn phopii adda adda warren qabdan:- @walaaoromo
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡Join๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Galleryketchw
https://t.me/Galleryketchw
Hordoftoota #sona_walaloo akkam jirtu? ani nagaa kooti
Armaan dura walaloo gaggababaa fi dheeraa bifa adda addaan barreesse sin biran gaheera!! dubbiftaan jedhe abdi qaba!!

namootni muraasni yaada naf kennanirraa ka'e hedduu jajjaabadheera garu amalle yaada keessanin fedha!
nu qunnamaa
@obsiin yeroo heddu sin waliin mariyachuu hedduu natti tola mudaa ko ana miti sintuu naf arga animmoo qaama keessani na gorfattuu yoon balleessee na gorfattuu jedhen yaada!!

gaalatooma

@obsiin

#Sinitti_tolee ๐Ÿ‘
#sinitti_hin_tolle ๐Ÿ‘Ž
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ๐Ÿ“Œ

HIN DIDIN
Sorii sorraa marre
Kan argatte callaa
Boniin bonnaa komme
Waliin biyya koo galla

Dachee biyya koo
Biyya laalistuu sana
Waliin bashananna
Benuu na fana

Oromiyaa manni koo
Buufata #odaa jala
Gammachuu qabu
Ano yoo sin alaa

Marree kottuu
Nyaatte dhugdaa
Coomaas feetu Aannanii
Qe'e oromtichaatu
Qabam qananii
Benu waliin galla
Hin didin ka ananii

โœโœโœ

@obsiin

@bashannanuuf
@sona_walaloo
'' if you are respect of you ; other person are respect you!!
๐Ÿ‘‰ ati ofii kee yoo kabajje namni biroon si kabaja'


'' if need for respect ; frist you are respect other persons.''
๐Ÿ‘‰ kabaja yoo barbaddee jalqaba ati nama kabaji

@obsiin
#YAA_HIREE

yaa hiree...
Situu hundaa qaba
Jireenya wal gata
Akka ilmoo bofaa
Kana inno wan baqataa

tokkoo nagaa rafaa
Yaadaf yaaddoo fixaatee
Tokkoo joree jirataa
Isammoo dhabaam hixatee

Gubataa marqaa
Kan gubatetuu hubataa
Isa joree jawwaruu
Barruun faana maf gubataa??

imammataa fagoo
Yaadee wixinessaa
Galmaa hanqatee
Harcatii akka fixeensaa
barruu barrii ciree
ana nyaatu ya hiree

Barumaan guutuu
Kaayyoof ta'e imaaltuu
Hunduu dabrsuuf jedhe
Gad jedhaam akka alaltuu
Hireeee.....

Namaa kaayyoo
Hirribaa dhabee
Jooree jawwaraa
Aduuf roobatuu
Sammuu isa waqaraa

Malammaltummaa dalagee
Kan ga'u galmaa
Tokkommoo situ takalaa
Qabee ittin falmaa

Barruu barrii ciree
situu kana qaba hiree

Halkanii guyyaa kataa
Qorattii maratti timee
Siqaa dhabee
Maalumaaf itti cimee

Meeqatu hafee
Mana ba'e karattii
Hireen takallaan
Achiin hafee achittii

Milka'insii dhibee
Guufuun hordamee
Galmaaf daddarbatamee
Hireen maf dhorkamee

#saaggoo_qorattiin_ciree
#sifuu_dhisee_yaa_hiree!!!

Barreessaan
@Obsiin (Geremew) Baqqalaa
#Finfinnee_Oromiyaa

@bashannanuuf
@sona_walaloo
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from แˆ˜แˆชแŒŒแ‰ณ แˆ˜แ‹˜แˆแˆญ แ‹˜ แŠขแ‰ตแ‹ฎแŒฐแ‹ซ แ‹จแ‰ฃแˆ…แˆ แˆ˜แ‹ตแˆ€แŠ’แ‰ต ($รธรตl ฤŽavฤ›)
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Dubbin bara kana
Tanan dachaadhuma
Afaan oduu baree
Gorsituu boruu achumaa
Ofiin beeka jedha
Jecha kan kee tuffatee
Garaan nama fagoodha
Muree si nyaata cuffatee

Fira jecha si farsaa
dugda sitti garagalchee
Nyaate si fixaa arrabnisaa
jireenya kee alaalche
Dhofadhuu garaa
Lammii koo lakkii
Hin beekani wan baraa

Wan barri batuu
Dhokatee timuu
Kan namni batu
Innu sitti hin cimu
Balleesse si galafataa
Of eggadhuu jaala koo
Namnif barri heddu bataa

โœโœโœโœ

@obsiin

@bashannanuuf
@sona_walaloo
Lemmanee koo
Lemmanaa qarre doddotaa
Yubaa kee narra qabii
Mormaa kee jalan dhamoota

Sabbataa hiteemoo
Mudhiin kee zinnaraa kana
Jiruu na dhowwitee
Qalbii koo boojitee ana

Ejersaa oyruu keenya
Gammachuutuu jirmatti mure
Ani qallaan kee furdadhaa lataa
amma yartuu osoon siifana ture

Bashaashaa koo kommee
Haraa haramayyaa bashaanaa
Qabbanee sooraa onnee
Jiruu koo sumas faana

@obsiin

#walaloon_afoolaa
Uumaa.!

Siinan darbe Uuma
Rakkoof balaa hamaa
Utuun siin hin taanee
Ani hin ta'u nama
Eegdee na geggeessaa
Harkakoo na qabdee
Iyyakoo dhageessee
Daftee na qaqqabdee

Uumaa waaqaatiif lafaa
Abbaa duriif jabanaa
Kan barri narraa dhorke
Situ cufaa naaf bana
Gufuu anaan baraartee
Naaf taateetta riqicha
Oduu namaa hin dhaga'u
Siifan iyyee ililcha

Kan har'aan na geessiste
Borittis nan dadhabdu
Rabbiikoo sitti amanee
Qalbiinkoo tasa hin cabdu
Situ beeka egereekoo
Hin raafamu sodaadhee
Jilbeeffadheen si kadha
Abdiikoo si godhadhee

Biyyaaf jaalala kenni
Lammiidhaaf bilisummaa
Nagaadhaan wal dandeenyaa
Nuuf baayisii ogummaa
Araaraan nu tikfadhu
Uumaa Uumama maraa
Nurratti hin dhiisini
Diina keenya isa yaraa

Nu eegi nun gatini
Hin qabnu abdii biraa
Mootii gara laafessa
Situ hundumaaf fira
Bara kana hin taasisin
Bara waraanaaf dhiigaa
Nu sumatti iyyanna
Dubbiinkee hamaa diiga.!

โœ @AbdiMegersa
@Walaloon_Jaalala
@bashannanuuf
Forwarded from Mr. Geme ๐Ÿ”…
Walaloo Jaalalaa hedduu hawwataaf namatti tolu kana daawwadhaa.
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/vhYpj7X7DEk
#obsii_lammii_koo

Gaafa kun kolfuu
Inni kaniis numa kolfaa
Gaafa inni kan dhiisu
Inni kan madaa horfaa

Danuu tazzabee anu
Ofilleen itti midhamee
Nagaa koo boora'e
Sammuun itti jeeqqame
Jireenya na jibbisiisee
Haalli isa natti dheekkame

Hin dubbadhuu dhiisee
Jireenya biyya arabaa
Garuu guyyaan tokkoo jira
Anis hin ta'u darabaa

Beekaaf wallalaan isa
Beekaa si madeessaa
Wan gotuu hin qabdu
Obsitetumaa teessaa
Sila hoo biyya batee
Essaa abbaa kee of keessaa

Gaddaf gammachuu kee
Imimmaan kolfa dabarfattaa
Toluus ammatuus hundumaa
Afaanin sirbaas farfattaa
Jireenyaf biyyaa batee
Jibbitee eessa kee dhaqattaa

Gammadanii kolfuuni
Biyyumaa ofittii hafee
Ani dalagaan dalagaa
Gaafa hundumtui rafee
Dhabbiif hojiittan bula
Akka nama hiribaatti gaafe

Boqonnaan hin jiru beekii
Waan hundumaa caalaa
Namummaan kee hafee
Namni akka sareetti si lalaa
Yakkaa malee si kabaluuf
Alagaan si bira utaala

Dhugumaa dadhabdee jedhanii
Ofii soofaa guutanii ta'u
Ati wan dadhabduu see'anii
Ofii garaa gutanii nyaatu
Namummaa koof kabaji dhibe
Akka saree natti darbatuu

Gamaf gamanaa lallabeen
Nagaa ko si dhamaa tiruu
Danda'udhaa waan hundumaa
Inni biyyaa ofii biyyana hin jiruu
Cininnadhuu hojjadhuu koode
Guyyaan tokkoo jira
Yoo hunduu si dhiise sin oodee

Silaa otoo biyya qabnu
Akka ilmoo biyyaa qabne tane
Alagaan nu tuffataa
Jiruu moo'achuuf biyya bane
Nus qabna biyyaa
Oromiyaa jiituu lafaa
Obsii lammii koo
Kun hunduu gaaf tokkoo hafaa

โœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธโœ๏ธ
โœโœโœโœโœโœ
#barreessituun @obsee_m
#Arabaa_irraa

#YAADANNOO_OBBOLOOTAA_KOO_SHAMARRANII_HOJIIF_BIYYA_ARABAA_JIRATAANIF

#Gargaraa fi #gulalaan walaloo @obsiin #Amu

@bashannanuuf
@bashannanuuf
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†



#please share godhafi maloo