Sona walaloo
1.93K subscribers
145 photos
16 videos
32 files
198 links
Sona baay'ee argattu!!
@Walaloo
@Barumsa jajjabeessan
Download Telegram
Channel name was changed to «Sona_walaloo»
HAQA KANNIISAA

Maaf jaju kanniisa?
Waliin lagdi malee,
Walitti hagdi malee
Kan biraa maal goote?

Maal uuman akkaanaa!
olaanaan ejjeteet
gad aanaan hojjeteet
mootii harma hootee

Nu'uu nu sobdeerti,
sagal muka kortee
sagal qaawwa urtee
yoo ilillii suuftu;

Nuttuu fakkaatera;
yoo tuutan bobbaatu
yoo nyaaran gad baatu
gaafa damma buuftu!

Edaa ishiin yarii !
kaan yaabdeet,
kaan hammattee mugdii
Kaan hagdeet,
kaan fincooftee dhugdii
Waraabessuu kan garaa jaalatu
Yoom akka kanniisaa,
waa hageetoo hin nyaatuu!
#narra_maarmariin

#yaaddoo
Yaadan na dhiphistaa
Fuula natti gurte
Siiqa qalbiin doomee
Kee maaf dhabe murte
~
gaaddidduu narra keesse
Deemsan suuta tiradhaa
Yaada natti buufte
Rafuun ciseen birradha
~
Qalbii koo facastaa
Balbala natti cuftee
Ula keebnatti himi
Karaa kam dhuftee?
~
#yaaddoo ati bar
Nagaa na dhowwitee
Jiruu natti hadheessitaa
Du'a dhuma nan hawwitee
~
Akka nama silaa
Galgala gale cisuu
Ato narra dhabbata
Sodaan kee nan dhiisu
~
Lafa ati hin jirre
Eessa si dhaqa
Sobde natti boonta
Hin qabdu sila haqaa
~
#yaaddoo_dhagayii
Isa dhuma sitti hima
#narra_hin_marmarinii
Akeekkachisaa dhumaa
🚱🚱🚱🚱🚱🚱🚱🚱🚱

📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌


@obsiin

#join for my channel
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@bashannanuuf👈👈👈
@bashannanuuf👈👈👈
👆👆👆👆👆👆🖐🖐🖐🖐
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
#Lafa_nagaa_olaa

Gufuu hammeessee
Isa jireenya gaduu
Uuman sin oolche
Gaariin sinin ya barbaduu

Barii lafti bari'e
Jireenya dukkanni marsee
Immimmaan sin busisuu
Baayee jedhe sin arsee
Jechan hamilee cabu
Qalbii hin qabnee tuma
Hundaa sinirraa ya qabu

Aduu safaa boba'uu
Jiruu yaadni gadi'uu
Kiyyoof xaaxaa jireenya
Sin irra ya qabu
Uuman yaada hameenya

Jireenya busha'ee
Ofumaa ofiin loluu
Uuman sin ya olchuu
Sinif hawweeraa wan tolu

Garamummaa qabadha
Obsaa dabarsaa yaadaf lolaa
Lammiin koo martuu
Lafa nagaa naf oola



@obsiin

@bashannanuuf
@sona_walaloo
herregaa malee👈👈


Ayyanaa qabeettii
Simboodhan badhatee
Kennaa uuman badhasee
Situ onnee ko fudhatee

👉👉wahuu hin qabduu mudaa
👉👉kennee hundaa sif gutee
👉👉tasumaa si lallanii
👉👉atoo qalbii koo futee

😍😍😍😍simboon addumaa
😍😍😍😍kennaa waaqayyoo
😍😍😍😍si argeen booji'amee
😍😍😍😍nan jedhee wayyoo

Dubbiin ke dammumaa👈👈
Dubbattee namaa hin mituu👈👈
Jaalala kef jechaan dhabaa👈👈
Kamtuu siya gituu??👈👈

addunyaa kanarraa
hin qabdum fakkataa
dawwaa onnee koo
kanafaniim si sassataa

Dacheenu si biraa midhagdii
Hidhattee uffattee yo deemtuu
Ayyanaa qabeettidham ato
Badhaadhaa ke hundumtuu


👈osoon simboo ke rajuu
👈kan amalaammo caalee
👈si mararsifadheraa
👈goola onnee ko situu dhalee

Sammuun dadhabuu
Hojjetee yo hin boqonnee
Si mosifadheraa ani
Mootii jaalalaa onnee

👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉
👉👉maddaa talilaati
👉👉burqaa gammachuu
👉👉mirrii kotuu ibsaa jaalala
👉👉anuu dhisuu dubbachuu

👉👉👈👈👈👉👉👈👈
uumaa kotuu ragadhaa😘
Baayeedhumaan si yaada😘
Dhibee jaalala ke😘
Dhokseetumaan aada😘

👉👈karaan ginchii amboo bu'a
👉👈biyyaa hayyuuf dhiraa
👉👈onneen sin booji'amtee
👉👈hin qabduum gidiraa

Dhugaan si jallaa
Isa onnerraa maddee
Si yaadun gammadaa
Yon tasumallee gaddee

👉👉👉👈👈👈👈
narviif seelii ko maraa
Situu naf hogganaa
Afuuraaf sombaa kotii
Sinaan qillensaa arganaa
👉👉👉👉

👉rabsituu dhigaa koo
👉golaa onnee arfanii
👉dhugumaan na bojitee
👉sobee hin jedhu afanii
👈👈👈👈👈👈👈👈👈👈👈

sokkorruun manaa hin tatuu
Naf murii me doddotaa
Onneen jaalala ke baree
Guyyatuu itti dhamootaa

😘😘😘😘😘😘😘😘😘

👉hin qaqqabsisuu tilmamee
👉biraa hin ga'u herregee
👉onneen si jaalla
👉keessa ko si wareegee

Sobanii jedhuu malee👈
Daaraan daakuu hin fakkessuu👈
Jaalala garaa si ga'uf👈
Sobee ollaa hin fakkeessuu👈

Jaalala ken sorradhaa
Amma amma daddabalee
Sin jaaladheraa
Wan ofii #herregaa_malee




@obsiin (Garramaa Baqqalaa)

#Arba_minch_University_irraa

@bashannanuuf
@bashannanuuf

👆👆👆👆👆👆👆👆
#JOIN Godhi maloo!!!!
OMN Amajjii 13 2020
Guyyaa kaleessaa wallagga lixaa kessatti wal waraansa humna waraanaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO) gidduutti ta'een Addi Bilisummaa oromoo injifata......Guutuu isaa dubbisi
Channel photo updated
#Yoos_galmaan_nu_ga'a
👆👆👆👆👆👆👆

Kiyyaatu keetim
Qabeenyin qabu martu
Sin kunuunfadha
Akka qaroo agartuu
Anatuu beeka wankoo
Amma na marartuu

Dukkana koo ibsitaa
Akka calaqqee barii
Qabbanaa jiruu koo
Si qaban dhabe Aarii
Maddi gammachuu kooti
Si ta'usaa atis bari

Fuula kee laaluun hawwaa
Kan akka ilillii bareedduu
Si argadhuun gammadaa
tasallee yoon gadduu
Simboo qabattii koo
Kanafiin si jallaa hedduu

Qorsa qaroon kee
Hin qufuu daawwadhee
Galanaa jaalalan daakaa
Lubbuu koo si hammadhee
Kee himamee dhumu
Marree yoon si kudhammadhee

Addunyaa naman badhatee
Garu qabdu madaltuu
Ati bar
#Bilillee_mahibubbaa
Irrayyuu beeki akka caaltu
Onneen koo murteessitee
Qaroon koo simalee laaltu

Akka biiftuu barii
Dukkanaa koo ibsita
#kiyyaa_koo yoon jedhu
Keessaa koo cibsitaa
Maal jedhe si ibsuu
Ato heddu na boonsita
Bareeda kee hima
waalalon toora galee
Hedduu akka si jallu
Naf hubadhuu malee

Dhugaadha simboo koo
Addunyaan sin ala du'a
Onneen takka si jaalle
Sin jijjiruu lalee bu'a
Amma dhumaa jireenya
Ani sumaa waliin ta'a
Waaqa nuf kadhu atisi
#yoos_galmaan_nu_ga'a

❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️



@obsiin (Garramaa)

@bashannanuuf
@bashannanuuf

#chaneelii madda waalaloo kan tate #sona_walalootti dabalamaa
👆👆👆👆👆👆👆👆
Wálàä mémè😁😂😀🎼
💗Nutti dhihaatta 🚶
💜Jaalalaan nurraa qabamta💓
💛Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta😂
😘asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Yada ykn phopii adda adda warren qabdan:- @walaaoromo
👇👇👇👇Join👇👇👇👇
@Galleryketchw
https://t.me/Galleryketchw
Hordoftoota #sona_walaloo akkam jirtu? ani nagaa kooti
Armaan dura walaloo gaggababaa fi dheeraa bifa adda addaan barreesse sin biran gaheera!! dubbiftaan jedhe abdi qaba!!

namootni muraasni yaada naf kennanirraa ka'e hedduu jajjaabadheera garu amalle yaada keessanin fedha!
nu qunnamaa
@obsiin yeroo heddu sin waliin mariyachuu hedduu natti tola mudaa ko ana miti sintuu naf arga animmoo qaama keessani na gorfattuu yoon balleessee na gorfattuu jedhen yaada!!

gaalatooma

@obsiin

#Sinitti_tolee 👍
#sinitti_hin_tolle 👎
Forwarded from ቲ-SHIRTS STORE via @Qualitymovbot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌

HIN DIDIN
Sorii sorraa marre
Kan argatte callaa
Boniin bonnaa komme
Waliin biyya koo galla

Dachee biyya koo
Biyya laalistuu sana
Waliin bashananna
Benuu na fana

Oromiyaa manni koo
Buufata #odaa jala
Gammachuu qabu
Ano yoo sin alaa

Marree kottuu
Nyaatte dhugdaa
Coomaas feetu Aannanii
Qe'e oromtichaatu
Qabam qananii
Benu waliin galla
Hin didin ka ananii



@obsiin

@bashannanuuf
@sona_walaloo
'' if you are respect of you ; other person are respect you!!
👉 ati ofii kee yoo kabajje namni biroon si kabaja'


'' if need for respect ; frist you are respect other persons.''
👉 kabaja yoo barbaddee jalqaba ati nama kabaji

@obsiin
#YAA_HIREE

yaa hiree...
Situu hundaa qaba
Jireenya wal gata
Akka ilmoo bofaa
Kana inno wan baqataa

tokkoo nagaa rafaa
Yaadaf yaaddoo fixaatee
Tokkoo joree jirataa
Isammoo dhabaam hixatee

Gubataa marqaa
Kan gubatetuu hubataa
Isa joree jawwaruu
Barruun faana maf gubataa??

imammataa fagoo
Yaadee wixinessaa
Galmaa hanqatee
Harcatii akka fixeensaa
barruu barrii ciree
ana nyaatu ya hiree

Barumaan guutuu
Kaayyoof ta'e imaaltuu
Hunduu dabrsuuf jedhe
Gad jedhaam akka alaltuu
Hireeee.....

Namaa kaayyoo
Hirribaa dhabee
Jooree jawwaraa
Aduuf roobatuu
Sammuu isa waqaraa

Malammaltummaa dalagee
Kan ga'u galmaa
Tokkommoo situ takalaa
Qabee ittin falmaa

Barruu barrii ciree
situu kana qaba hiree

Halkanii guyyaa kataa
Qorattii maratti timee
Siqaa dhabee
Maalumaaf itti cimee

Meeqatu hafee
Mana ba'e karattii
Hireen takallaan
Achiin hafee achittii

Milka'insii dhibee
Guufuun hordamee
Galmaaf daddarbatamee
Hireen maf dhorkamee

#saaggoo_qorattiin_ciree
#sifuu_dhisee_yaa_hiree!!!

Barreessaan
@Obsiin (Geremew) Baqqalaa
#Finfinnee_Oromiyaa

@bashannanuuf
@sona_walaloo
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from መሪጌታ መዘምር ዘ ኢትዮጰያ የባህል መድሀኒት ($øõl Ďavě)
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Dubbin bara kana
Tanan dachaadhuma
Afaan oduu baree
Gorsituu boruu achumaa
Ofiin beeka jedha
Jecha kan kee tuffatee
Garaan nama fagoodha
Muree si nyaata cuffatee

Fira jecha si farsaa
dugda sitti garagalchee
Nyaate si fixaa arrabnisaa
jireenya kee alaalche
Dhofadhuu garaa
Lammii koo lakkii
Hin beekani wan baraa

Wan barri batuu
Dhokatee timuu
Kan namni batu
Innu sitti hin cimu
Balleesse si galafataa
Of eggadhuu jaala koo
Namnif barri heddu bataa



@obsiin

@bashannanuuf
@sona_walaloo
Lemmanee koo
Lemmanaa qarre doddotaa
Yubaa kee narra qabii
Mormaa kee jalan dhamoota

Sabbataa hiteemoo
Mudhiin kee zinnaraa kana
Jiruu na dhowwitee
Qalbii koo boojitee ana

Ejersaa oyruu keenya
Gammachuutuu jirmatti mure
Ani qallaan kee furdadhaa lataa
amma yartuu osoon siifana ture

Bashaashaa koo kommee
Haraa haramayyaa bashaanaa
Qabbanee sooraa onnee
Jiruu koo sumas faana

@obsiin

#walaloon_afoolaa
Uumaa.!

Siinan darbe Uuma
Rakkoof balaa hamaa
Utuun siin hin taanee
Ani hin ta'u nama
Eegdee na geggeessaa
Harkakoo na qabdee
Iyyakoo dhageessee
Daftee na qaqqabdee

Uumaa waaqaatiif lafaa
Abbaa duriif jabanaa
Kan barri narraa dhorke
Situ cufaa naaf bana
Gufuu anaan baraartee
Naaf taateetta riqicha
Oduu namaa hin dhaga'u
Siifan iyyee ililcha

Kan har'aan na geessiste
Borittis nan dadhabdu
Rabbiikoo sitti amanee
Qalbiinkoo tasa hin cabdu
Situ beeka egereekoo
Hin raafamu sodaadhee
Jilbeeffadheen si kadha
Abdiikoo si godhadhee

Biyyaaf jaalala kenni
Lammiidhaaf bilisummaa
Nagaadhaan wal dandeenyaa
Nuuf baayisii ogummaa
Araaraan nu tikfadhu
Uumaa Uumama maraa
Nurratti hin dhiisini
Diina keenya isa yaraa

Nu eegi nun gatini
Hin qabnu abdii biraa
Mootii gara laafessa
Situ hundumaaf fira
Bara kana hin taasisin
Bara waraanaaf dhiigaa
Nu sumatti iyyanna
Dubbiinkee hamaa diiga.!

@AbdiMegersa
@Walaloon_Jaalala
@bashannanuuf