Sona walaloo
1.93K subscribers
145 photos
16 videos
32 files
198 links
Sona baay'ee argattu!!
@Walaloo
@Barumsa jajjabeessan
Download Telegram
Forwarded from Walaloon Jaalala (¥dnk ® Kachu) via @like
Baga Geessan Qillee

Ayyaanna waggaa
Ayyaantutu argaa
Baga geessan hunduu
Yaa ta'u kan nagaa

Guyyaa dhalatetti
Mootiin samiif lafaa
Gaarii qofa argaa
Dhippuu irraa afaa

Faarsoodha unattuu
Daadhidhaaf birillee
Maatiin kiristaanaa
Baga geessan qillee


@Kaachaalluu
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala
@Dambalii_Jaalalaa
@Simbookee
Maal jennaan.....

Dubbiin bara kana
Dachadhaan laqqamee
Qorattiidha karaan isa
Bal'atee saqqamee
Hundaa simataa
Harkaa ballisee
Danuu bahe badee
Akkanumaan callisee

Maal jennaan......

Akka dhibee mudhamudhii
Siqii hin jiru asuma
Jireenyi dhamatii qofa
Milka'insii jiru tasuma
Birannaa akka bineensa
Bultii shakkii tatee
Hiriyyaanu si gadaa
Summii sif batee

Maal jennaan.....

Mukti qabataa dhibe
Kan jiru gogee bade
Namnis garaa hin jiru
Inni jiruu darbaa Odee
Garreeffatee si lala
Xiqqaa guddaan kamuu
Jireenyi hammatee
Hiree wallalee namuu

Maal jennaan.......

👇👇👇👇👇👇👇👇

@obsiin


@bashannaanuuf

@bashannanuuf
Jechoota haayyootaa

1. Ifa guyyaa argachuuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama. Wiiliyaam shekipir

2. Kaleessaaf gaabbuufi boriif dhiphachuun guyyaa har'aa balleessuudha.
Maaksim Tiroobey

3. Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qalloofteyyuu ceephoo jala ba'uu hin dandeessu. Wiiliyaam Shekispir

4. Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka'i!
jecha warra Ingilizii

5. Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru. Jecha warra morokoo

6. Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatamteyyuu qurxummii qabatee ba'a. Jecha warra Arabaa

7. Namni suuta adeemsu dafee bakka yaade ga'a. Jecha warra chaayinaa

8. Daandii bakka yaadde sigeessituu utuu hin beekiin adeemsa hin jalqabin.
Jecha warra Ingilizii

9. Namni dogoggoorasa mul'isee himatuu akka nama kosii mana haruuti. Maatahamaa Gaandii

10. Nama tokko dogoggorasaarra deebisuun hojii guddaadha. Abirahaam liinkan

11. Namootni ammumaa gammachuuf of qopheessan gammadu. Abirahaam liinkan

12. Gammachuu fi shittoon wal fakkatuu. Utuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu. Raaliif waaltoo Imarsaan

13. Maallaqni nyaata malee fedhii nyaata hin bitu.
~ maallaqni qoricha malee fayyaa hin bitu.
~ maallaqni hordoftoota malee hiriyyaa hin bitu.
~ maallaqni hojjetoota malee amantoota hin bitu.
Heenrik Ibsan

14. Har'i akka ta'utti yoo qabaatti siif galte malee boris hin amanamtu. Toomaas Diiriyer

15. Waanti nuti sodachuu qabnu sodaa qofadha. Fiaankiliin Ruuzvelti

16. Hamma rakkinni si rakkisuutti ati hin rakkatiin. Jecha Ameerikanootaa

17. Sammuu keenya keessatti jannataafi gaanamiin uumuu ni dandeenya. Milten.

18. Jireenyi keenya waanta yaadni keenya uumuudha. Maarki Awurisiyas

19. Gaalanni yeroo hundumaa waan yaa'uuf namni tokko yeroo lama ce'uu hin danda'u. Hirik Litas

20. Utuu of hin gargariin eenyuniyyuu gargaruu hin dandeessu. Girs Mori

#Galatoomaa

Maddaa= kitaaba dubbisee #Iccitii_Milkaa'inaa irraa

Kitabaa saaykolojii


#dhamsi_koo_kitaaba_dubbisuu_aadaa_ya_godhannuu!


@bashannanuuf
Hin jedhin
Hin fakkeessiin dubbii dhara
Of eegii
Jedhe boftu abbaatu ofmara

@obsiin
Forwarded from Media Ko via @Qualitymovbot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Hirbuu natti tatee
Danuun si yaada
Qalbii koo facasee
Akka bunaan si aradaa

Gullallee biyyaa koo
Dachee booree lafa
Barriseen sibiraan baha
Maalifan sirra hafa

Leemmanee jiituu koo
Ka shurrubbaa dugdaa gahu
Garaan jaalala ke baree
Hin danda'u sitti adda bahu



@obsiin 👈👈👈👈👈

@bashannanuuf
Me duraa kurupheen foon ya tatu!!
👉 mammaksaa oromooti.

Maaf jedhan
Kurupheen xiqqoodha
Fooni ishee hin qufanii
Shakkaa kara imaalanii
Galmaa hin ga'in kufanii

Maaf jedhan

Kurupheen figdi
Aritee hin qabdu
Kaayyoo male katee
Karatti kan cabdu
Ilaallacha deemu
Dhokataa boolla
Barii lafa ka'ani
Arguu biiftuuf ollaa

Foon kuruphee
Argattuu amma yartuu
Qufaa hin batuu
Xiqqoodha qaamni martuu
Namni waliin galle
Garaa wal hin hanqataa
Deemsa garaan soba
Dacheetu itti dhiphataa

Marree kurupheen
Gamna fiigde miliqxii
Lafaa diinni hin jirre
Walakkaa qilee dhaqxii
Akkas tanaan marre
Akkumaa foon ishe qaala'e
Enyuu ishi hin nyaatu
Akkumaa yoo beel'e

namni dhugaa jirtu
Beekee sirrii dubbatee
Eenyu wal shaakke
Eessa gahu wal tuffatee
Akkumaa foon kuruphee
Gatiin qaala'e kana
Namni waal tuffii dhiise
Egeree jechuun hafee baranaa
Tokkummaaf jaalalli sila
Ni injifaatam waranaa


Duraa kurupheen foon yaa tatuu

🏀🏀🏀🛁🛁🔚🔚🔚

@obsiin

@bashannanuuf
#oromummaan_faaya

Waanan hin gaabbine
Ammaatus ammi rakkoo
Ishoo!! Bagan ta'e
Ilma oromoo isa tokkoo

Oromummaan faaya
Faaya uffatamuu
Sabboonuummanin boona
Oromummaan hin tuffatamuu

Boreessatu boreessa malee
Talillii hin borahu
Moofeessatu mofeessa malee
Oromummaan hin mofahuu

Warra safuu beeku
Oromoo saba jabaa
Kanniisa garaan koo
Ani dhiiga isaanin qaba

Oromummaan midhagaa
Dibataaf uffannaa kooti
Jagna abbaan koo
Goota sanyii mootii

Warraa kan ofirrattii ciccuu
Kan hormaa hin lallee
Sabaa oromooti ka
Kanaan isaan hin hallee

Safuun bulu durumaa
Sirna Gadaatin duudhaa
Oromoomummaa koon kabaja
Oromummaatu bar safuudha

Odaan keenya shanii
Gadaan keenya shanii
Qaamni miiratu shanii
Qubnii kootu shanii
Kam jedhe kam dhiisu
Oromummaan booji'amee anii

Qarooma ilmaan kush
Duru caalu ammayyaa
Oromiyaa dachee koo
Ilmaan kee waliin ta'i fayyaa

#oromummaan_faaya



@obsiin

@walaloon_afoolaa
Forwarded from Odaa App Store via @Qualitymovbot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Channel photo updated
Egeree jiruu koo
Yaa bu'uraa guddinaa
Suuta milka'uu
Maloo! Nan muddinaa
Dide Fiigicha illeettii
Tirannaa akka qoca
Hiree boruu koo
Suutan karaa basa boca
Channel photo updated
Ani sila
~
Simalee hin qabu
Hiriyyaa qajeeltoo
Amma dhumattu
Sumaan godha miltoo
~
Hedduu na boojitee
Danuu natti cimaa
Miirri koo hunduu
Jaalala kee himaa
~
Jaalalli shittoodha
urgeeffatuu duru
Amma libsuu ija
Si yaadin hin turu
~
Atu beekta jaala koo
Hin fedhuu si dhabu
Ija koo duraa si dhabnanii
Ani silaa nagaa qabu
~


@obsiin
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️

@bashannanuuf
#walaloon_afoolaa
Forwarded from Sol fast promo
OMN Amajjii 13 2020
Guyyaa kaleessaa wallagga lixaa kessatti wal waraansa humna waraanaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO) gidduutti ta'een Addi Bilisummaa oromoo injifata......Guutuu isaa dubbisi
Channel name was changed to «Sona_walaloo»
HAQA KANNIISAA

Maaf jaju kanniisa?
Waliin lagdi malee,
Walitti hagdi malee
Kan biraa maal goote?

Maal uuman akkaanaa!
olaanaan ejjeteet
gad aanaan hojjeteet
mootii harma hootee

Nu'uu nu sobdeerti,
sagal muka kortee
sagal qaawwa urtee
yoo ilillii suuftu;

Nuttuu fakkaatera;
yoo tuutan bobbaatu
yoo nyaaran gad baatu
gaafa damma buuftu!

Edaa ishiin yarii !
kaan yaabdeet,
kaan hammattee mugdii
Kaan hagdeet,
kaan fincooftee dhugdii
Waraabessuu kan garaa jaalatu
Yoom akka kanniisaa,
waa hageetoo hin nyaatuu!
#narra_maarmariin

#yaaddoo
Yaadan na dhiphistaa
Fuula natti gurte
Siiqa qalbiin doomee
Kee maaf dhabe murte
~
gaaddidduu narra keesse
Deemsan suuta tiradhaa
Yaada natti buufte
Rafuun ciseen birradha
~
Qalbii koo facastaa
Balbala natti cuftee
Ula keebnatti himi
Karaa kam dhuftee?
~
#yaaddoo ati bar
Nagaa na dhowwitee
Jiruu natti hadheessitaa
Du'a dhuma nan hawwitee
~
Akka nama silaa
Galgala gale cisuu
Ato narra dhabbata
Sodaan kee nan dhiisu
~
Lafa ati hin jirre
Eessa si dhaqa
Sobde natti boonta
Hin qabdu sila haqaa
~
#yaaddoo_dhagayii
Isa dhuma sitti hima
#narra_hin_marmarinii
Akeekkachisaa dhumaa
🚱🚱🚱🚱🚱🚱🚱🚱🚱

📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌


@obsiin

#join for my channel
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@bashannanuuf👈👈👈
@bashannanuuf👈👈👈
👆👆👆👆👆👆🖐🖐🖐🖐
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
#Lafa_nagaa_olaa

Gufuu hammeessee
Isa jireenya gaduu
Uuman sin oolche
Gaariin sinin ya barbaduu

Barii lafti bari'e
Jireenya dukkanni marsee
Immimmaan sin busisuu
Baayee jedhe sin arsee
Jechan hamilee cabu
Qalbii hin qabnee tuma
Hundaa sinirraa ya qabu

Aduu safaa boba'uu
Jiruu yaadni gadi'uu
Kiyyoof xaaxaa jireenya
Sin irra ya qabu
Uuman yaada hameenya

Jireenya busha'ee
Ofumaa ofiin loluu
Uuman sin ya olchuu
Sinif hawweeraa wan tolu

Garamummaa qabadha
Obsaa dabarsaa yaadaf lolaa
Lammiin koo martuu
Lafa nagaa naf oola



@obsiin

@bashannanuuf
@sona_walaloo
herregaa malee👈👈


Ayyanaa qabeettii
Simboodhan badhatee
Kennaa uuman badhasee
Situ onnee ko fudhatee

👉👉wahuu hin qabduu mudaa
👉👉kennee hundaa sif gutee
👉👉tasumaa si lallanii
👉👉atoo qalbii koo futee

😍😍😍😍simboon addumaa
😍😍😍😍kennaa waaqayyoo
😍😍😍😍si argeen booji'amee
😍😍😍😍nan jedhee wayyoo

Dubbiin ke dammumaa👈👈
Dubbattee namaa hin mituu👈👈
Jaalala kef jechaan dhabaa👈👈
Kamtuu siya gituu??👈👈

addunyaa kanarraa
hin qabdum fakkataa
dawwaa onnee koo
kanafaniim si sassataa

Dacheenu si biraa midhagdii
Hidhattee uffattee yo deemtuu
Ayyanaa qabeettidham ato
Badhaadhaa ke hundumtuu


👈osoon simboo ke rajuu
👈kan amalaammo caalee
👈si mararsifadheraa
👈goola onnee ko situu dhalee

Sammuun dadhabuu
Hojjetee yo hin boqonnee
Si mosifadheraa ani
Mootii jaalalaa onnee

👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉
👉👉maddaa talilaati
👉👉burqaa gammachuu
👉👉mirrii kotuu ibsaa jaalala
👉👉anuu dhisuu dubbachuu

👉👉👈👈👈👉👉👈👈
uumaa kotuu ragadhaa😘
Baayeedhumaan si yaada😘
Dhibee jaalala ke😘
Dhokseetumaan aada😘

👉👈karaan ginchii amboo bu'a
👉👈biyyaa hayyuuf dhiraa
👉👈onneen sin booji'amtee
👉👈hin qabduum gidiraa

Dhugaan si jallaa
Isa onnerraa maddee
Si yaadun gammadaa
Yon tasumallee gaddee

👉👉👉👈👈👈👈
narviif seelii ko maraa
Situu naf hogganaa
Afuuraaf sombaa kotii
Sinaan qillensaa arganaa
👉👉👉👉

👉rabsituu dhigaa koo
👉golaa onnee arfanii
👉dhugumaan na bojitee
👉sobee hin jedhu afanii
👈👈👈👈👈👈👈👈👈👈👈

sokkorruun manaa hin tatuu
Naf murii me doddotaa
Onneen jaalala ke baree
Guyyatuu itti dhamootaa

😘😘😘😘😘😘😘😘😘

👉hin qaqqabsisuu tilmamee
👉biraa hin ga'u herregee
👉onneen si jaalla
👉keessa ko si wareegee

Sobanii jedhuu malee👈
Daaraan daakuu hin fakkessuu👈
Jaalala garaa si ga'uf👈
Sobee ollaa hin fakkeessuu👈

Jaalala ken sorradhaa
Amma amma daddabalee
Sin jaaladheraa
Wan ofii #herregaa_malee




@obsiin (Garramaa Baqqalaa)

#Arba_minch_University_irraa

@bashannanuuf
@bashannanuuf

👆👆👆👆👆👆👆👆
#JOIN Godhi maloo!!!!