Sona walaloo
1.93K subscribers
145 photos
16 videos
32 files
198 links
Sona baay'ee argattu!!
@Walaloo
@Barumsa jajjabeessan
Download Telegram
Siin....
dammaa yoo jedhanii
Dammii sin madaaluu
Qabbanee sooraa onnee
sidhaa kan caaluu

Ati kun...
Luccaan kee jigee
Dugdaa walakkaa si ciisa
Simboo uuman badhaasee
Kam farsee kam dhiisa

Silaa....
Yoo hidhattee faayaatte deemtuu
Qalbii koo daran facastaa
Rafee hirribaa dhaba
Abjuun dhuuftee na kaftaa

Koottu...
Haalala ta'e si yaadun koo
Daran hedhuu na midhee
Si fudheen #finfinnee gala
Murteessee ani kanan jedhe



@obsiin

@bashannanuuf
#kennaa_koo

Kennaa koo sirrii
Badhaasumaa addaa
Maddaa gammachuu koti
Si keessaa naf maddaa

Amalaa qabeetti koo
ya hadhaa firaa
Iyyafachaa naf kottuu
Finfinnee booleen jiraa

lagaa harreerraan dhuftee
Garjii gad darbinanii
Bolee gooroo na gafadhuu
Na argatta safara na iyyafannanii

Silaa sifaan bo'a
Jaalala ke imimmaan busee
Nan nyanne malee
Onneetu natti yusee

Ija dawwannaa ke baree
Qabuun hin olchu argaa
Lafaa fanni ke ejjetee
Jaalalatu latee margaa

Simboo umaan badhasee
Lallabee namaa wamaa
Safuuf enyummaa ke
Adeemsaa ketu dhamaa

@obsiin

@bashannanuuf

@bashannanuuf
#GOOTA_OROMOO_KOO
👉 #Kutaa_2ffaa

Tokkummaan keenya hafee
Tuutni akka qofa
Adda nu faacasanii jiraatti
Akka ilmaan bofa
Finfinnee hadhuura keenyarraa
Humnaan nu godansanii
Ka'i ni kata dhufee
Didnaan nu dorsisanii
Goota didee garbummaa
Meeqa ajjeessanii fannisanii
Akka goota Guraaraa Lataa
Kunoo seenaan ni yaadataa

Jimmaaf osoon bo'u
Dhaqee dirree dawwaa
Oromiyaaf oromummaa jedhe
Meeqatu dhabe fayyaa
Ilmaan Gujiif boraanaarratti
Gidiraaf garaa jabeenya male
Lammii koo dhugaaf jedhe
Cabee meeqatu okkolee
Warraa safuu warra karrayyuu
Biyyii goota seena qabdi
Haar'as boriis yoomiyyuu

Ananii jettee oromiyaan koo
Imiimmaan ishee lolastee
Goota miliyoona dhabde
Ijoollee ishee nagaan bobbaftee
Muslimaaf kiristaanaa jedhe
Waaqeffataan adda nu qoode
Nu balleessuuf hidhatee ka'e
Bitaaf mirgaan nutti baroodee
Kutaaf amantiin adda nu hiree
Nu balleessuuf xiyyoo batee
Duraa goree didee gootni
Lubbuu kenne oromiyaaf laate

Oromiyaa koo dachee goota
Bocee si fixuuf turee dinnii kee
Falmee sirraatti du'e
Seenaa yaadataa kanaf gootaa kee
Homaa miti du'as goota du'a
Dhalootaf seenaa galmeessee
Hojeete qabatamaattii bu'a
Anis dabaree koo dhuufe
Seenaa #Goota_kooti qoradhee
Biyyaa biyyeef hin goonu
Anid dabareen humna horadhee

#Seenaa_goota oromoo
Ciisan dhabee ergaan baree
Falmattootaa ilmaan oromoo
Dhugaa keessantuu na mararee
Dubbadhaa maafan dhoksaa seenaa
Abbaa dhugaa akka Bakaar Waaree
Murataa koo isa jiraaf du'aan
Garbooftaa dhaabee dararee
Jabaa lammii haati deesse
Roobsaa akka bakaakkaa
Du'anii hin galani malee
#goota koo ol jedhi me altakkaa

Dhiigni goota ni falmataa
Eyyetii iyyee dubbataa
Kan gooticha oromoo
Akki Guraaraa Lataa
Hin dhiisu kan Habtamuu Baayataa
Dhalootatuu isaan farsaa
Maaqa jagnaati ittin dhadhataa
Jabaa ofi Jaatanii Lataa
maqaa goota urjii samitii
Akkamiin sila dhokataa
Hayilee ilmaa Dastaa
Goota calii calanqoo
Jiram akki Roobaa Buttaa
Yoo gootni seenaa galmeessuu
Ya gadhee ati mana duttaa
Kanaf farsaa dhalootni goota
Baraan jajaa maf dagataa
Keessoo laphee isarraa kawwataa

#Anaani_goota_oromoo_koo


👉👉👉 #kutaa_3ffaa yeroo dhihoottii

#share godhii na tumsii #waliin_ya barannuu SEENAA OFI BEEKUUN QAROOMAA DURSAATI

#GOOTA_OROMOO_KOO



@obsiin

@bashannanuuf
@bashannanuuf
#Akka_Lootii

Qalbii facasee hawwee
Hin lallee gara bira
Naf kottuu barrisii
Yaadni koo sitti jira

Ganamaan naf kottuu
Iyyaa lukkuu barraaqa
Ooksijiniif sombaa koo
Arganeen sin warraaqa

Bakkalchaa barii batuu
Furguggee akka qorsa
Qabbanuumaam amalli kee
Dubbiin kee fakkaattii gorsa

Si hin obsuu si dhabnanii
Sammuu kootu jeeqama
Onneen jaalala ke baree
Si dhabnaan natti dhekkama

Ya bareeddu oromoo
Ishee duudhaan guddattee
Qor_qalbii jiruu koo
Guutuummaa koo dhuunfattee

Qabeenya koo anis keeti
Nutii waliin bonnee
Sin jaaladha kiyyaa koo
Qabbanee sooraa onnee

Goota onnee jaalala
Bareedduu sanyii mootii
Ofittii adda sin basuu
Mormattaan si hidhaa akka lootii


@obsiin

@bashannanuuf
@bashannanuuf
Wallaggaa University Black day

#ADARAA_HIN_DIIGINAA !
-
Yaa hiriyyaa dareekoo
Warra wajjin turree
Warra wajjin qabsoofnee
Rakkoo baay'ee furree
Hiriyyaakoo shamarree
Atis inni dhiiraa
Deebi'ee mooraa hin dhufu
Ani fagaadheen jira.
Wajjin doormii ciisnee
Yoo teenyu mana bunaa
Yooman yaadee karoorse
Daandii gubbaatti duunaa
Wajjin ruuzii nyaannee
Gaafa kaan agabuu
Yooman yaade koode
Karaatti akkan cabu
Yeroon suubii ka'e
Utuu hin nyaatin ciree
Yooman yaadee ba'e
Kan naaf baate hiree
Qooda dhiittaa jedheen
Barii lafaa ka'ee
Balaa konkolaataan
Du'een biyyee ta'e.
Har'a moo bor dhufa
Jettee ana hin eeginaa
Tokkummaa keenya immoo
Adaraa hin dagattiina.@MarsiiMo'i Bakare
~
Nan eegin yaa barataa
Atis kaa yaabarsiisaakoo
Kana caalaa hin dandeenye
Raawwateera barrikoo
Akaayi wajjin nyaannee
Doormiis bullee taphannee
Otuu wal mararsiifannuu
Harra du'aan waldhabne
Nagatti hiriyyyee koo
Hiriyyaan wajjin turre
Agabuufaa waliin bullee
Ruuziin garaa waxalee
Atis nagaan naaf turi
Tikeriif doormiitarii
Kan seensa mooraa eegdus
Yookiinimmoo library
Nagaatti qalamako
Qalamakoo qubeessaa
Nagummaan naaf jiraadhu
Seenaakoo naaf barreessaa
Sinis nagaan naaf turaa
Barattionni mooraakoo
Kan wajjii guddannee
Jaallatamoo obbolaakoo
✍️ Beekan Gulumma Irranaa
J @jaalala_dhuga
O @jaalala_dhuga
I @jaalala_dhuga
N @jaalala_dhuga
Milka'inaa si farsaa

Tazzabee dadhabee
Lolaa xuwweef sussumaa
Garaan obsaa fixee
Yaada ofin gungumaa
Sukkummaan koobaa miti
Hunduu gara qaba
Milli kaayyoof ba'e
Sababaan kufe caba

Akka aduu bara hongee
Gama ganana natti waca
Maalin yakkee lata
Maaf yaadni natti bacaa
Madaa dawaa dhabe
Okkoleen kulkulfadhaa
Qalbii yaadni booji'e
Amma yoomittan bulfadhaa?

Namarra dhabee gargarsaa
Qalbiinis na yaarate
mogolee nama buusaam
Halkaan rakkoon dheeratee

Facastee badee malee
Kattarraa biqilaan hin marguu
Rakkachuunis baayeessaa
Keessaan gaarii arguu
Obsuun hundaaf furmataa
Hin yaadin garaan shiraa
Aduun haar'a lixxuuf
Boruuf abdituu jira

Garuu....
Danuu dheeratuu si arsaa
Halkanuu sin raffisuu
Abjunuu mil'anaa si farsaa



@obsiin (Obsaa Baqqalaa)

#walaloon_afoolaa
@bashannanuuf
Forwarded from Media Ko
Afaan Oromoo afaanota addunyaa kanarratti namoota baay’eedhaan dubbataman keessaa isa tokkoofi afaanota guguddoo jedhamanii kaa’aman keessatti akka ramadamu ogeessonni afaanii ni ibsu.

"Afaan Oromoo afaan saba guddaa akka ta’eefi Itoophiyaa keessatti lafa bal’aa irratti (Bahaa hanga Lixaatti, akkasumas kaabaa hanga kibbaatti) afaan dubbatamu ta’uu eera." Giraag

"Afaan Oromoo afaanota gaanfa Afrikaatti bal’inaan dubbataman keessaa isa tokko yoo ta’u, sadarkaa 3ffa (Iswaahliifi Hawusaatti aanee) irrattis akka argamudha." Giraag

"Afaan Oromoo afaanota Nuubiyaa durii keessaa tokko akka ta’eefii afaan ummata guddaadhaan dubbatamu ta’uu ibsu." Maarshaal Di Saalvaayik

"Afaan Oromoo Itoophiyaa keessatti qofa kan dubbatamu osoo hinta’iin biyyoota gaanfa Afrikaa kanneen akka Keeniyaa, Sumaaliyaa, Jibuutii, Taanzaaniyaafa’ittis akka dubbatamu ragaalee danuun ni ibsu." Hayyuun
afaanii, Obbo Dirribaa Tarrafaa

Maddi:- Gaazeexaa Bariisaa

@JIRRA_OROMIA
@JIRRA_OROMIA
HAQA KANNIISAA

Maaf jaju kanniisa?
Waliin lagdi malee,
Walitti hagdi malee
Kan biraa maal goote?

Maal uuman akkaanaa!
olaanaan ejjeteet
gad aanaan hojjeteet
mootii harma hootee

Nu'uu nu sobdeerti,
sagal muka kortee
sagal qaawwa urtee
yoo ilillii suuftu;

Nuttuu fakkaatera;
yoo tuutan bobbaatu
yoo nyaaran gad baatu
gaafa damma buuftu!

Edaa ishiin yarii !
kaan yaabdeet,
kaan hammattee mugdii
Kaan hagdeet,
kaan fincooftee dhugdii
Waraabessuu kan garaa jaalatu
Yoom akka kanniisaa,
waa hageetoo hin nyaatuu!
Forwarded from Walaloon Jaalala (¥dnk ® Kachu) via @like
Baga Geessan Qillee

Ayyaanna waggaa
Ayyaantutu argaa
Baga geessan hunduu
Yaa ta'u kan nagaa

Guyyaa dhalatetti
Mootiin samiif lafaa
Gaarii qofa argaa
Dhippuu irraa afaa

Faarsoodha unattuu
Daadhidhaaf birillee
Maatiin kiristaanaa
Baga geessan qillee


@Kaachaalluu
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Walaloon_Jaalala
@Dambalii_Jaalalaa
@Simbookee
Maal jennaan.....

Dubbiin bara kana
Dachadhaan laqqamee
Qorattiidha karaan isa
Bal'atee saqqamee
Hundaa simataa
Harkaa ballisee
Danuu bahe badee
Akkanumaan callisee

Maal jennaan......

Akka dhibee mudhamudhii
Siqii hin jiru asuma
Jireenyi dhamatii qofa
Milka'insii jiru tasuma
Birannaa akka bineensa
Bultii shakkii tatee
Hiriyyaanu si gadaa
Summii sif batee

Maal jennaan.....

Mukti qabataa dhibe
Kan jiru gogee bade
Namnis garaa hin jiru
Inni jiruu darbaa Odee
Garreeffatee si lala
Xiqqaa guddaan kamuu
Jireenyi hammatee
Hiree wallalee namuu

Maal jennaan.......

👇👇👇👇👇👇👇👇

@obsiin


@bashannaanuuf

@bashannanuuf
Jechoota haayyootaa

1. Ifa guyyaa argachuuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama. Wiiliyaam shekipir

2. Kaleessaaf gaabbuufi boriif dhiphachuun guyyaa har'aa balleessuudha.
Maaksim Tiroobey

3. Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qalloofteyyuu ceephoo jala ba'uu hin dandeessu. Wiiliyaam Shekispir

4. Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka'i!
jecha warra Ingilizii

5. Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru. Jecha warra morokoo

6. Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatamteyyuu qurxummii qabatee ba'a. Jecha warra Arabaa

7. Namni suuta adeemsu dafee bakka yaade ga'a. Jecha warra chaayinaa

8. Daandii bakka yaadde sigeessituu utuu hin beekiin adeemsa hin jalqabin.
Jecha warra Ingilizii

9. Namni dogoggoorasa mul'isee himatuu akka nama kosii mana haruuti. Maatahamaa Gaandii

10. Nama tokko dogoggorasaarra deebisuun hojii guddaadha. Abirahaam liinkan

11. Namootni ammumaa gammachuuf of qopheessan gammadu. Abirahaam liinkan

12. Gammachuu fi shittoon wal fakkatuu. Utuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu. Raaliif waaltoo Imarsaan

13. Maallaqni nyaata malee fedhii nyaata hin bitu.
~ maallaqni qoricha malee fayyaa hin bitu.
~ maallaqni hordoftoota malee hiriyyaa hin bitu.
~ maallaqni hojjetoota malee amantoota hin bitu.
Heenrik Ibsan

14. Har'i akka ta'utti yoo qabaatti siif galte malee boris hin amanamtu. Toomaas Diiriyer

15. Waanti nuti sodachuu qabnu sodaa qofadha. Fiaankiliin Ruuzvelti

16. Hamma rakkinni si rakkisuutti ati hin rakkatiin. Jecha Ameerikanootaa

17. Sammuu keenya keessatti jannataafi gaanamiin uumuu ni dandeenya. Milten.

18. Jireenyi keenya waanta yaadni keenya uumuudha. Maarki Awurisiyas

19. Gaalanni yeroo hundumaa waan yaa'uuf namni tokko yeroo lama ce'uu hin danda'u. Hirik Litas

20. Utuu of hin gargariin eenyuniyyuu gargaruu hin dandeessu. Girs Mori

#Galatoomaa

Maddaa= kitaaba dubbisee #Iccitii_Milkaa'inaa irraa

Kitabaa saaykolojii


#dhamsi_koo_kitaaba_dubbisuu_aadaa_ya_godhannuu!


@bashannanuuf
Hin jedhin
Hin fakkeessiin dubbii dhara
Of eegii
Jedhe boftu abbaatu ofmara

@obsiin
Forwarded from Media Ko via @Qualitymovbot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Hirbuu natti tatee
Danuun si yaada
Qalbii koo facasee
Akka bunaan si aradaa

Gullallee biyyaa koo
Dachee booree lafa
Barriseen sibiraan baha
Maalifan sirra hafa

Leemmanee jiituu koo
Ka shurrubbaa dugdaa gahu
Garaan jaalala ke baree
Hin danda'u sitti adda bahu



@obsiin 👈👈👈👈👈

@bashannanuuf
Me duraa kurupheen foon ya tatu!!
👉 mammaksaa oromooti.

Maaf jedhan
Kurupheen xiqqoodha
Fooni ishee hin qufanii
Shakkaa kara imaalanii
Galmaa hin ga'in kufanii

Maaf jedhan

Kurupheen figdi
Aritee hin qabdu
Kaayyoo male katee
Karatti kan cabdu
Ilaallacha deemu
Dhokataa boolla
Barii lafa ka'ani
Arguu biiftuuf ollaa

Foon kuruphee
Argattuu amma yartuu
Qufaa hin batuu
Xiqqoodha qaamni martuu
Namni waliin galle
Garaa wal hin hanqataa
Deemsa garaan soba
Dacheetu itti dhiphataa

Marree kurupheen
Gamna fiigde miliqxii
Lafaa diinni hin jirre
Walakkaa qilee dhaqxii
Akkas tanaan marre
Akkumaa foon ishe qaala'e
Enyuu ishi hin nyaatu
Akkumaa yoo beel'e

namni dhugaa jirtu
Beekee sirrii dubbatee
Eenyu wal shaakke
Eessa gahu wal tuffatee
Akkumaa foon kuruphee
Gatiin qaala'e kana
Namni waal tuffii dhiise
Egeree jechuun hafee baranaa
Tokkummaaf jaalalli sila
Ni injifaatam waranaa


Duraa kurupheen foon yaa tatuu

🏀🏀🏀🛁🛁🔚🔚🔚

@obsiin

@bashannanuuf
#oromummaan_faaya

Waanan hin gaabbine
Ammaatus ammi rakkoo
Ishoo!! Bagan ta'e
Ilma oromoo isa tokkoo

Oromummaan faaya
Faaya uffatamuu
Sabboonuummanin boona
Oromummaan hin tuffatamuu

Boreessatu boreessa malee
Talillii hin borahu
Moofeessatu mofeessa malee
Oromummaan hin mofahuu

Warra safuu beeku
Oromoo saba jabaa
Kanniisa garaan koo
Ani dhiiga isaanin qaba

Oromummaan midhagaa
Dibataaf uffannaa kooti
Jagna abbaan koo
Goota sanyii mootii

Warraa kan ofirrattii ciccuu
Kan hormaa hin lallee
Sabaa oromooti ka
Kanaan isaan hin hallee

Safuun bulu durumaa
Sirna Gadaatin duudhaa
Oromoomummaa koon kabaja
Oromummaatu bar safuudha

Odaan keenya shanii
Gadaan keenya shanii
Qaamni miiratu shanii
Qubnii kootu shanii
Kam jedhe kam dhiisu
Oromummaan booji'amee anii

Qarooma ilmaan kush
Duru caalu ammayyaa
Oromiyaa dachee koo
Ilmaan kee waliin ta'i fayyaa

#oromummaan_faaya



@obsiin

@walaloon_afoolaa
Forwarded from Odaa App Store via @Qualitymovbot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Channel photo updated
Egeree jiruu koo
Yaa bu'uraa guddinaa
Suuta milka'uu
Maloo! Nan muddinaa
Dide Fiigicha illeettii
Tirannaa akka qoca
Hiree boruu koo
Suutan karaa basa boca
Channel photo updated