Sona walaloo
1.92K subscribers
145 photos
16 videos
32 files
198 links
Sona baay'ee argattu!!
@Walaloo
@Barumsa jajjabeessan
Download Telegram
Waaq!! Na milkeessii mee
Garaan koo fagoo yaada
Kaayyoo miila dhabee ta'e
Fayyaattan silaa okkolaa

Jireenyi addunyaa kuni
Jirbii rakkinaa naman foo'a
Mee na gargarii uumaa koo
Situu haalarrattii moo'a

Homaa dhibeen dadhabee
Addunyaan kuni ni ulfataa
Kaayyoo jedhee guggufaa
Hundumaa callisee bulfataa

Xuxxuqaan baayatee
Imimmaan rakkinaan cobsaa
Waaq!! Na gargarii maloo
Garaan koo dadhabee obsaa!!


@obsiin

#walaloon_afoolaa
#walaloon_afoolaa

Plz hiriyyaa kee itti naf affeerii #share naf godhi
Walii gallaan ala galu
Shiraa rakkoo mo'atuu
Waliin tumsinaan dhiroo
Yaaddo guddaa too'atuu
💪💪💪💪💪💪💪💪
Tokkummaan dhibnaan
Abba argeetu si dhiiksa
Tokkummaan jirannaan
Humni tokkomee wa jiiksa


@obsiin
Warreen admin nuuf kennuun nu waliin Hojjechuu barbaaddaniif karaan keenya banaadha

@Kaachaalluu
@Kaachaalluu

Chaanalota Kalaqaan Chaanaalii @Walaloon_Jaalalaa irratti admin ta'e tartiiban

1. @Jirra_oromia
2. @MarkEmpire
3. @Dura_photography
4. @Dambalii_Jaalalaa
5. @HumnaJaalalaa
6. @Galleryketchw
7. @Eelaa_Jireenyaa
8. @Orostech
9. @NIMOONATUBE
10. @Qeerroohaaromsaaharmee
11. @Informationera
12. @mudeinfo
13. @Qoosikaa
14. @Simbookee
15. @Walmalee
16. @Ardii_kitaaba
17. @dhalootaaf
18. @bashannanuuf
19. @GADAAMELBAA1
20. @XachishaBorena
21. @Tawaahidoo
22. @siifj
23. @realgugu
24. @nehushten

Nutti ida'amana @Kaachaalluu
Jiru dhiiban hin siqnee
Isa ta'e imimmaan callaa
Bareedduu intaala oromtichaa
Wal fudhannee
#finfinnee galla

Jaarsa biyya baase
Guttadhee duudhaa
Intaala safuu beektuu
Jedheraa sumaan fuudha


@obsiin
👇👇👇👇👇👇👇
#walaloon_afoolaa👈 jo
#walaloon_afoolaa 👈in godhi
Forwarded from Odaa Electronics via @Qualitymovbot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
#Sobduu_hin_ta'ini!!

Namni qofa isa
Tulluu hin jiksuu oluus dhiibaa
Amalli sobaa baree beekii
Horma miti suma dhiba

Xawaalwallee tatee
Hin uumin dhiibba
Ammamuu sobdeef
Hin jirattuu dhibbaa

Waliin dhoftee
Sobdee qodaa hattuu
Dhugaarratti dutuu
Dhugaan nama gattuu

Osoon dachee ta'e
Goota hin nyaadhu nin tufaa
Beeki gamoon sobaan ijaarramee
Dhugaan xiqqoon kufaa

Lafaa sitti dhite bulii
Sobdee hin uumin shira
Warraa dhugaa qabuf
Beekii guyyaan jira

Aduun dhite yoomu
Hin oltuu barraqaa bahuu
Dhugaaf mormaa ladhuu
Karaa baheen sin ya bahuu

Hormaa garaa gahuuf
Jecha waliin hin dhahinii
Haqaaf ciccii jamaa
Adaraa
sobduu hin ta'ini!!!

👏👏👏👏👏👏🙏
👏galatoomaa👏🙏
👏👏👏👏👏👏👏🙏
writter by
@obsiin

#Amu

@bashannanuuf
Mootummaan ramaddii barattootaa ammaan dura taasisaa ture 70/30 gara 55/45tti jijjiire

FromDecember 28, 2019


Mootummaan barattoonni gara qophaa'inaatti fi ammas gara yunivarsitiitti yeroo seenan barnoota saayinsii uumamaatiif dhibbantaa 70 akkasumas barnoota saayinsii hawaasummaatiif dhibbantaa 30 ture amma barnoota saayinsii uumamaatiif dhibbantaa 55 fi barnoota saayinsii hawaasummaatiif dhibbantaa 45 ta'uun murteessuu isaa ministeerri saayinsii fi barnoota olaanaa beeksiseera. Ministeerichatti daayrektarri qunnamtii uummataa obbo Dachaasaa Gurmuu, bara barnootaa baranaarraa jalqabee mootummaan hanga har'aattii ittiin hojjechaa ture ramaddii barattootaa saayinsii uumamaatifi hawaasummaa 70/30 irraa gara 55/45 jijjiireera. Duraan mootummaan ittiin hojjechaa kan ture ramaddiin 70፡30 gama saayinsii uumamaatiin carraan hojii yaadame argamsiisuu waan hin dandeenyeef, barattoonni hedduun dirqamuun barnoota saayinsii uumamaa akka filan waan taasifamaniif kanaanis barattoonni bu'aa argachuu waan hin dandeenyeef dandeetti simachuu yunivarsitiiwwanii hubannoo keessa galchuun fi humna namaa biyyattii hubannoo keessa galchuun jijjiiruuf barbaachiseera jedhaniiru. Bara barnootaa baranaatti yunivarsitiiwwan biyyattiitti argaman 45 barattoonni kuma142 fi 900 barachaa jiru. Ramaddii harawa ta'e kanaan barattoonni gosa barnootaa barbaadan filachuun barachuuf carraa akka isaaniif uumu obbo Dachaasaan addeessaniiru.

via :Gadaa post
#jimmiitti_koo

Oromtittii warraa gibee gamaa
Jimmaa agaroo manni kee
Jiruu jaalalli booji'e
Qalbii koo fuudhe yaadni kee

Finfinnee ka'e jimmaa dhufaatii
Nan jedhii kaa yaa keessummaa koo
Ano jaalala keen dhama'ee
Mashoo jimmaa damma damuu koo

Dukkanaa rooba deemte
Qooren akka si warannee
Ofittii na qabii sanyii ko
Madaqoodha biyyaa hin barannee

Biyyaa kee jimmaa
Biyyaa jaalallii laate
Gad nan dhiisin kaa
Yubaa koo naatuu si filatee

Agaroo jimmaarra na waame
Amboo gaafan qaxxamuree
Sabboontittii goota jaalala
Sin dhiisu garaa mure!!!

Galmaa guddaa mooticha
Seenii na daawwaachisii
Jaalala keen dhama'ee
Ofitti qabi na gammaachiisii

Galmii kee inni guddaan
Galmaa Abbaa jifaarii
Si fudheen #finfinneen gala
Riqichaa jaalala nuf ijaarii

Biyyaa bunnii daraaree
Biyyaa keeti wan ofii koo
Qalbii na boojitee maashoo
Bareedduun #jimmittiin_koo


@obsiin

@bashannanuuf
Kiyyaa....
Keenyan kan walitii
Kan ittin dhadhatanii
Kiyyaa wan ofitii
Wan ofii hin tuffatanii
Miilli kee kararraa dabu
Sammuu keen ajajii
Sitta toluu sittis badu
Kenna kee
kabajii

@obsiin
Channel photo updated
Jaalalle lamaan yoo wal affeeran

Isaa
Yaa bareedduu nyaarri gaddisaa
Kan simboon lallabee nama waamuu
Eenyummaan fayyamtee deemta
Intaala abbaa gadaa ta'u kee hin maamuu

ishee
Yaa sabboonaa oromoo
Karaa gibee busuu fakkatuu areedni
Bokkuuf alangaa yoo qabattuu
Kan kee yaa caaluu bareednii

isaa
Dhabbataa funyaan keetii
Injineeraa akkamituu hojjetee lataa
Ogeettii qalbii na boojitee
Deemsi kee garaa na nyaata

Ishee
Bareedaa dhugaan ijan si argee
Ilkaan kee ayyeetuu cabbii fakkatuu
Seeqqannaan kee kan caaluu
Silaa garaa nama nyaatu

Isaa
Kee kam himee kam dhiisa
Gaafa deemtuu faayaa oromoon faayyattee
Qalbii koo na futee kaa
Faayaan addaa kee jalaa ittin hidhattee

ishee
Yaa sabboonaa hatii deessee
Kan dhabbiin qalbii na rasee
Onnee koo bulbulee jechii kee
Keessii koo si booji'ame haar'a kasee

isaa
Bareedduu oromoo jechuun si'i
Dhugaattan si mirkaneffadhee
Goota jaalala koo
Sumaan fudhas murteeffadhee

Ishee
Anis sin didu akka aadaa keenya
Abboota maati kootti ergadhuu
Anis si jaaladheraa sabbonaa koo
Gara keetti na fudhadhuu





@obsiin

@bashannanuuf
Kabajamtootaa hiriyyootaa koo kan garee kana jalattii argamtaan #yaadaf qeeqaa keessaan naf qodaa.
gorsii keessaan na barbachisaa mudaa ofii abbaan ofirrattii hin arguu namatu namarrattii argaa

Ani hawwiin koo walaloo kitaabattii jijjiree sabaa oromoo biraan gahuudha kitaabolee afaan oromoo kanneen biroos hojjechuufis hojjechaas jira.
Kanaaf osoo akkas goote akkasimmoo goote jettanii na gorsitaanii ykn akka kanaan itti fufii jettanii gammachuun koo dangaa hin qabu
Kanneen walaloo qabdaniis kottaa waliin hojjennaa beekumsaa smma haaroo ta'e sammuu kee keessa cisuu irra kan amma fal'anaa hiriyyaa keef qoddeetu caala

@obsiin na qunnamaa

#galatoomaa
Siin....
dammaa yoo jedhanii
Dammii sin madaaluu
Qabbanee sooraa onnee
sidhaa kan caaluu

Ati kun...
Luccaan kee jigee
Dugdaa walakkaa si ciisa
Simboo uuman badhaasee
Kam farsee kam dhiisa

Silaa....
Yoo hidhattee faayaatte deemtuu
Qalbii koo daran facastaa
Rafee hirribaa dhaba
Abjuun dhuuftee na kaftaa

Koottu...
Haalala ta'e si yaadun koo
Daran hedhuu na midhee
Si fudheen #finfinnee gala
Murteessee ani kanan jedhe



@obsiin

@bashannanuuf
#kennaa_koo

Kennaa koo sirrii
Badhaasumaa addaa
Maddaa gammachuu koti
Si keessaa naf maddaa

Amalaa qabeetti koo
ya hadhaa firaa
Iyyafachaa naf kottuu
Finfinnee booleen jiraa

lagaa harreerraan dhuftee
Garjii gad darbinanii
Bolee gooroo na gafadhuu
Na argatta safara na iyyafannanii

Silaa sifaan bo'a
Jaalala ke imimmaan busee
Nan nyanne malee
Onneetu natti yusee

Ija dawwannaa ke baree
Qabuun hin olchu argaa
Lafaa fanni ke ejjetee
Jaalalatu latee margaa

Simboo umaan badhasee
Lallabee namaa wamaa
Safuuf enyummaa ke
Adeemsaa ketu dhamaa

@obsiin

@bashannanuuf

@bashannanuuf
#GOOTA_OROMOO_KOO
👉 #Kutaa_2ffaa

Tokkummaan keenya hafee
Tuutni akka qofa
Adda nu faacasanii jiraatti
Akka ilmaan bofa
Finfinnee hadhuura keenyarraa
Humnaan nu godansanii
Ka'i ni kata dhufee
Didnaan nu dorsisanii
Goota didee garbummaa
Meeqa ajjeessanii fannisanii
Akka goota Guraaraa Lataa
Kunoo seenaan ni yaadataa

Jimmaaf osoon bo'u
Dhaqee dirree dawwaa
Oromiyaaf oromummaa jedhe
Meeqatu dhabe fayyaa
Ilmaan Gujiif boraanaarratti
Gidiraaf garaa jabeenya male
Lammii koo dhugaaf jedhe
Cabee meeqatu okkolee
Warraa safuu warra karrayyuu
Biyyii goota seena qabdi
Haar'as boriis yoomiyyuu

Ananii jettee oromiyaan koo
Imiimmaan ishee lolastee
Goota miliyoona dhabde
Ijoollee ishee nagaan bobbaftee
Muslimaaf kiristaanaa jedhe
Waaqeffataan adda nu qoode
Nu balleessuuf hidhatee ka'e
Bitaaf mirgaan nutti baroodee
Kutaaf amantiin adda nu hiree
Nu balleessuuf xiyyoo batee
Duraa goree didee gootni
Lubbuu kenne oromiyaaf laate

Oromiyaa koo dachee goota
Bocee si fixuuf turee dinnii kee
Falmee sirraatti du'e
Seenaa yaadataa kanaf gootaa kee
Homaa miti du'as goota du'a
Dhalootaf seenaa galmeessee
Hojeete qabatamaattii bu'a
Anis dabaree koo dhuufe
Seenaa #Goota_kooti qoradhee
Biyyaa biyyeef hin goonu
Anid dabareen humna horadhee

#Seenaa_goota oromoo
Ciisan dhabee ergaan baree
Falmattootaa ilmaan oromoo
Dhugaa keessantuu na mararee
Dubbadhaa maafan dhoksaa seenaa
Abbaa dhugaa akka Bakaar Waaree
Murataa koo isa jiraaf du'aan
Garbooftaa dhaabee dararee
Jabaa lammii haati deesse
Roobsaa akka bakaakkaa
Du'anii hin galani malee
#goota koo ol jedhi me altakkaa

Dhiigni goota ni falmataa
Eyyetii iyyee dubbataa
Kan gooticha oromoo
Akki Guraaraa Lataa
Hin dhiisu kan Habtamuu Baayataa
Dhalootatuu isaan farsaa
Maaqa jagnaati ittin dhadhataa
Jabaa ofi Jaatanii Lataa
maqaa goota urjii samitii
Akkamiin sila dhokataa
Hayilee ilmaa Dastaa
Goota calii calanqoo
Jiram akki Roobaa Buttaa
Yoo gootni seenaa galmeessuu
Ya gadhee ati mana duttaa
Kanaf farsaa dhalootni goota
Baraan jajaa maf dagataa
Keessoo laphee isarraa kawwataa

#Anaani_goota_oromoo_koo


👉👉👉 #kutaa_3ffaa yeroo dhihoottii

#share godhii na tumsii #waliin_ya barannuu SEENAA OFI BEEKUUN QAROOMAA DURSAATI

#GOOTA_OROMOO_KOO



@obsiin

@bashannanuuf
@bashannanuuf
#Akka_Lootii

Qalbii facasee hawwee
Hin lallee gara bira
Naf kottuu barrisii
Yaadni koo sitti jira

Ganamaan naf kottuu
Iyyaa lukkuu barraaqa
Ooksijiniif sombaa koo
Arganeen sin warraaqa

Bakkalchaa barii batuu
Furguggee akka qorsa
Qabbanuumaam amalli kee
Dubbiin kee fakkaattii gorsa

Si hin obsuu si dhabnanii
Sammuu kootu jeeqama
Onneen jaalala ke baree
Si dhabnaan natti dhekkama

Ya bareeddu oromoo
Ishee duudhaan guddattee
Qor_qalbii jiruu koo
Guutuummaa koo dhuunfattee

Qabeenya koo anis keeti
Nutii waliin bonnee
Sin jaaladha kiyyaa koo
Qabbanee sooraa onnee

Goota onnee jaalala
Bareedduu sanyii mootii
Ofittii adda sin basuu
Mormattaan si hidhaa akka lootii


@obsiin

@bashannanuuf
@bashannanuuf
Wallaggaa University Black day

#ADARAA_HIN_DIIGINAA !
-
Yaa hiriyyaa dareekoo
Warra wajjin turree
Warra wajjin qabsoofnee
Rakkoo baay'ee furree
Hiriyyaakoo shamarree
Atis inni dhiiraa
Deebi'ee mooraa hin dhufu
Ani fagaadheen jira.
Wajjin doormii ciisnee
Yoo teenyu mana bunaa
Yooman yaadee karoorse
Daandii gubbaatti duunaa
Wajjin ruuzii nyaannee
Gaafa kaan agabuu
Yooman yaade koode
Karaatti akkan cabu
Yeroon suubii ka'e
Utuu hin nyaatin ciree
Yooman yaadee ba'e
Kan naaf baate hiree
Qooda dhiittaa jedheen
Barii lafaa ka'ee
Balaa konkolaataan
Du'een biyyee ta'e.
Har'a moo bor dhufa
Jettee ana hin eeginaa
Tokkummaa keenya immoo
Adaraa hin dagattiina.@MarsiiMo'i Bakare
~
Nan eegin yaa barataa
Atis kaa yaabarsiisaakoo
Kana caalaa hin dandeenye
Raawwateera barrikoo
Akaayi wajjin nyaannee
Doormiis bullee taphannee
Otuu wal mararsiifannuu
Harra du'aan waldhabne
Nagatti hiriyyyee koo
Hiriyyaan wajjin turre
Agabuufaa waliin bullee
Ruuziin garaa waxalee
Atis nagaan naaf turi
Tikeriif doormiitarii
Kan seensa mooraa eegdus
Yookiinimmoo library
Nagaatti qalamako
Qalamakoo qubeessaa
Nagummaan naaf jiraadhu
Seenaakoo naaf barreessaa
Sinis nagaan naaf turaa
Barattionni mooraakoo
Kan wajjii guddannee
Jaallatamoo obbolaakoo
✍️ Beekan Gulumma Irranaa
J @jaalala_dhuga
O @jaalala_dhuga
I @jaalala_dhuga
N @jaalala_dhuga
Milka'inaa si farsaa

Tazzabee dadhabee
Lolaa xuwweef sussumaa
Garaan obsaa fixee
Yaada ofin gungumaa
Sukkummaan koobaa miti
Hunduu gara qaba
Milli kaayyoof ba'e
Sababaan kufe caba

Akka aduu bara hongee
Gama ganana natti waca
Maalin yakkee lata
Maaf yaadni natti bacaa
Madaa dawaa dhabe
Okkoleen kulkulfadhaa
Qalbii yaadni booji'e
Amma yoomittan bulfadhaa?

Namarra dhabee gargarsaa
Qalbiinis na yaarate
mogolee nama buusaam
Halkaan rakkoon dheeratee

Facastee badee malee
Kattarraa biqilaan hin marguu
Rakkachuunis baayeessaa
Keessaan gaarii arguu
Obsuun hundaaf furmataa
Hin yaadin garaan shiraa
Aduun haar'a lixxuuf
Boruuf abdituu jira

Garuu....
Danuu dheeratuu si arsaa
Halkanuu sin raffisuu
Abjunuu mil'anaa si farsaa



@obsiin (Obsaa Baqqalaa)

#walaloon_afoolaa
@bashannanuuf
Forwarded from Media Ko
Afaan Oromoo afaanota addunyaa kanarratti namoota baay’eedhaan dubbataman keessaa isa tokkoofi afaanota guguddoo jedhamanii kaa’aman keessatti akka ramadamu ogeessonni afaanii ni ibsu.

"Afaan Oromoo afaan saba guddaa akka ta’eefi Itoophiyaa keessatti lafa bal’aa irratti (Bahaa hanga Lixaatti, akkasumas kaabaa hanga kibbaatti) afaan dubbatamu ta’uu eera." Giraag

"Afaan Oromoo afaanota gaanfa Afrikaatti bal’inaan dubbataman keessaa isa tokko yoo ta’u, sadarkaa 3ffa (Iswaahliifi Hawusaatti aanee) irrattis akka argamudha." Giraag

"Afaan Oromoo afaanota Nuubiyaa durii keessaa tokko akka ta’eefii afaan ummata guddaadhaan dubbatamu ta’uu ibsu." Maarshaal Di Saalvaayik

"Afaan Oromoo Itoophiyaa keessatti qofa kan dubbatamu osoo hinta’iin biyyoota gaanfa Afrikaa kanneen akka Keeniyaa, Sumaaliyaa, Jibuutii, Taanzaaniyaafa’ittis akka dubbatamu ragaalee danuun ni ibsu." Hayyuun
afaanii, Obbo Dirribaa Tarrafaa

Maddi:- Gaazeexaa Bariisaa

@JIRRA_OROMIA
@JIRRA_OROMIA
HAQA KANNIISAA

Maaf jaju kanniisa?
Waliin lagdi malee,
Walitti hagdi malee
Kan biraa maal goote?

Maal uuman akkaanaa!
olaanaan ejjeteet
gad aanaan hojjeteet
mootii harma hootee

Nu'uu nu sobdeerti,
sagal muka kortee
sagal qaawwa urtee
yoo ilillii suuftu;

Nuttuu fakkaatera;
yoo tuutan bobbaatu
yoo nyaaran gad baatu
gaafa damma buuftu!

Edaa ishiin yarii !
kaan yaabdeet,
kaan hammattee mugdii
Kaan hagdeet,
kaan fincooftee dhugdii
Waraabessuu kan garaa jaalatu
Yoom akka kanniisaa,
waa hageetoo hin nyaatuu!