Sona walaloo
1.92K subscribers
145 photos
16 videos
32 files
198 links
Sona baay'ee argattu!!
@Walaloo
@Barumsa jajjabeessan
Download Telegram
#Gorsa_kanarraa_hubadhuu!!

➾ ammamuu beektuu gorsa hin tuffatiin!!
➾ dubattii hafteef wan carraa fixattee hin see'in!!
➾ gadditeef hin bo'in furmaata waaraa barbadii!!
➾ gaafa milkoofte kana keessa darbitee yaadadhu!!

➾ nama kabajii kabajaa argattaa!!
➾ hin sobiin sobni riqichaa kufuudha
➾dhugaaf cichii dhugaan nama hin gattu!
➾ nama jabadhuu sin jedhu yoo dhabdee harkaa kee mirgaan bitaa qabi jabadhuu ofiin jedhi abdii horattaa!!
➾ gaafa wa nama gaafattuu abdattee hin gaafatiin tarii yoo si dhorkatee ni haarta!!
➾ kufuu keetti hin gaddiin maalifan kufee? Sababnii maali jedhi yaadi!!

➾ barruu guyyaa tokkoo si olchee atimmoo waggaa baayee olchii!!
➾ harkaa irraa nyaatte hin nyaatin!!
➾ nama jaaladhu garuu hin amaniin garaan nama fagoodha!!

yoo jaalattef xiqqoo si barsisee ta'e qofa #share naf godhii hiriyyaa kee gara chaanelii kana affeeri

@obsiin

#walaloon_afoolaa



😱😱Oduu gammachisaa 🙈🙈

Kun channel youtube irratti barumsaa tech mobile app fi wantotaa kan fakkatan afaan oromoo afaan sabaa gudaa dhan barsisaa turee kuno telegram irraattis barsisuu egalee jiraa....

Please join godhaa baradhaa afaan keessanini

Bardhaa

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Channel photo updated
Kaayyoon koo

Lafaa garaan yaade
Deemsan nama darartii
Jiruu qalbiin hawwee
Kaayyoon koo na marartii

Imaala karaa fagoo
Bu'a ba'iin waddee
Obsuun fala qaba
Anis hin hafuu gaddee

Bara dhufee darbuu
Haala maraan midhamee
Guyyaa tokkoon furamaa
Kaayyoon koof yoon hidhamee

Dhabuus nama
Namaa na gafatuu
Garaan koo obsaa qaba
Ta'efis hin arifatuu

Biyyaa koo finfinnee
Boolee xiyyaraa sararaa
Hin dhisuu deemsa koo
Kaayyoon koo na mararaa


@obsiin
Forwarded from Leka Printing®️
Warreen kutaa lammaaffaa eegaa jirtan kunooti👇👇
https://www.youtube.com/watch?v=ddZ3h1SHsqs
Forwarded from ቲ-SHIRTS STORE
BURQAA IMIMMAAN KOO

Roobni waqtii arfaasaa itti roobee akka
burqaa baddeessaa jalaa ganamaa fi galgala
mirgisee taalila burquutti burqaan
imimmaan koo burqa.Madaan keessa kootti
akka ooyiruu arfaasaa qotamee bullaa’ee
diimatee alatti ba’ee waan mul’atu natti
fakkaata.

Qotee bulaa qaxaleen osoo argee meesee
xaafii waan facaasun seha. Keessi koo
madaa dha. Madaa madaa’ee waan qoorsu
dhabe. Akka madaa jaldeessaa horfaan itti
baay’atee har’a bor fayyaa osoon jedhuu
ittuu madaa’ee na dhiiga.

Madaa kulkulfachuun jiruu koo guyyuu
natti ta’e. Isan argadherra isan argee
dhabetu caale. Jaalala ho’aa afuufan hin
qabbanoofne jedhee harkaan qabetu
qabbanaa’ee na harkatti bushaa’e.
Namni nyaata miti yaada gabbata. Ani
yaadni mana natti ijaareetun taa’ee
yaadaan yeelala. Dhukkubbii koo
dhokfadhee jiraadhus yaadaa fi yaaddoo
mataa koo dhoksuun naa danda’amaaree?
Imimmaan namaa callisee hin bu’u.

Ani jaalalan siif qabu duriirra erga ati narraa
adda baatee miila fageeffatee natti caale.
Sagaleen dhaga’u hundi sagalee kee natti
fakkaata. Siin yaaduu fi karaa ilaaluun
dhibee guddaa natti ta’ee jira. Cabni laphee
koo caba lafee caale. Caba lafee ni fayyu
kan kee kun kan hin fayyine natti ta’e.

Jiruu fi jireenyi akka tasaa waan namni hin
eegne akka namatti uumtu nan beeka.
Garuu, akkas gargar fagaannee halaalaa si
kajeela jedhee takkaa yaadaan miti
abjuunuu abjoodhee hin beeku.

Akkam ta’u maal godhu mee? Falli koo
maali ammas taa’ee si eeguu,boo’uu?
Karoora waliin baafannee dur jiraanna
jechaa turre faallaa ta’ee yeroon argu
‘’maraadhu’’ naan jedha. ‘’Funyoo fudhuu
of balleessi naan jedha’’. Jaalalan siif qabu
ni beekta. Na hubattas jedheen amana ture.
Ati garuu jiruu biyya ormaa filatte. Isa
ho’ifatte. Ani gadduu fi boo’uun koo homaa
fakkaatee sitti hin mul’atu natti fakkaata.

Bilbilaan ‘’jabaadhu hamma xiqqo’’ naan
jechuun kee yeroof hamman si faana
odeessutti yoo na jajjabeesse malee achiin
booda homaa hiika naaf hin laatu. Mana
duwwaatu natti huursa. Humnatu na bu’a.
Maalifan jiraachaa jiraa na jechisiisa.
Akkas jechuun koo si jibbee miti. Garuu, of
fuulduraan si dhabe.

Si hammachuu, si
dhungachuu, jaalala keenya kunuunsuun
hawwe. Garaa jabina dur hin beektu amma
eessaa akka akkas garaa jabaatte Waaqni fi
lafti haa beeku.
Elaa ammas waan tokko na hubadhu
imimmaan koo ganamaa fi galgala yaa’ee
fuula koorra ciisu hammam akkan si
yaaduu fi siif jedhee garaan raafamu siif
haa ibsu.

Nagaatti !!

Ana hriyyaa kee kan Finfinnee jirtu.
Hiriyyaa koo biyya Ameerikaanii jiruuf ..


@MADDA_JAALALAA
@MADDA_JAALALAA
Narraa hin fagatinii
Ijan silaluun fedha
Xiqqoo ofbira si dhaabu
Onneen koo si jedha
Forwarded from Sabaaf App (🤔zak)
Afaanuma kenyaan ha baranuu

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/0zUOFYxcu2U
Share it
https://youtu.be/0zUOFYxcu2U


https://youtu.be/0zUOFYxcu2U


https://youtu.be/0zUOFYxcu2U
#maal_jedhu_laata??

Warrii qalbii yartuu
Hundumaa harkaa ka'anii
Mara bukeessuu sila
Afaanin gad hin ta'anii

Gaafa Lammaa fi Abiyyii
Biyyaa kuftee ijaaruf katanii
Warri arrabni hin qabne nagaa
Jaarri kun jedhani ni maraatanii

Jaalalan mo'aaniti male
Jibbaan miti geggeessuu
Kottuu tokkoo tana jedhanii
Addunyaan yaa nu dhageessuu

Harkaa wal qabatanii
Mudhii ofii hidhaatii
Yoo ka'an akkaa oromoottii
Akka
Lammaaf Abiyyii
Ilmaan abbaa Gadaattii

Garuu...
Arrabni fi ilkeenu wal loluu
Gola tokko keessaa ta'anii
Garuu kaayyoon jara tokkoo
Wal malee socho'uu hin danda'anii

Lammaan tumsaa Abiyyii bareeda
Abiyyiin tumsaa Lammaa milka'aa
Odeesituun arrabni oduu bareetu
Sila hundaa harkaa ka'a

Jedhanii warrii arabni doome
jarrii lakkii walittii deebite
Biyyaa bulchuu miti
Kompasiin walii galu harkaa batee

Ija babasanii golee arfanii
Warrii qaniin itti hin jirree
Lakkii Abiyyiif Lammaan qaama
Waliif dawoodha isaantuwaliif hirree

Inni kalee biyyaa isa hin beekne
Haarumaa ka'e ka'a furmataa
Kan biyyaaf miti isafuu tanee
Wanumaa itti dhufee dubbataa

kanafuu
Abiyyiif Lammaan Araaramanii
Ijoolleen abbaa tokkoo
Ya isaa joortee hundaa jettee
Ofumaaf ofittii dabaltaa rakkoo

Tokkummaan humnaa
Jaalalli hundaa moo'ataa
Warrii kalee arrabaa dheeressanii
Haara hoo maal jedhu lataa?


@obsiin

#walaloon_afoolaa
#walaloon_afoolaa
Qooqa sagalee keeti
Ishee akka kiroolee barraqaa
Yoon dhagahuu michuu koo
Onnee kootu na burraqaa

Odaa karraa keessanii
Bufannee yoo waliin boqonnee
Gammachuun koo dabalaa
Qabbanee koo bonsituu onnee

@obsiin
#Harmee_koo!!

Wan garaan ofii yaade
Arrabni basee jedha
Hundaa dursee harmee
Nagaan akka sif ta'un fedhaa

Ani mucaan kee nagaa kooti
Ati akkamii nagaadha hayyoo
Barumsaa jedheen sirraa fagadhee
Da'eeffadheen male kaayyoo
Garaan koo jaalate miti
Ammanaa sirraa fagachuu
Homaa miti harmee
Nagaa naf ta'i gam lachuu

Maaluma jedhu jecha
Kamtuu jaalala kee ibsa
Ati waa maraa kooti
Jirachuu keetu garaa na cibsaa

Xurree karaa fagoo
Jireenya dhundhumaa liqimsee
Umrii naf dheeradhuu hayyoo
Ani waaqan sif kadhaa cimsee

Bifa kee bareedduu dhabdee
Ana guddisuuf inni ati cabdee
Seenaadha seena bara dheeraa
Jireenyi harmee hin qabne
Dukkaanan wal fakkattii argeeraa

Dhiiga kee cobsitee
Roobaaf aduu hin jennee
Wa maraa obsitee
Qomattii na qabdaa
Lafaa nan keessuu
Naf kuftee kataa cabdaa

Dugdii keetti ba'a battaa
Yoom nan jetteree himmee koo
Achi ta'i natti ulfattaa
Anas battee tirsitaa jiruu kee
Kee kuni maali harmee
Garaa na nyaate jaalalli kee

Osoo hin nyaatin
Osoo hin dhugiin naaf lattaa
Qooqaa kee hidhattee
Kan koo guutuuf kattaa
Ofiibkee dalachooftee
Ana dibataan bareessitaa
Kee mara dhiiste
Fedhii ko hundaa naf tarreessitaa

Yaa uuma koo
Ati inni naf lattee miraa
Kadhataa koo dhaga'ii maloo
Ani fulaa keen jira
Harmee koo dessuu
Waaqayyoo harkii kee
Qabe naf ya geggessuu

Otoo ati hin jirree harmee
Anis jirachuun koo sobaa
Ulfinaa jaalala kee dessee koo
Ani mucaa kee maliniin goolaba

Hayyoo koo hayyulee
Akki kee hin jiru saamii gadittii
Hamtuun sin arginii
Bobba'ii galii bakka jirtuttii

@obsiin

#mucaa kee @obsiin (Garramaadha)

#Arba_minch_university_irraa

#Harmee_koo_Boolee_safaraa_Gooroottii_Argatuu

#Ayyaluu_A. tif
Game baredaa namni heduu jaltee.....

Link armaan gadin download godhadhaa

Yeroo link kan galatani yoo waa isini fidee skip gochuun birraa darbaa

http://libittarc.com/1UKt
#dhimmaa_keeti

Si jibben jedheera
Narraa hin mulqiin mirgaa
Jaalala kee miti
Hin fedhu ijan si argaa

Arrabaan na hoksaa
Jechaan na moksaa
Mul'ataa egeree koo
Kaayyoo koo xurree dhoksaa
Irraa gubbaa isa afuuftuu
Gocha kee rebdaa akka dibbee
Irra gubbaa isa na fakkeessituu
Jaalala sobaa jibbee

Ati.....
Of keef ni boonta
Anan tuffattee laltaa
Ati maalimee jamaa
Eenyu eenyumaa caaltaa?

Keessaa koo madeessitee
Ofii keef labsattaa nageenya
Bitaaf mirgaa kee lalii
Enyuuf tataa fakkeenya
Karrii golaa keeti
Maaf na bataa hammeenya?

Karaan keen ya ta'u
Karaa dugdaa lukkuu
Dinagdeen karaa kee dhufee
Nan fayyaduu beeka hin shakkuu

Midhaame jette boossa
Moo midhamuu qalbiin feeti
Akka garaa kee ta'i
Nan midhuu dhimmaa keeti

@obsiin

#Yaadannoo_Nama_guddinaa_koo_jibbuuf!!!!
Kennaa ko

Kennaa koo sirrii
Badhaasumaa addaa
Maddaa gammachuu koti
Si keessaa naf maddaa

Amalaa qabeetti koo
ya hadhaa firaa
Iyyafachaa naf kottuu
#Finfinnee booleen jiraa

lagaa harreerraan dhuftee
Garjii gad darbinanii
Bolee gooroo na gafadhuu
Na argatta safaraa na iyyafannanii

Silaa sifaan bo'a
Jaalala ke imimmaan busee
Nan nyanne malee
Onneetu natti yusee

Ija dawwannaa ke baree
Qabuun hin olchu argaa
Lafaa fanni ke ejjetee
Jaalalatu latee margaa

Simboo umaan badhasee
Lallabee namaa wamaa
Safuuf enyummaa ke
Adeemsaa ketu dhamaa


Hiriyyaa koon ittin affeeradhee atis ittin affeerradhuu❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️

by @Obsiin

@walaloon_afoolaa
@walaloon_afoolaa
Waaq!! Na milkeessii mee
Garaan koo fagoo yaada
Kaayyoo miila dhabee ta'e
Fayyaattan silaa okkolaa

Jireenyi addunyaa kuni
Jirbii rakkinaa naman foo'a
Mee na gargarii uumaa koo
Situu haalarrattii moo'a

Homaa dhibeen dadhabee
Addunyaan kuni ni ulfataa
Kaayyoo jedhee guggufaa
Hundumaa callisee bulfataa

Xuxxuqaan baayatee
Imimmaan rakkinaan cobsaa
Waaq!! Na gargarii maloo
Garaan koo dadhabee obsaa!!


@obsiin

#walaloon_afoolaa
#walaloon_afoolaa

Plz hiriyyaa kee itti naf affeerii #share naf godhi
Walii gallaan ala galu
Shiraa rakkoo mo'atuu
Waliin tumsinaan dhiroo
Yaaddo guddaa too'atuu
💪💪💪💪💪💪💪💪
Tokkummaan dhibnaan
Abba argeetu si dhiiksa
Tokkummaan jirannaan
Humni tokkomee wa jiiksa


@obsiin
Warreen admin nuuf kennuun nu waliin Hojjechuu barbaaddaniif karaan keenya banaadha

@Kaachaalluu
@Kaachaalluu

Chaanalota Kalaqaan Chaanaalii @Walaloon_Jaalalaa irratti admin ta'e tartiiban

1. @Jirra_oromia
2. @MarkEmpire
3. @Dura_photography
4. @Dambalii_Jaalalaa
5. @HumnaJaalalaa
6. @Galleryketchw
7. @Eelaa_Jireenyaa
8. @Orostech
9. @NIMOONATUBE
10. @Qeerroohaaromsaaharmee
11. @Informationera
12. @mudeinfo
13. @Qoosikaa
14. @Simbookee
15. @Walmalee
16. @Ardii_kitaaba
17. @dhalootaaf
18. @bashannanuuf
19. @GADAAMELBAA1
20. @XachishaBorena
21. @Tawaahidoo
22. @siifj
23. @realgugu
24. @nehushten

Nutti ida'amana @Kaachaalluu
Jiru dhiiban hin siqnee
Isa ta'e imimmaan callaa
Bareedduu intaala oromtichaa
Wal fudhannee
#finfinnee galla

Jaarsa biyya baase
Guttadhee duudhaa
Intaala safuu beektuu
Jedheraa sumaan fuudha


@obsiin
👇👇👇👇👇👇👇
#walaloon_afoolaa👈 jo
#walaloon_afoolaa 👈in godhi
Forwarded from Odaa Electronics via @Qualitymovbot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM