Sona walaloo
1.92K subscribers
145 photos
16 videos
32 files
198 links
Sona baay'ee argattu!!
@Walaloo
@Barumsa jajjabeessan
Download Telegram
Lemmanee koo
Lemmanaa qarre doddotaa
Yubaa kee narra qabii
Mormaa kee jalan dhamoota

Sabbataa hiteemoo
Mudhiin kee zinnaraa kana
Jiruu na dhowwitee
Qalbii koo boojitee ana

Ejersaa oyruu keenya
Gammachuutuu jirmatti mure
Ani qallaan kee furdadhaa lataa
amma yartuu osoon siifana ture

Bashaashaa koo kommee
Haraa haramayyaa bashaanaa
Qabbanee sooraa onnee
Jiruu koo sumas faana

@obsiin

#walaloon_afoolaa
Geemii ajaa'ibaa๐Ÿ˜ฑkan baayyee jaallattan, sammuu namaa hedduu jijjiira

https://www.youtube.com/watch?v=d7vOzTx-I70
Dullachaa gabaa basanii
Wayii jedhuree kormaa
Ati keen boonii
Hin fedhiin kan hormaa

cubbuxoon sobaa hin tatuu
Galaa karaa dheeraa hoofuu
Ofiif ofjabeeffadhuu lakkii
Wan harkaa ofii ofiif quufuu

@obsiin
Forwarded from Golden SHOW via @Qualitymovbot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
๐Ÿงฒ๐Ÿงฒ๐Ÿงฒ๐Ÿงฒ๐Ÿงฒ๐Ÿงฒ๐Ÿงฒ๐Ÿงฒ๐Ÿงฒ๐Ÿงฒ๐Ÿงฒ๐Ÿงฒ
Chaanaalota beekkamoo fi
guguddoo ta'an join godhaa

๐Ÿ•Š๐Ÿ•Š๐Ÿ•Šโšซ๏ธ๐Ÿ”ดโšช๏ธโšซ๏ธ๐Ÿ”ดโšช๏ธ๐Ÿ•Š๐Ÿ•Š๐Ÿ•Š


๐Ÿ“ธ Suuraalee Oromoo mimmiidhagoo fi hawwatoo ta'an qofa .... ๐Ÿ“ฑ
======================
๐Ÿ‘ธ suuraa Moodeelistoota Oromoo bebbekamoo ta'an
======================
๐Ÿ˜‚bashannanaaf , kolfaa, baacoo, meme, fi k.k.f ....niif seeqaatti makamaa
======================

MM Dr.Abiy Ahmed ABO waliin...See more

โšก๏ธOur channelโšก๏ธ
Forwarded from Deleted Account
โœ…Filadhaa hunda bakka tokkotti


๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ๐ŸŒ


โฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธโฌ‡๏ธ
#Gorsa_kanarraa_hubadhuu!!

โžพ ammamuu beektuu gorsa hin tuffatiin!!
โžพ dubattii hafteef wan carraa fixattee hin see'in!!
โžพ gadditeef hin bo'in furmaata waaraa barbadii!!
โžพ gaafa milkoofte kana keessa darbitee yaadadhu!!

โžพ nama kabajii kabajaa argattaa!!
โžพ hin sobiin sobni riqichaa kufuudha
โžพdhugaaf cichii dhugaan nama hin gattu!
โžพ nama jabadhuu sin jedhu yoo dhabdee harkaa kee mirgaan bitaa qabi jabadhuu ofiin jedhi abdii horattaa!!
โžพ gaafa wa nama gaafattuu abdattee hin gaafatiin tarii yoo si dhorkatee ni haarta!!
โžพ kufuu keetti hin gaddiin maalifan kufee? Sababnii maali jedhi yaadi!!

โžพ barruu guyyaa tokkoo si olchee atimmoo waggaa baayee olchii!!
โžพ harkaa irraa nyaatte hin nyaatin!!
โžพ nama jaaladhu garuu hin amaniin garaan nama fagoodha!!

yoo jaalattef xiqqoo si barsisee ta'e qofa #share naf godhii hiriyyaa kee gara chaanelii kana affeeri

@obsiin

#walaloon_afoolaa
โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…โœ…


๐Ÿ˜ฑ๐Ÿ˜ฑOduu gammachisaa ๐Ÿ™ˆ๐Ÿ™ˆ

Kun channel youtube irratti barumsaa tech mobile app fi wantotaa kan fakkatan afaan oromoo afaan sabaa gudaa dhan barsisaa turee kuno telegram irraattis barsisuu egalee jiraa....

Please join godhaa baradhaa afaan keessanini

Bardhaaโ•โ•โ•

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Channel photo updated
Kaayyoon koo

Lafaa garaan yaade
Deemsan nama darartii
Jiruu qalbiin hawwee
Kaayyoon koo na marartii

Imaala karaa fagoo
Bu'a ba'iin waddee
Obsuun fala qaba
Anis hin hafuu gaddee

Bara dhufee darbuu
Haala maraan midhamee
Guyyaa tokkoon furamaa
Kaayyoon koof yoon hidhamee

Dhabuus nama
Namaa na gafatuu
Garaan koo obsaa qaba
Ta'efis hin arifatuu

Biyyaa koo finfinnee
Boolee xiyyaraa sararaa
Hin dhisuu deemsa koo
Kaayyoon koo na mararaa


@obsiin
Warreen kutaa lammaaffaa eegaa jirtan kunooti๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.youtube.com/watch?v=ddZ3h1SHsqs
Forwarded from แ‰ฒ-SHIRTS STORE
BURQAA IMIMMAAN KOO

Roobni waqtii arfaasaa itti roobee akka
burqaa baddeessaa jalaa ganamaa fi galgala
mirgisee taalila burquutti burqaan
imimmaan koo burqa.Madaan keessa kootti
akka ooyiruu arfaasaa qotamee bullaaโ€™ee
diimatee alatti baโ€™ee waan mulโ€™atu natti
fakkaata.

Qotee bulaa qaxaleen osoo argee meesee
xaafii waan facaasun seha. Keessi koo
madaa dha. Madaa madaaโ€™ee waan qoorsu
dhabe. Akka madaa jaldeessaa horfaan itti
baayโ€™atee harโ€™a bor fayyaa osoon jedhuu
ittuu madaaโ€™ee na dhiiga.

Madaa kulkulfachuun jiruu koo guyyuu
natti taโ€™e. Isan argadherra isan argee
dhabetu caale. Jaalala hoโ€™aa afuufan hin
qabbanoofne jedhee harkaan qabetu
qabbanaaโ€™ee na harkatti bushaaโ€™e.
Namni nyaata miti yaada gabbata. Ani
yaadni mana natti ijaareetun taaโ€™ee
yaadaan yeelala. Dhukkubbii koo
dhokfadhee jiraadhus yaadaa fi yaaddoo
mataa koo dhoksuun naa dandaโ€™amaaree?
Imimmaan namaa callisee hin buโ€™u.

Ani jaalalan siif qabu duriirra erga ati narraa
adda baatee miila fageeffatee natti caale.
Sagaleen dhagaโ€™u hundi sagalee kee natti
fakkaata. Siin yaaduu fi karaa ilaaluun
dhibee guddaa natti taโ€™ee jira. Cabni laphee
koo caba lafee caale. Caba lafee ni fayyu
kan kee kun kan hin fayyine natti taโ€™e.

Jiruu fi jireenyi akka tasaa waan namni hin
eegne akka namatti uumtu nan beeka.
Garuu, akkas gargar fagaannee halaalaa si
kajeela jedhee takkaa yaadaan miti
abjuunuu abjoodhee hin beeku.

Akkam taโ€™u maal godhu mee? Falli koo
maali ammas taaโ€™ee si eeguu,booโ€™uu?
Karoora waliin baafannee dur jiraanna
jechaa turre faallaa taโ€™ee yeroon argu
โ€˜โ€™maraadhuโ€™โ€™ naan jedha. โ€˜โ€™Funyoo fudhuu
of balleessi naan jedhaโ€™โ€™. Jaalalan siif qabu
ni beekta. Na hubattas jedheen amana ture.
Ati garuu jiruu biyya ormaa filatte. Isa
hoโ€™ifatte. Ani gadduu fi booโ€™uun koo homaa
fakkaatee sitti hin mulโ€™atu natti fakkaata.

Bilbilaan โ€˜โ€™jabaadhu hamma xiqqoโ€™โ€™ naan
jechuun kee yeroof hamman si faana
odeessutti yoo na jajjabeesse malee achiin
booda homaa hiika naaf hin laatu. Mana
duwwaatu natti huursa. Humnatu na buโ€™a.
Maalifan jiraachaa jiraa na jechisiisa.
Akkas jechuun koo si jibbee miti. Garuu, of
fuulduraan si dhabe.

Si hammachuu, si
dhungachuu, jaalala keenya kunuunsuun
hawwe. Garaa jabina dur hin beektu amma
eessaa akka akkas garaa jabaatte Waaqni fi
lafti haa beeku.
Elaa ammas waan tokko na hubadhu
imimmaan koo ganamaa fi galgala yaaโ€™ee
fuula koorra ciisu hammam akkan si
yaaduu fi siif jedhee garaan raafamu siif
haa ibsu.

Nagaatti !!

Ana hriyyaa kee kan Finfinnee jirtu.
Hiriyyaa koo biyya Ameerikaanii jiruuf ..


@MADDA_JAALALAA
@MADDA_JAALALAA
Narraa hin fagatinii
Ijan silaluun fedha
Xiqqoo ofbira si dhaabu
Onneen koo si jedha
Forwarded from Sabaaf App (๐Ÿค”zak)
Afaanuma kenyaan ha baranuu

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/0zUOFYxcu2U
Share it
https://youtu.be/0zUOFYxcu2U


https://youtu.be/0zUOFYxcu2U


https://youtu.be/0zUOFYxcu2U
#maal_jedhu_laata??

Warrii qalbii yartuu
Hundumaa harkaa ka'anii
Mara bukeessuu sila
Afaanin gad hin ta'anii

Gaafa Lammaa fi Abiyyii
Biyyaa kuftee ijaaruf katanii
Warri arrabni hin qabne nagaa
Jaarri kun jedhani ni maraatanii

Jaalalan mo'aaniti male
Jibbaan miti geggeessuu
Kottuu tokkoo tana jedhanii
Addunyaan yaa nu dhageessuu

Harkaa wal qabatanii
Mudhii ofii hidhaatii
Yoo ka'an akkaa oromoottii
Akka
Lammaaf Abiyyii
Ilmaan abbaa Gadaattii

Garuu...
Arrabni fi ilkeenu wal loluu
Gola tokko keessaa ta'anii
Garuu kaayyoon jara tokkoo
Wal malee socho'uu hin danda'anii

Lammaan tumsaa Abiyyii bareeda
Abiyyiin tumsaa Lammaa milka'aa
Odeesituun arrabni oduu bareetu
Sila hundaa harkaa ka'a

Jedhanii warrii arabni doome
jarrii lakkii walittii deebite
Biyyaa bulchuu miti
Kompasiin walii galu harkaa batee

Ija babasanii golee arfanii
Warrii qaniin itti hin jirree
Lakkii Abiyyiif Lammaan qaama
Waliif dawoodha isaantuwaliif hirree

Inni kalee biyyaa isa hin beekne
Haarumaa ka'e ka'a furmataa
Kan biyyaaf miti isafuu tanee
Wanumaa itti dhufee dubbataa

kanafuu
Abiyyiif Lammaan Araaramanii
Ijoolleen abbaa tokkoo
Ya isaa joortee hundaa jettee
Ofumaaf ofittii dabaltaa rakkoo

Tokkummaan humnaa
Jaalalli hundaa moo'ataa
Warrii kalee arrabaa dheeressanii
Haara hoo maal jedhu lataa?


@obsiin

#walaloon_afoolaa
#walaloon_afoolaa
Qooqa sagalee keeti
Ishee akka kiroolee barraqaa
Yoon dhagahuu michuu koo
Onnee kootu na burraqaa

Odaa karraa keessanii
Bufannee yoo waliin boqonnee
Gammachuun koo dabalaa
Qabbanee koo bonsituu onnee

@obsiin
#Harmee_koo!!

Wan garaan ofii yaade
Arrabni basee jedha
Hundaa dursee harmee
Nagaan akka sif ta'un fedhaa

Ani mucaan kee nagaa kooti
Ati akkamii nagaadha hayyoo
Barumsaa jedheen sirraa fagadhee
Da'eeffadheen male kaayyoo
Garaan koo jaalate miti
Ammanaa sirraa fagachuu
Homaa miti harmee
Nagaa naf ta'i gam lachuu

Maaluma jedhu jecha
Kamtuu jaalala kee ibsa
Ati waa maraa kooti
Jirachuu keetu garaa na cibsaa

Xurree karaa fagoo
Jireenya dhundhumaa liqimsee
Umrii naf dheeradhuu hayyoo
Ani waaqan sif kadhaa cimsee

Bifa kee bareedduu dhabdee
Ana guddisuuf inni ati cabdee
Seenaadha seena bara dheeraa
Jireenyi harmee hin qabne
Dukkaanan wal fakkattii argeeraa

Dhiiga kee cobsitee
Roobaaf aduu hin jennee
Wa maraa obsitee
Qomattii na qabdaa
Lafaa nan keessuu
Naf kuftee kataa cabdaa

Dugdii keetti ba'a battaa
Yoom nan jetteree himmee koo
Achi ta'i natti ulfattaa
Anas battee tirsitaa jiruu kee
Kee kuni maali harmee
Garaa na nyaate jaalalli kee

Osoo hin nyaatin
Osoo hin dhugiin naaf lattaa
Qooqaa kee hidhattee
Kan koo guutuuf kattaa
Ofiibkee dalachooftee
Ana dibataan bareessitaa
Kee mara dhiiste
Fedhii ko hundaa naf tarreessitaa

Yaa uuma koo
Ati inni naf lattee miraa
Kadhataa koo dhaga'ii maloo
Ani fulaa keen jira
Harmee koo dessuu
Waaqayyoo harkii kee
Qabe naf ya geggessuu

Otoo ati hin jirree harmee
Anis jirachuun koo sobaa
Ulfinaa jaalala kee dessee koo
Ani mucaa kee maliniin goolaba

Hayyoo koo hayyulee
Akki kee hin jiru saamii gadittii
Hamtuun sin arginii
Bobba'ii galii bakka jirtuttii

@obsiin

#mucaa kee @obsiin (Garramaadha)

#Arba_minch_university_irraa

#Harmee_koo_Boolee_safaraa_Gooroottii_Argatuu

#Ayyaluu_A. tif
Game baredaa namni heduu jaltee.....

Link armaan gadin download godhadhaa

Yeroo link kan galatani yoo waa isini fidee skip gochuun birraa darbaa

http://libittarc.com/1UKt
#dhimmaa_keeti

Si jibben jedheera
Narraa hin mulqiin mirgaa
Jaalala kee miti
Hin fedhu ijan si argaa

Arrabaan na hoksaa
Jechaan na moksaa
Mul'ataa egeree koo
Kaayyoo koo xurree dhoksaa
Irraa gubbaa isa afuuftuu
Gocha kee rebdaa akka dibbee
Irra gubbaa isa na fakkeessituu
Jaalala sobaa jibbee

Ati.....
Of keef ni boonta
Anan tuffattee laltaa
Ati maalimee jamaa
Eenyu eenyumaa caaltaa?

Keessaa koo madeessitee
Ofii keef labsattaa nageenya
Bitaaf mirgaa kee lalii
Enyuuf tataa fakkeenya
Karrii golaa keeti
Maaf na bataa hammeenya?

Karaan keen ya ta'u
Karaa dugdaa lukkuu
Dinagdeen karaa kee dhufee
Nan fayyaduu beeka hin shakkuu

Midhaame jette boossa
Moo midhamuu qalbiin feeti
Akka garaa kee ta'i
Nan midhuu dhimmaa keeti

@obsiin

#Yaadannoo_Nama_guddinaa_koo_jibbuuf!!!!