Barattoota oromoo
20K subscribers
1.14K photos
271 videos
3.68K files
900 links
Channel kun dhimma barattoota oromoo irratt odeeffannoo garagaraa dhiyeessa

Yaada fi qeeqaa karaa @Barattootaorobot jedhun nuuf kenna

⚡️⚡️Karaa YouTube dhan nu hordofuuf https://www.youtube.com/@OroAcademy⚡️⚡️

https://telega.io/c/Barattootaoromo
Download Telegram
💡 Akkam nagaa jirtuu maatiin #BarattootaOromo🩸

📍 Akkuma beekamu barattootni keenyaa kan qormaata kutaa 12ffaa, seensa University fudhatanii firii qormaata eegachaa jirtan :- 🚩 Hanga firiin qormaata deebii'uuf calliftani lafa taa'u irra waan gochuu qabdan.


1⃣ Spoortii 🏋🤺🤸🏒 adda addaa dalagaa.

2⃣ Kitaabilee garagaraa dubbisaa📕📚🗂📘

3⃣ Maatii keesaan hojii tokko tokko gargaara.

4⃣ Yaadoo fi cinqii keessa hin galiina.

5⃣ Nama qaroo ta'i, hanga firiin qormaataa deebi'ee, qabxiin darbiinsa himame, rammadiin bahuuf, hojii xiqqoo illee taatu hojjadhaa waan galii argamsiisu.

📚 @barattootaoromo 📚
📚 @barattootaoromo 📚

Yaadaa fi qeeqa qabdan kara
💬@barattootaorobot 💬 nuun
gaha.

Qopheesse kan dhiyeesse @Yolee77
📚 Hayyee Hayyee akkam nagaa fayyaa jirtuu maatiin @Barattootaoromo

Sagantaan #Add, #Subscribe godhaa badhaafama akkuma itti fuufe jira.

👌📍Sponsore 👌📚
Nama baayyee arganne jira waan ta’eef add godhaa badhaafama.
Yunivarsitichi barattootasaa qaxalee eebbisiise, badhaase


Yunivarsitiin Barnootaa Kotobee barattootasaa 78 "Kotebe Metropolitan University, Menilik I Science Shared Campus"tti barachaa turaniifi qormaata kutaa 12ffaa bara 2013tiin qabxii olaanaa galmeessisan bakka maatiin barattootaa, pirezidaantiin yunivarsitichaa Doktar Birhaanamasqal Xannaa, barsiisonniifi barattoonni jalaa dhufan, hogganaan Biiroo Barnoota Finfinnee Obbo Zalaalam Mulaatuufaan argamanitti har'a sirna ho'aadhaan waraqaa ragaatiin eebbisiise, mobaayiliifi taabileetii badhaase.

Barattoonni mana barumsichaa qormaata kutaa 12ffaa kanaan akka biyyaatti qabxii olaanaa kan galmeessisan yoo ta'u, Alaazaar Takkaa Gammachuu Herregaafi Fiiziksii 100 keessaa 100 cufee qabxii waliigalaa
600 keessaa 563 fiduun akka biyyaatti tokkoffaa ta'ee badhaafameera.

Saganticharratti barattootasaa kutaa 12ffaa firii 600 ol galmeessisan 42f beekamtii kan kenne yoo ta'u, barsiisota barattoota kanneen ga'oomsuurratti gumaachanis badhaaseera.

@barattootaoromo
Rakkoo nageenyaa Yunivarsiitii Boongaatti mudateefi yaaddoo barattootaa

Rakkoo nageenyaa tibbana Yunivarsiitii Boongaatti uumameen barattoonni 50 ol ari’amuufi kan biroon lakkoofsi isaanii hin beekamne yunivarsiiticha dhiisanii bahuun himameera.  

Barattoonni 50 ol ari’aman kunneen hookkara lubbuu darbuu (fannifamee argamuu) barataa tokkoo hordofee uumameen ta’uu barattoonni himaniiru.  

'‘Dabalataan barattoonni lakkoofsi isaanii hin beekamnes yaaddoo nageenyaa qabanirraa ka’uun mooraa dhiisanii bahaniiru'’ jedhu barattoonni.

Barataan yunivarsiitichaa yaaddoo nageenyaa qaburraa kan ka’e maqaansaa akka hin himamne gaafate tokko, “ijoollee dhalattoota asiifi ijoollee Oromoo gidduutti akka tasaa mana kaaffee wayii keessatti (torbee tokko dura) lolli ka’ee, kanumarraan kan ka’e ijoolleen wal qeeqxe” jechuun BBC'ti himeera.

Taatee kana booda Yunivarsiiticha keessatti wal doorsisnii fi yaaddoon nageenyaa akka ture barataan kun hima.

Lubbuun barataa darbee argamuu…
Torbee darbe Kamisa Adoolessa 28, 2022 ganama barataa waggaa tokkoffaa mummee barnootaa Saayinsii Uumamaafi dhalootaan godina Iluu Abbaa Boor ta’e gamoo yunivarsiitichaa tokko irratti fannifamee lubbuun darbee argamuu barataan biraan BBC'n haasofsiise himeera.  

Baratichi Roobii galgala mana dubbisa kitaabaa yunivarsiitichaa akka tureefi halkan sana gara iddoo bulti (dormitory) akka hin deebine barataan nageenyasaaf maqaansaa akka hin himamne gaafate kun ni dubbata.

Sana boodas barattoonni dhalootaan Oromoo ta’an akkaataa du’a baratichaa irraa shakkii qabaachuun gaafii kaasuu isaanii hima.  

“Ijoollumti keenya ‘mucaan kun osoo of ajjeessuuf karoora qaba ta’ee biyya bosonaa keessa jirra; bosona hin lixuu?’ maal gochuu halkaniin gamoo sana gubbaa bahe?’ jechuun lola kaasanii ture,” jedha.  

Dabalataan “ijoolleen Oromoo ta’an ‘mucaan kun maalif du’e’ kan jedhuun walitti baay’atanii waa’eesaa haasa’uu jalqabnaan waardiyyoonnii fi hojjettoonni qe’ee keessaa ‘walbira hin dhaabbatinaa’ jechuun ijoollee keenya reebuu jalqaban,” jedha barataan kun.

Reeffi baratichaa iddoo fannifamee buufamee qorannoof ambulaansiin qe’ee Yunivarsiitichaatii bahullee akkaataa du’a baratichaa irratti gaafii barattoonni kaasaniif Yunivarsiitichi deebii akka hin laannees barataan kun hima.

Dhimmicharratti Kibxata Adoolessa 02, 2022 ibsa kan baase Paartiin Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), “barataa Darajjee Maammoo jedhamu, dhalootaan Godina Iluu Abbaa Booraa Ona Bachoo ta’e fannifamee ajjeesamuun reeffi isaa argamee jira,” jedhe.  

Dabalataan Yunivarsiitichatti barattoota dhalattoota Oromoo ta’an irratti “dhiibbaan qor-qalbiifi doorsisaa irratti deemsisamaa ture” jechuun dhaabichi komateera.

Gama biraatin Yunivarsiitiin Boongaa dhimma kana ilaalchisee ergaa fuula Feesbuukii isaarratti maxxanseen “gaddi barataa tibbana tasa dhabneen nutti dhagahame kan maatiin gadi ta’uu baatullee, barattoonni ajandaa badaa qaban tokko tokko dhimma du’a baratichaan hidhata hinqabne afarsuun qabeenya dhaabbatichaa barbadeessuu, hojjettoota dhaabbatichaa reebuufi hojiin baruu barsiisuu akka gufatu taasisuun dhaabbaticha irratti miidhaa geessisaniiru,” jedheera.

Haa ta’u malee, eenyummaa barataa kanaas ta’e sababa du’a isaa ilaalchisee yunivarsiitichi waan jedhe hin qabu.

Dhimma barattoota ari’amanfi mooraa dhiisanii bahanii
Rakkoo lubbuu darbuu barataa hordofee Yunivarsiitii Boongaa keessatti uumameen barattoonni dhalattoota Oromoo lakkoofsaan hin beekamne mooraa yunivarsiitichaa dhiisanii bahu barattoonni BBC'n himaniiru.  

“Ijoolleen hundi ‘ni galla’ jedhanii boorsaa fudhatanii bahan. ‘Hin galtan’ jedhanii nu dhorkan. ‘Yoo galtanis immoo mallatteessitanii baatu malee fedhii keessanin isin hin gaggeessinu’ jedhanii ijoollee baay’ee dhorkan” jedha barataan BBC'tti dubbate.

Barataan biraa ammoo “Yunivarsiitichi ‘taa’aa baradhaa, wanti lola geessisu hin jiru, ofiima keessaniin wal loltan, ofiima keessaniin mana daaktan, maal taatanii fiigdu’ gaafa jedhan ijoolleen immoo dhiphina keessa galan,” jedha.
​Galmeen Barattoota Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa Hagayya 23/2014 Akka jalqabamu Ibsame. 13/12/2014
========================
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hundi Barattootaa Bara 2015 barachuuf gara manneen barnootaa dhufan Hagayya 23/2014 irraa jalabee hanga Fulbaana 08/2015tti akka galmaa'an ibsaniiru.
Haaluma kanaan Manneen Barnootaa keenyas Waajjira Barnootaa Godinaaleefi Aanaalee waliin ta'uun gamanumaa akka qophii barbaachisaa akka taasisan dhaamsa dabarsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun maatiin barattootaafi barattootni dursitanii qophaa'uun gara manneen barnootaa erguudhaan ijollee keessan akka galmeessistan jechuudhaan dhaamsi darbeefii jira.
Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf barattootni yeroo jedhame keessatti galmaa'anii barumsa guyyaa jalqabaa irraa kaasanii hirmaachuun barbaachisaa waan ta'eef barattootni Fulbaana 08/ 2015 booda galmeef dhufan fudhatama akka hin qabne beekanii Maatiin Barattootaafi Barattoonti gamanuma akka beekan ibsameera.
#Guyyaan #Galmee:- Hagayya 23/2014 Hanga Fulbaana 08/2015 Qofa!
@barattootaoromo @barattootaorobot
ERGA KANA SHAREA GONEERRA

''Yuunivarsiitii Riifti Vaalii Kaampaasii Amboo Keessatti Barattootaan Qarshii Kaffaltan Malee Finally exami hin Qoramtani Jechuun Barattoota Yaaddoo keessa galchaa jiru. Kanarratti haalli Nageenyaa Godinaalee Oromiyaa tokko tokko Waan beekamudha. Kanarraa ka'uun Barattoonni Maatii isaaniillee Bilbilaanillee argachuu kan hin dandeenyetu jiru. Kana dura Yuunivarsiitichi jalqaba gaafatee hin beeku jedhu barattoonni waggaa 3ffaa,4ffaa, barachaa turan. Kan baraana kun adda jedhu. Akka dippaartimentiittis yeroon kaaffaaltii akka achi nuuf siqu gaafannus namnni nu dhagahu hin jiru. Ani amma ilma qotee bulaati maatiin galii isaan argatan Waggaatti yeroo kanammoo namni waan nyaatuyyuu dhabee rakkaataa jira. Kanaaf rakkoo keenya kana Hubattanii akka nuuf gabaastan kabaja gudaadhaan sin gaafannaa. Nagaa wajjin''

@barattootaoromo
Mootitt biyya UK umrii 96 ishitti adunyaa kanarra duan boqottee

Mootittiin Ingiliz Eelzaabeet 2ffaan boqachuunsaanii himame.

Mootittiin Ingiliz Eelzaabeet 2ffaan umrii waggaa 96ffaa isaanitti addunyaa kanarraa du'aan boqotan.

Mootiittiin Ingiliz Eelzaabeet 2ffaan Waggaa 70'f Giiftii biyyattii ta'uun tajaajilaniiru.

Umrii waggaa 96ffaa isaanitti har'a Addunyaa kanarraa du'aan boqotaniiru.

Masaraa Mootummaa Kiingihaamitti boqochuu isaanii galgala kana himame.

Haalli fayyaa isaanii yaaddessaa ta'uu isaa hordofee bakka maatiin isaanii walitti qabamanitti boqotan jedhame.

@barattootaoromo
Yuunivarsiitiin Jigjigaa barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture 700 ol eebbisiise

Yuunivarsiitiin Jigjigaa marsaa 14ffaan barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture 700 ol eebbisiise.

Sirna eebbichaarratti hogganaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Somaalee Dooktar Huseen Qaasim, Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Bashir Abdullaahii, maatiin eebbifamtootaafi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Yuunivarsiitichi guyyaa har’aa barattoota 704 kan eebbisiise yoo ta’u, kanneen keessaa 428 damee fayyaan digrii jalqabaan kan eebbifaman ta’uu TOI gabaaseera.

Kanneen hafan dameewwan barnootaa, edukeeshinaal maaneejimantii, sooshiyooloojii, maaneejimantiifi akkaawuntiingiin digirii 2ffaan kan eebbifaman ta’uu eerameera.

@barattootaoromo
@barattootaoromo
Barattoota kutaa 12ffaa Qorumsa Fudhataniif Haalli Geejjibaafi Simannaa Yunvarsiitiiwwanii Qophiin Xumurameera.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Ministeera Barnootaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun Qorumsa Biyoolessaa Kutaa 12ffaa barattootni Naannoo keenyaa hanga danda'ameen Yunivarsiitiiwwan Naannoo keenyaa keessatti akka qoraman marii taasifneen walii galteerra geenyeera.
Haaluma kanaan heddummina barattoota keenyaarraa kan ka'e 95% Yunvarsiitiiwwan Oromiyaa keessatti argamanitti yoo qoraman 5% Yunvarsiitiiwwan ollaa Oromiyaa ta'an kanneen akka Hawaasaa Gaambeellaa Dirre Dawaafi Jigjigaatti raabsamanii akka qorataman haalli mijaa'eera.
#Barattoota qorumsa fudhatan gara yuunvarsitii qorumsa itti fudhatan geessuufi gara maatii deebisuu koreen sadarkaa Naannoo irraa kaasee hanga mana barnootaa jiru qindoominaan hojjacha jirra.
Koreen sadarkaa Naannoo Oromiyaa hundaa'e kan Itti Aanaa Pirezidantiitiin kan hoggaanamu yoo ta'u miseensotni immoo:
- Abbaa Taayitaa Geejjiba Oromiyaa
- Komishiinii Poolisii Oromiyaa
- Biiroo Dhimma Dargaggoofi Daa'immanii
- Biiroo Barnootaa Oromiyaa
- Biiroo Maallaqaa Oromiyaa
- Biiroo Fayyaa Oromiyaafi
- Waldaa Barsiisotaa Oromiyaa
yoo ta'an haaluma wal fakkaatuun koreen kun sadarkaa Godinaa Magaalaaa Aanaafi Mana Barnootaatti kan qindaa'e waan ta'eef haal_duree barbaachisu mara xumuruun barattoota gara Yunvarsiitii geessuuf qophiirra jiru.
Barattoota geejjibuun kan jalqabamu Fulbaana 25/2015 irraa waan eegaluuf Barattootni Saayinsii Hawaasaa (Social Science) Baratan akka qophaa'an beekameera
- Barattootni Saayinsii Hawaasaa Baratan hanga Fulbaana 28/2015 tti mooraa Yunivarsiitii ni galu.
Fulbaana 29/2015 odeeffannoon qorumsaa(orientation) ni kennama.
Fulbaana 30 hanga Onkololeessa 02/2015tti qorumsi ni kennama.
Onkololeessa 03-04/2015 barattootni gara maatii isaanii ni deebi'u.
#_2. Barattootni Saayinsii Uumamaa(Natural Science) Baratan immoo:
- Onkololeessa 05-06/2015 gara mooraa Yunivasiitii yoo galan
Onkololeessa 07/2015 odeeffannoon qorumsaa(orientation) ni kennama.
Onkololeessa 08 -11/2015 qorumsi yoo kennamu
Onkololeessa 11/2015 jalqabee barattootni Saayinsii Uumamaa gara maatii isaanii geggeeffamu.

#Yunvarsiitiiwwan Barattoota simachuuf qophii xumuraniiru
- Balbala Yunvarsiitii irraa jalqabee ni simatu
- Bakka hirriibaa( ciisichaa)/ Sireefi Firaashiin qophaa'eera
- Nyaatni qophaa'eera
- Manni yaalaa qophaa'eera

Walumaagalatti Yunvarsiitiiwwan keenya barattoota keenya guutumaa guutuutti kunuunsuuf waan qophaa'aniif Barattootnifi Maatiin Barattootaa akka homaa hin yaadne dhaamsi dabarfameera.

#Barattootni Gara Yunivarsiitii yoo dhuftan wanti qabachuu qabdan:
* Waraqaa eenyummaa kan Gandaa
* Addimison Card (Waraqaa eenyummaa Qorumsaa)
* Qalama(pen)
* Irsaasii(pencil)
* uffata Halkanii
#Barattoonni gara Yunivarsiitii yoo dhufan kan qabachuu hinqabne ykn wantoota dhoorkaa ta'an immoo
* Moobayilii
* Kalkuletarii
* Sa'aatii harkaa
* Meeshaalee Elektrooniksii kamiyyuu
qabatanii dhufuun dhoorkaadha.

#Hubachiisa

Ramaddiin Barattootaa Waajjira Barnootaa Godinaalee/ Magaalotaa Waajjira Barnootaa Aanooleefi Manneen Barnootaa waan gaheef haaluma ramaddiitiin akka itti deemamu haata'u.
Itti aansuudhaan barattootni keenya qalbiifi tasgabbiin qorumsa keessan akka hojjattan yaboo jechaa;
karaa irra deemtaniif Nagaa Mooraa Yunivarsiitii keessatti Carraa Gaarii fi karaa gara maatii irra galtaniif immoo Gammachuu isinii hawwina.


@barattootaoromo
@barattootaoromo
#haramaya_yuunivaarsiitii

Beeksisa
Barattootni Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2014 fudhachuuf dhuftan hundi sagantaa baheen gama Yuunivarsiitii Haraamaayaatti yommuu dhuftan wantootaa kanaa gadiitti isiniif eeyyamame qofa qabattanii akka dhuftan cimsinee isin beeksifna.

1. Meeshaaleen barattootni akka qabataanii dhufan EEYYAMAMAN:
Ø Kitaabilee fi yaadannoowwan irraa qu’achaa turan;
Ø Uffata guyyaa fi kan hiribaa ( kan akka ansoolaa,uffata qorraa, uffata boraatii fi kkf);
Ø Kardii qormaataaf biyyoolessaaf kenname, Irsaasii, laaphisii fi qartuu;
Ø Meeshaalee eegumsa qulqulinnaa (saamunaa,moodesii…kkf);
Ø Qarshiifi
Ø Nyaata gogaa qofa.

2. Meeshaalee barattootni qabatanii akka dhufan HIN EEYYAMAMNEE:
Ø Meeshaalee eleektrooniksii hundaa (Viidiyoo, Kaameeraa footoo,taabileetii, komipiiyuutara,laapitooppii,bilbila,aayipaadii,haardidiiskii,filaashii, maajiik jaakeettii fi kkf);
Ø Qubeelaa gaa’ilaatiin ala qubeelaa bifa kamuu; amartii,sa’aatii, faaya rifeensaa hundaafi kkf;
Ø Kalaa (eye-glass) (kan hakimaan rakinna ijaaf ajajamee yoo ta’een alatti);
Ø Jimaa,sigaaraa ,qoricha ajaja hakimaa hin qabne hundaa;
Ø Dhugaatii alkoolii qabatanii argamuu fi fayydamuu.

3. Barattootni turtii isaanii Yuunivarsiiticha keessatti gochoota raawwachuu qaban:
Ø Barataan kamiiyyuu seeraa fi naamusa yuunivarsiitichaa yeroo turtii isaa/ishii hunda kabajuun dabarsuu qaba;
Ø Barataan qormaata biyyoolessaa fudhatu hundi seeraa fi naamusa qormaatichaa sirriitti kabajuu qaba;
Ø Turtii yeroo qormaataa keessatti barataan kamiiyyuu barattoota biro wajjiin miira obbolummaatiin nagaadhaan dabarsuu qaba;
Ø Barataan kamiyyuu yeroo qormaataan alatti gara daree qormaataa seenuun yookaan dhaquun irraa hin eeggamu; yeroo qormaataan alatti barattootni iddoo bulmaataa isaanii yookaan iddoo isaaniif hayyamameen alatti socho’uu hin danda’an;
Ø Barataan kamiyyuu sa’aatii nyaataafi qormaataa haalaan kabajuu qaba;
Ø Barataan kamiyyuu mooraa yuunivarsiitii keessatti dhuunfaanis ta’ee gareedhaan iyyuu yookaan sagalee heddu olka’aa dhageessisuu hin danda’u;
Ø Barataan kamiyyuu sa’aatii qormaataa daree qormaataa keessatti maastikaa qabachuus ta’ee fayyadamuu hin danda’u;
Ø Maatiin barataa kamiyyuu mooraa yuunivarsiitii akka seenu hin hayyamamuuf;
Ø Barataan kamiyyuu iddoo qormaataattis ta’ee daree qormaataa keessatti dirqama kaardii qormaata biyyoolessaa qabatee argamuuf dirqama qaba;
Ø Barataan kamiyyuu gara yuunivarsiitii yommuu dhufu waraqaa eenyummaa mana barnootaa yookaan waraqaa eenyummaa jiraattotaa qabatee argamuu qaba;
Ø Barataan kamiyyuu gara mooraa yuunivarsiitiifi gara daree qormaataa seenuun dura dirqama sakatta’iinsa guutuuf qophaa’aa ta’uu qaba
;

Yuunivarsiitii Haramaayaa