Aliyad Abdo Official
21.5K subscribers
202 photos
1 video
1 file
40 links
Asirraa kanneen armaan gadii argattu

☑️Walaloo
☑️ Oduuf odeeffannoo tokko tokko
☑️ Seenessa garaa garaa


Created November 16/ 2021
Nu qunnamuuf
👇👇👇👇
@Sabaa_Ifaa
Download Telegram
Gaafa biyyiifi ummanni keenya fala dhabdu sana isaantu fala ta'e
~
Rakkoo mootummaan, paartiileen siyaasaa, dhaabbileen mirga namoomaa idil-adduunyaa, aktivistoonni, qaamni nageenyaa, abbootiin gadaafi jaarsi biyyaa, miidiyaaniifi dargaggoonni furuu dadhaban Muftii keenya Sheyik Aadam Tuulaatu jecha tokko qofaan fure.

Isaan akka Muslimaatti muftii guddaadha, akka qabsa'aatti goota jabaadha, akka manguddoo biyyaatti jaarsa araaraa ulfaataadha, akka hawaasatti ammoo dhaabbata guddaadha. Ummataafi biyyaaf jecha umrii isaanii guutuu jiraatan.

Waggoottan saddettamaa (80) oliif ilmii diinii islaamaa barsiisaniiru. Muka jalatti, godoo xixiqqoo keessatti, mana keessatti, masjiida keessatti, markaza keessatti sadarkaa sadarkaadhaan haalota heddu keessatti lammiilee guutuu biyyattii irraa isaan bira dhufan barsiisaniiru.

Muftii Sheyik Aadam Tuulaa nama haqaa dhugaaf jiraatu goota dhugaarraa hin deebineedha. Sirnoota darban keessa dhugaa maaf barsiistan, ummata shirkiifi bid'aa irraa maaf deebistan, gaachana haqaa maaf taatan jedhamuun gidirfamaa turani. Sirna Hayilasillaaseefi Dargii akkasumas kan Yahdig keessas manneen hidhaa tokko gara isa biraatti jijjiiramaa gidirfamaa ba'ani. Kanumaanis miidhaa irra ga'een lukki isaanii hanga gaafa gama fuula Rabbii isaanii adeemanitti isaan dhukkubaa ture. (Rabbiin quubsuma isaanii jannata haa godhuuf).

Garuu abdii hin kutanne ture isaan. Barsiisanii shirkiifi bid'aa garaa garaa irraa ummata heddu deebisani. Ilmaan (barattooni) isaanii guutuu biyyattii keessatti ummata barsiisani, barsiisaas jiru. Hedduun isaanii ilmaan ykn dhaloota biroo oomishanii isaanis damee biraa oomishaa jiru. Nageenyaafi tasgabbii hawaasaa keessatti gaheen isaanii himamee hin dhumu. Nama nagaaf dhaabbateedha.

Keessattuu ammoo gaafa lammiileen keenya naannoo Somaalee irraa buqqan, gaafa haalli baay'ee ulfaataan sun uumametti mootummaa biyyattiis ta'ee paartiileefi dhaabbileen siyaasaa kamuu, aktivistiin, miidiyaan, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa keessaafi alaa hanga Sheyika kanaa hojii seenaa keessatti cululuqee mul'atu hin hojjanne.

''Biyyaaf male biyyeef hin qabsoofne'' jechi isaanii kun sammuu keenya keessaa hin badu. Mallattoofi sona araaraa ta'ee galmaa'ee seenaatti kennameera. Araara buusan. Lammiilee qe'eefi qabeenya isaanii irraa buqqa'aniif bakkoota garaa garaa deemuun galiin akka walitti qabamuuf gochuun qarshii miliyoona hedduun ummata kana gargaaran. Kana irra darbees ammoo lammiileen kunneen akka yeroo sanaatti Godina Addaa Naannawaa Finfinnee akka qubatan gochuu keessatti shoorri Sheyik Aadam olaanaa ture. Da'oo miskiinaafi dhibamaati.

Biyyaaf, ummataaf, lammii ofiif akkasumas eenyummaa ofiif jiraachuun akkana male garaatti waa biraa guduunfatanii arrabaan damma mi'aa'uu miti. Qur'aana karaa haqaa ta'eefi fala jireenyaa ta'e nu barsiisan. Hangafoota dhaabbanni islaamaa (majlisni) akka hundaa'uu qabsa'anii aarsaa guddaa kaffalanii hundeessan keessaa tokko. Karaan isaan nutti agarsiisan haqa, nu'iifis karaadha.

Sheyika Sheyikota Muftii Sheyik Aadam Tuulaa Rabbiin jannatal firdawsiin isin haa qanansiisu.

#Amar_Temam
Isiraa'el gidiraa waggoottan dheeraaf muslimootaafi islaama irraan ga'aa turteef haleellaa Haamaas isii irratti raawwateen guyyaa tokkotti gatii kaffaltee gadda uffatte
~~~~
Biyyoonni adduunyaa gurguddoon dudduuba dhaabbatanii Isiraa'eliin kan dhi*iga obboloottan keenya Gaza dhugdu deeggaru. Ameerikaa, Faransaayi, Jermaan, Xaaliyaan, Uk, Gamtaa Awurooppaafi isaan biroo irraa tumsaafi abdii argattuun Isiraa'el ganamaa galgala muslimoota Palestine daguugdi.

Gareen gootota lubbuu ofii haqaaf wareeganiin ijaarame, mooraan qabsaa'ota jajjaboo Haamaas garuu har'a Isiraa'eliin daaraa godhe. Dachee ittiin kutee biyyeedhaan isii make. Isiraa'el waggoottan dheeraaf obboloottan keenya Filisxeem gidiraa kan turteef si'a tokkotti Haamaas gatii hunda kana isii kaffalchiise. Itti gaadiddeessee, gadda isii uffise.

#Amar_Temam
''Tarii harka kee irratti sa'atii hidhachuu dandeessa, kan sirraa hiiku garuu nama si dhaalu ta'uu danda'a, balbala konkolaataa keetii cufachuu dandeessa, kan banu garuu hojjattoota yeroo balaa tasaa ta'uu danda'u, qulfii shaamizii keetii cufachuu dandeessa, namni jana*azaa dhiqu sirraa hiikuu danda'a, yeroo raftu agartuu kee gara ija manaa keessa erga ol ilaaltee cufachuu dandeessa, sana booda erga gara mootii dacheefi samii deemtee banachuu dandeessa''
#Dr_Mohammad_al_Arefe
Yaa Allaah khaatimaa keenya nuuf tolchi

#Amar_Temam