Haala Yeroorratti ibsa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarraa kenname
Finfinnee, Bitooteessa 28, 2015 (FBC)- Haala yeroo biyyattii ilaalchisuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaan ibsa kenneera.
Haaluma kanaan Birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaa biyyattii eegsisuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa hunda galeessaa cimaa tokko ijaaruuf kallattii kaa'eera.
Bu'uuruma kanaan humnoota addaa tokkoon tokkoon naannolee gara caasaa nageenyaa akka seenaniif sochii qabatamaa gaggeesuu eegaluu ibseera.
Miseensota humna addaa naannolee akka filannoo fi fedhiii isaaniitti Raayyaa Ittisaatti, Poolisii Federaalaatti yookaan miseensummaan Poolisii naannoleetti makamuu danda'u.
Yaada kanarratti hoggantoota fi miseensota humna addaa waliin waliigalteerra ga'ameera.
Kanaan duraa hoggantoota naannoleen qorannoo gaggeeffameen bu'aa argame garaagarummaa tokko malee waliigalteerra ga'ameera.
Hojiileen kunneen akka hojiirra oolan ummanni gaafachaa tureera.
Kana hordofees sochii qabatamaan eegalameera.

Obboleeyyaan lama Ameerikaa jiraatan Kitaabilee kuma 7 mana Kitaabaa Abrihootiif gumaachan
Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC) – Dhalattoonni Ityoophiyaa Obboleeyyaan lama Ameerikaa jiraatan Kitaablee kuma 7 mana Kitaabaa Abrihootiif gumaachaniiru.
Shamarraan kunneen kitaabilee kallattii adda addaan walitti qaban kanneen Embaasii Ityoophiyaa Ameerikaatti argamuuf laataniiru.
Haati dargaggoota kanneenii Aadde Ayyaantuu Abbabaa jedhaman kitaabilee kanneen Embaasichaaf laataniiru.
Kitaabileen kunneen Ityoophiyaatti aadaan dubbisaa akka dagaaguu fi dhiyeessiin guutuu ta’e akka jiraatu tumsuuf kan gumaachame ta’uu ibsameera.
Kitaabilee Afaan, Seenaa, Herreegaa, Qorannoo fi kanneen biroof tajaajilan ta’uu eerameera.
Hojiin dhaloota qaruuf gumaachame kun hojii fakkeenyummaa gaarii ta’uu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiy Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.
Shamarran obboleeyyaan kanneenis galateeffachuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Yuukireen NATOtti makamuu hin qabdu jechuun Ameerikaan mormite
Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Tattaaffii biyyoonni miseensa NATO Yuukireen miseensa dhaabbatichaa akka taatuuf taasisaan Ameerikaan marmite.
Biyyoonni miseensa dhaabbatichaa Yuukreen miseensa NATO akka taatu barbaadan kallattii ifa jedhanii amanan akeekaa turaniiru.
Bulchiinsi Joo Baayidan biyyoonni miseensaafi deeggartoota dhaabbatichaa ta’an deeggarsa Keeyviiif dhiyeessan qofarratti akka xiyyeeffatan yaadachiisaniiru.
Kanumaan walqabatee Yuukireeniin NATOtti makuurra deeggarsa yeroo gabaabaa taasisuufiin kan barbaachisu ta’uu Ameerikaan ibsuu RTn gabaaseera.
Dhimmicharratti Jarmaniifi Hangaariin yaada Ameerikaan kan deeggaran yoo ta’u Poolaandiifi Biyyoonni Baaltik ammoo biyyoota Yuukireen akka dhaabbatichatti makamtu barbaadanidha jedhameera.

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 47 olii to’atame
Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Godina Harargee Bahaatti meeshaaleen kontiroonaabdii Birrii miiliyoona 47fi kuma 537 olitti shallagaman to’ataman.
Meeshaaleen kontiroobaandii Jibuutiirraa konteeyinaratti fe’amuun gara giddugala biyyaatti imalchiifamaa ture guyyaa kaleessaa to’atamuu Hogganaan Diiviizhinii Kominikeeshiniifi Miidiyaa Qajeelcha Poolisii godinichaa Inispeektarri Olaanaan Tolasaa Gooshuu ibsaniiru.
Sakatta’iinsa konkolaataa aanaa Haramaayaa naannoo Dhangaggootti garagalerratti taasifameen meeshaaleen kontiroobaandii sanada seeraan alaan gara giddugala biyyaa seensifamaa turan to’atamuu dubbataniiru.
Konkolaachisichi yeroof miliquu eeruun,poolisiin hordoffii taasisaa jiraachuu Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Uffata qaamolee nageenyaa biyya keessatti oomishuun baasii Doolaara miiliyoona 60 baraaruun danda’amuu ibsame
Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Uffata qaamolee nageenyaa biyya keessatti oomishuun baasii sharafa alaa Doolaara miiliyoona 60 baraaruun danda’amuu Ministeerri Indaastirii ibse.
Ministeerichi sadarkaa biyyaalessaatti raawwii dhiyeessii uffata qaamolee nageenyaa irratti qaamolee dhimmamtoota federaalaafi naannolee waliin mari’achuu ibsameera.
Ministirri Ministeera Indaastirii Malaakuu Allabal, Sosochii Ityoophiyaan haa oomishtuun oomishaalee alaa gala turan oomishaalee biyya keessaa qulqullina qabaniin bakka buusuun sadarkaa sona dabaluu %62 irraan gahuun danda’amuu ibsaniiru.
Adeemsa uffata qaamolee nageenyaa kan biyya keessaan bakka buusuu keessatti hanga ammaatti lammiilee kuma 18 oliif carraan hojii uumamuu dubbataniiru.

Paarkiin Qindaa’aa Indaastirii Qonnaa damee qonnaa ceesisuurratti gahee olaanaa qabaachuu ibsame
Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Paarkiin Qindaa’aa Indaastirii Qonnaa damee qonnaa ceesisuurratti gahee olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal ibsan.
Koreen Ministirootaa Paarkii Qindaa’aa Indaastirii Qonnaa paarkii qindaa’aa indaastirii qonnaarratti marii taasiseera.
Walitti qabaan Korichaa obbo Malaakuu Allabal, Paarkiiwwan qindaa’aa indaastirii qonnaa damee qonnaa ceesisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Hanga ammaatti qonnaan bultoota kuma 140 ta’aniif indaastiriiwwan oomisha eegalan waliin walitti hidhamiinsi gabaa uumamuu ibsaniiru.
Kunis qulqullinaafi guddina oomishaarratti fooyya’iinsa olaanaa fiduu akkasumas gama carraa hojii uumuutiinis gahee olaanaa bahachuu eeraniiru.

Sagantaa Afxiraa daandiirraa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuuf daandiiwwan cufaman ifooman
Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Sagantaa Afxiraa daandiirraa guyyaa boruu magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu poolisiin magaalichaa beeksiseera.
Sagantichi mata duree” Afxira Keenya Lammii Keenyaaf” jedhuun Daandii Baambiisi gama Addabaabaayii Masqalaan hanga Meeksiikootti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Sagantichi nagaan akka xumuramuuf qophii barbaachisaan xumuramuu eerameera.
Wayita sagatichi gaggeeffamuttis muddamnis sochii tiraafiikaa akka hin uumamneef daandiiwwan armaan gadiitti eeraman guyyaa keessaa sa’aatii 6:00 irraa eegalee hanga galgala sa’aatii 2:00tti kan cufaman ta’uu yaadachiifameera.
Guutuu isaaf:-https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Waggaa 29ffaan duguggaa sanyii lammiilee Ruwaadaa yaadatame
Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC)- Waggaa 29ffaan duguggaa sanyii lammiilee Ruwaandaarratti raawwatame yaadatame.
Sirna yaadannoo Galma Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamerratti Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo hirmaataniiru.
Ambaasaadar Burtukaan waltajjicharratti haasawaa, taasisaniin seenaa keessatti gochaan duguggaa sanyii lammiilee Ruwaandaa miiliyoona 1tti dhiyaataanirratti raawwatame gaddisiisaa ta’uu fi yakkoota akkanaa Afrikaa fi bakkoota birootti akka hinraawwatamne ittisuun gahee waloo hunda keenyaati jedhaniiru.
Dabalataanis, Ityoophiyaan, Gamtaa Afrikaa, hawaasa idil addunyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun gochaalee dugguugaa sanyii ittisuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.
Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Maahaammat gama isaaniin sagantichi tokkummaa lammiilee ruwaandaatti argisiisuufi nagaa fi tasgabbii Ardii Afrikaa mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Gabaan omishaa Ityoophiyaa yeroo jalqabaaf oomishaa ruuzii walbichisiise
Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC)- Gabaan omishaa Ityoophiyaa yeroo jalqabaatiif oomisha Ruuzii walbichisiiseera.
Gabaan omisha Ityoophiyaa bara baajataa 2015 oomishaalee qonnaa sirna gabaa keessatti hammachiise keessaa Ruuzii, waltajjii gabaa elektirooniksiin walbichisiiseera.
Haaluma kanaan gabaa damee Bureetti Ruuzii sadarkaa 3ffaa kuntaala tokko Birri kuma 6 fi 400n walbichisiiseera.
Guyyaa tokkottiis ruuzii kuntaala 60 Birri kuma 383 fi 232tti gurguramuu ibseera.
Omisha Ruuzii gara sirna gabaa ammayyatti galchuun fayyadamummaa oomishtootaa guddisuun, oomishtootaa fi daldaltootaaf odeeffannoo gabaa gahaa tamsaasuun, omsiha biyyattiin gabaa alaatti ergitu guddisuu fi oomsihaa fi ergitoota walquunnamsiisuun, sirna gabaa saffisiisa jedhamuu ragaan Gabaa Omisha Ityoophiyaarraa argame ni mul'isa.

Jilli Ministira Dhimma Alaa Isloovaaniyaan durfamu daawwannaa hojiif gara Ityoophiyaa ni dhufa jedhame
Finfinnee, Bitootessa 29, 2015( FBC)- Jilli Ministira Dhimma Alaafi Dhimmoota Awurooppaa Isloovaaniyaa Taaniyaa Faayaniin durfamu daawwannaa hojiif gara Ityoophiyaa kan dhufu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Jilichi Eebla 3-5, 2015tti Ityoophiyaatti daawwannaa hojii kan taasisu ta’uu ragaan ministeerichaa ni mul’isa.
Jilichi turtiisaan hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ni mari’ataan kan eegamu ta’uus ibsameera.

Dooktar Caalaa Waataan Mana Murtiitti dhiyaatan
Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin duraanii Yuunivarsitii Bulee Horaa Dooktar Caalaa Waataan mana murtiitti dhiyaatan.
Dooktar Caalaa Waataan yakka malaanmaltummaan shakkamuun guyyaa har’aa Poolisii Qorataan Mana Murtii Olaana Federaalaa ramaddii 1ffaa Dhaddacha Beellama Yeroo Lidataatti dhiyeesseera.
Shakkamaan Pireezidaantii Yuunivarsiitii wayita turanitti qajeelfama bittaa haala hinhordofneen bittaa qabeenyaa raawwachuu, waliigaltee kontiraaktaraa seera hin eegne raawwachuu fi faayidaa hinmalle argachuun yakka malaanmatummaan shakkamuun qorannoo eegaluu poolisiin dhaddachaaf ibseera.
Ragaalee namaa fi sanadaa walitti qabuufis Poolisii qorataan guyyoota 14 gaafateera.
Dooktar Caalaan gama isaaniin yakka hin raawwanne jechuun falmuun, mirgi wabii akka eegamuuf gaafataniiru.
Guutuu isaaf:https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Aadde Samaariitaa Sawaasawu Daayrektara Damee Qonnaa Baankii Misooma Afrikaa waliin mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 29, 2015(FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samaariitaa Sawaasawu Daayrektara Damee Qonnaa Baankii Misooma Afrikaa Dooktar Paaskaal Saagiingaafi Dura Taa’aa Dhaabbata Oomisha Oomisha Xaa’oo Biyyee Moorookoo Laahichan Iinaahilii waliin mari’atan.
Aadde Samaariitaan Ityoophiyaatti carraaleefi gufuuwwan gama oomisha qamadiin jiran irratti daayrektarichaafi jila isaaniif ibsa taasisaniiru.
Mootummaan oomishtummaa qamadii guddisuufi damichaan walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Dabalataanis Baankiin Misooma Afrikaa Piroojektii qamadii Ityoophiyaa haala deeggaruu danda’urratti mari’achuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

MM Abiy Ahimad Qondaaltota Raayyaa Ittisa Biyyaa eebbisiisan
Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa fi Ajajaan Waliigalaa Raayyaa Ittisaa FDRI Abiy Ahimad Mana Barnootaa Leenjii Kontenjantii Nageenyaa Kabachiisaa Huursootti kaadhimamtoota qondaaltotaa Raayyaa Ittisa Biyyaa eebbisiisan.
Akkaadaamii Loltummaa Ityoophiyaatti Giddugalli Leenjii Huursoo qondaaltonni leenjise saayinsii loltummaa fi ogummaa hoggansaa yerichi gaafatuun kan ga’ooman ta’uun eerameera.
Sirna eebbichaarratti Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, qondaaltota jeneraalotaa, qondaatota olaanoo duraanii Raayyaa fi keessummoonnni biroon argamuu ragaan Raayyaa Ittisaa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbileen “Maaddii Dhalootaaf” deeggarsa taasisuu itti fufaniiru
Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)-Dhaabbilee fi qaamoleen garaagaraa Pirojektii “Maaddii Dhalootaaf” deeggarsaa taasisuu itti fufuu Waajjiri Muummee Ministiraa beekiseera.
Waajjirichi dhaabbilee pirojektichaaf deeggarsa taasisaan marsaa 4ffaa ifoomseera.
Haaluma kanaan, Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Birri miiliyoona 51 fi luma 133 fi 187, Baankiin Daashan Birri miiliyoona 72 fi kuma 614 fi 50, Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Birrii miiliyoona 25, Intarpiraayiziin Daandii Kaffaltii Ityoophiyaa Birrii miiliyoona 16 deeggarsa taasisuu beeksiseera.
Kana malees, Giruuppiin Seencharii Birrii miiliyoona 20, Riil Isteetiin Fiisan Birrii miiliyoona 13, Riil Isteetiin Giifti Birrii miiliyoona 12 tumsa taasisuu eereera.
Waajjiirichi, waamicha pirojektii “Maaddiin Dhalootaaf” simachuun ittigaafatama kanneen fudhatan, akkasumas Ityoophiyaa dhaloota dhufu madaaltu ijaaruuf kanneen gahee bahatan galateeffateera.

Qaala’iinsa gatii Oomisha Xaafii mudate furuuf hojjetamaa jira - BDO
Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC) – Oromiyaatti qaala’iinsa gatii Oomisha Xaafii mudate furuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksise.
Godinaalee Oromiyaa keessatti hanqinni dhiyeessii Oomisha Xaafii akka hin mudanne waldaalee Hojii Gamtaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Jambaruu Abbabaan Faanaa Biroodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.
Naannoo Oromiyaa keessa Oomishni Xaafii gahaan jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaan naannichaarraa mirkanaa’uu eeraniiru.
Rakkoo gatii daballii Oomisha gatii Xaafii jiru furuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.

Sagantaan beeksisaa fi galii walitti qabuu Kitaaba Dhaloota Ida’amuu Gaambeellaatti gaggeeffame
Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Sagantaan beeksisaa fi galii walitti qabuu kitaaba Dhaloota Ida’amuu Magaalaa Gaambeellaatti gaggeeffamuu eegale.
Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Umod Ujuluu, galiin Kitaaba Dhaloota Ida’amurraa argamu ijaarsa mana kitaabaa naannichaaf akka oolu dubbataniiru.
Dhaloonni Ida’amuu Ityoophiya gara badhaadhinaatti ceesisuun guddummaa ishee akka mirkaneessu itti amanamuu ibsaniiru.
Hunduu kitaabicha bitachuun adeemsa ijaarsa dhalootaaf gahee isaanii akka bahatan Obbo Umod Ujuluun waamicha dhiyeessuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Humna Addaa naannoolee deebisne gurmeessina malee ni diigna hinjenne-Jeneraal Ababaawu Taaddasaa
Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Humna Addaa Naannolee hojiin deebisanii gurmeessuu ammaa kan eegalee miti jedhan Ittaanaan Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaan.
Jeneraal Ababaawu dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, hojiin humna addaa deebisani gurmeessuu yeroo dheeraa qoratamaa kan ture malee hojii amma eegale miti jedhan.
Qorannichi, cimina humnoota addaa naannolee kan ilaale ta’us, gurmaa’inni humna addaa hanqinaa akka qabu fi seera qabeessa akka hinturre akeekaniiru.
Heera mootummaa biyyaan wayita ilaalaamus gurmaa’inichi seera qabeessa akka hintaanee fi heerris beekamtii hinkennu jedhu Jeneraal Ababaawu.
Guutuu gabaasichaaf:
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Sagantaan Fooyya'insa Nyaataa lammiilee miliyoona 9 ol fayyadamoo taasisuu ifoome
Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Sagantaan Fooyya'insa Sirna Nyaataa Naannoo Oromiyaa lammiilee miliyoona 9.69 fayyadamoo taasisu ifoomeera.
Sagantichi sekteroota sadarkaa naannoo, bulchitoota Godinaa fi Aanaa, Akkasumas Itti Gaafatamtoonni Waajjira Qonnaa Godinaafi Aanaalee sagantichan hammatamanii bakkaa argamanitti gaggeeffameera.
Sagantaan kun godinaalee 16, Aanaalee 72 fi gandoota baadiyyaa kuma 1 fi 768 keessatti kan hojiirra oolu yoo ta’u, lammiilee miiliyoona 9.69 fayyadamoo taasisa jedhan Qindeessaan Sagantaa Fooyya'insa Sirna Nyaataa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Gaaddisaa Ijjiguu.
Hogganaan Biiroo Qonnaa oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu Sagantaan Guddina Qonnaas bara 2013 irraa eegalee marsaa 2’n hojiirra oolaa turee xumuramuu yaadachiisanii, sagantaan fooyya'insa sirna nyaataa guyyaa har'aa jalqabamuu himaniiru.

Sagantaa Afxiraa daandiirraaf duulli qulqullinaa gaggeeffame
Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Sagantaa Afxiraa daandiirraa har’a gaggeeffamuuf duulli qulqullinaa Addabaabaayii Masqalaattii gaggeeffameera.
Duulicharratti jiraattonni Magaalaa FInfinnee, dargaggoota tola ooltota, akkasumas qondaaltonni hojii Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee hirmaachuu ragaan waajjira kantiibaarra argame ni mul’isa.
Sagantaan Afxiraa daandiirraa har’a sa’aatii 12:00 eegalee gaggeeffama.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa waggaa 77ffaa isaa kabajaa jira
Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa waggaa 77ffaa hundeeffamee isa kabaja jira.
Daandiin qilleensichaa hojii erga eegalee waggaa 77 kan guute yoo ta’u, adeemsa kanaan Ityoophiyaa fi Afrikaa biyyoota addunyaa biroo waliin quunnamsiisuu itti fufeera.
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa xiyyaarota 141’n Afrikaa dabalatee, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaa, Eeshiyaa fi ardiiwwan birootti tajaajila imaltootaa fi fe’umsaa kennaa jira.
Yeroo ammaa biyyoota 131tti tajaajila balalii kennaa kan jiru yoo ta’u, kanneen keessaa xiyyaaronni 126 tajaajila imaltootaaf, 15 ammoo tajaajila fe’umsaa kan kennaniidha.
Daandichi hanga bara Faranjootaa 2030’tti baay’ina xiyyaarota isaa 200’tti, baay’ina imaltootaa miiliyoona 13 irraa gara miiliyoona 65tti guddisuuf hojjechaa jiraachuu ragaan daandii qilleensicharraa argame ni mul’isa.