FBC Afanoromo
58.4K subscribers
31.9K photos
13 videos
18 files
28.3K links
This is FBC Afan Oromo official Telegram channel.

For more updates please visit www.fanabc.com/afanoromo
Download Telegram
Gareen shororkeessaa ABUT konkolaattota deeggarsa namoomaa waraanaaf itti fayyadamuu itti fufeera-TKM
Finfinnee, Fulbaana 16, 2015(FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT konkolaattota deeggarsa namoomaa akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamuu ittifufuu Tajajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.
Tajaajilichi haala yeroo irratti ibsa laateera.
Shororkeessaa ABUT weerara marsaa 3ffaa gaggeessuu hordofee mootummaan birmadummaa biyyaafi nageenya lammiilee kabachiisuuf tarkaanfii ittisaa fudhachaa jiraachuu ibseera.
Dhaabbileen deeggarsaa bakkeewwan mootummaan tarkaanfii ittisuu gaggeessaa jirutti socho’uurraa akka of qusatan mootummaan irra deebiin kan akeekkachiisu ta’uu ibsameera.
Gareen shororkeessaa ABUT konkolaattota deeggarsa namoomaa meeshaalee waraanaa ittiin imalchiisuun kaayyoo waraanaaf fayyadamaa jiraachuu yaadachiiseera.
Dhaabbileen deeggarsaa konkolaattota deeggarsaaf itti fayyadaman garee shororkeessichaan faayidaa oolaa jiraachuu dhabuu akka mirkaneessan mootummaan kan hubachiisu ta’uu ibsameera.
Waldhabdee araaraan darbuun walkabajaa fi waliif yaaduun jaalalaa fi nagaan jiraachuu wanti caalu hinjiru-Abuuna Maatiyaas

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015 (FBC) – Waldhabdee araaraan darbuun walkabajaa fi waliif yaaduun jaalalaa fi nagaan jiraachuu caalaa filmaanni biroon hinjiru jedhan Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa Abuuna Maatiyaas.

Siria Daamaraa Masqalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti haala hawwataan kabajameera.

Sirnicharratti Paatiriyaarkiin Mana Amantichaa Abuuna Maatiyaas ergaa dabarsaniin furmaannii hinjijjiiramne araaraa fi dhiifamaa jedhan.

Dhalli namaas waldhabdee araaraan darbuun tokkummaa fi nagaa uumuun walkabajaa fi waliif yaaduun, waliif oo’uu fi walgargaaruun, waldanda’uu fi jaalalaan jiraachuu bira darbee filmaannii fooyya’aan akka hinjirre himaniiru.
Goototni waggoota 30 booda Ispeen Baarseloonaatti walargan

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) - Bara Faranjootaa 1992 Olompikii Baarseloonaarratti fiigicha meetira kuma 10 dubartootaan Afrikaarraa meedaaliyaa Warqee kan argamsiisan Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Daraartuu Tulluu fi Atileetiin Afrikaa kibbaa Elinaa Maayer magaalaa injifannoo galmeessan Baarseloonaatti waggoota 30 booda walarganiiru.

Tuuriizimii Ispoortii fi Olompikii Baarseloonaa waggaa 30ffaa kabajuuf sagantaa qophaa'erratti gootonni kunneen walarguu ragaan federeeshiniicharraa argame ni mul'isa.

Boonsituu Afriikaa kan taate Atileet Daraartuu Tulluu Olompikicharratti fiigicha meetira Kuma 10'n Meedaaliyaa Warqee jalqaba argamsiisuun seenaa hojjetteetti.
xAyyaanni Masqalaa guutuu biyyattiitti kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC)-Ayyaanni Masqalaa guutuu biyyattiitti kabajamaa jira.

Ayyaanichii hordoftoota amntii Kiristiyaanaa biratti sirnootas amantaa fi aadaan dabaalamee kabajamaa jira.

Guyyaa kaleessaas sirni Daamaraa Masaqalaa kutaa biyyattii maratti kan kabajamee yoo ta’u Magaala Finfinnee Addabaabaayii Masqalaattis bakka Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee, Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa Abuuna Maatiyaas, phaaphaasonni, qondaaltonni olaanoo hojii mootummaa, hordoftoonni fi tuuristoonnii, ambaasaaddaroonnii argamanitti sirna hawwataan kabajameera.
Masqalli biyya keenya maqaa gaariin waamsisuu, aadaa keenyaa beeksisuu fi tokkummaa keenyaa cimsuun duudhaa hedduu kan qabuudha-Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC)- Masqalli ayyaana amantaa bira darbee biyya keenya maqaa gaariin waamsisuu, aadaa keenyaa beeksisuu fi tokkummaa keenya cimsuun duudhaa hedduu kan qabuudha jechuun Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Silashii Baqqalaa ibsan.

Ameerikaa Waashingitan DC fi naannawaa ishee Ityoophiyaanonni argaman sirna Daamaraa Masqalaa kabajaniiru.

Sirnicharratti Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa dabalatee phaaphaasota fi hordoftoonni amantichaa hirmaataniiru.

Phaaphaasiin Mana Amantaa Dabiremihiret Qiddus Mika’eel Abuna Faanu’eel ergaa dabarsanii ayyaanni Masqalaa mallattoo tokkummaa fi ifaa ta’uu ibsanii hawaasni kiristiyaanaas waliif yaaduu fi biyyaaf dhaabbachuu qabu jedhaniiru.
“Oomishtummaa kuduraalee Kutaa Kibba Ityoophiyaa. Naannawaa oomisha Agroo-indaastiriif mijataa ta’e” – Muummee Ministiraa Abiy Ahimad
Imbaasiiwwan biyyoota 18 ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) – Imbaasii Ameerikaafi Raashiyaa dabalatee imbaasiiwwan biyyoota 18 Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun hordoftoota amantichaa maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan.

Ityoophiyaatti Imbaasiin Raashiyaa ayyaanichi kan gammachuu akka ta’uuf hawwii qabu ibseera.

Ityoophiyaatti imbaasiin Ameerikaas Ayyaanni Masqalaa kan nagaafi gammachuu akka ta’u hawweera.

Kana malees imbaasiiwwan Kaanaadaa, Hindii, Israa’el, Ingiliz, Faransaay, Xaaliyaanii, Jarman, Neezerlaand, Deenimaark, Siwiizarlaand, Ijipt, Moorookoo, Aljeeriyaa, Iraan, Paakistaan, Meeksiikoofi biyyoota biroo ayyaanicha ilaalchisuun hawwii gaarii qaban ibsaniiru.
Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Booroo Shinaashaa kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) – Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Booroo Shinaashaa “Gaarii Wooroo” jedhamuun beekamu kabajamaa jira.

Ayyaanich bakka Pireezidaantii naannichaa obbo Ashaadilii Hasan dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannichaa argamanitti kabajamaa jira.

Ayyaanichi mata duree “ dhiifama, waliin jireenyaafi nageenya keenyaaf” jedhuun kabajamaa kan jiru yoo ta’u, adeemsi ayyaanichaa duudhaa aadaa karaa eegeefi hedduumina kan calaqqisiisu ta’uu Ittaantuun Afyaa’ii Mana Maree naannichaa Aadde Alamnash Yibaas eeraniiru.

Ayyaanichi magaalaa Asoosaatti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Magaalichatti Ayaanni Daamaraa Masqalaa iddoowwan kuma 2fi 200 olitti nagaan kabajamee xumuramuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Ayaanni Daamaraa Masqalaa iddoowwan kuma 2fi 200 olitti karaa nagaafi haala miidhagaa ta’een kabajamee xumuramuu bulchiinsi magaalichaa ibse.

Ayyaana Masqalaa ilaalchisee bulchiinsi magaalichaa ibsa baaseera.
Jiraattonni magaalichaa hundi ayyaanichi ayyaana waloo keenya, Ityoophiyaa addunyaatti kan beeksise jechuun ayyaanichi qabiyyee amantaarra darbee calaqqee maqaa gaarii biyyattiifi biyyattiin nageenya jaallachuusheef agarsiistuu ta’uu qabatamaan mirkaneessuu eerameera.

Uummanni magaalichaa naannawaasaatti waliin ta’uun wantoota ayyaanichaaf barbaachisan qopheessuun, naannawaa miidhagsuun, baga ittiin isin gahe waliin jechaa duudhaaleen Ityoophiyummaa laafaniiru jedhan daran cimanii akka bahan, magaalittiin fakkeenya sab-daneessummaafi wal deeggaruu ta’uushee kan itti mul’isame ta’uu ibsameera.
Weellisaa Maandiingoo Afawarq Addunyaa kanarraa du’aan boqote

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) – Weellisaa Maandiingoo Afawarq Addunyaa kanarraa du’aan boqochuu ibsame.

Weellisichi dhibee irra bubbuleen addunyaa kanarraa du’aan boqochuu DhPI gabaaseera.
Addunyaa kanarraa du’aan boqochuu artist Maandingoo Afawarqiin gaddi itti dhagahamuu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsan

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) – Addunyaa kanarraa du’aan boqochuu artist Maandingoo Afawarqiin gaddi itti dhagahamuu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsaniiru.

Artistichi umriisaa gabaabaa keessatti biyyasaaf hedduu hojjechuu ibsaniiru.

Wayita biyyi rakkoo keessa turtetti dhibee isaa danda’ee adda waraanaatti argamuun Raayyaa Ittisa Biyyaatti haamilee horaafi leenjistoota onnachiisaa turuu yaadachiisaniiru.

Lubbuun isaa nagaan haa boqottu jedhaniiru.
Ayyaanni Daamaraa Masqalaa nagaan xumuramuu Koreen Waloo Nageenyaa beeksise

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) – Ayyaanni Daamaraa Masqalaa guutuu biyyattiitti karaan nagaan kabajamee xumuramuu Koreen Waloo Nageenyaa beeksise.

Korichi hojii dursanii ittisuurratti humna namaa hedduu bobbaasuun uummata, abbootii amantaa Mana Amantaa Tawaahidoo Ityoophiyaafi koree qopheesituu ayyaanichaa waliin qindoominaan hojjechuu isaatiin ayyaanichi guutuu biyyattiitti karaa nagaan kabajamee xumuramuu eereera.

Qaamolee ayyaanichi karaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf gahee isaanii bahatan mara galateeffateera.

Deeggarsa uummanni naannawaa isaa dammaqinaan eeguurratti taasisaa jiru ayyaanota uummataafi amantaa gara fuula duraatti kabajaman irrattis cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeesseera.
Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad daawwannaa hojiif Finfinnee jiru

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek mahaammad daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’anitti Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin simatamaniiru.

Pireezidaanti Hasan turtii isaaniin dhimmoota garaagaraa fi gamlameerratti ni mari’atu jedhamee eegama.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Pireezidaanti Hasan Sheek Mahaammad gara Ityoophiyaa baga nagaan dhuftan jedhanii, daawwannaa guyyootaa lamaaf taasisaniif gammachuun akka simatan toora miidiyaa hawaasumaa isaaniin ibsaniiru.

Firehiiwoot Saffiiwutu gabaase