FBC Afanoromo
60.9K subscribers
32.3K photos
13 videos
18 files
28.6K links
This is FBC Afan Oromo official Telegram channel.

For more updates please visit www.fanabc.com/afanoromo
Download Telegram
Ayyaanni Daamaraa Masqalaa nagaan xumuramuu Koreen Waloo Nageenyaa beeksise

Finfinnee, Fulbaana 17, 2015 (FBC) – Ayyaanni Daamaraa Masqalaa guutuu biyyattiitti karaan nagaan kabajamee xumuramuu Koreen Waloo Nageenyaa beeksise.

Korichi hojii dursanii ittisuurratti humna namaa hedduu bobbaasuun uummata, abbootii amantaa Mana Amantaa Tawaahidoo Ityoophiyaafi koree qopheesituu ayyaanichaa waliin qindoominaan hojjechuu isaatiin ayyaanichi guutuu biyyattiitti karaa nagaan kabajamee xumuramuu eereera.

Qaamolee ayyaanichi karaa nagaan kabajamee akka xumuramuuf gahee isaanii bahatan mara galateeffateera.

Deeggarsa uummanni naannawaa isaa dammaqinaan eeguurratti taasisaa jiru ayyaanota uummataafi amantaa gara fuula duraatti kabajaman irrattis cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeesseera.
Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad daawwannaa hojiif Finfinnee jiru

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek mahaammad daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’anitti Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin simatamaniiru.

Pireezidaanti Hasan turtii isaaniin dhimmoota garaagaraa fi gamlameerratti ni mari’atu jedhamee eegama.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Pireezidaanti Hasan Sheek Mahaammad gara Ityoophiyaa baga nagaan dhuftan jedhanii, daawwannaa guyyootaa lamaaf taasisaniif gammachuun akka simatan toora miidiyaa hawaasumaa isaaniin ibsaniiru.

Firehiiwoot Saffiiwutu gabaase
Gareen Kubbaa Miilaa biyyoota hirmaattota 'CECAFA' umrii 17 gadii Finfinnee galaa jiru

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC)- Gareen Kubbaa Miilaa biyyoota hirmaattota Mana Maree Kubbaa Miilaa Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa / 'CECAFA' umrii 17 gadii Finfinnee galuu eegalaniiru.

Biyyoota taphicharratti hirmaatan keessaa gareen kubbaa miilaa biyyoota Burundii, Sudaan Kibbaafi Soomaaliyaa kaleessa galgala magaaalaa Finfinnee galuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Taphichaan ramaddii jalqabaan Ityoophiyaa, Taanzaaniyaa, Eeritiraa, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaa ramadamuu eerameera.
Ramaddii 2ffaa jalatti Yuugaandaa, Jibuutii, Ruwaandaa, Sudaaniifi Burundiin ramadamuu ibsameera.

Haa ta’u malee, biyyoota hirmaatan keessaa Eertiraa fi Ruwaandaan hanqina baajataan walqabatee dorgommicha keessaa of baasaniiru.

Dorgommichi Fulbaana 21 hanga Onkoloolessa 9, 2015tti Istaadiyamii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffama.
Bulchiinsonni afur Raashiyaatti dabalamuuf murteeffatan

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Dooneskii, Luhaaniskii, Keersoon fi Yuukireen kibbatti kan argamtu Zaamporoozhiyaan gara Raashiyaatti dabalamuu akka barbaadan riifirandamii gaggeeffameen mirkaneessan.
Lakkaawwiin kenniinsa sagalee Luhaaniskiitti gaggeeffame kan xumurame yoo ta’u, jiraattonni %98 gara Raashiyaatti cituu akka barbaadaan murteeffachuun ibsameera.
Haaluma walfakkaatuun jiraattonni Doondeski %99 gara Raashiyaatti dabalamuuf akka barbaadan sagalee lakkaa’ameen beekuun akka danda’ame eerame.
Zaamporoozhiyaa fi Keersoonis haaluma walfakkaatuun %93 fi %87’n Yuukireen jalaa ba’anii Raashiyaatti makamuu akka barbaadan sagalee kennaniiru.
Naannoleen haaraa dhufan kunneen Raashiyaatti daangeffamuuf beekamtii paarlaamaa fi Pireezidaantii Biyyattii Vilaadmiir Putiin argachuu akka qaban RT’n gabaaseera.
Dubbii Himaan Kireemliin Dimiitirii Peeskoov, murtechi kan ummataa waan ta’eef wanti hunduu saffisaan akka hojiirra oolu abdii qaban ibsaniiru.
Ayyaanni Irreechaa karaa nagaan akka kabajamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 18,2015 (FBC)- Ibsituu Ityoophiyaanotaa kan ta’e Ayyaanni Irreechaa karaa nagaan akka kabajamuuf qophiin taasifamaa jira jedhan sadarkaa Ittaanaa Kantiibaatti Hojii Gageessaan Magaalaa Finfinnee oobo Xiraatuu Bayyanaa.

Sadarkaa Ittaanaa Kantiibaatti Hojii Gageessaan Magaalaa Finfinnee oobo Xiraatuu Bayyanaa, Waajjira Partii Badhaadhinaa Magaalichaatti hogganaan damee siyaasaa obbo Alamaayyoo Ijjiguu, Hojii Raawwachiisaan Kutaa Magaalaa Qiirqoos Dooktar Biruuk Kadiriifi hoggantoonni olaanoon magaalichaafi kutaa magaalichaa biroon Paarkii Irreechaatti argamuun haal-duree kabaja Ayyaana Irreechaa daawwataniiru.

Hojiin bakka Irreeffannaa qulqulleessuu, haala aadaa isaa calaqqisiisuun miidhagsuufi hojiin eegumsaa kan hojjetamu ta’uu ibsuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Yaa’iin qorannoo Idil-Addunyaa Ityoophiyaa gaggefamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 18,2015 (FBC)- Yaa’iin qorannoo Idil-Addunyaa Ityoophiyaa Yuuniivarsiitii Finfinneetti gaggefamaa jira.

Yaa’icharraati Pireezedaantiin Ityoophiyaa Saahilawarqi Zawdee dabalatee Ityoophiyaatti Ambasaaddara Faransaay Reemi Maarishoo ,Pireezedaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar Xaasaaw Waldahaannaan, hayyoonnii fi qoraatoonni hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Yaa’ichi guyyoota Afuriif kan turu ta’uufi yaa’icharratti qorannoowwan dhimma Ityoophiyaarratti qophaa’an dhiyaatanii erga irratti mari’atameen booda kallattiin ni kaa’ama jedhamee kan eegamu ta’uuTOI gabaaseera.
Baalli sammuu namaa hadoochu Birrii miiliyoona 773 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Fulbaana 18,2015 (FBC)- Baalli sammuu namaa hadoochu Birrii miiliyoona 773 olitti tilmaamamu magaalaa Finfinnee damee Komishinii Gumuruukaa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti to’atame.

Baalli sammuu namaa kookeeyin jedhamu kiiloogiraamni 97 kan Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 73tti shallagamu buufatichatti to’atamuu Komishiniin Gumuruukaa beeksiseera.

Imaltuun ka’umsa ishee Keeniyaa Naayiroobii ga’umsa ishee ammoo Finfinnee taasifatte baalicha korojoo lamaatti qabachuun dabarsuuf osoo yaaltuu to’annaa jala ooluu ibsameera.

Namni dhuunfaa kun baala sammuu namaa hadoochu kana haala meeshaa X-Rayiin adda bahuu hin dandeenyetti kitaabilee fakkeessuuniifi waraqaa aluuminiyeemiin maruun dhoksuuf yaaltus sakattoofi hordoffii cimaa taasifameen wantichi kookeeyinii ta’uusaa mirkaneeffatamuu eerameera.
Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo kaabinee haaraa hundeessan
Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo kaabinee haaraa miseensota 22 of keessa qabu hundeessaniiru.
Erga gara aangootti dhufanii torban lama kan guutan Pireezidaanti Wiiliyaam waajjiraalee ministeeraa ijoodha jedhaman 22 hundeeessaniiru.
Dooktar Ruutoon ibsa miidiyaaleef kennan irratti Ittaanaa Pireezidaantii Rigaatii Gaachaaguwaan yoo muudan, ittigaafatama kanatti dabalataan hariiroo mootummoota naannolee fi dura taa’aa koomishinoota heera mootummaa ta’u jedhameera.
Dabalataan Musaaliyaa Mudaaviid, barreessaa kaabinee waliigalaa gochuun yoo muudan ittigaafatamni kunis pireezidaantii fi ittaana pireezidaantiitti aansee aangoo olaanaa ta’uun ibsameera.
Kana malees, fuuldurattis muudamoota garaagaraa akka ifoomsan eegama.
Ummata Keeniyaaf waadaa seename hojiitti jijjiiruuf kaabineen haaraan dursee caaseffamuun barbaachisaa akka ta’e Pireezidaanti Ruutoon dubbachuu The East Africa fi CGTN gabaasaniiru.
Ooyiruun qonnaa %28 asiidumaan miidhameera-Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) –Ityoophiyaatti ooyiruu qonnaa asiidummaan miidhame keessaa 28 ta’an asiidummaa cimaan miidhamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Damee qonnaan dhiyeessii fi raabsi nooraa seektara dhuunfaa hirmaachisee fi waltajjiin muuxannoo waljijjiirraa biyyaalessaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Hoji Raawwachiisaan Dhiyeessii Galtee Qonnaa Ministeerichaa Obbo Mangistuu Wubisheet waltajjicharratti akka ibsanitti, sadarkaa biyyatti oyiruu qonnaa misoomaa jiru keessaa %41 asiidummaa biyyeen kan miidhameedha.

Ooyiruu qonnaa asiidummaan miidhaman keessaas %28 kan ta’u asiidummaa cimaan miidhamuu eeranii, rakkocha furuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu hirmaachuun murteessaadha jedhaniiru.

Asiidummaa biyyee hir’isuu fi ittisuuf kan gargaaru raabsa nooraa waliin gahuuf seektara dhuunfaa waliin hojjechuun barbaachisa jedhaniiru.

Maddi:-TOI
Muummee Ministiraa Abiy Ahimad jila Pireezidaantii Somaaliyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadii fi Jilli Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammadiin durfamuu dhimmoota gama lameenii irratti mari’ataniiru.

Dureewwan lameen hariiroo Ityoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu caalmaan cimsuuf fedhii fi murannoo qabaachuu ibsaniiru.

Keessumaa tasgabbii naannawaa Gaanfa Afrikaaf waloon hojjechuun akka barbaachisu xiyyeefannaan kennameera jedhame.

Muummee Ministiraa Abiy Ahimad maricharratti Ityoophiyaan Bulchiinsa Somaaliyaa haaraa waliin dameewwan garaagaraarratti hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Keessumaa guddinaa diinagdee fi hawaasummaaf xiyyeeffannaa kan kennan ta’uu ibsan.

Somaaliyaa tasgabbooftee fi cimtuun, cimina Ityoophiyaaf akka fayyadu ibsuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.
Jaappaan Ityoophiyaaf bittaa konkolaattota kilinika socho’aaf deeggarsa Birrii miiliyoona 185 taasifte

Finfinnee, Fulbaana 18,2015 (FBC)- Jaappaan Ityoophiyaaf deeggarsa bittaa konkolaattota kilinika socho’aaf oolu Birrii miiliyoona 185 taasisuu ibsame.

Konkolaattonni kunneen meeshaalee yaala fayyaa ammayyaa garaagaraa qabaachuu eerameera.

Deggarsichi naannoolee Afaar , Benishaangul Gumuz ,Gambeellaa, fi kibbaa lixaa Ityoophiyaa akkasumas naannawaa horsise bultootaa dhaabbilee fayya irraa fagatan fayyadamoo taasisuuf ta’uu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samaariittaa Sawaasawuufi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Itoo Takaakoon waliigaltee deeggarsichaa waliif mallatteessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Irreechi har’arraa eegalee qophiilee garaagaraan kabajama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Ayyaanni Irreecha baranaa har’arraa eegalee qophiilee garaagaraatiin guyyoottan itti aanaaniif kan kabajamu ta’uu Koomishiniin Tuurizimii Oromiyaa Beeksise.

Ittaanaan Koomishinaraa Koomishinichaa Obbo Naggaa Wadaajoo akka ibsanitti, ayyaanicha ilaalchisee argisiisni faashinii, beekamtii fi badhaasnii qaamolee Oromiyaatti damee tuuriizimiirratti bobba’anii ni gaggeeffama.

Ayyaana Irreechaarratti hirmaachuuf gareen jilaa 250 Keeniyaarraa akka dhufan eeruun, egzibiishinii dabalatee sagantaaleen aadaa Oromoo beeksisuuf qophaa’an akka gaggeeffaman Obbo Naggaan ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisaa gama isaaniin, ayyaanni Irreechaa baranaa “Irreecha fakkeenya nageenyaa fi obbolummaa” mata duree jedhuun akka kabajamau ibsaniiru.

Irreechi aadaa Oromoo biratti bakka olaanaa kan qabu fi qaama Sirna Gadaa ta'uu himuu EBC'n gabaaseera.
Magaalaa Finfinneetti Ayyaanni Irreechaa har’a irraa eegalee kabajama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 18,2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti Kabajni Ayyaana Irreechaa guyyaa har’aarraa eegalee hanga Fulbaana 21, 2015tti bifa ho’aan kan kabajamu ta’uu bulchiinsi magaalichaa ibse.

Guyyaa har’a guutuu magaalichaatti mariin paanaaliifi egzibishiniin kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Bifuma walfakkaatuun guyyaa boruu sadarkaa kutaa magaalaatti mariin paanaalii kan gaggeeffamu ta’uu addeessameera.

Fulbaana 20, 2015 ammoo sadarkaa giddugaleessaatti mootummaa naannoo Oromiyaa waliin ta’uun mariin paanaalii xumuraa kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Fulbaana 21, 2015 Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee hoggantummaa abbootii gadaan kan kabajamu ta’uu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Waliigalteen adeemsa marii biyyaalessaa maallaqaan deeggaruu dandeessisu mallatteeffame

Finfinnee, Fulbaana 18,2015 (FBC)- Sanadni Sagantaa adeemsa marii biyyaalessaa maallaqaan deeggaruu dandeessisu Ministeera Maallaqaa, Komishinii Marii Biyyaalessaafi Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gidduutti mallatteeffame.

Sagantichi waggoota sadiif hojiirra kan oolu ta’uufi Sagantaan Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhaabbilee deeggarsa misoomaarraa deeggarsa walitti qabuuf kuusaa maallaqaa banuun kan bulchu ta’uu eerameera.

Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii adeemsa marii biyyaalessaa maallaqaan deeggaruuf Doolaara miiliyoona 2.2 ramaduu beekameera.

Kuusaa maallaqaa Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin banamutti waggoottan sadii keessatti dhaabbilee deeggartoota misoomaarraa Doolaara miiliyoona 32.8 walitti qabuuf karoorfamuu ibsameera.
Pireezidaantiin Somaaliyaa Bulchiinsa Nageenyaa Odeeffannoo daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammuud Bulchiinsa Nageenyaa Odeeffannoo Ityoophiyaa daawwataniiru.

Daayrektarri Bulchiinisichaa Obbo Solomoon Kaasaa pireezidaantichaa fi jilaa isaanii simachuun Giddugalaa Misoomaa Kennaa Addaa Saayibarii fi Egzibiishinii Dijitaalaa bulchiinsichaa daawwachiisaniiru.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mamaammuud daawwannaa hojiif har’a Finfinnee kan seenan yoo ta’u, Muummee Ministiraa Abiy Ahimad waliin mari’ataniiru.

Pireezidaantichi guyyoota lamaaf Ityoophiyaa turu.
Sirni Awwalchaa Artisti Maadiingoo Afawarqi boru gaggeeffama

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Sirni Awwaalchaa Artisti Maadiingoo Afawarqi guyyaa borii Fulbaana 19, 2015 ni gaggeeffama.

Sirni awwaalchichaas boru sa’a 9:00 irratti Finfinnee Bataskaana Sillaasee Kaateediraalitti kan gaggeeffamu ta’uun beekameera.

Koreen awwaalachaa artisti Maadiingoo mana jireenyaa artistichaatti ibsa kenneera.

Sirni gaggeessaas bakka maatii fi hiriyoottan akkasumas dinqisiifattoonni argamanitti ni raawwata jedhameera.

Artisti Maadiingoo Afawarqi dhukkuba tasaa mudateen wal’aansarraa utuu jiruu kaleessa du’aan boqoteera.

Boqochuu Artistichaan walqabatee odeeffannoowwan sobaa ba’aa jiraniif gurraa utuu hinkennine kabaja qabnuuf haa argisiisnu jechuun koreen awwaalchaa dhaameera.
Baazaarii fi egzibiishiniin Irreechaa guyyoota afuriif turu Finfinneetti baname

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Baazaarii fi egzibiishiniin Irreechaa guyyoota afuriif turu Finfinneetti banameera.

Sanbata dhufu Hora Finfinneetti Ayyaana Irreecha kabajamu sababeeffachuun sagantaan baazaarii fi egzibiishinii qophaa’e Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen banameera.

Saganticharratti Kantiibaa Adaanech Finfinneen Magaalaa tokkummaa sabdaneessaa fi obbolummaa ta’uu dubbataniiru.
Haaluma kanaan jiraattonni magaalichaa aayyanota aadaa fi amantaa waloon kabajuun tokkummaa caalmaan cimsaa jiraachuu dubbataniiru.

Ayyaanni Irreecha ayyaana nageenyaa, obbolummaa fi galataa ta’uu himanii, ayyaanicha haala tokkummaa fi obbolummaa bu’uureffateen kabajuu qabna jedhaniiru.

Baazaarii fi egzibiishinii kanarratti uffannaaleen aadaa garaagaraa gabaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, sadarkaa kutaa magaalaa fi aanaatti banamuunis ibsameera.

Maddi:-TOI
Pireezidaanti Saahilawarqi boqochuu Artisti Maadiingoon gaddaa itti dhagaa’ame ibsan

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee Artisti Maadiingoo Afawarqi boqochuutti gadda itti dhagaa’ame ibsan.

Pireezidaanti Saahilawarqi toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Artisti Maadiingoo Afawarqi umrii dargaggummaa isaatti du’aan boqochuutti hedduu gaddeera jedhan.

Maatii, firoottanii fi dinqisiifattootaaf jajjabina hawwaniiru.
Ityoophiyaan ijoollee ishee yaada rakkoolee furan qabaniin guddina ishee itti fufsisti-Aadde Mufaariyaat Kaamil

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan ijoollee ishee yaada rakkoolee furan qabaniin guddina ishee itti fufsisti jechuun Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamil ibsan.

Aadde Mufaariyaat Inistitiyuutii Misooma Kennaa Addaa Innooveeshinii fi Teeknooloojii daawwataniiru.

Ministeerri Hojii fi Ogummaa fi Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknoolooji waliin hojjechuufis sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Inistitiyuutii Misooma Kennaa Addaa Innooveeshinii fi Teeknooloojii marsaa jalqabaan lammiilee kennaa addaa qabanii fi fedhii barnoota kalaqaa fi gochaa barbaadan guutuu biyyattiirraa simachuuf qophii xumuruu hubachuu eeran.

Interpiraayizoota hedduu fi fuulduratti dhaabbileen akka uumamaniif bu’uura ta’uun kan tajaajilu akkasumas lammiilee hedduuf balbala carraa hojii akka banu amantaa qaban ibsaniiru.
Ityoophiyaatti Embaasiin Raashiyaa boqochuu Maadiingoon gadda itti dhaga’ame ibse

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Ityoophiyaatti Embaasiin Raashiyaa boqochuu Artisti Maadiingoo Afawarqiin gadda itti dhaga’ame ibseera.

Ityoophiyaatti Ambaasaddarri Raashiyaa Iviignii Tarkiin, boqochuu Artisiti Maadiingoo Afawarqiin maqaa isaanii fi hojjettoota Embaasichaan gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Artisti Maadiingoon, weellisummaa bira darbee lammii biyya isaa jaallatu akka ture Ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Addaa waraanaatti Raayyaa Ittisaa Biyyaa kakasuu fi onnachiisaa akka ture yaadachiiseera.

Artisti Maadiingoon boqochuun Ityoophiyaanotaaf gadda cimaa ta’uu ibsan.

Ambaasaddar Iviignii Tarkiin maatii, firoottanii fi dinqisiffattootaaf jajjabina hawwuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.
Irreechi duudhaa isaan akka kabajamu Bulchiinsi magaalichaa qophii taasisaa jira-BATF

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Irreechi duudhaa isaa eeggatee bifa hawwataan akka kabajamu Bulchiinsi Magaalaa Finfnnee qophii barbaachisaa taasisaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Magaalichaa ibse.
Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Finfinee Dooktar Hiruut Kaasaa ibsa kennaniin, ayyaanichi duudhaa isaa eeggatee nagaa fi bifa hawwataan akka kabajamuuf Bulchiinsi Magaalichaa qophii ba’aa taasisuu dubbatan.
Aanaa Kutaalee Magaalaa Finfinneetti mariin paanaalii akka gaggeeffamee fi baazaariin banamuu himan.
Boriis mariin paanaalii sadarkaa kutaa magaalaa hundatti kan gaggeeffamu ta’uu beeksisaniiru.
Irreechi tuuriizimii biyya keessaa babal’isuuf carraa bakka bu’iinsa hinqabne ta’uu Dooktar Hiruut eeraniiru.
Keessummoota gara magaalatti dhufan simachuuf ulaawwan magaalatti shananitti qophiin taasifamuu ibsuu ragaan Waajiira Kantiibaarraa argame ni mul'isa.