BBC Afan Oromo news
5.19K subscribers
92 photos
349 links
BBC afaan oromoo oduu haaraa
Download Telegram
Mootummaan Kaliifaa Hafxaar mormii ummataan aangoo gadi dhiise
Liibiyaa keessatti mootummoota lamaan wal morkataa biyya bulchan keessaa mootummaan humna waraanaa Jeneraal Kaliifaa Hafxaariin durfamu aangoo gadi dhiise.
Sambataa fi Dilbata darbe hiriirtonni maandhee Jeneraal Kaliifaa kan magaalaa Beengaazii keessatti argamu abiddaan gubanii daaraa godhaniiru.
Bakka qabiyyee jeneraalichaa taate ‘Al-Maj’ jedhamtus haleelaniiru.
Dubbi himaan Jeneraal Kaliifaa, bulchiinsi isaanii hiriira nagaa deggerus garuu qabsochi shororkeessitootaa fi garee ‘Muslim Brotherhood’ jedhamaniin akka butamu hin iyyamu jedhan.
Hanga yoonaa mormiin uummataa, mootummaa UN’n deggeramu kan magaalaa Tirippoolii buufate irratti ture.
Mootummaan Jeneraal Kaliifaa Hafxaar kan Raashiyaadhaan deeggaramu bara 2019 keessa mootummaa biyyattii Tirippoolii buufate cabsuuf yaalullee hin dandeenye.
Deeggarsa mootummaa Turkii irraa argateen mootummaan biyyattii jalqaba bara kanaa jeneraalicha aangoo giddu galeessaarraa moggaatti baaseera.
Raashiyaa, Yunaayitid Arab Imireetis(UAE) fi Masriin jeneraal Kaliifaa Hafxaar yoo deeggaran, Turkii, Qaataar fi Xaaliyaaniin ammoo mootummaa UN’n deeggaramu tumsu.

@absolek
@absolek
Lakkoofsi namoota Itoophiyaatti Covid-19’n du’anii 1,000 caale
Itoophiyaatti qorannoo 7,162 gaafa Dilbataa taasifameen namoonni haaraa 413 vaayirasichaan qabamaniiru.
Namoonni dabalataa 17 du’ullee Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasichaan qabamanii 64,301
Kanneen keessaa 24,983 dhukkubicharraa dandamatan.
Lakkoofsi waliigalaa namoota vaayirasichaan lubbuu dhabaniimmoo 1013 gaheera.
Itoophiyaan hanga ammaa 1,138,012'f qorannoo taasifteetti.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇

BBC Afan Oromo news
👉@absolek👈
👉@absolek👈
👉@absolek👈
Lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii inni olaanaan galmaa'e
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) weerara koronaavaayirasii tibbanaan guyyaattii lakkoofsa namoota qabamanii isa olaanaadha jedhe galmeessuu ibseera.
Sa’atii 24 darban keessatti namoonni 307,930 ta’an vaayirasii kanaan qabamuu ibse.
Akka gabaasa dhaabbata kanaatti namoota sa’atii 24 darban keessatti sababa dhibee kanaan lubbuu dhaban 5,500 dabalatee lakkoofsi namoota hanga ammaatti vaayirasichaan du’anii 917,417 ga’eera.
Lakkoofsi guddaan kan galmaa’e Indiyaa, US fi Biraaziil keessatti.
Akka addunyaatti namoonni hanga ammaatti Covid-19’n kan qabaman miiliyoona 28 kan caalan yoo ta’u, kanneen keessaa walakkaa kan ta’an Ameerikaa irraati.
Kanaan lakkoofsi olaanaan guyyaatti galmaa’e 306,857 yoo ta’u, innis Fulbaana gaafa bultii 06, 2020 ture.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇

BBC Afan Oromo news
👉@absolek👈
👉@absolek👈
👉@absolek👈
Ashamaa! Tamsaasa kallattii keenya kan Wiixata eegalleerra.
BBC Afaan Oromoo ulaa kanaan odeessaalee biyya keessaa fi alaa gaggabaabsee isin biraan ga'uuf tokko jedhee eegaleera.
Keessattuu odeessaalee waa'ee koronaavaayirasiirratti xiyyeeffatan baay'inaan argattu.
Baga bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti ceetan!
Nagaan oolaa!


👇👇👇👇👇👇👇👇👇

BBC Afan Oromo news
👉@absolek👈
👉@absolek👈
👉@absolek👈
#BBC AFAAN OROMOO oduuwwan afaan oromoo qofaan dabarsuuf yaaduun chaanaalii haaraa
@absolek bbbcafaanoromoo jechuun eegaleera oduuwwan waqtaawoo dabarsaa jirra. 'Join taasisun hiriyoota keessanif #share taasisaa. Chaanaaliin @absolek BBC afaan oromoo akkuma kanaan duraatti akka itti fufus asumaan isinif ibsina.
Nu waliin waan jirtaniif galanni keenya guddaadha.
#Galatoomaa 🙏🙏🙏🙏🙏


👇👇👇👇👇👇👇👇👇

BBC Afan Oromo news
👉@absolek👈
👉@absolek👈
👉@absolek👈
@absolek
Forwarded from Top 10 world list (@absolek)
#top 10 list
ውድ የtop 10 ዝርዝር ቻናል አባል @topnewsabsol የtop 10
ዝርዝር ቻናል አሁን በዓለም ዙሪያ ላሉት ለሁሉም የtop10
ዝርዝር አንብብ በየቀኑ. ለብዙ top 10 list @topnewsabsol በሁሉም ነገር ዘራፊ ዝግጁ ነው ስለዚህ የእኛ አባል
#share በማድረግ #invite friendር በማድረግ ጓደኛችንን ይጋብዙ

፡፡🙏🙏🙏🙏🙏🤙🤙
አመሰግናለሁ

🤙🤙topnewsabsol
🤙🤙topnewsabsol
🤙🤙topnewsabsol
Forwarded from MEREJA TV
🎉🎉🎊የኢቢኤስ ቲቪ የአዲስ ዓመት የ 3ኛ ዙር የሽልማት አሸናፊዎች ታወቁ እንኳን ደስ አላቹ🎉🎉
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
የ ዘመናዊ አውቶሞቢል ሽልማት ዝርዝር ውስጥ የገቡ ሰዎች ስም ዝርዝር
👇👇

1 አማኑኤል ተሾመ.............300 ሰው ጋብዘዋል

2 ሳሙኤል ጎበዜ .............295 ሰው ጋብዘዋል

3 ብርቱካን አንተነህ.............237 ሰው ጋብዘዋል

4 ቢኒያም ቦጋለ.............126 ሰው ጋብዘዋል

5 ዬናታን አሸናፊ.............95ሰው ጋብዘዋል

6 ተመስገን ወርቅነህ .............76ሰው ጋብዘዋል

7 መሀመድ ከድር............. 59ሰው ጋብዘዋል


➡️ ይህ የስም ዝርዝር እስከ ዛሬ ማታ ለተሸላሚነት እጩ የተደረጉት ናቸው
ከ 50 ሰዎች በላይ ሼር አርጋቹ ስማቹ ያልተለጠፈላችሁ ቤተሰቦች በ 4ኛው ዙር ጠብቁን ነገ ማታ።

ለእርሶም አልረፈደም አሁኑኑ ከታች የሚገኘውን መልዕክት ለሀምሳ ሰዎች
እስከ መስከረም 10 ድረስ ሼር በማድረግ የ መኪና ተሸላሚ ይሁኑ!!

t.me/ebstvworIdwide
ልብ በሉ ሼር የሚደረገው ከታች የሚገኘው መልዕክት ነው
👇👇👇👇👇👇
Torban tokkotti magaalaa Beerutitti ibiddi
marroo sadaffaaf miidhaa geessise
Ibiddi giddugala gabaa magaalaa Beeyirutitti
ijaaramaa turetti qabachuun miidhaa geessise.
Ibiddi kunis biyya dhoohinsa ji'a dabreerraa
bayyanachaa jirtuuf, balaa torban tokko keessatti
marroo sadaffaafi qaqqabedha.
Gamoon kunis buufata doonii ji'a dabre balaan
dhoohinsaa qaqqabe dhyeenyatti argamu
yommuu tahu, dhaabbata dizaayinara beekamtuu
lammii Britishiifi Iraaq taate, Zaahaa Hadid'n
midhaaffame.
Hagayyaa darbe keessa balaan dho’iinsa
guddaan lubbuu namootaa 200 ta'anii gaalafate
hordofee, torban tokko keessatti marroo
sadaffaaf balaan ibiddaa magaalichatti qaqqabe.
Namoonni ibidda dhaamsan garuu saffisaan
qaqqabanii ibidda gamoo hube kana dhaamsan.
Balaa amma qaqqabe kanaan namoonni
miidhamuun hin baramne, maaltu balaa kana
akka kaases hin beekamne.
Balaan kun garuu iddoo daldalaan beekamtuu fi
andaara buufata doonii torban jahaan kana
dho’insi qaqqabee lubbuu namoota 200 tti
dhiyaata ajjeesee 6000 madeessetti argama.

BBC AFAAN OROMOO
👇👇👇👇👇👇👇👇
👍@absolek
👍@absolek
👍@absolek
BBC AFAAN OROMOO
👇👇👇👇👇👇👇👇
👍@absolek
👍@absolek
👍@absolek
Ajeeriyaan dhorkaa adamoo waggaa 25 kaaste
Mootummaan Aljeeriyaa waggaa 25 dura sababa
garee fiinxaaleyyii Islaamaan adamoo dhorkitee
turte amma kaasteetti.
Dhorkaan kun booyyeen daggalaa akka baay’atu
gochuun naannoo baadiyyaatti lafa qonnaa
balleessuun rakkoo uumeera.
Ammaa qabee adamoon seera-qabeessa tahe ji’a
jahaaf eeyyamamaa dha jechuun ministirri
qonnaa biyyattii Ejensiii Pireesii Aljeeriyaatti
himaniiru.
Bara 1990 keessa qawwee adamoof oolu gareen
warra hidhataa hatanii haleellaaf fayyadamnaan
qondaalotni dhaalaniitu adamoo achumaan
dhorkan
Dhorkaan admoo bineensotaafi shimbirrootaa
illee ka’eera.

BBC AFAAN OROMOO
👇👇👇👇👇👇👇👇
👍@absolek
👍@absolek
👍@absolek
Weerarri Covid-19 diingadee addunyaa waggaa
20'n quucarsa-Biil Geet
Gabaasi Dhaabbata Biil fi Maalindaa Geets 'Bill
and Malinda Gates Foundation' jedhamu akka
mul'isutti weerarri koronaavaayirasii guddina
diinagdee addunyaa waggoota 20'n teellaatti
deebisa.
Sababa kanaan namoonni kumaa-kitilaan rakkoo
hoji-dhabdummaa, hiyyummaa fi dhibeewwan
garaagaraaf saaxilamuu akka danda'anis ibseera
gabaasi kun.
Kanaanis karoori misooma waaraa Dhaabbata
Biyyoota Gamtoomanii 'UN's Sustainable
Development Goals' gufachuu danda'a jedhe
gabaasichi.
Tujaarri beekamaan addunyaa Biil Geet, hanga
bara 2021'tti addunyaan talaallii hedduun as
ba'uu dandeessi, garuu talaalliin kun kutaalee
hawaasaa harka qalleeyyii ta'an bira hin ga'u
taanaan rakkoo hamaadha jedhan.

BBC AFAAN OROMOO
👇👇👇👇👇👇👇👇
👍@absolek
👍@absolek
👍@absolek
Iraan dippiloomaatii tokko tuqnaan 1000 goonee
deebisnaaf-Tiraampi
Pirezidaantiin US Doonaaldi Tiraampi Iraan
dippiloomaatii Ameerikaa tokkollee yoo ajjeeste
adabbii hamaadhaanin adaba jedhan.
Pirezidaantichi kana kan jedhan erga Iraan
Ambaasaaddara US Afriikaa Kibbaa jiran irratti
aggaamaa jirti oduun jedhu dhagahameeti.
Iraan dippiloomaatii Ameerikaa tokko tuqnaan
kan harkashee ni argatti, kuma goonee
deebisnaaf jedhan Tiraamp.
Iraan aggaammii ajjeechaa gochaa jiraachuu kan
gabaase barruu politico jedhamuudha,
pirezidaantichi ammoo yaada kana kaleessa ture
tiwiitarii isaaniirratti kan barreessan.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan gabaasa barruun
kun baase haaluun kuffisaniiru.
Akka gabaasa barruu kanaatti Iraan kan isheen
Ambaasaaddara US Afriikaa Kibbaa jiranirratti
xiyyeeffateef waan isaan hariiroo yeroo dheeraa
Pirezidaanti Tiraampi waliin qabaniif.
Kaayyoo gooroon aggaamii ajjeechaa kanaas
Jeneraala biyyattii keessatti akkaan jaallataman
Qaasim Sulaymaanii kan yeroo darbe
ajjeefamaniif gumaa baasuuf.

BBC AFAAN OROMOO
👇👇👇👇👇👇👇👇
👍@absolek
👍@absolek
👍@absolek
Pirezidaantiin duraanii Baagboon, filannoo
Ayivorii Kost keessaa baafaman
Manni Murtii Heeraa Ayivorii Kost Pirezidaantii
duraanii biyyattii Loorent Baagboo fi Ministira
Muummee duraanii Guillaume Soro, filannoo ji'a
dhufu gaggeeffamu irratti akka hin hirmaanne
dhorke.
Komishiniin Filannoo biyyattii namni kamuu
yakkaan himatamee jira yoo ta'e ulaagaa
filatamuu hin guutu jedheera.
Namoonni kunneen lameenuu himatamanii turan.
Tibba kana wayita Pirezidaantiin biyyattii
Alassane Otaaraa marsaa sadaffaaf akka
dorgomuuf jedhan ibsan mormiin uummataa
isaan mudatee ture.
Marsaa sadiif filannoorratti dorgomanii aangoorra
turuu heerri biyyattii hin iyyamu.
Erga qondaalli kun dorgomuusaanii ibsanii
hookkara dhalateen namoonni 15 ajjeefamaniiru.

BBC AFAAN OROMOO
👇👇👇👇👇👇👇👇
👍@absolek
👍@absolek
👍@absolek
Magaalaa Maqaleetti hiriyootni sadii mana
tokkotti du’anii argaman
Magaalaa Maqaleetti hiriyoonni sadiin; Rihisoom
G/ Igzaabiheer, Girmaay G/ Mikaa’eli fi
Marahaawwit Adiguu jedhaman mana jireenya
tokko keessatti du’anii argama.
Sadanuu umrii ganna 20 keessa kan jiran yoo
ta’u, isaan keessa tokko durba.
Sambata darbe wajjin taphataa turanii waarii gara
manasaanitti deebi'anii turan.
Dilbata garuu deebi’anii erga wal arganii mana
hiriyaasaanii tokkotti sadanuu du’anii argaman.
Qorataan yakkaa kutaa bulchiinsa Ayidar
inspeektar ittaanaa Gebremaariyaam Yemaane,
du’a isaaniif ka’umsi maal akka ta’e qorachaa
jiraachuu BBC tti himan.
Hospitaala Ayideritti reeffisaanii qorannoof
ergameera.
Hiriyoota sadan keessaa obbolessa isaa du’aan
kan dhabe Gebremadiin G/ Igzaabiheer,
jenereetarrii kutaa dargaggootni keessatti du’an
keessa ture du’asaaniif sababa ta’uu mala jedhe.
Wayita gara hospitaalaa geeffamanis kobbolchi
afaaniin bahaa akka turellee dubbateera.

BBC AFAAN OROMOO
👇👇👇👇👇👇👇👇
👍@absolek
👍@absolek
👍@absolek
Paartiin Bilisummaa Tigraay sababoota keessoo
fi alaatiin filannoo injifachuu dadhabuu ibse
Tigraay akka bilisoomtu kan barbaadu Paartiin
Bilisummaa Tigiraay sababoota keessoo fi
alaatiin filannoo naannichatti filatame injifachuu
akka dadhabe ibse.
Filannoon naannichatti filatame ‘‘mirga ofiin of
bulchuu mirkaneeffachuuf kan gaggeeffame’ ta’u
ibsuun, filannicharratti bakka bu’ummaa
dhabuusaaniiif sababni ijoon yeroo gabaabaatti
waan hundeeffameef, caasaa ammaa sadarkaa
gadiitti diriirfachuu hin dandeenye jedha.
Paartiin Bilisummaa Tigiraay ‘‘balaa uummata
Tigiraayirratti qiyyaafachuusaatiin’’ hawaasni
sodaa keessa otoo jiruu sagalee kennuu fi
yaaddoon koronaavaayirasii dhiibbaa alaa
filannicha akka hin injifanneef sababa ta’uu ibse.
Paartichi akka ibsetti, TPLF caasaa sadarkaa
gadiirratti ‘‘amalaafi gocha dimokiraasii hin qabne
fi duubatti hafaa’’ mul’isuun bakka bu’ummaa
akka hin argannef qooda gamasaa gumaacheera
jechuun hooggantoonni paartichaa ibsan.
Filannoon naannicharratti paartiilee shan
hirmaatanis, waggoota 30 tti dhiyaatuuf addatti
naannicha kan bulchaa ture TPLF sagalee
10,655,840, Baayitoonaan sagalee 93,495,
Paartiin Bilisummaa Tigiraay58,779, Salsaawii
Wayyaane Tigiraay sagalee 27, 987 yoo argatu,
Asimbaan sagalee 3,088 argateera.
Teessoo mana maree naannichaa 190 keessaa
189 TPLF wayita argatu, teessoo tokkicha
Baayitoonaan argachuu komishinarri filannoo
naannichaa Muluwarq Kidaanamaariyaam
kaleessa ibsaniiru.
Kaadhimamtoota fi maatii kaadhimatoota Paartii
Bilisummaa Tigiraay dorsiifamuun, addatti
qoodamuun filannicharratti akka hin filatamne
taasifamuu ibsameera.
Ta’us, rakkoon jiraatullee firii filannoo akka
fudhatan ibsaniiru.
Komishiniin filannoo naannichaa paartiileen
morkattootaa komii dhiyeessaan akka hin
fudhanne kaleessa ibseera.
Komishinichi namoota filachuuf galma’aan
2,789,254 keessaa harki 98 sagalee kennuusaanii
ibse.
Filannoon biyyaleessaa guutummaa biyyatti
keessatti Hagayya keessa filatamuuf ture yeroo
biraatti akka dabarfamu manni maree bakka
bu’oota uummataa fi federeeshinii murteessuu
hordofee, naannoon Tigraay addatti filachuuf
murteessuu balaaleeffataa turan.
Manni maree federeeshinii filannichi seeraan ala
kan gaggeeffamee fi fudhatama hin qabu
jechuun murteessuun ni yaadamta.

BBC AFAAN OROMOO
👇👇👇👇👇👇👇👇
👍@absolek
👍@absolek
👍@absolek
#share #share #share
#invite #invite #invite

BBC AFAAN OROMOO
👇👇👇👇👇👇👇👇
👍@absolek
👍@absolek
👍@absolek