BBC Afan Oromo news
5.78K subscribers
92 photos
349 links
BBC afaan oromoo oduu haaraa
Download Telegram
Ministirri Ugaandaa mormitootatti dhukaasan
Mana Murtii dhiyaachuufi
Ministirri Hojjetaa Ugaandaa Miweesigwaa
Rukutaanaa, Sanbattan lamaa darban namoota
morkataa isaa deeggaran irratti dhukaasa
banuun to'atamanii Mana Murtiitti dhiyaachuuf
jiru.
Rukutaanaan filannoo dhaaba isaanii keessatti
gaggeeffameen morkataa isaaniin injifatamuutti
aaruun deeggartoota isaatti dhukaasan.
Akka miidiyaaleen biyyattii gabaasanitti, namni
tokko akkaan kan miidhame yoo ta'u namoonni
biroon lamas miidhama guddaaf saaxilamaniiru.
Rukutaanaan garuu ani hin dhukaasne jechuun
himannaa kana ofirraa qolataniiru.
Namootni taatee kana ijaan argine jedhan garuu
Ministirichi meeshaa waraanaa eegdota
isaanirraa luqqifachuun mormitoota isaanitti
dhukaasuu himaniiru.
Ministira kana waliin eegdotni isaa sadii
to'atamaniiru.
Itti Aanaan Dubbii himaa Poolisii Ministirichi
yaalii ajjeechaan himatamuu jedheera.
Battala Ministirichi meeshaa waraanaa fudhatan
viidiyoon agarsiisu marsaalee hawaasaarratti
gadhiifamaniiru.
Saanduqa reeffaa - namoota seera maaskii
uffachuu daddarbaniif
Anga'oonni magaalaa guddoo Indooneezhiyaa -
Jaakaartaa, kanneen seera maaskii uffachuu
daddarbuun, otoo hin godhatin argaman,
saanduqa reeffaa akka seenan gochuufi.
Kanaanis ''hojiisaanii irra deebiin akka ilaalan
taasisna,'' jedhan.
Akka gabaasa miidiyaalee biyyattiitti, kutaa
magaalattii Kalisari keessatti maaskii malee
namni qabamu, achi keessa turuun haga
dhibbaatti lakkaa'a - namoonnis akka suuraa
kaasan ni taasifama.
''Covid-19 kanaan, jarri akkasii kun saanduqa
reeffaa isa dhugaa keessa ciisuun isaanii hin
oolu,'' jedhan aanga'aan magaalattii tokko.
Taateewwan ijoo bara 2012'tti Itoophiyaatti
raawwatan
ALI bara 2012'tti Itoophiyaatti wantoonni ijoo
hedduu biyyattii waltajjii miidiyaalee idil-
addunyaarratti gama gaariitinis ta'e faallaan
kaasan raawwataniiru.
Barri lakkoofsa Itoophiyaa bara 2013 seenuuf
guyyoonni muraasni hafu sababa godhachuun
dhimmoota ijoo bara 2012 raawwatan isin
yaadachiisuuf gabaasa kana qindeessineera.
Dhimmoota ijoo jalqaba bara 2012 keessatti
raawwatan keessaa tokko Irreecha Finfinneeti.
Irreechi Finfinnee waggaa dheeraa booda yeroo
jalqabaaf kan kabajamedha.
Haala haawwataa ta'en kan kabajame sirna
aadaa kana irratti saboonniifi sab-lammoonni
bakkeewwan Itoophiyaa garaa garaaraa dhufanis
hirmaataniiru.
Gama kaaniin, bara 2011 sababoota garaa garaan
kan taasifamuu dhabe lakkoofsi ummataa bara
2012 keessa ni raawwata jedhamus yeroo
sadaffaaf yeroo biraatti darbeera.
Kana dura rakkoo nageenyaan bara 2012
keessammoo sababa weerara koronaavaayirasiin
osoo hin taasifamiin hafe. Ummanni Itoophiyaa
yeroo xumuraaf waggaa 14 dura lakkaa'ame.
Qulqulluun Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii
Itoophiyaa hundeeffama Mana Lubummaa
Oromiyaa kuffisuun lubummaan hundeessitootaa
qabu kan murteessees waggaa bara 2012 keessa
ture.
Balaan lolaa lammiilee kuma dhibbaan
lakkaa'amanirra gaaga'ama olaanaa
dhaqqabsiisees ganna bara 2012 keessadha.
Mootummaan sababa lolaan lammiileen
miiliyoona 2 ol miidhamu danda'u jechuun ibsee
ture.
Dhimmoota ijoo kaan raawwatan akka ittaanutti
qindeessineerra - dubbisaa:
https://www.bbc.com/afaanoromoo/
oduu-54051809
Chaayinaan biyyoota Afriikaa afur keessatti
buufata waraanaa ijaarrachuuf
Akka gabaasa barruun dhimma humna ittisaa
gabaasu, Peentaagoon karoora waggaa damee
waraanaa Chaayinaa ilaalchisuun torbee kana
keessa baaseen, Keeniyaa, Taanzaaniyaa
,Angoolaa fi Siishelsi biyyoota hedduu
Chaayinaan feetu keessaa isaan ijoodha.
Mootummoonni biyyoota sadeenii haga yoonaa
dhimma kanarratti homaa hin jenne.
Gabaasi kun erga torbee darbe maxxanfamee ijoo
dubbii ta’eera.
Gabaasa ba’e kanaan walqabatee kanneen
odeeffamaa jiran keessaa tokko biyyoonni
Chaayinaan filatte dhimmicharratti mari’achuu
akka didaniidha.
Chaayinaan durumaanuu buufata humna
waraanaa Jibuutiidhaa kan qabdu yoo ta’u,
humna galaanarraa, qilleensaa fi lafoo daangaa
biyyootaa ceetee cimsachuuf buufataalee
dabalataa barbaaddi.
Chaayinaan biyyoota akka Miyaanmaar,
Taayilaand, Singaappoor, Indooneezhiyaa,
Paakistaan, Sirii Laankaa, Yuunaayitid Arab
Imireetis (UAE), Seeyishels, Taajikistaan
keessattis karoora kana qabdi.
Indiyaan lakkoofsa Covid-19n Biraazil caaluun
lammaffaa taate
Sa'aa 24 dabran keessa Indiyaan lakkoofsa
namoota koroonaavaayirasiin qabaman haaraa
90,000 galmeessuun, lakkoofsa waliigalaan
Biraazil caaltee jirti.
Biyyattiin amma addunyaarra baay'ina lakkoofsa
namoota qabamaniin Ameerikaatti aantee
lammaffaarra jirti - 4,204,613.
Kana malees du'a 71,642 galmeessuun
Ameerikaafi Biraazilitti aantee sadaffaarra jirti.
Lakkoofsi galmeeffaman garri caalu kutaalee
biyyaa shanirraa kan dhufanidha.
Haalaan dabaluun lakkoofsaa kan dhufe erga
mootummaan uggura kaasee boodadha.
Sababni uggurri itti laaffifameefis diinagdeen
biyyattii haalaan gadi kufuun, namoonni
miiliyoonatti lakkaa'amani hojii dhaban.
Guyyoota torba darbanitti guyyaatti namoonni
75,000 ol tahan biyyattiitti vaayirasichaan
qabamu.
Forwarded from Top 10 world list (@absolek)
በዓለም የስለላ ኤጀንሲዎች ውስጥ ያሉ ምርጥ የስለላ
ኤጀንሲዎች ሊኖሩ ከሚችሉት የውስጥ እና የውጭ አደጋዎች
ሲያገለግሉ ቆይተዋል ፡፡ እነዚህ የስለላ ኤጀንሲዎች የመረጃ
አሰባሰብ ፣ የተለያዩ የስለላ ተግባራትን በማከናወን ተልእኮ
ተሰጥቷቸዋል ፣ በተለይ በብሔራዊ ደህንነት ጉዳይ ላይ
በተለይ መንግስትን ለመምከር ፣ የሐሰት መረጃዎችን
በማሰራጨት እና በአንዳንድ ኤጀንሲዎችም ቢሆን ግድያዎችን
ማከናወን. ሆኖም እነዚህ የስለላ ድርጅቶች ሁሉ አንድ
አይደሉም ፡፡ ከእነዚህ ውስጥ አንዳንዶቹ ከሌሎቹ በተሻለ
ይታወቃሉ ፡፡ እነዚህ ኤጀንሲዎች በፍጥነት ችግሮችን
ለመቋቋም በፍፁም ቁርጠኝነት ላይ የተመሰረቱ ይሆናሉ ፡፡
ብዙዎቻችን በእውነቱ በዓለም ላይ ስላለው የተለያዩ የስለላ
ድርጅቶች አናውቅም ፡፡ ስለዚህ እዚህ በዓለም ላይ ያሉትን
10 ምርጥ የስለላ ድርጅቶች ለመመደብ ዝርዝሮችን
ሰብስበናል

https://t.me/topnewsabsol
https://t.me/topnewsabsol
https://t.me/topnewsabsol
Chaayinaan ogeeyyii fayyaa ‘gootota waraana Covid-19’ jetteen badhaafte
Paartiin Koministii Chaayinaa bulchaa jiru ogeeyyii fayyaa weerara koronaavaayirasii ittisuu keessatti gahee olaanaa bahan ‘gootota Covid-19’ jechuun qophii olaanaa taasisee badhaase.
Pireezidantiin Chaayinaa Shi Jiinpingi akka jedhaniitti, biyyattiin ‘‘qormaataa seena qabeessa’’ keessa dabartee jirti jedhaniiru.
Itti dabaluunis Chaayinaan guyyaa weerarichi itti mudatee kaasee ogeessoti fayyaa lubbuu namoota miliyoonotaan lakkaa’aman baraaruu danda’aniiru jedhaniiru.
Kanaafis galatatu isaaniif ta’a jedhaniiru.
Donaald Tiraamp dadhabbii Chaayinaatiin weerarri vaayirasi addunyaa maratti akka babal'atu ta’e jechuun irra deddeebiin himatu.
Biyyi Awustiraaliyaa ammoo maddi vaayirasichaa akka qoratamuuf deeggarte turte.
Gama kaanin ammoo hakimiin biyyattii Dr Lii Weniilaangim kan sababii jalqaba dhimmi Covid-19 mudachuu ilaalchisee dubbachu isaatiin mootummaan akeekkachiifamee ture sirna kanarratti maqaansaa hin kaafamne.
Hakimiin kunis booda keessa sababiidhuma koronaavaayirasiitiin du’uunsaa ni yaadatama.
Jalqabarratti lakkoofsa Chaayinaan weeraricha ilaalchiftee kennaa turte irratti shakkiitu ture.
Haa ta’u malee, amma biyya ka’umsa koronavaayirasiitiin waamamtu Chaayinaatti jireenyi haala duriitti kan deebi’e fakkaata.
Haalli tatamsa'ina vaayirasichaa sadarkaa zeeroo jedhamu irratti argama.

@absolek
@absolek
@absolek
Dubartii Afriikaa yeroo jalqabaaf NASA seente
Dubartiin Niijeer Fadji Mayina, dubartii Afriikaa jalqabaa jabduu dhaabbata hawaa fi wantoota hawaa keessa jiran qoratu(NASA) keessa seente taateetti.
Haayidirooloojistiin umurii waggaa 29 kun digiriishee sadaffaa(PhD) bara 2016 argatte.
Dhaabbata addunyaarratti beekamaa ta'e NASA kan US keessatti argamu ammoo dhuma ji'a darbee seente.
Carraa hojii argatte kanaan biyyashee fi ardii Afriikaa akka gargaaruuf karoorfatte dubbatte Fadji Mayina.
Dubartiin akka kiyyaa Niijeer keessaa baatee NASA seentee jedhee namni yaadu hin jiru, garuu akka danda'amu beekuu qabu jetti.
Dhaabbata akka NASA keessatti namoota keenya hedduu qabaachuu qabna jetti Fadji Mayina.

@absolek
@absolek
@absolek
Miseensi paarlaamaa Keeniyaa pirezidaantii arrabse, hidhame
Miseensi paarlaamaa Keeniyaa Johanna Ng'eno, pirezidaantii biyyattii Uhuruu keeniyaarratti yaada kenneef hidhame.
Qondaalli kun wayita waa'ee pirezidaantichaa dubbatu jechoota kabajasaanii mulqutti fayyadameera jedhamuun himatameera jechuun barruun 'the Daily Nation' poolisii eeruun gabaase.
Viidiyoon wayita namni kun dhimma pirezidaanti Uhuruu Keeniyaataa fi Itti Aanaa isaanii Wiiliyaam Ruutoo irratti dubbatu agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti baay'inaan qoodamaa ture.
Wiiliyaam Ruutoo waliin hojjechuun yoo isiniif hin mijanne mootummaa keessan diigaa, aangoo gadi dhiisaa jechuun pirezidaantichatti dubbataa ture namni kun.
Wiiliyaam Ruutoon erga namni kun hidhamee yaada tiwiitarii irratti barreesaniin,''hooggantoonni wayita dubbatan arrabso fi jecha badaa irraa of qusachuu qabu'' jedhan.
''Jecha hin taanee fi naamusa cabsu haadhaa fi dure biyyaatti darbachuun aad-male jedhan.

@absolek
@absolek
@absolek
'Weerarri Covid-19 Itoophiyaatti hammaate nu yaaddessa' Sudaan Kibbaa
Aanga'oonni fayyaa Sudaan Kibbaa biyya ollaa isaanii Itoophiyaa keessatti weerarri Covid-19 hammaachaa dhufuussaatiin yaaddahuu beeksisan.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaas Itoophiyaatti vaayirasichi jalqaba erga gabaafamee torbee darbe lakkoofsa olaanaa glameessuu beeksiseera.
Dandiin Qilleensaa Itoophiyaa guyyuu gara magaala guddoo Sudaan Kibbaa Juubaatti balali'a. Kun ammoo vaayirasichi Itopphiyaatti haammaachuu isaatiin yaaddoo ogeeyyii fayyaa jabeesseera.
Haala weerara kanaan yaaddahuu kan ibsan dubbii himaan Ministeera Fayyaa biyyatti, ''tarkaanfilee of eeggannoo jabeessuu qabnaa'' jedhaniiru.
Balaliin xiyyaaraa biyyoota lamaan gidduu akka itti fufu himanii, biyyootni lameenuu tarkaanfilee of eegganno lammiilee isaanii eegu hojiirra olchuu qabuu jedhaniiru.
''Hanga dirqamni dhufutti'' balalii Finfinneerraa ka'uun gara Jubaa dhufu simachuu akka itti fufaniis ibaniiru.

@absolek
@absolek
@absolek
Sudaanitti lolaan iddoowwan arkiyoolojii balaaf saaxile
Lagni Naayil akka malee guutee lolaa uumameen iddoowwan arkiyoolojii murteessoo ta'an Kaaba magaalaa Kaartuum jiran balaaf saaxilamanii jiru.
Hambaa addunyaa ta'uun kan galmaa'ee piiraamidoonni qarooma Meero'ee duriin ijaaraman Al-Bajrawiya kanneen miidhaman keessaa tokko jedhu arkiyoolojistoonni.
Aanga'oonni biyyattii bishaan ujummoon harkisanii achii baasanii iddoowwan seena qabeessa ta'an kana baraaruuf akkasumas qalqala cirrachaan guutameen keenyan tolchanii lolaa irraa ittisuuf yaalaa jiru.
Sudaan rooba hamaa roobeen balaan lolaa guddaa kan ishee mudate yoo ta'u, mootummaan labsii yeroo muddamaa labsee jira.
Namootni 100 ta'an balaa lolaa kanaan lubbuu dhabaniiru.
Lolaan masaraa MM Sudaan Abdallaa Hamdook kan Kaaba Kaartuum jirullee gahee ture garuu achitti miidhaa hin dhaqqabsiifne.

@absolek
@absolek
@absolek
Pirezidaantiin Naayijeeriyaa warra aangoo marsaa sadaffaa barbaadan morman
Pireezidantiin Naayijeeriyaa Muhammaduu Buhaarii yaada biyyoonni lixa Afriikaa aangoo marsaa sadaffaaf qabachuuf qaban morman.
Hooggantoonni yeroo turtii aangoo heera mootummaatiin murtaa’e kabajuu qabu jedhan.
Pirezidaantichi yaada kana kan kennan erga gitoonni isaanii kan Ivory Coast Alassane Outtara fi kan Giinii Alfaa Kondee marsaa sadaffaaf akka dorgomuu fedhan ibsaniiti.
Pirezidaanti Buhaariin walga’ii gamtaa biyyoota lixa Afriikaa, Ecowas, Niijeer magaalaa Niyaamii keessatti taa’amerratti kana dubbatan.
Walga’ii kanarratti dureewwan biyyoota saddeetii kan hirmaatan yoo ta’u humni waraanaa Maalii Hagayya darbe gaafa bultii 18 aangoo qabate akka dabarsee kennus akeekkachiisaniiru.
Biyyoonni lixa Afriikaa hookkara biyyattiitti dhalate booda Maaliirra qoqqobbii kaa’aniiru, waggaa tokko keessatti filannoon akka gaggeeffamus gaafatan.

@absolek
@absolek
@absolek