Channel name was changed to ยซ๐๐๐ฌ๐ Go ๐๐ก๐๐ง๐ง๐๐ฅยป
๐๐จ๐ข๐ง ๐ ๐จ๐๐ก๐ข๐ข ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐ฆ๐๐ค๐๐ฆ๐ข
Channel name was changed to ยซ๐๐๐ฌ๐ ๐๐ ๐๐ก๐๐ง๐ง๐๐ฅยป
๐๐ฎ๐๐๐ ๐ค๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ง ๐ค๐๐ง๐ ๐ฆ๐๐๐ช๐ ๐ค๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ง๐ญ๐ฎ ๐๐๐๐ค๐ @Absereact
๐1
๐๐ฎ๐ฎ'๐ถ๐น๐ฎ ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ ๐ค๐ฎ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ฎ ๐๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐๐ฎ๐ฎ ๐ณ๐ถ ๐๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐๐ถ๐ถ ๐๐น๐ฎ๐ฎ๐น๐ฐ๐ต๐ถ๐๐ฒ๐ฒ ๐ฆ๐ฒ๐ฒ๐ฟ๐ฟ๐ถ ๐ ๐ฎ๐ฎ๐น ๐๐ฒ๐ฑ๐ต๐ฎ?
๐Gaa'illii gamtaa jaarsaa fi jaartiiti malee gamtaa qabeenyaa waan hin taaneef jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya dhunfaa qabaachuu fi horachuu ni danda'u.
โ Karaaleen qabeenyi dhunfaa jaarsaa fi jaartii itti argamu inni jalqaba jaarsaa fi jaartiin qabeenya osoo gaa'ila waliin hin hundeefatin dura dhunfa dhunfaa isaaniitin qaban gaa'ila boodas waliigaltee fuudhaa fi heerumaatin qabeenya waliinii akka taโu yoo murteefatan malee qabeenyuma dhunfaa isaanii ta'ee itti fufa.
โกErga gaa'ila hundeefatanii booda jaarsaa fi jaartiin qabeenya dhunfaa isaanii karaa lama gurguddoon horachuu dandaโan
๐Kunis inni jalqaba qabeenyi dhiirsaa fi niitiin gaa'ila keessatti waliin osoo hin tahin dhunfaan kophatti dhaalaan maatii isaaniirra dhaalaanii fi kennaadhsn dhunfaan nama biroo irraa argatan qabeenya waliinii osoo hin tahin qabeenya dhunfaa isaanii taha
โ Seera maatii federaalaa keewwata 57 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 72 jalatti qabeenyi abbaan warraa fi haati warraa guyyaa fuudhaa fi heeruma isaanii raawwatan dhunfaa isaaniti qabanii fi erga wal fuudhan booda dhaalan maatii irraa yokiin kennaan nama biroo irraa dhunfaa isaaniti argatan kanuma dhunfaa isaanii taha jechuun ifatti tumamee jira.
๐Jarsaa fi jaartiin Gaa'ila keessatti qabeenya tokko kennaan dhunfaa isaaniiti nama biroo irraa argachuun kan dhunfaa isaanii taasifachuuf namni kennaa isaaniif kennu qabeenya kennaan isaanif dabarsu ilaalchisee jaarsaa fi jaartii keessa isa tokko yokiin abaaluufin kanne jechuun ifaa ifatti ibsuun akkasumaas akkaataa seera rogummaa qabuutiin ulaagaan waaligalte kennaa qabeenya kanaatis guutamuun qabeenyichi isaan keessa nama tokko qofaaf kennamuun isaa haala shakkii hin qabneen yoo ibsamee qofa qabeenyi kun qabeenya dhunfaa nama kennameefii san taha malee yoo haala kanaan ibsamu baate qabeenyi kennaan argame kun qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii tahuun isaa waan hafu miti jechuudha.
๐Karaan inni lammaffaan jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya tokko dhunfaan horachuu dandaโan qabeenya dhunfaa isaaniiti gaa'ilan duraa fi gaa'ila keessatti qaban gurguruun qabeenya biroo bituun yokiin kan birootiin jijjiruun qabeenyi argatan qabeenya dhunfaa isaanii taha
๐ดSeera maatii federaalaa keewwata 58 fi seera maatii Oromiyaa keewwata 74 jalatti abbaan warraa fi haati warraa qabeenya tokkoon isaanii qabeenya dhunfaa isaatiin jijjiruun argatu yokiin qabeenya dhunfaa isaatiin bitatu yokiin maalaqni qabeenya dhunfaa isaa gurguree argatu kanuma dhunfaa nama sanii taha jechuudhan ifatti tumamee jira.
๐Haa tahuu garuu qabeenyi karaa lammaffaa kanan argame kun gareen qabeenya kana haala kanaan argate yeruma san mana murtiitti qabeenyiin haala kanaan argadhe kun kan dhuunfaa kiyyaa naaf tahe akka naaf mirkaneefamu jechuun iyyatee manni murtii yoo hin mirkaneesiniif qabeenyichi qabeenya dhunfaa tahuun isaa hafee qabeenya gamtaa jaarsaa fi jaartii akka tahu seera maatii Oromiyaa keewwata 74 (2), 78 (2) kan federaalaa keewwata 62(2) jalatti ifatti tumamee jira.
๐Jaarsaa fi jaartiin qabeenya osoo wal hin fuudhin dura dhunfaa isaaniitin qaban, qabeenya erga wal fuudhan booda kennaa fi dhaalmayaan kophati dhunfaan argatan, qabeenya tokkon isaanii qabeenya dhunfaa isaatiin jijjiruun argatu yokiin qabeenya dhunfaa isaatiin bitatu yokiin maalaqni qabeenya dhunfaa isaa gurguree argatu qabeenya dhunfaa yommuu ta'u qabeenya dhunfaan qaban kana jaarsaa fi jaartii keessaa abbuma dhunfaan qabuutu kophaa isaa bulfata.
๐ฐ#Gaa'ila keessatti jaarsaa fi jaartiin qabeenya dhunfaan qaban kana namuma qabeenyicha dhunfaa isaatiin qabuutu kophaa isaatti bulfachuun akka ofii barbaade godha malee gareen biraa qabeenya kana isaa waliin bulchuu fi itti ajaju hin dandaโu jechuudha.

Telegram
Qabxii kutaa 12ffaa bara 2018
๐๐๐ซ๐ง๐จ๐จ๐ญ๐ ๐ก๐๐๐๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ซ๐ซ๐๐ ๐๐๐ซ๐๐๐ก๐ฎ
https://t.me/AbseTv
https://t.me/AbseTv
๐2
๐Seera maatii oromiyaa keewwata 75 jalatti jaarsaa fi jaartiin tokko tokkoon qabeenya dhunfaa isaanii bulchuu fi galii irra argamus sassaabachuu fi itti ajajuuf bilisummaa guutuu akka qabu tumamee jira
โ Qabeenya gaamtaa jaarsaa fi jaartii jechuun immoo qabeenya isaan lachuu waliin qabanii fi qabeenyi kunis kan guyyaa gaa'ila isaanii raawwatan waliin argatanii fi haala addaattin qabeenya dhunfaa tahuun yoo mirkanaaโe malee qabeenyi gaa'ila isaanii keessatti karaa kamiinuu argame hundi qabeenya waliiniiti jechuudha (Tilmaama waliigalaa)
โ Waliigaltee kennaatiin yokiin jecha dhaamootin haala addaattiin yoo ibsame malee kennaadhan yokiin dhalmayaan qabeenyi gaa'ila keessatti argame hundi qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii ta'a
โ Qabeenyi jaarsaa fi jaartiin gaa'ila keessatti qabeenya dhunfaa isaanii gurguruun argatan yokiin qabeenya dhunfaa isaaniitin jijjiiruun argatan qabeenya dhunfaa garee sanii tahuun mana murtiitin yoo mirkanaa'e malee qabeenya waliini taha.
โ Carraaqqii dhunfaa jaarsaa fi jaartiin yokin qabeenya dhunfaa yokiin waliinii irraa firiin ykn bu'aan argamu qabeenya waliiniti.
๐Seera maatii Oromiyaa keewwata 82 fi kan federaalaa keewwata 66 jalatti jaarsaa fi jaartiin qabeenya waliin qaban hunda yokiin gartokkee isa isaan keessaa namni tokko akka bulchu yoo waliif galan malee jaarsaa fi jaartiin qabeenya waliin qaban kan walumaan bulftan tahu ifatti tumamee jira
โ Haa tahuu garuu jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko dandeeti hin qabu jedhamee yoo murtaa'e fakkeenyaaf yoo maraate yokiin mirgi qabeenya bulchuu seeraan yoo irraa fudhatame yokiin sababa kamiinuu qabeenya walii isaanii bulchuu yoo hin dandeenye inni kaan kophaa isaa qabeenya waliinii kan bulchu taha jechuudha
โ Buโuruma kanaan seera maatii Oromiyaa keewwata 84 fi kan federaalaa keewwata 68 jalatti akka tumamee jiruti waliigalteen qabeenya waliinii isaanii irratti garee 3ffaa waliin taasifamu seera qabeessa tahuuf kan dirqama hayyama jaarsaa fi jaartii barbachisu kanneen armaan gadii kana.
๐Qabeenya Waliinii kan hin sochoonee fi qabeenya sochoo'aa gatiin isaa qarshii dhibba shanii (500) ol ta'e gurgguruuf,jijjiiruf,kireesuuf, qabdiidhan yokiin wabiidhaan kennuuf yokiin haala biroo kamiiniyyuu namoonni biroo mirga akka irratti argatan gochuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa.
โ Maalaqa qarshii dhibba tokko (100) ol yokiin qabeenya waliinii gatiin isaa qarshii dhibba tokko (100) ol tahe kennaadhan nama biraatiif dabarsuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa
โ Qarshii dhibba shanii (500) ol namaaf liqeessuuf dirqama hayyama fi waliigaltee jaarsaa fi jaartii barbaachisa
๐Akkaataa armaan olitti ibsame kanaan waliigalteen qabeenya waliinii ilaalchisee taasifamu kana jaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko hayyamaa isaa yoo kennuu baate yokiin inni tokko qofti kophaa isaa waliigaltee nama biroo waliin yoo raawwate fakkeenyaaf abbaan warraa kophaa isaa qabeenya waliinii kan gurgurgu yoo taโe,kophaa isaa maalaqa qarshii dhibba shan kan namaaf liqeessu yoo taโe haati manaa maal gochuu dandeessi? Furmaanni isaa hoo maal ta'a?
๐Jaarsaa fi jaartiin osoo waliif hin galin inni tokko qofti qabeenya waliinii irratti qaama 3ffaa waliin waliigaltee kan taasisu yoo tahe fakkeenyaaf inni tokko qofti kophaa isaa qabeenya waliinii kan namaaf gurguru yokiin namaaf kennu yoo ta'e,inni tokko qofti kophaa isaa qarshii dhibba shan ol kan namaaf liqeesu yoo taโe gareen hayyama isaa hin kennin gaafa waliigalteen raawwatamuu isaa beeke irraa kaasee yeroo ji'a jaha keessatti yokiin haaluma kamiinuu gaafa waliigalichi raawwatame irraa kaasee waggaa lama keessatti mana murtitti iyyachuun waliigaltee san akka diigamu taasisuu kan dandaโu tahuu isaa seera maatii oromiyaa keewwata 85 jalatti tumamee jira.
๐Manni Murtii Waliigala Federaalaa dhaddachi Ijibaataa jildii 16ffaa lakk galmee 90959 ta'e irratti qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii ta'e isaan lameen keessaa namni tokko kophaa isaa waliigaltee kennaatiin nama biroof dabarsuu kan hin dandeenyee fi waliigalteen kennaa kopha isaatiin taasise bu'aa tokkolee kan hin qabne tahuu

isaa murtii dirqisiisaa kannee jira.
๐Dhiyeenya kana immoo manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi Ijibaataa lakk galmee 229085 taโe irratti dhaddacha gaafa caamsaa 28/2015 ooleen mana qabeenyaa waliinii jaarsaa fi jaartii taโe waligaltee ganda keessatti taasifameen erga gurguramee booda bitataan waliigalteen bittaa raawwatameefi manni murti manicha akka harka isaatin gahu himannaa yeroo dhiyeefatu
โ๏ธJaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko qofti waliigalteen gurgurtaa manaa jiraachuu fi maalaqas bitataa irraa fudhachuu isaa amanee inni tokko immoo waliigalteen gurgurtaa mana kan hin jirree fi barreefama waliigaltee irrattis kan hin mallatesin tahuu ibsun yoo falme mana qabeenya waliinii jaarsaa fi jaartii taโe waliigaltee fi hayyama nama waliigalteen jiraachuu isaa kaadeen ala gurguramuu sababa hin dandeenyeef waliigaltichi akka diiggamu seerummaan kan gaafatameefi jaarsaa fi jaartii keessa jiraachuun waliigaltee nama tokkon kan haalame tahuu irra dabree waliigaltichi qaama waliigaltee mirkaneessuuf aangefame birati kan hin taasifamin waan taโeef barreefama waliigaltee irraa mallattoon jiru kan nama kaadee tahuu fi dhabuu qulqulleessuun kan hin barbaachifnee fi waliigalteen jaarsaa fi jaartii lameeniitu iddoo hin jiretti waliigalteen gurgurtaa mana taasifame bu'aa waan hin qabneef manni murtii akka diigamu murtii kennuun isaa sirriidha jechuun murteesee jira.
๐Haaluma kanaan manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaatatis jildii 13ffaa lakk galmee 61808 ta'e irratti waliigalteen waliigaltoota garee lamanii jidduutti taasifame kan raawwatame yoo taโes waliigaltichi faayidaa fi mirga garee 3ffaa kan tuqu yoo taโe kanuma ibsuudhaan waliigaltichi akka diiggamuuf mana murtiitti himannaa dhiyeefachuun kan dandaโamu ta'uu isaa murtii dirqisiisaa kannee jira.
โ Haa tahuu garuu jaarsaa fi jaartii keessaa inni tokko qofti qabeenya waliinii irratti waliigaltee taasisuun fakkeenyaaf inni tokko qofti qabeenyicha kan namaaf gurguru yoo taโe gareen hayyama isaa hin kennin waliigalteen gurgurtaa kun diiggame qabeenyi gurgurame akka deebiโuuf waggaa lama keessatti mana murtiitti himannaa yoo dhiyeefachuu baate furmaanni isaa maal ta'a?
โ Seera maatii oromiyaa keewwata 85 (2) jalatti gareen hayyama isaa hin kennin waliigaltee gareen biraa nama biroo waliin kopha isaa taasise mana murtiitiin akka diiggamuuf waggaa lama keessatti yoo himannaa hin dhiyeefatin waggaa lama booda dhiyeefachuu hin dandaโu jechuun kan tumee jiru waan taheef gareen hayyama isaa hin kenniin waliigaltichi gaafa raawwatame irraa kaasee waggaa lama keessatti akka isaaf diigamu mana murtiitti yoo himannaa dhiyeefachuu baate wagga lama booda himannaa dhiyeefachuu hin dandaโu jechuudha.
๐Manni Murtii Waliigala Federaalaa dhaddachi ijibaataa jildii 19ffaa lakk galmee 103721 taโe irratti akkaataa seera maatii jalatti tumamee jiruun jaarsaa fi jaartiin qabeenya gaaโila keessatti waliin qaban bulchuuf walqixa mirga kan qabanii fi waliigalteen isaan lameeniitin ala waliigaltee nama tokko qofatiin qabeenya waliini nama sadaffaaf kan dabru yoo taโe namni qabeenyi kun hayyamaa fi waliigaltee isaatiin ala qaama sadaffati dabre yeroo seeraan kaaโame keessatti mana murtiiti himannaa dhiyeefatee waliigaltichi akka diiggamu yoo gaafachuu baate gocha fi waliigalteen hayyama isaa malee raawwatame akkuma raggaโeti tura jechuun seera maatii federaalaa keewwata 68 fi 69 waliin walqabsiisuun murteesee jira
โ Sababni seerichi waliigalteen garee tokko qofaan taasifame kun gareen hayyama hin kenniin waggaa lama booda akka isaaf diigamuu himannaa dhiyeefachuu hin dandaโu jechuun tumeef kunis mirga garee 3ffaa fi nageenyi gabaa bittaa fi gurgurtaa akka eeggamuufi.
๐Dhimma tokkof yeroo himannaan itti dhiyaachuu qabu ilaalchisee seera addaatin darbinsi yeroo kan tumamee jiru yoo ta'e jaarsaa fi jaartii keessa namni tokko qabeenya waliini irratti sababa hayyama isaa malee waliigalteen rawwatameef waliigaltichi akka naaf diigamu jechuun yeroo himannaa dhiyeefatu dhimmicha ilaalchisee darbinsa yeroo waggaa lama seera maatii jalatti tumamee raawwii qaba moo dhimma falmiif sababa ta'e

โค1๐ฅฐ1
Boru maaltu beeka ?
Yookan xiyyaara binnee
Lafoo deemuu laganna,
Yookii Miilanuu cinnee
Karaa teenyee kadhanna!
Yookii gamoo ijaarree
Abbaa urjii jedhamna,
Yookiimmoo huccuu daarree
Nama qurciis jedhamna!
Shiroof misira koorree
Fooniif hanqaaquu eella,
Yookiimmoo raafuu dhabnee
Nyaata saree kajeella!
Yookaan cimnee cichinee
Abbaa 'Kaampaanii' taana
Yookan Cinnee Ciccinnee
Cabaa 'Darzaanii' taana!
Ykn xiyyaara qaaritee qubatta,
Ykn sigaaraa aarsitee gubatta!
Yookan rabbiin si faana ta'a
Yookan cabbii si dhaana ta'a!
Qaba jettees hin boonin!
Dhabe jettees hin boohin!
Maaltu beeka kan boruu,
Eessatti akka nuun gorru!
โ๏ธ
Yookan xiyyaara binnee
Lafoo deemuu laganna,
Yookii Miilanuu cinnee
Karaa teenyee kadhanna!
Yookii gamoo ijaarree
Abbaa urjii jedhamna,
Yookiimmoo huccuu daarree
Nama qurciis jedhamna!
Shiroof misira koorree
Fooniif hanqaaquu eella,
Yookiimmoo raafuu dhabnee
Nyaata saree kajeella!
Yookaan cimnee cichinee
Abbaa 'Kaampaanii' taana
Yookan Cinnee Ciccinnee
Cabaa 'Darzaanii' taana!
Ykn xiyyaara qaaritee qubatta,
Ykn sigaaraa aarsitee gubatta!
Yookan rabbiin si faana ta'a
Yookan cabbii si dhaana ta'a!
Qaba jettees hin boonin!
Dhabe jettees hin boohin!
Maaltu beeka kan boruu,
Eessatti akka nuun gorru!
โ๏ธ
Jaalala Ganeera
Akkan abdiin sin eegneef
Abdiikoo dhaamsiteetta
Akkan kan biraa hin laalleef
Qaroo koo jaamsiteetta
Balbala onnee kootii
Jaalalaan saamsiteetta
Ati deemteetta hin dhuftu
Onneen koos ormaa hin kuftu
Ati sichi kankoo hin taatu
Onneen koos durba biraatti hin naatu
Kanaafuu...
Ganda jaalalaa keessaa
Godoo koo butadheera
Akkan durba hin jaallanneef
Garaa koo kutadheera!
Egaa...
Atis booda deebitee
Onnee koo rafte hin kaasin
Achumarraan fagaadhu
Dhuftee garaa na hin raasin
Faallaa ta'ee jiraachuuf
Daandii haaraa baneera
Kana booda hin danda'u
An jaalala ganeera!
โ๏ธ Martinaan S
@Absereact2
Akkan abdiin sin eegneef
Abdiikoo dhaamsiteetta
Akkan kan biraa hin laalleef
Qaroo koo jaamsiteetta
Balbala onnee kootii
Jaalalaan saamsiteetta
Ati deemteetta hin dhuftu
Onneen koos ormaa hin kuftu
Ati sichi kankoo hin taatu
Onneen koos durba biraatti hin naatu
Kanaafuu...
Ganda jaalalaa keessaa
Godoo koo butadheera
Akkan durba hin jaallanneef
Garaa koo kutadheera!
Egaa...
Atis booda deebitee
Onnee koo rafte hin kaasin
Achumarraan fagaadhu
Dhuftee garaa na hin raasin
Faallaa ta'ee jiraachuuf
Daandii haaraa baneera
Kana booda hin danda'u
An jaalala ganeera!
โ๏ธ Martinaan S
@Absereact2
โค2๐ฅฐ1