Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa
5.99K subscribers
34 photos
1 video
11 files
307 links
“Nama gaaffii isin gaafatee deebii isinirraa barbaaduuf, deebii ga’aa deebisuuf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa!” (1Phex.3:15).

Channel, “Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa” jedhu kana keessatti gaaffii shakkitootaaf deebii ga’aa argattu.

@YaadgaaffiiBot
Download Telegram
Instant View” kan jettu tuquun banadhaa dubbisaa!

1. “Ulee Musee [ Arwe Birt (አርዌ ብርት) ] maali?

2. Maalif ulee qabatu?

3. Maalif bofti Naasii irraa hojjetame ulechirra jiraate?

4. Harka bitaatti ulee kana, harka  mirgaatti immoo maalif fannoo kiristoosiin qabatu; maal ibsuufi?”


Join:

@abdiimaariyaamiifinjira

@GolaSoorataJireenyaa
​​“YouTube fi Telegram Channel” barsiisaa keenya jaalatamaa fi kabajamaa Meggaabee A’ilaaf [Sooraa Kitilaa] Barsiisaa Dn Iyyaasuu Fiqaaduu [Iyasu Tube] hundumtuu “Subscribe/Join” taasifachuun, Irraa haa barannu! Isaan cina dhaabannees jajjabina haa taanuuf!

YouTube — Subscribe - Iyasu Tube

TelegramJoin - Iyasu Tube
🤔 Gaaffii namoonni 99% deebisuu dadhaban kana yaalaa mee👇

“.... kana irratti Mikaa’el ergamoota angafoota warra duraa keessaa inni tokko, na gargaaruudhaaf dhufe;...” (Daan.10:13).

Sagalee kana kan dubbate eenyu? (Akka caqasa kanaatti Mikaa’eliin eenyuun gargaaree?)

Amaleeffannaadhaan/barteedhaan hin deebisiinaa, itti yaadaa deebisaa!


https://t.me/GolaSoorataJireenyaa
Yeroo hundumaa jiraachuu kee kanaaf, waaqayyo uumaan kee sababuma akkasitti si uume qofaaf, callisiima sababa tokko malee isa galateeffadhu! 🙏

Ganama yeroo hirribaa kaatu guyyaan har’aa isa kaleessaa caalu, guyyichis guyyaa gaarii akka sii ta’uuf, abbaa guyyichaa isa ta’e Waaqayyootti dabarsii kennadhu!

Guyyoota haaraa ta’anii siif dhufan hunda, seeraan fayyadami malee waanuma sin galchine kamuu keessa seentee yericha hin balleessin! Namoota falmii baay’isan duukaa falmite yeroo kana hin gubin!

Guyyaawwan kanneen hundatti qaamni kee waan gaarii haa hojjetu; sammuun kee gaarii haa yaadu; arrabni kees waan gaarii haa haasa’u malee hamaan afaan keetii gad hin ba’in! Irra caalaattimmoo namoota hundumaaf garaa dhiifamaa qabaadhu; karaa keetiin eenyullee akka hin gufanneef waanuma fedhee keetiin of eeggadhu!

Join @abdiimaariyaamiifinjira
Forwarded from Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa (Misganu Mulatu)
Gaaffii Shakkitootni Qulqullootarratti kaasan isa angafaaf Deebii Ga’aa

“... Leenca du’erra Saree lubbuun jiru wayya; ... Warri du’ootaa waan tokkoyyuu hin beekan; seenaan isaaniis irraanfatameera.” (Lal.9:3-6).

Instant View” kan jettu tuquun banaa dubbisaa!

Channel, “Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa” jedhu kanaaf miseensa hin taane yoo ta’e, kunoo ammuma link, @abdiimaariyaamiifinjira jedhu kana tuqaa itti makamaa miseensa ta’aa!

https://telegra.ph/Gaaffii-Shakkitootni-Qulqullootarratti-kaasan-isa-angafaaf-Deebii-Gaaa-09-13
Forwarded from Gaaffii Shakkitootaaf Deebii Ga’aa (Misganu Mulatu)
Instant View” kan jettu tuquun seenaa dubbisaa!

Barreeffamni kun, Tsoomii irratti gaaffii shakkitootaa afuriif deebii ga’aadha. Gaaffiiwwan kunneenis:

1. “Gooftaan nuuf tsoomeera. Kanaaf anaan har’a tsoomuun na hin barbaachisu”;

2. “‘Ati garuu yeroo tsoomtu, abbaa kee isa dhoksaatti jiruuf malee akka tsoomtu namootatti hin mul’isin!’ Kanaaf isin immoo, ‘guyyaa kanaa kaasee hamma kanaatti Tsoomaa tsoomna’ jettanii lallabdu, tsoomiin keessan kun namoota duratti waan mul’atuuf gatii hin qabu; dhoksaatti tsoomu qabdu” (Maat.6:17-18);

3. “Kan afaanii ba’u malee, kan gara afaanitti galu nama hin xureessu” (Maar.7:15) fi

4. “Yeroo tsooma tsoomanitti sa’aatii murtaa’aaf nyaata tsoomu. Isin immoo Foon, Hanqaaquu, Aannanii (urgoo, baaduu, dhadhaa) fi kkf tsoomtu; dhuguma kun hin nyaatamuu? Kitaaba Qulqulluu irra jiraa ree?” kanneen jedhaniif deebii ga’aadha.

Join: @abdiimaariyaamiifinjira

https://telegra.ph/Tsoomii-Irratti-Gaaffii-Shakkitootaa-Afuriif-Deebii-Gaaa-06-16
10. Ayyaanni Bitootessi guyyaa gaafa 5 kan Abune Gebre Menfes Qiddus sababa maaliitiif kabajamee oola?
Anonymous Quiz
15%
A. Guyyaa dhalatanidha.
13%
B. Guyyaa waadaa argatanidha.
64%
C. Guyyaa boqotanidha.
7%
D. Guyyaa Itiyoophiyaa dhufanidha.