Qabsuura Abbootii
786 subscribers
60 photos
2 files
163 links
" Warri akka fedha fooniitti jiraatan,Waaqayyoon garaa ciibsuu hin danda'an. "
Rome 8: 8
"Seexanni Abdii hin qabu Garuu Abdii hin kutattu", Dhallii Nama Abdii qaba Garuu Abdii kutata"
@Baliye_bot
@Baliye
Download Telegram
Forwarded from Koree eebba Mana Kiristaanaa Ishee Xiqqoo
Nageenyi Waaqayyo Isiinif haa baayyatu akkam jirtan ?

Eyyemamoo taatanii gara koree eebba kitaaba mana kiristaanaa ishee xiqqoo tti dhuftan. Kitaaba kana hanga danda'ame eebba gaarii taasisuun dhaloota boru mana amantaa keenya nuuf bu'aniif daandii ykn balbala akka banuuf miseensoonni mana amantaa hundi, waldoolleen hundi, barattoonni mooraa yaa'iiwwanii, duuka bu'oonni Kolleejjiiwwan Afuuraa warreen isiin beektan, Abbootii amantaa dabalatee akka afeera dhiyyeesinu.

Inni biroon yaada dimshashaa kitaaba kana kan hirmatootaaf ibsuu danda'an tajaajiltoota Gurguddoo nama afur osoo filataanii kitaaba kana dubbisuun akka itti qopha'an gochuu. Kanaaf tajaajiltoota kana afeeruu.

Miseensoonni mana amantaa karaa sab qunnamtii hawaasa ammayyaan onlive irratti hirmachisuun akka sagantaa hordofaan taasisuu. Kanaafis haala mijjeessuu.

Koreen tokko miseensa meeqa dammaqsuu akka qabu murteessuu fi irratti hojjechuun barbachisaadha.
"Beekaa Beekamtii Hin Arganne"
Guta Cheru Jedhama.

Eebba kitaaba kana nu affeeree jira.
Irraa hin hafina irraa hin hafamu !

Barsiisaa Jabaa Amantootni Ortodooksiin Oromoo namaa kitaaba nu barreessee fi barreessuu qabna jennee qomaa dhiibne dubbatanu keessaa #B/saa D.n Guutaa Charuu isa angafaa dha.
Bara homaa nama hin gammachiisne keessa jirra.

Wanti ilaalluu, dhageenyu, dubbisnu, wanti barreessinu hundinu kan namatti hin tollee dha.

Yeroo ammaa kana oduu gidiraa fi oduu hamaa, oduu cabsaa, oduu gaddaa irraan kan hafee wanti namatti toluu hin jiru. Barichi faallaa taheera.

Oduu nagaan jibbamtee; oduun jibba jaallatamtee. Gaarii kan ta'ee Hundinuu namatti hadhaโ€™eera.

Garuu sagaleen waaqayyoo โ€œYeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!โ€ nuun jedha. Filp. 4:4
โค1
FB_IMG_15775464887250435.jpg
219.7 KB
Ergamaa du'aatiin kufuu jalaa kan nama baastu Yaa #Gabri'eel ! Nagaan siif haa tahuu.
Halkanis guyyaas ati nu eegi. Ameen
Wanti kamiyyuu harka waaqayyoo keessa akka jiru hubadhuutii kadhannaa geggeessi. Hojiin kamiyyuu harka kee keessa akka jiru beekiiti hojii hojjedhu. Bakka gahuu barbaaddu gahuudhaaf dandeettii qabdu hundatti fayyadami hojjedhu. Nama dadhabaa hin ta'iin. Hojiiwwan kamiyyuu abdiidhaan hojjedhu. Kan barumsa barannus firii gaarii qofa galmeessuuf miti. Kan hojjennuufis minda guddaan akka nuuf kaffalamu qofaaf miti. Jireenya keenyatti gammadne akka jiraannuuf malee. Dhiphachuu fi yaaddoo keessa galuu gaafa eegalu furmanni isaa harka waaqayyoo akka jiru hin dagatin. Hanga dandeettii keetii yoo hojjette kan biroo immoo waaqayyoo akka siif dabalu amani. Inni dubbii isaaf amanamaa dha.


Maddi: bu'ura jireenya afuuraa ykn mootii nageenyaa kan jedhurraa๐Ÿ™๐Ÿ’“๐Ÿ™
Forwarded from Galmee Seenaa Qulqulloota! (#Baliye #Melaku)
Eebba VCD abbaa fi obboleessa keenya kana sirriitti beeksisuu qabna.
Wal haa jajjabeessinu !
Watch "Faarfaanna Afaan Oromo Gaabbii, Dhiifama, F/taa Dn Daagim Jootee" on YouTube
https://youtu.be/RWgz1D4l99M
โœ”Ilma kee isa arjaa fayyisaa addunyaa.

โœ” Gugee koo*2 gugee garaa laafeetti koo maariyaam giiftii harmee gooftaa koo qalama warqeetiin barreessi maqaa koo.

โœ” Nutti hin hidhiin badii keenyaa maariyaam giiftii harmee gooftaa keenyaa du'a ka'uu keetiin si kadhanneera.

โœ” Eenyuuti himadhuree gaddaa keessaa koo si malee maariyaam giiftii harmee gooftaa koo dafiitti naaf dhaga'ii kadhannaa koo.

โœ” Yaa giiftii keenyaa*2 nuu to'adhuu kaa gargaarsi ilma kee nurraa hin siqiin kaa.

โœ” Nun gatiin kaa nurraa hin siqiini nun muufatiinikaa yaa waaqaa nagaa nutti araarami kaa.

โœ” Waaqa muusee, waaqaa haroon waaqicha izraa hamaarra nu oolchii adaraa.

โœ” maqaa waaqa abbaafi ilmaa, afuura qulqulluu waaqarrattii si kadhannaa maariyaam duraaf booddeetti gaddaashee dhaga'i booโ€™ichaa fi iyyaashee kan amantaa keenya tewahidoo kadhannashee.




@qulqulloota @qulqulloota
Forwarded from #Baliye #Melaku
Walaloo ajaa'iba sagalee dhaan argachuu yoo barbaaddan,
Linkii kanaan seenuun walaloo walaleessaa
F/taa D.n Nimoonaa Geetaachoo subscribe godha.

https://www.youtube.com/watch?v=n9gVhuOH-t4
Yaa waaqa Qulqulluu Rufaa'eel !
dhiphina foonii fi lubbuu jalaa na dhoksi !

Yaa Rufaa'eel ! Humni dadhabootaa si'iidha hoo.
Yaa Rufaa'eel ! Ajaa'iba kan hojjettu waan taateef ajaa'ibawwan kee nan dubbadha.
Yaa Rufaa'eel ! Kadhannaa koo fi galata koo ol gara samiitti akka ol na baastuuf, maqaa waaqayyoo Ilmaa fi haadhaasaa #Durboo Maariyaamiin sin kadhadha.

Hiriyoota koo dhiphina foonii fi lubbuu jalaa isaan dhoksi !

https://t.me/abbootii
T.me/qulqulloota


๐Ÿ™๐Ÿ’“๐Ÿ™
#Haadha_Ifaa..........Dubbisaa !

Dhugumaan firii muka tokkoo nyaachuun gatii hanga kanaa nama kafalchiisuu qaba turee ?
Waaqayyos maaliif mukicha uume ?
Mukichi muka waan gaarii fi yaraa kan nama beeksisu taanaan waaqayyo waan gaarii fi yaraa(hamaa) akka adda baasnu hin barbadu jechuudhaa ?

Mukicha erga nyaataniin booda iji isaanii ni banaman.
Kanaafuu, gorsi bofa sirrii ture jechuudhaa ?
Hewaan waan tokko illee hin balleessine jechuudhaa ?

https://t.me/abbootii

Bitadhaa dubbisaa maaloo !
๐Ÿ™๐Ÿ’“๐Ÿ™
Yaa Addaamii fi Hewaan maal isin goone jettanii gaaffii warra gaafataniif deebiin kunoo

Kitaaba #Haadha_Ifaa jedhuu dubbisuu dha.

"Yaa Addaamii fi Hewaan nuyi isin qeequun nuuf hin dandaโ€™amu. Utuu ittiin haasa'aanii arraba ofii qeequun akkuma hin danda'amne akkasuma isin nuyi dha;nutis isini dha.
Yaa Addaamii fi Hewaan akka nuti isin hin qeeqneef gidiraa gooftaan dhiifama taasisu isinitti fide irraa gaabbitanii gaabbii seentaniittu.

Yaa Addaamii fi Hewaan isinoo fayyitaniittu; dhiiga gooftaa bu'uura ta'ee isin fayyiseen gara dhaala keessan duraa sana gara jennataatti galtaniittu.....nuyii fi ijoollotni keenya garuu cubbuun akka abiddaatti nu gubde.
Fedhiin fooniis nu bobeessite" !

Qiddaasee Qulqulluu Atinaatiwoos irratti akkas jedha.

https://t.me/abbootii
๐Ÿ‘2
๐ŸŒน BAGA GEESSAN๐ŸŒน

๐ŸŒฝFULBAANA 26 YEROO YAADANNOO GODAANSA GIIFTII KEENYA DURBOO MAARIYAAMIITI.๐ŸŒฝ

โ™ Fulbaana 26 hanga Sadaasa 6 ti kan yaadatamuu dha.โ™ 

Yeroon kunis "Bara Abaaboo" jedhamee beekamaa.

Sababiin maqaan kun kennameef yeroo kana keessaa Abaaboon qalbii namaa hawwatan, urgaa'inni isaanii immoo kan nama gammachiisan, firii mucaan namaa nyaatu kennuuf kan nama abdachiisaan baay'inaan yeroo itti argamaniidha.
Haaluma kanaan abbootiin keenya durboo Maariyaamiin abaaboo kanatti akka isheen fakkeeffamtu godhanii barsiisaniiru.
Fakkeenyaaf Abbaan Efreem Galataa Sanbata Guddaa Lakk.7 irratti " Ati yaa #Maariyaam_Abaaboo bareedde urgooftuu dha, firiin si irraa argame #kiristoosiidha" jedhee barsiiseera.
Qulqulluun Gabri'eel "Firiin garaa keetii kan eebbifamee dha" jedheera.
Haati keenya #Durboo #Maariyaam waggaa 3 fi ji'a 6 guutuu bona aduudhaan, ganna bokkaadhaan, qorraan, dheebuu fi beelaโ€™an hanga biyya Gibxii geessutti, biyyaa Gibxii yeroo geessuu immoo simannaa dhabdee bosona biyya Gibxii keessaa baayyee rakkattee, dhiphattee buddeena jireenya isa taโ€™ee gooftaa keenya nuuf argamsiifte waan taheef yaadannoon ishee bara baraan ni yaadatamaa.

Gondaansi Maaliif Barbaachisee?

1. Raajii raajamee sana raawwachuudhaaf.
Isay.19:1-2 irratti " Yaa Gibxii, Waaqayyoo duumessa ariifataa yaabbatee gara kee ni dhufa, waaqa tolfamaa kees ni caccabsa!" kan jedhamee sana raawwachuudhaafi dha.
2. Hose'i 11:1 irratti " Mucaa koo biyya Gibxii ti naan waamee raajii jedhu akka raawwatamuuf.
3. Walumaa gala Raajii dubbatame ture dhugoomsuudhaa fi fakkeenya macaafa keessatti iccitiin caafame jiru dhugoomsuudhaaf. Mat.10:23, M.Yoh.12:13-17 fi k.k.fa'a ilaaluu dandeessu.

๐ŸŒน@abbootii๐ŸŒน
๐ŸŒน@Qulqulloota๐ŸŒน


Arjummaan Waaqayyoo, Araarsummaan Durboo Maariyaamii, Kadhannaan Qulqulloota Toloota fi Wareegamtoota ,bartootaa, Ergamoota bara baraan nuu waliin haa jiraatu. Ameen
โค2
Waaqayyoo obsaa waan taheef !

Waaqayyoo obsaadha. Obsummaan isaas cubbamootaan danda'ee callisuu isaa qofa miti. Rakkoon yommuu nurra gahu hanga yeroon hojii isaa gahutti waaqayyoo ni callisa. Callisuun isaa kunis obsa isaati. Waaqayyoo cubbuu yommuu hojjennu qofaa osoo hin taanee gidiraan yommuu nurra gahuus abbaa obsaadha. Ni callisa. Kunis kaniin callisuu hanga yeroon hojii isaa gahuuttii dha !


Maddi kitaaba: "Waaqayyoo kan nu irraanfate maaliif nutti fakkaata ?"
Kan jedhuurraa !

Dubbisa kitaaba baay'ee namatti toluu dha.