FBC Afaan Oromo
2.68K subscribers
582 photos
581 links
Download Telegram
Yuunivaarsiitiin Bulee Horaa barattoota digrii lammaffaa fi jalqabaa 283 eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC) – Yuunivaarsiitiin Bulee Horaa barattoota digrii lammaffaa fi jalqabaa 283 eebbisiise. Yuunivaarsiitiin Bulee Horaa barattoota digrii jalqabaa fi lammaffaa muummeewwan garagaraatiin barsiisaa ture Hagayya 30tti barattoota sagantaa Gannaa, dhuma torbeefi digrii lammaffaan barsiisaa ture walumatti barattoota 283 eebbisiiseera. Barattoota eebbifaman keessaa digriin lammaffaa 47 yoo tahan; digriin jalqabaa ammoo 236.…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/yuunivaarsiitiin-bulee-horaa-barattoota-digrii-lammaffaa-fi-jalqabaa-283-eebbisiise/
Manni Maree Federeshinii sochii filannoo naannoo Tigraay ilaalchisuun yaada murtoo irratti mari’achaa jira

Manni Maree Federeshinii sochii filannoo naannoo Tigraay ilaalchisuun yaada murtoo irratti mari’achaa jira Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC) – Manni Maree Federeshinii sochii filannoo naannoo Tigraay ilaalchisuun yaada murtoo Koreen Dhaabbii Dhimmoota Hiikkaa Heeraa Mootummaa fi Eenyummaa dhiyeesse irratti mari’achaa jira. Koreen dhaabicha yaada murtoo yaa’iin fala barbaadduu dhimmoota heera mootummaa dhiyeesse ilaaluun yaada murtoo…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/manni-maree-federeshinii-sochii-filannoo-naannoo-tigraay-ilaalchisuun-yaada-murtoo-irratti-mariachaa-jira/
Sudaan sababa lolaaf balaa qaqqabeen labsii yeroo ariifachisaa baatiiwwan 3f labsite

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC)- Manni Maree Nageenyaa fi Ittisaa Sudaan biyyattitti balaa lolaa qaqqabee sababeeffachuun labsii yeroo ariifachiisa baatiwwan 3f labsuu beeksiseera. Sudaanitti bara kana sababa lolaatin lubbuun namoota 99 darbeera. Akkasumas namoonni 46 yoo miidhaman, mannii kumni 100 ol barbada’eera. Ministeerri bishaanii fi jalliisii bara kana ammantaan bishaan Abbaay meetira 17.5 ol ka’uu…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/sudaan-sababa-lolaaf-balaa-qaqqabeen-labsii-yeroo-ariifachisaa-baatiiwwan-3f-labsite/
Manneen murtii bajaata bara darbeetin galmeewwan kuma dhibba 1 kuma 40f murtoo laatan

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC)- Manneen murtii bajaata bara darbeetin galmeewwan kuma dhibba 1 kuma 40f murtoo laataniiru. Manneen murtii waliigala yaa’ii idilee 5ffaa Finfinneetti gaggeessaa jiru. Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii, gabaasa dhiyeesaniin bajaata bara darbeetin galmeewwan kuma dhibba 1 kuma 40tti murtoon laatameera jedhan. Dabalataniis hojiin fooramii manneen murtii waliigala…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/manneen-murtii-bajaata-bara-darbeetin-galmeewwan-kuma-dhibba-1-kuma-40f-murtoo-laatan/
Ameerikaan deeggarsa Ityoophiyaaf taasisa turte akka itti fuftuu miseensonni koongirasii Ameerikaa 6 yaadachiisan

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC)- Ameerikaan Ityoophiyaaf deeggarsaa taasisaa turte ammaas deeggaruu akka qabdu miseensonni koongirasii Ameerikaa 6 waajjiira ministeera dhimma alaaf xalayaa erganiin akeekkachiisan. Miseensonni kanneen xalayaa ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoo erganiin akka ibsaniitti Ityoophiyaannonni ogeessota ofii isaanii fi maallaqaa isanii hojjechaa akka jiraan ibsaniiru. Deeggarsi kun adda cituun biyya michuu keenya…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/ameerikaan-deeggarsa-ityoophiyaaf-taasisa-turte-akka-itti-fuftuu-miseensonni-koongirasii-ameerikaa-6-yaadachiisan/
Proojaktii maaddii biyyaaf deeggarsi Birriin miiliyoona 102 taasifame

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC)- Hooggantonnii fi hojjeettonni Tajaajilaa Elektirikaa Ityoophiyaa waamicha misooma maaddiin biyyaaf jedhuu fudhachuun deeggarsa Birrii miiliyoona 102 kan ta’u miindaa baatii tokkoo kennaniiru. Waamicha misoomaa mootummaan dhiyeesse fudhachuu fi deebii ariifata kennuun yeroo gabaaba keessaatti paarkii tokkummaa, Shaggar miidhaksuu, paarkii Inxooxxoo yeroo hin yaadamne keessaatti qulqulliina isaa eeggate hirmaanna olaanaan bu’aa…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/proojaktii-maaddii-biyyaaf-deeggarsi-birriin-miiliyoona-102-taasifame/
Finfinneetti proojkatonnii 197 Birrii miiliyoona dhibba 3 miiliyoona 62 ijaarraman eebbifaaman

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC)- Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silki Laftootti proojaktonni 197 Birrii miiliyoona dhibba 3 miiliyoona 62 ijaarramman eebbifamuun hojiif banaa ta’aniiru. Sirna eebbicharratti hoji gaggeessaa olaanaa kutaa magaalicha obbo Fiqaaduu Kasaahuun fi hooggantonni hojii olaanoon argamaniiru. Kutaalee magaalaa fi aanaalee adda addatti rakkoo hawaasaa furuuf proojaktonni garagaraa qulqullinaa fi ariitiin…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/finfinneetti-proojkatonnii-197-birrii-miiliyoona-dhibba-3-miiliyoona-62-ijaarraman-eebbifaaman/
Forwarded from Oro Sarcasm 😂
Yeroo Ammaa Kana Lagaannaa Gabaa taasiisuun Ummata moo Mootummaadha miidha jira?
Anonymous Poll
52%
Ummata miidha jira
48%
Mootummaa miidha jira
Hooggantonni hojii olaanoo balaa bishaanni Awaash guute qaqqabsiisa jiru daawwatan

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC)- Hooggantonni hojii olaanoo mootummaa Federaalaa balaa bishaanni Awaash guutee qaqqabsiisa jiru daawwataniiru. Hooggantonni hojii olaanoo Abbaa Taayitaa misooma yaa’alee, komishiinii sodaa balaafi hooggansa, komishiinii misooma bishaanii fi dhaabbilee biroorra walitti babba’aan naannoo Affaar iddoowwan balaa lolaan miidhaman daawwataniiru. Iddoowwan balichaan miidhaman keessa tokko magaalaa Amiibaar yoo ta’uu, jiraattota magaalicha baasuuf…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/hooggantonni-hojii-olaanoo-balaa-bishaanni-awaash-guute-qaqqabsiisa-jiru-daawwatan/
Magaalichatti qajeelfama taarifa tajaajila geejjibaa fi dandeetti fe’umsaa ba’erratti fooyya’insi ta’e

Finfinnee, Qaammee 2, 2012(FBC)- Magaalaa Finfinneetti vaayrasiin koroonaa uumamuun walqabatee qajeelfama taarifa tajaajila geejjibaa fi dandeetti fe’umsaa ba’erratti fooyya’insi ta’e. Abbaan Taayitaa Geejjibaa Magaalaa Finfinnee fooyya’insicha ilaalachisuun ibsa laateera. Ibsa isaan minibaasii, Awutoobisii Anbassaa, Shaggar fi Haaygar tajaajila geejjibaa ummataa laatan baayyina teessoo isaaniin akka fe’an murtaa’eera. Taaksiiwwan minibaasii teessoon dhumaa nama 2 ol fe’uu…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/magaalichatti-qajeelfama-taarifa-tajaajila-geejjibaa-fi-dandeetti-feumsaa-baerratti-fooyyainsi-tae/
Ityoo teeleekoom lammiilee Ityoophiyaaf qooda %5 aksiyoonaan akka gurguruu beeksise

Finfinnee, Qaammee 2, 2012 (FBC)- Hojiiwwan foyyaa’insa damee teeleekominikeeshinirratti waajjira muummee ministiraatti mariin gaggeefama jira. Bakka Muummeen Ministira FDRI Dooktr Abiy Ahimad jiraanitti ityoo teeleekoom gariin gara dhunfaattii jijjiiruu fi koorpooreeshinoota teeleekoom dabalataan biyya keessa gachuuf yaada murtoorratti gamaggamameera. Mariichan ityoo teeleekoom gariin gara dhuunfatti jijjiiruuf qooda %40 dhaabbilee idil adduunyaaf akka dabarfamu dubbatameera. %5…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/ityoo-teeleekoom-lammiilee-ityoophiyaaf-qooda-5-aksiyoonaan-akka-gurguruu-beeksise/
Chaayinaan biyyoota Afriikaa sadi keessatti ‘buufata waraanaa ijaarrachuuf

Finfinnee,  Qaammee 2, 2012(FBC)- Chaayinaan biyyoota Afriikaa sadi keessatti ‘buufata waraanaa ijaarrachuuf’ Peentaagoon karoora waggaa, damee waraanaa Chaayinaa ilaalchisuun torbee kana keessa baaseen, Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi Angoolaan biyyoota hedduu Chaayinaan feetu keessaa isaan ijoodha, jechuun barruun dhimma humna ittisaa gabaasu barreesse. Mootummoonni biyyoota sadeenii haga yoonaa dhimma kanarratti homaa hin jenne. Gabaasa ba’e kanaan walqabatee…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/chaayinaan-biyyoota-afriikaa-sadi-keessatti-buufata-waraanaa-ijaarrachuuf/
Komishiinin poolisii federaalaa uummata waliin qindoominaan bara haaratti hojii yakka ittisuu akka hojjetu ibseera

Finfinnee, Qaammee 2, 2012 (FBC)- Komishiinin Poolisii Federaalaa uummata waliin qindoominaan bara haaraatti hojii yakka ittisuu akka hojjetu ibsee. Itti aanaan komishiini poolisii federaalaa komishiinar jeneraal Malaakuu Faantaa, nageenya biyyatti kabachiisuuf hooggantotaa fi miseensa poolisii iddowwan garaagaraatti hojirratti bobba’anii jiraaniif akkasumaas lammiilee Ityoophiyaa maraaf ergaa baga geessani dabarsaniiru. komishiinar jeneraal Malaakuu Faantaa, komishiinichi bara baajata…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/komishiinin-poolisii-federaalaa-uummata-waliin-qindoominaan-bara-haaratti-hojii-yakka-ittisuu-akka-hojjetu-ibseera/
FBC Afaan Oromo pinned Deleted message