FBC Afaan Oromo
2.68K subscribers
582 photos
581 links
Download Telegram
Godina Jimmaatti kutaalee hawaasaa vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’anif qorannoon taasifamaa jiraachuu himame

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Godina Jimmaatti kutaalee hawaasaa vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’anif qorannoon taasifamaa jiraachuu Waajjirri Eeggumsa Fayyaa Godina Jimmaa beeksise.   Dhukkumsatoota dhibee Sukkaaraa, HIV, ogeeyyii yaala fayyaa, hojjettoota Baankii, konkolaachiftootaa, miseensoota Poolisii fi raayyaa ittisa biyyaaf qorannoon taasifamaa jiraachuu waajjirrichi ibseera.   Guyyoota kurnan darbaniitti waliigala samuudaa kum 8 fi 600…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/godina-jimmaatti-kutaalee-hawaasaa-vaayrasii-koroonaaf-saaxilamoo-taanif-qorannoon-taasifamaa-jiraachuu-himame/
Manni murticha namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessan shakkaman lama irratti himanni akka banamu guyyaa beellama 15 laate

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Araadaa namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessan shakkaman lama irratti Abbaan Alangaa himata akka banu guyyaa beellama 15 laate.   Manni murtichaa Abbaan Alangaa Kabbadaa Gammachuu fi Abdii Alamaayyoorratti himata akka banu beellama yeroo guyyaa 15 laatera.   Poolisiin qorannoo xumuruu galmee abbaa…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/manni-murticha-namoota-ajjeechaa-artiist-haacaaluu-hundeessan-shakkaman-lama-irratti-himanni-akka-banamu-guyyaa-beellama-15-laate/
Muummeen Ministiraa Jaappaan Shiinzoo Abbeen aangoo gadi dhiisuu isaanii ifoomsaan

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Jaappaan rakkoo fayyaa isaan qunnameen aangoo gadi dhiisuu isaanii ifatti beeksisan.   Maanguddoon umrii waggaa 65 Shiinzoo Abbeen hojii mootummaa isaaniitti gufuu ta’uurra aangoo gadi dhiisuu filachuu isaanii ibsaniiru.   Aangoo gadi dhiisuu isaanniif uummata biyyattii dhiifama kan gaafatan Abbeen, murteen isaanii siyyaasa Jaappaan irratti rakkoo uumuu…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/muummeen-ministiraa-jaappaan-shiinzoo-abbeen-aangoo-gadi-dhiisuu-isaanii-ifoomsaan/
Aadde Adaanachi Abeebee hawaasa daldalaa magaalaa Finfinnee waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee hawaasa daldalaa magaalichaa waliin mara’ataniiru.   Aadde Adaanachi,maricha irratti bara haaraa miira tokkummaa fi walgargaaruun simachuun akka barbaachisu ibsuun, hawwasni daldalaa ga’ee isaa gumaachuu akka qabu gaafataniiru.   Hawaasni daldalaa nyaata barattootaa, mana harka qalleeyyi haaromsuu, Maaddii shaggarii fi Hidha Haaromsa…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/aadde-adaanachi-abeebee-hawaasa-daldalaa-magaalaa-finfinnee-waliin-mariatan/
Tiyaagoo Siilvaan Cheelsiitti makame

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Taphataan sarara ittisaa lammiin Braaziil Tiyaagoo Siilvaan kilaba Ingiliiz Cheelsiif mallatteessuu himame.   Tiyaagoo Siilvaan waliigaltee koontiraataa waggaa tokkoon kilaba dhiha Landan Cheelsiif mallattoo isaa kaa’eera.   Cheelsiin taphata sarara duubaa kana jijjiirraa bilisaan kilaba Faransaay ‘PSG’ irraa fudhateera.   Taphataan sarara ittisaa Braaziil umrii isaa waggaa 35ffaatti Cheelsitti…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/tiyaagoo-siilvaan-cheelsiitti-makame/
Sudaanitti balaa lolaa laga Naayiliin lubbuun namoota 86 darbe

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Sudaanitti balaa lolaa laga Naayiliin lubbuun namoota 86 darbuu fi manneen jireenyaa kumni 18 ola manca’uu ibsame.   Biyyattitti sababa lolaa waktii gannaa ummameen hanga Kibxata darbeetti lubbuun namoota 86 darbuu fi manneen kumni 18 ol magaalaa Kaartuumitti manca’uu Ministeerri dhimma biyya keessaa Sudaan beeksise.   Jiraattonni magaalaa Kaartum…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/sudaanitti-balaa-lolaa-laga-naayiliin-lubbuun-namoota-86-darbe/
Manni murticha dhimma obbo Jawaar Mahaammadfaarratti ragaa qorannoo duraa hafan dhaggeeffachuuf beellama laate

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Araadaa dhimma obbo Jawaar Mahaammaadfaarratti raga qorannoo duraa hafan dhaggeeffachuuf beellama laate.   Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Araadaa dhimma obbo Jawaar Mahaammadfaarratti ragaalee qorannoo duraa hafan dhaggeeffachuuf Kibxata dhufuutti beellama laateera.   Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa obbo Jawaar Mahaammad…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/manni-murticha-dhimma-obbo-jawaar-mahaammadfaarratti-ragaa-qorannoo-duraa-hafan-dhaggeeffachuuf-beellama-laate/
Balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun abbaa warraa fi haadha warraa darbe

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Godina Goojjam Bahaa aanaa Innaarjii Innawugaatti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbeera.   Konkolaataan ummataa qaxxaamura biyyaa Dabra Taaboorii gara Finfinnee imalaa ture Baajaajii namoota 3 feetee imalaa jirturra ba’uun lubbuu namoota sadii galaafateera.   Balaa naannoo sa’aatii 5:00 qaqqabe kanaan abbaan Warraa fi haati warraa erga tokko…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/balaa-konkolaataa-qaqqabeen-lubbuun-abbaa-warraa-fi-haadha-warraa-darbe/
Miidiyaalee Elektirooniksii 10f eeyyamni laatamuufi

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Bara haaraa kanatti Miidiyaalee Elektirooniksii 10f eeyyama laachuuf akka ta’e Abbaan Taayitaa Broodkaastiing beeksise. Bara haaraa kanatti miidiyaalee eeyyama fudhachuuf caalbaasii moo’atan keessaa 3 Buufata Raadiyoo FM ta’u daayreektarri olaanaan Abbaa taaytichaa Dooktar Geetaachaw Dinquun dubbataniiru. Akkasumas buufatalee ulaagaalee guutuun eeyyama Saatalaayitii gaafataniif battalumatti ni laatama jedhan. Eeyyamni kan…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/miidiyaalee-elektirooniksii-10f-eeyyamni-laatamuufi/
Oromiyaatti namoonni dabalataa 255 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni dabalataa 255 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.   Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 3642 hojjetameen vaayrasichi namoota 255 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.   Umriin isaanii waggaa 2 hanga 93 gidduutti argama.   Kooniyaadha dhiira 184, dubartoota 71…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/oromiyaatti-namoonni-dabalataa-255-vaayrasii-koroonaan-qabaman/
Ityoophiyaatti wixineen qajeelfama itti fayyadama xiyyaara nama maleessaa qophaa’e

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa Siiviil Aviiyeeshinii Ityoophiyaa wixinee qajeelfama itti fayyadama Xiyyaara nama maleessaa qopheessuu beeksise.   Naannoo qilleensa biyyattii too’achuu fi nageenyummaa isaa mijataa taasisuuf dhiyeessiin geejjiba qilleensaa akka jiraatu mirkaneessuuf wixineen qajeelfama itti fayyadama xiyyaara nama maleessaa (Droonii) qophaa’uu himameera.   Abbaan Taayitichaa itti fufiinsaan Eejansii Nageenya Infoormeeshinii ,Tajaajila…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/ityoophiyaatti-wixineen-qajeelfama-itti-fayyadama-xiyyaara-nama-maleessaa-qophaae/
Bara baajatichaatti liqii fi deeggarsaan Birrii biiliyoonni dhibbi 1 fi biilioonni 6 ol argame

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Bara baajataa 2012tti liqii fi deeggarsaan Birrii biiliyoonni dhibbi 1 fi biilioonni 6 ol argamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.   Birrii biiliyoonni 37.38 dhaabbilee Faayinaansii fi biyyoota garaagaraarraa liqiin kan argameedha.   Biiliyoonni 96.495 ammoo liqaa haaraa fi deeggarsan kan argame ta’uu ibsameera.   Bara baajatichaatti maallaqa argachuuf karoorfame keessaa…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/bara-baajatichaatti-liqii-fi-deeggarsaan-birrii-biiliyoonni-dhibbi-1-fi-biilioonni-6-ol-argame/
Balaa lolaa xiqqeessuuf hojii misooma sululaarratti xiyyeeffaannoo laachuun murteessadha – Dammaqaa Makkoonniin

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonniin Balaa lolaa xiqqeessuuf hojii misooma sululaarratti xiyyeeffaannoo laachuun murteessadha jedhan.   Obbo Dammaqaan naannooleen balaa lolaan miidhamanitti dhibee daddarboon akka hin qunnamne of eeggannoon godhamuu akka qabu qajeelfama kennaniiru.   Miseensoonni Mana Maree Ittisa Balaa Biyyaalessaa fi qindeessaa qophummaa guyyaa har’aa…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/balaa-lolaa-xiqqeessuuf-hojii-misooma-sululaarratti-xiyyeeffaannoo-laachuun-murteessadha-dammaqaa-makkoonniin/
Namoonni dabalataa 1,733 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin namoonni dabalataa 1,733 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era. Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 18,766 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 1,733 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera. Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabani 13 yoo ta’an, waliigala lubbuu namoota 758 darbeera. Haaraan…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/namoonni-dabalataa-1733-vaayrasii-koroonaatin-qabamuun-isaanii-mirkanaae/
Manni Maree naannoo Hararii muudama haara mirkaneesse

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) – Manni Maree naannoo Hararii muudama haara mirkaneesse. Manni Maree naannoo Hararii af-yaa’ii mana maree olaanaa fi itti aanaa preezdaantii muude. Manni marichaa walga’ii ariifachiisaa 1ffaa marsaa 5ffaa waggaa 5ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen muddamtoota haaraa kan mirkaneesse. Bu’uuruma kanaan aadde Addisalem Bazaabih Af-yaa’ii Olaantuu mana marichaa taasisuun muudeera. Akkasumas, aadde…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/manni-maree-naannoo-hararii-muudama-haara-mirkaneesse/
Waliigalteen sadeenii hidha haaromsaarratti taasifamu Fulbaana 4, 2013 itti fufa

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) –Waliigalteen sadeenii hidha haaromsaarratti taasifamu Fulbaana 4, 2013 itti fufa. Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts dambii guutinsaa fi lakkinsa bidhaanii hidha haaromsaarratti waliigalteen sadeenii taasifamu baatii Fulbaanaa irratti akka itti fufu Ministeerri Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii beeksise. Ministeerri Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii ministeeronni dhimma bishaanii biyyoota sadeenii guyyaa kaleessaa walga’ii gaggeessu…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/waliigalteen-sadeenii-hidha-haaromsaarratti-taasifamu-fulbaana-4-2013-itti-fufa/
Yuunivaarsiitiin Hawaasaa fi Baahir Daar barattoota sagantaa garagaraan leenjisaa ture kuma 12 fi 300 eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) –Yuunivaarsiitiin Hawaasaa fi Baahir Daar barattoota sagantaa garagaraan leenjisaa ture kuma 12 fi 300 eebbisiise. Yuunivaarsiitiin Hawaasaa fi Baahir Daar barattoota sagantaa garagaraan leenjisaa ture kuma 12 fi 300 eebbisiiseera. Kanneen keessaa Yuunivaarsiitiin Hawaasaa barattootaa sagantaa garagaraan leenjisaa ture kuma 4 fi 780 eebbisiiseera. Preezdaantiin yuunivaarsiitichaa Dooktar Ayyaanoo Barasoo eebbifamtootaan…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/yuunivaarsiitiin-hawaasaa-fi-baahir-daar-barattoota-sagantaa-garagaraan-leenjisaa-ture-kuma-12-fi-300-eebbisiise/
Namoonni Ityoo-Teeleekoom burjajjeessuun shakkaman 11 too’ataman

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) – Namoonni Ityoo-Teeleekoom burjajjeessuun shakkaman 11 too’ataman. Namoonni Ityoo-Teelekoom burjajjeessuun shakkaman 11 meeshaa isaanii waliin too’annoo jala akka oolan taasisuu Tajaajjilli Nageenya Odeeffaannoo Biyyalessaa beeksise. Namoonni shakkaman kunneen ergawwan sagalee biyyaa alaarra gara Ityoophiyaatti taasifaman gama Saatalayitii Niitwoorkii Dhaabbata Ityoo-Teeleekoomin darbuu osoo qabanu meeshaalee teeleekoomii seeran alaa hayyama Minsiteera Innooveeshinii…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/namoonni-ityoo-teeleekoom-burjajjeessuun-shakkaman-11-tooataman/
Faransaay vaayrasichi amma deebi’ee itti hammaate

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaarraa haga tokko dandamattee kan turte Faransaay vaayrasichi amma deebi’ee itti hammaateera. Kaleessa namoota 7,379tu qabaman, kunimmoo erga Bitootessa darbeetii isa olaanaadha. Preezdaantiin biyyattii Imaanu’eel Maakroon, uggura sochii uummataa haarawa kaa’uuf jedhu. Uggurri amma kaa’amu garuu kan akka isa jalqabaa diinagdee biyyaa miidhu ta’uu hin qabu jedhan.…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/faransaay-vaayrasichi-amma-deebiee-itti-hammaate/
Komiishiniin Poolisii Federaalaa uffannaa dambii (Reenjarii) Poolisota Federaalaa jijjiire

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) – Komiishiniin Poolisii Federaalaa uffannaa dambii (Reenjarii) Poolisota Federaalaa jijjiire. Reenjarii haaraan eebbifame kun torbee lama keessatti poolisoota Federaalaa maraaf rabsamee, bara haaraatti ilaalcha haaraadhaan hojiin nageenya kabachiisuu kan ittiin hojjatamu ta’uutu ibsame. Sagantaa kanarratti keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Ministirri Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiilii fi komiishinara jeneraalaa Komiishinii Poolisii…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/komiishiniin-poolisii-federaalaa-uffannaa-dambii-reenjarii-poolisota-federaalaa-jijjiire/
Itti Aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqee Mokonnin Hoospitaala Fiildi covid 19 Finfinnee daawwatan

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) –Itti Aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqee Mokonnin Hoospitaala Fiildi covid 19 Finfinnee daawwatan. Itti Aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqee Mokonnin Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa waliin ta’uun kutaa magaalaa Boolee Boolee Bulbultaatti tajaajila yaalaa covid 19f qophaa’aa kan jiru Hoospitaala Fiildi covid 19 Finfinnee daawwataniiru. Hoospitaalli Fiildi covid 19…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/itti-aanaan-muummee-ministiraa-fdri-obbo-dammaqee-mokonnin-hoospitaala-fiildi-covid-19-finfinnee-daawwatan/