FBC Afaan Oromo
2.68K subscribers
582 photos
581 links
Download Telegram
Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Federaalaa sababa hokkooraa ka’ee namoota miidhamaniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Federaalaa godina Arsii Lixaatti rakkoo nageenyaa ajjeefamuu artist Haacaaluu Hundeessaan booda mudateen namoota miidhaan irra gaheef deeggarsa meeshaalee Birrii miiliyoona 18.7 olitti tilamaamamu taasisan. Deeggarsa meeshaalee kanneeni kan dhiyyeesan itti aantuun Afa Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI aadde Shiittaayee Minaaleeti. Qaamoleen…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/miseensonni-mana-maree-bakka-buoota-ummataa-federaalaa-sababa-hokkooraa-kaee-namoota-miidhamaniif-deeggarsa-taasisan/
Ityoophiyaanota biyyaa alatti argama rakkoo keessa jiraaniif bakka jiraanitti deeggarsii taasifamafi jiraachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanota biyyaa alatti argama rakkoo keessa jiraaniif bakka jiraanitti deeggarsii taasifamafi jiraachuu ibsame. Saa’ud Arabiyaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Abdullaziiz Ahimad, eeyyama jireenya seeraa qabeessa kan hin qabne Ityoophiyaannonni hedduun biyyattitti akka argaman ibsaniiru. Ta’uus lammiilee kanneen nageenyi isaanii eegamuuf mootumma Sawuudii waliin waloon hojjeecha jiraachuu ibsaniiru. Haaluma wal fakkatuun Emmireetoota…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/ityoophiyaanonni-kumni-25-ol-sawuudii-fi-emmireetoota-araba-gamtoomaniirra-gara-biyya-isaanii-deebiuufi/
Yuunivarsiitiin Jimmaa yeroo jalqabaatiif digrii proofeesarummaa dubartiif kenne

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Yuunivarsiitiin Jimmaa yeroo jalqabaatiif digrii proofeesarummaa dubartiif kenne. Yuunivarsiitii Jimmaatti proofeesarummaa kan argatan haadha ijoollee sadii Proofeesar Tsiggee Katamaa barnootni isaanii saayinsii Baayoomedkaaliin yoo ta’u, isaan waliin ogeessa yaala dhibee keessaa kan ta’an Dooktar Isaayyaas Kabbadas proofeesarummaa argataniiru. Sagantaan beekamtii proofeesarummaa kun yunivarsiitii Jimmaatti kan qophaa’eedha. Preezdaantiin yunivarsitichaa, Dooktar…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/yuunivarsiitiin-jimmaa-yeroo-jalqabaatiif-digrii-proofeesarummaa-dubartiif-kenne/
Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa saffisaan babal’achuu itti fufeera

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin namoonni dabalataa 1,186 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.   Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 18,060 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 1,186 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.   Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 20 yoo ta’an, waliigala lubbuu namoota 745…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/ityoophiyaatti-weerarri-vaayrasii-koroonaa-saffisaan-babalachuu-itti-fufeera/
Magaalaa Finfinneetti Manni Maree Nageenyaa hundaa’e

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti Manni Maree Nageenyaa hundaa’uu itti aantuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee beeksisan.   Preezdaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Profeessar Xaasewu Waldehaannaan Preedaantii Mana Marichaa, Artiist Maqdas Tsaggaayee ammoo Itti aantuu Preezdaantii ta’uudhaan filatamaniiru.   Aadde Adaanach,filatamtoonni kunneen dhimmi nageenya magaalaa Finfinnee nu ilaallata jechuudhaan jiraattota magaalichaa waliin hiriiruu isaaniif…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/magaalaa-finfinneetti-manni-maree-nageenyaa-hundaae/
Hoggantoonni olaanoon Ministeera Fayyaa dhaabbilee Fayyaa Kaaba Shawaa daawwatan

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon Ministeera Fayyaa kenniinsa tajaajila yaala idilee fi vaayrasii koroonaa dhaabbilee Fayyaa Kaaba Shawaa daawwataniiru.   Jilli Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan durfamu Buufata Fayyaa Hambisoo, Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunvarsiitii Salaalee, Hospitaala waliigalaa Fiichee fi giddugala yaala vaayrasii koroonaa Hospitaala Muka xurrii daawwateera.   Koolleejjii Saayinsii…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/hoggantoonni-olaanoon-ministeera-fayyaa-dhaabbilee-fayyaa-kaaba-shawaa-daawwatan/
Imalli Badhaadhinaa hoggantoota ga’umsa qaban horachuudha –MM FDRI Dooktar Abiy

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) –Imalli Badhaadhina hooggantoota ga’umsa qaban horachuudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.   Dooktar Abiy, imalli badhaadhinaa keenya jijjiirama hiika qabu biyya keenyaaf fiduu bira darbee hoggantoota ga’umsa qaban horachuuf dhimmee hojjeta jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.   Hoggantoonni akka joobiraa isa fagoo ilaalan, kaayyoosaanii ijoorraa utuu hinmaqiin galmasaanii irratti…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/imalli-badhaadhinaa-hoggantoota-gaumsa-qaban-horachuudha-mm-fdri-dooktar-abiy/
Muummeen Ministiraa Jaappaan Shiinzoo Abbeen aangoo gadi dhiisuufi jedhame

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Jaappaan rakkoo fayyaa isaan qunnameen aangoo gadi dhiisuuf akka jedhan dubbatame.   Shiinzoo Abbeen hojii mootummaa isaaniitti gufuu ta’uurra aangoo gadi dhiisuu filachuu isaanii maddeen oduu biyyattii gabaasaniiru.   Haalli Fayyaa Muummeen Minitiraachaa yeroo gara yerootti yaaddeessaa ta’aa dhufuu himameera.   Aangoon isaanii bara Faranjootaa 2021 kan…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/muummeen-ministiraa-jaappaan-shiinzoo-abbeen-aangoo-gadi-dhiisuufi-jedhame/
Ogummaa barsiisummaa filatamaa fi jaalatamaa gochuuf ni hojjetama –Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Ogummaa barsiisummaa filatamaa fi jaalatamaa gochuuf kan hojjetu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.   Hoggantoonni fi hojjettoonni Ministeerrichaa sadarkaa garaagaraarratti argaman karoora waliigalaa waggaa 10 irratti mari’achaa jiru.   Marii kanarrattis ogummaan barsiisummaa bu’urummaa irraa eegalee rakkoo qabaachuu ka’eera.   Bakka ogeeyyiin ogummaa barsiisummaa fedhiin filatanii hin seeneetti qulqullina barnootaa…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/ogummaa-barsiisummaa-filatamaa-fi-jaalatamaa-gochuuf-ni-hojjetama-ministeera-barnootaa/
Ministeerichi gabaasa raawwii hojii bara 2012 fi karoora bara 2013 irratti marii gaggeessaa jira

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo gabaasa raawwii hojii bara 2012 fi karoora bara 2013 irratti marii gaggeessaa jira.   Bara baajata darbeetti damee Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoon bara jijjiirramni olaanaan hojiitti hiikkame ta’uu ibsameera.   Yuunvarsiitiwwan damee ergamaa fi xiyyeefannoon hojii addaan baasuu hojjechuu isaanii eerrameera.  …

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/ministeerichi-gabaasa-raawwii-hojii-bara-2012-fi-karoora-bara-2013-irratti-marii-gaggeessaa-jira/
Godina Jimmaatti kutaalee hawaasaa vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’anif qorannoon taasifamaa jiraachuu himame

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Godina Jimmaatti kutaalee hawaasaa vaayrasii koroonaaf saaxilamoo ta’anif qorannoon taasifamaa jiraachuu Waajjirri Eeggumsa Fayyaa Godina Jimmaa beeksise.   Dhukkumsatoota dhibee Sukkaaraa, HIV, ogeeyyii yaala fayyaa, hojjettoota Baankii, konkolaachiftootaa, miseensoota Poolisii fi raayyaa ittisa biyyaaf qorannoon taasifamaa jiraachuu waajjirrichi ibseera.   Guyyoota kurnan darbaniitti waliigala samuudaa kum 8 fi 600…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/godina-jimmaatti-kutaalee-hawaasaa-vaayrasii-koroonaaf-saaxilamoo-taanif-qorannoon-taasifamaa-jiraachuu-himame/
Manni murticha namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessan shakkaman lama irratti himanni akka banamu guyyaa beellama 15 laate

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Araadaa namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessan shakkaman lama irratti Abbaan Alangaa himata akka banu guyyaa beellama 15 laate.   Manni murtichaa Abbaan Alangaa Kabbadaa Gammachuu fi Abdii Alamaayyoorratti himata akka banu beellama yeroo guyyaa 15 laatera.   Poolisiin qorannoo xumuruu galmee abbaa…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/manni-murticha-namoota-ajjeechaa-artiist-haacaaluu-hundeessan-shakkaman-lama-irratti-himanni-akka-banamu-guyyaa-beellama-15-laate/
Muummeen Ministiraa Jaappaan Shiinzoo Abbeen aangoo gadi dhiisuu isaanii ifoomsaan

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Jaappaan rakkoo fayyaa isaan qunnameen aangoo gadi dhiisuu isaanii ifatti beeksisan.   Maanguddoon umrii waggaa 65 Shiinzoo Abbeen hojii mootummaa isaaniitti gufuu ta’uurra aangoo gadi dhiisuu filachuu isaanii ibsaniiru.   Aangoo gadi dhiisuu isaanniif uummata biyyattii dhiifama kan gaafatan Abbeen, murteen isaanii siyyaasa Jaappaan irratti rakkoo uumuu…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/muummeen-ministiraa-jaappaan-shiinzoo-abbeen-aangoo-gadi-dhiisuu-isaanii-ifoomsaan/
Aadde Adaanachi Abeebee hawaasa daldalaa magaalaa Finfinnee waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee hawaasa daldalaa magaalichaa waliin mara’ataniiru.   Aadde Adaanachi,maricha irratti bara haaraa miira tokkummaa fi walgargaaruun simachuun akka barbaachisu ibsuun, hawwasni daldalaa ga’ee isaa gumaachuu akka qabu gaafataniiru.   Hawaasni daldalaa nyaata barattootaa, mana harka qalleeyyi haaromsuu, Maaddii shaggarii fi Hidha Haaromsa…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/aadde-adaanachi-abeebee-hawaasa-daldalaa-magaalaa-finfinnee-waliin-mariatan/
Tiyaagoo Siilvaan Cheelsiitti makame

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Taphataan sarara ittisaa lammiin Braaziil Tiyaagoo Siilvaan kilaba Ingiliiz Cheelsiif mallatteessuu himame.   Tiyaagoo Siilvaan waliigaltee koontiraataa waggaa tokkoon kilaba dhiha Landan Cheelsiif mallattoo isaa kaa’eera.   Cheelsiin taphata sarara duubaa kana jijjiirraa bilisaan kilaba Faransaay ‘PSG’ irraa fudhateera.   Taphataan sarara ittisaa Braaziil umrii isaa waggaa 35ffaatti Cheelsitti…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/tiyaagoo-siilvaan-cheelsiitti-makame/
Sudaanitti balaa lolaa laga Naayiliin lubbuun namoota 86 darbe

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Sudaanitti balaa lolaa laga Naayiliin lubbuun namoota 86 darbuu fi manneen jireenyaa kumni 18 ola manca’uu ibsame.   Biyyattitti sababa lolaa waktii gannaa ummameen hanga Kibxata darbeetti lubbuun namoota 86 darbuu fi manneen kumni 18 ol magaalaa Kaartuumitti manca’uu Ministeerri dhimma biyya keessaa Sudaan beeksise.   Jiraattonni magaalaa Kaartum…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/sudaanitti-balaa-lolaa-laga-naayiliin-lubbuun-namoota-86-darbe/
Manni murticha dhimma obbo Jawaar Mahaammadfaarratti ragaa qorannoo duraa hafan dhaggeeffachuuf beellama laate

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Araadaa dhimma obbo Jawaar Mahaammaadfaarratti raga qorannoo duraa hafan dhaggeeffachuuf beellama laate.   Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Araadaa dhimma obbo Jawaar Mahaammadfaarratti ragaalee qorannoo duraa hafan dhaggeeffachuuf Kibxata dhufuutti beellama laateera.   Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa obbo Jawaar Mahaammad…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/manni-murticha-dhimma-obbo-jawaar-mahaammadfaarratti-ragaa-qorannoo-duraa-hafan-dhaggeeffachuuf-beellama-laate/
Balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun abbaa warraa fi haadha warraa darbe

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Godina Goojjam Bahaa aanaa Innaarjii Innawugaatti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbeera.   Konkolaataan ummataa qaxxaamura biyyaa Dabra Taaboorii gara Finfinnee imalaa ture Baajaajii namoota 3 feetee imalaa jirturra ba’uun lubbuu namoota sadii galaafateera.   Balaa naannoo sa’aatii 5:00 qaqqabe kanaan abbaan Warraa fi haati warraa erga tokko…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/balaa-konkolaataa-qaqqabeen-lubbuun-abbaa-warraa-fi-haadha-warraa-darbe/
Miidiyaalee Elektirooniksii 10f eeyyamni laatamuufi

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Bara haaraa kanatti Miidiyaalee Elektirooniksii 10f eeyyama laachuuf akka ta’e Abbaan Taayitaa Broodkaastiing beeksise. Bara haaraa kanatti miidiyaalee eeyyama fudhachuuf caalbaasii moo’atan keessaa 3 Buufata Raadiyoo FM ta’u daayreektarri olaanaan Abbaa taaytichaa Dooktar Geetaachaw Dinquun dubbataniiru. Akkasumas buufatalee ulaagaalee guutuun eeyyama Saatalaayitii gaafataniif battalumatti ni laatama jedhan. Eeyyamni kan…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/miidiyaalee-elektirooniksii-10f-eeyyamni-laatamuufi/
Oromiyaatti namoonni dabalataa 255 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni dabalataa 255 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.   Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 3642 hojjetameen vaayrasichi namoota 255 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.   Umriin isaanii waggaa 2 hanga 93 gidduutti argama.   Kooniyaadha dhiira 184, dubartoota 71…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/oromiyaatti-namoonni-dabalataa-255-vaayrasii-koroonaan-qabaman/
Ityoophiyaatti wixineen qajeelfama itti fayyadama xiyyaara nama maleessaa qophaa’e

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa Siiviil Aviiyeeshinii Ityoophiyaa wixinee qajeelfama itti fayyadama Xiyyaara nama maleessaa qopheessuu beeksise.   Naannoo qilleensa biyyattii too’achuu fi nageenyummaa isaa mijataa taasisuuf dhiyeessiin geejjiba qilleensaa akka jiraatu mirkaneessuuf wixineen qajeelfama itti fayyadama xiyyaara nama maleessaa (Droonii) qophaa’uu himameera.   Abbaan Taayitichaa itti fufiinsaan Eejansii Nageenya Infoormeeshinii ,Tajaajila…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/ityoophiyaatti-wixineen-qajeelfama-itti-fayyadama-xiyyaara-nama-maleessaa-qophaae/