Oromia Wisdom Network
1.35K subscribers
87 photos
1 video
91 links
Channel kana keessatti:
Hojii online bilisaan hojjetaman.
Dhugaawwan fi gorsa waa'ee fayyaa.
Yaadota bilchinina qaban kitaabolee gurguddaa irraa fudhataman
Dhugaawwaan dinqisiisoo
Yaadota onnachiisoofi
Dhuqaawwan xiinsammuu argattu
Download Telegram
✍️ Just Mercy by Bryan Stevenson

💬 Safartuun eenyummaa keenyaa inni dhugaan hiyyeessa, kan qoccolame, himatamaa, kan hidhame, fi kan adabame akkamitti akka ilaalludha.
Isaan kana adabuun qofti akka isaan cabanii hafan mirkaneessa.
Tokkoon tokkoon keenya waan hamaa hojjenne irra ni caalla. 🌱


#Kitaaba | #Gorsa | #Jireenya

📱Join & 🔣 Share 👉 https://t.me/+cHmwcqOcMOZkZTI0
📱 Kana Beektuu? 📱

Hundeessaan kaampaanii Apple sadaffaan, Roonaald Weeyin namni jedhamu, aksiyoona isaa 10% doolaara 800n gurguree, kaampanicha keessaa bahee ture.

😲 Osoo hin baanee ta'ee, aksiyoonni isaa har'a doolaara biiliyoona 35 ol ta'a ture!

#Kitaaba | #Gorsa | #Jireenya

📱Join & 🔣 Share 👉 https://t.me/+cHmwcqOcMOZkZTI0
✍️ Balaa Miidiyaa Hawaasaa,
Tristan Harris


"Yoo oomishichaaf kaffaltee hin fayyadamtu ta'e, oomishichi sumadha!"

💬 Miidiyaan hawaasaa nu wal qunnamsiisuuf qofa osoo hin taane, xiyyeeffannaa keenya hatuuf, dadhabina keenya fayyadamuuf, akkasumas hubannaa keenya jallisuuf kan qophaa'edha.

🎥 Video'wwan fi beeksisni hundi yaada, miiraa fi gocha keenya irratti dhiibbaa akka qabaatuuf itti yaadamee kan qophaaʼedha.

⚠️ To’annaa mataa keenyaa jala jirra jennee yaadna, garuu dhugaan jiru waltajjiiwwan kun akkaataa ofii keenyaa fi addunyaa itti ilaallu irra deebi’anii bocaa jiru; yaaddoo, qoqqoodinsa fi walitti dhufeenyi fayyaalessi akka adda citu taasisaa jiru. Irra caalaan keenya akka waan kun ta’aa jirullee hin hubannu.

Yeroo fi bilisummaa keenya deebifachuuf, bu'aa mataa isaanii argachuuf dhiibbaa sammuu keenyarratti godhamu kana irratti dammaqnee akkaataa itti fayyadamnuu fi maaliif akka fayyadamnu filachuu qabna.

#Kitaaba | #Gorsa | #Jireenya

📱Join & 🔣 Share 👉 https://t.me/+cHmwcqOcMOZkZTI0
6
💡Kana Beektuu?

  🧠 Sammuun (brain) miira dhukkubbii hin qabu!

Sammuun ergaawwan dhukkubbii qaama keenya irraa dhufu dubbisee kan hiika itti kennu ta'ullee, ofii isaa dhukkubbii fudhattoota (pain receptors) hin qabu.
Kana jechuun sammuun dhukkubbiin itti dhaga’amuu hin danda’u jechuudha! 😯

🛌 Yeroo sammuu baqaqsanii hodhuun bayyeen isaa adeemsifamutti, dhukkubsattoonni guutummaatti of beeku!


Sammuun keenya hammam adda fi walxaxaa akka ta’e yaadachiisa hawwataadha!


---

#🧠Fayyaa | #🔬Saayinsii | # Beekumsa |

📱Join & 🔣 Share 👉 https://t.me/+cHmwcqOcMOZkZTI0
✍️ Maaliif Dubbisuu Jibbina? | Inspired by George Orwell

🤔 Meeqa keenyatu ishuman amma barreesse kanayyuu osoo hin dubbisiin nuffee dhiisa laata 🤷‍♂️

📚 "Ajaa'iba mitii? Addunyaa beekumsaan liqimfamte keessatti, baay'een keenya kitaabota irraa fagaanna. Maaliif? Dubbisuu jibbuu keenyamoo dhiibbaa isaa faana wal qabateedha? Hawaasni dubbisuu gara dorgommiitti jijjiireera—dorgommii dandeettii keenya mirkaneessutti." Garuu, bakka tokkotti, fuula kitaaba sanaa gidduutti, gammachuu seenaa kitaaba sana keessaa argannu dhabneerra.

💡 Tarii dubbisuu hin jibbinu ta'a. Tarii dhugaawwan kitaabonni mul’isan, miira isaan dammaqsan, ykn yakka seenaa hin xumuramne isaan mul'isan sodaannee ta'a. Dhiibbaa armaan olii kana yoo gadhiifnee bilisa taane, bareedina jechoota keessa dhokate deebifnee argachuu dandeenya."

#Kitaaba | #Gorsa | #Jireenya

📱Join & 🔣 Share 👉 https://t.me/+cHmwcqOcMOZkZTI0
✍️ Wisdom of the Ages by Dr. Wayne W. Dyer

💬 "Rakkoon (Dhiphinni) keenya hundi isaa, kutaa tokko keessa kophaa keenya callisnee taa'uu dadhabuu irraa madda."
- Blaise Pascal (1623-1662)


🧠 Namni tokko giddu galeessaan guyyaa guyyaan yaadota adda addaa kuma jaatama(60,000) akka yaadu tilmaamameera kun immoo rakkoon isaa har'as yaadotuma kuma jaatama kaleessa yaadaa turre sana yaadna, borus isuma irra deebina.


🌀 Sammuun keenya guyyaa guyyaan haasa’aa wal fakkaatuun guutameera. Callisuu fi xiinxaluu barachuun bakka yaadota kee gidduu ykn qaawwaa yaadota kee gidduu jiru, haala ittiin fayyadamuu dandeessu beekuudha.

💫 Bakka duwwaa callisa yaada kee gidduu jiru kana keessatti miira nagaa guutuu naannoo idilee keetti hin beekamne argachuu dandeessa.

#Kitaaba | #Gorsa | #Jireenya

📱Join & 🔣 Share 👉 https://t.me/+cHmwcqOcMOZkZTI0
3
Kana Beektuuu?

🍯 Damma fal'aana tokko walitti qabuuf, kanniisonni 12 umurii isaanii guutuu hojjechuu qaba. Garuu kanniisonni kuma hedduun walitti dhufuun damma hagas baayyatu nuuf kennu. 🐝💪

📅 Umriin kanniisa tokko ji'a 4 hanga 5 ti.

Tokkummaan fi gamtaan hagam murteessa akka ta'e kannisarraa barachuu dandeenya.

📱Join & 🔣 Share 👉 https://t.me/+cHmwcqOcMOZkZTI0
2
📜💡 Kana Beektuu?

Waraqaa tokko si'a 42 yoo dachaafte, furdaa ta'ee ji'a bira ga'uu danda'a!

Garuu namni tokko marsaaa 7 or 8 ol dachaasuu hin danda'u. Marsaa 42 sadarkaa yaadaa qofatti malee, dhugaatti marsaa 42 dachaasuun hin danda'amu


#Kitaaba | #Gorsa | #Jireenya

📱Join & 🔣 Share 👉 https://t.me/+cHmwcqOcMOZkZTI0
Old tinder account warri qabdan na dubbisaa, gatii gaariin isinnirraa nan bita, bayyinaan warri qabdanis ni binna gatii gaariidhaan

Asirraan na dubbisaa
@Nzst12
📜💡 Kana Beektuu?

Waraqaa tokko si'a 42 yoo dachaafte, furdaa ta'ee ji'a bira ga'uu danda'a!

Garuu namni tokko marsaaa 7 or 8 ol dachaasuu hin danda'u. Marsaa 42 sadarkaa yaadaa qofatti malee, dhugaatti marsaa 42 dachaasuun hin danda'amu


#Kitaaba | #Gorsa | #Jireenya

📱Join & 🔣 Share 👉 https://t.me/+cHmwcqOcMOZkZTI0
Forwarded from Oromia Wisdom Network
Tooftaalee Jaappanonni Dadhabina Irra Aanuf Fayyadaman
 
1. Ikigai 
Jireenya keessatti kaayyoo qabaachuu jechuudha.
👉🏼 Sababa ganama ganama hirribaa kaatuuf qabaachuu. Seera Ikigai afran:👇🏽 

❤️ Waan jaallattu hojjedhu 
🌟 Waan itti ga’umsa qabdu hojjedhu 
🌍 Waan addunyaan kun barbaadu hojjedhu 
💰 Waan kaffaltii siif argamsiisuu danda’u hojjedhu 
 
2. Kaizen 
👣 Guyyaa guyyaan fooyya’iinsa xixiqqaa irratti xiyyeeffachuu.  
 
3. Shoshin 
🧠 Akka reefu jalqabdeetti waan tokkotti dhiyaadhu. Yoo akka nama waan haaraa jalqabeetti hojjettu, sammuun kee waan hundaaf banaadha. 
 
4. Hara Hachi Bu 
🍽 Erga 89% nyaattee quuftee booda nyaachuu dhaabi!.
 
5. Shinrin Yoku 
🌲 Yeroo baayyee uumama waliin dabarsi.
 
6. Wabi Sabi 
Mudaa kan hin qabne ta’uuf yaaluurra, muudaa keessa bareedina jiru barbaadi.
 
7. Ganbaru
💪🏽 Namni tokko obsee waan danda’amu hunda gochuu qaba.

#Kitaaba | #Gorsa | #Jireenya

📱Join & 🔣 Share 👉 https://t.me/+cHmwcqOcMOZkZTI0
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM