QULQULLEETTII MANA AMANTAA
7.45K subscribers
5 photos
395 links
“Dhuguma dhuguman isiniin jedha, kan Anatti amanu jireenya bara baraa qaba!” (Yoh.6:47)

"lnni,"Gara biyyaa lafaa hundumaa dhaqaa! Uumama hundumaattis Wangeela lallabaa!" Mar.16:15

https://t.me/+2_5kSngqsIphM2Y0
Download Telegram
Wareegamummaa Qulqulloota fi Ari'aatamuun kiristaanoota Kitaabni Qulqulluun maal jedha

》 Faarsaa 115; 15 "Duni Qulqulloota Waaqayyo duratti Kabajamaadha."

》 Faarsaa 82; 3-4 "Qulqullootakee irratti mar'atan ;kotaa uummata keessaa ni baleessinaan"

》 Maat. 10; 16 "Kunoo Ani akka holotaa yeyyiiwwan gidduuttin isiin erga."

》Maat. 10; 17" Gara shangootti dabarsanii isiin laatu ; bakka sagadaa isaanittis isiin reebuwoo."

》Faarsaa 43 ; 22 "Waa'eekee hundaani ajjeefamna; akka holota qalamaniis taaneerra."

》Gara Rome 8;36
"Waa'eekee Guyyaa guutuu ajjeefamna; akka holota qalamaniis taaneerra. Jedhee bareeffamedha."

》 Gara Romee 8:35
" Jaalala Kiristoosii eenyuutu adda na baasaa? Gidiraa , dhiphina Godaansa , beela, daaruu , Soda , seefii dhawoo?

》 1 ffaa Phexiroos 4:12
" Isin gidduudha akka abiddaa isin qoruuf gidiraa geggeeffamuuf akka wanta dinqiin isinitti dhufeettii hin ajaa'ibsifatiinaa; hanga giraa Kiristoos yeroo qoodatan gammadaa."

》Raajii Hiziqi'el 2:6
" Ati yaa dhala namaa buukoo / kurinchiti fi qoraattiin si waliin yoo jiraate illee ; atis qeensaan futuu gidduu yoo teesse illee hin sodaatiiniin."

》 Faarsaa Daawwit faar 78;2 " Foon Qulqulloota Kee bineensota lafarraatiif , dhiigni isaaniis naannoo Iyyarusaalemitti akka bishaanii dhagalaasanii".

》 Kitaaba Fakkeenya. 24 ; 16 " Qulqulluun al torba kufawoo, ni ka'as."

》Isinin Kan ajjeessan hundi waan Waaqayyoof tajaajilaa jiran yeroo itti fakkaatu ni dhufa." Yoh. 16; 1-2.

Waaqayyoo irraa maaltu gargar nu baasa.

t.me/Utubaa_Amantaa
Gorsa Qulqulluu Efreem irraa

👉Kan nu yakkaniif dhiisuun mo'atamuu osoo hin taane jaalala barsiisuudha.

👉Seexana irraa kan hafe diina hin qabaatiin

👉Dogoggora namootaa hin sakatta'iin; cubbuu obboleessa kees ifatti hin baasiin

👉Kufaatii obboleessa kee irra deddeebitee hin odeessiin

👉Cubbuu keerratti murteessi malee namoota biroorratti hin murteessiin, bitaa isaanii waan hin taaneef.

👉Kan cubbuu hojjete irratti ceephoo hin baay'isiin atis ni yakkita waan ta'eef. Garuu, cubbuu isaa irraa akka deebi'uuf gargaaraa fi gorsaa ta'iif. Dogoggora ittiin kufe irraa akka deebi'uuf isa jajjabeessi! Abdii isaa Waaqayyo irra osoo taasise cubbuun isaa akkuma galabaa ibidda duratti kufee dafee akka dhiifamuuf itti himi.

👉Qulqulluu; of eeggataa; ifatti kan hojjetu, fi gamna ta'i.

👉Namummaa tasgabbaa'e qabaadhu.

👉Gammadaa ta'i; nageenyi kee gammachuun kan miidhage haa ta'u!

👉Dubbiin kee akka nyaata ashaboon mi'eeffamee; kan sirrate fi gabaabaa haa ta'u! Jechooonni kee fayyaalessaa fi kan daangeffaman; hunduu kan hubatu haa ta'an!

👉Icciitii hiriyyaa kee hin baasiin; kan si jaallatan hundaaf kan amanamte ta'i!

👉Gara falmii bu'aa hin buusnetti seenuu irraa of eegi. Kan si dhagahan hunduu aka si hin jibbineef gara hin loliin/hin dheekkamiin!

Eebbi Abbaa kanaa nurra haa bulu! Ameen!

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
https://t.me/Utubaa_Amantaa
https://t.me/Utubaa_Amantaa
#Jechoota_Abbootti

"Jechi abaaa Gooftaa ni kenname. Dubroo adda taateerra dhalatee Amanu'eel jedhame.kanaafuu, Ilmashee jaallatamaa waliin akka nuu ararsituuf yeroo hundumaa ishee haa kadhannu."
       Qulqulluu Efreem

Namni cubbuu isaa hin himanne dhiifama hin argatu.
     Maar.Yishaaq

"Ganama yeroo hirribaa kaatu hojiikee jalqabuun dura jecha Waaqayyoo dubbisi. Ati jecha Waaqayyoo guyyuu fira/hiriyaa goodhattee kan deemtu yoo ta’e wantoota addunyaatin hinqabamtu/hindhiphattu,hindadhabdu;cubbuus hinhojjaattu."
Yohaannis Afa-Warqee

"Hagamumallee jireenya afuuratiin dadhabaa taatu abdii hin kutatin ; abdii kutachuun harka Diyaabiloositti kan si kuffisu,hamilee kee kan dadhabsiisu, dandeettii kee kan laaffisu lola guddaadha."
       Aabune Shinoodaa

"Manni kiristaanaa dawoo teenya, manni kiristaanaa bidiruu Noohiti keessa isheetti ni dayeeffanna ,ala isheetin garuu danbalii fi galaanoonni gadfagoo(ቀላያት) banameera."
      Qulqulluu Indiriyaas

"Jireenyi mana kiristaana jireenya fannoo irraa waan ta’eef qormaatni itti baay’ata. Kanaafuu jireenya dhuunfaa keessanii caalaa ejjannoo mana kiristaanaa keessanii jabeessaa."
Ebbifamoo Abuna Gorgoriyoos 2ffaa

"Dhugaa akkan hin dubbanne namoonni addunyaa kanaa na jibban; soba akkan hin dubbanneef murtiin na sodaachisa; Hundumarraa garuu callisuu naaf wayya"
   Qulqullicha Yisihaaq

"Kennaan Waaqayyoo gatii hojjennee argannu caala"
       Aabunee Shinoodaa

"Ati oomisha osoo ofii keetii hin facaasin ilaalta yoo ta'e ni gaabbita; yeroo oomishaa qisaasessite waan ta'eef"
         Aabunee Shinoodaa

"Cubbamtoota jaaladhu; hojiidhaan garuu isaan hin fakkaatin ;dheekkamsa isaan qabamaniin akka hin qabamne"
        Maar Yisihaaq

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
t.me/Utubaa_Amantaa
"Lafa lammaffaa kan taate yaa samii; Ergamoonni Samii "kan eebbifamte" siin jedhu; Dubroon Maariiyaam balbala baha biiftuutii. Misirroon ishee qulqulluu kan tahe mana cidhaa qulqulleettiidha. Abbaan samiirra ilaalee kan akkake hin argannee, kanaafis Ilmasaa tokkiicha garakeetti ergee sirraa nama ta'e."
Yaa quulqulleettii nuuf kaadhadhu.

"የምድር ሁለተኛ የሆንሽ ሰማይ ሆይ የሰማይ ሠራዊት( መላእክት) ንዕድ ነሽ ይላሉ።ድንግል ማርያም የምስራቅ ደጅ ናት ።ሙሽራዋ ንጹሕ የሆነ ንጽሕት የሠርግ ቤት ናት። አብ በሰማይ አይቶ እንዳንቺ ያለ አላገኘምና አንድ ልጁን ላከው በአንቺም ሰው ሆነ ።"
ቅድስት ሆይ ለምኝልን ።

t.me/Teklemaariyaam

👇👇👇👇👇👇👇
t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Utubaa_Amantaa
Harmi ishee 'Aannan durbummaa' maddisiisuu yeroo jalqabanitti, daa'imichi, irree isheetiin utubuun isheen hoosistu sun, Waaqa aduu baasee rooba roobsee uumama sooru ta'uusaa ni beekti ture. Gadameessa ishee keessa ulfi calleensaan bule sun, humnoota Samiin, "Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu" jedhamuun, hamma hundeen waltajjichaa raafamutti, sagalee guddaan kan galateeffamu ta'uun isaa ishee jalaa hin dhokanne.(Isa.6፥4) Kanaafuu mataa ishee gara gadameessa isheetti gad qabuun Galatoo Ergamootaa dhaggeeffatti ture.

Durboon, inni gadameessa ishee keessa bule kun, "wanti isaaf dadhabamu kan hin jirre Ilma Waaqayyoo" akkanni ta'e beektullee, garuu, waan hundumaa mijataa fi rakkoo kan hin qabne akka isheef taasisuuf isa hin kadhanne. Hunda danda'ummaa Ilma isheetii, dhiphina haadhummaa warra daa'ima da'anii guddisan irra ga'u jalaa kan ittiin baatu hin taasisne. Harma ishee keessaa aannan barbaadee yeroo akka daa'immaniitti boo'u, "Waaqayyoo waan ta'eef hin beela'u" jettee dugda itti hin gatne. Heeroodsi yeroo isa ajjeesuuf barbaadetti, "Haadha Waaqayyoo isa mo'aa kan taate" Giiftiin keenya, mo'ichi isaa eessa jira? hin jenne. Sababa dhiphina loltoonni Heeroodsi irraan ga'aaniin hamma maddiiwwan fuula isheetii gubatanitti imimmaan dhangalaaste; Ilmashee Isa hangafas altokko dugda isheetti altokko cinaacha isheetti baattee gaarreen biyya Gibtsii, akka Simbiraatti, naannofte malee.

Durboon, Yeroowwan beelaa sanatti, Ilmi ishee inni hunda danda'u, akka Samii irraa Soorata isheef roobsu yookin akka dhagaa daabboo isheef taasisuuf gaafachuun isa hin qorre. Isiraa'elonni wayita gammoojjii keessa imalaa turanitti, Kattaa qabatanii imalan qabu turan. Isaanis, yeroo dheebotanitti, Kattaa sana irraa bishaan burqu dhugu turan. Qulqulluun Phaawuloosis, seenaa kana yaadachuun, kattaan gammoojjii keessatti bishaan isaaniif burqisiisaa ture sun, iccitiidhaan, fakkeenya Kiristoos ta'uusaa yeroo dubbatu, "Kattaan sunis Kiristoosiin ture" jedha. (1Qor.10፥3) Giiftiin keenya, bishaanni jireenyaa adda hin cinne kan Isa keessaa maddu Kattaa Afuuraa kana qabattee yeroo godaantu waa'ee dheebuu isheetiif guyyaa tokkollee hin mufanne. Waaqayyooshee Fedha isaan duwwaa of taasiseef, hunda caalaa fooniin duwwaa ta'uu gammachuun fudhachuuf, sammuu kutaataa fi qopha'aa qabdi turte. Kanaafuu gidiraa sababa Ilma isheetiif ishee irra ga'e tokkottillee hin mufanne.

Gara Bahaa ilaalaa

t.me/Teklemaariyaam
Chaanalii Telegiraamii:-

https://t.me/+2_5kSngqsIpM2Y0
Gorsa Abbootaa

"Seexanaan ala diina hin qabaatin. Dogoggora namootaa hin qoratin; cubbuu obboleessa keeti hin mul'isin. Kufaatii obboleessa keetii irra deddeebitee hin odeessin. Gooftaasaa waan hin taaneef cubbuu mataa kee irratti malee, kan nama biraa irratti hin murteessin. Nama cubbuu hojjete irratti tuffii hin baay'isin garuu cubbuusaa irraa akka inni deebi'uuf gargaaraafi gorsaa ta'i. Dogoggora inni keessatti kufe keessaas akka ba'uuf jajjabeessi. Abdii isaa waaqayyoo irra yoo godhate akkuma cidii abidda keessa bu'eetti Waaqayyo cubbuusaa akka dhiisuuf itti himi. Qulqulluu,hubataafi gamna ta'i. Gaarummaadhaan kan guutame amala garii qabaadhu.Gammadaa ta'i. Nagaa yoo nama gaafattu fuulli kee haa ifu. Dubbannaan kee sirrii, gabaabduufi Soogiddaan akka waan tolchametti miyaa'aa haa ta'u. Jechoonni kee Madaalaawaafi fayyaalessa kan namni hundi hubachuu danda'an haa ta'an. Iccitii hiriyaa keetii hin odeessin, Kan si jaallatan hundaaf amanamaa ta'i. Gara falmiitti wanta nama geessan irraa fagaadhu.Kan si dhaga'an akka sin jibbineef dubbiitti hin seenin."
Qulqulluu abbaa Efreem

https://t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
t.me/Utubaa_Amantaa
-MAALIIF MUDDE 28 TA'E?-

Baroota wangeelaa arfan keessaa ayyaanni ifa dhaloota gooftaa kan bara Maatewoos, Maarqoos fi Luqaas mudde 29 yammuu kabajamu bara Yohaannis immoo mudde 28 kabajama. Kuni maaliif ta'e?

Akka barsiisa mana Kiristaanaa keenyaatti Gooftaan gadameessa dubroo Maariyaam keessa kan ture akkuma nama tokkoo ji'a sagal fi guyyaa shanidha. Haati keenyi immoo gooftaa kan ulfoofte bitootessa 29 dha. Kanaaf yeroo bitootessa 29 hanga mudde 29 tti jiru yoo lakkoofnu ji'a sagal fi guyyaa 5 (qaammee) ta'a. Bara Yohaannisitti garuu haala adda ta'een qaammeen guyyaa jahaan waan ooltuuf guyyaa tokko as siquun mudde 28 kabajama. Bara Yohaannisitti [Bit 29-Mud 28 =ji'a sagal fi guyyaa shan ta'a (qaammeen guyyaa jaha)]

Waaqayyo nagaan Ifa dhaloota isaan nu haa gahu! Ameen!


t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Utubaa_Amantaa
Mukti gannaa(የገና ዛፍ) eessaa dhufe?

Guyyaa yaadannoo dhaloota gooftaafi fayyisaa keenya Iyyesuus kiristoos kabajuuf yeroo hedduu kan argaa jirruufi qaama ayyaana kanaa wantoota ta'aa dhufan keessa tokko muka gannaa(የገና ዛፍ) dha.

Muka gannaa hedduun keenya callisnee fayyadamuu irraan kan hafe maaliif akka raawwatamuufi hiika maalii akka qabu hin beeknu. Seenaan isaa garuu barnoota shakkii jalqabaa kan eegalan Gonoostiksii namoota jedhaman waliin kan wal qabatu dha. Gonostiks jechuun jecha giriikii irraa kan dhufe yoo ta'u hiiknisaa Ogeessota beektotaa akka jechuuti. Geggeesaaan isaanii Simi'oon Masarrii jedhama. Simi'oon Masarrii macaafa qulqulluu keessatti nama kennaa afuura qulqulluu qarshiin bituuf duuka bu'oota gaafate dha. " Phexros garuu deebiseefii, "Kennaan Waaqayyoo horiidhaan in bitama jettee waan yaaddeef, horiin kee sii wajjin haa badu!" (Hoj8: 20)

Barumsa falaasamaafi amantii goonostikotaa hedduu keessaa "Waaqa lamatu jira" kan jedhan tokko yoo ta'u waaqonni kunis tokko 'waaqa gaarii' yoo ta'u tokkommoo 'waaqa hamaa' dha jedhu.Waan gaariifi bareedaa jedhanii kan isaan yaadan hunda fakkeenyaaf nama keessaa dhiira, waqxii keessaa bona, aduu, lubbuu, samii, gannataa fikkf waaqa gaarii; waaqni hamaan immoo faallaa fakkeenyota armaan olii shamarran, ganna, foon, lafa, si'ol walii galatti hamaa dha jedhanii kan isaan yaadan hunda uume jedhu.

Bu'uura barumsa isaanii kanaan waaqni gaariin bona uume waqtii gannaa yeroo rooba hamaa kan dabarsu 'muka tsidii' (gaattiraa) irra buleetii jedhanii amanu. Kanaafis ragaa isaan dhiyeessan gaattiraan waqtii bonaas ta'e ganna kan hin gogneefi baalli isaas kan hin harcaane waan ta'eef jedhaniiti.

Falaasama kana qabatanii ganni isaanii yeroo seenu muka gaattiraa faaya garaagaraan bareechuun waaqa gaarii kan jedhan kanaaf galata dhiyeessu. Maalis barumsi shakkummaa goonistikoota guutummaan guutuutti addunyaa kanarraa baadus aadaan isaanii garuu amma yoonaatti geggeeffamaa jira. Isaan keessaa sirna waaqeffanaa isaanii kan ture mukni gannaa yeroo amma kanatti biyya Awurooppaa keessatti bifa adda ta'een kan duraanii caalaattii waqxii dhaloota gooftaa ykn bara haaraa isaaniitti faaya adda addaan muka gannaa bareechuun dabarsu.

Gara biyya keenyaatti yoo dhufnu hanqina beekumsaa irraa kan ka'e duraan muka gaattiraafi kan isa fakkaatan muruun, ammaa immo pilaastika irraa fakkaatee kan hojjatame muka gannaa iccitiifi barumsaa mana kiristaanaa keenyarraa adda ta'e aadaa waaqeffannaa gonostikootaa raawwachaa jirra.

Manni kiristaanaa kan nu barsiiste gooftaan akka mooraa looniitti dhalate, 'carqiin' akka marame, loon afuura isaanii itti baafachuun ho'a akka kennan, ifni akka ture; ergamoonnifi dhalli namaa waliin ta'uun akka galata dhiyeessan malee seenaa gaattiraa waliin wal qabatee tokkollee hin jiru.

Kanaafuu gochaa kana raawwachuu irraa of haa qusannu. Dhugumaan kabajuu yoo barbaanne hiika mana kiristaanaa keenya kan qabu fakkii sirna dhaloota gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos agarsiisu fayyadamuun kabajuu dandeenya. Kanaan ala garuu biyya keenya keessatti aadaa amantaa gonostikoota babal'isaa akka jirru dagachuun nurra hin jiru.

Galanni Waaqayyo jabaaf haa ta'u!

Miseensa chaanalotaa keenya ta'aa

👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Kadhannaa_Qulqullootaa
https://t.me/Galateeffamaadha
"ተክለ ሃይማኖት"

TEKLE HAYMAANOOT jechuun BIQILTUU AMANTAA jechuu dha.

Qulqulluun Abbaan keenyi Tekle Haymaanoot dhugumatti biqiltuu amantaa dha.

👉 Biqiltuun miidhaginaaf balbala ufii irra dhaabbatan ni jira,

Qulqullichi Tekle Haymaanootis miidhagina amantaa isaatiin biyya keenyaaf miidhagina guddaa nuuf ta'eera.

👉 Biqiltuun urgaa'a isaatiin nama booji'us ni jira,

Qulqullichi Tekle Haymaanootis urgaa'a wangeelaatiin baay'ee keenya Kiristoosiif booji'eera.

👉 Biqiltuun qorcha naamaaf ta'us ni jira,

Qulqullichi Tekle Haymaanootis
Kadhannaan isaa biyya keenyaaf qoricha nuuf ta'eera.

👉 Biqiltuun ol guddatee dagaagee gaaddisa namaaf ta'us ni jira,

Akkuma kanaa Qulqullichi Tekle Haymaanootis eebbaaf kadhannaa isaatiin gaaddisa guddaa nuuf ta'eera.

👉 Biqiltuun firii mi'aawaa naqatee soorata namaaf ta'us ni jira,

Qulqullicha Tekle Haymaanoot irraas firii eebbaa funaannannee nyaanneerra.
Fak.10፥6

Kanaafuu Qulqulluun Abbaan keenyi Tekle Haymaanoot dhugumatti biqiltuu amantaa dha.

Eebbi isaa hunduma keenyarra oolee haabulu!

Ameen!

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Utubaa_Amantaa
"ተክለ ሃይማኖት"

TEKLE HAYMAANOOT jechuun BIQILTUU AMANTAA jechuu dha.

Qulqulluun Abbaan keenyi Tekle Haymaanoot dhugumatti biqiltuu amantaa dha.

👉 Biqiltuun miidhaginaaf balbala ufii irra dhaabbatan ni jira,

Qulqullichi Tekle Haymaanootis miidhagina amantaa isaatiin biyya keenyaaf miidhagina guddaa nuuf ta'eera.

👉 Biqiltuun urgaa'a isaatiin nama booji'us ni jira,

Qulqullichi Tekle Haymaanootis urgaa'a wangeelaatiin baay'ee keenya Kiristoosiif booji'eera.

👉 Biqiltuun qorcha naamaaf ta'us ni jira,

Qulqullichi Tekle Haymaanootis
Kadhannaan isaa biyya keenyaaf qoricha nuuf ta'eera.

👉 Biqiltuun ol guddatee dagaagee gaaddisa namaaf ta'us ni jira,

Akkuma kanaa Qulqullichi Tekle Haymaanootis eebbaaf kadhannaa isaatiin gaaddisa guddaa nuuf ta'eera.

👉 Biqiltuun firii mi'aawaa naqatee soorata namaaf ta'us ni jira,

Qulqullicha Tekle Haymaanoot irraas firii eebbaa funaannannee nyaanneerra.
Fak.10፥6

Kanaafuu Qulqulluun Abbaan keenyi Tekle Haymaanoot dhugumatti biqiltuu amantaa dha.

Eebbi isaa hunduma keenyarra oolee haabulu!

Ameen!

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Utubaa_Amantaa
QULQULLEETTII MANA AMANTAA pinned «Mukti gannaa(የገና ዛፍ) eessaa dhufe? Guyyaa yaadannoo dhaloota gooftaafi fayyisaa keenya Iyyesuus kiristoos kabajuuf yeroo hedduu kan argaa jirruufi qaama ayyaana kanaa wantoota ta'aa dhufan keessa tokko muka gannaa(የገና ዛፍ) dha. Muka gannaa hedduun keenya…»
Iyyesuus Kiristoos Yaa Gooftaa Jaallatamaa

Kabaji ittiin boonnu , Gonfoon keenya ittiin calaqqisnu sidha ; Jajannoon keenya ittiin oljenne , irreen keenya irratti boqonnu sidha ; akka miilli keenya hin gufanneef kan nu eegdu , akka hin muusofneef kan nu tasgabbeessitu sidha ;

Araar yaa Gooftaa keenyaa :- kan jaalalakee fakkaatu hin jiru. Akka hin kufneef kan nu eegdu yoo kufnes kan olnuqabdu sidha ; akka hin dadhabneef kan nuuf hoo'itu yoo dadhabnes kan nu jabeessitu sidha ; akka hin dhukkuffanneef sirraa amanannaa qabna yoo dhukkuffannes sirraa abdii qabna ; Yaa Kiristoos Gooftaa keenyaa hoo :- kan akka keetii kan nuti qabnu eenyuutu jira? Akka hin gufanneef ergamootakee nuuf qoppheessite ; akka diinonni nutti baay'atan argitee michoota nuuf baayiste ; Qormaatawwan keenya argitee karaa ittiin hulluuqnus nutti agarsiifte , Nuun jaalala keenya duraanii hir'isnus ati immoo jaalalakee nuuf baayiste

Yaa Kiristoos Gooftaa keenyaa :- Kan akkakee kana eenyuun qabna? Sirraa fagaanne , ati immoo nutti dhiyaatte ; hojii keenyaan sirraa fagaanne ati garu nu kabajje ; siin malee jiraachuu akka hin dandeenye waan beektuuf utuu jal'ina keenya hin ilaalin garaa nuuf laafte , dhibaa'ummaa keenya utuu hin ilaalin nutti siqatte ;

Yaa Kiristoos Gooftaa keenyaa :- kan akka keetii eenyuun qabna?
Yaa jaal'atama :- kan akka keetii eenyuun qabna? Eenyuun iyyuu hin qabnuutii kabaja keenya beeknee akka jiraannuuf guyyaa itti siin hin yaadin oollu hin jiraatin. Kabajaaf hooqubaan siif haata’u.

(Qiddaasee Yaa'iqoob Isa Siruug)

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
https://t.me/jhWa2eaKyCwxMjg0
Of-ceepha'uu

Namni of hin ceepphaane inni akka waan sirrii ta'ee fi akka waan hindogoggorreetti waan ofiisaa yaaduuf dogoggora akkamii iyyuu yoo hojjete dhiifama hingaafatu. Gaafa obboleessa isaa wajjin wal lolu isaa wajjin araaramuuf kaka’umsa hingodhu. Akka araarri dhufu kan inni barbaadu qaama biraa irraadha waanta'eef. Garuu immoo maaliifidha? Eenyummaa kana fidudha! Inni kaan illee yoo hafe anummaan isaa akka waan inni dogoggora kamiin iyyuu hin hojjennetti waan isa amansiisuuf dogoggora isaa illee Waaqayyuma durattuu hin himatu.

Of ceeppha'uun kan inni dhufu gad ofqabummaarraa yoo ta'u , gadofqabummaan immoo gara ofganuutti nama geessa. Namni kasoomina hinqabne of hin ceeppha'u , ofittis hinmurteessu. Yeroo mara kan inni ceeppha'us ta'e kan inni murteessu warra kaan irrattidha. Nama akkasii kana maaliif akkanni nama ceeppha'u utuu gaafattaniitii kanuma jechuu keessaniif iyyuu isin ifata.

Namni yoomiyyuu maloota biyya lafaan hinmumul'annee fi of hin kabajne kaayyoon ijoo isaa fi hojiin isaa duraa dogoggora irraa ofqulleessuu isaadha. Namni akkasii yeroo hundaa of ceeppha'a , dogoggora isaa qorata , dogoggora isaafis sirreeffama fudhata.

Yeroo ta'e tokkotti Tewoofilas Phaaphaasiin yemmuu Ba'aattii mana Monoksoonni Abbootiin keessa jiraatan daawwatetti Monoksee isaaniin daawwachiisan yemmuu bakka sanatti dhufan qulqullummaa isaan argatan gaafa gaafatanitti , "Na amanaa abbaako ! Waan hundumaa caalaa qulqullummaan ofceeppha'uu caalu hinjiru!" Jedhanii isaaniif deebisaniiru. Kun , namni tokko ofii isaa qofaa malee namoota biroo , naanna'aasaa fi daandii hafuuraa inni ittiin Waaqayyoon hinceepphaanedha.

Namni utuu addunyaa kanarra jiruu ofceeppha'e addunyaa isa dhufutti ceeppha'aamuurraa oola. Sababni namni ofceepha'uuf gara qalbii jijjiirrannaatti dhiyaachuuf jedheetu. Yoonni qalbii jijjiirrate immoo Waaqayyo cubbuusaa dhiisaaf. Gama ofiisaa kabajuun namni of hinceepphaane garuu utuu hinfooyya'in cubbuu keessatti ceeppha'aamaa jirata.

Qulqulluun Inxoons , "Yoo nuun of ceephaane abbaan murtii nutti gammada" jedhee kan inni dubbate ammamiif ammam dhugaadha! Kanatti fufuunis , "Nuun yoo kan cubbuuwwan keenya yaadannu ta'e Waaqayyo gaabbiidhaan nuuf irraanfata ; nuun yoo kan cubbuuwwan keenya dagannu ta'e garuu Waaqayyo in yaadata" jechuun dubbateera.

Of ceeppha'uun warra kaanii wajjin araaramuuf nugargaara. Namaan , "Ati sirriidha. Dhimma kana ilaalchisee kan dogoggore anadha . . . " jettanii dhiifama gaafachuu dandeessu. Jechoonni kunniin dheekkamsa obboleessa keetii waanqabbaneessaniif sitti in araarama. Utuu kana hin godhin bilisa ofbaasuuf kan falmitu taanaan garuu diinni dogoggorakee saaxiluuf eenyuyyuu bira hinga'u.

Kana ilaalchisee jechamni Qulqulluu Maqaars dubbate hagam jajamaadha! "Yaa obboleessako ! Utuu warri kaan si hin ceeppha'in ati ofiikee ceeppha'i !"

Qulqulluu Abune Shiinoodaa 3ffaa

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
t.me/Utubaa_Amantaa
Agaapphee (Agape)

- Jecha Giriikiin tahee , Jaalala Kiristaanummaa "Charity" jechuudha. (Kiritaanotaaf jaalala jechuuf jecha Love jedhu utuu hinta'in jecha Charity gargaaramna) Jecha kana Qulqulloonni kan akka Qulqulluu Aginaaxiyoos Isa Antsookiyaa , Qulqulluun Phooliikarpasfaa Qurbaana Qulqulluu wajjin walitti fiduun , Jaalalaan Kiristaanonni Qurbaanarraa nyaachuuf dhuguu isaanii agarsiisuuf itti fayyadamaniiru. 1qor.13:1-8 , Yih.,12

- Guyyaan Sanbata Guddaanis Agaapphee jedhama. Mul.22:4-5 irratti Guyyaa Ifaa kan jedhame Giriikiin jecha Agaapphee jedhu fayyadama.

- Galatni obboroo (Kidaaniinis) Agaapphee jedhama.

Jechi kun akkuma jecha Giriikiin hojii dur hafe waantahe fakkaata gaafa jireenya keenya Qurbaanarraa , Sanbataa fi Kidaaniirraa hafe ilaallu. Agaapphee dhiisnee maaf waljibbinee akkas taane jechuunis maal bu'aansaa?

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
t.me/Utubaa_Amantaa
✍️✍️BAGA GEESSAN ✍️✍️
Baga dhalachuu

🌹Fayyisaa Addunyaa, Qorichaa Addunyaa, waaqaa Addunyaa,
mootii Addunyaa kan ta'ee Iyyesuus Kiristoosiin nagaan isin gahe!

"Hin sodaatinaa! Kunoo, ani misiraachoo gammachuu guddaa isinittan hima'o, kunis saba hundumaaf kan ta'uu dha.
Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kiristoos goofticha dha"! Luq.2:10

Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama.
Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti in mo'a, isa in ijaaras; firdiidhaa fi qajeelummaadhaan ammaa hamma bara baraati! Isay.9:6


Ayyaanaa Gaarii isiniif haa ta'uu

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Utubaa_Amantaa
Jechoota Abbootti
•••••••••••••••••••••••••


"Gooftaa keenya isa dhugaa Kiristoosin kan nuuf deesse yaa Maariyaaam ati akka ulee Aaroon ishee otoo hin dhaabamin, bishaanis otoo hin dhugiin lalistee argamte fakkaata."

Qulqulluu Efreem

"Waaqayyo addunyaa kana waan jaallateef yaa namaa gammadi ; Ilmasaa tokkichatti kan amanan hundumtuu hanga bara baraatii akka fayyaniif isa dabarsee nuuf kenneera."

     Qulqulluu Efreem

"Jechis Foon uffateera. Foon durdurummaa hin qabne kan duriifi dursa ta'e; Waaqummaan barri hin lakka'amneef baratu lakka'ameef. Kan hin beekamne ifa ba'ee.Dhugumatti ilmi Waaqayyoo nama ta'e."

    Quqlulluu Efreem

"Obbolootaa! Kan hin mul'anne mul'ateeraatii; Biiftuun qulqullinaa Kiristoos ifa baheeraatii, ayyaana keenya gammachuun haa taasisnu!"

        Qulqulluu Yaareed

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
Yaa Durbe Ilmikee Halkan dhalate , halkan cuuphame , halkan du'aa ka'e akka hattuu halkan garakoo dhufaatii dursii araarsummaakeen hirriba cubbuun akkan rafee hin argamneef na dammaqsi. Ilmakee baattee biyyaa biyyatti kan dabarte Kana bira hoo darbi naaf jedhi.

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
t.me/Utubaa_Amantaa
An:- Yaa abbaa keenyaa?
Waaqayyo:- Oo
An:-Maqaan kee haagalateeffamu
Waaqayyo:- Tole
An:- Mootummaan kee haadhufu
Waaqayyo:- gaabbii galtee qophofteettaaree?
An:- Jaalallikee samiirratti akkuma ta'e lafarrattis haa ta'u
Waaqayyo :- Tole
An:-Biddeena keenya har'aa nuuf kenni
Waaqayyo:- atis warra ammakee hin arganneef in laattaa ree?
An:- Yakkaa keenya nuuf dhiisi
Waaqayyo:- Atoo warra siyakkaniif dhiifteettaa ree?
An:- Qorumsatti nu hin galchin
Waaqayyo:- Tole
An:- hamaarraa nu oolchi malee
Waaqayyo:- isas tole
An:- mootummaan kan keetii hoo
Waaqayyo:- gaabbii gallaan kan keedhas
An:- humnis galannis hanga barabaraatti
Waaqayyo:-humnatti fayyadamuuf galataan jajamuu awwaalchaan hafuu fi isa barabaraan hinjiraanne mi'a'oomaa addunyaa kanaa dhiistee akkati jiraattun sirraa eega.

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
Kadhannaa Gaabbii (Qulqulluu Efireemiin)

Yaa Gooftaa , dhiifama naaf godhi. Garakeetti gaabbiin akkan deebi'uuf jabina naaf kenni. Akka eeyyamakee qulqulluutti qulqullummaan akkan deddeebi'uuf garakeetti nadeebisi. Yaada garaakoo bultoo hafuurota xura'aa fi ciisaa isaanii ta'e maaloo qulqulleessi. Yaa Gooftaa ko , an sibiraatii ofiikoon dhiifama gaafachuun kan naaf hinmalle nama gadadamaa dha. Irra deddeebiin gaabbii galuudhaaf yaboo galeetan jechan ofiikoo ittiin waadaa gale eeguun naaf dadhabameetu sobduu ta'een argamaa jira.

Ati , raaree cubbuu an keessatti kufe keessaa irradeddeebiin keessaa na fuutus , an garuu , fedhuma kootiin irradeddeebiin cubbuudhaan gufadheen xaxameen kufa. Kanaafuu yaa Gooftaa ko , irradaddarbakootiin ofiikoo irrattan murteessa , irradaddarbakootiinis adabbii sibiraa natti dhufu hundumaa tola jedhee nanfudha dha.

Ya Waaqa ko ! Almeeqaaf meeqa yaada garaakoo cubbuun dhuunfate ifa kennaa ayyaana keetiin ibsite? An garuu deebi'ee gara yaannaa tuffatamaaf homeessaattan deebi'e. Yeruman kana yaadutti namummaan koo sodaan hoollata. Garuu ammoo , fedhi cubbuukootii hammaatee raaree cubbuu keessatti irradeddeebiinan kufa.

Yaa Gooftaa ko! , baay'ina arjummaa kee anatti agarsiifte tarree naqee fixuun akkamitti naaf danda'aama? Kennaa ayyaanotakeetii kana , nama maluuf kan hintaane anaaf laatte ; garuu ammoo , arjummaa keef ganshoodhaanan sitti deebise. Garuu ammoo Yaa Gooftaa ko ! , akka  obsummaakee fi akka namaaf ho'uukeetti akka muka balas utuu ishee amooshaqa hin naqatin hafteetti buqqiftee akkati na hinganneefan sikadha dha.

Firii jireenya barabaraaf ga'u utuun hin naqatin ibidda barabaraan akkati na hinballeessineefan sitti waawwa dha. Yaa Gooftaa ko! , yommuu murtiif dhuftutti siin simachuuf utuun hin qaphaa'in akkan hin argamneef na eegi. Yommuu akka tasaatti dhuftutti okkoteen quyyifakootii guutee , maashookoo quyyifakoo wajjin qabadhee akkan argamuuf nagargaari. Uffata cidhaa utuun hin uffatin argamuukoon mana cidhaakee keessaa gara alaatti akkan hingatamneef nagargaari. Ati Gooftaa namaaf  ho'iituu fi nama jaal'attudhaatii araarrikee narratti haa baay'attu. Yaa Gooftaa! , yommuu murtiidhaaf dhuftutti lubbuun koo cubbuudhaan xuxxurooftee fi kennaa ayyaanaa irraa gadadoomtee akkasheen hin argamneef umurii gaabbii naaf kenni.

Yaa Gooftaa ! , dhugoomaan dhipphuun kan fayyu taanaan xumurrikoo an nama homeessaaf cubbamaadhaa maal haa ta'u? Daandiin gara jireenyaatti geessitu qal'oof dhipphoo taanaan , kan qananummaan jiraatuu fi namni gammachuu addunyaadhaaf tattaaffatu an hireen carraakoo tii maal ta'a laata? Garuu ammoo , Gooftaakoof ! Qoricha ko! ; akkasumas , Waaqa dhugaadhaaf Ilmasaa dhugaa kan taate Yaa Kiristoos Gooftaako , akka eeyyamakeetii fi akka hawwa ati naaf hawwituutti akkan jiraadhuuf nageessisi.

Kennaa ayyaana kee qofaan akkasumaan homeessaan fedha cubbuu namummaa koo keessa bule baasiitii naaf gati. Yaa Gooftaa ko! , anaan akka fayyiftuuf eeyyami. Gooftaa namaf ho'aaf baay'ee abbaa araaraa taateef galanni haa ta'u , har'as , yeroo hundaas barabaraaf Ameen!

/Qulqulluu Efireem/

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
Jechamsaa__ Abbootaa

- Dammaqqiin yaada garaa , of-beekuu fi of-qabuun geggeessitoota lubbuu ti.
/Abbaa Pheemeen/

- Lubbuu keenya hojii gaarii caalchisanii hojjechuutiin haa faaynu malee , foon keenya faayuu hinqabnu
/Yohaannis Afawarqii

- Luba abbaa gaabbii jechuun , yommuu isa ilaaltu nama Waaqayyoonii fi abboommiisaa si yaadachiisu jechuu dha
/Abune Shinoodaa/

- Waa'ee irradaddarba keenyaaf adabbii kamiyyuu utuu hinfudhannu ta'ee tii Waaqayyo murteessaa abbaa murtii amma sammuu ga'u keessoo keenyatti hin uumu ture
/Qulqulluu Atinaatewoos/

- Nan supha jedhanii cabsuun akkuma sirrii hintaane , gaabbiin gala jedhanii cubbuu hojjechuunis sirrii miti.
/Maar Yiisihaaq/

- Namni hin kadhanne biyya dallaa kellaa hinqabne fakkaataa akkuma sana eenyumtuu seenee saamu , innis kennaa ayyaanaa isaaf kenname dhaba.
/Maar Yiisihaaq/

-Namni haloo qabatu kadhannaanni kadhatuu fi oomishni qote bulaan galaanarra facaasee galchatu qixxee dha.
/Maar Yiisihaaq/

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha