QULQULLEETTII MANA AMANTAA
8.84K subscribers
12 photos
408 links
“Dhuguma dhuguman isiniin jedha, kan Anatti amanu jireenya bara baraa qaba!” (Yoh.6:47)

“Gara biyyaa lafaa hundumaa dhaqaa! Uumama hundumaattis Wangeela lallabaa!” (Maar.16:15)

https://t.me/+2_5kSngqsIphM2Y0
Download Telegram
Taaboti bahee an mana hintaa'u

Taabota , "Tikseen gaarii anadha" Waaqa jedhetu kenne. Inni Addaamiif hafuura jireenyaa kenne , Inni Addaamiif Hewaaniin kenne Isiraa'elotaaf Taabota kenne. Tikeen hoolota isaaf dabarsee ofkenne dursee Taabota kenne. Taabonni , bultoo <baataa kakuu - Tsillaatii> dhagaarratti barreeffame dha. Bultoon baataa kakuu sun dhagaa irraa gara mukaatti deebi'e. Kakuu moofaatti baataan kakuu sun taabota qofaan baatama ture. Kakuu haaraatti garuu baataan kakuu sun yemmuu taa'u Taabotaan ; yemmuu ayyaanaa , lubootaan baatama. Luboonni kakuu moofaa taabota mukarraa hojjetame maal mukahoo utuu hinjedhin akkuma ulfinaan baachaa turan , luboonni kakuu haaraas ulfinaan golgaa kabajamaan Taabota baatu. Luboonni kakuu moofaa Taabota baatu ; luboonni kakuu haaraa baataa kakuu <Tsillaatii> baatu. Taabonni maqarqaraa lamaaf luboota afuriin baatama ; Baataan kakuun <Tsillaatiin> luba tokkoon baatama , Akkuma Ijoolleen Aaron Taabotatti golgaa maraa turan , Luboonni kakuu haaraas golgaa taabotaan (Maggonaatsefiyaan) Taabota kabajuun baatu. Akkuma Luboonni leewwii suuta jedhanii Taabota baatanii galaana Yoordaanosiin ce'an , luboonnis suuta ejjechaa deemuun ayyaanichaaf simboo ta'u. Sirni kabaja Taabota kakuu moofaa isa kakuu haaraaf leelee dammaa dha. SeL.4:5

Taabota Baasuu (Bobbaasuu)

Uummati Taabota baasuu eessaa fide?
Taaboti gaafa bakka isaatii ka'u uummati ingammada jedha Kitaabni Qulqulluun. Taabota duukaas in yaa'u.
"Taabonni Waaqayyo gooftaa keessanii isa Lewwoonni warri luboonni baatan yommuu argitan, iddoo buufattanii ka'aatii isa duukaa bu'aa!” Iya. 3:3

Taabonni Ala Buluu

Taabonni ala bulee namoonni jaalalaaf kabaja isaaf jecha mana hinbulle jiru. Amma har'aatti amantoonni luboota duukaa jirma bobeessanii , gomma qabsiisanii , Taabota duukaa ala bulan jiru. Taabonni Waaqayyoo bahee ala bulee an mana hin bulu jechuun isaanii kun Kitaaba Qulqulluu keessaa kan argame dha. Ooriyoo nama jedhamuuf Daawwitiin affeerraan nyaataaf dhugaatii godhamee ture. Gara manaattis olgaliitii haadha manaakee argi jedhe. Ooriyoon garuu nuun dhaloota Taabota ajjabuu dhiisnee moggaa dhaabannu , nuun dhaloota Taabota dhaabnee quphannu , nuun dhaloota Taabota dhaabnee hojii siyaasaa duratti haasofnuu jecha nu dammaqsu dubbate. Akkas jechuun , "Taaboti Waaqayyoo ala jiraatii an haadha manaakoo wajjin galee hingammadu" jechuun. Gaafa Taabonni ala bahu meeqan keenyatu ejjannoo akkasii qabna? Tariitii seexannii fi namoonni ati akka geggeessaa Daawwititti isaan ilaaltu akkati iddoo taabotaa hin oolle gochuu danda'u. Ooriyoon garuu Taabota dhiisee manakoo hinbulu jechuu isaan wareegame. Gatiin gaarummaa isaatiis baay'ina Daawwit adabamuun mul'ate / 2Sam.11:8-12 /

Taabota Galchuu

Yemmuu bara Eelii yeroo Taabonni deebi'e galetti hundumtuu Taabonni deebi'ee galuu isaatti gammadanii galata guddaadhaan galateeffataniiru.
“Taabonni Waaqayyoo sun iddoo buufata isaaniitti yeroo galetti, namoonni Israa'el hundinuu gammadanii hamma lafti isaan jalaa tocho'utti guddisanii in wacan.” 1Sam. 4:5

“Yaa Waaqayyo, ati gara iddoo boqonnaa keetti ka'i! Taabonni inni aangoo kee mul'isus sii wajjin haa dhaqu!” Far. 132:8

https://t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
Channel photo updated
AYYAANONNI WAGGAA QULQULLOOTAA TOKKO TOKKOO GUYYAA JI'A KEESSATTI ITTIIN BEEKAMANIRRA HIN OOLAN;KANNEEN ARMAAN GADIIT:

➊:Amajii 18=Guyyaa lafeen qulqulluu Giyoorgisii ittii gubamee daaraa ta'ee tulluu Yidraasirratti itti bittinfame

❷:Adoolessa 19=Guyyaa kabaja wareegamtoota lamaan Qirqoos fi Iyyaluxaa

❸:Fulbaana 10=Maariyaamii Tsedeniyaa jedhama

❹:Caamsaa 12=Guyyaa lafeen Qulqulluu Taklahaaymanot Iddoo awwaalame gara bataskaanatti gale.

❺:Amajjii 1 =Guyyaa dhaloota Qulqulluu Isxifaanos

❻:Fulbaana 29 = Guyyaa mormi Qulqulleettii Aarseema itti cite

❼:Sadaasa 13= Guyyaa ergamoota jedhamuun beekama

❽:Fulbaana 2= Guyyaa mormii Qulqulluu Yohaannis itti murame

❾:Hagayya 7= Guyyaa Qulqulleettiin Maariyamii gadaamessa Haannaa keessa itti bulte

❿:Ebla 15 = Guyyaa mormi Qulqulluu Yohaannis waggaa 15 booda itti boqattee.


t.me/Utubaa_Amantaa
Duuka Bu'oota Gooftaa Kudha Lamaan #Qomoo ❴Gosoota Israa'eel 12 ❵ Keessaa Kan Filatamaniidha.



✍️1.Duuka bu'aa Qulqulluu Pheexiroos Qomoo Roobel

✍️2.Dukaa bu'aa Qulqulluu Maatiyoos Qomoo Yisaakor

✍️3.Dukaa bu'aa Qulqulluu Yohaannis Qomoo Yihuuda

✍️4.Dukaa bu'aa Qulqulluu Indiriyaas Qomoo Roobel

✍️5.Dukaa bu'aa Qulqulluu Bartelemewos Qomoo Niftaalem

✍️6.Dukaa bu'aa Qulqulluu Yaaqob Qomoo Yihuuda

✍️7.Dukaa bu'aa Qulqulluu Toomas/Didimoos Qomoo Asteer

✍️8.Dukaa bu'aa Qulqulluu Taadewoos/libdiyoos Qoomo Yooseef

✍️9.Dukaa bu'aa Qulqulluu Filiphoos Qomoo Zaabloon

✍️10.Dukaa bu'aa Qulqulluu Naatina'eel/simoon Qananawi Qomoo Biiniyaam

✍️11.Dukaa bu'aa Qulqulluu Yaaqoob ilma Ilfiyoos Qoomo Gaad

✍️12.Dukaa bu'aa Qulqulluu Maatiyaas Qomoo Daan


t.me/Utubaa_Amantaa
SIRNA QULQULLEESSAA (ቅዳሴ)

👉jechi kun kan argame jecha gii'iizii "Qaddese"(ቀደሰ) jedhu irraa yoo tahu hiikni isaas qulqulleesse jechuudha.
👉sirni kun sirna kadhannaa kiristaanonni gamtaadhaan taasisanidha.

👉sirni qulqulleessaa sirna icciitiin sillaasee akkasumas icciitiin qurbaanaa itti raawwatudha.

👉yeroo sirni qulqulleessaa raawwatu ergamoonni saamiis sirna irratti hirmaatan waan ta'eef sirna kanaan ergamoonniifi ilmaan namaa tokkummaa uumu.

👉mee baay'een keenya sirna qulqulleessaa irratti akkamiin hirmaanna laata? Osoo sirni kun gaggeeffamuu nama hamanna waa'ee jireenya keenyaa haasofna akkasumas namoota kadhannaaf dhaabbatanitti kolfina.

👉jalqabuma irratti maaliif akka mana waaqayyoo deemnu beeknaa laata? Isa ergamoonni sodaatan nuti akkamitti sodaachuu dadhabne?

👉sirna eebbifamaa waaqayyo nuuf kenne maaliif xureessina? Eebba waaqayyoos maaliif dhabna?

👉gaaffilee kana of haa gaafannu cubbuu keenya irraa bilisa bahuuf deemna yoo ta'e sodaadhaan guutamnee haa galateeffannu.

👉kadhannaan keenya kan ol nuuf bahu yoo cubbuurraa bilisa baane waan ta'eef keessa keenya haa qulqulleessinu.
👉yeroo sirna qulqulleessa irratti hirmaannu of haa to'annu miira keenya waaqayyoof haa ajajnu.
👉isa nuuf jecha fannifame dhiiga isaa lolaase lubbuusaas dabarsee nuuf kenne haa yaadannu.
👉cubbuun inni addunyaa keessatti hojjennuyyuu nu gaha hanga dandeenyu cubbuurraa haa fagaannu.
👉sirna eebbifamaa nuuf kenname kana sirnaan itti haa fayyadamnu

Galanni waaqayyoof haa ta'u

Dhiifamni waaqayyoo kadhannaan durbee maariyaam eegumsi ergamootaa hunda keenya waliin haa ta'u bara baraan Ameen.

👇👇👇👇👇👇👇
t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Utubaa_Amantaa
QULQULLEETTII MANA AMANTAA pinned «SIRNA QULQULLEESSAA (ቅዳሴ) 👉jechi kun kan argame jecha gii'iizii "Qaddese"(ቀደሰ) jedhu irraa yoo tahu hiikni isaas qulqulleesse jechuudha. 👉sirni kun sirna kadhannaa kiristaanonni gamtaadhaan taasisanidha. 👉sirni qulqulleessaa sirna icciitiin sillaasee akkasumas…»
Yaa Dargaggootaa humna qabdan hundumaan Mana kiristaanaa tajaajiluu qabdu. Manni kiristaanaa harmee keessani dha. Kana waan ta'eef karaa adda ta'een karaa adda ta'een ishee kunuunsuu fi kabajuu qabdu. Mana kiristaanaa keessan abbootiin kaleessa turan;kan jiran jaaladhaa tasumaas hin dagatiinaa.

Dargaggootni lafee dugunguruu dugdaa mana kiristaanaati. Tufiitiin ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa karaa jireenyaa yeroo qabatu kan dhufe ibsituu wangeelaati. Amantaan keessan dhiiga keessan keessa jira.Amantaa keesaaniif of eeggannoo cimaa gochuu fi dhaloota itti aanuuf dabarsuutu isinirra jiraata.

Ergama afuuraa keessan hojii guyyaa guyyaa keessan waliin wal simsiisuun jabina kan qabdan qaama mana amantaa ta'uu qabdu. Kiristaanummaan jechaa afaanii caalaa hojiidhaan ifuu qaba. Kana jechuunis dubbachuu caalaatti raawwachuu, hojjechuu jechuu dha. Namootni hojii keessan arganii akka fakkeenyaatti akka isin duukaa bu'aniif fakkeenya kiristaanaa ta'aa! Dureessota haata'anii Iyyeessota ilmaan namootaaf kabaja laadhaa. Sababiin isaas waaqayyoo ofii isaa kan ibsu isaan keessaani.

(Qulqulluu Abuna Gorgooriyoos)

Eebbii fi sugni isaanii nurra haa bulu.

🙏🙏🙏🙏
🙏🙏🙏🙏
🙏🙏🙏🙏
🙏 🙏🙏🙏
t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Utubaa_Amantaa
🙏🙏🙏🙏
🙏🙏🙏🙏
🙏🙏🙏🙏
🙏🙏🙏🙏
🙏🙏🙏🙏
🙏🙏🙏🙏
Gaabbii haa gallu
F/taa Dn Buzaayyoo Abbabaaw
Gaabbii haa gallu
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Gaabbii haa galluu(3)
Du'a irraa haa oollu

Yakkii nuti hojjenne badiini balleessine×2
Nurraa nii haqama yoo Gaabbii itti seene
Cubbuu keenya amanne lubaatti yoo himannu×2
Har'a boruu dhiisne amma gababii haa gallu

Gooftaan kan nutti hime wangeela isaatiini*2
Kan darbes si dhiise amma achi hin yakkiini
Jecha inni dubbate amnane fudhanne*2
Nuuf kenna Gooftaani Gonfoo hin darbine

Du'u keenya hin hafu yoomiyyuu taanini*2
Dhufnaani imaaluudha humnan qabamani
Xurii keenya haa dhiqannu bishaan gaabbitiini*2
Qulqulloofne haa jiraannu akka fayyinuutti*2
===||====

F/taa Buzaayyoo Abbebaaw!

👇👇
t.me/Galateeffamaadha
Forwarded from Nehemiah Promotion
Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 81
💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 66
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa

💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!

👇👇👇
Baga guyyaa yaadannoo ayyaana Dabra Taaboor ykn Tulluu Taaboor nagaadhaan geessan!

Waa'ee Tulluu Taaboor link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa!


👇👇👇

https://bit.ly/46TgwZH
https://bit.ly/46TgwZH
Tsoomii Filsataa

🙏 Tsoomii Filsataa jechuun maal jechuudha?
🙏 Tsoomiin Filsataa maalif Tsoomama?
🙏 Tsoomii Filsataa tsoomuun maalif barabaachise?
🙏 Seenaan Tsoomii Filsataa maalidha?
🙏 Tsoomiin Filsataa guyyoota meeqa Tsoomama?

Kanneen fi kanneen biroo waa'ee Tsoomii Filsataa link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa!


👇👇👇

https://bit.ly/3BLV631
https://bit.ly/3BLV631
Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel

Baga guyyaa Yaadannoo Ayyaana Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eeliitiin nagaadhaan isin gahe!

Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel eenyudha? Hiikni maqaa isaa hoo?

Qulqulluun Gabri'eel maal maal irratti muudame?

Maqaan Qulqulluu Gabri'eel Kitaaba Qulqulluu keesatti yeroo meeqa barreeffamee argama? iddoo kam kamitti?

Akka Mana Kiristaanaa keenyatti ayyaanonni yaadannoo waggaa kan Qulqulluu Gabri'eel yoom yoomi?

Kanneenii fi kanneen biroo link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa!

🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸

https://bit.ly/3BDnvFB
https://bit.ly/3BDnvFB
Meeshaalee Qulqullaa'oo

Kutaa 5ffaa

• Uffannaawwan Mana Kiristaanaa keessatti fayyadamnu
• Uffannaa Lubootaa fakkeenyaa fi maalummaa isaa
• Uffannaa Diyaaqonootaa fakkeenyaa fi maalummaa isaa
• Fakkeenyaa fi hiikoo Kaabbaa, Qoobii, Goonfoo fi k.k.f

Waa'ee Uffannaawwan Mana Kiristaanaa keessatti itti fayyadamnuu link kanaa gadi jiru tuquun dubbisaa!


👇👇👇

https://bit.ly/3pixImp
https://bit.ly/3pixImp
Araarsummaa Qulqullootaa

Kutaa 2ffaa

Araarsummaa Qulqullootaa yeroo Fooniin Addunyaa kana irra jiran;

Araarsummaa Musee
Araarsummaa Raajicha Eelsaa
Araarsummaa Qulqulluu Pheexiroos
Araarsummaa Abrahaam

Kanneenii fi kan kana fakkaatan waa'ee Araarsummaa Qulqullootaa link kana tuquun dubbisaa!

https://ortodoksii12.blogspot.com/2023/12/qulqulloota2.html
https://ortodoksii12.blogspot.com/2023/12/qulqulloota2.html
G𝘢𝘢𝘧𝘧𝘪𝘭𝘦𝘦 𝘋𝘩𝘢𝘭𝘰𝘰𝘵𝘢 𝘎𝘰𝘰𝘧𝘵𝘢𝘢 𝘬𝘦𝘦𝘯𝘺𝘢 𝘘𝘰𝘳𝘪𝘤𝘩𝘢 𝘬𝘦𝘦𝘯𝘺𝘢 𝘐𝘺𝘺𝘦𝘴𝘶𝘶𝘴 𝘒𝘪𝘳𝘪𝘴𝘵𝘰𝘰𝘴 𝘪𝘳𝘳𝘢𝘵𝘵𝘪 𝘬𝘢'𝘢𝘢𝘯𝘪𝘪𝘧𝘪 𝘋𝘦𝘦𝘣𝘪𝘪 𝘪𝘴𝘢𝘢𝘯𝘪𝘪

🙏 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐮𝐝𝐝𝐞 29 𝐤𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐧 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐦 𝐤𝐚𝐦𝐢? 𝐃𝐞𝐜𝐞𝐦𝐛𝐞𝐫 25 𝐡𝐨𝐨?
🙏 𝐑𝐚𝐚𝐣𝐢𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦 𝐤𝐚𝐦𝐢? 𝐲𝐨𝐨𝐦 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐧 𝐡𝐨𝐨?
🙏 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬 𝐛𝐚𝐫𝐚 𝐤𝐚𝐦? 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐦 𝐟𝐢 𝐬𝐚'𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐦𝐞𝐞𝐪𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚𝐭𝐞?
𝐌𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐀𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐛𝐢𝐟𝐚 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐣𝐢?
🌹 𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐮𝐮𝐧 𝐲𝐨𝐨𝐦 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐥𝐚𝐦𝐞? 𝐞𝐞𝐧𝐲𝐮𝐮𝐧 𝐞𝐞𝐠𝐚𝐥𝐚𝐦𝐞?
🌹 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐌𝐮𝐝𝐝𝐞 29 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐀𝐛𝐛𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐚𝐚𝐧 𝐞𝐞𝐧𝐲𝐮 𝐟𝐚'𝐢?
🌹 𝐆𝐨𝐨𝐟𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐠𝐚𝐫𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐮𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐟𝐮 𝐤𝐚𝐧 𝐢𝐬𝐚 𝐬𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐞𝐞𝐧𝐲𝐮 𝐟𝐚'𝐢?

𝙺𝚊𝚗𝚗𝚎𝚎𝚗𝚒𝚒 𝚏𝚒 𝚔𝚊𝚗𝚗𝚎𝚎𝚗 𝚋𝚒𝚛𝚘𝚘 𝙶𝚊𝚊𝚏𝚏𝚒𝚕𝚎𝚎 𝙳𝚑𝚊𝚕𝚘𝚘𝚝𝚊 𝙶𝚘𝚘𝚏𝚝𝚊𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚀𝚘𝚛𝚒𝚌𝚑𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝙸𝚢𝚢𝚎𝚜𝚞𝚞𝚜 𝙺𝚒𝚛𝚒𝚜𝚝𝚘𝚘𝚜 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚝𝚝𝚒 𝚔𝚊'𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒𝚏𝚒 𝙳𝚎𝚎𝚋𝚒𝚒 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚕𝚒𝚗𝚔 𝚔𝚊𝚗𝚊𝚊 𝚐𝚊𝚍𝚒 𝚓𝚒𝚛𝚞 𝚝𝚞𝚚𝚞𝚞𝚗 𝚍𝚞𝚋𝚋𝚒𝚜𝚊𝚊!

👇👇👇

https://bit.ly/3t6qWn2
https://bit.ly/3t6qWn2