QULQULLEETTII MANA AMANTAA
8.83K subscribers
12 photos
408 links
“Dhuguma dhuguman isiniin jedha, kan Anatti amanu jireenya bara baraa qaba!” (Yoh.6:47)

“Gara biyyaa lafaa hundumaa dhaqaa! Uumama hundumaattis Wangeela lallabaa!” (Maar.16:15)

https://t.me/+2_5kSngqsIphM2Y0
Download Telegram
QULQULLEETTII MANA AMANTAA pinned «Mukti gannaa(የገና ዛፍ) eessaa dhufe? Guyyaa yaadannoo dhaloota gooftaafi fayyisaa keenya Iyyesuus kiristoos kabajuuf yeroo hedduu kan argaa jirruufi qaama ayyaana kanaa wantoota ta'aa dhufan keessa tokko muka gannaa(የገና ዛፍ) dha. Muka gannaa hedduun keenya…»
Iyyesuus Kiristoos Yaa Gooftaa Jaallatamaa

Kabaji ittiin boonnu , Gonfoon keenya ittiin calaqqisnu sidha ; Jajannoon keenya ittiin oljenne , irreen keenya irratti boqonnu sidha ; akka miilli keenya hin gufanneef kan nu eegdu , akka hin muusofneef kan nu tasgabbeessitu sidha ;

Araar yaa Gooftaa keenyaa :- kan jaalalakee fakkaatu hin jiru. Akka hin kufneef kan nu eegdu yoo kufnes kan olnuqabdu sidha ; akka hin dadhabneef kan nuuf hoo'itu yoo dadhabnes kan nu jabeessitu sidha ; akka hin dhukkuffanneef sirraa amanannaa qabna yoo dhukkuffannes sirraa abdii qabna ; Yaa Kiristoos Gooftaa keenyaa hoo :- kan akka keetii kan nuti qabnu eenyuutu jira? Akka hin gufanneef ergamootakee nuuf qoppheessite ; akka diinonni nutti baay'atan argitee michoota nuuf baayiste ; Qormaatawwan keenya argitee karaa ittiin hulluuqnus nutti agarsiifte , Nuun jaalala keenya duraanii hir'isnus ati immoo jaalalakee nuuf baayiste

Yaa Kiristoos Gooftaa keenyaa :- Kan akkakee kana eenyuun qabna? Sirraa fagaanne , ati immoo nutti dhiyaatte ; hojii keenyaan sirraa fagaanne ati garu nu kabajje ; siin malee jiraachuu akka hin dandeenye waan beektuuf utuu jal'ina keenya hin ilaalin garaa nuuf laafte , dhibaa'ummaa keenya utuu hin ilaalin nutti siqatte ;

Yaa Kiristoos Gooftaa keenyaa :- kan akka keetii eenyuun qabna?
Yaa jaal'atama :- kan akka keetii eenyuun qabna? Eenyuun iyyuu hin qabnuutii kabaja keenya beeknee akka jiraannuuf guyyaa itti siin hin yaadin oollu hin jiraatin. Kabajaaf hooqubaan siif haata’u.

(Qiddaasee Yaa'iqoob Isa Siruug)

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
https://t.me/jhWa2eaKyCwxMjg0
Of-ceepha'uu

Namni of hin ceepphaane inni akka waan sirrii ta'ee fi akka waan hindogoggorreetti waan ofiisaa yaaduuf dogoggora akkamii iyyuu yoo hojjete dhiifama hingaafatu. Gaafa obboleessa isaa wajjin wal lolu isaa wajjin araaramuuf kaka’umsa hingodhu. Akka araarri dhufu kan inni barbaadu qaama biraa irraadha waanta'eef. Garuu immoo maaliifidha? Eenyummaa kana fidudha! Inni kaan illee yoo hafe anummaan isaa akka waan inni dogoggora kamiin iyyuu hin hojjennetti waan isa amansiisuuf dogoggora isaa illee Waaqayyuma durattuu hin himatu.

Of ceeppha'uun kan inni dhufu gad ofqabummaarraa yoo ta'u , gadofqabummaan immoo gara ofganuutti nama geessa. Namni kasoomina hinqabne of hin ceeppha'u , ofittis hinmurteessu. Yeroo mara kan inni ceeppha'us ta'e kan inni murteessu warra kaan irrattidha. Nama akkasii kana maaliif akkanni nama ceeppha'u utuu gaafattaniitii kanuma jechuu keessaniif iyyuu isin ifata.

Namni yoomiyyuu maloota biyya lafaan hinmumul'annee fi of hin kabajne kaayyoon ijoo isaa fi hojiin isaa duraa dogoggora irraa ofqulleessuu isaadha. Namni akkasii yeroo hundaa of ceeppha'a , dogoggora isaa qorata , dogoggora isaafis sirreeffama fudhata.

Yeroo ta'e tokkotti Tewoofilas Phaaphaasiin yemmuu Ba'aattii mana Monoksoonni Abbootiin keessa jiraatan daawwatetti Monoksee isaaniin daawwachiisan yemmuu bakka sanatti dhufan qulqullummaa isaan argatan gaafa gaafatanitti , "Na amanaa abbaako ! Waan hundumaa caalaa qulqullummaan ofceeppha'uu caalu hinjiru!" Jedhanii isaaniif deebisaniiru. Kun , namni tokko ofii isaa qofaa malee namoota biroo , naanna'aasaa fi daandii hafuuraa inni ittiin Waaqayyoon hinceepphaanedha.

Namni utuu addunyaa kanarra jiruu ofceeppha'e addunyaa isa dhufutti ceeppha'aamuurraa oola. Sababni namni ofceepha'uuf gara qalbii jijjiirrannaatti dhiyaachuuf jedheetu. Yoonni qalbii jijjiirrate immoo Waaqayyo cubbuusaa dhiisaaf. Gama ofiisaa kabajuun namni of hinceepphaane garuu utuu hinfooyya'in cubbuu keessatti ceeppha'aamaa jirata.

Qulqulluun Inxoons , "Yoo nuun of ceephaane abbaan murtii nutti gammada" jedhee kan inni dubbate ammamiif ammam dhugaadha! Kanatti fufuunis , "Nuun yoo kan cubbuuwwan keenya yaadannu ta'e Waaqayyo gaabbiidhaan nuuf irraanfata ; nuun yoo kan cubbuuwwan keenya dagannu ta'e garuu Waaqayyo in yaadata" jechuun dubbateera.

Of ceeppha'uun warra kaanii wajjin araaramuuf nugargaara. Namaan , "Ati sirriidha. Dhimma kana ilaalchisee kan dogoggore anadha . . . " jettanii dhiifama gaafachuu dandeessu. Jechoonni kunniin dheekkamsa obboleessa keetii waanqabbaneessaniif sitti in araarama. Utuu kana hin godhin bilisa ofbaasuuf kan falmitu taanaan garuu diinni dogoggorakee saaxiluuf eenyuyyuu bira hinga'u.

Kana ilaalchisee jechamni Qulqulluu Maqaars dubbate hagam jajamaadha! "Yaa obboleessako ! Utuu warri kaan si hin ceeppha'in ati ofiikee ceeppha'i !"

Qulqulluu Abune Shiinoodaa 3ffaa

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
t.me/Utubaa_Amantaa
Agaapphee (Agape)

- Jecha Giriikiin tahee , Jaalala Kiristaanummaa "Charity" jechuudha. (Kiritaanotaaf jaalala jechuuf jecha Love jedhu utuu hinta'in jecha Charity gargaaramna) Jecha kana Qulqulloonni kan akka Qulqulluu Aginaaxiyoos Isa Antsookiyaa , Qulqulluun Phooliikarpasfaa Qurbaana Qulqulluu wajjin walitti fiduun , Jaalalaan Kiristaanonni Qurbaanarraa nyaachuuf dhuguu isaanii agarsiisuuf itti fayyadamaniiru. 1qor.13:1-8 , Yih.,12

- Guyyaan Sanbata Guddaanis Agaapphee jedhama. Mul.22:4-5 irratti Guyyaa Ifaa kan jedhame Giriikiin jecha Agaapphee jedhu fayyadama.

- Galatni obboroo (Kidaaniinis) Agaapphee jedhama.

Jechi kun akkuma jecha Giriikiin hojii dur hafe waantahe fakkaata gaafa jireenya keenya Qurbaanarraa , Sanbataa fi Kidaaniirraa hafe ilaallu. Agaapphee dhiisnee maaf waljibbinee akkas taane jechuunis maal bu'aansaa?

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
t.me/Utubaa_Amantaa
✍️✍️BAGA GEESSAN ✍️✍️
Baga dhalachuu

🌹Fayyisaa Addunyaa, Qorichaa Addunyaa, waaqaa Addunyaa,
mootii Addunyaa kan ta'ee Iyyesuus Kiristoosiin nagaan isin gahe!

"Hin sodaatinaa! Kunoo, ani misiraachoo gammachuu guddaa isinittan hima'o, kunis saba hundumaaf kan ta'uu dha.
Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kiristoos goofticha dha"! Luq.2:10

Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama.
Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti in mo'a, isa in ijaaras; firdiidhaa fi qajeelummaadhaan ammaa hamma bara baraati! Isay.9:6


Ayyaanaa Gaarii isiniif haa ta'uu

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Utubaa_Amantaa
Jechoota Abbootti
•••••••••••••••••••••••••


"Gooftaa keenya isa dhugaa Kiristoosin kan nuuf deesse yaa Maariyaaam ati akka ulee Aaroon ishee otoo hin dhaabamin, bishaanis otoo hin dhugiin lalistee argamte fakkaata."

Qulqulluu Efreem

"Waaqayyo addunyaa kana waan jaallateef yaa namaa gammadi ; Ilmasaa tokkichatti kan amanan hundumtuu hanga bara baraatii akka fayyaniif isa dabarsee nuuf kenneera."

     Qulqulluu Efreem

"Jechis Foon uffateera. Foon durdurummaa hin qabne kan duriifi dursa ta'e; Waaqummaan barri hin lakka'amneef baratu lakka'ameef. Kan hin beekamne ifa ba'ee.Dhugumatti ilmi Waaqayyoo nama ta'e."

    Quqlulluu Efreem

"Obbolootaa! Kan hin mul'anne mul'ateeraatii; Biiftuun qulqullinaa Kiristoos ifa baheeraatii, ayyaana keenya gammachuun haa taasisnu!"

        Qulqulluu Yaareed

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
Yaa Durbe Ilmikee Halkan dhalate , halkan cuuphame , halkan du'aa ka'e akka hattuu halkan garakoo dhufaatii dursii araarsummaakeen hirriba cubbuun akkan rafee hin argamneef na dammaqsi. Ilmakee baattee biyyaa biyyatti kan dabarte Kana bira hoo darbi naaf jedhi.

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
t.me/Utubaa_Amantaa
An:- Yaa abbaa keenyaa?
Waaqayyo:- Oo
An:-Maqaan kee haagalateeffamu
Waaqayyo:- Tole
An:- Mootummaan kee haadhufu
Waaqayyo:- gaabbii galtee qophofteettaaree?
An:- Jaalallikee samiirratti akkuma ta'e lafarrattis haa ta'u
Waaqayyo :- Tole
An:-Biddeena keenya har'aa nuuf kenni
Waaqayyo:- atis warra ammakee hin arganneef in laattaa ree?
An:- Yakkaa keenya nuuf dhiisi
Waaqayyo:- Atoo warra siyakkaniif dhiifteettaa ree?
An:- Qorumsatti nu hin galchin
Waaqayyo:- Tole
An:- hamaarraa nu oolchi malee
Waaqayyo:- isas tole
An:- mootummaan kan keetii hoo
Waaqayyo:- gaabbii gallaan kan keedhas
An:- humnis galannis hanga barabaraatti
Waaqayyo:-humnatti fayyadamuuf galataan jajamuu awwaalchaan hafuu fi isa barabaraan hinjiraanne mi'a'oomaa addunyaa kanaa dhiistee akkati jiraattun sirraa eega.

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
Kadhannaa Gaabbii (Qulqulluu Efireemiin)

Yaa Gooftaa , dhiifama naaf godhi. Garakeetti gaabbiin akkan deebi'uuf jabina naaf kenni. Akka eeyyamakee qulqulluutti qulqullummaan akkan deddeebi'uuf garakeetti nadeebisi. Yaada garaakoo bultoo hafuurota xura'aa fi ciisaa isaanii ta'e maaloo qulqulleessi. Yaa Gooftaa ko , an sibiraatii ofiikoon dhiifama gaafachuun kan naaf hinmalle nama gadadamaa dha. Irra deddeebiin gaabbii galuudhaaf yaboo galeetan jechan ofiikoo ittiin waadaa gale eeguun naaf dadhabameetu sobduu ta'een argamaa jira.

Ati , raaree cubbuu an keessatti kufe keessaa irradeddeebiin keessaa na fuutus , an garuu , fedhuma kootiin irradeddeebiin cubbuudhaan gufadheen xaxameen kufa. Kanaafuu yaa Gooftaa ko , irradaddarbakootiin ofiikoo irrattan murteessa , irradaddarbakootiinis adabbii sibiraa natti dhufu hundumaa tola jedhee nanfudha dha.

Ya Waaqa ko ! Almeeqaaf meeqa yaada garaakoo cubbuun dhuunfate ifa kennaa ayyaana keetiin ibsite? An garuu deebi'ee gara yaannaa tuffatamaaf homeessaattan deebi'e. Yeruman kana yaadutti namummaan koo sodaan hoollata. Garuu ammoo , fedhi cubbuukootii hammaatee raaree cubbuu keessatti irradeddeebiinan kufa.

Yaa Gooftaa ko! , baay'ina arjummaa kee anatti agarsiifte tarree naqee fixuun akkamitti naaf danda'aama? Kennaa ayyaanotakeetii kana , nama maluuf kan hintaane anaaf laatte ; garuu ammoo , arjummaa keef ganshoodhaanan sitti deebise. Garuu ammoo Yaa Gooftaa ko ! , akka  obsummaakee fi akka namaaf ho'uukeetti akka muka balas utuu ishee amooshaqa hin naqatin hafteetti buqqiftee akkati na hinganneefan sikadha dha.

Firii jireenya barabaraaf ga'u utuun hin naqatin ibidda barabaraan akkati na hinballeessineefan sitti waawwa dha. Yaa Gooftaa ko! , yommuu murtiif dhuftutti siin simachuuf utuun hin qaphaa'in akkan hin argamneef na eegi. Yommuu akka tasaatti dhuftutti okkoteen quyyifakootii guutee , maashookoo quyyifakoo wajjin qabadhee akkan argamuuf nagargaari. Uffata cidhaa utuun hin uffatin argamuukoon mana cidhaakee keessaa gara alaatti akkan hingatamneef nagargaari. Ati Gooftaa namaaf  ho'iituu fi nama jaal'attudhaatii araarrikee narratti haa baay'attu. Yaa Gooftaa! , yommuu murtiidhaaf dhuftutti lubbuun koo cubbuudhaan xuxxurooftee fi kennaa ayyaanaa irraa gadadoomtee akkasheen hin argamneef umurii gaabbii naaf kenni.

Yaa Gooftaa ! , dhugoomaan dhipphuun kan fayyu taanaan xumurrikoo an nama homeessaaf cubbamaadhaa maal haa ta'u? Daandiin gara jireenyaatti geessitu qal'oof dhipphoo taanaan , kan qananummaan jiraatuu fi namni gammachuu addunyaadhaaf tattaaffatu an hireen carraakoo tii maal ta'a laata? Garuu ammoo , Gooftaakoof ! Qoricha ko! ; akkasumas , Waaqa dhugaadhaaf Ilmasaa dhugaa kan taate Yaa Kiristoos Gooftaako , akka eeyyamakeetii fi akka hawwa ati naaf hawwituutti akkan jiraadhuuf nageessisi.

Kennaa ayyaana kee qofaan akkasumaan homeessaan fedha cubbuu namummaa koo keessa bule baasiitii naaf gati. Yaa Gooftaa ko! , anaan akka fayyiftuuf eeyyami. Gooftaa namaf ho'aaf baay'ee abbaa araaraa taateef galanni haa ta'u , har'as , yeroo hundaas barabaraaf Ameen!

/Qulqulluu Efireem/

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
Jechamsaa__ Abbootaa

- Dammaqqiin yaada garaa , of-beekuu fi of-qabuun geggeessitoota lubbuu ti.
/Abbaa Pheemeen/

- Lubbuu keenya hojii gaarii caalchisanii hojjechuutiin haa faaynu malee , foon keenya faayuu hinqabnu
/Yohaannis Afawarqii

- Luba abbaa gaabbii jechuun , yommuu isa ilaaltu nama Waaqayyoonii fi abboommiisaa si yaadachiisu jechuu dha
/Abune Shinoodaa/

- Waa'ee irradaddarba keenyaaf adabbii kamiyyuu utuu hinfudhannu ta'ee tii Waaqayyo murteessaa abbaa murtii amma sammuu ga'u keessoo keenyatti hin uumu ture
/Qulqulluu Atinaatewoos/

- Nan supha jedhanii cabsuun akkuma sirrii hintaane , gaabbiin gala jedhanii cubbuu hojjechuunis sirrii miti.
/Maar Yiisihaaq/

- Namni hin kadhanne biyya dallaa kellaa hinqabne fakkaataa akkuma sana eenyumtuu seenee saamu , innis kennaa ayyaanaa isaaf kenname dhaba.
/Maar Yiisihaaq/

-Namni haloo qabatu kadhannaanni kadhatuu fi oomishni qote bulaan galaanarra facaasee galchatu qixxee dha.
/Maar Yiisihaaq/

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
Forwarded from KADHANNAA QULQULLOOTAA (Taklee Dirribaa)
Jaalataamitootaa fi Kabajaamitootaa Maatii Waaqayyoo Kanii Tataani Hundii kessaanuu Kanii Biyyaa Alaa fi Biyyaa kessaa Jirataan Hundii kessaanuu Nageenyi Koo bakkaa jirtaaniti Isiin haa qaqabuu.

Akumaa Armaan Olittii Footo Argitaan kana. Goodinaa Arsii Bahaa Aannaa Lemmuu fi bilbiloo Maagalaa Ginbiteetii Kan Argamuu Mana Amantaa Qulqulluu Dabraa Amiin Abunaa Taklahaaymaanoot Mana haaraa/hintsaa Ijarsiisee Sadarkaa kanaa Gahee jiraa.Hanqiina Malaaqatii Mani Amantaa Kun Akkaam Addaa Hin cineef Deggarsaa Isiin Gafaana.nuu Gargaraa.namoon nuu gargaruu fetaan.

👇👇👇
Baankii Awaashi Irraa nuu Eerga.

Lakk.01322206792700.
Mana Amantaa Dabraa Amiin Abuuna Taklahaaymaanoot Ginbitee.

Hubachisaa Namoon Dabtaara banki Awaashi Hin qabee kessaan naa dubiisaa.

Maqaa Qulqulluu Abbaa keenyaa Taklahaaymaanootiin Deggaarasaa isiin Gafaanaa.Araarsuumaan Isaas Bakka jirtaaniti Isiin fanaa yaa ta.uu Ameen.

👇👇👇👇👇
t.me/Teklemaariyaam
Dabtaraa kana nuu Deggaraaa.

Bankii Hojii Gamtaa Oromiyaa
1000068553408

Bankii Daldaalaa Ethiopia
1000304717258

Maqaa Taklee Dirribaa kanaan nuu gargaraa Aniis immoo malaqaa kessaan mana Amantaa biraan isiin gaha

t.me/Teklemaariyaam
Abbaan Maariqoos Abbaa  Arsaaniyoosiin, ˝Maaliif nu irraa fagaatta?˝ jedhee isa gaafate. Abbaan Arsaaniyoosis, ‟Akkan isin jaal'adhu Waaqayyo beeka; garuu ammoo, namaa wajjinis Waaqayyoo wajjinis ergaan takkaa waliin, wajjin taa'uu hindanda'u. Ergamoonni kumni kumaatamni wal-faana jiraatanis, garuu, yaanni isaanii tokko dha. Namoonni garuu, yaanni isaanii gituma baay'ina isaaniitiini baay'ee dha. Kana waan ta'eef, namaa wajjin jiraachuuf jedhee Waaqayyoon dhiisuu hin fedhu" isaan jedhe.

https://t.me/Utubaa_Amantaa
https://t.me/Galateeffamaadha
https://t.me/Utubaa_Amantaa
Nama laafessaa fi Obsaa ta'i

Namoota biyya lafaarra turan hunda keessaa hunda caalaa laafessa kanture Raajicha Musee fakkaadhu , “Museen garuu namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa ture.” — Lak. 12:3

Yeroo hundaa araara qabeessaa fi nama dhiifama namaaf godhu ta'uuf yaali , "Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta'e yaadatti qabadhaa!
Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa!
Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa!" Rom.12:17-19 waanjedheef.
Akkasumas dheekkamsa , miira yeroorratti hundaa'e fi aarii akka dhabamsiisnuuf , "Isa jal'aa isa gaariin mo'adhu malee jal'inaan hinmo'atin" Rom.12:21. Jechuun nugaafata.

Dhugaadha namni obsuu danda'e carra qabeessa yootahu , namni kana hindandeenye garuu dadhabaadha. Kanaafidha duuka bu'aansunis , “Nuyi warri dubbii amantiitti jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhabootaa baachuutu nuuf ta'a malee, ofii keenya gammachiisuudhaaf dhama'uu miti.” — Rom. 15:1 kan inni jedheef.

Warri kaan akkati isaaniin yaaddetti qixaan walsimoo akka isaan ta'aaniif hinbarbaadin. Garuu akka isaan ta'uu qabanitti utuu hinta'iin tahuu akkasaan qabanitti taasistee fudhachuu qabda ; hundumti keenya uumama akka isheetti taasisneedha kan nuti ishee fudhanne. Waqtiiwwan , yeroo roobaa , yeroo obonboleettiis ta'e yeroo ho'aa uumamni akkanni ofjijjiiru utuu hingaafatin fudhanneerra. Namootaa wajjinis akkasuma taasisi.

Namoonni hundumtuu yookiin toloo yookiin badoo miti. Baay'eensaanii dadhabina yookiin amala isaanii muraasa waanto'atu amaleeffannaa qabu. Namoonni akaakuun isaanii garaagaridha. Isaan kana keessaa gariin jeeqoodha. Kanaaf akka amala isaaniirratti dhiibbaan hingeggeeffamnetti warra ilaalan haataanu. Amala isaaniis ogummaan haafudhannu.

Qulqulluu Abune Shinoodaa 3ffaa


t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
Isa Jalqabaa Isa Jalqabaaf

Guyyaa torbanii isa jalqabaa(Sanbata) Guyyaa Waaqayyoo jennee isaaf kennuurratti dabalataan sa'aatii guyyaa guyyaa ittiin jalqabnus isaaf laanna. Guyyicha keessatti jalqabarratti kan dubbannu Yeroo keenyarraa kurnoo goonee kan nuti haasofnu Waaqayyoo wajjinidha. Faarfataan Daawwit kana ilaalchisee faarfannaa isaa keessatti akkas jedhee faarfateera , "Waaqako Waaqako garakeettan sussuka ; lubbuunkoo siindheebotte" Far.62:1 , "Anis obboroodhaan nanka'a" Far.107:2. Ganama ganama isaa wajjin ta'uu keenya kadhannaa keenya keessatti ibsina.

Bu'uura kanaan hojiima kamiyyuu kan nuti jalqabnu kadhannaadhaanii fi Waaqayyoo wajjin haasa'udhaanidha.

Waaqayyo isa jalqabaa fi isa xumuraa waanta’eef utuu nyaata hin nyaatiniin duraa fi erga nyaannee booda kadhannaa kadhachuu qabna. Mana keenyaa baanee utuu hindeeminii fi alaa deebinee gaafa mana keenyatti olgallus kadhannaa gochuu qabna. Nama kamuu wajjin utuu haasa'uu hinjalqabin dura haasaa waljijjiirru akka Waaqayyo afaan keenya keessa nuuf kaa'uuf gara Waaqayyotti kadhannaa dhiyeessuu qabna.

Erga haasaa keenya raawwannee boodas akka wajjin haasofnuuf waaqa nugargaare galateeffachuuf kadhannaa gochuu qabna. Utuu namootaa wajjin wal hin argin dura yookiin yemmuu hojii deemnu kadhachuu qabna ; Waaqayyo isa jalqabaadhahoo. Waaqayyo isa xumuraas waanta'eef utuu gara ciisicha keenyaa hindeeminiin dura hojii keenya guyyaa kan nuti ittiin goolabnu kadhannaanidha.

Qulqulluu Abune Shinoodaa 3ffaa

t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha
Qulqulluun Yohaannis Afaan-Warqeen Akkas Jedhe

"Jireenyi biyya lafaa kanaa akka Hirribaadha. Wantoonni jireenya kanatti ta'aan hundumtuu abjuudha.
Yoo abjuu keetiin badhaadhaa taate bu'aan isaa maalidha? Nama hirriba keessa munaagee haasa'utti hin muramu. Wanti nuun bara abjuu kanatti dubbannu garuu jireenya barabaraa nu dhabsiisuu danda'a."

"Namoonni hiyyummaa fi beelaan dhipphatan isaan akka daa'imman sadan abditti darbatamaniidha. Ibidda hiyyummaa caale maaltu jira? Arrabi abiddaa beela caales maaltu jira?
Akkuma daa'imman sadan abidda keessa utuu jiranii faarfatan , namni gidiraa keessa utuu jiruu Waaqayyoon galateeffatuufis gidiraan abidda sanaa bishaan isaaf ta'a. Namni hiyyeessotaaf balcha hiixatu immoo ergama Waaqayyoo isa abidda keessaa daa'imman sana oolche fakkaata"

"Namni tokko an Kiristaana gaafa jedhu ergaantakkaa lammummaa isaa , maatii isaa fi hojii isaa maree dubbate jechuudha. Namni amanu Iyyeruusaalem ishee samiirraan kan hafe magaalaa biyya lafaa hin qabu"

"Yoo waan xixiqqootti galateeffachuu shaakalle , wantoonni xixiqqoo waan baay'ataniif jireenyikee jireenya galataa ta'a"

Lubbuu dhipphatteef boqonnaa kan ta'e sagaleen Waaqayyoo hundumaa bira akka ga'uf , anis ergan isin lallabee booda akkan gatamaa hin taaneef kadhadhaa!


https://t.me/Utubaa_Amantaa
#Bifa Waaqayyoon Uumamte!

Akka bifaa fi fakkenyaa Waaqayyootiin  uumamte yaadadhu. Kanaafuu waa'ee ofii keetii yeroo gaafatamatu ofitti amanamummaa guutuudhaan "Ani fakkii Waaqayyooti" jedhi.
Ati nama lafarra jirus ta’e isaa Lafa  keessa jiru hunda caalaa beekumsaa fi afaan kan siif  kennamee fakkenyaa Waaqayyootiin kana umamateedha. Kana malees, ati uumama dandeettii Waaqayyoon beekuu, isa waaqeffachuu, wanta Isa gammachiisu hunda hubachuu qabdudha.

Mee gaara dheeraa, galaana guddaa, aduu ibsituu fi ji'a ibsu caalaa akka caaltuu yaadi! Ati lafa onaa bal’aa fi dirree babal’ate caalaa, atoomii humna lafa irra jiru hunda balleessu caalaas guddaadha. Akkuma Macaafni Qulqulluun nutti himu kun hundinuu ni darbu. "Samii fi lafti ni darbu" (Maatewos 20:35). Ati garuu fakkii Waaqayyoo waan taatef hin darbitu. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dubbii isaa isa bara baraatiin jireenya bara baraa akka qabaattu waadaa siif galeera. (Yohaannis 4:4)

Nama! Amma, gatii lubbuu keetii fi iddoo guddaa Waaqayyo duratti argiteettaa? Waaqayyo hafuurota hamaa hundumaa irratti aangoo siif kennus, seexanni akka fedhetti ulfinaa fi guddummaa keetti akka qoosu ni hayyamtaa?

Abbaa Shinoodaa irraa

https://t.me/Utubaa_Amantaa
https://t.me/Galateeffamaadha
Taaboti bahee an mana hintaa'u

Taabota , "Tikseen gaarii anadha" Waaqa jedhetu kenne. Inni Addaamiif hafuura jireenyaa kenne , Inni Addaamiif Hewaaniin kenne Isiraa'elotaaf Taabota kenne. Tikeen hoolota isaaf dabarsee ofkenne dursee Taabota kenne. Taabonni , bultoo <baataa kakuu - Tsillaatii> dhagaarratti barreeffame dha. Bultoon baataa kakuu sun dhagaa irraa gara mukaatti deebi'e. Kakuu moofaatti baataan kakuu sun taabota qofaan baatama ture. Kakuu haaraatti garuu baataan kakuu sun yemmuu taa'u Taabotaan ; yemmuu ayyaanaa , lubootaan baatama. Luboonni kakuu moofaa taabota mukarraa hojjetame maal mukahoo utuu hinjedhin akkuma ulfinaan baachaa turan , luboonni kakuu haaraas ulfinaan golgaa kabajamaan Taabota baatu. Luboonni kakuu moofaa Taabota baatu ; luboonni kakuu haaraa baataa kakuu <Tsillaatii> baatu. Taabonni maqarqaraa lamaaf luboota afuriin baatama ; Baataan kakuun <Tsillaatiin> luba tokkoon baatama , Akkuma Ijoolleen Aaron Taabotatti golgaa maraa turan , Luboonni kakuu haaraas golgaa taabotaan (Maggonaatsefiyaan) Taabota kabajuun baatu. Akkuma Luboonni leewwii suuta jedhanii Taabota baatanii galaana Yoordaanosiin ce'an , luboonnis suuta ejjechaa deemuun ayyaanichaaf simboo ta'u. Sirni kabaja Taabota kakuu moofaa isa kakuu haaraaf leelee dammaa dha. SeL.4:5

Taabota Baasuu (Bobbaasuu)

Uummati Taabota baasuu eessaa fide?
Taaboti gaafa bakka isaatii ka'u uummati ingammada jedha Kitaabni Qulqulluun. Taabota duukaas in yaa'u.
"Taabonni Waaqayyo gooftaa keessanii isa Lewwoonni warri luboonni baatan yommuu argitan, iddoo buufattanii ka'aatii isa duukaa bu'aa!” Iya. 3:3

Taabonni Ala Buluu

Taabonni ala bulee namoonni jaalalaaf kabaja isaaf jecha mana hinbulle jiru. Amma har'aatti amantoonni luboota duukaa jirma bobeessanii , gomma qabsiisanii , Taabota duukaa ala bulan jiru. Taabonni Waaqayyoo bahee ala bulee an mana hin bulu jechuun isaanii kun Kitaaba Qulqulluu keessaa kan argame dha. Ooriyoo nama jedhamuuf Daawwitiin affeerraan nyaataaf dhugaatii godhamee ture. Gara manaattis olgaliitii haadha manaakee argi jedhe. Ooriyoon garuu nuun dhaloota Taabota ajjabuu dhiisnee moggaa dhaabannu , nuun dhaloota Taabota dhaabnee quphannu , nuun dhaloota Taabota dhaabnee hojii siyaasaa duratti haasofnuu jecha nu dammaqsu dubbate. Akkas jechuun , "Taaboti Waaqayyoo ala jiraatii an haadha manaakoo wajjin galee hingammadu" jechuun. Gaafa Taabonni ala bahu meeqan keenyatu ejjannoo akkasii qabna? Tariitii seexannii fi namoonni ati akka geggeessaa Daawwititti isaan ilaaltu akkati iddoo taabotaa hin oolle gochuu danda'u. Ooriyoon garuu Taabota dhiisee manakoo hinbulu jechuu isaan wareegame. Gatiin gaarummaa isaatiis baay'ina Daawwit adabamuun mul'ate / 2Sam.11:8-12 /

Taabota Galchuu

Yemmuu bara Eelii yeroo Taabonni deebi'e galetti hundumtuu Taabonni deebi'ee galuu isaatti gammadanii galata guddaadhaan galateeffataniiru.
“Taabonni Waaqayyoo sun iddoo buufata isaaniitti yeroo galetti, namoonni Israa'el hundinuu gammadanii hamma lafti isaan jalaa tocho'utti guddisanii in wacan.” 1Sam. 4:5

“Yaa Waaqayyo, ati gara iddoo boqonnaa keetti ka'i! Taabonni inni aangoo kee mul'isus sii wajjin haa dhaqu!” Far. 132:8

https://t.me/Utubaa_Amantaa
t.me/Galateeffamaadha