Tsegaye R Ararssa
15.5K subscribers
1.73K photos
256 videos
164 files
2.62K links
TA
Download Telegram
#OSA Conference
Uummata dhugaa du'a caalaa sodaatutti wanti ani ibsu tokkolle hin jiraatu. Dhugaan yoo sidhibde, rakkoo keeti. Ani garuu dhugaa ani beeku isinitti himeef dhiifama gaafachuuf hin taa'u. Kanaan achi, namni tokko mooraa qabsoo Oromoo dhiisee waan ganda ollaa dhaadhessuu jalqabeef wanti Oromoo walirratti didichisu jira jedhee hin amanu. #No_apologies_for_speaking_the_truth.
Galmi qabsoo WBO-ABO fi galmi warra kaani tokko miti. Walii obsuu malee wal sobuun hin barbaachisu. Kaayyoon Itiyophiyaanistootaa fi kaayyoon qabsoo Oromoo tokko miti. Tana qalbeeffadhaa! #Of_kijibuun_fala_hin_taatu!
Ololli "Abiy warra TDF wajjin walii galeeraa! Amma duulli isaanii gara Eritreatti fulleeffataa malee gara Finfinneetti mitii. Warrii TDF WBO-ABO gananii jiruu. Hundi waliigalanii Oromiyaa diiguf deemuu," jedhu oloola warri PP fi deeggartoonni isaanii Oromoo abdii kutachiisuf ofanii dha. Abiy fi warri TDF, lamaanuu, lolaaf qophaa'haa jiru malee walii galaa hin jiran. (Wayee gargaarsa namoomaa irratti irra deddeebi'anii haasa'aa jiru, dhugaa! Garuu waayee nagaa siyaasaa itti fufiinsa qabu--comprhensive political settlement--fiduu dhaaf marii hin jalqabne.) Abiy fi Eritrean hanga meshaan waraanaa (drooniin) Russian ergiteef isaan dhaqqabutti eegaa jiru. Haga sanitti akkaTDF fi WBOn duula haaraaa hin eegalle ololaan uummata daddagachiisuutti jiru. Kanaaf, uummati keenyas ta'ee qabsaa'oonni sabootaa hundaa lola cimaa isa dhumaatif godhamu kanaaf qophaahuu qabu.

------
ብልጥግናና ደጋፊዎቿ ሰሞኑን አዲስ የማዘናጊያ ወሬ ማሰራጨት ጀምረዋል። "አብይ ከTDF ጋር ተስማምቶአል፣ ከTDF ጋር ተባብረው ኢሳያስን ለመጣል ኤርትራ ላይ ሊዘምቱ ነው፤ ይሄንንም ምዕራባውያን፣ የአፍሪካ ሕብረትና የአካባቢው አገሮች ሁሉ ደግፈውታል፣ ሱዳን ከመደገፍ አልፋ ሠራዊትም ለማዋጣት ተስማምታለች፣ ከአሁን ወዲያ TDF ፊቱን ወደ ሰሜን እንጂ ወደ ፊንፊኔ አይመልስም፤ TDF OLAን ከድቶታል፣ አብይና TDF ኢሳያስን ጥለው ሲጨርሱ ኦሮሚያን ወደማፍረስ ፕሮግራም በጋራ ይሰማራሉ፣" ወዘተ ይላሉ። የኦሮሞን ታጋዮች ተስፋ ለማስቆረጥና የተለያዩ መነጋገሪያ አጀንዳዎች በመስጠት ሕዝቡን ለማዘጋናት የተወጠነ ማደናገሪያ መሆኑ ነው።

እውነታው ግን፣ TDF ሰብዓዊ እርዳታን በተመለከተ ከተደረገው ጊዜያዊ የተኩስ አቁም ውሳኔ ውጭ ከአብይ ጋር የተስማማው ስምምነት እንደሌለ ያሳያል።

አብይና ኢሳያስም ከRussia በጋራ እንዲጠቀሙበት የተላከላቸውን ድሮን በመጠባበቅ ላይ ይገኛሉ። እንደተለመደው፣ በጋራ በትግራይ ላይ የመጨረሻ ያሉትን ዘመቻ ለማካሄድ በብርቱ እየተዘጋጁ ነው።

ወንጀለኛው የአብይ ቡድንና ደጋፊዎቹም እንዳቅማቸው በኦሮምያ የመጨረሻ ይሆናል ላሉት ዘመቻ እየተዘጋጁ ነው።

TDF ድንበር አካባቢ የሚደረጉ መጠነኛ ጥቃቶችን ከመመከት ባለፈ፣ እንዲሁም ምናልባትም በቅርቡ ለሚጀመረው ሁሉ-አቀፍ ዘመቻ በብርቱ ከመዘጋጀት ባሻገር፣ አሁን በኢሳያስ ጦር ላይ በተለይ የከፈተው ጦርነትም የለም።

የTDFና የOLA እንዲሁም የ United Front of Ehiopian Federaists and Confederalist Forces (UFEFCF) ግንባርና የአጋርነት ትብብር እንደጸና ነው። ከመቼውም ጊዜ በላይ ጠንክሮ ለመጨረሻው የጸረ-ፋሽስቶች ዘመቻ እየተዘጋጀ ይገኛል።

ይሄንኑ በመረዳት ይመስላል፣ የብልጥግናና የአጋሮቹ ካድሬዎች፣ "ታጋዮችን ተስፋ ለማስቆረጥና ሕዝብን ለማደናገር ያስችለናል፣ የRussia ድሮን እስኪደርስልን ድረስ ሕዝብን ያዘናጋልናል፣ ጊዜ ይገዛልናል፣" ብለው ያሰቧትን ይህችን ወሬ የሚነዙት።

አንዳንዶችም ይህቺን ጫፍ ይዘው፣ አብይ ከTDF ጋር ከተስማማና ጦርነት ካቆመ፣ OLAም ጦርነት አቁሞ ከአብይ ጋር ይስማማ፣ ሰላማዊ የፖለቲካ መንገድን ይከተል እያሉ ተደናግረው ሊያደናግሩን ይሞክራሉ።

የፈለገ ድርጅት (ወይም ግለሰብ) ከዘር አጥፊ የወንጀለኛ ቡድን ጋር ተደራድሮ፣ ተስማምቶ፣ የግል ወይም የቡድን 'ጥቅሙን' አስጠብቆ (በአብይ ወንጀልም በተጠቃሚነትና/ወይም በተባባሪነት ተጠያቂነት ውስጥ እራሱን አስገብቶ) መኖር ይችላል። ነገር ግን፣ "እናንተም ጥጥቅ ፈትታችሁ፣ ከገዳያችሁ ጋር ተዋውላችሁ፣ ግቡና ተቀመጡ" ብሎ ለመምከር መዳዳት፣ ፈጽሞ ተቀባይነት አይኖረውም። በሃሰት ወሬ ሕዝብንና ታጋዮችን ማዘናጋትም አያዋጣም፣ አያስኬድም።
KFO kaayyoo ykn tarsiimoo addaa dhawate hin agarre--'Imala Galatoomaa' kanaan ala! Wanti haaraan isaan gadi fidanis hin jiru--WBO arrabsuurraa kan hafe, jechuu dha. Hunda hin dubbannu jenneet dhiisne malee kan wal gaafannu waan baayy'eetu jira! #Of_dhaadhessuu_dura_of_ilaalaa! #Huursuun_mirga!
Sodaan dhugaa Dhugumatti Abaarsa!
=====================
Har'as Oromoon dogoggoraa isaa sirreessu irra nama dhugaa dubbatee reebuu filata. Titiisa namarratti bobbaasa.

Dhugaa sodaachaatuma qilleeti dhidhimee. Ammas qilleett deemaa, dhaloota qilleetti naquuf didichaa jira.

Titisoota baraa irraa jaalala (like) argachuuf jettee dhugaa irratti duulteef dogoggora kashlabboota keetii hin foyyeessitu, yaa gadi galoo.

Duris sobduu kan akka Abiy jala huursitee qillee seente. Har'as isuma lubbuu itti hortee deebitee waliin qillee seenuf didichita. Itti fufi.

Gaafa lafa dhooftee as deebite warruma dhugaa sitti himaa ture sanitti as dheessita. Gaafa dhandhamatte ammoo ammas deebitee karaadhuma kufaatii keetii isa duriitti deebitee huursita. Titiisummaan amala.

Warri waggaa lama guutuu aguuggatee maqaa warra hursuuf kana dhahuu sodaate cidhaafi afoshaa gandaa keessa deemee shubbisaa tureetu har'a ol ka'ee gaafa "gootichi" dogoggoraan keenya qillee seene san maal gootan namaan jedha!

Silaafuu namni machii cidhaa fi shubbisa keessa ture ijji jaamtee karamiin waan dhiirti gootu arguf danda'aa?

Amma gadi baatee kijiba adda addaa bukeessaa ooltus waanan ani dalage busheessuu hin dandeessu. Dogoggoraa keetis karaatti hin deeffattu. Akkuma huursitee jala kaattu kanatti hursitee qilleetti harcaata.

Ati dubbii sobaa marqi, bukeessi tii isaan of gammachiisi. Nuyi hojii uummata keenyaat dalagna.
#Hojiin_itti_fufa_titiisnis_inuma_huursa!
#Bukoo
Baddu baddi malee Saree Ija hin dhiqan!
=========
Warra maal gootan? Maalif caaltanii hin argamne...kkf jechaa arrabsoo fi ololaan nu sossodaachisuuf yaalaa jiruf!

Wal kabajuun yoo isiniif hin taanee, warrii badii ofirratti tulee deemu isin waan taatanif, takka takkaan maqaa dhoofne saxiluun dirqama ta'a.

Caaltanii argamaa jettanii?

Callee argamneet, karaan keessan (karaan Abushu faa, karaan Jawar faa, karaan KFO, karaan Leencoo faa) akka hin baasne agarsiisnet, karaan nuyi qabannee itti jirru kun karaan isaanii sun hallayyaatti akka nu naqe agarsiisnet as jirra.

Karaan isaanii isaanifis, sabaafis, biyyaafis akka hin tolle isaanuu argan. Isaanuu ragaa bahaniiru.

Tarsiimoodhuma kanaan dura qillee isaan buusee, uummatas rakkoo guddaatti naqee qabatanii ammas nu deeggartan malee warra jedhuf, akkasumas warra hanqina keenya nutti hin himinaa jedhuf: ammaa achi takka takkaan deebii qubsaa kennun dirqama ta'a.

Kijibduun obsa fi kabaja keenya akka dadhabbiitti fudhattu hundi ammaa achi gatii ishee madaalu argatti. Gabrummaa ormarraa dhufu jibbinee gabrummaa kijibdoota fi gantoota Oromoo irraa dhufu fudhanee baachuuf hin teenyu.

"Baddu baddi malee saree ija hin dhiqanii," jedha Oromoon. Ija xuraahaa warra dogoggoree irraa dhiquuf yaallus nurraa hin teenye. Badii isaanii moggatti dhiisnee, nuyi karaa sirrii utuu jirruu, akka warra badii qabutti mataa gadi qabannee, kan dogoggoran isaanuma ta'usaanis utuu beeknuu galata nurraa qabanis hin busheessinu jennee ofqusannee isaan sossobuun keenya akka sodaatitti fudhatame. Arrabsoo dhan afaan nu qabachiisuf nurratti bobba'an. Olola diinninu nurrat hin ofne nurratti oofan.

Kun hundi maal balleessineef? Gaafa warri isaan waaqeffatan kun dogoggoran karaa sirriirra cichinee isaanif falmachaa waan turref. Karaa nu baasu danda'a jennuun ammoo warra tarsiimoo wayyahaa qabu gargaara waan turref. Warra kaayyo saba angeessuu danda'u of harkaa qaban gargaaraa qabsoo sabaa sadarkaa olaanaatti akka tarkaanfatu waan taasisnef. (Jarri hin qaanfatanii: as deebi'anii inaaffaa dhaan nama komatu. Namni nama isa caalutti inaafu danda'a. Nama isaa gadii, nama ofiifuu hin taaneetti, maal itti inaafu mee? Warra OPDOn jaanjeessitee itti taphatteetti inaafu? Salphinni erga yoomii waan itti boonana ta'ee, jarana? Mee toftaa yaraa isaan ittiin fayyadamanii, mana hidhaatti itti darbaman kanatti inaafnaa?)

Warri duraan dogoggortanii dogoggora keessanitti qaanoftan yoo jiraattan (silas qaanyii hin qabdanii) of sirreessaati qaanyii keessan ofirraa darbaa. Nun arrabsuu dhan xurii keessan nurratti dhiqachuu hin dandeessan. Dubbii lallaaqun fi maqaa balleessiin dogoggora keesan san hin fooyyeessu.

Karaa sirrii nu beeknuun hanga dandeenyetti uummata keenya tajaajille malee badiin nuti dalagne tokko hin jiru. Wanti gaariin nuyi goone gahaa miti jedhamuu danda'a. Wanti gaarin nuyi goone akka badiitti fudhatamee ittin arrabsamuun garuu waan gara biraati. Xiqqaatee xiqqaatu isaan akka mana hidhaa keessaa bahan dhiibbaa barbaachisu goonee jirra. Wal gargaarre kan hir'ates itti gunnee gara injifannotti haa deemnu jechuu dhiisanii badii isaanii dhoksuuf jecha warra isaan caalee argame irratti tuuta ololaa gurmeessanii bobbaasu. (Inaaffaan kunoo kana. Yoo dandeessan balleessitoota keessan isin waaqeffattan san deema gorsuuf yaala! Yoo hin dandeenye, adabadhaa taa'aa.)

"Lakki, wal gaarreffachuu wayya!" yoo jettanis gaarii dha. Badii keessan takka takkaan gurree gadi baasaa takka takkaan isin saaxilla!

Sareen mana warra ollaa dhaqxeet, jarri akka keessummaatti maqaa kabajaa itti dabalanii ishee waamnaan "maqaa koo isa qullaa jiru sanaan na waamtan malee," jettee bokoktee teesse, jedhan jaartin Gabre Qorichaa!
Duriyyeen safuu hin beekne ofii badii ishee dhoksuuf jettee warra qulqulluu irratti yakka isheen ittin himatamuu qabduun nama himatti. Obsi hin ta’uuf taanaan, dhibee keessan takka takkaan baasnet bakkii keessan eessa akka ta’e isinitti agarsiisna—badii tuutni Jawar OMN n fayyadamee sakaallaa qabsoo Oromoo irratti dhaqqabsiisaa tureerraa jalqabnet maqaa dhoofnee yakka isaani gadi tarreessinaaf. Kana wayya jettanii jennaan balleessaa keessan isa dhoksuuf feetan sana hunda maqaa namootaa fi ragaa wajjin as gadi fidneet itti gaafatamummaa keessan isinitti himna. #ሂሳብ_እያወራረድን_እንቀጥላለን!
Forwarded from KMN
Alaabaan ABO, Mallattoo, Fakkii fi Qabeenya ABO fi Ummata Oromooti!
KMN:- Waxabajjii 09/2022
=====================
Alaabaa Oromoo ibisituu dukkanaa, guyyaa si dhaabbannee gabrummaa irraa baana jennee faarfannu; kan moggaa lamaan (irraa fi jalaan) diimtuu, gidduun magariisa, walakkaan isii aduu, handhuurti isii odaa, mataa gubbaan urjiin diimtuun mul’attu; hiikaa fi waan bakka buutu qabdi. Diimaan moggaa lamaanii fakkii dhiiga ummatni Oromoo fi WBOn bara dheeraaf diddaa cunqursaa fi bilisummaa gonfachuuf dhangalaase fi dhangalaasaa jiruu dha; magariisni fakkii badhaadhummaa fi taadhummaa Oromiyaa kan agarsiisu yoo ta’u, aduun fakkii barii bilisummaati; Odaan fakkii sirna dimookiraasii Gadaa ummata Oromoo kan dhaalmayaan dhufe agarsiisa; urjii diimtuun qara shanii fakkii qabsoo ummatni Oromoo nagaa, dagaagina, bilisummaa, dimookiraasii fi tokkummaaf gaggeessaa jiru bakka bu’a.

Itti dhimma bahuu Alaabaa Oromoo ilaalchisee, ABOn Heera isaa Aangoo 4. Qabxii 4.1 keessatti ‘’Asxaa fi alaabaan ABO, mallattoo, fakkii fi qabeenya ABO tii fi ummata Oromoo ti.’’ jedha. Faaruun Alaabaa Oromoos ‘’alaabaa Oromoo ibsituu dukkanaa, guyyaa si dhaabbanne gabrummaa irraa baana’’ jedhu mirkana alaabaan Oromoo kaayyoo fi wareegama ilmaan Oromoo baroota dheeraaf baasan agarsiisuu fi qabeenyummaan isaa kan qabsaawotaa fi uummata Oromoo ta’uu agarsiisu dha.

Alaabaan Oromoo kaayyoo saba Oromoo fi akeeka Oromiyaa bakka bu’a. Kabajaa fi ulfinni Alaabaa Oromoos, kaayyoo fi seenaa wareegamtoota ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf baasanii waliin wal hid hataa dha. Kunis ilmaan Oromoo qaalii baddaa fi gammoojjii, baadiyyaa fi magaala, dirree lolaa fi hiriira fincila diddaa gabrummaa akkasumas falmaa kolonii keessatti gaggeessan mara kan nu yaadachiisu fi mallattoo tokkummaa saba Oromooti malee, mallattoo atakaaroo keessa nama seensisu miti.

Hawaasni Oromoo Alaabaa Oromoo itti dhimma bahuunis; jaalalaa fi ulfina alaabaa Oromoof qabaachuu fi kabajaa wareegamaa ilmaan Oromoo kan kaayyoo biyya ofii ijaaruuf baasan agarsiisu dha. Waltajjii hawaasni qopheessu irratti namooti dhuunfaa ejjennoo dhuunfaa isaanii haasaahanis, ejjennoo isaaniif kan gaafatama guutuu fudhatu qaamuma haasawaa taasise dha malee hawaasa waltajjii sana qopheesse akka hin taane beekamuu qaba. Namni waltajjii sana irratti afeeramus gosa alaabaa kan waltajjiin sun itti faayamu murteessuu hin dandahu. Kanaaf, hawaasni Oromoo Alaabaa Oromoo fi ABO kana of dura qabatee deemuuf, kaayyoo ilmaan Oromoo itti wareegaman itti yaadachuu fi tiksu akka ta’ee fi qaama seenaa fi jireenya uummata Oromoo ta’uu hubachuun feesisa.

Yeroo hedduu kan ajandaa garagarummaa uummata Oromoo babal’isan, kan uummata Oromoo wal dura dhaabuuf bocan diinota Oromooti. Oromoo gargar qooduun karoora diinaa waan ta’eef; Oromoon dhimma amantaa, lagaa fi yaadota garagarummaa Oromoo gidduu dhalchan yeroo afarsu keessa hin jiru. Kaayyoo Oromoo wareegama ilmaan isaatti xumura itti tolchuuf, humna jabaatti of jijjiiruuf, irree isaa jabeeffachuun murteessaa waan ta’eef; yeroon kun yeroo Oromoon hundi roga hundaan ilaa fi ilaameen marihatee kaayyoo ilmaan isaa itti wareegamanii bakkaan gahuuf yeroo itti hojjetu dha malee yeroo itti wal dura dhaabbatu akka hin taane ajajaan Ol’aanaa ABO-WBO gadi jabeessee hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof! Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO Waxabajjii 9, 2022
Dhuguma, Jawar hin mucucaanne. Utaaletti moraa qabsoo Oromoo keessaa of baase malee! Oromummaa jalaa bilisa bahe!😂